ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
Create successful ePaper yourself
Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.
namoomaafi siyaasaa ummatootaatis akkuma mulqamanitti itti fufaa jiru.

Wanni nama gaddisiisu, bittaan ukkaamsaa dabre hundi ammallee gateettii ummataarraa osoo hin bu‟in jira.

Tooftaan ukkaamsaafi gara jabeenyaa matootii abbaa-irree gadi fagoodha. Ummatoonni biyyoota baay‟ee keessatti

argaman sirna cunqursaa ilmaanumti biyyaa yookiis alagoonni irratti fe‟aniin waggoota kurnootaaf yookiis

bardhibbeewwaniif hiraaraa jiran. Yeroo baay‟ee namoonni mirgoota isaanii yoo mulqamaniifi yoo cunqurfaman

maaliif jedhanii gaafachuu mannaa „hiree kiyya‟ jedhanii fudhachuun ni mul‟ata. Kun rakkoo bara dheeraaf

tureefi kan akka hin sossoones nama sakaale. Matootiin abbaa-irree jaarmayoonni hawaasaa, dinaglaa,

siyaasaafi amantii walaba tahan akka hin jiraanne gochuuf karaa danda‟ameef hundaan irratti hojjetu. Yoo

jiraatanis ni dadhabsiisu. Yeroo hundumaa fedhiin isaanii waldayoonni ummataafi jaarmayoonni hundi kan aangoo

isaanii jabeessaniifi umrii isaanii dheeressaniif qofa akka tahan kajeelan. Jaarmayoonnifi waldayoonni kunniin

akka meeshaatti isaan tajaajiluu yoo didan, akka laaffatan taasisu, sana birayyuu dabaranii diiganii dhabamsiisuun

aadaa isaaniti . Ummanni akka hin gurmooynee dhoorkuudhaanifi bilisummaatti bahuufis waliin qabsaawuu akka

sodaatu, wal shakkuufi wal baqatu godhu. Ummanni waanuma matoonni abbaa-irree sun murteessaniif eehamee

akka fudahtufi, ittiis amanu godhama malee kaka‟umsa ofiitin waa fiixa baafachuu akka hin dandeenye taasifama.

Kanarraa bu‟aan argamu beekamaadha. Hawaasni hamileen isaa caphxeefi ofirrattis amantaa dhabe waan

tahuuf harka walqabatee ka‟ee mirga isaa akka hin falmanne godhama. Namoonni waliin mari‟achuudhaan jibba

matootii abbaa-irreerratti qaban ibsachuun hin yaadamu. Hangamuu dheebuu bilisummaa qabaatanillee inni tokko

isa kaan faana dubbachuuf sodaata. Kan biraa dhiisii miseensota warra tokkoo keessattillee sodaatu gooba.

Gamtaadhaan bahanii ifatti mormanii mul‟ifachuu ni sodaatan. Jireenyi ummanni akkasii jiraatu kun

hiraarifi dukkanaa hegereef abdii hin qabne taha.

Haalli sirnoota abbaa-irree kan ammaantanaa kan durattii daran hamaadha. Gaafa dur mormii mul‟ifachuun

bifayyuunuu hin cancalamne. Al tokko tokkos matayyoonni yookiis murnoonni xixiqqaan mormii bifa hiriira

mul‟ifatan milkaayuu baatullee, diddaa cunqurssaaf qaban mul‟ifachuurraa if duubatti hin deebine. Akeekni

tarkaaanfilee ummataa kun hammamuu faarfamaa ta‟us, sodaa hawaasa keessa babal‟ate jirtu san buqqasuu hin

dandeenye. Sudaa buqqasuun ammoo sirna abbaa-irree buqaasuuf tarkaanfii bu‟uraati. Sochiileen akkanaa milkii

argamsiisuu dhiisii gadadoofi roorraa daraniitiif isaan saaxile.

Bilisummaan hookkaraan ni dhuftii?

Haala akkasii keessatti maaltu godhamuu qaba? Tarkaanfiin hookkara humnaa faayidaa hin qabaatu. Matootiin

abbaa-irree heera mootummaatif, murtiilee xaddachoota seeraatifi yaada ummataatif dantaa hin qaban. Cunqursaa

bifa nama hidhuutifin, ajjeesuutinfi, hiraarsuutin abbootin irree ummatarratti raawwatan qawweedhaan malee

dhabamsiisuun akka waan hin dandayamneetti warri yaadu hedduudha. Warri haala akkanaa isaan mudate yeroo

baay‟ee meeshaa argatan kamittuu fayyadamanii ija dunuunfatanii diina isaaniirratti ka‟u. Ittibahni duula akkasii

waan fedheyyuu yoo tahe isaan hin yaachisu. Murannoodhaan qabsaawu; wareegama qaamaafi lubbuutis itti kafalu.

Deemsa akkasiitiin yeroon bilisummaa isaanii itti gonfatan garuu baay‟ee muraasa. Finciloonni humnaan

geggeeffaman kanneen akkanaa akka abbootiin irree gocha hammeenyaatiif daranuu eeboo qaratan sababa tahaaf.

Barbaachisummaan karaa hookkaraa waan fedheyyuu tahu qabxiin tokko garuu ifaadha. Ummanni tokko tarkaanfii

karaa hookkaraa filate jechuun, tooftaa qabsoo kan matootiin abbaa-irree yeroo baay‟ee ol‟aantummaa itti qaban

filate jechuudha. Abbootiin irree meeshaalee waraanaa xixiqqaafi gurguddaa hunda guuttatanii waan hidhataniif yoo

haalli akkasii uumamu tarkaanfii gara jabeenyaa barsiifatan fudhachuuf hiree gaarii argatu. Cunqurfamtoonni

gootummaa haa qabaatan malee, harka duwwaa waan tahaniif gara hidhannootiin abbootii irreetiin (yeroo baay‟ee)

wal gituu hin dandayan.

Warri qabsoon karaa waraanaa barbaachisaa tahuutti amanu cunqursaa jalaa furmaanni ittiin bahamu ripheeloltummaa

akka tahetti fudhatu. Haa tahu malee karaan kun ummata cunqursaa jalaa yoo baasu yookiis dhufiinsa

demokraasii yoo damboobu ykn dhawwaaqu dilas hin mul‟anne. Qabsoon riphee-loltummaa furmaata filatamaa

waan hin taaneef ummatuma lolamuuf sanirratti gaaga‟ama akkaan ol‟aanaa dhaqqabsiisa. Tooftaan kun kufaatii

irraa ooluuf wabii hinqabaatu. Lammii biyyaarratti balaa akka qe‟eerraa buqqa‟uu, qaama ir‟achuu, murruqii

mudachuu, baqattummaafi hamtuulee akkanaa kanneen biroo akka mudatan gochuu malees qabsoon isaanii yeroo

dheertuu akka fudhattu taasisa. Karaan kun akka bu‟uura yaadaafi akka xiinxala tarsiimoo tokko tokkotti

deeggaramaa tahuillee, injifannoo gonfachuuf ammoo amansiisaa akka hin tahin beekamaa dhufeera.

2