ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
Create successful ePaper yourself
Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.
Osoma itti milkaawamee injifannoon gonfatamtellee, warri qabsoo riphee-loltummaatiin aangoo qabatu jaarmayoota

ummataa kan duraa diigee kan ofii bakka buusuudhaan sirna duraanii caalaa cunqursaafi ukkaamsaa taha.

Jaarmayootaafi dhaabbiilee walaba kan ijaarsa demokraasiif bu‟uura tahan diigee namoota abbaa-irrummaa irratti

jibba qaban hunda ija shakkiitiin laala. Kanaafuu ummatoonni cunqurfamoon mormii hookkara qawwee dhiisanii

furmaata karaa nagayaa barbaaduutu irra jiraata.

Fonqolcha mootummaa, filmaata, humna alagaa abdachuu

Fonqolchi mootummaadhaa, sirna abbaa-rree kuffisuuf mala hundarra salphaafi saffee fakkachuu ni mala. Haa tahu

malee adeemsi akkasii balaa baay‟ee fiduu danda‟a. Taaytaafi humna waraanaa mootummaa san toyachuuf adeemsa

tahu keessatti wal laaqiinsa aangoo mootummaa dhalchee jeequmsa haaraya uumuu mala. Namootaafi murna

cunqursaa aangoorra turan kaasee murna cunqursaa kan biraa bakka buusuudhaan balaa hin eegaminis fiduu

danda‟a. Tarii murni haarayni aangoo qabte kan duraarraa wayyaa qabuufi jijjirama qooybaa fiduu danda‟u

fakkaachuun ni mala. Dubbiin garuu faallaa kanaa ta‟uu mala.

Murni haarayni aangoo qabate dhawaataan hundee jabeeffachaa deemee sirna duraanii caalaa gara jabeessaafi garaaf

buleessa tahuu mala. Itti fufuunis, murni haarayni abdiin irra kaayamte kun, demokraasiifi mirga namoomaatif f

osoo hin dhimmine waan fedhe raaw‟achuutti fuula deeffata. Sun ammoo gaafii qabsoo farra-abbaa irrummaaf

deebii tahuu hin danda‟u. Kanaafuu, fonqolchi mootummaa tooftaa bilisummaa ittiin argatan tahee filatamuu hin

danda‟u.

Sirna bittaa abbootii irree jalatti filmaanni geggeeffamu karaa ittiin jijjiiramni siyaasaa dhufu aanjessuu hin dandayu.

Sirnoonni abbaa-irree gariin, (kan akka mooraa Bahaaleeysaa, Sooviyeet duriitiin dursamu) demokraatawoo

fakkaachuuf jecha maqaaf waan filmaata itti faakaatu geggeessu turan. Demokraatawaa fakkaatanii akka ummanni

bahee filatu lallabaniyyuu, duraan dursanii ofiif akka filmaata sana injifatan haala mijeeffatan. Dorgoommii

filmaataatiin duraafi boodaas kaadhimamtoota paartiilee mormituu doorsisu, dhaansisu, hidhu, kana hunda bira

dabraniis ni ajjeesu. Akkuma bara 1990tti Barmaatti, bara 1993 Naayjeeriyaatti mul‟atee turetti, humnoonni

mormituu filmaata keessatti dorgoomanii yoo injifatanillee, injifannoon mormitootaan galmaahu kun fudhatama hin

qabaatu. Filatamtoonni hiraar, hidhaafi baqa mudachuudha malu. Matootiin abbaa-irree bifa fedheenuu tahu ittibaha

filmaataa kan barcuma aangoo irraasaan kaasuu danda‟u hin fudhatan.

Ummanni yeroo ammaa cunqursaa jalatti gadadoo mudachaa jiran baay‟eenifi kanneen baqatanii biyya alagaatti

bahan, akka ummanni qabsoo ofiitin bilisoomuu dandayu hin amanan. Bilisummaa argachuudhaaf dirmannoon

humnoota biyya alaa akka waan barbaachisaa ta‟eetti fudhatan. Abb-irree taaytaairraa qaarsuu kan danda‟u

gargaarsa humna idil-addunyaa qofa sehan.

Ummatoonni ulee cunqursitootaatin bututan yeroo haamma tokkoof if bilisoomsuu hanqachuun dhugooma

qabaachuun. Kuniis beekkomsa dhabarraa, dandeeytii ofirratti amantii qabaachuu dhabuufi akkaataa ittiin qabsaa‟an

wallaaluurraa tarkaanfii cunqursitootaa dura dhaabbachuu ni sodaatan. Humna ofiitiin mudaanno tanarraa of

baraarsuu waan dandayan hin sehan. Kanaafuu humna alagaati abdatan: jechuunis yaadaa ummataa, jaarmayoota

idil-addunyaa, biyya humna qabdu abdachuufi qobqobbii diinagdee, siyaasaafi waraanaa saran abbaa-irree sanirraa

akka kaayamtu hawwan.

Haalli akkasii kun aanjawaa fakkaatullee, dirmannoo alagaa abdachuun kun balaalee gurguddaa qabaachuun ni

mala. Humniti alagaa dirmannoof dhuftu marti, yeroo baay‟ee, ummata biyya sanii bilisa baasuu qofa akeekkatee

hindhufu. Yoo dhufes kan amanamu hin tahu.

Kanarratti waa‟ee humnoota alaa kanneen dirmannoof dhufan ilaalchisee qabxiilee barbaachisoo armaangadii kana

hubachuun gaariidha:

� Yeroo baay‟ee biyyoonni alagaa dantaa dinagdeefi siyaasaa ofiitiif jecha gocha garajabeenyaa Amatootii

abbootii irree obsanii bira dabru, inumaa gargaarsa godhuuf.

� Boyyoonni alagaa irbuu qabsoo cunqurfamootaa jajjabeessuuf seenan, akeekaa biraatif jecha ganuun mala

� Mootummoonni garii tooyannoo gara diiangdee, siyaasaafi waraanaatin biyya sanirratti qabaachuuf jecha

mootummaa abbaa-irree sanirratti tarkaanfii fudhachuun ni mala.

3