ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
Create successful ePaper yourself
Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.
� Mootummoonni alagaa eega qabsoon cunqurfamoo jajjabaattee sirna abbaa-irree sossoosuu jalqabde booda,

qaamaa qalbiidhaan qooda fudhachuun ni mala.

Jireenyaa sirna abbaa-irreetiif murteessaan qoodmaya humna biyya keessaati. Yoo qabsoon cunqurfamootaa sirna

abbaa-irree gaaga‟uu dadhabde, humnaafi leeccalloon biyyaa hundi harka matayyoota muraasaatti galti. Sirni abbaairree

deeggarsaafi qoqqobbii biyyoota alaatin itti godhamturraa miidhamuus, fayyadamuus ni danda‟a. Garuu,

aangoorra turuu isaatif haaluma biyya keessa jirutu murteessa

Mormiin humnoota alaa faayidaa-qabeessa kan tahu qabsoon keessaa yoo jabaatte qofa. Fakkeenyaaf qoqqobbiin

diinaggeefi waraanaa kaayamuun, hariiroon dippilomaasii cituun, dhaabota idil-addunyaa keessaa baafamuun,

qaamota mootummoota Gamtootamaniin balaaleffatamuufi kan kana fakkaatan faayidaa akka qabaatan hin

haalamu. Tahullee, mormiifi qabsoon qindaawaan biyya keessaa jiraachuu baannaan tarkaanfiileen humnoota alaa

tun bu‟aa fiddi jedhanii eeguun gowwummaadha.

Dhugaa Amananii Fudhachuu

Dhugaa fudhachuun ulfaataa tahullee, matootii abbaa-irree bifa milkaawaafi gatii wareegamaa xiqqaadhaan

taaytaarraa kaasuuf wantoota afran armaangadii kun raaw‟atamuu qaban:

� Ummatoonni cunqurfamoon murannoo qabsoof qaban, ofirratti amantii qabaachuufi rakkoowwan

mudachuu malan irra aanuuf gahummaa isaanii jajjabeessuu

� Gurmuuleefi jaarmayoota hawaasaa kanneen walaba tahan ciccimsuu

� Humnoota mormituu jajjaboo tahan biyya keessatti uummachuufi

� Tarsiimoo haadhoo bifa milkii qabaattuun karoorsuu qajeellotti hojiirra oolchuu

Qabsoon bilisummaa ofirratti irkannoo qabaachuu murnoota qabsaawoo biyya keessaa jabeessuudhaan

geggeeffamti. Bara 1879fi1880 keessa yeroo warri Ayerlaand lagannaa kiraa kiraa kafaluu gaafa didan waan gaafas

namni Charles Stewart Parnell jedhaniin dhawwaaqe tokko yaadachuun gaariidha.

“Mootummaa abdachuun homaa faayidaa hin qabu…. Murtiifi murannoo ofii qofa abdachuudha qabdan… Waliin

dhaabbachdhaan of gargaaraa….humna-laafeyyii gidduu keessan jiran jajjabeessaa…of gurmeessaa, of ijaaraa,….

ni injifattu….”

Humni ofirratti abdatu yoo jiraate, tarsiimoo milkiqabeettiin yoo wixinamtee, naamusni sirnaan yoo

jiraatefi jabeenyi dhugaa yoo as bahe sirni abbaa-irree ni unkutaawa. Haa tahu malee, yoo xiqqaate ulaagaaleen

afran gararreetti himaman guututti jiraachuudha qaban.

Ifsi olitti ka‟e akka agarsiisutti, abbaa-irree jalaa bilisa bahuun dandeettii ummanni cunqurfamaan of bilisoomsuuf

qaburratti hundaawa. Waa‟ee mormii siyaasaa milkaawaa, yookiis qabsoo karaa nagayaa karaa ummanni tokko ittiin

bilisa of baasu taha. Haa tahu malee dhugaan kuni hanga ammaatti hin babal‟anne. Waa‟ee

barbaachisummaa dhimma kanaa kutaalee itti aanan keessatti bal‟innaan ibsuuf jiraanna. Jalqaba garuu abbaairrummaa

diiguu keessatti waa‟ee marii araaraa (negotiations) haa laallu.

4