ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
Create successful ePaper yourself
Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.
taasiseen bara 1986tti torbaanota keessatti gombifame. Sirna Maarqoos deeggaraa kan turte Ameerikaanis

mormitoonni sirna sunii jabaachaa dhufuu garraan gargaarsa isii dafteeti irraa murte. Gama birootiinis, Hagayya

bara 1991 keessa fiinxaaleyyii kooministii Tokkummaa Sooviyeetiin yaaliin fonqolcha mootummaa taasifamee ture

mormii siyaasaa ummataatiin harkatti fashaleet jira. Sanii asis, ummatoonni addunyaa hedduun qabsoo walfakkaataa

taasisaniin guyyoota, torbaanotafi ji‟oota muraasa keessatti bilisummaa isaanii gonfataniiru.

Ilaalchi dullachi „qabsoon qawweedhaan oofamtu bu‟aa saffee argamsiisti; tan karaa nagayaatiin godhamtu garuu

yeroo dheertuu fudhatti‟ jedhu har‟a bakka hinqabu. Kuniis fakkeenyota reefuu tarrissine keessatti mirkanaaweera.

Haa tahu malee haallan qabsoon karaa nagayaa yeroo dheertu akka fudhatu dirqaniis ni jiran. Tahuyyuu, qabsoon

ummanni karaa nagayaatiin abbootii irree kuffisuuf taasisu bifa kamirrayyuu yeroo gabaabaa keessatti akka bu‟aa

fiddu amanameera. Injifannoo gonfachuuf qabsoo taasifamu keessatti mariin araaraa filmaata tokkicha qofaa miti.

Akkuma kutaa duraa keessatti laalletti, warra nagayaafi bilisummaa hawwaniif filmaanni biraatiis ni jira; innis

diddaa siyaasaa kan karaa nagayaati.

8