ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
Create successful ePaper yourself
Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.
KUTAA SADI

HUMNI YOOM HORATAMA?

Ummata tokko bilisummaafi nageenya akka argatu dandeessisuun hojii salphaa miti. Ogummaa jabduu tooftaafi

tarsiimoo ittin baafatan, jaarmaya cimaafi karoora milkii qabaatu barbaachisa. Waan hunda caalaa ammoo humna

gaafata. Demokraatonni dandeettii isaanii gahummaadhaan dalagaatti osoo hin hiikin dura matootii abbaairree

buqqisuu hawwuu hin qaban.

Duuba kun akkamitti dhugoomuu danda‟a? Humnoonni demokraasii humna akkamiitiin abbootii irree,

caasmaya basaasaa poolisiitiifi humna waraanaa isaanii waliin taaytaarraa buusuu danda‟u? Gaaffiilee akkaataa

humni siyaasaa itti horatamurratti dhihaatan kana deebisuun ni danda‟ama.

Sheekkoo „Gooftaa Jaldoo‟

Sheekkoo [oduu durii] biyya Chaaynaa tan bardhibbee 14ffaa keessaa takka mee haa ilaallu.

Kutaa Chaaynaa tan Chuu jedhaniin takka keessatti manguddoo jaldeeyyii tiksuun jiraatu tokkotu ture. Manguddoon

kun fudraalee jaldeeyyiin sun bakka adda addaatirraa funaananii fidaniif nyaachuudhaan jiraata. Ummanni biyyaa

manguddoo saniin akka afaan biyyaatti, „Ju Gong‟ (Goofta Jaldo) jechuudhaan yaamaan. Hoggayyuu ganama

ganama jaldeeyyii san mooraa keessatti walitti qaba. Jaldeessa isa bulessa tahe keessaa filee ajajuudhaan warra hafe

hogganee gaara dhaqanii akka fudraalee finaananii fidan bobbaasa. Jaldeeyyiin hundi matamatatti fudraalee

guuranirraa dhibbeentaa kudhan jaarsa saniif fiduu amalfataniiru. Jaldeessi kana gochuu dadhabe ni reebama.

Kanaafuu jaldeeyyiin baay‟een seera kana guutuu dadhabanii yeroo hedduu manguddoo saniin hiraarfamu. Haatahu

malee, tokkoon isaaniituu mormuudhaaf huxuchanii hin beekan.

Gaaf tokko garuu jaldeessi xiqqaan tokko, „Ofii mukkeen fudraa san kan dhaabeefi kan kunuunse jaarsichuma nu

ergatu kanaa?‟ jechuun warra kaan gaafate. „Lakkii, inni hin dhaabne, mukkeen sun kan biqilanii guddatan

uumamumaani.‟ jechuun deebisaniif hiriyoonni isaa. „Eehama jaarsa kanaa malee mukkeen sanirraa fudraa

guurrachuu hin dandeenyuu?‟ jedhee deebisee gaafate xiqqaan sun. „Ni dandeenya.‟ jedhaniin. Jaldeessi xiqqaan

gaaffii isaa itti fufuun, „Duuba maaliif harka jaarsa kanaa keessatti kufne? Maaliif isa tajaajiluuf dirqamne?...‟

jechuun osoo gaaffii isaa hin xumurin jaldeeyyii maraafuu dubbiin galteef.

Guyyuma kana halkan hoggaa jaarsi irribni isa fudhate jaldeeyyiin hundinuu mooraa itti hidhamanii

jiraataniifi karaa gara san geessu diigan. Itti fufuunis fudraalee armaandura isaanirraa sassaabee walitti kuuffatee

qabu hunda guurratanii fudhachuudhaan gaaratti galan. Lamuutiis manguddicha sanitti as hin deebine.

Manguddochiniis beelaan miidhameeti du‟e jedhama.

Yuu Lii Ziin kitaaba isaa keessatti yoo dubbatu, „Namoonni addunyaa kanaa tokko tokko ummata isaanii karaa

qaceelloon osoo hin taane toftaa gowwoomsaadhaan bitan. Jarri akkasii kun goofticha jaldeessaa kanarraa maaliin

adda tahu? Mataan fayyaa isaan hinqabu. Maayyiirratti hoggaa ummanni itti dammaqu toftaan isaanii sun akka jalaa

fasahlu hin beekan.‟ [1]

Maddeen aangoo siyaasaa

Dubbiin laaftuudha. Abbootiin irree ummata bitan sunirraa deeggarsa barbaadu. Deeggarsa ummataa kanaan

maleetti aangoo siyaasaa isaanii mirkaneeffachuu hin danda‟an. Maddeen aangoo siyaasaa kanaas akka

armaangadiitti ibsina.

� Taaytaa: sirni aangoorra jiru sun seeraqabeessa jedhanii amanuufi saran saniif ooggaluun dirqama

jedhanii amanuu

� Humna namaa: lakkoofsaafi faayidaa namoota mootumaaf ajajamanii, tumsanii, yookiis mootummaa san

deeggaranii;

� Ogummaafi beekkomsa: hujii murtaawe tokko raaw‟achuuf gama mootummaatiin fedhii

mul‟atuufi namoonni yookiin murnoonni fedhii tana dalagaatti hiikuuf dandeettii qaban jiraachuu;

� Haallaan qabatamoo tahin: kan akka yaadqalbiifi aydiyoolojii mootummaa ooggaluufi haraagaru godhan

jiraachuu

9