ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
You also want an ePaper? Increase the reach of your titles
YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.
� Leeccalloo meeshaalee: Bittoonni leecalloo (resources) biyyattii, qabeenyaa uumamaa, madda maallaqaa,

sirna dinagdee, sabaa himaaleefi tooftaalee qunnamtii irratti toyannoon taasisan bal‟achuufi,

� Qobqobbii: warra sirna saniif oggoluu dide yookan morme adabanii of jalatti deebisuu

Maddeen aangoodhaa kunniin hundi, sirni sun ummata biratti fudhatama qabaachuu, ummanni sirna suniif caphee

ooggaluu, namootaafi jaarmayoota hawaasaa kanneen adda addaa tumsa argachuurratti hirkatan.Tumsi akkanaa

jiraachuun, waan aangoodhaaf barbaachisaan ni dabala; humnaafi aangoo mootummaatis nicimsa.

Gama biraatiin, abbootii irreetif tumsa akkanaa dhoowwachuun, madden aangoo sirna suniif barbaachisan gogsuu ni

mala. Maddeen aangoodhaa kana dhabnaan abbootiin irree ni laaffatan; maayyii irrattis baqaniiti dhabaman.

Abbootiin irree uumamaan, yaadaafi dalagaa humna isaanii dhoru arguufi dhagahuu garmalee sodaatu. Kanaafuu

kan isaaniif ajajamuu diduufi kan isaan dura dhaabbatu hunda doorsisuufi adabuutti cehu. Haa tahu malee yeroo

hundumaa doorsisaafi adabbiin isaanii kun jilbiinfannaafi tumsa hawwan hin argamsiisuuf.

Otuma cunqursaafi hacuuccaan ummataa itti fufaa jirtuu, madden aangoo sirna sanii yoo hornagaman yookaan

gogan, ittibahni sadarkaa duraa mootummaa san keessatti shakkiifi afanfaajjin uumamuudha. Itti aansuunis laafiinsi

aangoo isaanii ifatti mul‟atuu jalqaba. Deemsa yeroo keessattis yoo ummanni maddeen aangoo bittootaa san

dhoowwachuu itti fufe, sirni sun ni laamshessa; dhumarrattis ni unkuteessa.

Gulantaan bilisummaa yookinis cunqursaa biyya kamuu keessatti mul‟atu, bifa waliigalatiin, fedhiifi dandeeytii

ummanni sun cunqursaadhaan mormuuf, bilisummaa ofiiti goonfachuufi humnoota isa gabroomfachuuf tattaafatan

ofirraa ittisuuf qaburratti hirkata.

Abbootiin irree akkaan hamoonilleen (totalitarian)aangoon isaanii ummatuma of jalatti bitan sanirratti irkatti.

Hayyuun siyaasaa Kaarl Duuchee jedhamu bara 1953 keessa akka hubachiisetti:

“Humniti abbaa-irree tokko cimtee kan itti fufu dandeessu, yoo irra deddeebi‟amee itti fayyadamuu baatan qofa

taha. Humna akkasii saniin itti dedddeebi‟anii ummata hunda doorsisuun, mootummaan san cimina san qabaattee

yeroo dheertuuf akka hin tujiraanne taati Sirni abbaa-irree hamaan, ummata of jalatti bulchuudhaaf sirnoota biraa

daran humna guddaa qabaachutti haajama. Kunis ummanni bal‟inaan mootummaaf ooggaluu amalfachuufi kutaan

hawaasaa wayyabni sirna saniif deeggarsa laachuu jechuudha taha.”

Bardhibbee 19ffaa keesa hayyichi seeraa biyya Ingliz, John Austin jedhanin, haala mootummaan abbaa-irree

mormiifi jibbinsa ummanni mirga ofii baree mul‟ifatu hogguu isa qunnamte haala uumamuuf malu ibseera.

Akka Awustiin jedhutti, ummanni bittaa abbaa-irree of irraa kaasuuf murteeffatee yoo sosso‟e, sirni suniis

hangamuu deeggarsa biyya alaa qabaatullee, biyya keessatti sirna jibbamaa waan taheef hireen qabu diigamuu taha.

Ummanni al tokko mormiif gadi baanaan deebisanii akka duraaniitti ooggalchiifachuun hin danda‟amu.

Namichi Niccolo Machaivelli jedhaniin ammoo achiin dura “Mootiin tokko ummata mara walitti qabee yoo

diineyfate nageenya isaatiif wabii hin qabaatu; bittaan cunqursaa isaa lakkuma jabaataa deemuun sirni bittaa

isaatiis laaffachaa adeema‟”jedhe.

Dhugoomni dubbii tanaatis, akkuma kutaa duraa keessatti himametti, qabsoo gootonni Norway bittaa sirna

Naaziirratti godhaniinfi, bifa fakkatti kanaatin, qabsooleen biyyoota akka Poolaand, Jarman, Cheek, Slovaak fi

biyyoota Kooministii kaneen biro keessatti hojii irra oolanii sirna Koominiizimii Awrooppaa keessaa buqqisaniin

mirkanaa‟eera.

Qabsoon karaa nagayaatiin ummanni geggeessu waan yeroo dhihoo keessatti mul‟achuu jalqabdee miti. Inumaa

dhaloota Kiristoos dura 494 B.C. keessa wayta Pileebiyaanonni gooftoota isaanii Roomaaf gabbarsa gochaa turan

addaan kutanitti mul‟ataa ture. Qabsoon karaa nagayaa yeroo gara garaatti Iisiyaa, Afriikaa, Ameerikaa,

Awustiraaliyaafi odoollan Paasfiik keessatti akkasumas Awrooppaatti geggeeffamaa tureera.

Qabxiileen sadeen aangoo mootummaa tokko hammam takka tooyatamufi tooyatamuu dhabuu murteessan: 1)

Fedhii ummanni aangoo mootummaa hoornaguuf qabu, 2) Jabeenya jaaramayootaafi waldayoonni ummatootaa

madda aangoo mootummaa gogsuuf qabaniifi 3) Dandeettii ummatoonni deeggarsaafi eehama isaanii abbootii

10