ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
Create successful ePaper yourself
Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.
qajeelfamoota afran akkaataa qabsoo karaa nagayaa ittiin geeggssan ni saffisiisa. Qabsoon karaa nagayaa madaala

humna siyaasaa gara mormitootaatitti conqolchuun murteessaadha. Sirni abbaa‟irree qabsaawota nagayaarratti

tarkaanfii garajabeenyaa kan fudhatu yoo tahe, gargaartota sirna saniitiifi qaamota sadaffaarraa deeggarsi gara

mormituu akka dhufu gochuu isaa caalaa, abbootii taaytaa sirna sunii ni shororkeesa.

Haatahu malee, takkee tarkaanfiin humnaa sirna sunirratti fudhatamuun hin oolu. Jibbiinsaafi abdidhabiinsi

ummanni sirna sunirratti qabu gara tarkaanfii humnaatti jijjiiramuun ni mala. yookiin ammoo, qaamonni hawaasaa

garii faaydaa qabsoon karaa nagayaa qabdu osuma beekanuu filannoo humnaa sanirraa of qusachuun itti ulfaachuun

ni mala. Wanti beekamuu qabu garuu, mormiin siyaasaa karaa nagyaatiin geggeeffamtu waakkatamuu hinqabdu.

Yoo tarkaanfiin humnaa kan itti makamu tahes hanga danda‟ametti tarkaanfii humnaa sun qabsoo karaa nagayaatiin

geggeeffamturraa addatti baasuu barbaachisa. Kunis, teessuma lafaa, qaamota hawaasaa kanneen adda addaa, haala

yerootiifi dhimmoota fiffiniinoo mul‟atanirratti hundaawee ilaalamuudha qaba. Kuni tahuu dhabee humnaan

fayyadamuu filachuun diddaa karaa nagayaa kan silaa bu‟aafi jabeenya caalaa qaburratti gaaga‟ama afeeruudha

taha.

Ragaaleen seenaa akka mul‟isanitti, qabsoo diddaa siyaasaa keessatti kanneen du‟aniifi madaawan

hindhabaman; balaa karaa qabsoo hidhannoo keessatti mudatamurra ammoo, haalaan xiqqaadha. Kana malees,

qabsoon karaa nagayaa wal ajjeechaafi tarkaanfii garajabeenyaa dhuma hin qabneef gonkumaadabarsitee nama

hinkennitu.

Qabsoon karaa nagayaa humna mootummaatiifi tarkaanfii fudhatamuuf maltu sodaachuurraa baraaramuu gaafata.

Sodaa hanqisuun yookiin toyachuun bittaa humnaa sirni ukkaamsaan sun ummatarratti fe‟e dhabamsiisuuf

murteessaadha.

Basaqeeysummaa, iccitoommiifi cichooma

Iccitiin, sobaafi shirri dhooksaan qabsoo karaa nagayaatiin godhamturratti rakkoo ciccimtuudha uuma. Ijibbaata

humnoonni poolisiifi basaasoonni sirna sunii sagantaafi karoora qabsoo karaa nagayaa kana baruuf goodhan ittisuun

nama dhiba. Iccitaawummaan adeemsa qabsoodhaa keessatti sodaarraa haa magartu malee, soda biraa uumuudhaan

murannoo mormiif barbaachiftu nama keessatti ajjeeftee baay‟ina namoota mormii keessatti hirmaachuuf malaniitis

ni hanqisti. Kana malees, eenyu michuu qabsoo akka taheefi eenyu ergamaa diinaa akka tahe laalchisee walshakkiifi

walyakkiinsi, yeroo baay‟ee ragaa tokkoon maletti, mooraa qabsoo keessa akka jiraattu godha. Kuniis akka qabsoon

karaa nagayaatiin itti hinfufne godha.

Faallaa kanaatiin, wantoota raaw‟atamuuf karoorfataman gama ilaaluun tashannoofi ifabahiinsi jiraachuun bu‟aa

gaarii fida; cimina ykn jabeenya qabsoon mormii sun qabduus ni mul‟isa. Dhimmi kuni garuu, kana caalaa

xaxamaadha; adeemsi qabsootiis hammi iccitiidhaan eeggamuu qabu jiraachuun hubatamuu qaba. Dhimma kana

ilaalchisee gamaaggammiin ragaarratti irkatte warra adeemsa qabsootiifi dandeettii sirni abbaa-irree basaasmayaaf

qabu qajeellotti hubataniin godhamuudha qabdi. Barruulee dhoksaadhaan gulaalamanii maxxamfamanii raabsaman,

sagantaan raadiyoona laf dhokoorraa dabarfamuufi sochii mootummaan abbaa irree raaw‟achuuf deemurratti

odeeyfannoo sassaabuun sochiilee iccitii cimtuudhaan tikfamuu qaban keessaa hama tokko jechuudha.

Qabsoo karaa nagayaa keessatti sadarkaa kamittuu haalaafi amala kabajaa ol‟aantii qabu goonfatanii argamuu

barbaachisaadha. Sodaa qabaachuu dhabuufi naamusa qabsoo karaa nagayaa eeguun hoggayyuu dirqama. Jijjiirraa

barbaadamu tokko dhugoomsuuf hirmaannaan namoota baay‟ee hoggayyuu akka barbaachisu yaadatamuu qaba.

Namoonni kun hundinuu haalaafi amala qabsoon barbaaddu qabaatanii argamuudha barbaachisa.

Hariiroon madaallii humnaa hijjijjiiramuu

Warrii tarsiimoo qabsootirratti hojjetu waldiddaa gartokkeen mormii karaa nagayaatiin oofamtu keessatti jijjiiramni

gargar citii hinqabne bifa falmii walfaanoooommii qabduun adeemtu jiraachuu beekuudha qaban. Wanti sabatee

bakka tokko taa‟u hinjiru. Hariiroon humnoota walmorman jidduu jirtu jijjiirama saffee gargar hincinne qabaatti.

Kana dhugoomsuuf, cunqursaan hammamuu hammaatullee mormattoonni qabsoo isaanii tan karaa nagayaarratti

cichanii itti fufuu qabu.

Jijjiiramni karaa madaala humnaatiin qabsoo akkanaa keessatti murnoota walmorman jiddutti mul‟atu, isa qabsoo

16