ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
Create successful ePaper yourself
Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.
KUTAA JAHA

BARBAACHISUMMAA KAROORA TARSIIMOO

Mormiin siyaasaa tan farra sirna abbootii irreerratti godhamtu karaalee adda addaatiin eegalamuudha malti. Dur

mormiin akkanaa tuni bifa waliigalaatti karoorfamoo hinturre; inumaatuu akkuma tasaatti tan eegalamtu turte.

Roorrooleen akka qaanqee jalqabaatti mormiilee akkasii qabsiisan walirraa adda haa tahan malee, yeroo baay‟ee

haallan kanatti aanan of keessaa qaban: tarkaanfiilee hahhamoo hahhaaraya abbootii irreetiin raaw‟ataman, namni

beekamaan ykn kabajamaan tokko hidhamuu yookiin ajjeefamuu, imaammanni ykn qajeelfamni cunqursaa

hahhaarayni bahuu, hanqinni nyaataa jiraachuu, amantiin kabajaa dhabuu, yokiniis kabajaa ayyaana beekamaa

tokkoorratti fa‟a tahuudha mala.

Al tokko tokkos tarkaanfiin abbootiin irree fudhatan ummata waan dheekkamsiisuuf akkaataa itti xumuramu osoo

hinbeekne fincila kaasuun ni mala. Yeroo garii ammoo tarkaanfiin namni murataan tokko yookiin murni xiqqaan

tokko fudhatu deeggarsa bal‟aa argamsiisee ummata kakaasuun ni mala. Roorroon ummata bal‟aarratti raaw‟atamtu

kutaalee hawaasaa waan waliif anaannachiiftuuf waliif tumsanii waliin akka qabsaawan isaan godha.

Takkee ammoo, waamichi namni ykn murni tokko qabsoodhaaf godhu haala hin eegaminiin ummata bal‟irraa

deeggarsa bal‟aa argachuun ni mala.

Karooraan malee deemuun toltuu muraasa qabaatullee yeroo baay‟ee hamtuu namarraan gayuutu irra caalee

argame. Yeroo baay‟ee humnoonni demokraatawoon hiraar abbootiin irree isaanirraan gayuuf malu dursanii beekuu

dhabuurraa balaa cimtuu mudataniiru; qabsoon diddaa cunqursaatis caccabuu mudatteera. Al tokko tokkos

humnoonni demokrasii karoora qabaachuu dhabuu isaaniitiin murtiilee akkaan barbaachisoo tahan nasiibaaf

dabarsinii waan lakkisaniif gaaga‟ama hamaa mudachuuf malu. Eega sirni cunqursaa cabe boodallee, akkaataa

yeroon ceehumsaa gara sirna demokraasiitti itti tarkaanfattu ilaalchisee karoora qabaachuu dhabuun dhaloota sirna

abbaa‟irree haarayaaf nama saaxila.

Karoora malchiisu qabaachuu

Hegere, tarkaanfiileen karooraan maletti ummanni fudhatu qabsoo farra sirna abbaa‟irree keessatti shoora guddaa

akka qabaatan shakkiin hinjirtu. Haa tahu malee, yeroo ammaa karaalee abbaa‟irree kuffisuuf milkii qabaatan

herraguu, sadarkaa bilchina haala siyaasaatiifi hammamii fedhii ummataa gamaaggamuufi akkaataa duulli qabsoo

ittiin eegalamu filanii murteeffachuun ni dandayama. Haala akkasii keessatti bilisummaa goonfachuuf haala

qabatamaa lafa jiru qormaata malchiisaarratti irkachuudhaan hubachuu, dandeeytii ummataatiis madaaluudhaan of

eeggannoodhaan itti yaadanii karaalee bu‟aa-qabeessa tahan filachuun ni danda‟ama.

Eenyumtuu waan tokko raaw‟achuu yoo barbaade dursee karoorfachuun barbaachisaadha. Milkaawiinsaafi

hoongawiinsa akeeka tokkootiif karoorri lafjalatti dursamee karoorfatame murteessaadha. Karoora tarsiimoowaa

qopheessuuf wantoota barbaachisan dursanii walitti qabachuun karoorri sun haala bu‟aa-qabeessa ta‟een akka

raaw‟atamu gargaara. Keessumattuu mormiin demokraatawaan qophii gahaa tokko malee geggeeffamu humna

abbaa‟irree kan hanga funyaaniitti hidhateen falma waan taheef ni gaaga‟ama. Faallaa kanaan mootummaan

abbaa‟irree akkuma barame humna leeccalloo meeshaalee, jabeenya jaarmayummaafi gochaalee garajabeenyaa

raaw‟atuuf dandeettii qabaata.

„Tarsiimoo Karoorfachuu ‟ jechuun, qabsoon bakka amma jirturraarraa kaatee hamma sirna hegere bu‟uureffamuuf

yaadame bira geessutti tarkaanfii sadarka sadarkaadhaan fudhatamtu herreguu jechuudha. Gabaabumatti kana

jechuun, ceehumsa bittaa sirna abbaa‟irree tokkorraa gara sirna demokraatawaa tokkotti taasifamu karooraan

qaceelchuu jechuudha. Karoora kana dalagaatti hiikuu keessatti, duulaafi sochiilee gurmaawoo tartiibaan

geggeessuudhaan ummata cunqurfamaa jabeessanii sirna abbaa‟irree san dadhabsiisuu gaafata. Asirratti waan

dagatamuu hin qabnetu jira. akeekni cehumsa kanaa sirna abbaa‟irree aangoorra jiru buqqisuu qofa osoo hin tahin

sirna demokraatawaa taheen bakka buusuudha. Karoorri haadhoon bittaa abbaa‟irree qofa

dhabamsiisuu fuulleeffate sirni cunqursaa kan biraa akka bakka bu‟u godhee balaa daranii fiduudha mala.

Gufuulee wixinsa karooraa

Humnoonni bilisummaaf anaannataniifi kutaalee addunyaa kanneen garagaraa keessa jiran akkaataa bilisummaan itti

argamturratti dandeettii qabaniin guututti hin gargaaraman. Osoo qabsootti hin seenin dura tarsiimoo karoorfachuun

19