02.02.2013 Views

ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution

ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution

ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

abbaan irree fudhatu tokkoon wal qabatee jeeqqalbii (emotion) dhalatuun tarsiimoo haadhoos tahee tarsiimoo duulaa

irraa akka hin maqne eeggachuu barbaachisa. Gama mootummaa abbaa-irreetiin tarkaanfii hookaraa fudhatanii akka

mormitoonni qabsoo karaa nagayaarratti hundaawanii jiran lagatanii gara tarkaanfii hookaraa seenaniif

duchiisuudhaan salphaatti rukutanii moohachuuf shirri jiraachuun akka maluus beekuu feesisa.

Tarsiimoon qabsoon ittiin qajeelfamtuu sirrii tahuun eega mirkanaawee booda, hujiin humnoota demokraatawoo

sadarkaa sadarkaadhaan fuulduratti kan tarkaanfatu tahuu qaba. Akkasiinuu tooftaafi galiiwwan maayyii irratti

jijjiiramni jiraachuun kan hin hafne tahullee, hogganoonni bilchaatoon yeroo hundumaa hireewwan haarayatti

dhimma bahuurraa duubatti jechuu hinqaban. Fooyyessi akkasii kunis galiiwwan tarsiimoo haadhoo yookiis

tarsiimoo duulaa tokko wajjin wal dhawuu hin qabu. Tarsiimoo haadhoo filameefi tarsiimoolee duulaa adda addaa

eeggannoodhaan hojiitti hiikuun milkii argamsiisuuf gumaacha olaanaa qabaata.

28

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!