02.02.2013 Views

ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution

ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution

ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

qophii lakkoofsaan xiqqaa ta‟an, tooftaalee nama hedduu hin barbaannee kan akka abaaboo awwaala (qabrii)

goototaatirra kaayuutiin eegaluun ni danda‟ama. Gama kaaniin, duula jalqabaarraatti hirmaatuuf namoonni hedduun

fedhii yoo agarsiisan, daqiiqaa shaniif hojii mara dhaabuu ykn daqiiqaa hedduudhaaf calii siransuun(dubbachuu

diduun) tooftaa gaariidha. Haala biraa keessattiis namoonni murraasni hirgii beelaa (waa nyaachuu diduu)

raaw‟achuu, fulaa seena qabeessatti duungoo bobeessuu, barattoonni yeroo gabaabaf barnoota dhaabuu, waajjiroota

beekkamoo dura tattaa‟anii ka‟uu diduuniis tooftalee dansaadha. Asiratti, lakkuma takaanfileen mormitootaa

jabaachaa deemtuun roorroon sirna cunqursaan ummatarraan gayuus hammaachaa akka deemu hubachuu

barbaachisa.

Duula jalqabaa keessatti tarkaanfileen fakkeenyummaa miidhaa guddaa geessissuu waan malaniif of eeggannoo

feesisa. Tarkaanfiin akka maasaraa mootummaa abbaa-irree ykn waajjira guddaa humna poolisii afootti bahuun

gaaga‟ama guddaa namarraan gayuu waan maluuf duula mormii tarkaanfii akkasiitiin eegaluurraa of eeguu

barbaachisa. Bifa waliigalaatiin, tarkaanfileen fakkeenyummaa sadarkaa sunitti fudhatamtu, tan wareegummaaa

guddaa hin gaafanne ta‟uu mirkaneeffachuu barbaachisa.

Duulli sadarkaa jalqabaa kuni, takkee, argaafi dhageeytii ummata biyya keessattifi kan biyya alaa hawachuun

nimala: fakkeenyaaf, hiriira ummata Barmaa kan bara 1988fi, hirgii beelaatiifi dhuunfannoo waltajjii Taaynaman

biyya Chaaynaa barattootaan raaw‟atame yaadachuun ni gaya. Duulli lameenuu milkii osoo hintahin gaaga‟ama

guddaa akka qunnaman hindagatamu. Kanaafuu, qindeessittoonni tarsiimoo wixinan, duula jalqabaa

bobbaasuudhaan duratti of eeggannoo guddaadhaan karoora baasuu qabu. Duulli jalqabaa kuni hamileefi yaadqalbii

ummataa kan kakaasu tahuus bifa waliigalaatiin akka fakkeenyaatti haa fudhatamu malee, humna sirna abbaa-irree

aangoorraa qaarsuu dandayu akka hin tahin hubachuu qabna.

Jalqaba bobbaa kanaatti, madda aangoo sirna abbaa-irree gogsuun hindandayamu. Sun gochuudhaaf ummata

biyyattii hunda hirmaachisuu, jaarmayoota hawaasaa achiindura oggolanii turan sirna sunirratti akka fincilan

kakaasuu barbaachisa. Mormii sadarkaa jalqabaatti ciminni akkanaa waan hinjirreef injifannoo maaheeysaa

goonfachuun waan dandayamuu miti. Kanaafuu, jalqaba qabsootirratti fincila waliigalaa geggeessuudhaan,

mootummaa abbaa-irree aangorraa kaasuuf yaaluun gatii hin qabu.

Itti-gaafatamummaa qargar qoddachuu

Yeroo falmiin murtooftuun taasifamutti ba‟aan qabsoo, irrajireessi, qaama hawaasaa muraasa qofaan baadhatamuun

ni mala. Garuu, adeemsa keessa, lakkuma qabsoon finiinaatifi babal‟achaa deemtuun, ba‟aa sun qaama hawasaa

birootti dabarsanii ba‟aa qooddachuun ni danda‟ama. Fakkeenyaaf, gaaffii waa‟ee sirna barnootaa ilaalchisee ba‟aa

jirtu barattonni akka baadhattan, qabsoo waa‟ee amantiirratti hooggantootaafi hordoftoonni ammantiii sunii akka

baadhatan, hojjattoonni baaburaa mala geejjiba laaffisuurratti, gaazexeessitoonni ammoo uggura mootummaan

sabahimaarran gahu dura daabachuudhaan gaazexaa barruu hin qabne baasuudhaan, polisoonni gama isaaniitin

mormitoota qabuu dhiisuun dandeettiin mootummaan ummata ukkaamsuuf qabu akka laaffatu taasisuun

nidandayama. Haala kanaan duula diddaa siyaasaa kana yeroofi hirmannaan adda babaasanii hoggaa qaamni

hawaasa tokko falmu, kuun akka boqotu gochuudhaan bifa gargar hincinneen qabsoon itti fufuun ni danda‟ama.

Aangoo abbaarretirratti fuulleffachuu

Lakkuma falmiin babal‟achaa adeemtuun, tarsiimoo humna abbaa-irree daranuu laaffisuuf gargaaran karoorsuun

barbaachisaadha. Yeroo kanatti akeekni tarsiimoodhaa diddaa ummataatti fayyadamanii haallan humnoota

dimokraasiitif mijjooma qaban uumuudha.

Lakka jabeenyi humnoota dimokraasii cimaa deemuun, tarsiimoolee diddaa cunqursaa kan dhiibbaa jajjabaa qaban

baafachaa deemuu feesisa. Akeekni kanaatis humna siyaasaa abbaa-irree laamshessanii sirna sun unkuteessuudha.

Deeggarsa abbaan irree hawaasaafi gartuulee tokko tokkorraa argatu dhawaataan laaffisuuf, humnoonni dimokraasii

of eegganno cimaadhaan tarsiimoo baasuu qabu. Tarii tarkaanfii gara jabeenyaa mootummaan fudhatu ifa baasuun

barbachisuun ni mala. Kasaaraa diinagdee mootummaan sun biyyarraan gahu saaxilanii mul‟isuuni mala biraati.

Kana malees, sirni sun jiguuf dhihaachuu isaa qabatamaa agarsiisuun, deeggrtoonni mootummaa dafanii ummataa

waliin akka dhaabatan akeekkachiisunis bu‟aa qabaachuu ni mala. Deeggertoota sirna abbaa-irree gara mooraa

qabsoo dimokraasiitti fiduun dandayamuu baatullee, qabsoo ummataa dura akka hin dhabbanne gochuun

barbaachisaadha.

30

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!