ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
You also want an ePaper? Increase the reach of your titles
YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.
Dirqama kabajaa qabu

Bu‟aan qabsoo karaa nagayaa sirna abbaa-irree laaffisanii kuffisuu qofa osoo hin tahin, humnaafi hamilee ummata

cunqurfamaatti horuudhaan aangeessuus akka tahe beekuu qabna. Tooftaan tun, ummanni ammaan dura abdiifi

ofirratti amantii qabaachuudhaan maleetti jiraachaa ture, humna isaa beekee itti fayyadamuudhaan mirgaafi dantaa

isaa akka eegsifatu gargaara. Moyxannoon adeeemsa qabsoo karaa nagayaa keessatti ummanni argatu, hamilee isaa

ni kakaaasa, eenyummaa ofiitiin akka boonuufi ofirrattiis amantii qabaatu isa godha.

Faaydaalee gurguddoo qabsoo karaa nagayaatirraa argaman keessaa, takka, hawaasni bal‟aan rakkoolee hegere isa

mudachuuf malan mara furuuf dandeettii horachuufi gabbifachuu isaati. Dandeettiin hawaasaa

tuniis; malaammaltummaa, miidhaa kutaa hawaasaa kamuurra gayu, sirna diinnagdee akkamaleessaafi hornaggii

sirna siyaasaa biyyattiirratti mul‟atuun mormuufi akka hindhufnees ittisuu isa dandeessisa. Walumaagalatti, bakka

ummanni moyxannoo akkasii qabu jirutti sirni abbaa-irree bifa harayaan deebi‟ee jaaramuuf hireen jirtu hedduu

xinnayyoodha.

Beekkumsa tarsiimoo qabsoo nagayaa qabachuun, roorroo gara siyaasaatiin erga bilisummaa goonfatan booda

dhufuuf maltu ofirraa faccisu nama dandeessisa: sirna dimokraasii tikfachuuf, mirga namoomaa

eegsisuuf, mirgoota hawaasoota bicuu kabajsiisuuf, taligaa bulchiinsa sadarkaa aanaa, naannootiifi godinaa

dhiibbaa mootummaa jiddugalaarraa dandamachiisuuf bu‟aa guddaa qaba. Kana malees. gareeleen hawaasaa yaada

fiinxaaleysaafi walmormu , kan silaa gaaratti nama galchuufi shoorarkaa kaasuuf nama qaadhimu qaban ,

sodaadhaan maleetti garaagarummaa isaanii karaa nagayaatiin akka ibsatan isaan gargaara.

Yaanni qabsoo karaa nagayaa kitaaba kana keessatti ka‟e kun, namootaafi gareelee cunqursaa sirna abbaa-irree jalaa

of baasanii, sirna dimokraasii waaraa mirgi dhala namaa hundi itti kabajamee, jireenya hawaasaatiis fooyyessuuf

hiree banu ijaaruu fedhan maraaf faaydaa qaba.

Dhumarratti yaada sadeen armaagadii kanatti goolabna:

� Cunqursaa abbaa-irree jalaa bilisoomuun ni danda‟ama.

� Injifannoo goonfachuuf, tarsiimoo qajeellotti itti yaadame dursanii karoorfachuu barbaachisa.

� Qabsoon akkanaa tuni jabaatanii hojachuu, murannoo, qabsoo naamusa matayyaatiifi kan jaarmayaa

wareegamaa guddoodhaan dhuftu qabaachuu nama barbaachisa.

Jechi deddeebi‟ee dhagayamu “ bilisummaan bilaashitti hin argamtu” jedhu dhugaadha. Humni alaa kamiyyuu

ummata cunqursaa jalatti dararamuuf bilisummaa kennuu hin danda‟u. Ummanni bilisummaa isaa karaa argatuun

ofumaa barachuu qaba. Injifannoon laaftutti argamtuus hin jirtu.

Ummannii waan bilisummaa isaa goonfachuuf isa barbaachisu hubate, daandii injifannoodhaan isa geettu ofii

baafate, mirga isaa harka abbaa-irree keessaa micciiree baafachuu ni dandaya. San booda, sirna dimokraasii

jaarratee, waardiyyaa dhaabbatee tikfata. Bilisummaan karaa kanaan argamtu waartuudha. Sirni kuni ummata

murataa hamtuu itti dhufuuf malu mararraa faccisee dhawaataanis gabbifatee siranfatu qaba.

38