ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
You also want an ePaper? Increase the reach of your titles
YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.
DHAAMSA HIIKTOTAA

Wahumaatu wahitti nama kaasa. Nutis kitaaba xiqqaa dhaamsa guddaa qabu kana gara Afaan Oromootti hiikuuf

wahumaaatu nu kaase. Garuu, wanni ajaa‟iba nutti tahes ni jira; Nu sadeenuu, osoo marii hin qabaatin, kitaaba kana

dubbisuuf hiree gaarii argachuu keenya. Kana qofaa miti. Kitaaba tokko dubbifneeti hubannoo gostokkee (akka

walii) horre. Walodeeffachuun gaarii ta‟uu wanni ittiin hubannu kunoo kanaafaadha yoo jenne hin dogongorru.

Kitaaba kana gara Afaan Oromootti deebisuuf hiree argachuun keenya hedduu nu gammachiise. Afaan Oromoo,

afaannan afurtamman kitaabni kun itti hiikame keessaa tokko akka tahu gochuun hammam akka nama gammachiisu

isinumaaf dhiifna. Kitaabni kuni barruu haadhoo Afaan Ingilizitiin barreeffamerraa hiikame. Bifa dandayameenis,

dhaamsa barruun haadhoon qabdu guututti Afaan Oromootti dabarsuuf yaalameera. Yoo isinitti tole, tattaaffiin

teenya milkii qabdi jechu. Isinitti toluu baattu, tattaaffii biraatif isin affeerti.

Kitaabni kun, warra haqa ofii barbaachaaf mala tokko qofarratti cichanii, bara dheeraaf tattaafatanii bu‟aa qabsoo

ofii ijaan arkuu hanqataniif, bu‟aa guddaa qabaata jenneeti amanna. Xurreefi malli qabsoo, biftokkee qofa akka hin

tahin nuhubachiisa. Dhaamsi kitaab kanaa, akkaataa milkiin saffeen, gatii xiqqaadhaan itti argamtu nu barsiisa.

Kitaabni kun, hawaasa keenya keessatti, faaydaa guddaa qabaata jenneeti amanna. Qalbii caphxe ni dhinsa; hawwii

shakkiidhaan dhaalamte ni wal‟aana; abdii golgoluu mudattes ifatti baasa jenneeti amanna.

Addunyaan kees jirru guddoodha; wanni baadhettes baay‟eedha. Ummatootni weeraramanii, boortaadhaan

oggolchiifamanii, bar dheeraadhaaf gadadoo mudachiifamanis hedduudha. Isaan keessaa, tokko, sab keenya. Sab

kanarraa dhalannee, waan sab kanaaf bu‟aa qabaatu gumaachuun keenya, nu qofaa miti, war sab kanaaf anaannatu

maraaf gammachuu ta‟a. Hiree akkanaa argatanii, hawwii ofii fiixa baafachuun nama boonsisa. Kana malees,

dirqama garanaan jiru, ofitti fudhatanii, aadaafi afaan sab ofii, barruu tana fakkattuun, lammii ofiitiif dhiheessuun

hammam akka nam gammachiisu isinumti murteessaa.

Hawwiin teenya diigmaya sirna abbaa-irreeti. Tanaas osoo lubbuudhaan jirru arguu barbaanna. Yoo waaqni nuun

fedhe, ni argina; nuun fedhuu baatuus isinuu ni argitanii, nuuf gaya. Dhaamsi kitaab kun qabate garuu hin du‟u, hin

dulloomu. Bara fedhettuu tahu meeshaa farra sirna abbaa-irree taheeti, falmattoota haqaatif tumsa. Qabsaawota

hawwii dhugaa, abdii taadhii, kaayoo haqaa ladda‟atanii, akeeka sirriifi gurmuu cimtuudhaan, bobbahaniin haa

milkaawan jenna. Waa hunda asumatti himnee fixuu hin feenu. Namuu, kitaab kana dubbisee, faaruu dhaamsi kitaab

kanaa qabu nu waliin tarree galee haa faarfatu jenna.

Dhumarratti, barruun Afaan Oromootiin bifa kanaan dhiheessine kuni ija qaroo garanatti akka fuulleyfatu kajeella.

Sadarkaafi gulantaa afaan kuni yeroo gabaabduu keeysatti irra gaye hubachuurra taree, hamtuufi gadadoo warri

afaan kana hin beeyne afaanicha mudachiisaa jiran, adda baafannee akka beeynu nu gargaara jennee abdanna.

Kitaabni kun rakkoo saba keenya mudatteef fala baalchu hin dhabu jennee afaan keenyatti hiiknee. Rakkoo harkaa

nu qabduuf mala barbaacha garayyutti bobbaanee kuusaa beekkumsaa ta addunyaa keessaahiis mala luqqifatee

warra ittiin hojjatatu nu haa godhu jenna!Tattaffiin kan abbaati, milkiin rabbirraayi. Nu haa milkeessu!

Dr. Abdulsamad Muhaammad

Boruu Barraaqaa

Jawaar Siraaj Muhammad

Ebla, 2011