ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
ABBAA-IRREETIRRAA DIMOKRAASII - Albert Einstein Institution
You also want an ePaper? Increase the reach of your titles
YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.
SEENMAYA

Waggoota dheeraadhaaf wanni akkaan na yaachisaa as gaye akkaata ummanni tokko sirna abbaa-irree ofirraa

ittisuufi dhabamsiisuu itti dandayani. Kuniis, hamma tokko, ilmi namaa cunqursaa akkanaa mudachuus, sarna

akkasiitin dhabamsiifamuus hinqabu yaanni jedhu na keessatti uumamuurraa dhalate. Amantii tuniis waa‟ee

barbaachisummaa bilisummaa ilma namaa, waa‟ee akkaagara abbootii irree (Arstootilirraa hanga xiinxaltoota sirna

ukkaamsaatti) seenaa sirna abbootii irree (keessumattuu sirnoota Naaziitiifi kan Staaliinistootaa) dubbisuu kiyyaan

daranuu na keessatti akka cimtu taate.

Waggoota dabran keessatti warra mooraalee hidhaa jumlaa (concentration camps) Naazii keessa hiraariin jiraateefi

kanneen dandamatanii as gayan qunnamee dubbisuuf hiree argadheera. Norweeyitti warra bittaa faashistootaatiin

mormeefi kanneen dandamate qunnameera; warra laboobamaniis waa‟ee saanii dhagayeera. Yahuudoota mooraa

Naazii keessaa baafataniifi warra isaan dandamachiisees argee odeeyfadheera.

Shoorarkaa bittaa kooministootaa jalatti biyyoota adda addaa keessatti taate oduudhaan osoo hintahin kitaaboota

garagaraa dubbisuudhaanin hubadhe. Shoorarkaan sirnoota kanaa maqaa cunqursaafi samicha jalaa bilisoomutiin

waan irratti fe‟ameef baay‟ee nama gaddisiisa.

Kurneelee muraasa as dhihoo kana keessattiis warra biyyoota sirna abbaa-irree jalatti kufan kanneen akka Panama,

Poland, Tibetiifi Burma waliin walqunnamee dhugaa waa‟ee sirna abbaa irree kanneenii hubadheera. Warra Tibet

kanneen weerara kooministoota China dura dhaabbatee lole, warra Russia kanneen yaalii fonqolcha mootummaa

ji‟a Hagayyaa bara 1991 keessa fiinxaaleyyii godhame cabse, Taaylaandota yaalii biyya isaanii gara bittaa

waraanaatti deebisuuf godhamte karaa nagayaatiin fashalsiisan ilaalchisee amala hamaafi ajaa‟ibsiisaa sirni abbaa

irree waan baay‟ee barachuu dandayeetin jira.

Qabsoon bittoota garajaboo kanarra aanuuf godhamteefi aarsaan kafalame gadda hadhaawaa haa uumu malee,

biyyoota ammayyuu balaa irra-hamaa jala jiraniifi mormii jajjabduun keessatti mul‟atu daaw‟achuun murannoofi

gootummaan haawaasa biyyoota sanii nama jajjabeessa. Kanneen keessaa, Panama bittaa abbaa irree Noriega jalatti,

ummanni Vilnius /Lithuania ukkaamsitoota Sooviyeet durii jalatti, Beijing murruqii addababayii Tiananmen irratti

raaw‟atameefi balaa „Burmaa bilisa baate‟ keessatti waajjira humnoota demokraatawoorratti bakka Manerplaw

jedhamutti raaw‟atame akka fakkeenyaatti kaafamu.

Takkee bakkoota gootoonni itti kufan dhaqee daaw‟adheera: awwaalaafi utubaa TV Vinius/Riga/ keessatti argamu,

parkiilee namoonni itti rashanaman, Ferrara kaaba Italia keessatti bakka fashistoonni mormitoo murruq itti

godhan, akkasumas, Manerplaw keessatti awwaala jimlaa reefki azeebban kichuutiin guutame arguu danda‟eera.

Abbootiin irree hundinuu fixiinsaafi badiinsa nama suukaneessu dhiisanii dabruu isaaniiti hubanna.

Moyxannoofi yaaddoo tana keessaahis cunqursaa ittisuun akka dandayamu, ,murriqiin osoo hinjirre qabsoo milkii

qabdu sirna abbaa irreerratti akka dandayamu, sirna abbaa irree cabsuufi hahhaarayniniis daaraa duraanii keessaa

akka hin dhalanne ittisuun akka dandayamu abdii guddoo murannoo cimtuu qabdu arganne. Gaaga‟ama lubbuutiifi

gadadoo ummataa hamma danda‟ametti gad xiqqeessuudhaan sirna abbootii irree cabsuuf karaalee qabsoo milkii

qabdu gochuun itti dandayamu qajeellotti if eeggachaa itti yaaduu yaaleen jira.Waggoota baay‟eef waa‟ee sirnoota

abbootii irree, sochiilee diddaa cunqursaa, warraaqsa garagaraa, ilaalcha siyaasaa adda addaa, sirnoota taligaa

mootummaatiifi keessaafuu qabsoo malchiiftuu karaa nagayaatiin godhamtu qorachuudhaan waanin hubadherraahin

ka‟e.

Kitaabni kuniis qormaata kanarraa dhalate. Huuba tokkollee hin qabu jechuu hin danda‟u. Haa tahu ammo, sochiilee

bilisummaa akka baratame caalaa ciminaafi milkii qabaatan gochuuf yaadaafi karoora baafachuuf, hamma taheefuu,

akka qajeelfamaatti ni gargaara.

Akeekni kitaaba kanaa akkaataa sirna abbootii irree itti cabsaniifi hahhaarayniniis akka hin dhalanne ittiin ittisan

fuulleeffata. Qabsoo biyyoota adda addaatti geggeeffamtuuf matamatatti qajeelfama bal‟aa wixinuufi heesabuuf

dandeettii hin qabu. Haa tahu ammo, xiinxalliin bifa hundanneetiin dhihaatte tuni qabsoo, biyyoota baay‟ee

keessatti, ummatoonni har‟allee bittaa sirna abbaa irree jalatti hiraaraa jiran gochaa jiraniif bu‟aa akka qabaatu

abdiin qaba. Isaanis dhugooma xiinxallii kanaa haala isaanii wajjiin walcinaa qabanii gorsa bifa waliigalaatiin

dhihaate akkaataa qabsoo bilisummaa isaaniitiif hoojirra oolfamu itti dandayayamu qorachuudha qaban.