09.05.2014 Views

JILA HULLUUQOO - Oromo Liberation Front

JILA HULLUUQOO - Oromo Liberation Front

JILA HULLUUQOO - Oromo Liberation Front

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

JILA HULLUUQOO MILKIIN KABAJAME!

(Madda Oduu ABO-MOA, Naayiroobi, 19 Onkoloolessa 2009) Jilli

Hulluuqoo waldaa Argaa dhageettii Gadaa 0romootiin qophaaye Dilbata darbe,

Onkoloolessa 18, 2009 magaalaa Naayiroobii gaara Indoonyoo irratti sirna ho`aan

kabajamee oluun gabaasame.

Maddi Oduu ABO, MOAn Naayiroobii

irraa akka gabaasetti, Ayyaanni

Hulluuqoo sirna miidhagaan

kabajamuun cinattis, guyyaa

sabboontonni Oromoo kaayyoo isaanii

Oromummaa callaan walqabatanii

milkeeffachuuf akeekkatanii turan,

deebisanii itti haaromsatan ta’ee jira.

Akkuma duudhaa sirna ayyaana Hulluuqqootti, jilli kun eebba manguddootaan

baname. Ittaansuunis, sirni Hulluuqoo kan balaa darbe ittiin jala hulluuqan, kan

hamaa dhufe mara jalaa itti hulluqan gaggeeffameera.

Adulaa Dabbasaa Guyyoo

Sirna hulluuqoon boodas, Adulaa Argaa-dhageettii

Gadaa Oromoo, Abbaan Liiban Dabbasaa Guyyoo

aadaa Oromoo irratti barumsa kennanii jiru.

Barumsa kennan kana keessattis aadaan saba

keenyaa eenyummaa saba keenya ta`uu

yaadachisuun, namuu aadaa keenya gabroomfattoota

Habashaan awwaalamee ture deebisee dagaagsuu

irratti jabaatee hojjachuu akka qabu dhaamanii jiru.

Gama Argaa dhageettii Gadaa Oromootiinis,

aadaa Oromoo guddisuufi dagaagsuuf

hojiileen jajaboo hojjatamaa akka jiru kan

eeran Abbaan Liiban Dabbasaa Guyyoo,

aadaa keenya bakka itti awwaalamee baafnee

hundee duraatti deeibsuuf yeroo ammaa kana

Biyyoota Dhihaafi Awuroopaa waliin walitti

hidhachuun bal`inaan akka hojjachaa jiru

ibsaniiru.

Jila Hulluuqoo kana irratti, kana malees, aansuun manguddoonni sadii aadaa

Oromoo ilaalchisaanii wal-duraa dubaan erga ibsa bal’aa godhanii booda

walaloon “ati eenyuu “ jedhu tokko dhiyaatee jira. Jila Hulluuqoo haalaan

miidhagee kabajame kana irrattis sabboontotnni Oromoo hedduumminaan uffata

aadaa Oromoon faayamanii kan argaman ta’uu gabaasaan MOA hubachiisee jira.

Keessaayyuu,

jileeffattooti kun rooba

ganamaa hanga galgalatti

otuu walirraa hinkutiin

roobaa oole danda’un

dambali`anii aadaa

qabatanii bakka aadaatti

calaqqisanii ooluu isaanii

kan gabaase MOAn, jilli

kun akka milkaa’u

kanneen gumaachan

keessaa irra guddaan

ilmaan Oromoo dhaloota

lafaa yoo ta’an kanneen

baqatanii Keenyaa

Naayiroobii keessatti

argamanis qooda olaanaa

bahanii jiru. Ummanni

wal-gahee, jileeffannaa

isaanii sirba aadaa

Oromiyaa guutuu

xabachuun ho`isanii

oluun cinattii, afeerraa

dhiyaanaan booda

namuu eebbaan gara

mana isaatti akka milkiin

deebi`e beekameera.

MOA

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!