09.05.2014 Views

1 QAJEELFAMA HOJII MARSAA ABO/OLF-net 1. Teknolojii baraatti ...

1 QAJEELFAMA HOJII MARSAA ABO/OLF-net 1. Teknolojii baraatti ...

1 QAJEELFAMA HOJII MARSAA ABO/OLF-net 1. Teknolojii baraatti ...

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

QAJEELFAMA HOJII MARSAA ABO/OLF-net

1. Teknolojii baraatti faaydomuun miseensotni akka yaada waldabarsuu dandayan

hubatamee;

2. Daandii qunnamtii baraa tiin dhimma bahamee, miseensota shaffisaan

walqunnamsiisuun barbaachisaa tahuu isaa hubatamee;

3. Jaallummaa miseensota gidduu cimsuu fi carraan guyya guyyaan yaada wal

jijjiirruu yaadamee;

4. Beekumsa fi dandeettii miseensotaa guddisuu, fi muyxannoo walii qooduuf carraa

guddaa akka kennu itti amanamee;

5. Walqunnamtiin jabaatee yaadi miseensa gidduu naanna'e eerga bilchaatee qaama

ol'aanuuf yaada kaabaa dabarsuun akka danda'amuu fi bu'aan qabsoof kennu/fidu

itti amanamee;

6. Marsaan ABO/OLF-net miseensota isaa qofa tajaajiluuf tolfame.

I. Itti Gaafatama ABO/OLF-net

Qajeelfama fi caasaa dhaabaa irratti hundaawuun, Marsaan ABO/OLF-net Koree mataa

isaa tiin geggeeffama. Dirqami koree tanaa:

1. Hojii ABO-net qindeessuu, tohachuu fi qajeelchuu.

2. Naamusa ykn tartiiba eegsisu.

3. Yeroo dhaa yerootti marsaa kana ilaalchise qajeelfama barbaachisu kennuu.

4. Yaada irratti mari'atamu akka barbaachisetti dhiheessu fi/ykn akka miseensotiin

dhiheessan kakaasu. fi

5. Yaada kennamu cuunfu dhaan akka barbaachisaa tahetti caasaa eeguun qaama

dubbiin ilaaltutti dabarsuu.

II.

Akeeka Marsaa ABO/OLF-net

1. Miseensotiin imaammata fi toftaa dhaabni yeroo dhaa yerootti hordofu irratti akka

yaada wal geeddaran taasisu.

2. Ergaa dhaabaa, odeessii hatattamaa fi kan hatattamaa hin tahin akkaataa caasaa

hin faalesine tokkoon miseensota qofaaf saffisaan dhaqqabsiisuu.

3. Wal qunnamtii miseensota gidduu wayyeessuu, fi akka guyya guyyaan yaada wal

jijjiirratan dandeessisuu.

4. Miseensoti muyxannoo akka wal geeddaru dandayan waltajjii tokko uumuu.

5. Afaan Oromoo guddisuuf, miseensota ittiin barreessuu, shaakalsiisuu fi daandii

qunnamtii shaffisiisuu.

III.

Miseensummaa

1. Miseensoti ABO hundi miseensota Marsaa ABO/OLF-net tahuu dandayu.

2. Miseensummaan ABO/OLF-net akka barbaachisetti karaa caasaa ABO kan dhimmi

ilaalu fi Koree ABO/OLF-net tiin qindaawee bakka gaha.

3. Miseensummaan akka namtokkeettis ta'e akka konyatti tahu ni dandayu.

1

4. Miseensi dhaabaa tokko yammuu miseesummaa ABO/OLF-net keessaa qooda

fudhachuuf hayyama gaafatu ykn qaadhimamu dursee konyaa isaa/ii ti himame;

karaa kutatti dabruun qorannaa barbaachisuun booda karaa marsatti dabarfamuun

miseensummaan ragga'a.

5. Miseensi Konyaa isaa keessatti adabni (rarraasu ykn mulquu) itti fudhatame

yeruma sana karaa Konyaan ykn Kutaan beeysifame tarkaanfiin fakkaataan itti

fudhatama. Kana jachuu, yoo miseensi tokko ji’a sadiif kan miseensummaan isaa

rarra’e tahe, marsaa irraahiis yeroo hamma saniif uggurama.

IV.

Qunnamtti

1. Qunnamtiin Marsaa ABO/OLF-net Afaan Oromoo tiin ta'a.

2. Maxxansaan ykn odeesiin afaan Inglizii tiin bahe yoo miseensotaaf bu'aa qabaate,

afaan Ingliziin dhiheefamu ykn maxxanfamu ni dandayama. Bakka dandayametti

garuu afaan Oromoo ti hiikkame dhiheeffama.

3. Yeroo ykn si'a tokkootti yaadni takko ykn isaan ol adeemuu dandaya.

4. Miseensi tokko yaada tokko ykn isaa ol kennachuu dandaha.

5. Miseensi ABO/OLF-net hundi e-mail mataa ofii kan namni biroo dhimma itti bahuu

hin dandeenye ykn keessa seene dubbisu hin dandeenye qabaachu qaba.

6. Qunnamtiin ABO-net keessatti miseensotiin qaban qunnamtii caasaa jaarmaa

bakka hin bu'u ykn caasaan dhaabaa gutumatti eegamaa taha.

V. Naamusa

1. Iccitiin ABO-net tiksee dhaabni ittiin geggeeffamuun taha.

2. Seerri fi Kaayyoon naamusa dhaabichaa gutuu dhatti hujjirra ola.

3. Namni qeeqa fi quurrama miseensaafis tahe, hogganaf qabu karaa caasaa dhaan

dhiheefachu malee marsaatti dhimma bahuu hin danda'u.

4. Walii galteen yoo dhibe ykn hin argamne sirnaa ala bahani maqaa wal dhahuun

ykn wal hadheessuun hin dandayamu ykn hin tahu.

5. Yaada waljijjirraa irratti hafuura jaallummaa fi sirni eegamu qaba.

6. Yaanni/marii ABO/OLF-net irratti maxxnfamu ykn daddarbaa jiru, miseensa ABO

ala baasuun dhoorgaa dha.

7. Marsaa ABO/OLF-net ala humni biraa marii godhamu hundas ta'e garii hordofuun

akka malu hubachuun, of eeggannoo barbaachisu gochuun dirqama.

VI.

Qooda Fudhannaa

1. Miseensi yaada irratti haasawamu dhiheessuun, murtii qabu lafa kaayuu dhan

jalqaba.

2. Yaanni dhiheeffamu guutuu, ifaa fi hanga danda'ame bilchaataa tahuu feesisa.

3. Yaanni dhihaatu dheerinaan kan dubbachiisu ykn mari'achiisu yo tahe

geggeessaan yaada saniif tolchama (gageessaan yaadaa ykn buleen abbaa yaada

dhiheesse ykn rammadii koreen taha).

4. Miseemsi yaada kennatu ergaa takka keessatti yaada takka kennata ykn

geggeessaan qajeelchuuf mirga qaba.

2

5. Yaanni tokko ol yeroo tokkotti miseensa tokkoon ykn oliin dhalaayee deemuu

dandaya; akka barbaachiseetti geggeessaan ramadamaaf.

6. Yaanni dhalaawe hundi bilchaate/gabbatee yoo barbaachisaa tahe bifa

dhaamsaatti qophaahe bakka dubbiin ilaalutti darba.

VII.

Adaba

Miseensi naamusa ABO/OLF-net cabsee argame:

1. Yeroo duraatiif kophatti ykn marsaa irratti hubachiifni/diniinni kennamaaf.

2. Itti deebinaan miseensonni ABO/OLF-net hundi akka baranitti kennamaaf.

3. Sadaffaatti ABO/OLF-net keessaa baafame/arihamuun koree kutaa isaatti

gabaafama.

VIII.

Wayyeessa

Qajeelfama kana moyxannoo horatame irraatti hundaahee, koreen ABO/OLF-net ykn

qaamni dhaabaa (kan dubbiin ilaaltu) akkaa fi yeroo barbaachiseetti wayyeessuu, itti

dabalu, fi bakka hin barbaachifne keessaa baasu/kutuu danda'a.

INJIFANNOO UMMATA OROMOOF!

3

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!