28.01.2015 Views

Oromo - AFAAN OROMOO - Options Sexual Health Association

Oromo - AFAAN OROMOO - Options Sexual Health Association

Oromo - AFAAN OROMOO - Options Sexual Health Association

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Wal-lagachuu/Of-qusachuu

Maalidha Inni

Wal-lagachuu jechuun nama adda addaatiif waan adda addaa jechuun ni danda'ama.

Namoonni gariin wal-lagachuun akka quunnamtiin saalaa ykn fedhiin foonii tokkoyyu

walumaagala hin jirreetti hiiku (Kunis quunnamtii saalaa karaa udduu, afaan, ykn saalaa,

jaalallee ofii harkaan qaqqabuu, uffata jaalallee ofii jalaan tuttuquu, seeggaa fi seeggaa

waloo dabalata)

Namoota kanneen biroodhaaf Wal-laguun quunnamtii saalaa karaa afaanii ykn saalaan

gochuu dhiisuu ta'uu ni mala,garuu raawwii fedhii foonii biroo hedduu hammachuu tarii

kan maludha.

Namni kamiyyu quunnamtii saalaatiif hiika adda addaa waan qabuuf kunis hiika inni

wal-laguu irratti qabaatu keessatti ni calaqqisa. Yoo wal-laguu raawwachuu barbaadda

ta'e akka itti wal-laguu hiikkattu jaalallee keetti himiitii akka isaanis itti hiikkatan

gaafadhu. Kunis akka isin daangaa namummaa walii itti waliif eegdan beektan isin

gargaaruu ni mala.

Akkamiin Hojjeta

o Amansiisummaan wal-laguus hiikkoo kee irratti hundaa'a.

o Haala ati itti wal-laguu hiikkattuu fi itti raawwattu irratti hundaa'uudhaan tarii

dhukkuboota quunnamtii saalaan daddarboo gariidhaaf saaxilamuu ni malta.

o Dhukkuboonni quunnamtii saalaan daddarboon gariin quunnamtii qixxaa gogaa

qaama nama dhibichaan qabameetiin darbuu ni danda'u.

o Daangaa walii ifatti beekanii walitti dhihaachuun quunnamtii saalaa namatti hin

tollee fi kan itti hin qophaa'amiin akka hin raawwanne tarii hambisuuf gargaaruu

ni mala.

Hagam Amansiisaadha

o Akka mala to'annoo da'umsaatti wal-laguun %100 amansiisaa dha yoo

kormoomsaan saala dhalaa ykn naannoo qarqara isaatti hin seenne.

o Yoo hiikkoon wal-laguu raawwii quunnamtii saalaa qaama hormaataa dubartii fi

udduu ala kanneen jiran dabalate amansiisummaan isaa hanga %83tti gadi

xiqqaachuu ni danda'a.

Bu'aalee Isaa

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

o Ulfa tasaa fi dhukkuboota daddarboo quunnamtii saalaa irraa tarii nama ittisuu ni

mala.

o Gatii homaa nama hin kafalchiisu.

o Yaada ykn amantaa dhuunfaa kee calaqqisiisuu ni mala.

o Waa'ee daangaa walii akka haasoftu ni si jajjabeessa.

Miidhaa Isaa

o Yoo tarii keessumaa dhiibbaa fedhii quunnamtii saalaa raawwachuu qabaatteef

obsuun rakkisaa ta'uu ni mala.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Harma Hoosisuu(LAM)

Maalidha Inni

Harma hoosisuun marraa ulfaa'uu (ilmee godhachuu) tursiisuudhaan ulfa ittisuu ni mala.

Toftaan kuni Mala Harma Hoosisuun Adafii Ittisan, ykn "Lactational Amenorrhea

Method (LAM)", jedhama. Toftaan harma hoosisuu (LAM) kuni dhukkuboota

quunnamtii saalaan daddarban irraa nama hin ittisu.

Akkamittan Fayyadama

Haalota armaan gadii irratti hundaa'uudhaan baatiiwwan ja'an jalqabaa yeroo da'umsaan

booda jiran keessa dhimma itti bahuun ni danada'ama:

o Yoo adafiin (daraaraan ji'aa) kee deebiyee si hin jalqabne ta'e.

o Harma hoosifta ykn aannan kennita (sa'aa afur caalaa addaan fagachuu hinqabu).

o Nyaanni ykn dhugaatiin aannan harmaan ala daa'imaaf kennamu hin jiraatu.

Hagam Amansiisaa dha

Toftaan Harma Hoosisuu hanga %98 amansiisaa ta'uu ni danda'a da'umsaan booda

wayitii baatiiwwan ja'an jalqabaa keessa haalonni armaan olii hanga guutamanitti.

Bu'aalee Isaa

o Harma hoosisuun fayyaa daa'imaaf bu'a-qabeessa dha.

o Harma hoosisuun waan tolaa fi kan miidhaa tokkollee hin qabne dha.

Miidhaalee

o Da'umsaan booda baatii ja'a qofaaf dhimma itti bahamuun kan danda'amuu fi

haalota adda addaa ilaaluun kan barbaachisu ta'a.Yoo haalli tokko tarii jijjiirame

toftaan to'annoo da'umsaa dhibiinis ni barbaachisa.

Toftaa Harma Hoosisuu (LAM) irratti odeeffannoo dabalataatiif kan LAM irra jiru

odeeffannoo 'Capital Health' ilaali.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Erbee Ittisa Da'umsaa

Maalidha Inni

Erbee haphii roga-arfee ittisa da'umsaa (toftaa qorsaa) kan gogaa qaamaa irratti

uffisamudhaan ulfaa'uu dhorkudha.Erbeen ittisa da'umsaa dhukkuboota saalaan

daddarboo irraa nama hin eegu.

Akkamiin Hojjetaa

o Erbeen kuni akka killeen hin uumamne dhaaba.Yoo killeen hin jiraanne carraan

ulfaa'uus hin jiraatu.

o

Erbeen kuni akkasumas kallee gadameessaa ni jijjiira. Yoo kalleen gadameessaa

haphate killeen ennaa dho'ullee horoomuuu hin danda'u.

o Ancufa (furrii) naannoo funyaan duubbee saala dhalaa furdisuudhaan

kormoomsaatti ittisa uuma.

Akkamittan Dhimma Itti Bahaa

o Erbeen kuni udduu, irree isa alaa gara olii, ykn ceekuu is olii irratti uffifamuu ni

danda'a.

o Erbee tokko (1) torban tokkoof (1) uffatta yeroowwan torbanoota sadiidhaaf (3).

o Torban isa afureffaatti (4ffaa) erbicha hin uffattu.

o Yeroo torban isa afureffaa (4ffaa) sanatti adafiin (daraaraan ji'aa) kee sitti dhufa

(otoo erbee hin qabaatiin).

o Torban isa erbee malee turteen booda hidhaa haaraa (new package) isaa eegalta.

Hagam Amansiisaa dhaa Erbeen ittisa da'umsaa kuni yerooma godhattu dalagaa isaa

eegala miti. Haga baatii tokkoo fudhachuu ni mala hojjechuu eegaluuf. Erbeen ittisa

da'umsaa kuni % 92- 99.7 amansiisaa dha.

Bu'aalee

o Torban keessatti ala tokko qofa yaadattee jijjiirrachuu qabda erbicha.

o Baayyeetti amansiisaa dha yoo sirnaan dhimma itti bahame.

o Yeroo feetetti tajaajila isaa of irraa dhaabuudhaan ulfaa'uu ni dandeessa.

o Waraansa gadameessaa fi dhiiguu hir'isuu fi adafii (daraaraa ji'aa) kee tarii

sirreessuu ni mala.

o Quunnamtii saalaa hin jeequ.

Miidhaalee

o Erbeen bifa tokko qofaan dhufa akkasumas haala gogaa hundas namaaf hin simu.

o Erbeen kuni dubartoota ulfina qaamaa kg 90 (190 lb) oli qabaniif

amansiisummaan isaa xiqqaa ta'uu ni mala.

o Ajaja ogeessa fayyaa ni barbaachisa.

o Haqqisa, diddiga, mataa dhukkubbii, itita dhiigaa fi hir'ina fedhii quunnamtii

saalaa tarii namatti fiduu ni mala.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Erbee Ittisa Da'umsaatti dhimma bahuun hayyamamuu dhiisuu ni mala tarii yoo

ati:

o Umurii waggaa 35 fi nama tamboo xuuxxu taate.

o Seenaa dhibee dhukkuba sukkaaraa yeroo ulfaa qabaatte.

o Dhukkuba armaa ykn seenaa dhibee kaansera armaa qabaatte.

o Dhibee tiruu qabaatte

o Seenaa dhibee gadi fagoo rakkoo hidda dhiigaa qabaatte.

o Rakkoo ol'aanaa dhiibbaa dhiigaa qabaatte.

Gatii Hagam baasaa

Erbeen ittisa da'umsaa baatiitti naannoo qarshii $10-$12 ni ta'a bakka ati irraa argattu

irratti hundaa'uudhaa. Karoorri Tajaajiloota fayyaa sagantaa dheeraan hammataman

baayyeen yoo xinnaate baasii haga ta'e namaaf ni cufu.

Eessaan Argachuu Danda'aa

o Ajajani Doktera fayyaa irraa ni barbaachisa erbee ittisa da'umsaa kanaaf.

o Doktorri eenyuyyu erbee ittisa da'umsaa kana ajajuu ni danda'a (kilinikoonni

maqii, doktorri maatii, ogeessi gadameessaa).

o Odeeffannoo dabalataadhaaf qaama tajaajila eegumsa fayyaa siif kennu waliin

haasa'i ykn Wiirtuu To'annoo Da'umsaa quunnami.

Edmenten keessatti Wiirtuun To'annoo Da'umsaa ykn Birth Control Centre mala to'annoo

da'umsaa hedduu irratti hir'isa gatii ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Kiniina To'annoo Ulfa Tasaa (KTUT)

Maalidha Inni

Kiniinni to'annoo ulfa tasaa mala hatattamaa to'annoo da'umsaa quunnamtii saalaa

eeggannoo malee ta'een (kondemiin yoo tarsa'u, toftaa tokkotti illee yoo dhimma hin

baane, kiniinni yoo dagatame fi kkf) booda hanga guyyaa shaniitti (5) kan ulfa ittisuuf

dhimma itti bahamuu malu dha. Kiniinni kuni waraqaa ajajaatiin ykn ajaja malee

dukkaana dawaatii ni argama. Kiniinichis dhukkuboota quunnamtii saalaan daddarban

irraa nama hin ittisu.

Akkamiin Hojjeta

Toftaan kuni marsaa wayitii adafii kee irratti hundaa'uudhaan karaa sadii keessaa daandii

tokkoon ni hojjeta:

o Kiniinichi (KTUT) uumamuu killee tursuu ni mala yoo killeen hin gadhiifamiin

jira ta'eef. Yoo killeen hin jiraanne carraan ulfaa'uus hin jiraatu.

o KTUT biqila killee ittisuu ni mala (yeroo killee fi kormoomsaan wal-argatu)

furrii funyaan saala dhalaa furdisuudhaan.

o KTUT qola gadameessaa haphisuudhaan akka killeen dho'e hin guddanne

dhorkuus ni mala.

KTUT kiniina ulfa baasu miti. Yoo takkaa ulfi garaatti si hafeera ta'e kiniinni kuni ulfa

kana hin hubu (hin ajjeesu).

Akkamittan Fayyadamaa

Ayinaan KTUT beekamaan kiniina lama (2) (ajaja malee kana argamu) qaba.

o Kiniina tokko hanga danda'ametti dafii fudhadhuutii isa lammaffaa ammoo sa'aa

12 booda fudhadhu.

o Kiniina lameenuu yeruma takkatti fudhadhu.

KTUT inni gosa biraa kiniina afur (4) qaba (ajaja barbaachisa).

o Dawaa farra garaa-hammeessaa fudhachuun tarii si barbaachisuu ni mala yeroo

KTUT fudhattu.

o Yoo KTUT fudhattee sa'aa tokko isa jalqabaa keessatti haqqisteef KTUT biraa

fudhachuun sitti jira.

Hagam Amansiisaa dha

Amansiisummaan KTUT Kan inni irratti hundaa'u:

o Yeroo hagam keessatti quunnamtii saalaan booda haala ati fudhattu

o Marsaa wayitii adafii kee keessatti bakka ati irra jirtu

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

o KTUT gosa kamii akka ati filattu.

Dafamee KTUTn yoo fudhatame daran amansiisaa taasisa.

Yoo qajeelfama isaa sirnaan hordofteef KTUT hedduun isaa itti dhiheenyaan:

o %95 amansiisaa dha sa'aa 24 keessatti.

o %85 amansiisaa dha sa'aa 25 - 40 keessatti.

o %58 amansiisaa dha sa'aa 49 - 120 jidduutti.

Bu'aalee Isaa

o Ittisa ulfa tasaa ni kenna.

o Waraqaa ajaja ogeessaa hin barbaachisu.

o Hanga guyyaa shaniitti (5) dhimma itti bahamuun ni danda'ama quunnmatii

saalaa eeggannoo hin qabneen booda.

Miidhaalee Isaa

o Argachuudhaaf rakkisaa ta'uu ni mala bakka ati jiraattu irratti hundaa'uudhaan.

o Gatiin isaa qaalii ta'uu ni mala bakka ati irraa argatti irratti hundaa'uudhaan.

o Dafamee fudhachuu barbaachisa hanga danda'ametti.

o Qaamni mudaa isaa gariin kanneen hammachuu ni mala:bututa, juurta'uu/joonjii,

bowwuu mataa, harma-jabeenya, dhiiguu, garaa-hammeessaa, diddiga/haqqisa.

Adafii KTUTn boodaa

o Adafiin kee inni itti aanu tarii dafee ykn turee dhufuu ni mala akkasumas

salphachuu ykn ulfaachuus ni mala.

o Yoo adafiin/daraaraan ji'aa kee torban sadii (3) hanga afurii (4) keessatti sitti

dhufuu hin eegaliin ulfaa'uu fi dhiisuu kee ilaalchisuudhaan nama tajaajila

eegumsa fayyaa kennu waliin haasa'i.

Gatii hagam baasaa

o Gatiin isaa $5 - $70 deemuu ni danda'a bakka irraa argattu irratti

hundaa'uudhaan.

o Manni Qorichaa gariin gatii gorsaa ni kafalchiisu.

o Odeeffannoo dabalataa fi KTUT gatii xiqqaa argachuutiif Wiirtuu To'annoo

Da'umsaa ykn Jiddu-gala Dhukkuba Quunnamtii Saalaan Daddarboo dubbisi.

o Karoorri gargaarsa ajaajila yeroo dheeraa hedduun isaa yoo xinnaate gatii gartokko

namaaf ni cufa.

KTUT Eessaan Argadhaa

KTUT manneen qorichaa, Wiirtuu To'annoo Da'umsaa, ykn Jiddu-gala Dhukkuba

Quunnamtii Saalaan Daddarboo, 'STD Centre'. hedduu keessatti argachuu ni dandeessa

Abbaa tajaajila eegumsa fayyaa siif kennutti haasa'i odeeffannoo dabalataatiif.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Edementen keessatti Wiirtuun To'annoo Da'umsaa ykn 'Birth Control Centre' toftaalee

to'annoo da'umsaa hedduu irratti hir'isa gatii ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Mala Hubannoo Ulfaa

Maalidha Inni

Tartiiba mallattoolee da'umsaa guyyuu guyyuu irratti hundaa'ee waan qabateef marraa

dabaree itti ulfi uumamu beekuun barbaachisaa dha.Toftaan hubannoo ulfaa dhukkuboota

quunnamtii saalaan daddarban irraa nama hin eegu.

Akkamiin Hojjeta

Mala hubannoo ulfaa ilaalchisee adeemsa sadiiti (3) jira:

1. Adeemsa Mallattoo Ho'ina Qaamaa: Bifaa fi qabiyyee furrii funyaan saala dhalaa

ilaaluudhaan, itti dabaluudhaanis ganama ganama hirriba irraa wayitii ka'amu

yeroo hundumaa ho'ina qaamaa meeshaa madaaltuu ho'inaatiin fuudhanii

ilaaludha.

2. Adeemsa Haala Furrii: haala furrii funyaan saala dhalaa ilaaluu.

3. Toftaa Lakkoofsa waytii: Naannoo yeroo killeen uumamutti quunnamtii saalaa

raawwachuu dhiisuu.

Toftaan hubannoo ulfaa kuni ulfaa'uu karoorfachuuf ykn ammoo dhiisuuf gargaaruu ni

danda'a.Toftaan kuni itti dhimmuu ykn guyyuu-guyyuun to'achuu feesisa.Ulfa

ittisuudhaaf yoo toftaa wal-laguu fayyadamta ta'e atii fi jaalalleen kee wal-lagachuu

qabdu ykn ammoo toftaa ittisaa kan akka kondamii (dhiirra ykn dhalaa) guyyoota killeen

jirutti fayyadamaa.

Dubartiin marsaa wayitii adafii ishee tarreeffachuu qabdi yoo xiqqaate baatii ja'aaf (6)

otoo toftaa wal-laguutti dhimma hin bahiin dura.

Yoo toftaa kanatti dhimma bahuu kan yaadde ta'e leenjiin addaa barbaachisaa dha.

Bu'aalee

o Gatiin isaa qaalii kan hin ta'iinii fi abasaa kan hin qabne dha.

o Malli hubannoo ulfaa jaalalleen lamaan kaka'umsa qabaachuu fi waa'ee ulfaa

barachuu barbaachisa.

o Dammaqinsa qaama keetiis ni dabala akkasumas hariiroo haasaa jaalallee lamaan

jidduu jirus ni dabala.

Miidhaalee

o Hordoffii dhaabbataa fi yaadannoo qabachuu barbaachisa.

o Jeequmsa qaamaa, kan akka ho'ina qaamaa, gammachuu dhabuu, ykn ammoo

tajaajilli fayyaas sirna qaamaa jijjiiruu ni mala akkasumas adeemsa tartiiba qophii

killees ni jijjiira.

o Jaalalleen lameenuu wal-lagachuu qabu ykn mala birootti dhimma bahuu qabu.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Waa'ee mala hubannoo da'umsaa daran barachuudhaaf ogeessa gorsaa jaarmiyaa

Oopshinsi(Options) jedhamuu quunnami, ykn dhaabata Jestisee Hojii fayyaa

Dubartootaaf, "Justisse Helthworks for Women", jedhamu gaafadhu.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Meeshaa Keessa-Gadameessaa (IUD)

Maalidha Inni

Meeshaa mala to'annoo da'umsaa fakkii-T qabuu fi kan fakkiin isaa kunis irra jireessi

albuuda diimaan (koopperaan) marame dha. Meeshaan kunis doktoraan gadameessatti

kan suuqamu dha. Meeshaan keessa-gadameessaa (IUD) dhukkuboota quunnamtii

saalaan daddarban irraa nama hin ittisu.

Akkamiin Hojjeta

o Albuudni diimaan meeshaa kana irra jirus qabiyyee hojii gadameessaa waan

jijjiiruuf ulfi uumamuu hin danda'u.

Akkamittan dhimma itti baha

o Doktora kee bira deemuu qabda meeshaa kana (IUD) gadameessatti suuqqachuu

fi keessaa baasuudhaaf.

o Doktoroonni maatii gariin meeshaa keessa-gadameessaa kana suuquu kan

danda'an yoo ta'an, kanneen biroo ammoo gara doktora dhibiitti si ergu.

o Gosa meeshaa keessa-gadameessaa irratti hundaa'uudhaan waggaa tokko (1) irraa

hanga waggaa kudhaniitti (10) bakka suuqame turuu ni danda'a. Doktora kee

gaafadhu yoom akka meeshaa kana baastee kabiraan bakka buufachuu qabdu.

o Yaada gaariidha yeroo hunda baatii baatiitti meeshaan keessa-gadameessaa kuni

bakka isaa jiraachuu karaa saala dhalaa wadaroo meeshichaa funyaan saalaan

alatti rarra'ee jiru ilaaluudhaan.

Hagam Amansiisaa dha

Meeshaan kuni (IUD) %99.2-99.4 amansiisaa dha.

Bu'aalee Isaa

o Baayyeetti amansiisaa dha.

o Takkaa yoo bakkatti suuqame waggaa hedduuf si gargaara.

o Alatti bahee hin mul'atu (namoota kaanitti hin argamu, namni kamiyyu dubartiin

dhimma itti bahaa jiraachuu ishee himuu hin danda'u).

o Quunnamtii saalaas hin jeequ.

o Filmaata gaarii dha dubartoota toftaa dawaatti dhimma bahuu hin dandeenyeef.

o Yeroo fedhetti baasuudhaan da'uun (ulfaa'uun) ni danda'ama.

o Akka mala to'annoo ulfaa hatattamaatti fayyaduu ni danda'a quunnamtii saalaa

ittisa malee raawwatameen booda hanga guyyaa torbaatti.

Miidhaalee Isaa

o Waraqaan ajaja ogeessaa barbaachisa.

o Doktora qofati meeshaa kana suuquu fi baasuu danda'a (beellama argachuudhaaf

eeggachuun si barbaachisuu ni mala).

o Yaaddoo dhibee/dhukkuba lafee udduu dabaluu ni mala. Haala balaa isaa

doktora kee irraa hubadhu.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

o Waraansaa fi gurgurtoon sitti dhaga'amuu ni mala edda suuqqatteen booda.

o Dhiiga hedduu fi gurgurtoo qabaachuu ni malta waytii adafii kee.

o Gadameessi kee meeshaa kana (IUD) deebisee tufuu (baasuu) maluun isaa

keessumaa waggaa duraatti waanuma danda'amu dha.

Gatii hagam Baasa

Meeshaan kuni (IUDn) yeroo hedduu bakka ati irraa argattu irratti hundaa'ee naannoo

$60 hanga $ 120 ni ta'a. Karoorri gargaarsa tajaajila eegumsa fayyaa wayitii dheeraa

hedduuun isaa yoo xinnaate gar-tokkee gatii meeshichaa ni cufa.

Eessattan Argachuu Danda'a

o Waraqaan ajaja ageessaa barbaachisaa dha.

o Doktora akka itti suuqaan beeku bira deemuu si barbaachisa. Doktoroonni maatii

gariin hojjechuu ni danda'u, yoo ta'uu dides ogeessa addaatti si dabrsu.

o Odeeffannoo dabalataaf Wiirtuu To'annoo Da'umsaa quunnamaa.

Edmenten keessatti Wiirtuun To'annoo Da'umsaa ykn 'Birth Control Centre' mala

to'annoo da'umsaa hedduu irratti hir'isa gatii ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Kondemii Dhiiraa

Maalidha Inni

Kondemoonni ittisa pilaastika haphii (polyurethane) kan ulfaa fi dhukkuboota saalaa

daddarboo HIV dabalatee dhorkuudhaaf fayyadani dha. Kondemoonni gogaa Oolaa irraa

tolfaman dhukkuboota saalaa daddarboo kanneen akka HIV kan hin nama irraa hin

dhorkinee fi ulfa illee ittisuudhaaf amansiisummaan isaaniis kondemoota pilaastika irraa

tolfamaniin gadi dha.

Akkamiin Hojjeta

Kondemiin dhiiraa saala dhiiraa isa jabaatee dhaabbatetti (dhagoogetti) kaa'amee,

kormoomsaan akka qaama nama dhibiitti hin seenne ittisuudhaan dhimma baasa.

Kormoomsaan yoo hin jiraatiin carraan ulfaa'uu hin jiraatu. Quunnamtii saalaa qaama

hormaataa, kan afaanii fi udduutiif dhimma itti bahuun ni danda'ama.

Akamiinan Dhimma Itti Baha

1. Otoo kondemii hin saaqiin dura guyyaa xumura tajaajila isaa ilaalii.Guyyaan

xumura tajaajila isaa dugda qola kondemii irratti argama. Kondemii guyyaan

tajaajila isaa darbetti tasumaa dhimma hin bahiin.

2. Qolli isaa citaa akka hin ta'iin mirkaneessuuf ilaali. Kondemii keessa qilleensi

jiraachuu qaba.

3. Eeggannoodhaan duudaa isaa saaqi (qubeelaan, mismaarri, fi ilkaan baqaqsuu

waan maluuf). Kondemichi baqaqaaa, xuraa'aa, goggogaa ykn haphee yoo

ta'e, isa gataatii kabiraa fayyadamaa.

4. Iinchii tokkoof kondemicha gadi mari sirriitti taa'uu isaa mirkaneeffachuuf.

Yoo kondemichi karaa sirrii hin taane kaa'ame ta'e isa gatiitii haaraatti

dhimma bahi.

5. Mataa kondemii sunxuuxii qabi(kunis bakki buufata kormoomsaaf hafe

jiraachuu isaa mirkaneessuuidha) ennaa kondemicha maraa isa gadi hiiktu.

6. Kormoomsaan akkuma bu'een booda saala dhiiraa gadi baasiitii akka

kondemiinn irraa hin baanetti haga jalaatti walitti qabi.

7. Kondemii irraa baasiitii kosii keessatti gadi gati.

Kondemoonni bakka qilleensa ho'aa, gogaa, fi bakka dukkanaa waan isaan huruu

(qaawwessu) malu irraa bilisa ta'e kuusamuu qabu.

Tasuma kondemii dhiiraa lama ykn kondemii dhiiraa fi dubartii wal-duukaa

dhimma itti hin bahiin yeroo wal-rigu tarsa'uu waan maluuf.

Dibata bishaaniin qallate ykn "silicon based" ta'e fayyadamuun ni dandeessa,

garuu dibatoota saliixa ( zayita) qaban kan akka cululuqsaa harkaa, cuunfaa

peetirooliyemaa, saliixa daa'immanitti dhimma hin bahiin kondemii waan

caccabsaniif.

Hagam Amansiisaa dha

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Kondemoonni %85-98 amansiisoodha. Akka armaan oklitti ibsametti yoo dhimma itti

bahame caalaatti amansiisoo ta'uu ni danda'u.

Bu'aalee

o Salphaatti kan argamani dha.

o Cophsaa dibata makaa bishaanii tokko fiixee kondemii keessatti cophsuudhaan

mijaa'inni daran dabaluu ni danda'a.

o Kondemoonni gammachiisoo, mijatoo (urgaa'oo, faayamoo, jaboo).

o Dhukkuboota saalaan daddarbanii fi ulfa irraa nama ittisu.

o Toftaa qaalii miti.

Miidhaawwan

o Kondemoonni tarsa'u ykn mucucaachuu ni danda'u.

o Namoonni gariin xafaa laastikaa qabaachuu ni malu.

o Kondemoonni "Polyurethane" irraa tolfaman namoota xafaa laasikaa qabaniif

gaarii dha daran qaalii dha malee.

o Kondemoonni sasalphoo (qoosaa) kan dukkaalee xixiqqaa ykn maashina keessa

bitamuu danda'an ni jiru. Kondemoonni kanneen kuni ulfaa fi dhukkuboota

saalaan daddarboo irraa nama hin ittisani.

Gatii hagam baasuu

Kondemoonni walumaagaltti matayyaan $1 gaditti dha. Bakkootiin baayyeen kondemii

tola namaaf kennu.

Eessattan Argachuu Danda'a

Kondemoonni dukkaalee girooseraa, faarmaasii, fi dukkaalee xixiqqaa keessatti

gurguraaf gabaa irratti ni argamu.

Kondemoonni wiirtuulee tajaajila fayyaa hawaasaa, wiirtuu buufata dargaggoo fi

jaarmiyaalee tajaajila fayyaa saalaa kan akka OPTIONS Sexual Health Association, STD

Centre, HIV Edmonton fi Wiirtuu To'annoo Dhalaatti tola ni argamu.

Edimenten keessatti Wiirtuun To'annoo Dhalaa ykn Birth Control Centre toftaalee

to'annoo dhalaa irratti gatii hir'isee ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Ispoonjii

Maalidha Innii

Ispoonjiin mala ittisa dhalaa kan dhimma itti bahamee gatamu ispoonjii lallaafaa

ispeermiisaayidiin guutame dha. Ispoonjiin kuni saala dhalaatti suuqamee funyaan saalaa

golguudhaan kormoomsaa ittisuufidha. Quunnamtii saalaa otoo hin godhiin dura

ispoonjiin saala dhalaatti suuqama. Ispoonjiin dhukkuboota quunnamtii saalaan

daddarboo irraa ittisa kamiyyu namaaf hin kennu.

Akkamiin Hojjetaa

o Ispoonjiin funyaan duubbee saala dhalaa golgee daandii gadameessatti seensisu

cufuudhaan akka kormoomsaan killee hin arganne godha.

o Ispeermiisaayidoonni ispoonjii keessatti kormoomsaa ajjeesuudhaan hojii isaa

hojjeta.

o Kormoomsaan yoo killee hin arganne carraan ulfaa'uu hin jiraatu.

Akkamittan Dhimma Itti Bahaa

Ispoonjiin quunnamtii saalaan duratti saala dhalaa kessaa suuqama. Ispoonjiin kunis

funyaan duubbee saala dhalaa aguuga.

Keessa Kaa'uuf:

1. Harka kee dhiqadhu.

2. Gadi taa'uun ykn quxuuxxachuun ujummoo saala dhalaa qallisee ispoonjii sirnaan

kaa'uuf haala namaaf salphisa.

3. Harka tokkoon hidhii saala dhalaa garaa gara qabi itti suuqqachuun akka siif

salphatuuf.

4. Ispoonjii saala dhalaatti suuqi qixxa funyaan duubbee saalaatiin oli dhaabiitii.

5. Amansiisaa ta'uudhaaf quunnamtii saalaan booda ispoonjiin sa'aa 8 kaa'amee

turuu qaba.

6. Akka teessee ykn quxuuxxattee jirtutti quba kee saalatti suuqiitii ispoonjii baasii

ispoonjii kaa'uunis haaluma sitti dhaga'amuun.

Ispoonjiin aluma takkaa qofaaf tajaajila.

Hagam Amansiisaa dha

Ispoonjiin %68-91 amansiisaa dha.The sponge is less effective for women who have

been pregnant. Ispoonjiin dubartii ulfoofteef baayyee amansiisaa miti.

Bu’aalee

o Ajaja ogeessaa hin barbaachisu.

o Dura suuqamuu ni danada’a akka quunnamtii saalaa hin jeeqneef

o Toftaa xannachaa birattis filmaata biraa dha

o Borsaa kee keessatti baadhachuu ni dandeessa

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Miidhaalee

o Ispoonjiin sa’aa 24 oli yoo keessa ture summii uumuudhaan dhibee qabaata.

o Namni gariin ispeermiisaayitiitti xafaa qabaachuu ni mala.

o Guyyaatti ala tokkoo oli ispeermiisaayidiitti dhimma bahuun tarii rakkoo carraa

dukkuboota saalaan daddarboo kan akka HIV dabaluu ni mala.

o Dubartoota gariitti rakkoo ta’uu ykn itti toluu dhiisuu ni mala ispoonjii suuqanii

baasuun.

Gatii Hagam Baasaa

Ispoonjiin hidhaan tokko kan abbaa sadii qabatu $12- $15 ni baasa.

Ogeessa eegumsa fayyaa waliin haasa’aa odeeffannoo dabalataa waa’ee ispoonjii dhala

dhorkuutiif.

Eessattan Argadhaa

Ispoonjiin ittisa dhalaa faarmaasii keessaatti ni argama.

Edmenten keessatti Wiirtuun To’annaa Dhalaa ykn Birth Control Centre toftaalee

to’annaa dhalaa hedduu irratti gatii ni hir'isa.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Amartii Saalaa To'annoo Da'umsaa

Maalidha Inni

Amartiin to'annoo da'umsaa (toftaa dawaa) kuni amartii jijijjiiramu kan ulfa ittisuudhaaf

saalaa dubartii keessa kaa'amu dha. Amartiin to'annoo da'umsaa kuni dhukkuboota

quunnamtii saalaan daddarban irraa nama hin ittisu.

Akkamiin Hojjetaa

o Amartichi akka killeen hin uumamne (hin gadhiifamne) dhaaba. Yoo killeen hin

jiraanne carraan ulfaa'uus hin jiraatu.

o Amartiin qola gadameessaa jijjiira. Yoo qolli gadameessaa haphate killeen dho'u

illee hin guddati.

o Furrii naannoo funyaan duubbee saala dubartii jiru furdisuudhaan kormoomsaatti

ittisa uuma.

Akkamiinan Dhimma Itti bahaa

o Amartii saala keetti suuqiitii torban sadiif (3) kaayyadhu, itti fufii torban tokko

ammoo amartii malee turi.

o Yeroo torban isa afureffaa (4ffaa) (Amartii malee jirtu) adafiin kee sitti dhufee

argita.

o Torban isa amartii maleen booda amartii haaraa suuqqadhu.

o Yoo amrtiin yeroo fedhettuu si jalaa mucucaatee bu'e calluma jedhii bishaan

ho'aatti cuuphiitii deebisii suuqqadhu.

Hagam Amnsiisaa dhaa

Amartiin dafee hojjechuu hin eegalu. Hanga baatii tokkoo tarii fudhachuu ni mala hojii

isaa guutummaa guutuutti eegaluudhaaf.Amartiin saalaa to'annoo da'umsaa %92 hanga

%99.7 jidduu amansiisaa dha.

Bu'aalee

o Baayyeetti amansiisaa dha yoo sirnaan dhimma itti bahame.

o Alatti bahee hin mul'atu ( namoota kaanitti hin mul'atu, namni kamiyyu akka

dhalaan dhimma itti baatu himuu hin danda'u)

o Yeroo fedhettu dhimma itti bahuu isaa dhaabdee da'uu (ulfaa'uu) ni dandeessa.

o Miidhaaleen xixiqqaan tokko tokko si mudachuu ni malu toftaalee dawaa kanneen

irra qabiyyee qimamaa gadi aanaa waan qabateef.

o Baatiitti ala tokko amartii jijjiirrachuu qofa yaadachuuti si barbaachisa.

o Waraansa offaa fi dhiiga tarii hir'isuudhaan wayitii adafii kee sirreessuu ni

danda'a.

o Quunnamtii saalaas hin jeequ.

Miidhaalee

o Dubartootni gariin amartii saala isaaniitti suuqqachuun isaanitti hin tolu.

o Waraqaa ajajaa barbaachisa

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

o Tajaajilli fayyaa gariin amarticha amansiisummaa isaa xiqqeessuu ni

mala.Tajaajila fayyaa otoo hin fudhatiin dura gosa isaa dubbisiitii ogeessa dawaa

ykn doktora irraa mirkaneeffadhu.

o Haqqisa, diddiga, mataa bowwuu, kantara dhiigaa fi hir'ina fedhii quunnamtii

saalaa tarii namatti fiduu ni mala.

Amartiin gaarii siif ta'uu dhiisuu ni mala yoo ati:

o Umurii waggaa 35 olii fi nama xamboo xuuxu taate.

o Nama wayitii ulfaa keetti seenaa dhibee shukkaaraa qabu taate.

o Dhukkuba armaa ykn dhibee armaa qabaatte.

o Dhibee Tiruu qabaatte

o Seenaa dhibee hidda dhiigaa gadi fageenyaan qabaatte.

Gatii hagam baasaa

Amartiin yeroo baayyee baatiitti naannoo $10-$40 dha bakka ati irraa argattu irratti

hundaa'ee. Karoorri gargaarsa tajaajila fayyaa kan yeroo dheeraa baayyeen isaa yoo

xinnaate gar-tokkee baasichaa ni siif cufa.

Eessattan argadhaa

o Waraqaan ajajaa doktora biraa ni barbaachisa amartichaaf.

o Doktoriin kamiyyu erbee to'annoo da'umsaa ajajuu ni danda'a ( Kilinika maqii,

doktora maatii, ogeessa gadameessaa).

o Odeeffannoo dabalataadhaaf qaama tajaajila fayyaa siif kennu waliin dubbadhu

ykn Wiirtuu To'annoo Da'umsaa quunnami.

Edmenten keessatti Wiirtuun To'annoo Da'umsaa ykn Birth Control Centre toftaalee

to'annoo da'umsaa baayyee isaanii irratti hir'isa gatii ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Kiniina To'annaa Da'umsaa

Maalidha Innii

Karaa afaanii kan fudhatamu mala to'annoo da'umsaa (toftaa qorsaa) akka hin ulfoofne

dhorkudha. Kiniinonni dha'umsa dhorkan gariin estiroojiinii(estrogen) fi pirojestiinii

(progestin) kan qaban yoo ta'u gariin ammoo pirojestiinii (progestin) qofa

qabaatu.Kiniinni da'umsa dhorku (Pill) dhukkuboota quunnamtii saalaan daddarban irraa

nama hin eegu.

Akkamiin Dalagaa

o

Kiniinni da'umsa dhorku (pill) kuni akka killeen hin uumamne dhaaba.Yoo

killeen hin jiraanne carraan ulfaa'uu hin jiraatu.

o Kiniinni da'umsa ittisu kuni kallee gadameessaas ni jijjiira.Kalleen gadameessaa

yoo haphate killeen kormoomsaa argatullee hin oroomu.

o Ancufa (furrii) naannoo funyaan duubbee saala dhalaa jiru furdisee

kormoomsaatti ittisa uuma.

Akkamiinan Dhimma Itti Bahaa

o Guyyaa raawwii tajaajila isaa qola isaa irra ilaali.

o Kiniina da'umsa dhorku (pill) abbaa tokko karaa afaanii fudhadhu guyyaa

guyyaatti marraa tokko.

o Kiniinni da'umsa dhorku ykn hidhaa (qola) guyyaa 21 ykn ammoo hidhaa guyyaa

28 tiin dhufa.

o Isa qola guyyaa 21n dhufu kiniina abbaa tokko fudhatta guyyaatti hanga cufa isaa

fixxutti.

o Kiniina malee guyyaa torbaan booda hidhaa (package) haaraa isaa eegalta.Yeroo

kiniina hin fudhanne guyyoota 7 sanatti adafii ykn daraaraa ji'aa (period)

qabaachuu qabda.

o Isa qola (hidhaa) guyyaa 28n dhufu kiniina abbaa tokko guyyaa guyyaatti

fudhatta. Kiniinonni 21 warri jalqabaa qabiyyee dawaa (hormone) ni qabu,

kiniinonni 7 kanneen maayii ammoo hinqaban, kunis yeroo ati adafii (daraaraa)

ji'aa qabdu dha. Kunis amala kiniina tokko guyyuu guyyuun fudhachuu akka

barsiifattuuf si gargaara. Hidhaan inni guyyaa 28 kuni akkuma dhumeen hidhaa

(qola) haaraa eegalta.

Hagam Amansiisaa dhaa Inni

Kiniinni da'umsa dhorku kuni battalumaan dafee hojii isaa hin eegalu. Guutummaatti

amansiisaa ta'ee hojii isaa eegaluuf hanga baatii tokkoo fudhachuu ni mala.

Kiniinni da'umsa dhorku kuni %92-99.7 amansiisaa dha.

Bu'aalee:

o Baayyeetti amansiisaa dha yoo sirnaan dhimma itti bahame.

o Quunnamtii saalaa hin jeequ.

o Kiniinonni gariin finniisa hir'suu ni malu.

o Kantaruu fi dhiiguu tarii hir'isuudhaan adafii kee sirreessuu ni mala.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

o Dhibeelee hoffaa fi gadameessaa irraa tarii nama ittisuu ni mala.

o Fudhachuu isaa yeroo kamiyyu dhaabuudhaan ulfooftee da'uu ni dandeessa.

Miidhaalee:

o Ajaja ogeessaa barbaachisa.

o Yeroo wal-fakkaataatti guyyuu guyyuun fudhachuu barbaachisa(dubartootni

gariin guyyuu guyyuun fudhachuu dagachuu ni malu).

o Yaaliin tajaajila fayyaa gariin kiniinicha humna amansiisummaa isaa dhoruu (

hir'isuu) ni malu. Maxxoo (label) isaa dubbisiitii ogeessa qorsaa ykn doktora kee

irraa adda baafadhu osoo hin fudhatiin dura.

o Haqqisa, diddiga, mataa dhukkubbii, kantara dhiigaa fi hir'ina fedhii quunnamtii

saalaa namatti fiduu ni mala.

Kiniinota to'annoo da'umsaa fudhachuun hin hayyamamu ta'a tarii yoo ati:

o Nama umurii waggaa 35 olii fi kan tamboo xuuxxu tate.

o Seenaa dhibee dhukkuba sukkaaraa wayitii ulfaa qabaatte.

o Dhukkuba harmaa ykn seenaa dhibee kaanserii harmaa qabaatte

o Dhibee Tiruu qabaatte.

o Seenaa dhibee hidda dhiigaa qabaatte

o Ol ka'insa dhiibbaa dhiigaa ulfaataa qabaatte

Gatii Hagam Baasaa

Kiniinonni to'annoo da'umsaa yeroo hedduu naannoo qarshii $7 hanga $20 ni ta'u

baatiittii bakka irraa bitanman irratti hundaa'uudhaan. Deggersi karoora tajaajila fayyaa

yeroo dheeraa yoo xinnaate baasii haga ta'e namaaf ni cufa.

Eessaan Argachuu Danda'a

o Ragaan ajajaa kiniinota to'annoo da'umsaatiif Doktora irraa ni barbaachisa.

o Doktoriin kamiyyu kiniinota to'annoo da'umsaa ajajuu ni danda'a ( Kilinikoonni

maqii, Doktorri maatii, Ogeessi Gadameessaa)

o Odeeffannoo dabalataadhaaf kennitoota tajaajila eegumsa fayyaa keetiitti haasa'i

ykn to'annoo da'umsaa quunnami.

Maalti ta'a yoo ani kiniina fudhachuu dhabee

Ogeessa Dawaa kee quunnami ykn Wiirtuu To'annoo Da'umsaatti bilbili.

Edmenten keessatti Wiirtuun To'annoo Da'umsaa ykn 'Birth Control Centre' mala

to'annoo da'umsaa hedduu irratti hir'isa gatii ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

"Maqabbee Saala Dhalaa"

Maalidha Inni

Maqabbeen kuni qadada jijijjiiramaa xiqqaa waan deddeebiyamee dhimma itti

bahamudha. Maqabbeen, dibata dhangala'aa "Spermicidal jelly" jedhamuun guutamee

kormoomsaa ittisuudhaaf qaama hormaataa dhalaatti suuqamuu qaba. Quunnamtii saalaa

otoo hin raawwatiion dura maqabbeen qaama hormaataa dubartiitti suuqamuu qaba.

Maqabbeen kuni dhukkuboota daddarboo quunnamtii saalaa irraa ittisa namaaf hin

kennu.

Akkamiin Hojjeta

o Maqabbeen funyaan saala hormaataa dhalaa aguuguudhaan karaa seensaa

gadameessatti dbarsu waan cufuuf, kormoomsaan killee hin argatu.

o Kormoomsaan killee yoo hin arganne hireen ulfaa'uu hin jiraatu.

o Maqabbeen saala dhalaa kuni dibata "Spermicidal cream or jelly" jedhamu kan

kormoomsaa ajjeesu waliin dhimma itti bahamuu qaba.

Akkamiinan Dhimma Itti Baha

Ajaja sirnaa argattee guddina ykn dheerina maqabbee saalaa kana murteessuudhaaf

Doktora Fayyaa bira deemuu qabda. Doktoriin akka ati dhimma itti baatu si barsiisee

akkasumas akka ati suuqxee baasuu shaakltuufis carraa siif kenna. Kunis sirnaan taa'uu

isaa hubachuuf gargaara.

Keessa Kaa'uu/Suuquudhaaf

7. Harka kee dhiqadhu.

8. Dibata akka dhadhaa ykn bishaanii " spermicidal cream or jelly" jedhamu harka

1/3 maqabbeetti naqi. Maraa maqabbichaa irras dibatni kuni akka hin jirres

qulqulleeffadhu.

9. Quunnamtii saalaan duratti ykn haga yeroo sa'aa tokkoo (1) keessatti dursitee

maqabbee kana suuqxa.

10. Taa'uun ykn quxuuxxachuun ujummoo saala dubartii gabaabsuudhaan maqabbee

sirriitti kaa'uuf haala salphisa.

11. Maraa/Mataa maqabbee harka tokkoon micciiruudhaan harka isa tokkoon ammoo

hidhii saalaa dubartii garaagara qabda salphaatti seensuudhaaf akka mijatu.

12. Maqabbee saala dubartiitti suuqi koobbaa naannoo funyaan saalaatti uumuudhaan.

13. Tajaajilli isaa amansiisaa akka ta'uuf maqabbeen sa'aa saddeetiif (8) turuu qaba

quunnamtii saalaan booda

14. Bakka teessee ykn quxuuxxattee jirtutti quba kee saalatti suuqii maqabbicha

keessaa baasii waan keessa jiru dhangalaasi.

15. Quunnamtii saalaa otoo hin raawwatiin dura maqabbee sa'aa tokkoo (1) oli

suuqxee tursita yoo ta'e dibata dhadhaa ykn dhangala'aa, " Spermacidal cream or

jelly", baayyisiitii saala keessatti godhi.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Edda dhimma itti baateen booda maqabbee sana saamunaa haaraa fi bishaaniin dhiquu

qabda. Otoo ammas deebitee dhimmi itti hin bahiin dura haala gaarii irra jiraachuu isaa

mirkaneeffachuuf qaawwaa fi baqaqaa kan hin qabne ta'uu isaa qulqulleefaddhu.

Hagam Amansiisaadha

Maqabbeen saala hormaataa dhalaa kuni %68-91amansiisaa dha. Dubartoota ulfaa'aniif

ammoo kanaan gaditti amansiisaa dha.

Bu'aalee

o Waan deebi'amee dhimma itti bahamu dha.

o Dursamee suuqamuu ni danda'ama quunnamtiin saalaa akka addaan hin cinneef.

o Filmaata tokko dha toftaa xannachaa maddiitti.

o Kutoo ykn borsaa kee keessatti baadhachuu ni dandeessa.

o Si'a/ala baayyee dhimma itti bahamuun ni danda'ama (Dibatni "spermicide"

jedhamu kuni irra deddeebiyamee itti ta'uu qaba yeroo mara quunnamtii saalaan

duratti).

Miidhaalee

o Dubartootni gariitti hin tolu maqabbee saalaa kana suuquu fi baasuun isaa.

o Namoonni gariin xafaa dibatichaa qabaachuu ykn dibatichi xafaa isaanitti ta'uu ni

mala.

o Doktora fayyaati kan sirriitti sitti ta'u siif barbaaduun itti jiraata. Doktoriin gariin

gara doktora biraatti si dabarsa.

o Yeroo daraaraa ji'aa/adafii irra jirtu fayyadamuu hin dandeessu.

o Dibata "Spermicide" jedhamu kanas ala tokkoo oli guyyaatti dhimma itti bahuun

carraa miidhaa dhukkuboota saalaan daddarboo HIV dabalatee daran ni dara.

Gatii hagam baasaa

Qaama tajaajila fayyaa siif kennutti haasa'i odeefannoo dabalataa yoo barbaaddeef.

Eessattan argachuu danda'aa

o Ragaan ajajaa doktoraa irraa ni barbaachisa

o Faarmaasii hedduu keessatti argachuu ni dandeessa. Yoo ofii isaanii hin

qabaannelle siif ajajuu illee ni malu ta'a.

o Odeeffannoo dabalataafis ta'e ragaa ajaja doktoraafis Wiirtuu To'annoo Dhalaa

quunnamaa.

Edimenten keessatti Wiirtuun To'annoo Dhalaa ykn Birth Control Centre hir'isa gatii

toftaalee to'annoo dhalaa hedduu isaanii irratti ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Qadada/Diyaafiraamii

(Diaphragm)

Maalidha inni

Diyaafiraamiin meeshaa deddeebiyee tajaajilu kan fakkii geengoo qabaatee pilaastika ykn

haphee irraa hojjetamedha. Innis bishaan keemikaalaa " spermicidal jelly" jedhamuun

guutamee saala dubartii keessa akka kormoomsaa ittisutti qaawaa ujummoo irra kaa'ama.

Quunnamtii saalaa otoo hin godhiin diyaafiraamiin dura suuqamuu qaba. Dhiyaafiraamiin

dhukkuboota quunnamtii saalaan daddarban irraa nama eeguu hin danda'u.

Akkamiin Tajaajila

o Qaama saala dubartii isa cuuroo gadameessaa irra jiru qadaadichi waan cufuuf

kormoomsaan killee hin argatu.

o Kormoomsaan killee yoo hin qaqqabne carraan ulfaa'uu hin jiraatu.

o The diaphragm should be used with spermicidal cream or jelly that will kill the

sperm.Qadaadni kuni dibata "spermicidal" jedhamu ykn dhangala'aa kormoomsaa

ajjeesu waliin dhimma bahamuu qaba.

Akkamittan Itti dhimma Baha

Gosa /guddina qadadichaa murteeffachuuf doktora fayyaa bira deemuudhaan ajaja sirnaa

fudhachuun nama barbaachisa. Doktoriin akkaataa itti tajaajilaman mnamatti himuudhaan

akkasumas carraa itti suuquu fi baasuu isaa shaakalan namaaf kenna. Kuni akkaaataa

teessuma isaa sirri mirkaneeffachuuf nama gargaara. Deebisanii ilaallachuu nama

barbaachisa yoo ulfaa'an ykn ulfina lb 10 oli yoo dabalan ykn hir'isaniin booda.

Of keessa suuqqachuuf:

1. Harka ofii dhiqachuu

2. Dibata ykn bishaan "spermicidal" jedhamu qadada keessa naqi (Fallaana 1 kan

ta'u).

3. Spread the spermicide around the edges with your fingers .Quba keetiin dibata

sana rogoota qadadichaatti diddibi/faffacaasi

4. Qadadicha suuquudhaaf karaa mijataa isaa barbaadi.With one hand fold the

diaphragm making sure the spermicide is inside, Harka tokkoon qadaadicha

dachaasii qabii tii dibatichi keessa jiraachuu isaa mirkaneeffataa harka biraan

ammoo saala ormaata dubartii garaagara saaqii salphaatti keessa suuqamaa.

5. Qadadicha dacha'e sana saala dubartiitti suuqi hanga si dandeessise.

6. Dibatichi ammoo funyaan gadameessaa irraa karaa biraa ta'uu qaba.

7. Otoo quunnamtii saalaa hin godhiin sa'aa tokkoon dura yoo qadaadicha suuqxe

dibata ykn bishaan keemikaalichaa heddummeessitee saala kee keessatti gochuu

qabda. Quunnamtii saalaa otoo hin godhiin hanga sa'aa 6 dursitee qadaadicha

kaa'uu ni dandeessa.

8. Quunnamtii saalaan booda qadaadicha yoo xinnaate sa'aa ja'aaf keessatti dhuiisuu

qabda. Walumaagalatti Sa'aa 24 oli keessatti dhiifamu hinqabu qadaadichi.

9. Otoo qadadichi keessa jiruu quunnamtii saalaa si'a tokkoo oli yoo kan gootu ta'e

dibaticha daddabaliitii saala kee keessatti godhi.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

You will need to wash your diaphragm with mild soap and water after using it.

Qadadicha saamunaa fi bishaaniin dhiquu qabda edda itti dhimma baateen booda. Otoo

deebitee ammas itti hintajaajilamiin dura qadaadichi fayyaalessa uraa kan hin qabne ta'uu

isaa mirkaneeffadhu.

Hagam Amansiisaadha

Meeshaan kuni %84-91 amansiisaadha.If used as described above it will be more

effective. Haala arm,aan olitti ibsame kanatti yoo dhimma itti bahame baayyeetti

amnsiisaa ni taha.

Bu'aalee Isaa:

o Deddeebiyee fayyada

o Filmaata tokkodha kanneen biraa cinaatti

o Borsaa kee keessatti baadhachuu ni dandeessa.

o Qadadichi hanga sa'aa ja'aa (6) suuqamuu ni danda'a quunnamtii saalaan dura

o Ala baayyee fayyaduu ni danda'a ( dibati/bishaanichi itti godhamuu qaba

quunnamtii saalaan dura yeroo hundayyu)

Miidhaa Isaa

o Dubartootni gariifis rakkisaa ta'ee itti mul'achuu ni mala ykn qadadicha suuquu fi

baasuu isaattis gammaduu dhiisuu ni malu.

o Doktoriin kan xiqqeenyii fi guddinni isaa mijataa ta'e siif kennuu qaba. Doktoriin

gariin kan isa sirrii ta'e siif arguu ni malu, gariin isaanii garuu gara ogeessa fayyaa

dhibiitti si erguu ni malu.

o Rakkisaa illee ta'uu ni danda'a.

o Dubartootni gariittis dibatichi/keemikaalli isaa xafaa (alargii) itti ta'uu ni mala.

o Using spermicides more than once a day may increase the risk of STI

transmission including HIV.Guyyaatti ala tokko oli keemikaalicha (Spermicidal)

fayyadamuunis carraa rakkoo dhukkuboota saalaa daddarbaa HIV illee dabalatee

oli kaasuu ni mala.

o Yeeroo daraaraan ji'aa si irra jiru dhimma itti bahuu hin dandeessu.

Hagam nama baasisa

Diyaafiraamiin/Qadaadichi $50 hanga $85 nama baasisa. It can be more or less

expensive depending on where you get it. Kanaan olittis ta'e gaditti qaalii ta'uu ni danda'a

bakka ati irraa argattu irratti hundaa'ee.

Eessaan Argachuu Danda'aa

o Ajajni doktera fayyaa irraa ni barbaachisa.

o Mana Faarmaasii hedduutii argachuu ni dandeessa.Yoo ofii isaanii hin qabaanne,

siif ajajsiisuu ni malu tarii.

o Odeeffannoo wayyaadhaa fi ajajaaf Wiirtuu To'annoo Da'umsaa quunnamuudha.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Edimenten Keessatti Wiirtuun To'annoo Da'umsaa ( Birth Control Centre) toftaalee

to'annoo da'umsaa hedduu irratti gatii cabsee ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Kondemii Dubartii

Maali dha Inni Kondemoonni dubartii ittisoota dibata qaban kan pilaastika

(Polyurethane) irra hojjetaman, kanneen dhala ittisanii fi dhukkuboota saalaan daddarban

kan akka HIV dabalatee nama irraa dhorkani dha.

Akkamiin Hojjeta

o Kondemiin dubartii quunnamtii saalaan duratti qaama hormaataa dhalaa keessa

suuqamuudhaan kormoomsaan akka gara qaama biraatti hin dabarre ittisa godha.

Yoo kormoomsaan hin jiraanne carraan ulfaa'uus hin jiraatu.

o Quunnamtii saalaa karaa qaama hormaataa dubartiifis ta'e karaa qaawwa

bobbaatiifis fayyadamuun ni danda'ama.

o Dhukkuboota daddarboo quunnamtii saalaas ni dhorka ittisa ta'uudhaan. Bishaan

kormoomsaas qaama jaalalleetti hin darbu, akkasumas gogaan udduu waltuttuquu

irraa ni hanqata.

Akkamittan Itti dhimma Baha

1. Otoo Kondemii hin saaqiin dura guyyaa xumura tajaajila isaa ilaali. Guyyaan

xumura tajaajila isaa dugda duuba isaa irratti argama. Kondemii guyyaan

tajaajila isaa darbetti dhimma hin bahiin.

2. Tarii hidhaan/qolli isaa kan cite ta'uu isaa mirkaneessuuf ilaali.

3. Eeggannoodhaan duudaa isaa saaqi (qubeelaan, mismaarri, fi ilkaan baqaqsuu

waan maluuf). Kondemichi baqaqaaa, xuraa'aa, goggogaa ykn haphee yoo

ta'e, isa gataatii kabiraa fayyadamaa.

4. Kondemiin dibamee dhufa, garuu atis dibata dabalataa itti daruu ni dandeessa

daran haala faayida isaa mijeessuuf.

5. Maraa Kondemii isa keessaa micciiriitii qaama hormaataa dubartiitti suuqi.

6. Maraan isaa inni keessaa qarqara saala dubartii isa karaa alaatti uffifamuu isaa

mirakaneessi.

7. Yeroo quunnamtii saalaas qaamni dhiiraa kondemicha keessa ta'uu isaa

mirkaneessi.

8. Kondemicha otoo hin baasiin dura maraa isa alaa micciirii qabi kormoomsaa

kondemii keessatti ittisuudhaaf. Remove gently and throw in the garbage.

Yeroo Quunnamtii Saalaa Qaawwaa bobbaaatiif (Udduu) dhimma itti bahamu:

1. Kondemicha otoo hin saaqiin dura xumura guyyaa tajaajila isaa ilaali.

Guyyaan xumura tajaajila isaa dugda duuba qola kondemichaa irratti

argama.Kondemii guyyaa tajaajila isaa xumuratetti tasuma dhimma hin

bahiinaa.

2. Hidhaan kondemichaa saaqamaa ta'uu isaa adda baafachuuf ilaali.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

3. Eeggannoodhaan duudaa isaa saaqi (qubeelaan, mismaarri, fi ilkaan baqaqsuu

waan maluuf). Kondemichi baqaqaaa, xuraa'aa, goggogaa ykn haphee yoo

ta'e, isa gataatii kabiraa fayyadamaa.

4. Kondemiin dibamee dhufa, garuu atis dibata dabalataa itti daruu ni dandeessa

daran haala faayida isaa mijeessuuf.

5. Kondemiin qaawwa udduutti suuqamee maraan isaa ammoo afaan

qaawwichaa irra ta'a. Namoonni gariin akka isaaniif mijatuuf jecha maraa isaa

isa keessaa baasuu filachuudhaan akkasumaan kondemii qaawwa udduutti

suuqu.

6. Kondemii osoo hin baasiin dura maraa isa alaa micciirii qabiitii kormoomsaa

kondemii keessatti ittisi, suuta jedhii baasiitii bakka kuusaa kosiitti gati.

Kondemiin bakka qabbanaa, gogaa kan ta'e bakka qola isaa ykn isa uruu fi muru irraa

bilisa ta'e kuufamuu qaba.

Kondemii dhiiraa fi dubartii wal-faana tasuma hin fayyadamiinaa yeroo wal-rigu baqaquu

waan maluuf.

Hagam amansiisaa dha

Kondemoonni %79-95 amansiisoo dha. Akka armaan olitti ibsametti yoo dhimma itti

bahaman caalaatti amansiisoo ta'uu ni danda'u.

Faayidaalee

o Carraan baqaquu isa kondemii dhiiraa irra xiqqaa dha.

o Ajaja si hin barbaachisu.

o Hidhii/afaan qaawwaa udduu uffisuudhaan carraa ittisa dhukkuboota saalaan

daddarbootiif dabalata kenna.

o Dhukkuboota daddarboo fi ulfa'uu irraa ittisa kennu.

o Quunnamtii saalaan dura suuqqachuu ni dandeessa. Saalli dhiiraa dhagooguun

dirqii miti dhimma itti bahuu dhaaf.

o Qannoo dabaluufii ni mala dubartootaaf yoo maraan isaa inni alaaa qeree saala

isaanii rige.

o Dhiironni hedduun ni jaallatu naannoo saala isaaniitti waan lallaaffatuuf.

o Namoota xafaa dibataa/aancoo qabaniin illee dhimma itti bahamuu ni danda'a.

Miidhaalee

o Kondemii dhiiraa caalaatti qaalii dha.

o Rakkisaa ta'uu ni mala

o Sagalee dhageessisuu (jeeqaa ta'uu) ni mala (dibata itti daruun sagalee hir'isuuf ni

gargaa).

o Kondemii ennaa qaama kee keessa suuqxu mijataa ta'uu qabda.

Gatii hagam baasu Kondemoonni naannoo $3 hanga $5 ti tokko isheetti.

$12 hanga $15 ti hidhaa tokkicha qondemii sadiitiif. Kanaa olitti qaala'uus ta'e kanaa

gaditti rakashuu ni mala bakka irraa argattu irratti hundaa'uudhaan.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Eessattan Argadhaa

Kondemoonni gugurtaa dhaaf dukkaa giroosaraa, mana qorichaa fi dukkaalee xixiqqaa

keessatti ni argamu. Waajjira OPTIONS Sexual Health Association jedhamu keessatti ni

argamu.

Edimenten keessatti Wiirtuun To'annaa Dhalaa ykn Birth Control Centre toftaalee

to'aannaa dhalaa garii irratti gatii hir'isuu ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Mala Ittisa Da'umsaa Lilmeen Kennamu

Maali dha Inni

Mala ittisa da'umsaa lilmeen kennamu ( toftaa dawaa) kan ulfaa'uu dhorku dha. Qimama

piroojestiin (progestin) jedhamu kan qabuu fi torban kudha-kudha lamaan (baatii sadiitti)

karaa warra tajaajila fayyaa irree ykn udduu kee irratti kan siif kennamu dha. Malli ittisa

da'umsaa lilmeen kennamu dhukkuboota quunnamtii saalaan daddarban kam irraayyu

eegumsa namaaf hin laatu.

Akkamiin hojjetaa

o Akka killeen hin uumane dhaaba.Yoo killeen hin jiraanne carraan ulfaa'uus hin

jiraatu.

o

Qola gadameessaas ni jijjiira. Yoo qolli gadameessaa haphii ta'e killeen dho'e

illee irratti hin guddatu.

o Ancufa/Furrii funyaan duubbee saala dhalaa irra jiru furdisuudhaan

kormoomsaatti ittisa uuma.

Akkamittan Dhimma Itti Ba'a

o Waraqaa ajajaa fi waraannachuudhaaf doktora bira dhaquu si barbaachisa.

o Doktoriin torban-torban kudha lamatti (baatii sadiitti) qimama sana si waraana.

o Edda waraannattee booda baatii sadiidhaaf ulfaa'uu irraa ni eegamta.

Hagam Amansiisaa dha

Tilmaamumaan %97-99.7 amansiisaa dha.

Bu'aalee:

o Baayyeetti amansiisaa dha.

o Guyyaa guyyaan fayyadamuudhaaf yayyaadachuun si hin barbaachisu.

Waraannachuuma qofa si barbaachisa baatii sadi-sadiitti

o Mul'ataa miti (namoota kaanitti hin mul'atu), namni kamiyyu akka dubartootni

dhimma itti bahan dubbachuu hin danda'u.

o Pirojestiinii (progestin) qofa waan qabuuf namoota xafaa estiroojiinii (estrogen)

qabaniif misha dha.

o Dhiigaa fi waraansa offaa salphaa isaa qabaachuu ni malta yeroo adafii kee

(daraaraa ji'aa).

o Adafiin kee si irraa dhaabbachuu ni mala (kuni gariidhaaf bu'aa yoo qabaatu

kanneen biroof ammoo miidhaa dha).

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Miidhaalee

o Yoo waggaa(ganna) 35 oli taatee fi tamboo kan xuuxxu ta'e toftaa kanatti dhimma

bahuu hin qabdu.

o Tarii hanga waggaa lamaatti ulfaa'uu dhiisuu ni malta dhimma itti bahuu isaa

edda dhaabdeen booda.

o Edda waraannattee booda qimamii dawaa qaama kee keessaa baasuun hin

danda'amu.Yoo qaama miidhaa kan si irratti qabaatu ta'e akka dawaan suni qaama

kee gadhiisu eegi.

o

Qaamotni miidhaa isaa: jijjiirama amalaa, ulfina dabaluu, dhiiga yeroo malee,

adafii salphaa ykn ulfaataa, yeroo adafii gabaabaa ykn dheeraa, yokaan ammoo

adafiin dhaabbachuu.

o Doktera bira deemuu qabda mala ittisa da'umsaa waraannatan kana

argachuudhaaf.

o Mala ittisa da'umsaa lilmeen waraannatanii fi guddina lafee jidduu hariiroon ni

jira.

Malli ittisa da'umsaa lilmeen waraannatan gaarii siif ta'uu dhiisuu ni mala yoo ati:

o Umurii ganna 35 olii fi nama xamboo xuuxu taate

o Yaada haarii ykn seenaa gaddaa kan qabdu ta'e.

o Dhibee lafee ykn rakkoo guddina lafee qabaatte.

o Ulfina dhiigaa hamaa qabaatte.

Gatii hagam baasaa

Malli ittisa da'umsaa lilmeen kennan yeroo hunda baatii sadi-sadiitti naannoo $25 hanga

$60 ni ta'a bakka irraa argattu irratti hundaa'uudhaan. Karoorri gargaarsi fayyaa dheeraan

hedduun yoo xinnaate gar-tokkoo isaa ni cufa.

Eessattan argachuu danda'a

Waraqaan ajajaa doktora biraa ni barbaachisa mala ittisa da'umsaa lilmeen kennamuuf.

Doktorri kamiyyu mala ittisa da'umsaa lilmeen kennamu ajajuu ni danda'a (kilinika

maqaa, doktora maatii, ogeessa gadameessaa).

Odeeffannoo dabalataaf Wiirtuu To'annoo Da'umsaa quunnamaa.

Edmenten keessatti Wiirtuun To'annoo Da'umsaa ykn Birth Control Centre maloota

to'annoo da'umsaa hedduu irratti hir'isa gatii ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Sirna Keessa-Gadameessa

Maalidha Inni

Meeshaa to'annoo da'umsaa Fakkii-T qabu, kan doktoraan gadameessatti suuqamuu fi

qimama dawaa xiqqaa qabu dha. Sirni keessa-gadameessaa kuni dhukkuboota quunnamtii

saalaan daddarban irraa nama hin eegu.

Akkamiin Hojjeta

Qimamni dawaa Sirna Keessa-Gadameessaan (IUS) gadhiifamu:

o Furrii naannoo funyaan saala dhalaa jiru furdisuudhaan kormoomsaatti ittisa

uuma (Kormoomsaan killee qaqabee cabsuu hin danda'u).

o Qola gadameessaa haphisuudhaan killeen dho'e akka inni hin horoomne

rakisuudhaan guddina dhorka.

o Yeroo garii killeen akka hin qophoofne dhorka ( akka hin baane godha).

Akkamittan Dhimma Itti Baha

o Doktora kee bira deemuu si barbaachisa meeshaa kana (IUS) suuqachuu fi

baafachuudhaaf.

o Doktoroonni maatii gariin IUS ni suuqu kanneen ammoo gara dhibiitti qajeelchu.

o IUSn waggaa shan(5) akka tajaajiluuf hojjetame.

o Yaada gaarii dha baatii baatiitti meeshaan (IUS) kuni bakka suuqame jiraachuu

isaa saala hormaataa keessatti fo'aa funyaan saalaa alattti rarra'u to'achuudhaan

ilaaluun.

Hagam Amansiisaa dha

Tilmaamaan %99.9

amansiisaa dha.

Bu'aalee

o Baayyeetti amansiisaa dha.

o Takkaa yoo bakka isaatti suuqamee taa'e waggaa shaniif (5) ni si gargaara.

o

Alatti bahee hin mul'atu (namoota kaanitti hin argamu, namni kamiyyu dhalaan

akka dhimma itti baatu himuu hin danda'u)

o Quunnamtii saalaa hin jeequ.

o Abasaa/mudaa xiqqaa qaba toftaalee dhibii waliin yoo ilaalamu.

o Yeroo kamittiyyu baasuudhaan ulfaa'uun ni danda'ama.

o Yeroo booda toftaalee gatii gaariin argaman keessaa tokko ni ta'a waggaa shan(5)

keessatti si'a tokko qofa waan barbaadamuuf. Haata'u malee jalqaba irratti IUD

caalaa gatii baasa,.

o Waraansa offaa (gadameessaa) fi dhiiga hir'isuu ni mala yeroo adafii.

o Yeroo booda adafii kee balleessuu ni mala (kunis gariidhaaf ba'eessa yoo ta'u

gariidhaaf ammoo miidhaa qaba) Yoo kuni ta'e adafiin kee takkuma deebiyee

dhufa yoo IUSn bahe.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Miidhaalee

o Ajaja ogeessaa barbaachisa

o Doktora qofati IUS suuquu fi baasuu danda'a (hanga beellama argattutti

eeggachuu si barbaachisuu ni mala)

o

Baatiiwwan ja'an (6) warra jalqabaaf dhiiga ykn copha qabaachuu ni malta waytii

adafii kee jidduutti.

o Rakkoo dhibee sochii lafee mudhii dabaluu ni mala waan ta'eef doktora biratti

ilaalamta.

Gatii hagam baasaa

IUSn yeroo mara naannoo $350 ni baasa bakka irraa argamu irratti hundaa'uu dhaan.

Mirgi gargaarsa tajaajila fayyaa yeroo dheeraa hedduun gatii haga ta'e ni cufa.

Eessattan argachuu danda'a

o Ajajni doktora irraa barbaachisaa dha meeshaa (IUS) kanaaf.

o Doktora akka itti suuqan keeku bira deemuuti si barbaachisa. Doktoroonni maatii

gariin hojjechuu ni danda'u, yoo ta'uu dide garuu ogeessa caalutti si dabarsu.

o Odeeffannoo dabalataaf Wiirtuu To'annoo Da'umsaa quunnami.

Edimenten keessatti Wiirtuun To'annoo Da'umsaa,ykn ' Birth Control Centre' toftaalee

to'annoo da'umsaa hedduu irratti hir'isa gatii ni kenna.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

'Ispeermiisaayidii'

Maalidha innii

Ispeermiisaayidootni quunnamtii saalaan duratti qaama hormaataa dhalaatti

suuqamuudhaan funyaan saalaa golganii akkasumas kormoomsaa ajjeesuudhaan hojjetu.

Gosti ispeermiisaayidii baayyeen isaanii 'gels', koppoo, fi fiilmota dhala dhorkan kan

dabalatani dha.Ispeermiisaayidootni dhukkuboota saalaan daddarboo irraa nama hin

eegan.

Ispeermiisaayidiin to'annoo dhalaa bifoota dhibii kan akka qadadaa, ispoonjii, maqabbee

saala dhalaa, fi kondemii waliin dhimma itti bahamuu ni danda'a.

Akkamiin Hojjeta

o Ispeermiisaayidiin kormoomsaa ajjeesuudhaan dalaga.

o Kormoomsaan yoo killee qaqqabuu hin dandeenye carraan ulfaa'uu hin jiraatu.

Akkamittan dhimma itti baha

Ispeermiisaayidii Dibataa

o Pilaastika ittiin diban waliin dhufa.

o Meeshaa ittiin dibanitti guutii otoo quunnamtii saalaa hin jalqabiin dursa saala

dhalaatti suuqi keesstti achi butiitii

o Dibatichi qadada ykn ammoo maqabbee saala dhalaa waliin dhimma itti bahuun

ni danda'ama.

o Dibatni takkaan quunnamtii ala tokkoof gaarumadha.

o Yoo quunnamtii saalaa deddebitee raawwachuu yaadde dibaticha dabaltee

suuquu qabda.

Ispeermiisaayida isa Koppoo

o Miikkaa dibataan dhufa.

o Ittiin dibaticha guutiitii saala dhalaa keessa oli keessa suuqi otoo quunnamtii

saalaa hin raawatiin dursa.

o Dubatni takkaa quunnamtii saalaa ala tokkoof gaaruma.

o Yoo quunnamtii saalaa dabltee raawwachuu yaadde kooppicha dartee suuqqachuu

qabda.

Ispeermiisaayida isa Fiilmii

o Roga arfee Ispeermiisaayidaa isa saalaa hormaataatti suuqqattudha otoo

quunnamtii saalaa hin raawwatiin daqiiqaa 15 duratti.

o Fiilmii dabalataa suuqqachuu si barbaachisa saala hormaataa keetti yoo

quunnamtii salaa ala tokkoo oli raawwachuu barbaadde.

Ispeermiisaayidiin quunnamtii saalaa udduuf (qaawwa duubbeef) hin ta'u waan kallee

isaa gubee hooqsisuudhaan dhukkuboota daddarboo kan akka HIV dhaaf sababaa

saaxiluuf.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Hagam Amansiisaa dhaa

Ispeermiisaayiddoonni %71-82 amansiisoo dha.

Bu'aalee

o Waraqaa ajajaa hin barbaachisu.

o Filmaatttota tokko dha toftaalee xannachaatti dabalee.

o Kondemii waliin yeroo dhimma itti bahaman ispeermiisaayidoonni baayyee

amansiisoo ta'uu ni danda'u dhala dhorkuudhaan.

Miidhaalee

o Dubartoota baayyeetti tolu dhiisuu ni mala yeroo ispeermiisaayidii suuqqatan.

o Ispeermiisaayiidootni dhukkuboota quunnamtii saalaan daddarban irraa nama hin

ittisan.

o Waan nama rakkanis ta'uu ni danda'u.

o

Ispeermiisaayidoonni waan arrabatti hin tolleef quunnamtii saalaa afaaniif hin

ta'an.

o Jaalallee lamaan keessaa tokko yoo 'nonoxynol-9' kan qabiyyee albuudaa

ispeermiisaayidii keessa tokko ta'etti xafaa qabaatan saala dhalaa ykn saala

dhiiraatti hooqxoo ykn gubinsa fiduu ni danda'a.

'Nonoxynol-9 (N-9)' jechuun Maali dha

Qabiyyee keemikaalaa beekamaa Ispeermiisaayidii keessatti argamudha. Qorannoon

akka agarsiisetti 'N-9' carraa daddarbuu dhukkuboota quunnamtii saalaa fi HIV dabaluu

ni mala gogaa (keessumaayyu saala dhalaa ykn gidaara udduu) waan gubuuf/hooqsisuuf.

Yoo 'N-9' kan si hooqsisu ykn si gubu ta'e Ispeermiisaayidiitti dhimma bahuu dhiisuu

qabda. Sababaalee kana irraa kan ka'e Jaarmiyaan Fayyaa Addunyaa guyyaatti ala tokko

caalaa Ispeermiisaayidii akka dhimma itti baanu hin hayyamu.

Gatii Hagam Baasaa

Bakka irraa bittu irratti hundaa'ee Ispeermiisaayidoonni gatii $9-$13 ni baasu.

Tajaajila eegumsa fayyaa keetii biraa qulqulleeffadhu.

Eessaan Argadhaa Ispeermiisaayidoonni Faarmaasotaa hedduu keessatti ni argamu.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Ujummoo killee ormaataa hidhuu

Dubartii da'umsa dhaabsisuu

Maal Jechuudha

Ujummoo hidhuun (Ujummoo killee hormaataa kee hidhachuun) sirna tajaajila fayyaa

qaawwa ujummoo killee hormaataa dubartii(karaa killeen gadameessa keessa irra

adeemu) dhaabbataan cufsiisudha. Qaawwa ujummoo killee ormaataa cufsiisuun

dhukkuboota quunnamtii saalaan daddarban irraa nama hin eegu.

Akkamiin hojjetaa

o Ujummoowwan killee ormaataa dhalaa waan cufamaniif kormoomsaan dhiiraa

(sperm) killee hin argatu.

o Kormoomsaan killee yoo hin arganne carraan ulfaa'uu hin jiraatu jechuudha.

Akkamiinan itti fayyadama

o Sirna tajaajila fayyaa qaamaa hospitaalatti raawwatamudha.

o Mala dhaabbataa to'annoo da'umsaati.

Hagam hojjeta

Ujummoo hidhuun %99.5 amansiisaa fi yerooma sana kan tajaajiluu eegaludha.

Faayidaa/bu'aan isaa

o Baayyee amansiisaadha.

o Quunnamtii saalaa hin jeequ.

o Mala dhaabbataa to'annoo da'umsaati.

o Waan mul'atu miti.

o Wanti kuni fedhii quunnamtii saalaa, raawwii isaa fi gammachuu irraa argamuu malu

irratti dhiibbaa hin qabaatu.

Miidhaa isaa

o Ujummoo killee ormaataa hidhachuun haala deebiyee hin banamneen wabii tokko

malee waan dhaabbataan raawwatudha.

o Tajaajila hospitaalaa nama barbaachisuu ni mala

o Yeroo bayaanataa nama barbaachisuu ni mala.

Gatii hagam gaafata

Sirni raawwii kanaa Eegumsa Fayyaa Albartaatiin cufama/kafalama (By Alberta Health Care)

Eessattin Waan kana Argachuu Danda'a

Odeeffannoo waa'ee ujummoo hidhuu daran argachuudhaaf abbaa eegumsa fayyaa keetii

haasofsiisi

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Odeeffannoo guutuudhaaf ujummoo hidhuu (tubal ligation) bakka jedhu odeeffannoo

Kaappitaala Fayyaa (Capital Health) ilaali.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Ujummoo Kormoomsaa Cufuu

Dhiira Dhalchuu Dhaabsisuu

Maal Jechuudha

Sirna tajaajila fayyaa ujummoo isa kormoomsaa (sperm) dhaluu dhiiraa irraa gadi baatu

dhaabbataan cufuudha. Ujummoo kormoomsaa dhiiraa cufsiisuun dhukkuboota

quunnamtii saalaan daddarbaa irraa nama hin eegu.

Akkamiin Hojjeta

o Daandiin ujummoo waan cufateef kormoomsaan bishaan kormaa keessa

hinjiraatu.

o Kormoomsaan yoo hin jiraanne carraan ulfaa'uu (garaatti hafuu) hin jiraatu.

Akkamiinan itti fayyadama

o Sirni isaa kan raawwatu mana doktora yaalaatti karaa dawaa fi tajaajila fayyaa

beekamoodha. Dammaqxee ni ilaalta, bakki itti raawwatamus qabbanaan ni

dilallaa'aa.

o Toftaa ittisa dhalaa dhaabbataati.

o Tooftaa ittisa dhalaa biroo fayyadamuun barbaachisaadha hanga doktora irraa

firiin qormaataa akka kormoomsaan hin argamiin ibsu sirnaan mirkanaa'utti.

Hagam amansiisaadha Ujummoo kormoomsaa dabrsu cufuun harka 99.85-99.9%

amansiisaadha firii qormaataan booda.

Bu'aawwan isaa

o Baayyeetti amansiisaadha

o Quunnamtii saalaa hin gufachiisu

o Toftaa ittisa dhalaa dhaabbataadha

o Fuulduratti ifa bahee hin mul'atu

o Sirna fayyaa yaaddoo xiqqaa qabu kan alaa deddeebiyanii yaalamanidha.

o Fedhii, raawwii fi qannoo quunnamtii saalaa irratti rakkoo tokkoyyu hinqabaatu.

Miidhaawwan isaa

o Sirna raawwii dhaabbataa akka duraatti deebisuuf wabii hinqabnedha.

o Miidhaalee yeroo gabaabaatti mul'achuu malan: madaa yeroo gabaabaa, dhiita'u fi and

waraansa cidhaanii ykn kulkula.

Gatii Hagam baasisa

Gatiin sirna rawwii isaa Eegumsa Fayyaa Albartaatiin (By Alberta health Care)

kafalama/cufama.

Eassattin argachuu danda'a

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Waa'ee ujummoo kormoomsaa cufsiisuu irratti odeeffannoo daran argachuudhaaf abbaa

tajaajila eegumsa fayyaa keetii waliin haasa'i.

Odeeffannoo guutuu argachuudhaaf odeeffannoo Kaappitaala Fayyaa (Capital Health)

keessaa 'vasectomy' irratti ilaali.

Information in this handout is adapted from Canadian Federation for Sexual Health.

www.cfsh.ca

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!