04.12.2012 Views

Qormaata Lafaa Naannoo Finfinnee - Oromo Liberation Front

Qormaata Lafaa Naannoo Finfinnee - Oromo Liberation Front

Qormaata Lafaa Naannoo Finfinnee - Oromo Liberation Front

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

G/ Mee kemikaala warshaa habaaboo kana keessaa margarratti gadi

lakkifameen naannoo kanatti loon baayyetu dhume jedhama; loon tiksaa jirtu

kana keessaa kan isin jalaa du’e hin jiruu?

D/ Kemikaala margarratti gadi nam’e nyaatanii horii torbatu nu jalaa du’e

(Alamaayyoon waan baayyee dubbate; nuti garuu hanganuma gara

barreeffamaatti deebisne)

Loon laggeen summiin kun itti dabalame dhugaa jiraatan dhibee qaamaa isaanii

mammadeessuu fi citteechee huqqisuuf saaxilaman hedduudha; kan dhumanisi

akkasuma baay’eedha. Sababa faalamuu laggeen kanaan bakkoota hedduu miidhan

kun kan qaqqabe yoo ta’u, dhimmi kun qorannoo bal’aa barbaadaa waan ta’eef

tilmaamuun nu rakkiseera. Ta’us gaaffii fi deebii ta’e irraa hanga tokko yaada

argachuun ni danda’ama.

Magaalaa Bishooftuu fi Duukam jidduu Ganda Qotee Bulaa Qurquraa jedhamutti

Dhaabbata “East Afrika” jedhamu kan lafa walakkaa ganda tokkoo ta’u qabatee jirutu

jira. Dhaabbanni kun xurii/kemikaala maasii qonnaa fi marga loonii irratti gadi

lakkisuun miidhaa hamaa ummatarraan gahaa akka jiru hubanne. Kanarratti gaaffii fi

deebii namoota waliin taasisne kunooti.

Obbo Getacho Aragga jedhamu; jiraataa Ona Ada’aa, Ganda Qurquraa lakk.2 ti.

G/ Amma dhaabbata East Afrikaa kana keessa hojjataa jirtuu?

D/ Amma gara biraatin hojjadha, duraan garuu asuma keessan hojjataa ture.

G/ Dhaabbata kana keessatti maal maaltu omishamaa?

D/ Saamunaa, Ajaaksii, Buskutii, Faaffa, Dibata/cosmetics/, Kaartonii, mana daakuu

midhaanii fi maxxansa adda addaati.

G/ Mee Warshaan kun erga dhaabbatee tajaajilli inni ummataaf fide jiraa?

D/ Dura yoo lafa kana bilisaan bulchiinsa gandarraa fudhatu (lafa hangana bal’atu

kana hin binne, bilisaan kennameef jedhu; ganda keenyaaf waan baayyee waadaa

gale. Garuu waan waadaa gale hin hojjanne.

G/ Maal waadaa galeeyyu?

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!