04.12.2012 Views

Qormaata Lafaa Naannoo Finfinnee - Oromo Liberation Front

Qormaata Lafaa Naannoo Finfinnee - Oromo Liberation Front

Qormaata Lafaa Naannoo Finfinnee - Oromo Liberation Front

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Qormaata Lafaa Naannoo Finfinnee

I. Maqaa Investimantiitin Saamicha Lafa magaalotaa ilaalchisee:

A/ Haalli saamicha lafa magaala F/F fi naannawa F/F waliigalaan maal fakkaata?

Ummanni Oromoo naannaawwa magaala F/F jiraatan kan magaalaas ta’ee kan qarqara

magaalaa saamicha lafa maqaa Invastimentiitin isaanirratti ta’aa jiruun baay’ee

miidhamanii qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aa jiru. Fkn. Qonnaan bultoota Galaan

Guddoo (lafa seenaa qabeessa ujuba Tuulamaa) jiraatan maqaa “misooma magaalaa”

jedhuun lafti qonnaa fi qe’een irraa fudhatamee lafaa ijaarsa manneen magaalatiif

(Kondominiyemii fi ‘Real state’) fi iddoo balfaa fi xuraawaan magaalaa itti kuufamu

godhan.

Akkasumas Karra Erere , Garjii fi Boolee Bulbulaa ilaalchisee rakkoo hammaatan jiru

lafaa fi qe’een Oromoota naannoo kanaa maqaa ‘Real state’ fi kondoniyemii jedhamuun

beenyaa gahaa hin ta’iniin buqqa’an baayyeen isaanii dureeyyii kanaaf waardiyaa fi hojii

humnaa irratti bobba’anii akka jirantu hubatame. Kana irratti ragaa amansiisaa gochuuf

gaaffii fi deebiin namoota lama waliin godhameera. Suuraan haala iddoowwan kun irra

jiran agarsiisus hojjatamaniiru.

Hojjattoota humnaa manneen kondiniyeemii naannoo Aqaaqiitti Ganda Galaan

Guddoo ijaaramaa jiran irratti bobba’anii jiran keessaa gaaffii fi deebii namoota

lama waliin taasifame.

G/ Guyyaadhaan Meeqa isinii kaffaluu?

D/ Hojjataa dhaabbataa yoo ta’e, guyyaatti hanga qar. 30, 35, fi 45; akkuma humnaatti fi

akkuma muuxannootti garaagarummaa qaba. Fkn dubartiif guyyaatti qar. 30 hin darbu.

G/ Mee rakkoon isinii fi warra hojjachiisu jidduu jiru maal?

D/ Mindaa Yeroon namaaf hin kaffalan, hojjachiisanii kaffaltii dhoowwachuu fa’I yaalu,

walumaagalatti kaffaltii irratti baayyee nama rakkisu.

G/ Mee amma qarshii 30 tanaan jireenya akkasitti miyaa’e kanaan ciree nyaattanii,

laaqanaa fi irbaata nyaattanii kiraa manaa fi uffataaf maaltu irraa isiniif hafa?

D/ Nyaatuma qofaaf taati malee homtuu irraa nuuf hin hafu. Akkusumatti nyaannetuma

yaa bubbulluudhumaaf carraaqna malee kun jireenyaa miti.

G/ Namoonni abbaa lafa kanaa turan, kan amma lafti irraa fudhatamee jireenyaan

baayyee rakkatanii akkuma keessan kana hojii humnaarratti bobba’an jiruu?

D/ Jiru! Baayyeedha. Lafa isaanii waanuma xiqqootti shallagameefii har’a waan qotatanii

bulan dhabanii hojiidhuma humnaa kanatti bobba’anii jiru.

G/ mee lafti haala kanaan (ijaarsa manneen kondiniyeemiitiif) ganda qotee bulaa kanarraa

fudhatame hangamitti shallagama? Ganda meeqa ta’a?

D/ Nut akkasitti herreega isaa hin beeknu; garuu lafa baayyee bal’aadha; ganda

baayyeedha.

G/ Mana kondiniyeemii kana mootummaatu ijaarsisaa jira moo abbootii qabeenyaatii?

D/ Mootummaadha; nuun kan hojjachiisu garuu abbootii qabeenyaa warra mootummaa

irraa kontiraata fuudhaniidha. Isaan qarshii guddaadhaan mootummaa irraa fuudhaniitu

nuun immoo guyyaadhaan akkasitti nu hojjachiisu. Baayyee roorroo hamaadha. Warra

hojjachiisutu fayyadama malee kan hojjatu homaa hin fayyadamu; ciisee du’urraa

jechaadhumaaf malee… (Asirratti namoonni mootummaa irraa kontiraata fuudhanii

namoota naannoo gatii xiqqaadhaan hojjachiisaa jiran kunneen hundi isaanii

namoota/dhaabbilee konistiraakshinii mootummaa waliin hidhata qabanii fi kan ilmaan

Tigraay ta’uutu hubatame. Namoonni kunniin irra caalaan isaanii jala deemtota

mootummaan maqaa “Maayikiroo” jedhuun gurmeessee bobbaaseedha. Mootummaan

yeroo manneen kana ijaarsisu qar. Guddaadhaan namoota/dhaabbilee kanaaf kontiraataan

kenna. Sana booda isaan ummata naannoo isa lafti irraa fudhatamee jireenyaan raakamee

gara deemu dhabe kana walitti qabanii akka nama hin taanetti, akka immoo hin duunetti

kan guyyaan nyaatan qofa kaffalaniifi hojjachiisu. )

G/ Warri abbaa lafaa fi qe’ee tanaa turan dura loon isaanii asirra bobbaasu. Amma hoo

loon isaanii akkam godhan? Eessatti bobbaafatu?

D/ Amma loon maal qaburee??? Gurguranii fixaniiru.

Obbo Jireenya Agarsaa jedhamu Waardiyaa manneen Kondiniyeemii naannoo

Aqaaqiitti ijaaramaa jiruuti

G/ Gandi kun maal jedhamaa?

D/ Saalonnaagoraa jedhama

G/ Warri lafa kana gurguran amma jireenya akkamii keessa jiru?

D/ Jireenya hamaa keessa jiru. Qarshii beenyadhaan kaffalameef yoosuu fixan. Qarshii

xiqqoo waan taateef homaanuu hin godhanne. Amma Gutummaan guututti hojiidhuma

humnaa isaanif hojjatatanii jiraatu. Kuun immoo magaalaa gara biraatti baqateera.

G/ Yeroo sana lafa keenya hin kenninu jedhanii diduu hin danda’aniiyyuu?

D/ Dirqama ture. lafti kan mootummaati nuun jedhan. Kanaaf mootummaan lafa isaa

misooma barbaadeef oolchuu danda’a, waan nuun jedhameef hunduu jaallatee osoo hin

ta’in dirqameetu gadi lakkise. Ammas kunoo akkuma argaa jirtu kana lafti bal’aan

muul’atu kunis barana fudhatame. Kuun immoo asii achi kan muul’atu fuulduraaf itti

deemamaa jira.

Obbo Dabalee Malkaa jedhama; Qotee bulaa naannoo laga Aqaaqii jiraatan

keessaa nama tokko:

G/ Lagni kun hangam maasii keessan mancaasaa jiraa? Faalama naannoo hoo?

D/ kunoo akkuma agartu kana Peestaalii, hayilaandii kemikaala warshaa keessaa gadi

lakkifamani fi pilaastikii adda addaa maasii keessatti nu facaasee akka itti qonnu

rakkachaa jirra. Yeroo qonnu gindiitti rakkatee Sangaa/qotiyyoo baayyee dadhabsiisa.

Akkuma ta’etti balfa kana humna namaa itti baayyifnee (baasii hin barbaachifne baasnee

jechuudha;) yeroo yeroon qulqulleessina.

G/ Asi bira kunoo lafa bal’aa shiboodhaan ijaarametu/daangaa itti godhametu muul’ata

maalinni inni?

D/ Inni iddoo xura’an mana fincaanii magaalaa F/F keessaa qulqullaa’u itti naqamuu dha.

Lafa kuusaa xura’aa mana fincaaniiti jechuudha. Bulchiinsa Mag. Finfinneetu ijaare.

G/ Wanti kun maarree laga kana hin faaluu? Laga kana qofa osoo hin ta’in akkuma

beektu lagni Aqaaqii kun laga Awaasitti dabalama, lagni Hawaas immoo hanga ummata

Affaaritti deema? Mee haala kana akkamiin ibsita?

D/ Ani akka yaada kootti Balfaan warshaalee keessaa bahuu fi xura’an mana fincaanii

laga kana faaluun balaa guddaa waan ta’eef osoo rakkoon qaama dhimmi ilaalun itti

yaadamee furmaata tokkorra gahamee gaarii natti fakkaata.

G/ guddaa galatoomi.

Karaa biraa naannoo kanatti daandii haaraa gara Adaamaatti baasu kan hojjatamaa

jiruun walqabatee saamicha lafaa dureeyyii biyya Turkiitiin godhamaa jiru fuuldureen

isaa hammaataa ta’uutu beekame. Kunis dureeyyin kunniin mirga guutuu

mootummaan kenneefitti fayyadamudhaan yaaddoo tokko malee iddoo isaaniif mijate

kamiittu uummanni akka irraa ka’uuf yoo gaafatan mootumman immoo “iddoon kun

misooma magaalatiif barbaadama...” jechudhaan dabballoota isaa ummata keessa

bobbaasudhaan namoota walga’ii yaamudhaan olola adda addaatin uummata akka

amansiisan taasisu; kan morme immoo mootummaan itti amannaan beenyaa malee

akka irraa fudhatamuu danda’u akeekkachiisu; olola dabballoonni itti fayyadaman

keessaa akka fakkeenyaatti: “…isinis akkuma warra biraa nama magaalaa taatanii

maallaqa beenyadhaan mootummaan isinii kaffaluun fooqii ijaarrachuu dandeessu;

konkolaataa bitattanii daldalatti seenuu qabdu; ummanni Oromoo hanga yoomitti

magaalaa keessaa baqatee jiraata?… “ fi kkf niin amansiisuuf yaalii godhaa akka

jiranii fi olola kanaan sobamees dirqisiifamees waggaa tokkoon dura beenyaa kan

fudhatan har’a kabaja/ulfina qaban mulqamanii warri manguddoo waardiyaa, warri

dargaggoo immoo hojjataa hojii humnaa isaanif ta’anii jireenya salphinaa keessa akka

jiran gaaffii fi deebiin namoota (qotee bultoota) waliin taasifame hubannoo gahaa

kenna.

Jiraattootin kun lafa irratti dhalatan gad-dhiisanii naannoo Dhedheessaa jedhamu

akka qubataniif mootummaan Federaalaa gaafii itti dhiyeessanii kan turan yoo ta’u,

ummanni yaada kana irraa fudhachuu dinnaan lafa omishaaf ta’uu irraa

saamanii(qe’ee irra jiraatan qofa dhiisaniifii maasii qonnaa irraa fudhachuun) sa’aanamaan

karaa irra bobba’aani galani dhabanii, loon bakka dheedan dhabanii

rakkachaa lafa jireenyaa fi qonnaaf hin tolle, gaaraa fi qilee keessatti loonii fi

daa’imaa isaanii faana rakkachaa jiraatu.

B/ Lafti L seeraa an ala maq qaa investi imantiitin ssooreyyiif

ggurgurame

kan hangga

amm maa hangam mitti tilmaam ma?

Iddoo on xuraawa aa magaalat tiif jedhame ee fudhatammee

fi iddooon

ijaarsa manneenitiin

fudha atamee jiru kan k kallattii Boolee Bulb bulaa, Karra Eerer fi naaannoo

Garjii qofti Gandaaa

Qotee e Bulaa sad di jedhama. Guyyuma guyyaan, aakkuma

abbbaan

qabeennyaa

bitachuuu

danda a’u dhufuun n gurgurama aa waan ta’ eef bulchaaan

gandaatu hangam akkka

ta’ee hiin

beeku u; kan gurgu uratu Federaa ala waan ta’ eef.

C/ Haala H kaffaltii

akkami iitin gurgur ramaa jira? ? Beenyaann

ummataaaf

kaffalammu

hang gamii? Gatii

mootum mmaan ittiin n gurguraaa

jiru hooo?

Kan guurguraa

jirru

Moot tummaa naannooti

mo oo Federaala a?

Been nyaa kaffalu uufis ta’ee lafa gurgu uruuf mirga

Feder raalaa qofa. Ummataaf kan kafalam mu M

uumm mataaf kaffa alamu wagga aa sadi dura

qar.10

hin caalee edha. Mootu ummaan kan

alaatt ti waan ta’ eef hirregni i isaa umm

(Doolaran)

waan n gurguram muuf maalla

rakki isu.

Karaa a biraa immoo

Ummataf f beenyaan y

meeq qaa akka ta’e e wanti beek ksisan/itti hi

wagg gaa 10f, 15f f, 20f… jedh heetu wagga

jiran irraa caalad dhaan Hindii i, Chayinaa,

ta’an dureessonni i biyya keessaatis

darbee

2 a guutuu kkan

qabuu mootumma

dhaann

yoo ta’u, , Beenyaan M

a qarshii 3 fii

4 yoo ta’u,

amma imm

gurguratu kkontiraaktarooota

fi inves

mataf iccitiiddha.

Ta’us maallaqa b

qa guddaattti

akka gurrguratu

tilm

yoo kennammu

hanga barra

meeqaatti

iman hin jirru;

mootummmaan

yoo gu

aadhaan daaangessee

gurrgurata.

Bi

, paakistaan ,Turkii, sawwud

Arabiya

e darbee jiruu.

2 aa

tokkottti

moo kaffaalttii

staroota biyyya

biyya alaatiiin

maamuun hiin

ykn kan barra

urguru garuuu,

yyootni bitaaa

aa fi kkf yooo

D/ Qonnaan bultoonni lafti irraa fudhatamaan jireenya akkamii keessa jiruu?

Hedduun isaanii qotatanii loon horsiisanii buluu malee jireenya biraa waan itti hin

beekneef akkasumas baruumsa qusannoo maallaqaaa waan hin qabneef qarshii beenyaan

isaaniif kanfalame sana oggasuma fixanii hiyyoomanii maatii isaanii bittinsanii magaala

keessatti hojii guyyaa qarshii xiqqoodhan lubbuu isaanii qofa tursiifachuuf hojjataa

jiraachaa jiru.

E/ Namoota lafa isaanii irraa buqqa’uu irraa kan ka’e jireenya gaddisiisaa

gaggeessaa jiran keessaa hanga tokko waliin gaaffii fi deebii taasisuun ragaa

amansiisaa walitti qabuu.

Gaaffii fi deebii jiraataa Ganda Galaan Arrabsaa kan ta’e Ob. Galaan Hawaas waliin

taasifame keessaa yaadni muraasni: “…lafti teenya kan gurguramtu akka nuti feenetti

osoo hin taane, akka mootummaan barbaadetti; nuti gurguramuu isaatu kan beeknu

gaafuma chikaaliin irra dhaabbate malee wanti dursamee nuun mar’atamu tookolleen hin

jiru. Kanfalitii isaas yoo ta’e nama jabaatee falmatee ykn abukaatoo cimaa bitatetu

argachuu danda’a; kuun waaqatti boo’eetuma itti dhiisa. Erga lafti keenya nurraa

fudhatamee miidhaa malee faayidaan arganne tokkolleen hin jiru; isaanumaaf dallaa

ijaarree, mana fincaanii qonnee, dhagaa falaxnee of jiraachisaa jirra. Kan kana dadhabe

immoo biyyaa gadhiisee bade; kan yakka addaa addaan himatamee sababuma kanaan

mana hidhaa galee kan maatiin isaa jiraachiisuu dadhabee addaan faca’es xiqqaa miti….

” jedhan. (gaaffii fi deebii kana yeroof akka turu goone. Tarii fuulduratti itti fayyadamuu

dandeenya. Sababni isaa “Maaf waan akkasii goota mootummaan akka nu balleessufii

jedhanii namoonni waan na sossodaachisaniif anis waanan gaabbeef adaraa akka

“delete” naaf gootan jedhee akka malee waan nutti watwaateef yeroof tursiisuu filanne.)

F/ Ilmaan Oromoo marti rakkoo hamaa kana hubachudhaan Maal gochuutu irraa

eegamaa?

Abbootii qabeenyaa lafa isaanii maqaa Investiin irraa fudhatanii dabalataan immoo

ummata waan nyaatu dhabee rakkachaa jiru humna isaanii qarshii xiqqoodhaan saamaa

jiruuf kanfaltiin seeraa akka kennamuuf qaama mootummaa dhimmi ilaalutti gaaffii

dhiyeessuu; gaaffiin kunis: 1/ warri kallattiidhaan miidhamtoota ta’an (Qonnaan

bultoonni N/F/F) bifa barreeffamaatiin iyyata qopheeffatanii qaama mootummaa

dhimmichi ilaallatutti iyyata akka galfatanii gaafatan irratti ijaaruu; 2/ Ummanni Oromoo

eessayyuu jiraatu(kan biyya keessaa) carraa walga’ii mootummaan yaamtu hundatti

fayyadamudhaan dhimma kanarratti bakka hundaa gaaffii mootummatti kaasuu;

Ummanni Oromoo biyya alaa jiraatu sagalee uummata kana Miidiyaa adda addaa fi

dhaabbilee/biyyoota addunyaatti dhageessisuu; gaaffilee ka’eef deebii mootummaan

kennitu/tarkaanfii fudhattu/ irratti hundaa’uun ummanni mirgaa isaa karaa nagaatiin

gaafatee dhabe humnaan akka deebifatuuf dhaabni qajeelfama kennuu;

Gaaffilee ka’uu qaban keessaa:

1. Beenyyan gahaa ta’e irra deebi’amee akka isaanii kennamu gaafachuu,

2. Balfaa fi xuraawwaa magaalaa keessaa haramee naannoo jireenyaa isaani fi laga

sa’aa-namni isaanii itti fayyadamutti naqamaa jiru hatattamanni akka irraa

dhaabbatu gaafachuu;

3. Carraan hojii dhaabbilee lafa isaanii irratti ijaaramanii loogii sanyumaan ta’uun

hafee dursi ummata naannootiif akka kennamu gaafachuu.

4. Kun ta’uu baannaan karaa/daandii bobbaa fi galaa itti cufanii qabeenya lafa

isaaniirra jiru irraa ar’achuun maasii isaanitti deebi’uun qotachuu; qubattoota

naannoo biraa irraa dhufanii lafa isaanii irratti mana ijaarratanii isaan ergachaa

jiran fincilaan ofiirraa kaasuu filannoo dhumaa akka godhachuu malan

akeekkachiisan beeksisuu fi kkkf

G/ Ummanni kallattiidhaan rakkoon kun irra jiru (Oromoonni naannawa F/F)

tarkaanfii akkamii fudhachuu qabaa?

Tarkaanfii ummanni fudhachuu danda’u keessaa akka fakkeenyaatti:

1. Faaydaawwan magaalan F/F naannoo kanarraa argattu: fkn. bishaan dhugaatii

Laga Daadhii, Gafarsaa Burraayuu fi kkf ummaanni humnaan irraa kutuu;

2. Daandiiwwn gara magaalatiitti seensiisan cufuu;

3. Lafaa isaanirraa fudhatameef qaamni sadaffaan gadi fageenyan xiinxalee

kanfaltiin haaraan akka laatamuuf falmachuu fi hojiin dhaabbaataan isaan ittin

jiraachuu danda’an uumamee lafa isaanii irratti bilisaan akka jiraatan gochuuf

kallattii kamiinuu qabsoo gochuu.

H/ Walumaagalatti lafaa fi qabeenya Oromoo maqaa “investment”tiin Naannawa

Finfinnee saamamaa jiru irratti ragaa qabatamaa walitti qabuudhaan karaa

danda’ame hundaan akkamittiin/toftaa kamiin/mormii kaasuu fi kaasisuun

danda’amaa?

Lafootin naannoo magaalaa F/F jiran hedduun isaanii keessattuu Galaan, Ada’a,

Yerer, Abbichuu, Walmaraa, Sabbataa fi kkf lafa baay’ee gabbattaa kan omishaa

midhaanii gosa kamuu kennuu danda’uu fi qonnaaf mijataa ta’eedha. Har’aa yeroo

Addunyaan harki caalu, addatti immoo uummanni keenya guutun hanqina midhaan

nyaataan rakkachaa jirtu kanatti lafa omisha midhaanii biyyattii keessatti qooda

guddaa qabu kana qonnaan bulaarraa fuudhanii omisha habaabootiif oolchuu fi

magaalaa irratti ijaarun har’atti guddina magaalaa fakkaatuyyuu fuuldureen isaa kan

dhaloota miidhu ta’uun hubatamee gochaan kun akka dhaabbaatu qaamoolee

hawwasaa hundaan mormiin akka irratti ka’u waamicha godhuu.

II. Lafa omisha Abaabootiin manca’aa jiru ilaalchisee:

A/ Tilmaamni lafa hangamii omisha kanaan akka qabamee fi miidhaan

waliigalaan hanga ammaatti geessise hangamii?

Lafti/iddoowwan Omisha kanaan qabaman Onoota Finfinneetti marsanii jiran

yoo ta’u, isaanis: Ada’aa(Bishooftuu), Liiban Cuqqaalaa, Caffee Donsaa,

Abbichuu, Sulultaa, Lumee (Mojo), Sabbataa Hawaas, Waliso, Alam Ganaa,

Walmaraa(Hoolota), fi Dandii fa’i.

Iddoowwan armaan olitti eeraman kanneenitti yoo xiqqaatee saayitii ykn toora omishaa

tokko keessaatti lafa gara hektaara 80ttii (saddeettama) tilmaamamutu omisha kanaan

qabamee jira.

Karaa K biraa im mmoo Summ mii fi kemika aalli warshaaa

kana keesssaa

ba’u kalllattiin

gara

la aggeenii fi maasitti m nam’ ’a; sababaa kanaan k oyiruuun

namootaa

hedduu ommishin

akka

gad

xiqqaachaa

dhufee fi matumaan baduu b isaa nnamoonni

heedduun

ni duubbatu;

Keessayyuu K kemikala k lag ggeenitti gad di dhiifamudhhaan

laggeenn

immoo maaasii

qonnaaa

keessa

facaas saa jiran irraa a kan ka’e Omishni O Xaff ffii fi garbuu baayyee gaddi

xiqqaataaa

ak kka dhufee dubbatu. d Fkn n. Waggaa sadi

dura Xaaafin

hektaaraa

tokko irraaa

argamaa

tu ure gara kum mtaala 20 ol yoo y ta’u bara a darbee kanna

immoo gaara

kumtaalaa

12-15

qofatti

akka gadi g bu’e dub bbatu.

Warshaa W Ha abaaboo Naa annoo Sabba ataa fi Alamgganaatti

arggaman

ilaalcchisee

gaffii

fi f deebii qon nnaan bultoo ota naannoo kanaa waliiin

taasifame. .

Obbo O Tolasa aa Dadhii fi Haadha H war rraa isaanii, Magaalaa ssabbattaa

jaalatti

jiraattota j ga anda 05 ti. La afa qonnaa hambaa h warrshaa

habaaaboo

irraa haafte

wayii

osoo o xaafii irraa i haamm matanii argin ne. Akkasitti dhirsaa fi niitidhaan

haalkanii

guyyaa g carra aqaniyyuu ji ireenya nam mummaatti baahuu

hin danndeenye.

Gaaruu

kun

hiree h keenya a kan ganam maati jedhani ii rakkinaaf wwaan

harka kennatan hiin

fakkaatann.

Ammayyuu A xiiqidhaan x ciniinnatanii

hojjataa jiruu.

G/ G Warshaan Habaaboo asii a muul’ach

qabeenyaa

isa aa akkamiin lafa hanga k

D/ D waggaa sh haniin dura M to orbaatama) beenyaa b kaff

G/ G Warri lafa a kana beeny

D / Jireenya maal m qabu re

sh haniin dura jechuudha) j “

yk kn immoo ir rraa isiniif ka

2 haa jiru kun lafa bal’aa qqabatee

jira. Mee abbaaan

kana qotee bbulaa

irraa qaabachuu

dannda’e?

tokkotti guddaa g torbaa,

jechuun qqar.

0.70 (saaantima

faleefii fudha ate.

yaa hangasiit tin gadi dhiissan

sunneen amma maallirra

jiruu?

ee??? Waan qaban irraa fudhatamee … Yeroo saana

(waggaaa

“waggaa sha aniin booda iirra

deebi’ammeetu

isinii kkaffalama

aana waan ta a’eef deebitaanii

qotachuuu

dandeessuu”

nuun

jedhanii turan; amma waggaan shan waan darbeef nuuf kaffalaa jedhanii gaafannaan

lafumarra butanii dhoowwatan. Hanga har’atti kaffaltii marsaa lammaffaa(kan

waggaa shanii boodaa kana) hin kennine! Nurraayis hin kaane; akkuma argitu kan

nurraa ka’an dhiisii caalattuu babal’ataa jiru; nurraa ka’uuf waan yaada qaban hin

fakkaatan.

G/ Abbootiin qabeenyaa Warshaalee habaaboo kunneen warra biyya eessatii?

D/ Warruma biyya kanaati. Finfinneedhaa dhufan nuun jedhan malee nuti iddoo irraa

dhufan sirritti hin beeknu.

G/ Hojjattoota humnaa warren warshaa habaaboo kana keessa hojjataniif guyyaadhan

hagam kaffaluufii?

D / Yeroo duraa sana guyyaan qar. 7 (torba) ture. Amma xiqqoo daddabalamaa

dhufee guyyaadhaan qar. 10 (kudhan) ta’eera.

G/ Yeroo ammaa jireenya akkasitti miyaa’e kanaan guyyaatti qarshii 10 argatanii

maal nyaatanii, maal uffatanii …. Akkamitti jireenya taatiif?

D/ Maal godhu ree? Ishumaan waanuma xiqqoo nyaatanii jiraatama.

G/ Duraan yoo qotataa tortanitti lafa kanarraa qarxii tokkotti xaafii kumtaala meeqa

argachaa turtan?

D/ Hanga kumtaala shaniitti ni argama ture.

G/ Mee amma isin ykn warri abbaa lafa kanaa turan duraan loon qabdan asirra

bobbaafattanii, kaan immo qotatanii jiraataa turtan har’a hoo hojii maal irratti

bobbaatanii jiraatu/jiraattu??

D/ Irra caalaan keenya isaanuma bira hojii humnaati fi waardiyaa hojjanna. Isaayyuu

kadhanneetu nu qacaru. Mindaa nuu dabalaa jennee yoo gafanne “yoo barbaaddan

hojjadhaa, yoo quuftan immoo namni hojjatu guuteera waan ta’eef deemuu

dandeessu” nuun jedhu takka takka tuffiidhafiiyyuu nu dubbisuuf hayyamamoo miti.

G/ Kanarratti ummanni homaa hin dubbatuuree? Akkanumatti lafa isaatis dhabee

humna isaatis fixate callisaa?

D/ Ummanni dubbatee homaa bu’aa buusuu hin dandeenye. Yoo dubbatan lafti kan

mootummaati nuun jedhu. Maal godhuu dandeenya?

G/Mee isin lamaan malee namoota lafti kun irraa fudhatame eenyu eenyu fa’i?

eessattin isaan arguu danda’a?

D/ Biyya/ganda kana guutudha kan irraa fudhatame; maal ebelu ebelu jedhama? Waa

manneen sitti muul’atu kunniin hundi kan lafti irraa fudhatameedha.

G/ karaa biraa immoo warshaan habaaboo kun tajaajilli ummataaf kennee jiraa? Fkn.

Daandii fi bishaan isinii baasudhaan, ibsaa isinii galchudhaan?

D/ Yeroo jalqabaa sana kunoo safara kanaaf qofa (manneen muraasaaf) bishaan

baasaniiru. Ibsaa fi daandii nuuf hin hojjanne. Garuu waadaa galanii ture.

Ammas naannuma Sabbataa kanatti qonnaan bultoota lama osoo maasii isaanii irraa

midhaan haamanuu itti dhufnee wajjin turre.

Maqaa: Baalcha Tuchoo fi Gurmu Birru

G/ Gandi kun maal jedhamaa?

D/ Ganda Waajituu jedhama.

G/ Warshaa habaaboo asii muul’atu kun kan eenyuuti jedhamaa?

D/ Inni kun Tsaggaa Abbabaa jedhama; Salaalee dhufe nuun jedhan. Inni sun immoo

Nugusee jedhama; nama biyya Tigreeti.

G/ M 2 herreega meeqatiin fudhate yoo san?

D/ M 2 tokkotti guddaa torba (qar. 0.7) ture. Dhiyeenya kana immoo qar. 4.50 jechaa

jiru. Ummanni egaa yeroo jalqabaa san kanumaan gowwometu qarshiin kun waan

guddaa itti fakkeeffamee baayyellee osoo hin mormin qarshii fudhatanii gadi dhiisan.

Har’a garuu gaabbanii waan godhan dhabanii jireenya hamaa keessa galeetu jira.

Rakkoo hamoo keessa jirra. Warra humna hin qabne Waardiyaa jedhanii halkan qorra

keessa bulchanii, guyyaa immoo balbala qabatee oolee ji’aan qarshii dhibba afurii fi

shan itti darbanii sanumaan jiraachaa jiru.

G/ Warri hojii humnaa hojjatu hoo guyyaan meeqa argatu?

D/ Dhiiraaf qar. 10n kaffalu dubartiif immoo qar. 7 kaffalu. Qoricha/kemikaala

habaaboo afuufuu yoo ta’e immoo guyyaatti qarshii 12 (kudha lama) kaffalu. Ani

fakkeenyaaf qoricha biifuu kanan hojjataa ture. Dura madaa xiqqoo wayiin miila irraa

qaban ture; achi osoon hojiirra jiruu qorichi biifu kun madaa sanarra na bu’ee akka

malee na dhukkube. Booda garuu dhibamaa ta’eetan yoon m/yaalatti ilaalamu

kemikaalan afuufaa turerraa dhibee cimaan garaa keessatti akka na uumame natti

himan. Anis achumanan hojicha dhiisee kan biraa gale. Haala kanaan nama bayyetu

qoricha isaanii kana osoo biifanii harkaa fi miilan ciccite.

Karaa biraa immoo kemikaala Warshaa keessaa bahu lafa margaa irratti gadi dhiisanii

horiin ganda Waajituu akkuma jirutti dhume. Nama tokko jalaa iyyuu gara horii 6

ykn torbatu du’e.

G/ Mee nama qoricha kanaan miidhamee fi horii du’eef beenyaan kaffalamee?

D/ Kan namaa “hojiirratti miidhame waan ta’eef hin kaffallu” jedhanii didan; kan

horii dhumee garuu ummanni guutuun waan loleef hundumaafuu beenyaa

kaffalaniiru.

G/ Mee haalli jireenyaa hojjattoota warshaalee kanneen keessa hojjatanii waliigalaan

maal fakkaata?

D/ Kan nama dhibu hojjattootni asi keessaa kunneen qarshii kaffalamtuuf sanillee asii

fuudhanii hin ba’an. Asumatti gadi deebisu. Maalif yoo jette. Isaanumti warri abbaa

qabeenyaa kun Mana nyaataa fi mana shaayii achuma moora keessatti waan

daldalaniif hojjattootni immoo hanga mindaan torbee lamaa lamaan kennamuufitti

duubee akka nyaatan hayyamuufi. Hojjataan hunduu mindaa isaa torbee lama lamaan

waan argatuuf jalqaba hanga mindaa argatutti waan nyaatu waan hin qabneef dirqama

isaanuma biraa duubeedhaan nyaata; manatti galee waa bilcheeffatee nyaachuu hin

danda’u jechuudha. Kun egaa achi keessatti kanaan (duubedhaan) hidhamanii akka

taa’anifi. Achi keessatti hojjataan idaa ofirraa dhabe hin jiru.

G/ Ummanni lafa kana gadi hi dhiisnu jedhee hin mormannee yeroo sana?

D/ Kan morme hedduudha; garuu mormitee maal fidda? Lafti kan mootummaati yoo

beenyaa fudhattanis yoo fudhachuu baattanis gadi dhiisuun dirqama jedhamnaan

hunduu egaa beenyuma tanallee fudhachuu wayya jedhee gandatti deemee waliigaltee

mallatteessee beenya fudhatee itti dhiise. Yeroo san namicha kunoo mana nu fuuldura

jiru kanaatu ummata keessa fiigee dafaa gadi lakkisaa lafti isinirraa

fudhatamuufii….maal maal jedhee namni akka waliigaleetillee waa hin dubbatanne

afaan wal jala dabarsee namnis afaan tokko ta’uu hin dandeenye.

G/ Namichi jette kun eenyu inni? Aangoo mootummaa qaba moo?

D/ Shawaa Buzuu jedhama. Kunoo manni isaa kana. Aangoo hin qabu; garuu afaan

colleedha, afaanumaan isaan jala kaata. Kunoo akkuma argitu isaaf ibsaa galchaniifii

jiru. Isa malee namni ibsaa asiin darbee warshaa seenu kana galfate hin jiru.

G/ Namni kun dhalatadhuma biyya kanaatii?

D/ Inni asumatti dhalate; abbaan isaa garuu biyya Sidaamatii dhufe.

(Gaaffii fi deebin taasifame kun baayyee bal’aadha. Kan hafe DVD ergine irraa

dabalachuun ni danda’ama. Nuti hanqina yeroo qabnu irraa hanganuma barreeffamatti

jijjiirre.)

Obbo Girma Atawu jedhamu; jiraataa Naannoo magaalaa Sabbataa, Ganda

qotee bulaa Diimaa maanyeeti. loon isaanii gara itti bobbaasan dhabanii

yaadaan osoo leeyya’aa jiranii itti dhufnee xiqqoo haasofsiisne.

G/ Mee Warshaan habaaboo qe’ee fi lafa qonnaa isinirraa fudhatee jiru kun

jalqaba akkamitti isinitti dhufe? Akkamitti lafa kana hunda argachuu

danda’e?

D/ Jalqaba egaa dubbiin kan dhufte karaa bulchiinsa gandaatin. Ummanni

illee gurgura hin barbaadneeyyu; garuu bulchiisni gandaa lafti kun

habaabodhaaf barbaadamaa koottaa mallatteessatii waan mootummaan isinii

kaffalu fudhadhaa jedhame; nutis dirqama waan ta’eef gatiillee osoo waliin

hin dubbatin waanuma isaan nutti kennan (M 2 tti Saantima 70) fudhannee itti

dhiisne.

G/ Yeroo san kan waggaa meeqaa jedhaniitu kan isinii kaffalan?

D/ Kan waggaa shaniiti jedhani taran. Garuu amma waggaa shaan erga

darbee tureera. Dabalataan homaa hin kaffalle. Ummannis himannaa deemaa

turee homaa murtaa’uufii didnaan dadhabanii dhiisaniiru.

G/ Amma osoo habaaboon kun irraa isinii ka’ee lafti kun deebi’ee akka

duriitti margaa fi midhaan ni biqilchaa?

D/ Simintoo fi kemikaala adda addaa waan itti naqaniif kun sarana maal

biqilchuu danda’a jetteetu. Kanaaf waan akka duriitti nuuf deebi’u hin

fakkaatu. Tarii tutturee bara dheeraan booda yoo kemikaalaa fi simintoon

kun irraa ka’e akka duriitti waan deebi’u natti fakkaata.

Aadd de Buzuu Ba adhaanee Aa adde Dinqeee

jedhamu; MManguddoo

wwaggaa

70ti.

Bish haan duraan qe’eerra q isaa an yaa’u har’a

erga warsshaaleen

addda

addaa

naan nnoo Alamga anaatti dhaab bbatanii waaan

summaa’aaniif

sa’aa-nnamatti

diinaa

ta’an niiru. Kanaaf f horiis ta’ee e nama bishaaan

lafa jalaaa

jarikanidhaaan

wara aabanii obaasuun

dirqam ma ta’eera. AAadde

Buzunnis

jarikaana human

isaan nii hin madaalle

tokko ba aatanii bishaaan

barbaachha

osoo deemmanii

itti

dhuf fnee haasofsi iisne.

(Guu utuu gaaffii deebii d gabaab bduu nu wal liin taasisan dhimma kaaasaa

tureen wwal

fakkaataaa

waan n ta’eef gara barreeffama aatti hin jijjii irre. Guutuu isaa DVD irrraa

argachuuun

ni

danda a’ama.)

Obbo Ob bbo Garoma a Bachoo jed dhamu; dhalaataa

Alamgaanaati.

Warshhaa

Habaabo oo “Adaree Bayyanaa” B jedhamu

keeessa

hojjata. (Namich Addaree

jedhamu u kun Habash haadha. Amm ma garuu waarra

Hindiittti

gurgurate jjedhama.)

Mooraa warshaa hab baaboo keess sattii hiriyooota

isaa namma

lama waliiin

boolla

mana fin ncaanii osoo qotanii itti dhufne. d

G/ Mee M hojii kan naaf guyyaat tti meeqa isinnii

kaffalu?

D/ Akkuma ulfaatina hojiitin garaagarummaa qaba. Kan guyyatti qarshii 5,

6, 7n oolu jira. Kan immoo qarshii 10 fi 13n oolus ni jira.

G/ Mee qarshii hanga tanaa guyyaan argattanii, jireenya yeroo ammaa

hammaate kanaan akkamitti jiraattu?

D/ Maal goonu ree??? Waanuma goonu dhabne. Kaleessaa fi dheengadda

hajjattootni hundi nuuf haa dabalamu jennee walga’ii irratti jeequmsa goonee

turre. Garuu warri maanajarootaa faranjichi (abbaan qabeenya) yaa dhufuuti

gaaffii keessan itti isinii dhiyeessinaa hangasitti hojjadhaa nuun jedhanii

akkasitti beellamaan jirra. Ani warshaa kana keessa ergan galee waggaa jaha

guute. Garuu homaa guddina tokkollee naaf hin daballe. Warra na duuba

dhufan kan muuxannoo homaa hin qabne anaa olitti kan ol guddisan

hedduudha. Addaan nama qoodu.

Alamu Waaqo jedhama. Ijaallee waggaa 12 ti. Lafa warra isaa jalaa

fudhatamee yeroof hojiin irratti hin eegalamin irratti loon tiksaa jira. Rakkoo

Investimantiin walqabatee isaanitti dhufe kana umurii isaa xiqqoo tanaan

akkassitti dhukkubsatee yoo dubbatu garaa nama nyaata.

G/ Lafti kun kan keessanii?

D/ Kan keenya ture. Amma nurraa fudhatameera.

G/ Eenyutu isinirraa fudhate?

D/ Mootummaadha.

G/ dirqiidhumaan moo waa isinii kaffaleeti?

D/ Dirqama waan ta’eefi malee warri koo gadidhiisuu hin barbaanne. M 2

tokkotti qarshii 5.50 isinii kennama jedhaniitu abbaa koo fi haadha too

mallattesisan.

G/ Qarshii kana isinii kennaniree?

D/ Hin kennine; ammasitti egaa loon irra bobbaafachaa jirra; gaafa asii

deemaa nuun jedhan deemudha kaa!

G/ Gaafas loon kana akkam gootu egaa?

D/ ni gurgurra malee maal goona ree? Bakka geessinu kan biraa hin qabnu.

G/ Mee kemikaala warshaa habaaboo kana keessaa margarratti gadi

lakkifameen naannoo kanatti loon baayyetu dhume jedhama; loon tiksaa jirtu

kana keessaa kan isin jalaa du’e hin jiruu?

D/ Kemikaala margarratti gadi nam’e nyaatanii horii torbatu nu jalaa du’e

(Alamaayyoon waan baayyee dubbate; nuti garuu hanganuma gara

barreeffamaatti deebisne)

Loon laggeen summiin kun itti dabalame dhugaa jiraatan dhibee qaamaa isaanii

mammadeessuu fi citteechee huqqisuuf saaxilaman hedduudha; kan dhumanisi

akkasuma baay’eedha. Sababa faalamuu laggeen kanaan bakkoota hedduu miidhan

kun kan qaqqabe yoo ta’u, dhimmi kun qorannoo bal’aa barbaadaa waan ta’eef

tilmaamuun nu rakkiseera. Ta’us gaaffii fi deebii ta’e irraa hanga tokko yaada

argachuun ni danda’ama.

Magaalaa Bishooftuu fi Duukam jidduu Ganda Qotee Bulaa Qurquraa jedhamutti

Dhaabbata “East Afrika” jedhamu kan lafa walakkaa ganda tokkoo ta’u qabatee jirutu

jira. Dhaabbanni kun xurii/kemikaala maasii qonnaa fi marga loonii irratti gadi

lakkisuun miidhaa hamaa ummatarraan gahaa akka jiru hubanne. Kanarratti gaaffii fi

deebii namoota waliin taasisne kunooti.

Obbo Getacho Aragga jedhamu; jiraataa Ona Ada’aa, Ganda Qurquraa lakk.2 ti.

G/ Amma dhaabbata East Afrikaa kana keessa hojjataa jirtuu?

D/ Amma gara biraatin hojjadha, duraan garuu asuma keessan hojjataa ture.

G/ Dhaabbata kana keessatti maal maaltu omishamaa?

D/ Saamunaa, Ajaaksii, Buskutii, Faaffa, Dibata/cosmetics/, Kaartonii, mana daakuu

midhaanii fi maxxansa adda addaati.

G/ Mee Warshaan kun erga dhaabbatee tajaajilli inni ummataaf fide jiraa?

D/ Dura yoo lafa kana bilisaan bulchiinsa gandarraa fudhatu (lafa hangana bal’atu

kana hin binne, bilisaan kennameef jedhu; ganda keenyaaf waan baayyee waadaa

gale. Garuu waan waadaa gale hin hojjanne.

G/ Maal waadaa galeeyyu?

D/ Fkn Kilinikii, ibsaa, Bishaani fi ibsaa isiniin galcha jedhee ture. Kana keessaa

boolla bishaanii kunoo asii muul’attu tana qofa nuuf baase. Ishiinuu eegumsa dhabdee

kinoo caccabaati jirti.

G/ Ummanni hin gaafaturee waan waadaa galan kana akka isiniif guutan?

D/ Bara baraan gaafachuu hin dhiisne. Garuu qaamni furmaata kennu hin jiru.

G/ Dhaabbanni kun erga asitti hundaa’ee waggaa meeqa ta’e?

D/ waggaa 14 (kudha afur)

G/ Dhaabbanni kun xuriin gadi naqu hin jiruu? Yoo jiraate hangam of

eeggannoodhaan akka sa’aa-nama hin miinetti gadi naqu?

D/ Xurii/kemikaala kunoo duuba sanaan sulula keessa gadi dhiisanii lafa margaa fi

maasii namaa keessa faca’a. Sababa xurii achi keessaa bahee margarra faca’en loon

marga sana nyaatanii dhuman hedduudha.

G/ Loon haala kanaan dhuman kanaaf beenyan kaffalame jiraa?

D/ hin kaffalamne; eenyu gaafatu? Kan nama dhagahu hin jiru.

G/ Abbaan qabeenyaa dhaabbata kanaa eenyu jedhamaa? Lammii biyya alaati moo?

D/ Buzaayyoo Taaddasaa jedhama.

Shamarree Alamii Dassaalany jedhamti.

G/ Dhaabbata East Afrika kana keessa hojjattaa?

D/ Dura achin hojjadha ture. Amma dhiiseera; barnootattin deebi’e.

G/ Kaffaltiin isaanii hojjattoota humnaatiif guyyaan hangami?

D/ Guyyaadhaan qarshii 10 (kudhan) kaffalu. Isayyuu ganama sa’aatii tokkotti

seentee galgala sa’aatii 11tti yoo baateedha. Sa’aatii 2tti seentee 11tti kan baatu

yoo ta’e immoo guyyaatti qar. 7n oolama.

G/Mee haalli hojjataa fi hojjachiisaa dhaabbata East Afrika kana keessatti maal

fakkaata?

G/ Hojiin asi keessatti nu hojjachiisan fayiduma isaanii qofaaf akka ta’utti

humna namaa nyaatu malee akka ati jireenyaan of dandeechu si hin godhan.

Kana malees kemikaalli namoota hedduu miidhaa jira. Namni baayyee

dhukkubsataa ta’eera. Kuun dhukkubni isaallee maalirraa akka ta’e osoo hin

beekin du’u. (gaaffii fi deebiin kun hedduudha. Kan hafe DVDrraa ni argattu.)

Obbo Ob bbo Boolee Worqu W jedha amu.Jiraataaa

Ona Ada’aaa

ganda Waaajituuti.

G/ Bisha aan xuraa’an n dhaabbata kana k keessaaa

gadi yaa’u kun namaa fi

beelladar rratti balaa hin h fiduu?

D/ sirritti

fida malee;

nama harka aa fi miila kuukkutee

citteeessa;

horiiss

baayyee

fixe.

G/ Rakko oo kana qaam ma ilaallatut tti hin iyyannnee?

D/ Bulch hiinsa ganda keenyaatti yeroo y hedduuu

deddeebinnee

iyyanneeerra.

Homaa

furmaata a nuu kennuu u didan.

(Bal’na isaa i DVDrra aa argattu)

B/ Ba adiin geessis suuf deemu u immoo ham mmeenyummmaan

isaa aakkamittiinn

ibsama?

1. Ha aalli kun akk kanaan itti fu ufnaan laggeen

Oromiyaaa

hedduun issaanii

dhuguuun

hafee

dhiqa achuufillee rakkisaa r ta’a.

2. Bin neensota, qu urxumiiwwan nii fi sa’aa-n nama laggeeen

kanatti fay ayyadamani hhundaaf

jireen nyi isaanii so odaachisaa fi suukkanneessaa

ta’a.

Laga Sabbataa, kan k xura’aa Warshaa W Ara aqee keessaaa

bahuun faaalamee

loon fixaa jiru.

3. Sab baba loon ba akka dheeda an dhabuutiin n qonnaan buultoonni

N/FF/F

loon isaaanii

gurgu urudhaan wa aan haphisan niif gara fuul lduraatti akkka

aadaa Oroomootti

handdhuraan

ilmaa an isaanii daalchisan

hin jiraatu. Laft fti qonnaatis maqaa invesstmentiitin

hharkaa

dhum maa waan jiru uuf gama ka anaanis hand dhuraan ilmaaan

isaanii dhhaalchisan

hhin

jiraatu.

Kun immoo i dhaloota

fuula du uraa bakka jireenyaa j dhabsiisudhaann

biyya abbaaa

isaa irrattii

alaga aa ta’ee akka a jiraatu taasi isuu fi Umm manni Oromooo

daangaa FF/F

aadaa isaaa

gadi

dhiise ee orma fakk kaatee akka jiraatu j taasis suuf kan yaaadameedha.

4. La afti omishni abaaboo a irra atti babal’ach haa jiru kunnneen

omishaa

abaabotiif jjedhamee

hanga a meetira 10 0 gadi qotam mee keemikaa ala fi simintooodhaan,

akkkasumas

waantoota

akka

cirrac chaa wayiitii in waan guu utamuuf osoo o bar tokko oomisha

isaannii

irraa kaaffatanillee

laffti

kun deebi’ee d qon nnaa fi biqiltu uu biqilchuu uf hin ta’u. SSababni

isaaa

qotee bulaaan

tekinoolojii

amm ma keessa jiru uun lafa mee etira 10 gadi fagaatee biyyyoon

isaa irrraa

manca’ee

kana deebisee qonnaaf

oolchu uu hin danda a’u. Kun immmoo

gara fuuula

duraatti

gamm moojjummaa a babal’isudh haan lafa jire eenyaaf hin mmijanne

taassisuu

akka ddanda’u

tilma aamuun nama a hin rakkisu u.

Warshaa Habaaboo naannoo Sabbataa jiran keessaa

C/ Qonnaan bultoota hangam ta’anitu dhimma kanaan lafa isaa irraa buqqa’ee?

1. Godina addaa magaalaa F/F jala jiraan keessattii qofa yoo xiqqaatee ganda tokkoo

keessaatti namoota 50 olitu lafti irraa fudhatame.

Haala jireenyaa amma irra jiran?

1. Irra caalaan isaanii hojii guyya guyyaatiin kaffaltii qarshii 12 hin caalleen warshaa

habaaboo kana keessa hojjatanii of jiraachisu. Fuuliin kemikaala omisha kanaaf itti

fayyadamanii summii waan ta’eef, kanarratti of eeggannoof waan qaama isaanii irraa

ittisu waan hin tolfamneef namoonni, keessayyuu shamarran hojii humnaatiin iddoo

omisha abaaboo kana keessa hojjatan baayyeen isaanii dhibee Asmii fi garaachaatiin

rakkachaa akka jiranitu bira gahamera.

III. Faalama laggeen Finfinnee fi naannawa Finfinnee:

Laggeen xixiqqoon Finfinnee keessa darbanii yaa’ani fi sa’aa-nama Oromooo naannawa

Finfinnee jiraatu jiisan hedduu turan. Har’a garuu laggeen kunniin kuun isaanii xura’aa

warshaa keessaa bahuun faalamanii sa’aa-nama irratti miidhaa hamaa geessisaa kan jiran

yoo ta’an kanneen hafan immoo cirumti isaanituu gogee sululli isaan keessa yaa’aa turan

dhagaa qofa hammatee hafeera.

A/ Imaammata Mootummaan Wayyaanee Oromoo fi Oromiyaa lafarraa balleessuf yaalaa

jirtu keessa toftaan kun isa tokko ta’uun hubatamee waliigalaan maaltu godhamuu qaba?

Hanga ammaatti sa’aa-nama hangamiitu rakkoo kanaan miidhame? Omisha midhaanii

irratti rakkoo geessiseen walqabatee diinagdee ummatichaa dadhabsiisuu irratti gahee

hangamii qaba?

Obbo Galatu Birbir jedhama; Jiraataa Ona Ada’aa, Ganda Daalotaa fi Qaallittiiti.

G/ Lagni kun maal jedhamaa?

D/ Laga Waddeechaa jedhama. Tulluu Erer irraa ka’eetu laga Mojootti dabalama;

lagni Mojoo immoo laga Hawaasitti dabalama.

G/ Horiin ni dhugaa laga kana? Namni hoo?

D/ Horiin kanuma dhuga. Duraan namnis ni dhuga ture, amma garuu warshaalee

Habaaboo kunneen erga dhufanii namni dhuguu dhaabe.

G/ Maal Habaaboon erga dhufee booda maaf dhuguu dhiisanree?

D/ Warshaalee Habaaboo naannoo kanatti muul’atan kunneen hunduu kemikaalaa fi

xurii warshaa isaanii keessaa bahu laga kanatti waan gadi dhiisaniif amma

summeessaniiru.

G/ Maarree lagni faalame/balfame kun horiin yeroo dhugu hin miidhuu?

D/ Horiidhaaf filannoon biraa hin jiru. Yeroo yerootti loon dhukkuba adda addaatiin

dhuman hedduudha. Garuu irraa eeganii hin danda’amu waan ta’eef kuun

dhumaatuma kuun immoo akkasumatti dhugaatuma jiraachaa jiru.

G/ Mee qotee bulaan jalqaba lafa hangana guddaa ta’e kana akkamitti warra warshaa

Habaaboo kanaaf gadi dhiise?

D/ Jalqaba lafti kun gadi ciisaa waan ta’eef ganna ganna bishaan laga waddeechaa

irra gara galee sanyii fi xaa’oo maasii irraa jalaa haratee akka malee qotee bulaa

boochisaa ture. Bishaan kun/lagni kun bishaan guddaa waan ta’eef human qotee

bulaatiin ofirraa jal’isuun hin danda’amne ture. Kanarraa kan ka’ee dubbiin

Habaaboo kun waggaa shaniin dura yoo dhufu ummanni carraa gaarii itti

fakkaatetuma waanuma xiqqoo kaffalamteef sana fudhatanii lafa gadi dhiisan. Amma

immoo bishaan kunis daandii argatee yaa’uu waan eegaleef osoo kennuu baannee

jedhanii baayyee gaabbaa jiru. Qarshiin kennamteefis homaanuu hin godhanne. Har’a

ijoollee waggaa 10 fi 11 irraa jalqabee isaanuma biratti hojii humnaa hajjataa of

jiraachisaa jirra.

G/ G Amma erg ga gaabbanii

booda umm manni lafa keeenya

nuu ddeebisaa

jedhhee

gaafatee? ?

D/ D Eeyyee am mmayyuu ga aaffidhumatti i jirama. Himmannaarra

jiirama.

G/ G Lafti kun yeroo y san wa aggaa meeqa aaf jedhameeetu

kan kafffalameef?

D/ D Kontiraata a waggaa 15t tin mallattee essisan. Kafffaltiin

immoo

waggaa 5 5niin.

Amma A kan waggaa w 10 be eenyaa kenna aniiru.

G/ G Amma laft fti kun osoo isaan i irraa ka’anii k deebi’ee

qonnaaf f ta’uu dandaa’aa?

D/ D Cirracha, Simintoo S fi kemikaala k ad dda addaa laafa

jala awwwaalanii

waann

irratti

hojjataniif

kana

irraa kaas suun humna qotee bulaaatiin

waan daanda’amuu

mmiti.

Tarii

doozarii

fi hu umna maashi inii gurguddaadhaan

yooo

buqqa’e mmalee.

G/ G Shallaggii hangamitin yeroo sana beenyaan kaan

kennameeef?

D/ D Qarxii (deebisa

sangaa a tokko) tokk kotti qar. 3,0000

(kuma saadi)

(G Gaaffi fi dee ebiin kun bal l’aadha; yaad da ijo ijoo taa’an

qofa garra

barreeffammaatti

jij ijjiirre. Guutu uu isaa DVD D irraa argatt tu).

Laga L Waddee echaa Kemik kaala W/Hab baabootiin faaalamee

dhiiiga

fakkaate.

Adde Gaad ddisee Tullu u jedhamu, jiraattuu

Gandda

naannoo laga waddeeechaa

ti. Lagga

kanarratti osoo o huccuu u miiccaa jira anii itti dhuffne.

Xurii waarshaa

habaaaboo

kanarraa

xurii qaam ma isaanii hin n wayyuu laa ata jechaa yaaada

keessa ggallee

itti goorre.

(Yaad dota hanga am mmaa ka;an n waan addaaa

waan hin qqabneef

gara

barree effamaatti hi in deebisne)

Ijoollee

naan nnoo laga Waddeechaarr

W raa horii tikksaa

laga kaana

irra taphhatan

argineee

haasofsiisne.

Hanga tok kko erga haasofsiisnee

h e booda idddoo

kemikaaalli

warshaaa

Habaaboo H “R Rain Bow” jedhamu

kee essaa gara laaga

waddeecchaatti

dabaalamuun

akkka

nutti agarsiisan gaafannee isaanis nu geessan. Hanguma gara iddoo kemikaalli kun

lagatti dabalamuutti dhiyaachaa deemnuun bishaan dhiiga fakkaatutti dhufaa deemne.

Yeroo iddoo boyii/sulula kemikaala warshaa gara lagaatti yaasu bira geenyu, waan

dhiiga fakkaatuti lagatti gadi yaa’a. (waraabbiin haala kana agarsiisu DVDrra jira.

Naannoo magaalaa Sabbataa fi Alamganaatti Xurii Warshaalee keessaa bahuun

laggeen faalaa jiranii fi miidhaa hanga ammaatti qaqqabsiisan ilaalchisee gaaffii

deebii bal’aa namoota sadi waliin taasisne kunooti.

Maqaa: Obbo Qitessa Badhasoo

Jiraataa Magaala Sabbataa

G/ Lagni kun maal jedhamaa?

D/ Laga Sabbataa jedhama.

G/ laga kana maaltu akkanatti xureesse/summeesse?

D / Xurii “Warshaa Araqee Biyyoolessaa Sabbataa” jedhamu kan asitti argamu

keessaa xurii/balfa gadi lakkifamutu laga kana akkanatti xureessee “zayitii” lafarra

yaa’u fakkeesse.

G/ Mee lagni kun akkas ta’udhaan balaan inni geessise maal?

D/ Lagni kun tokkoffaa summii fi kimikaala warshaa kanaatiin faalame waan ta’eef

loon naannoo kanaa immoo filannoo biraa waan hin qabneef isuma dhugu,; kanaanis

loon hedduutu dhume. Karaa biraa immoo lagni kun lafa margaa fi maasii midhaanii

irratti dhangala’udhaan margaa fi biqiltoota gubee balleesse loon waan dheedan kan

dhabsiise yoo ta’u maasiin midhaanitis omisha gahaa akka hin kennine taasisaa jira.

G/ Rakkoo kan ummanni qaama ilaalutti hin iyyannee?

D / Yeroo adda addaatti iyyatatuma turan; ammas ummanni himataatuma jira.

Mootummaan isinirraa dhaabsibsna jechuun abdii kennuudhan alatti hanga ammaatti

furmaata fideef hin jiru.(gaaffii fi deebiin kun bal’aadha; kan hafe viidiyoo

ergamerraa argachuun ni danda’ama.)

Naannoowwan balaa kanaan akka malee miidhamaa jiran lafoota lageen keessaa

darban hunda yoo ta’u, caalatti immoo jiraatoota naannoo laga Aqaaqii, laga

Sabbataa, laga Duukam, laga Mojoo, laga Gafarsaa fi Hawwaasi yoo ta’uu balaan kun

immoo jiraatoota naannoo F/F irraa jalqabee hangaa Ummata Oromoo Karraayyuu fi

ummataa Afaaritti deema.

Balfaawaan garaagaraa keessayyuu kanneen akka pilaastiikii fi peestaalii yeroo

laggeen guutanii faca’an maasii fi qe’ee namaa irratti faca’uun lafti akka homaa hin

biqlchine godhuu fi summeessu akkasumas dhukkubni isaan(laggeen kunniin)

baatanii qe’eetti fidaniin kan dhibee adda addaatiif saaxilames laayyoo miti! Loonis

marga waliin waan sana nyaatanii du’aaf kan saaxilaman hedduu ta’uutu himama.

Laggeen kunneen babal’ina magaalaa F/F fi naannawaa, akkasumas warshaalee

naannoo kanatti ijaaramanii faalama guddaa laggeen kanarran ga’aa jiru. Faalamni

laggeen kanneenii immoo uumama Oromiyaarraa jiran mara bakka jiranitti miidhaa

guddaa irran ga’aa jiruf sa’aa-nama balaa kanaan miidhaa jiruuf furmmaanni

hatattamaa akka godhamuuf uummata itti dammaqsuu;

Balfaa fi xuraa’aa Magaalaa Finfinnee keessaa bahuni fi warshaalee ‘maal na

dhibdeedhaan’ Summii fi xurii warshaa keessaa bahu laggeenitti gadi lakkisudhaan

sa’aa-nama naannawa Finfinnee miidhaa jirani hatattamaan gochaa kana irraa akka

dhaabbatan gaafatamee badii kanaan dura gaheef namoota miidhaan kun irra gaheef

beenyaan akka kaffalamu qaama mootumma dhimmi ilaalutti iyyata galfachuun

gaafachu; deebii kennamu irratti hundaa’udhaan jeequmsaa fi fincila kaasuu.

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!