27.03.2020 Views

Mucuca kufaatii 15

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

MUCUCA

KUFAATII

Barreessaan: Amaanu’eel Oljirraa Duuloo (Lecturer)

Amajji, 2020


DHAAMSA

Mirgi barreessaa seeraan kan eegamee dha. Kanaafuu

eyyama barreessichaa malee maxxansuu fi baay’isuun

seeraan itti nama gaafachiisa. © 2020.

Lakk.bilbilaa:+251917676673

Email: amanueloljira790079@gmail.com

ii


GALATA

Duraan dursee haadha koo aadde Shaashituu Gudduu

Gugsaa kan garaatti nabaattee, deesse naguddisuuf

gumaacha qaqqaalii natti baafte, bay’iseen galateeffadha.

Itti aansuun aadde Tigist Tamasgeen Adaanee (BSc,

MSc), Kan fixaan ba’umsa kitaabichaaf jecha jalqabaa

hanga xumuraaatti gumaacha gama hundaan nabira

dhaabbachaa turte, onneekoorraa fudheen galateeffadha.

Akkasumas namoota gulaallii kitaaba kanaa keessatti

qooda fudhatan keessaa: Hundumaa Amansiisaa (BSc,

MSc); Deebisaa Tarreessaa (BSc) fi kanneen biroo

hundaaf galanni koo dhuma hin qabu. Dabalataanis,

maxxansa kitaabichaaf namoota gargaarsa meeshaalee fi

maallaqaan nabira dhaabbattan hunda galateeffachaa;

keessumaa Eebbaa Qananii Hundeessaa (Injiinera,

Barreessaa fi Og/Muuziqaa: dizaayinii qola kitaabichaa

(cover) kan dalageef galanni koo guddaa dha.

iii


BAAFATA

DHAAMSA............................................................................. ii

GALATA................................................................................iii

BAAFATA............................................................................. iv

SEENSA................................................................................. vi

BOQONNAA 1.......................................................................1

1.1. Ibsa Mucuca Kufaatii................................................. 1

BOQONNAA 2.......................................................................7

2.1. Amantaalee fi Amantaa..............................................7

2.1.1. Baayyina Miseensota Amantaalee Addunyaa. 11

2.1.2. Seerota Amantaalee........................................... 17

2.1.3 .Kiristaanummaa fi Islaamummaa................... 25

2.1.3.1Kiristaanummaa........................................... 27

2.1.3.2 Islaamummaa............................................... 40

BOQONNAA 3.....................................................................62

3.1. Amantaa fi Saayinsii.................................................62

3.1.1 Wal Mormii Ilaalcha Amantaa fi Saayinsii......62

3.1.2. Uumama Hawaa fi Lubbu Qabeeyyii...............72

3.1.2.1 Uumama Hawaa...........................................74

3.1.2.2 Uumama Lubbu Qabeeyyii......................... 81

3.1.3. Mudannoo Hir’ina Qaamaa..........................89

3.1.4. Garaa Garummaa Adii fi Gurraachaa........ 99

iv


3.1.5 .Uumaa/Waaqa..................................................109

3.1.5.1. Guddina Uumaa/Waaqaa.........................111

BOQONNAA 4...................................................................118

4.1. Amantaalee fi Dhibee Sammuu............................. 118

4.2 Dhibee Sammuu fi Mallattoo Isaa......................121

4.2.1. Waantota Dhibee Sammuuf Nama Saaxilan

................................................................................. 126

4.2.2. Dhibee Sammuu Amantaan Wal Qabate...130

4.2.3. Mala Dhibeen Sammuu Ittiin Yaalamu.....133

BOQONNAA 5...................................................................138

5.1. Gudunfaa Mucuca Kufaatii................................... 138

6. REFERENCES...............................................................146

7. SEENAA BARREESSAA............................................. 149

8. YAADA GULAALTOTAA...........................................151

v


SEENSA

Akkuma beekamu waanti barreeffamu hundi sababa

malee miti. Kitaabileen yeroo barreeffaman qabiyyeelee

kanneen akka gaaffii fi deebii ykn furmaata, taajjabbii,

sirnoota ittiin bulmaataa garaa garaa, qeeqa, hubannoo

dabalataa, siyaasa garaa garaa, amantaa garaa garaa,

bashannana fi kkf of keessatti qabachuu malu. Haa ta’u

malee wantootni kitaaba kam keessatti barreeffaman

hundi dhugaa ta’uu fi dhiisuu isaanii ilaalchisee, namni

kitaabicha dubbisu sun ragaa qabatamaa ta’een madaalee

fudhachuu ykn mormuu danda’a. Yoo kan mormu ykn

kan deeggeru ta’es, ragaa dhiyeeffachuun yaada mormii

ykn deeggersaa ibsata jechuu dha.

Sababni ijoon kitaabni kun akka barreeffamuuf

kaka’umsa taasises, qeeqa ilaalchota dogoggoraa,

kanneen namootni hedduun akka furmaataatti itti amanaa

jiran ilaalchiseeti. Ilaalchotni namootni furmaata nuuf

ta’a jedhanii fudhachaa jiran sunniin garuu kufaatii

namootaaf sababa bu’uuraa ta’uu isaaniitu qeeqama.

Kanas mirkaneessuuf ragaa qabatamaa namni kamiyyu

irratti waliif galuu danda’u irratti fakkeenyota muraasa

vi


fudhannee kitaaba kana keessatti kan ilaallu ta’a.

Kunis,qeeqa akkasumas jeja garaa garaa dabalchuu mala.

Qeeqni kitaabni kun qeequs kan uumame, sababa

namootni gocha hamaa dalaganii fi akkasumas akka

dalagamu barsiisan hawwaasa garaa garaa keessatti waa

argamaniifi.Yeroo ammaa kana namoota gaaffii osoo

qabaanii, garuu akka waan gaaffii hin qabneetti callisanii

waantota dogoggoraan dalagaman faana bu’anii dalagan

fi dalagamuu wantichaa deggeranis arguun waanuma

baratamee dha.

Kitaaba kana tarii kitaabilee kanneen biroo irraa kan

adda taasisu, gaaffii ta’ee kan nama kam keessatti

uumamu danada’u kamiyyuu ilaalchisee, isa kamtu

dhugaa akka ta’e yaada mareef dhiyeessuu isaati.

Kanaafuu ijoon dubbii kitaaba kanaa, jecha isa ”waanta

feete amanuun mirga keeti, garuu waanta dubbiste

hunda gaaffiin osoo hin madaalin amanuun dogoggora”

jedhu irrattii kan hundaa’uu dha.

Tarii kitaaba hedduu erga dubbistee booda gaaffii

hedduun sammuu kee keessati uumameera ta’uu mala.

Kun ammoo sababa kitaabni ati dubbiste sun namuma

vii


akka keetiin barreeffameef ta’uu isaati. Gaaaffiin

kees,wanta barreeffame sana erga dubbifteen booda

ilaalcha kan keetiin yeroo madaaltu dogoggora ykn

dogoggora ta’uu dhiisuu isaa mirkaneessuu yaaluu

keetiin kan uumame dha. Kitaabni kunis waantotuma

gaaffii namatti uumuu malan kanneeniin kan

walfakkaatu irratti mari’ata jechuudha. Kunis, seera

amantaalee muraasa, ilaalcha namootaa, saayinsii fi kkf

hunda bifa safuu (ethical) ta’een qeequus jejuus ni mala.

Kitaabni Mucuca Kufaatii amantaalee kamiinuu yoo

qeeqe ykn jejes, walqixatti malee, isa tokko jejee kan

biraammoo hin qeequ. Akkasumas ibsi kitaabicha

keessatti ibsamu, akka qaama sadaffaatti nama

kitaabicha dubbisaa jiruu fi ilaalchota amantaaleen qaban

erga wal barsiiseen booda, akka qaama lammaffaatti

immoo yaada caqafame irratti nama dubbisu sana waliin

sirreeffama godhamuu qabu irraatti mari’ata. Qabxiin

hubatamuu qabu; namni kamiyyuu amantaa mataa isaa

yoo qabaate, kitaabni kun kan jajjabeessu ta’uu isaati.

Dubbisa Milkii!

viii


BOQONNAA 1

1.1. Ibsa Mucuca Kufaatii

Jechi Mucuca Kufaatii jedhu jecha isa Oromoon:“Bakka

itti kufan irra, bakka itti Mucucaatan” jedhu waliin kan

wal simuu dha. Kunis kan ibsuu yaalu: Kufaatii isa dhalli

namaa ittiin cabee fi cabsee; du’ee fi ajjeesee;

hiyyoomee fi hiyyoomsee; cunqursee fi cunqurfamaa jiru

kanneen Mucucaalee akkaa : siyaasaa; ilaalcha amantaa;

fi ilaalcha bilchina hin qabneen dhala naamootaa hunda

irratti ta’aa turee fi jiruu, akkasumas itti fufee ta’uuf

jiruuti. Qeeqni qeeqamuuf yaalame, Siyaasnii fi

amantaaleen namootni hordofaa jiran sirrii ta’uu dide

jechuu osoo hin taane, namootni baayyeen ilaalcha

dhiphaa dhaan amantaa fi siyaasa isaanii hordofaa jiru

jechuus ni dabalata. Kanaafuu ijoon dubbii: dhiphina

ilaalchaa(negative attitude) kan namootni waan hordofaa

jiraniif qaban hunda gara ilaalcha gaarii fi bu’aa gaarii

qabuutti(positive attitude) akka jijjiirratan jajjabeessuuti.

Jecha ilaalcha dhiphaa jedhu kanas jecha beekaa

addunyaa kanaa‘Albert Enistayiniin ‘fudhannee yoo

ilaalle salphaatti ifa ta’uu mala. Innis “Dhiphina


ilaalchaatiin rakkoon uume, yoo ilaalchi sun jijjiiramuu

baate, rakkinichis furamuu hin danda’u(a problem can’t

be solved at the same level of thinking that created it) 1

kan jedhuu dha.

Enistaayin yeroo ammaa lubbuudhaan addunyaa kanarra

jiraachuu baatus, gumaacha inni gumaache hanga

har’aatti itti fayyadamamaa jira. Addunyaa har’a guddina

tekinooloojiitiin badhaatee jirtu kanas, sadarkaa ammaa

kanarra akka geessu taasisuu irratti namoota shoora

guddaa taphatan keessaa Albert Enstaayin isa hangafaa

ta’uu akka danda’utu himama 2 . Argannoo isaa keessaa

inni beekamaan foormulaa E=mc 2 dha 3 . Haa ta’uutii

Albert Enistaayiin jechoota armaan olii kana jechuu kan

danda’eef, bara inni keessa jiraachaa ture (1879-1955

ykn jaarraa19 ffa fi 20 ffaa ) keessa, ilaalcha namootni

waantotaaf qaban hundi akkuma ilaalcha namoota

isaaniin dura turanii ture. Hubannoon namoota yeroo

sanaa gadi bu’aa waan tureef, hanga Enistaayin ilaalcha

yeroo sana ture hundeedhaan jijjiirutti gumaachi inni

addunyaa har’aa kanaaf gumaaches osoo hin

gumaachamin hafee ture jechuu dha. Enistaayin garuu

2


ilaalchota dogoggoraa jijjiiruun of jijjiiree adunyaa

guutuu jijjiire.

Haaluma wal fakkaatuun yoo har’as rakkoon kan

namoota mudachaa jiru ykn addunyaa mudachaa jiru ta’e

maddi rakkoo sanaa ilaalcha dhiphaa namootni ittiin

waantota ilaalaniin kan uumame ta’uu mala jechuu dha.

Kanaafuu, rakkoo namoota mudachaa jiran furuuf,namni

kamiyyuu ilaalcha dogoggoraa kan ofii, akkasumas kan

namoota biroo gara ilaalcha gaariitti jijjiiruun furmaata

bu’uuraati.

Hubadhu! Ilaalchi kee ofii keetiif rakkoo ykn furmaata

siif ta’uu akkuma danda’u, akkasumas addunyaa kanaaf

rakkoo ykn furmaata ta’uu ni dandaa’a.

Walumaa galatti gudunfaan ibsa armaan olii, jecha isa

rakkooleen keenya har’a sababa ilaalcha dogoggoraan nu

mudachaa jiran, ammas yoo ilaalcha keenya jijjiirranne

malee jijjiiramuu hin danda’an jedhu of keessatti qabata.

Kanas fakkeenyota tokko tokko ragaa qabatamaa waliin

madaallee gabaabaatti ilaaluuf yaalla. Kunis waantota

namootni baay’een utuuma beekanii ykn kun maaliif

akkas ta’a gaaffii jedhu sammuu isaanii keessaatti

3


qabaatanii, garuu akka waan gaaffii hin qabneetti usanis

ni dabalata. Namootni akkasii kunniin, dogoggora jiru

osooma beekanii akka waan yaada dgoggoraa sana

fudhatan fakkeessanii, yoo ofii dalaguu ykn fudhachuu

baatan illee, sababa namoota isaan waliin jiraataniin

baratameef deggersa yaadaa godhan hundaa dabalata.

Kun ammoo siinis dabalachuu mala jechuu dha.

Fknf; tarii siinis waantotni dogoggoraan dalagaman

addunyaa ykn hawwaasa ati keessa jiraachaa jirtu

keessatti simudachuu malu. Gochaaleen sunniin yeroo

ati ilaalcha sirriin ilaaltu siif fudhatamuu didan ta’uu

malu. Kunniinis, rakkoolee yeroo ammaa kana addunyaa

guutuun ittiin dararamtu kanneen akka walitti bu’iinsa

karaalee amantaa, siyaasa fi dinagdee garaa garaa,

akkasumas ilaalcha dhiphaa kan namootni namuma

akkasaaniif qabanii fi kkf dabalachuu malu. Sababni

ka’umsaa fi taateen rakkoolee kanneeniis gaaffii

sammuu namaa keessatti uumuun isaa kan oolu miti.

Kanumarraaa ka’uun, waantota Mucucaalee kufaatii

namootatti ta’aa jiran tokko tokkorratti mari’achuuf

bu’uura akka ta’utti yaadamee kitaabni kunis katabame

4


jechuu dha. Mucucni kun illaalcha dogoggoraa kanneen

namootni baayyeen kanaan dura barreessaniifi barsiisan

akkasumas akka dhaalaatti walitti daddabarsaa nubiraan

ga’an dabalata. Ilaalchotni kunniin ammoo kufaatii

keenya har’aaf sababa ta’uu kanneen malanii dha.

Kitaabni kun amantaa hundaaf ilaalcha wal qixaa qaba.

Sababni isaas ilaalcha “amantaaleetu sirri miti” jedhu

qaba osoo hin taane, waanta amanaa jiran sana dhugaa

jiru hubachuun akkaataa ilaalcha gaarii ta’een amantaa

ofii hordofuutu gaarii dha yaada jedhu ofkeessaa qaba.

Kanaafuu namni amantaa kam hordofu yoo dubbise

rakkoo hin qabu. Sababni isaas namootni amantaa isaanii

ilaalcha sirrii ta’een kisaaraa malee akka amanuu qaban

jajjabeessa waan ta’eef.

Fakkeenyaaf amantaan kee yoo ati dogoggoraa taate

waaqni (uumaan kee) guyyaa booddee abidda bara

baraan siguba kan jedhu yoo ta’e, akkasuma immoo

waaqni kee baayyee sijaallata kan jedhu erga waliin

madaaltee booda, ‘Isa kamtu sirriidha?’ jechuun gaaffii

uumuu dha.

Hubadhu! Gaaffiin jalqaba beekumsaa fi furmaataati!

5


Gaaffilee marii

Akka fakkenyatti gaaffilee armaan gadiii yoo xiinxalte:-

Ati mootii biyya bulchu tokko yoo ni jaallatta ta’e

moo? Sababa seera isaa isa hamaa sodaattuuf

garaa guutuun itti gaafatamummaa inni sitti kennu

badii malee dalagda?

Utuu carraa argattee mootii seera sitti cimsu

galagalchi jedhamtee silaa maal goota?

Mootii isa baay’ee jaallatu innis baay’ee si

jaallatuhoo?

Sodaachuu moo jaallachuutu bu’a qabeessa si

godha?

Abbaa ykn haadha kee ni sodaattamoo nijaallata?

Abbaan ykn haati ilmoo isaanii hagam jaallatu?

Namni waanta jaallatuuf bakka akkamii qaba?

Hub: Deebii gaffiilee armaan oliif deebisuu yaalte

hunda waaqa bakka buusuun garuu gocha ykn jaalala

waaqni siif qabu akkuma garaagarummaa guddina

waaqaa akkasumas yaada waaqaa fi Nama gidduu jiru

Kan waaqayyoo Kan namaarra caalchisii madaali.

6


BOQONNAA 2

2.1. Amantaalee fi Amantaa

Amantaaleen gosoota amantaa yoo ta’u, Amantaan

ammoo waantota mul’inaan hin argamne ni ta’a ykn

ta’uu ni danda’a jedhanii amanuu dha 4 .

Namootni baay’een waantotni isaan akka isaaniif ta’uuf

fedhanii dalagan, akkasumas amalli isaan calaqqisiisan

baay’een isaa amantaa isaanii irratti hunda’a. Taateen

kun ammoo kan mul’isu, ilaalchi namootni waantota

garaa garaaf qaban baay’inaan kan maddisiifamu

amantaa isaan qabaniin ta’uu isaati. Ilaalchi amantaan

maddisiifaman kunniinis akkuma garaa garummaan

amantaa, amantaalee gidduu jiru hundaa, ilaalchis gargar

ta’uu mala jechuu dha. Fakkeenyaaf; Namni amantaa

Kiristaanummaa hordofaa ture tokka yoo amantaa isaa

gara Isilaamummaatti jijjiirrate, ilaalchi isaas akkasuma

ni jijjiirama. Kana jechuun ammoo namni sun yeroo

Kiristaanummaa hordofaaa ture sana, waantotni inni

gaarii akka ta’anitti ilaalaa ture, ilaalcha Musiliimummaa

isaatiin akka gadhee ta’an, akkasumas kanneen inni akka

waan gadhee ta’aniitti ilaalaa turemmoo gaarii ta’anii itti

7


mul’achuu malu jechuu dha. Haaluma wal fakkaatuun

yoo namni Isilaama ture tokko gara Kiristaanumaa ykn

amantaalee kanneen birootti kan jijjiirratu ta’e, ilaalchi

isaas akkasuma ni jijjiirama.

Ibsa kanneen irraa qabxiin akka ijootti hubatamuu qabu,

ilaalchi namootaa kan dura turerraa kan biraatti

jijjiiramuu akka danda’uu dha. Ilaalchi jijjiiramuu qabu

garuu ilaalcha dogoggoraa ture irraa gara ilaalcha gaarii

namoota hundaaf bu’a qabeessa ta’etti ta’uu qaba.

Sababni isaas ilaalchi dogoggoraa kamiyyuu Mucuca

Kufaatii ta’ee namoota kan biroo miidhuu waan

danda’uufi dha.

Amantaa kamtu ilaalcha dogoggoraa qaba ture? Kamtus

sirriidha? gaaffilee jedhan deebisuuf ammoo; beekumsa

amantaa tokkichaatiin waan hunda murteesssuu dura,

beekumsa amantaalee kanneen biroo qabaachuun,

akkasumas beekumsaa fi ilaalcha saayinsaawaa ta’e

qabaachuun waliin madaaluutu dursa.

Yeroo ammaa kana, ilaalcha namootni waantota garaa

garaa irratti calaqqisiisaniif, irra jireessaan bu’uura kan

ta’aa jiru amantaa dha. Kana waan ta’eef, amantaan

8


namootaa dhimma xiyyeeffannoo guddaan itti kennamuu

qabu ta’uu isaati.

Fakkeenyaaf; namootni biyya bulchan baay’een isaanii

akkaataa seera amantaa ofii hordofaniin kan wal simu

qofaan biyya bulchuu akka fedhantu irraa mullata. Wal

dhabdeen sababa kanaan dhufuu malu garuu sababa

lammiileen biyya isaan bulchan sana keessa jiraatan

amantaa faallaa fi ilaalcha faallaa qabaachuu malanii fi

dha. Gochi ykn ilaalchi akkasii Kun Mucuca Kufaatii

ta’uu danda’a jechuu dha. Rakkoo sababa akkanaan

dhufu hirrisuuf ammoo namootni amantaa ofii qaban kan

biraa irratti fe’uun osoo hin taane, amantaa kan biraafis

ilaalcha wal qixaa qabaachuu qabu. Dabalataanis,

moototni saayinsii malee amantaa bu’ura godhachuu hin

qaban. Yoo danda’ame ammoo amantaa qaban irratti

erga beekumsa ga’aa argatanii booda miira mo’uufi

mo’atamuun osoo hin taane, fedha dhugaa barsiisuu

akkasumas baruutiin falmii yoo geggeessan ilaalchi

dogoggoraa hirrifamuu ni mala.

Amantaan tokko amantaa isa kan biraa hin caalu, garuu

ilaalchi sababa amantaatiin maddisiifamu biyya/

9


addunyaa ijaaruu ykn diiguu akka malu hubachuun

barbaachisaa dha. Kanaafuu qabxiileen kitaaba kana

keessatti mata duree garaa garaa jalatti ibsamanis ta’e

kanneen bifa gaaffiin yaada mareef dhiyaatan kamiyyuu

baayyinaan ilaalcha amantaaleen qaban bu’uura

godhachuun ilaalchota kufaatii keenyaaf sababa ta’an

maqsuuf kan xiyyeeffatanii dha.

Addunyaa kanarra gosootni amantaa kumaatamaan

lakka’aman jiraatanis 5 , qorattootni waa,ee amantaa

qo’atan amantaalee jiran bakka gurguddaa muraasatti

haala wal fakkeenya ilaalcha isaan qabaniin qoodu.

Isaanis:-Yihudiizimii, Budiizimii, Hindu’izimii, amantaa

duudhaa (kanneen akka Waaqeffataa), Kiristaanummaa,

Islaamummaa fi kkf dha 6 . Kanneen keessaa baayyina

namootni hordofaniin yoo ilaallu, yeroo ammaa duraa

duubaan sadarkaa qabatanii kanneen jiran

Kiristaanummaa fi Islaamummaa yoo ta’u, kanneen

kaanis addunyaa irratti ballinaan hordofamuu baatanis

naannoo isaaniittii beekamtii guddaadhaan hordofamu.

Fkn: Amantaan Hinduiisimi biyyaa Hindiitti baayyinaan

hordofama 6 .

10


2.1.1. Baayyina Miseensota Amantaalee Addunyaa

Fakkii.1: Baayyina tilmaama Miseensota Amantaalee

Addunyaa hordofan Biliyoonaan 7 .

Akkuma fakkii.1 armaan oliitiin ibsamuuf yaalame,

tilmaamni bara 2015 waliigala amantaalee addunyaa fi

tartiiba baayyina hordoftoota isaan qabaniitiin ibsame 7 ,

kanneen armaan gadiiti:-

Kiristaanummaan= Biliyoona 2.3

Islaamummaan= Biliyoona 1.8

Unaffiliated(al-amantummaa,Kanneen

Secular/Agnostic/Atheist fi Kkf )= Biliyoona 1.2

Hindu’izim= Biliyoona 1.1

Budhizim= Biliyoona 0.5

Folk religions( Amantaalee duudhaa garaa garaa)

=Biliyoona 0.4

Kenneen biroo(Fknf: Sikizim, Shintoizm, Konfishanizim,

Spiritizim, Baha’izim, fi kkf) =Biliyoona 0.1

Judisim(Jews)=Bilioyona 0.01

11


HUB:Amantaaleen dhiyeenya kana uumamaa jiranis ni

jiru. Fkn Baha’iizim kan jedhamu erga hundeeffamee

waggaa 150 yoo ta’u, yeroo ammaa kana miseensota

miliyoona 7 tti timaamaman horachuu danda’eera 8 .

Haa ta’u malee gaaffileen kanneen akka:-

Namootni maal amanu?

Waan amanan sanaaf bakka akkamii qabu?

Namootni amantaa isaanii akkamitti argatan?

Amantaan hundi nifayyadaa? Ykn ni miidhaa?

Amantaa jiran hundaa keessaa isa kamtu sirrii dha fi

kkf? Kanneen Jedhan ofis ta’e namoota fi barruulee

garaa garaa qorachuun hubachuun eenyufuu

barbaachisaa dha.

Garuu haala qabatamaa yeroo amma mul’achaa jiru irraa

kaanee yoo dhugaa jirtu ilaalle, namootni gaaffilee

armaan olitti tarreeffaman gaafatanii barachuun amantaa

qoratanii hordofuu dursa, baay’een isaanii maatii irraa

dhaalaan amantaa argatan hordofuu fedhu. Fknf

namootni baayyeen gaafa dhalatan amantaama maatiin

isaanii hordofan fudhachuun amanu, akasumas kan

dhaalaan argatan sana ammoo amantaa kanneen biroo

12


hunda yeroo isaan caalchifatantu mul’ata. Dabalataanis

amantaa sanaaf kufanii cabuun hamma du’aatti waantota

wal’aansoo isaanitti ta’an hunda dandamatanii dhala

isaatiifis dabarsuu yaaluu isaaniitu ballinaan mul’ata.

Amantaa amanan sanaan alas amantaa kan biraan waaqa

biratti fudhatama akka hin qabne jabeessanii mormu

akkasumas ni barsiisu. Waaqnis amantii kiyya malee kan

biraa hin jaallatu jedhaniis ni amanu. Haaluma

walfakkaatuun “amantaan keenya yoo tuqame, nutis

warra nutuqan yoo lollu, waaqni gara keenya goree

warra amantaa keenya tuqan sana ni miidha” amantaa

jedhus qabu. Dabalataanis amantaa amanan sana qofatu

sirriidha jedhanii waan amananiif, amantaa sana warri

kaanis akka amananiif qabsoo cimaa godhu. Amantaalee

kanneen biroo dhabamsiisuufis wareegama hanga lubbuu

dhabuu fi dhabamsiisuutti isaan geessisu hundas ni

raawwatu. Gochi akkasii kun garuu Mucuca Kufaatiiti.

13


Gaaffilee marii:

Gaaffilee armaan gadii hunda yaada keen sirriitti

xiinxaluun deebisuuf yaali.

Osoo mucaan tokko namoota biyya Arabaa kanneen

Islaamummaa hordofan irraa dhalatee, akka tasaa biyya

Kiristaanaatti kiristaanota biratti kan guddatu ta’ee:-

1. Mucichi amantaa isa kamiin hordofuu mala?

2. Osoo bakkuma dhalate sanatti guddateehoo?

3. Atihoo amantaa kam hordofta?

4. Amantaa kee akkamitti argachuu dandeesse?

5. Amantaalee jiran hunda qoratteettaa?

6. Amantaan kee qofti sirrii ta’uu akkamitti hubatta?

7. Amantaa ati amantu sana waaqatu uumee?

8. Yoo kan waaqatu uume jettu ta’e yoom?

9. Kitaaba barressuufi dubbisuu maaltu uumee?

10. Amantaan ati hordoftu kitaaba ni qabaa? Yoo kan

qabu ta’e, eenyutu katabe?

11. Namni kitaaba bareesse sun dhugaa barreessuu

isaa akkamitti mirkaneeffatte?

12. Amantaalee jiran hunda keessaa isa kamtu sirriidha?

Akkamitti?

13. Gosti Amantaalee 4200 ta’an yoo jiraatan 5 waaqni

ammoo meeqatu jira?

14. Waaqatu Nama uumaa jira moo namatu waaqa

uummataa jira jettee yaadda?

HUB: Deebiin kee dhugaa qabatamaa siinis ta’e

namoota kanneen biro amansiisuu danda’u ta’uu isaa

mirkaneeffadhu!.

14


Sababa eegalamuu amantaa ilaalchisee akkamitti akka

eegale ragaa quubsaan dhibus, namootni waanti guddaan

waaqaa fi lafa dabalatee waan hundumaa uume ni jira

jedhanii amanu 9 . Kun immoo gama saayisiitiin

fudhatama dhabus, namootni amantaalee hordofan garaa

garaa hundi jiraachuun waaqaa/uumaa dhugaa ta’uu akka

danda’utti amanu. Uumaan jiraachuu isaa mirkaneessuf

ammoo uumamuma jiran hundaa ilaalanii hubachuunis

mirkaneessuun akka danda’amu amanu. Fakkeenyota

namootni amantaa hordofan akka ragaatti ibsatan

keessaa inni tokko, akkaataa lubbu qabeeyyiin sirna

walxaxaa aja’ibsiisaa ta’een ittiin uumamuu danda’an

ilaalchiseeti. Kunis fakkeenyaaf,”uumama qaama namaa

yoo ilaalle, namni tokko nama ta’uu kan danda’e sirna

walxaxaa ta’an kan baay’ee nama ajaa’ibsiisuu fi

akkasumas hanga har’aatti qaama namaa keessaa seelii

tokkollee hojjechuun saayinsistoota biratti rakkisaa ta’uu

isaati” yaada jedhu qabu. Haaluma kanaan lubbu

qabeeyyiin sirna eegee uumamuu kan danda’e waanti

namaan olitti yaadu akka jiru mul’isa jedhanii

mirkaneessuu yaalu. Wanti namaa olittii yaada jedhamu

15


sunis waaqa ta’uu isaati. Kanaafuu amantiin uumaan jira

jedhanii amanuu namootaatiin eegale jechuu dha.

Haa ta’u malee qabxiin ilaalamuu qabu uumaan uumama

hundaa uume jira jedhanii amanuu namootaa qofa osoo

hin taane, namootni uumaa Sana akkamitti amanu,

akkasumas amala akkamii qaba jedhanii amanu kanneen

jedhan irratti mari’achuun filatamaa dha. Kanas kutaalee

itti aanan jalatti ilaalluu yaalla.

Walumaa galatti sababa namootni amantaa amananiif

ykn amantaleen akka eegalan godhan keessaa muraasni:-

Uumaan jira jedhanii amanuu

Amanantaan barfata naannoo isaanii waan ta’eef

ilaalcha gaarii amantaaaf qabaachuu

Uumaatu seera waliin amantaa ofii fedhu namootni

akka hordofan ajaje jechuun amanuu.

Hawwii jireenya gaarii bara baraan jiraachuuf qaban

argachuuf amanuu.

Fedhii namoota kan biroo caalanii argamuuf qaban

guutachuuf amanuu.

Du’a waan sodaataniif jecha du’a miliquuf waaqa

amanuu.

Fedha waaqa da’oo godhatanii sooromuuf qaban

guuttachuuf amanuu

Fedhii jireenya rakkoo malee jiraachuuf qaban fi kkf

ta’uu isaa hubachuun ni danda’ama.

16


2.1.2. Seerota Amantaalee

Amantaaleen kamiyyuu seera mataa isaanii ni qabu.

Seerri sun ammoo waaqa biraa kan kenname ykn seera

waaqni jaallatuudha jedhaniis waan amananiif, seerri

amantaa kan biraa fudhatama hin qabu ilaalcha jedhuus

amantaaleen hundi dhuunfaa isaaniitti nicalaqqisiisu.

Kanumaan amantaan kamiyyuu kan ofii isaa kan biraa

caalchifata. Dabalataanis namnumti amantaaa sana

hordofu tokko yoo seera sana keessaa tokko yeroo hunda

kan cabsu ta’e, adabni cimaan waaqa biraa nama sanatti

akkka dhufus ni amanama.

Haa ta’u malee seerotni amantaa hundi baay’inaan haala

jireenya namaa qajeelchuu ykn ilaalcha gaarii qabaachuu

keessatti ga’ee guddaa akkuma taphatan, hanga

muraasaan garuu kufaatii namootni ittiin miidhamaa

jiraniif sababa guddaa akka ta’aa jirantu mul’ata. Seerota

kana kanneen jireenya namaa qajeelchan qofa

fudhantanii osoo kan amanan ta’ee, silaa rakkoo

mul’achaa jiran hanbisuun ni danda’ama.

Gamanumaan biyya keenya (Itoophiyaa) keessattii

seerota amantaalee beekamoo ta’an (Kiristaanummaa,

17


Islaamummaa fi Waaqeffannaa Oromoo) keessaa

kanneen yaada kitaaba kanaa waliin deeman akka

armaan gadiitti haa ilaallu:-

Namoota akka ofii keetiitti jaalladhu, waaqas

garaa guutuun jaallaadhu (Kiristaanummaa):-

Kitaaba Qulqulluu(Matiwos 22:36-40) 10

Seerotni caqfaman lameen kunniin seerota hundumaa

kanneen Kiristaanummaa keessatti caqafamanii argaman

keessaa seerota hunda akka caalan ifatti ibsamee argama.

Seerri waqa kee garaa guutuu jaalladhu jedhu kun yoo

hiikamu, yoo waaqa garaa kee guutuu kan jaallaattu ta’e,

haala kamiinuu ija hammeenyaatiin isa ilaaluu akka hin

qabne ta’uu isaati. Kunis sababa waaqni na’adaba jettee

sodaattuuf osoo hin taane, abbaa kooti, uumaa kooti,

sammuu hamaaf gaarii adda baasee hubatu waliin

na’uume, akkan gocha hamaa dhiisee gaarii hojjedhuuf

na’uume fi kkf jechuun garaa kee guutuun, yaada kee

guutuu, fi jireenya kee guutuun isa jaallachuu jechuu

dha.Yoo adaba isaa sodaadhaaf afaan qofaan nan

jaalladha kan jettu ta’e, seera hundaa eegdee argamuun

tarii waan sirakkisuuf shakkii qabdu irraan kan ka’e

18


garaa guutuun waaqa koo jettee dhugaadhaan

jaallaachuun kan danda’amu miti. Jaalala keessa

sodaachuun akka hin jirres Kitaabuma Qulqulluu

keessatti caqafamee argama (1Yohannis 4:18) 10 kunis:

“Sodaan adabatti hidhamee waan jiruuf, namni sodaatu

jaalalli isaa iddoo hin geenye” jechuun ibsa. Kanaafuu

waaqni nama akka hin adabnettii yoo amante, garaa

guutuun isa jaallachuu qabda. Gama adabaan yoo ilaalle

garuu “namni waan facaase haammata” kan jedhus

seeruma sana keessaatti caqafameera“(Gal.6:7) 10 ,.

Kunis, nama waaqatu adaba osoo hin taane, gochuma

isaatu isa adaba ykn fayyada jechuu isaati.

Seerarri inni” nama akka ofii keetiitti jaaladhu” jedhus

kan ibsu barsiisa isa Yesuus/Kiristoos “waanuma ofii

keetiif osoo naaf godhamee jettee hawwitu, akkasuma

nama kan biraaf godhi” jedhee barsiise sana waliin kan

wal qabatuu dha(Mat 7:12). Kunis namni kamiyyuu ofii

isaatii miidhamuu waan hin feeneef, akkasuma nama kan

biraas haala kamiinuu miidhuu akka hin qabne kan ibsuu

dha.

19


Waaqa/Allah waanti gitu hin jiru (Islaamummaa) :-

Quraana Qulqulluu(112: 4)

Jecha Kana yoo ilaallu,waaqni akkaataa namootni itti

yaadan osoo hin taane, jaalala isaatiin qixxee hin

qabu,guddummaan isaa daangaa hin qabu, akka namaatti

jallisee hin yaadu inni nama hundaaf yeroo hunda

gaariidha, yaadaaf amalaan akka namaa miti jennee fi

kkf yaaduu qabna. Garuu guddina guddaa waan qabuuf

nama caalaa hammeenyaan nama adaba jennee kan

yaadnuu fi waaqni anaa fi garee koo qofa jaallata waan

ta’eef kanneen biroof wayyoo! jennee kan amannu yoo

taane, gocha kanaan waaqa akka yaada namaatti wal

qixxeessinee ilaalaa kan jirru ta’uu isaati. Ilaalchi

akkasii kun ammoo kasaaraa malee bu’aa inni waaqaafis

ta’e namaaf buusu hin jiru.

Safuun hawwaasaa seera amantaati

(Waaqeffannaa Ormoo)

Waaqni gaafa nama uume amantii waliin osoo hin taane,

sammuu waan gaarii fi gadhee addaan baasee hubachuu

danda’u waliin nama uume. Gama biroonis waaqni yoo

nama uume sammuu yaadu uume malee ilaalcha

20


(attitude) ittiin waantota ilaaluu qabu garuu namumatu

ofiif uummata. Kana jechuun namni sammuu waliin

uumame hundi waanta gaarii qofa yaada jechuu osoo hin

taane, namni erga ofii uumamee booda ilaalcha gaarii

ykn dogoggoraa immoo ofiif uummata jechuudha.

Ilaalchi namni uummatu sunis ilaalcha duraan namootni

uumanii wal harkaa fuudhaa dhufan irratti kan hundaa’u

dha. Fakkeenyaaf foon beelada gaalaa jedhamu

soorachuun uummata baha Itoophiyaa biratti baayyinaan

fudhatama kan qabuufi nyaata akka nyaata filatamaatti

ilaalamu yoo ta’u, uummata dhiha Itoophiyaa jiraatan

biratti garuu fudhatama hin qabu. Kunis namni hundi

sammuu yaadu waliin haa uumamu malee

ilaalcha mataa isaatii kan ittiin gaarii ykn gadhee jedhee

qoodu ofii isaan akka uummatu nutti argisiisa jechuudha.

Fakkeenya armaa olii waa’ee foon gaalaa nyaachuu

ilaalchisee dhiyaate kana yoo ilaalle, namootni gaala

sooratan maaliif akka sooratan sababaalee kanneen akka

amantaa, aadaa fkkf walqabsiisuun ibsatu. Kanneen

gaala hin soorannes bineesota kanneen biroo soorachuu

ykn soorachuu dhiissuus ni malu. Garuu kanneen gaala

21


hin soorannes sabababuma wal fakkaatu ta’uu mala. Haa

ta’u malee namootni gaala hin sooranne foon bineeldota

kanneen biroo ni sooratu.

Fakkeenya ilaalcha namootaa ibsu

Namni foon gurguru tokko,foon gaalaa osoo hin

beeksisin, foon loonii ti jedhee nama loon malee gaala

hin soorannetti foon gaalaa gurguree, silaa namni gaala

hin sooratne sun shakkii malee foon sana ni

soorata. .Garuu erga nyaatee booda yoowanta inni

soorate sun foon gaalaa ta’uun isaa itti himame, silaa

ilaalcha foon gaalaa soorachuu irratti qaburraan kan

ka’e deebisee wanta soorate haqqissuu danda’a. Kunis

sababa namani sun foon gaalaa soorachuu irratti

ilaalcha gaarii hin qabneef ta’uu isaati.

Kanafuu waaqnis yoo nama uumeera ta’e, sammuu

waliin nama uume malee ilaalcha namootni ittiin

waantota ilaalan waliin hin uumne. Dabalataanis

amantaa fi seerri amantaa kitaaba irratti barreeffamuu

qofa osoo hin taane sammuu namootaa keessattis bifa

ilaalcha garaa garaa (gaarii/ dogoggora) ta’een namootni

waantota garaa garaa hordofuu ykn hordofuu dhabuu

akka danda’anittis ni katabama. Fakkeenyaaf biyyootni

addunyaa garaa garaa seerotni isaan biyya ittiin bulchuuf

baafatan akkasumas lammiin biyyichaas kan ittiin seera

kabajan kanneen barreeffaman ykn kanneen hin

22


barreeffamin ta’uu ni danda’u. Kanneen keessaa biyyi

Ingilaandi(England) heera hin barreeffamne akka

qabdutu himama 11 . Kana jechuun ammoo kamtu gocha

gaarii akkasumas gocha gadhee akka ta’e sammuu

namootaa keessaa jiraachuu isaa kan agarsiisuu dha.

Namootni kitaaba barreessanis isuma bifa ilaalchaan

sammuu isaanii keessatti barreeffatan kana kitaaba

godhanii barreessuu danda’an jechuu dha. Ilaalchi

sammuu namootaa keessatti barraa’u garuu essaa dhufa?

kan jedhuuf ammo deebiin isaa:-

Namni sun maatii akkamii irraa dhalate?

Namni sun eessati guddate?

Bara kam?

Barumsi ykn beekumsi isaa hagam/maali?

Haalli Fayyummaa sammuu isaa akkam? Fi kkf

jedhanii tilmaamuun kan deebifamu ta’a.

Gama biraanis yoo ilaalle waaqni nama kan uume yoo

ta’e hariiroo namootaa fi waaqaagidduu jiru keessatti

dalagaan waaqaa nama uumuudha jechuudha. Dalagaan

namaa immoo waaqa isaa galateeffachuu dha. Waaqa

galateeffachuuf garuu namni karaa ilaalcha gaarii

23


ta’e ykn karaa waaqa isaa ittiin gammachiisuu danda’u

uummachuu qaba. Walumaa galatti safuun (ilaalchi

gaariin) seera ta’uu isaa ti. Fakkeenyaaf:- Saayinsistootni

waa’ee sammuu qoratan akka jedhanitti, sammuun

namaa kutaalee sadiitti qoodamuun yaaduu akka danda’u

ibsu. Innis:- kutaa sammuu kan ‘ id’ jedhamu, kutaa

sammuu kan ’igo’ jedhamuu fi kutaa sammuu

kan‘superigo’ jedhamuu tti addaan qoodamu. Dalagaa

isaan qabaniin gabaabaatti yoo ilaallu; Id:- fedhii nama

keessatti uumame battaluma akka raawwannuu fedha.

Superego:-fedhii uumame sana battalumatti dalaguun

sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa erga mirkaneessee booda, yoo

sirrii miti ta’e ni morma jechuu dha. Igo:-wal dhabdeen

‘Id’ fi ‘Superigo’ gidduutti uumame sun giddu

galeessummaan akka araaramu godha. Kunis fedhiin

‘Id’ bifa iccitii ta’een akka raawwatamuuf carraa uuma.

Kanafuu gochi ‘ego’ kun namootni ilaalcha ofittummaa

(selfish) akka raawwatananiif deggersa gochuu mala

jechuu dha.Fakkeenyaaf:-

Id:-Fedhii qabeenya namaa saami jedhu yoo nama

tokko keessatti uume,

24


Superego:-Xiinxala, lakki qabeenya namaa

saamuun matuma hin ta’u jedhuun mormii uuma.

Igo:-qabeenya namaa ifa baastee saamuurra

dhoksaan hati xinxala jedhu uumuun fedhiin Id’n

uumame bifa iccitiin akka raawwatamuuf deggersa

godha.

Kanneen armaan olii irraa kan hubannu seerri

barreeffamuu qofaan osoo hin taane sammuu namaa

keessattis akka jiruu dha.Seera gaarii filatanii hordofuun

immoo dhimma dhuunfaati. Dhugaan jiru garuu seera

gaarii hordofuun nama kamiifuu kan barbaachisu ta’uu

isaati.

2.1.3 .Kiristaanummaa fi Islaamummaa

Kiristaanummaa fi Islaamummaan amantaaleee yeroo

ammaa kana adduyaa irratti baayyee beekamoo fi

miseensa hedduu qabaniidha. Amantaaleen kun lamaan

namoota sanyii seemii kan namicha Abrihaam jedhamu

bu’ura kan godhatee dha. Abrihaam ilmoolee lamaan kan

Ishmaa’elii fi Yisihaaq jedhaman haadha garaa garaa

lama irraa dhalchee akka turetu himama. Kanumarraa

ka’uun gosti Ismaa’el Araboota kanneen sanyii seemii

25


ta’anii fi gosti yisihaaq immoo Israa’eloota kan

dhuunfatu ta’uutu himama.

Walumaa galatti Kiristaanummaa fi Isilaamummaan

namoota sanyii seem ta’aniin kan hundeeffaman yoo

ta’an, lamaan isaanii amantaalee armaan olitti caqafaman

keessaa warra dhiyeenya hundeeffaman keessatti

ramadamu. Ta’us Kiristaanummaa fi Isilaamummaan

duruma kan ture amantii yihudiizimii irraa hundeeffame.

Yihudiizimiin amantaa jalqabaa kan rabbi/waaqni warra

sanyii Abrihaam ta’aniif karaa nama Musee/Muusaa

jedhamuu akkasumas namoota kanneen birootiin

hundeesseedha jedhanii amanu. Kanumarraa ka’uun,

sanyiin Seemii(Abrihaam),kanneen waaqni namoota

hundumaarra caalchisee jaallatu dha jedhamee amanama

ture.

Haa ta’u malee Yihudootni seera waaqni baasee itti

kennee ture sirnaan waan hordofuu didaniif, jalqaba

Yihudiizimiin gara Kiristaanummaatti karaa Kiristoos

(Yesuus) akka sirreffamu godhame amantaa jedhu of

keessaa qaba. Yihudiizimiin maqaa Yihudaa jedhu kan

walqabatu yoo ta’u, Yihudaan ilmaan Isiraa’el 12

26


keessaa is tokkoo dha. Israa’el (Yaahiqob)immoo ilma

Yisiaaq obboleessa Ishima’eliiti jechuu dha. Kanaafuu

amantaaleen kunniin lamaan sababa waaqni namoota

hundaa caalchisee hidda dhaloota sanyii seemii kan ta’e

Abrihamiin jaallatuuf jecha karaa sanyii seemii qofa

namoota biyya lafaa hundumaaf dhagaa’a/araarama

yaada jedhuun addunyaa guutuu irratti ibsamu.

Haaluma kanaan amantaalee kunniin kanneen waanqni

hundeesseedha jedhanii waan amananiif yeroo ammaa

kana addunyaa guutuun bayyinaan gara amantaa kana

lamaan hordofuutti fuula isaa qajeelfatee jira jechuu dha.

2.1.3.1Kiristaanummaa

Kiristaanummaan akka sirreeffamaatti amantaa dura ture

Yihudiizimii irraa karaa Kiristoos ykn Yesuus

hundeeffame yaada jedhutu ibsama. Haa ta’u malee

Yesuustu ofii isaatiin amantaa Kiristaanummaa jedhamu

uume/uumaa jedhee ajaje osoo hin taane, erga Yesuus

du’een/ olfudhatamee? waggaa muraasa booda namoota

Yesuusiin ijaan arganiifi kanneen utuu hin argin

amananiin waldaa Antsooqiyaa jedhamtutti yeroo

jalqabaaf Kiristaanota jedhamanii akka waamamuu

27


qaban ofiima isaaniitiin ofitti moggaasan(Hojii

Ergamootaa 11: 26) 10 . Kanaafuu Kiristaanummaan kan

uumame waaqaan osoo hin taane, namootaan akka ta’e

hubachuun danda’ameera jechuudha. Kunis

Kiristaanummaan erga hundeeffamee naannoo waggaa

2000 ta’uu isaa mul’isa.

Namoota yeroo sana amantaa kana hundeessan keessaa

namni Phaawuloos jedhamu shoora olaanaa akka

qabaachaa tureef ragaan ‘Kitaabuma Qulqulluu’ amantaa

Kiristaanaati. Namni kun Kitaaba Qulqulluu amantaa

Kiristaanaa kan ‘Kakuu Haaraa’ jedhamu barreessuu

keessatti qooda olaanaa kan fudhatee dha. Haa ta’u

malee, Phaawuloos warra jalqabaa kaasanii barnoota

Yesuus hordofaa turan osoo hin taane, warreen

Yesuusitti amanan iyyuu kanneen ar’iachaa turan kessaa

tokko akka turetu barsiifama.

Namni Phaawuloos jedhamu kun guyyaa tokko osoo inni

duuka buutota Yesuus ari’achuuf bakka ‘Damaasqoo’

jedhamu deemaa jiruu akka tasaa Yesuus akka itti

mul’ate ni dubbata (Ho Erg 9: 1-6).Taateen kunis erga

Yesuus fannifamee/du’ee fi du’aa ka’e? jedhamee

28


kiristaaanotaan amanamu sana booda ta’uu isaatu ibsama.

Haaluma kanaan Phaawuloos waa’ee Yesuus ifatti

lallabuu hojii dhuunfaa isaatii godhachuun hanga

wareegama lubbuu isaatiitti akka itti fufe ragaan Kitaaba

Qulqulluu amantaa Kiristaanaa ni ibsa. Kitaaba

Qulqulluu keessaa kutaa ‘Kakuu Haaraa’ jedhamu,

baayyinaan kan Phaawuloos bifa xalayyaan namoota

hordoftoota Kiristaanaa turaniif bakka garaa garaatti

erguun barsiisaa turee dha.

Kanaafuu Kitaabni Kakuu Haaraa kan barreeffame

baayyinaan namoota barsiisa yesuus hordofaa

turaniin qofa osoo hin taane, seenaa qorachuunis akka

barreeffame kitaabichumti ni hima. Fknf; Luqaas 1: 1-3

akkasumas 1Yohaannis1:1-4 dubbisuun hubachuun ni

danda’ama.

Kiristaanummaan maqaa walii gala Kiristaanotaa haa

ta’u malee garuu, Kiristaanummaan gosa garaa garaa

kanneen:-Ortoodoksii, Kaatolikii fi Piroteestaantii

jedhamanittis ni qoodama. Qoodamiinsi kunniin kanneen

ijoo yoo ta’anis, gosti garaa garaa kunniin ammoo

sababa ilaalchaan gargar ta’aniif jecha dameelee

29


hedduttis ni hiramu. Fknf Proteestaantiin: Adveentistii;

Guutuu Wangeelaa; Dhugaa Baatota Joovaa;Waldaa

Ergamootaa; Walitti Qabama Saba Waaqaa/Assembles

Of God; Waldaa Warra Wangeelaa Makkaane Yesuus fi

kkf baay’eettis gargar ni hiramu.

Akkaataa gargar fageenya ilaalchaa isaan qabaniin yoo

ilaalle:- Ortoodoksii, Kaatolikii fi Proteestaantiin walii

gala Kiristaanummaa haa jedhaman malee kitaabni isaan

ittiin akka seera waaqa biraa namatti kennameetti?

amananii hordofan kan’Kitaaba Qulqullu’ jedhamu

garaa garummaa muraasa qabaachuu isaa argina.

Dabalataanis hiika barreeffama kitaabichaa hubachuu

irraattis ilaalcha faallaa muraasa waan qabaniif gargar

fageenya ilaalchaa ni qabu.

Kibtaani qulqullun amantaa Kiristaanaa baay’een isaanii

wal haa fakkaatan malee, kutaa gargar ta’anis ni qabu.

Fakkeenyaaf amantaan Ortoodoksii kutaa Kitaaba

Qulqulluu kan kitaabolee 81 of keessaa qabutti yoo

amanan, Kaatolikiin kan 73 qabutti amanu.

Proteestaantiin immoo kutaa Kitaaba Qulqulluu kan

kitaabolee 66 qofa qabutti amanu. Haa ta’u malee, kutaa

30


Kitaaba Qulqulluu Kiristaanotaa isa proteestaantotni itti

amanan (Kitaaba abbaa kutaalee 66) Ortoodoksiinis ta’e

Kaatolikiin barreeffama kitaabichaa keessaatti kan

barreeffame kamiiyyuu wal qixa qabu. Ortoodoksii fi

Kaatolikiin immoo kutaa Kitaaba Qulqulluu kan 73 qabu

wal qixatti yoo amanan, Ortoodoksiin Itoophiyaa addatti,

gosa Kitaaba Qulqulluu isa kutaalee 81 qabutti amanu

jechuudha. Ta’us Kitaaba isa 81 qabu kana

Ortoodoksiin Itoophiyaa dhuunfaan itti haa amantu

malee, biyyootni amantaan Orthodoksii itti eegale fi

hordoftoota hedduu qaban kanneen akka Orthodoksii

Grikii(Grik’s Orthodox) kitaaba abbaa kutaalee 81 kana

hin amanan. Kunammoo Orthodoksiin Itoophiyaa

kanneen biroo irraa adda ta’uu ishees ni mul’isa.

Walumaa gala gosa Kitaaba Qulqulluu Kiristaanummaa

isa kutaalee 66 qofa of keessaa qabu keessatti kanneen

hin argamne kutaaleen kudha shanan(15) kanneen

armaan gadiiti tarreefamanii dha. 12 :-

Kakuu Moofaa Keessaa:

kitaaba Henook

kitaaba Kuffaalee

kitaaba Siraak

kitaaba Izraa tokkoffaa

31


kitaaba Yoodiit

kitaaba Xoobiit

Ogummaa Solomoon

Kakuu Haaraa Keessaa:-

Ajaja Sinoodoos

Gitsiwu Sinoodoos

Abxiliisii Sinoodoos

Sirna tsiyoon sinoodoos

kitaaba waadaa tokkoffaa

kitaaba waadaa lammaffaa

Qalaminxoos

Didisqiliyaa jedhamuun kanneen

beekamanidha.

Garaa garummaan kitaabolee kunneenii maali? gaaffii

jedhuuf immoo ibsi kennamus akkuma garaa garummaa

Kiristaanotaatti gargaa garummaa qaba. Fknf Namootni

kutaalee kitaabichaa kessatti wantoota dabalanii ykn

hirrisanii barreessan, akkasumas yaadni barreeffame sun

dogoggora ykn dogoggora miti (kan waaqa biraa ta’e

miti) yaada jedhu irratti mormii qaban ilaalchisee

waliigaltee hin qaban. Fakkeenyaaf; kutaa Kitaaba

qulqulluu kan waliigallii Kiristaanotaa itti amanan

kessaa isa“Mul’ata Yohaannisitti mul’ate” jedhamu

xumurasaa irratti (Mul’ata Yohaannis 22:18-19) “Namni

dubbii barreeffame kanatti yoo waa dabale, waaqayyoo

32


adaba isaa irratti dha’icha waa’een isaanii kitaaba kana

keessatti caqafaman isatti dabaluuf jira. Namni dubbii

kitaaba kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa

hir’ise immoo, waaqayyo muka jireenya kennuu fi

mandaroota qulqulluu waa’een isaanii kitaaba kana

keessatti caqafaman keessaa qooda isaa hir’isuuf jira.”

Kan jedhu kutaa mul’ata ‘Yohaannisitti mullate’

jedhamu xumura isaa irratti kan katabame amantaan

Kiristaanotaa hundi ni qabu. Haa ta’u malee gidduu

kitaabichaatti eenyuutu maal dabale?, Kamtus maal

hir’ise? yaada jedhuun wal mormii qabu. Wal dhabdeen

amantaaleen kunniin gosoota Kitaaba Qulqulluu irratti

qaban Kunniin immoo namoota barreessan ilaalchisee

ragaa qabatamaan waan hin jirreefis ta’uu danda’a. Fknf,

kutaa Kitaaba Qulqulluu isa’ Ergaa Gara Ibrootaatti

Ergame’ jedhamu, eenyu akka barreesse qabatamaatti

wanti beekamu dhabamus garuu, Ortoodoksii; Kaatolikii

Fi Protestaantii hundi kutaa kitaabichatti ni amanu.

Waldhabdeen Kiristaanotni Kitaaba Qulqulluu irratti

qaban kan biroon ammoo, caqasaaleee kitaabicha kessa

jiran tokko tokko irratti hiika garaa garaa kennuun

33


amanuu isaaniti. Kitaaba isa kutaalee 66 qabu sana gosti

Kiristaanummaa kunniin kan irratti waliif galan ta’us,

caqasaalee kitaabiacha keessatti argaman tokko tokko

irratti ilaalcha garaa garaa waan qabaniif hiika garaa

garaa itti kennu. Fakkeenyaaf amantaan Dhuga Baatota

Joovaa(Joovaa wiitnesii) jedhaman”Yesuus ergamaa

waaqaati malee waaqa miti” yoo jedhan, Amantaan

Ergamoota jedhaman immoo”waaqni Yesuusii dha”

malee kan biraan hin jiru jedhu. Ka’umsa isaaniis

dhuunfaa dhuunfaan caqasa kitaabicha keessaa jiru

bu’uura godhachuuni. Fknf bu’uurri amantaa‘Dhuga

Baatota Yihoowwaa(Joovaa)’ caqasa wangeela

Yohannis 17:3 irratti kan hunda’u yoo ta’u, bu’uurri

amantaa ‘Waldaa Ergamootaa ‘ jedhaman

ammoo( Yohaannis 14:8) ta’uu danda’a.

Amantaaleen Kiristaanotaa kanneen biroon immoo

‘waaqni bifa sadiin namatti mullate waan ta’eef bifni

sadanuu waaqa dha, garuu aangoo wal qixa qabu/

akkuma tokkichaatti ilaalamu (Waaqni Abbaa, Waaqni

Ilmaa/Yesuus fi Waaqni Afuura Qulqulluu;sadanuu

34


waaqa tokko ilaalcha jedhuun amanu. Kunis ‘Sadan

Tokkummaa(Trinity)’ jedhamuun beekama.

Ilaalchi wal dhabdee kiristaanotaaf sababa ta’an kanneen

biroonis hedduu haa ta’an malee, ilaalcha:- amantaanis

cuuphaanis tokkicha ta’uu qaba jedhu kitaaba qulqulluu

irraa fudhachuun ni amanu. Haa ta’u malee ilaalchi isaan

qaban amantaan tokkichii fi cuuphaan tokkichi sun kan

koo qofa ta’uu qaba yaada jedhuun hundi isaanii kan ofii

ofii isaanii kanneen biroo caalchifatu. Ta’us sababni

ilaalchi garaa garaa kiristaanota gidduutti akka uumamu

taasise inni guddaan garaa garummaa Kitaaba qulqulluu

fi caqasaalee kitaabicha keessaatti argaman akka ta’etu

namoota garaa garaan qeeqama.

Qeeqa Kitaaba Qulqulluu Kiristaanotaa ilaalchisee

kaafamu keessaa tokkoo kitaaba eenyummaan barreessaa

kitaabolee kanneenii baayyeen sirriitti kan hin beekamne

ta’uu isaati. Fakkeenyaaf; Kutaa Kiristaanotni hundi itti

amanan keessaa isa; Wangeela Yohaannis jedhamu

ilaalchisee nama Yohaannis jedhamu kan barsiisa

Yesuus hordofaa turetu barreesse jedhamee himama. Haa

ta’uu malee garuu namni barreesse Yohaannis ta’uu akka

35


hin dandeenyes ni qeeqama. Sababni ittin qeeqamuuf

keessaa fakkeenyaaf:- Namootni Yesuus duukaa turan

seenaa Yesuus yeroo inni biyya lafaa irra ture dalagaa fi

barsiisaa ture sana, namootni isa duukaa turan ammoo

gochaa fi barsiisa Yesuus akka barreessaa turantu

himama. Darbee darbees iyyaafanoo namoota isa duukaa

turan qorachuun akka barreessanis ni himama. Gochaa fi

barsiisni Yesuus kutaa Kitaaba Qulqulluu Kiristaanotaa

keessatti moggasa ‘Wangeela’ jedhamuun beekama.

Ta’us kutaa Wangeela Yohaannis 1:1-3 irratti kan

barreeeffame yooilaalle:-”Jalqaba sagaleetu ture,

sagalichis waaqa bira ture, isumatu foon uffatee gidduu

keenya ture, waan hundumtuu isaan ta’e, isaan ala kan

ta’e tokkollee hin jiru…..) kan jedhuu dha. Kuimmoo

wanti jalqaba wangeelichaarratti barreeffame seenaa

Yesuus barsiise ykn dalage osoo hin taane, amantaa

namni barreesse sun qabu ibsu qofa kan ibsu ta’uu isaa

argina. Kanaafuu namni barreesse Yohaannis akka ta’uu

hin dandeenyetu qeeqama jechuu dha. Dabalataanis,

yaadni barreeffame sun barsiisa Phaawuloosiin waan wal

fakkaatuuf Phaawuloos akka bareesses shakkiin kan jiru

36


ta’uutu ibsama. Sababni isaas Phaawuloos waan

barreesse hunda Yesuusiin argee osoo hin taane waan

dubbisee fi waan amanu qofa sababa barreessaa tureefis

ta’uu mala.

Kitaabni qulqulluun Kiristaanotni itti amanan hundi ajaja

waaqaan kan barreeffame akka ta’etti Kiristaanotaan kan

amanamu ta’us (2Xim 3:16), waldhabdeen jechootaa/

jechoota walfaallessan (contradictions in the bible)

kanneen Kitaaba qulqulluu keessatti argaman irrattis

qeeqni heddumminaan ni mullata. Fknf waa’ee du’a

namicha isa Yesuusiin gurgurate kan Yihudaa jedhamu

ilaalchisee bakka garaa garaatti ibsa garaa garaa

walfaallessantu argama(Hojii Ergamootaa 1:18 faallaa

Matiwoos 27:5). Ibsi inni tokko Yihudaan mataadhaan

kufee tarsa’ee akka du’e yoo ibsu (Hojii Ergamootaa

1:18), kutaa kan biraatti ammoo Yihudaan of rarraasee

akka du’etu ibsama (Matiwoos 27:5). Dabalataanis

qarshii Yhudaan ittiin Yesuusiin gurgurate jedhamu sana

iraattis ibsi kennamu bakka tokkotti “lafa akka ittiin

bitate” yoo ta’u, bakka biraatti ammo “mana

37


qulqullummaa keessatti darbatee” deemee akka of

rarraasetu ibsama.

Haaluma walfakkaatuun jechootni walfaallessan

/contradiction in the bible kunniin hedduu (naannoo 100

ol ta’an) 13 waan ta’aniif, jechootni walfaallessan kunniin

waaqa tokko biraa kennamuu hin malan yaada jedhuun

qeeqama jechuudha. Ta’us amantaan kun yeroo ammaa

kana adunyaa irratti baayyina miseensota hordofaniin

kanneen biroo caaluun sadarkaa tokkoffaa irratti argama.

Amantaan kiristaanummaa addunyaa kanarratti baayyina

miseensa horateen sadarkaa duraa irra jiraatus gara biyya

Afrikaatti seenuu kan danda’ee fi babal’ate sababni inni

guddaan karaa sirna kolonii yoo ta’u kanneen akka

dipiloomaasii garaa garaa fi kkf nis jiru. Haa ta’uutii

amantaan kun dursa sadarkaa olaanaa ta’een biyaa

Awurooppaatti kan amanamu yoo ta’u, amma garuu

biyyoota guddachaa jiran kanneen akka ardii Afrikaatti

abbummaadhaan lallabama.

Gama biraan Awurooppaanotni jalqabanii Afrikaanotnis

akka jalqaban godhan kuffisaa dhufnaan Afirikaanotni

olkaasuu eegalan. Seera isaas isaanuma caalaa cimsuu

38


ittuma fufaa jiru. Afrikaa keessatti haalaan babal’achuun

Kiristaanummaa kun namoota Afrikaa baay’ee biratti

akka waan kennaa waaqa biraa isaaniif kennameetti kan

ilaalamu ta’us, darbee darbee namootni qeeqanis hin

dhabaman. Fknf: Joomoo Keeniyaataa: “warri

Awurooppaa ija keessaniin dunuunfadhaa waaqa

kadhadhaa nuun jedhanii, hanga nuti waaqa kadhachuuf

dunuunfannutti biyya keenya saaman” jecha jedhuun

qeeqa qabu ibsata.

Gaaffilee marii

Amantaalee Kiristaanotaa hunda keessaa

amantaa isa kamtu sirriidha?

Amantaaleen Kiristaanotaa jiran hundi walfaana

sirrii ta’uu ni danda’uu?

Kitaabolee Qulqulluu gosa sadeen (66;73fi 81)

kessaa isa kamtu ajaja waaqaan barreeffame?

Akkamitti?

Kitaabolee sadeen hunda walqixa amanuu ykn

amanuu dhiisuun miidhaa ni qabaa?

Kitaaboleen amantaa sirreeffamuu ni dand’uu?

Yoo kan sirratan ta’e eenyuuni?

Amantaan Proteestaanti osoo Kaatolikii irraa

hin foxxoqin dura Kitaaba qulqulluu isa kamtu

amanamaa ture?

Jechootni wal faallessan akkamitti kitaaba

qulqulluu keessatti uumamuu danda’u?

Waaqni moofaa ykn haaraa ta’uu ni danda’aa?

39


Waaqni ni dogoggora jettee ni yaaddaa?

Dogoggorri sababa namni hedduun hordofeef

qajeelaa ta’uu ni danda’aa?

Wanta dhugaa ta’e yoo namni hordofu hin jirre

dhugaan gara sobaatti jijjiiramuu ni danda’aa?

2.1.3.2 Islaamummaa

Armaan olitti mata duree ‘Kiristaanummaa’ jedhu jalatti

waa’ee hundeeffama Kiristaanummaa fi ilaalcha garaa

garummaa maddisiisuu eegalaniitiin kiristaanota

gidduutti garaa garummaan uumuu akkamitti akka

eegale hubachuuf yaalamee ture.

Haaluma walfakkaatuun hundeeffama amantaa

Islaamummaaf sababa kan ta’es inni guddaan, qeeqa

Kitaaba Qulqulluu Kiristaanotni itti amananii fi barsiisa

Kiristoonotaa kanneen akka Sadan Tokkummaa(trinty)

jedhurratti mormii ture bu’uura godhachuun akka ta’e

ragaaleen tokko tokko ni mullisu. Ragaalee kunniin

keessaas Kitaaba ‘Quraana qulqulluu’ 14 jedhamu kan

Musiliimotni(Hordoftotni amantaa Isilaamummaa) akka

qajeelfama rabbi/allah biraa kennameefitti amananan

irraa fakkeenya fudhachuun mirkaneessuun ni

danda’ama. Kunis Kitaabni qulqulluun Kiristaanotaa

seera jalqaba Iisaan/Yesuus barsiisee fi ergamootni

40


biroon barsiisan osoo hin taane, namootni faayidaa

isaaniif jecha, yaaduma ofii isaanii akka waan waaqayyo

biraa isaanitti kennameetti fakkeessuun barreeffatan kan

jedhurratti mormii qabanirraa ka’uuni (Sura tul Baqaraa

2:79 akkasumas Sura tul Iklas112:1-4) 14 .Amantaan

Isilaamummaan Kan hundeeffames karaa namicha

Muhaammad jedhamuuni. Muhaammad amantaa

Isilaamummaa kan hundeessee dhaloota Kiristoosiin

booda bara 610 tti. Yeroo sana umuriin Muhaammad

naannoo waggaa 40 ta’eeti.

Islaamummaan kan eegalame erga Muhaammad

barsiisa:-“namootni waaqa tokkicha akka amananiif

jecha, anaan immoo akkan barsiisuuf ergamaa isaa

nagodhateera” jedhee akkuma Iisaa/Yesuus of ibsuu

jalqaberraa ka’eeti. Maqaan waaqa tokkichaa sun ammoo

heddumminaan ‘Allah’ jedhamuun beekamus, moggaasa

maqaa 99 ta’an akka qabutu barsiifama.

Muhaammad dursa osoo amantaa kana hundeessuu hin

eegalin garuu amantiileen Kiristaanotni yeroo sana

barsiisaa turan kanneen akka “sadan tokkummaa”

akkasumas biyya Arabaa bakka inni keessa jiraachaa

41


ture keessatti immoo gosoota waaqa tolfamaa garaa

garaa 360 ol ta’an jiraachuu isaanii irratti gaaffiin

sammuu isaatti uumamaa akka turetu himama.

Muhaammed waantota gaaffii itti uumaa turaniif deebii

isa quubsu argachuu dhabuurraa ka’uun amantaalee

yeroo sana turan irratti shakkii qabu maddisiisuu eegale.

Kanumarraaa ka’uun sababa mormii /shakkii qabuuf

bakka waashaa gaara ‘Hiiraa’ jedhamu keessatti waaqa

kadhachuun kan sirrii ta’e adda baafachuuf yaalii gochaa

akka tures ni himama. Achumatti osoo inni waaqa

kadhachaa jiruu karaa ergamaa Jibril amantaan Isilaama

jedhamu akka jalqabamuuf waaaqni akka isa ajajetu

Musliimotaan amanama. Kanumaan amantaan ‘Isilaama

‘jedhamuun beekamu hundeeffame jechuudha.

Hundeessaan Isilaamummaa ‘Muhaammad’ maqaa

moggaasa ‘Ergamaa waaqaa(Rasuul allah) jedhuun

hordoftoota amantaa Isilaamummaa biratti beekama.

Dabalataanis Muhammad ajaja waaqaan dandeettii waan

fuulduratti ta’uuf jiru raaguu qaba jedhaniis waan

amananiif maoggaasa ‘Nabiyyii’ jedhamuunis ni

waamama. Kanumarraa ka’uun Muhaammad amantaa

42


Isilaamummaa bifa garaa garaan babal’isuu akka

eegaletu himama.

Gosa waaqa tolfamoo yeroo sana turanii keessaas kan

maqaa Allaan/waaqaan hundaa’e kaabaa qofa waan

tureef, kaabaa qofa hanbisuun kanneen kaan humnaan

akka balleesses ni himama.

Kitaaba amantaa kan Quraana qulqulluu jedhamu

ammoo ergamaa waaqaa gabri’eltu/jibiriil (nama kan hin

taane fi namoota kaanitti mullachuu kan hin dandeenye)

tu waaqa biraa natti ergamuun seera waaqaa isa warri

Kiristaanotaa jal’isan sirreessee natti hime jechuun

namootatti himaa ture. Muhaammad waantota dhaga’aa

ture ykn gabri’el itti dubbatu? Hunda sababa ofii

barreessuu fi dubbisuu hin dandeenyeef namootni isa

duukaa turan akka barreessaniif waan dhaga’e sana bifa

walalootiin sammuutti qabachuun namoota bareessanitti

himaa akka tureetu himama. As irraa qabxiin hubatamuu

qabu, amantaan Isilaamummaa amantaa Kiristaanummaa

irraa gargar fageenya ilaalchaa yoo qabaateyyuu, akka

sirreeffama amantaa Kiristaanummaa /Yihudiizimiitti

kan hundeeffameeedha malee bu’urarraa ka’uun

43


Kiristaanummaa/Yihudiizimii irra kan adda ta’e miti

jedhuudha. Kanas Isilaamummaan jechoota quraana

qulqulluu keessatti katabamanii argaman amantaalee

kanneen waliin qooddachuu isaatiin mirkaneessuun ni

danda’ama. Muhaammad Quraana qulqulluu ofiin

barreessuu haa dhabu malee, toora inni ittiin

barreeffamuu qabu hunda namoota barreessaa turanitti

himaa akka turetu himama. Waantotni kitaabicha

keessatti katabaman hundi kan Muhaammaditti himamaa

turan(kan Jibriil yeroo garaa garaa itti himaa ture)

waggaa 10 gidduutti akka ta’etu musiliimotaan amanama.

Haa ta’u malee garuu walumaagala Quraanni qulqulluun

bifa har’aa kana kan godhate, waggaa 23 gidduutti erga

barreefamee xumuramee ta’uu isaatu himama. Boodarra

Muhaammed dhukkubsatee akka du’etu hadiisa tokko

tokkorratti ibsama.

Kitaabni ‘Quraana Qulqulluu’ jedhamu kunis afaan

Arabiffaan kan barraa’eefi boqonnaa 114 qabaachuun,

lakkoofsa irratti mormiin jiraatus jechootaa fi qubee

jijjiiruu waan hin dandeenyeef harka caalmaan,

haayaa/lakkoobsa 6236 akka qabu ibsamuu isaa fi

44


jechoota 77,449 akkasumas qubee Arabifaa 320,015

qabaachuu isaatiin wal qixa ta’uutu beekama. Kanaafuu

garaa garummaan Musiliimota gidduu jiraatus, kitaaba

Quraana jedhamu kana irratti wal mormii daran hin

qaban jechuu dha.

Musiliimotni kitaaba Quraana jedhamu kanarratti

walmormii daran qabaachuu dhabanis garuu toora

barreefama isaa irratti wal dhabdeen hanga muraasaan ni

mul’ata. Fakkeenyaaf kutaa Quraanaa keessaa jechi

jalqaba Muhaammad dhaga’ee sammuutti kuufachuun

akka bareeffamu godherratti, yaadotni garaa garaa ni jiru.

Haa ta’u malee ballinnaan kutaan jalqabaa isa boqonnaa

96 lakkoofsa 1(96:1) 14 irratti barreefamee dha. Kunis isa

jalqaba utuu Muhaammad waashaa/boolla gaara Hiiraa

jedhamu keessa ciisuu ergamaan ‘Jibril’ jedhamu itti

mul’achuun kitaaba baatee dubbisi ittiin jedhee, sana

akka ta’etu harka caalmaan himama.

Gama biraan immoo jechi xumura irratti muhaammad

dhaga’e jedhamu irrattis wal mormiin jiraatus harka

caalmaan kan himamu isa kutaa quraanaa keessaa

boqonnaa 2 lakkofsa 281 irratti ”Guyyaa gaafa namni

45


hundi fuula rabbiitti murtiif dhiyaatuu

sodaadhu ,lubbuun hundi tokko tokkoon gatii hojii

isaanii argatu, dogoggoraanis itti hin murteefamu”

jedhamee katabameedha jedhama( Sura tul Baqaraa

2:281) 14 .

Walumaa galatti waa’ee Quraanaa ilaalchisee qabxiileen

hubatamuu qaban muraasni:-

Muhammaditu barreesse osoo hin taane, waan

dhaga’eera jedhe sana sababa dubbisuu fi barreessuu

hin dandeenyeef, namootni akka barreessan kan

ajaje ta’uu isaa. Fakkeenyaaf yeroo Muhaammad

gaara Hiiraa jedhamu kana keessattii sagalee fi

nama kan fakkaatu tokko argaa ture sana waan argaa

ture sana eessuma isaatti akka himaa turetu himama.

Eessumni isaa sun ammoo nama ‘Waraqaa’

jedhamu, kan Kitaaba qulqulluu(bible) qorachaa fi

afaan Arabiffaatti jijjiiraa ture, ta’uun isaas ni

ibsama. Muhaammad namni Waraqaa jedhamu kun

akka inni maalummaa waan argee sana

mirkaneessuufiif itti himaa ture. Muhaammad wanti

inni arge sun ‘Jibriil’ ta’uu isaa erga Waraqaa irraa

46


mirkaneeffateen booda akka inni barreessuuf waan

argee fi dhaga’e hunda akka itti himaa tures

hadiisotni tokko tokko ni mirkaneessu. Kanaafuu

Waan Muhaammad argee ture sun ergamaa

isa’Gabri’eel’ jedhamuun Kitaaba Qulqulluu

Kiristaanotaa keessatti ibsame ta’uu isaa kan itti

hime namicha Waraqaa jedhamu ta’uun isaas

hadiisa irratti ni caqafama (Sahi Al Bukaarii

6:60:478) 15 .

Jechoota Quraan qulqulluu keessatti barraa’an

hunda si’a tokkoon bakka tokko taa’ee dhaga’e osoo

hin taane yeroo garaa garaa bakka garaa garaatti

waan dhaga’e sana si’uma dhaga’u sana akka

barreeffamu gochaa erga tureen booda, dhumarratti

jechoota hunda walitti funaanuun Quraana guutuu

har’aa kana ta’ee kan barreeffame ta’uu isaati. Kunis

turtii waggaa 23 gidduuti.

Toorri kitaabichaa sirna toora bu’iinsa (toora duraa

duuba dhageettiin Muhaammaditti himameen) osoo

hin taane wal keessa fuudhamaa ta’uu isaa fi garaa

garummaan yaadaa toora barreeffaamichaa

47


ilaalchisee kan jiran ta’us, harka caalmaan akka

har’aa kanatti akka barreeFfamuuf kan ajaje

Muhaammadii dha yaada jedhu ta’uu isaati.

Osoo Muhaammad lubbuun jiruu barreeffamee akka

xumurame ibsamuu isaa fi baay’inni boqonnaa

akkasumas baay’ina jechoota fi qubee arabiffaa wal

qixa ta’e Quraana kam keessatti katabamee

jiraachuu isaati.

Ibsa armaan olii irraa hubachuu kan dandeenyu,

Muhaammad waan inni argee fi dhaga’e waaqa biraa

ta’us ta’uu baatus, sababni ka’umsa amantaa

Isilaamummaa, namootni Muhaammadiin duraa ykn

Yihudootni fi Kiristoonotni Kitaaba Qulqulluu ofiin

barreeffatan malee waaqa biraa miti kanaafuu seerri

isaanii sirrii miti ilaalcha jedhuun ta’uu isaati. Kanaaf

immoo ragaan Quraanuma (Suura Tul Baqaraa 2:79) 14 .

Kitaabni Quraana jedhamu kun sirreeffama Kitaaba

qulqulluu muraasa haa qabaatu malee walfakkeenya

kanneen akka: seeraa fi jechootaa , wa’ee uumama

namootaa, akkasumas ilaalcha “waaqni namoota

jajajalloo (seera barreeffame sana warra hin hordofne)”

48


hin jaallatu, kanaafuu ni adaba ykn gocha gara jabeenyaa

irratti fudhata, akkasumas nuti(warra amanan/

qajeeltota)yoo warra jalloota lolle rabbi nurra goree

namoota kaan akka ajjeesnuuf humna nuuf kenna

jedhanii amanuu fi kkfn irratti yaada wal fakkaatu ibsa.

Kitaaba Quraana qulqulluu jedhamu biratti dabalataan

Musiliimotni kitaaba ‘Hadiisa’ 16 jedhamu kan wa’ee

Muhaammadii akkasumas namoota isa waliin

turan(sa’abota) fi akkaataa inni ittiin seera hordofaa ture

ibsan ni amanu. Hadiisni kan amanamuuf namootni

amantaa Islaamummaa hordofan hundi sirna Hadiisicha

keessatti caqafame sana hordofuu akka qaban ibsuufi.

Ta’us hadiisni jecha rabbi osoo hin taane; seenaa barsiisa

Muhaammad barsiisaa turee fi haala jireenya isaa

dhalootaa isaatii hanga du’a isaatiitti kanneen ibsan ta’uu

isaati.

Kitaaboleen hadiisa jedhaman kunniin gosa heduu

ta’anis hundi isaanii kan barreeffaman erga Muhaammad

du’een booda dha. Kanaafuu namootni hadiisa

barrressan qorannoo namoota Muhaammadiin arganiifi

kanneen namoota isa duukkaa turan arganii seenaa isaa

49


qoratan qorachuun ta’uu isaati. Kunis seenaa

Muhaammad isa akka darbii darbootti odeeffamaa

turetu qoratamee hadiisa ta’ee barreeffame jechuu dha.

Fknf namoota Muhaammadiin ijaan argan keessaa

haadha manootaa isaa keessaa ishee boodana inni

ijoollummaa isheetiin osoo isheen umurii waggaa 6

kaadhimatee gaafa waggaa 9ffaa isheetiiti fuudhe, kan

Aisha jedhamtu irraa qorachuuni (Sahi al Muslim

3:8:3310). Hadiisotni kunniin hadiisota kanneen madda

amanamoorraa qorataman jedhamuun kanneen dursi

kennamuufii dha. Hadiisotni Kanneen biroon garuu du’a

Muhaammad booda naannoo waggaa 200 fi isaa ol kan

ta’u booda namootarraa seenaa darbii darboon

qoratamaniin barreeffaman. Kanaafuu hadiisni gosa

hedduutti qoodamu isaanii gamanumaan hubachuun ni

danda’ama jechuu dha.

Qoodamni hadiisotaa kun bara itti barreeffamee fi

namoota garaa garaa hadiisota sanniin funaananii

barreessaan irratti hundaa’eeti. Yeroo garaa garaafi

namoota garaa garaan waan barreeffamaniifis hadiisotini

barreeffaman garaa garaa dhugaa walfakkaatu tokko

50


qabaachuu hin dandeenye. Rakkoo kana hir’isuuf jecha,

hadiisota barreeffaman tokko tokko sirreessuuf yaaliin

godhameera. Kanneen sirreeffamuuf yaalamanis jecha

‘Sahii’ jedhuun kanneen durfamanii dha. Jecha ‘sahii’

jedhu kun“kan sirreefame” ta’uu ibsa. Hadiisota kanneen

keessaa beekamoon:- ‘Sahii al Musiliimii’ fi ‘Sahii al

Bukaarii’ dha. Haa ta’u malee hadiisotni sirreeffamuuf

yaalaman kunniin garuu waldhabdee ilaalchaa kan

Musiliimotaa gidduu jiru tokkummeessuu hin

dandeenye. Kun ammoo akkuma ilaalchi garaa garaa,

garee amantaa Kiristaanotaa gidduutti sababa Kitaaba

Qulqulluutiin uumamee ture, sababa Hadiisotaatin

ammoo Musiliimonnis ilaalcha garaa garaa qabaachuun

garee garaa garaatti akka qoqqoodaman ta’eera. Kunis

tarii, sababa adeemsi Kitaabni Qulqulluunifi Hadiisni

ittiin barreeffamaa ture wal fakkeenya qabuufis ta’uu ni

mala.

Haaluma kanaan Musiliimotni qoqoodama garee garaa

garaatti qoodaman jechuu dha. Haa ta’u malee garuu

gareen Musiliimotaa jiran hundi ilaalcha waloo kan

‘namootni biyya lafaa irra jiran hundi amantaa

51


Isilaamummaa hordofuu qabu’ jedhu qabu. Kunis kan

mirkanaa’u, karaa nama‘Imaama’(hogganaa Musiliimota

addunyaa), jabaa ta’eetiin ta’uu akka qabu amanu.

Namni cimaan jedhamu kun, namootni addunyaa hundi

Isilaamummaa akka fudhataniif shoora guddaa

taphachuu kan malu ta’uu qaba jedhamee kan amanamuu

dha. Akkasumas sirna durii keessatti Mootiin dhaalaan

muudama. Kanaafuu Imaamni dursa muudame sun

imaamummaa isaa dhaalaan hanga namootni hundi

Isilaamummaa fudhatanitti daddarbuu qaba jechuu dha.

Imaamummaa kan dhaalu garuu ilmoo dhiiraa qofa ta’uu

qaba jedhamee amanama. Sana booda Guyyaa

Qiyaamaa?(guyyaa namootni rabbi waliin jiraachuuf

ykn gubachuuf murtii argatan) tu ta’a jedhamee

Musiliimota hundaan amanama. Haa ta’u malee, namani

cimaan imaama ta’ee, amantaa kana galmaan yaadameen

ga’uu danda’u sanyii eenyuu ta’uu qaba kan jedhurratti

Mormii Qabu jechuu dha. Kanaafuu Namni dursaa

Musiliimotaa akka ta’uuf filatamu sun nama akka sirna

Muhaammad ittiin dursaa turee fi hogganaa waraanaa

ta’uun yeroo gabaabaa gidduutti namoota baay’ee gara

52


Musiliimummaatti jijjiire ta’uu qaba jedhaniis waliif

galu. Kanaafuu imaamni jalqabaa sanyii Muhaammad

ta’uu akka qabu Musilimotni hundi mormii hin qaban

jechuu dha. Haa ta’u malee, sababa abbaan Muhaammad

dhalche daa’imummaatti irraa du’eef jecha, kan isa

guddise Namam Abubakir jedhamu ture. Dabalataanis,

Muhaammad ilmoo dhiiraa hin qabu ture. Garuu

Muhaammadis nama Alii Ibin Xaalib jedhamu akka

guddifachaatti guddifatee ture. Kanaafuu, Sanyii

Abubakirii fi Alii Ibin Xaalib keessaa sanyii eenyuutu

wal harkaa fuudhiinsa dhaalaa gara dhaalaatti darbuun

imaama ta’uu qaba? kan jedhu irratti gareeleen

Isilaamummaa jiran hundi ilaalcha dhuunfaa dhuunfaa

isaani akka ragaatti hadiisota garaagaraa caqasuun

mormii qaban ibsatu. Garaa garummaan ilaalchaa

kanneen Musiliimotni gargar akka qoodaman godhan

keessaa inni guddaanis kanuma.

Walumaagalatti ilaalchi Musiliimotni qaban kun sanyii

eenyuutu gosa Arabootaa(Abubakirii fi Alii Ibin Xaalib)

keessaa Musiliimota addunyaa guutuu irratti argaman

hundaa dursuun galma yaadamee ture sanaan ga’uu

53


dandaa’a kan jedhu irratti raga garaa garaa hadiisota

irraa fudhachuun kan mataa mataa isaanii hordofu.

Haaluma kanaan gosoota garaa garaa hedduutti

qoodamuu danda’an jechuu dha. Kanaafuu irra jiressaan

gareen Isilaamummaa hundi ilaalchi isaan qaban gargar

ta’uu kan danda’eef, gosa hadiisota irratti hundaa’uun

akka ta’e hubachuun danda’ameera jechuu dha.

Kanumarraa ka’uun gosoota Isilaamummaa garee

gurguddoo keessaa

tarreefamanii dha.isaanis:-

muraasni kanneen armaan gadiitti

Musiliima Sunnii

Musiliima Shi’iitii

Musililiima Suufii fi kkf yoo ta’an, gareen

kunniin ammas garee xixiqqaa hedduuttis ni

qoodamu.

A, Musiliima Sunnii (Suni Muslim)

Gareen kun gosa Musiliimaa jiran hundaa keessaa harka

84-90(84-90%) kan qabatu yoo ta’u, gosoota hadiisaa

jiran keessaa ja’a(6) qofatti akkaa madda sirrii ta’eetti

amanu. Hadiisotni kunniinis:-

Sahii Al Bukaarii

Sahii Musliim

Sunnaan Al-Sugra

Sunnaan Abu Daawwud

54


Sunnaan Al-Tirmidii fi

Sunnaan Ibin Majaaha, kanneen jedhaman yoo

ta’an baay’een isaanii kanneen naannoo jaarraa

duraa lamaan erga du’a Muhaammad booda

barreeffan akka ta’antu himama.

Ta’us garuu akka madda amansiisaatti fudhachuu

baatanis, hadiisota biroo kanneen armaan olitti

caqafaman ja’aniin ala ta’anittis ndarbee darbee ni

amanu. Isaanis kanneen akka:-

Muwattaa

Musnaad Ahimed Ibin Hanbaali

Masabbiih Al Sunnaaha

Buluug Al Maaram

Abdurrazaaq Al Sunnii

Sahii Ibin Hiibbaanii fi kkf hedduu akka madda

lammataatti itti fayyadamu.

Jechi sunnii jedhus yeroo hiikamu; aadaa/ sirna’

yemmuu ta’u, kan inni ibsu aadaa /sirna Muhaammadii

akkasumas hordoftoota Muhaammadii wajjin turan

kanneen Sa’abota jedhamuun beekaman bakka kan bu’u

ta’uu isaati. Kanaafuu sirna/aadaa waa’ee Muhaammadii

ilaalchisee hadiisa isaan amanan irratti sirna barreeffame

kamiyyuu ni hordofna yaada jedhu qabu. Ilaalchi gareen

55


Sunnii jedhaman kunniin waa’ee wal harkaa fuudhiinsa

imaama/dura bu’aa amantaa irratti qabanis”namni

jalqaba Muhaammad Kalifa (dursaa Isilaamaa) akka ta’u

godhe nama Abubakir jedhamu (kan Muhaammadiin

akka abbaa isaa ta’ee guddise) dha waan ta’eef namni itti

fufee imaama /dursaa ta’uu qabu sanyii Abubakir ta’uu

qaba” kan jedhuu dha. Ta’us haaromsa ilaalchaa yeroo

booda taasisaniin gareen kun garee garaa garaattis ni

qoodamu. Isaan keessaa muraasni:-

Wahaabiya/Salafiyaa

Obbolleeyyan Musliimaa(Muslim Brother Hood),

Jama’ati Islaamii fi kkf jedhamuun qoodamu.

B, Musiliima Shi’iitii (Shi’ite)

Gareen kun immoo gosoota Musiliimaa keessaa harka

10-16(10-16%) kan qooddatu yoo ta’u, hadiisotni isaanii

akka madda amanamootti amanan“Kitaabolee Arfan”

(Al Kutab Al Arbaah) jedhamuun beekamu. Isaanis:-

Asuul I Kaafii

Man La Yahaduruhu Al Faqiihi

Tahadiib Al Hakiim

Al-Istibisar Kanneen jedmanii dha.

56


Ilaalchi gareen kun waa’ee du’a Muhaammad booda

sanyii eenyuutu Muhaammadiin bakka bu’a jedhuuf,

filannoon isaanii sanyii namicha “Alii Ibin Abi Xaalib”

jedhamuu ta’uu akka qabu amanu. Alii Ibin Abi Taalib

ilma eessuuma Muhaammad kan ture fi kan

Muhaammad akka ilmaatti guddifatee dha. Dabalataanis

Muhaammad namicha kana erga guddiseen booda intala

isaa kadijjaa akka fuusisees ni himama. Gareen

Musiliima Shi’itii jedhamanii kun ilaalcha namni’Alii

Ibin Abi Xaalib’ jedhamu kun jalqaba kaaliifa/ Imaama

Muhaammad ta’ee muudamee ture jedhanii amanu.

Kanaafuu, kaliifni/imaamni sanyii isaa qofa ta’uu qaba

jedhanii amanu jedhuu dha. Haaluma kanaan

Musiliimotni Shi’itii amantaa” yoo sanyiin Alii dura

bu’ummaa dhaalaa gara dhaalaatti wal harkaa fuudhanii

dursan galmi yaadame ga’amuu danda’a amantaa

jedhutti amanu jechuu dha. Kanaafuu, imaamni

muudamu Sanyii Abubakir ta’uu hin qabu amantaa

jedhuun garee Musiliima Sunnii irraa garaa garummaa

ilaalchaa qabaatu.

57


Gareen Musiliima shi’itii kun garee sanyii Alii hordofan

haa ta’an malee, sirni wal harkaa fuudhinsa imaama

ta’uu kun Alii Ibin Abi Taalib irraaa hanga akaakilii

meeqaatti itti fufa kan jedhu irratti mormii qabachuun

garee gurguddoo garaa garaattis ni qoodamu. Isaanis:-

o Kudha Lameen (Itna-Ashariya Imaamiya )/Shi’a

o Warra Torbaa(Ismaa’ilii) fi

o Warra Shananii (Zaydii) kanneen jedhaman isaan

beekamoo garee shi’itii ta’aniidha.

C, Musliima Suufii

Gareen kun garee Isilaamummaa keessaa warraa

amantaa ajaa’iba gochuutti(mystical) amananii dha.

Haaulma kanaan amantaa ‘ergamaan rabbi Qulqulluun

jalqabaa Muhaammadii dha” jedhutti amanu. Haa ta’u

malee garuu amantaa kadhannaa gochuunii fi guddina

afuuraatiin humni alaa (humna rabbii namootaaf

kennamuun) ajaa’iba(mystical) gochuun ni danda’ama

jedhuuttis amanu. Ilaalchi isaan waa’ee “namootni

kamiyyuu Mohaammadiin booda waaqa kadhachuun

ajaa’iba gochuu ni danda’u jedhanii amanan kun ammo

Musiliima Suufii garee Musiliimaa kanneen biroo irraa

58


adda taasisa. Kunis ilaacha “namootni kamiyuu yoo sirna

Muhaammadii hordofuun qulqullummaan waaqaa wajjin

walitti dhiyaatan fudhatama qabu” jedhuu dha. Walumaa

gala gosti musiliima shi’itii musiliimotni qulqullummaa

eeggatan hundi sirriidha akka ta’aniifi fi toora

muhaammad hordofuun raajii godhamuttis ni amnu

jechuu dha.

Gareen Musilimma suufii kunniin ilaalcha qabaniin

baay’een isaanii garee sunnii yoo taa’an muraasni isaanii

immoo garee Shi’iitiiti. Sirni waaqeffannaa garee kanaa

baay’inaan sirna Kiristaanotaa waliinis wal fakkaata.

Kanumarraan kan ka’es garee kanaan sababa ilaalchaf

jecha amantaalee kanneen biroo waliin jiraachuu irratti

rakkoon nageenyaa uumamu daran hin mul’atu.

Garee Shororkeessitootaa kanneen Islaamummaa

Bu’ureffatan

Akkaataa namootni amantaa Isilaamummaa hordofanii fi

barsiisan tokko tokko ibsanitti, amantaan Islaamaa kan

barsiisu Musiliimotni: ’nama qofaaf osoo hin taane,

ilbiisota kanneen akka mixiif illee eeggannoo gochuu

akka qabanii dha. Kunis Quraana bu’uureffateeti.

59


Dabalataanis, Quraanni, Waa’ee amantaaee kanneen

biroo yeroo ibsu: ani amantaa ofii kootii qaba, isinis

amantaa keessan qabdu, isin kan keessan hordofaa anis

kiyyan hordofa kan jedhu argina.Haa ta’u malee, yeroo

ammaa gareen shorokeessitootaa tokko tokko amantaa

Islaamummaa da’oo godhachuun yeroo isaan garee garaa

garaa uumanii siyaasa garaa garaa geggeessantu mul’ata.

Kanas gareen ilaalcha dogoggoraa qaban, yeroo isaan

ilaalcha gadi aanaa ta’e amantaalee biroorratti calaqqisan

hubatama. Haaluma kanaan gareen loltoota qaban

baayyeen isaanii gosa Isilaamummaa garaa garaa

keessatti ni argamu. Kanneen keessaa muraasni:

Garee ISIS

Garee Alqaa’idaa

Garee Alshebab fi kkf baay’inaan argamu

Gaaffillee Marii

1) Amantaa kam keessatti namootni akka wal

ajjeesaniif waaqni deggersa taasisa?

2) Bu’aan waaqni/rabbi ajjeefamuu namootaa irraa

argatu maali?

3) Namootni yoo nama akka isaanii sababa amantaaf

ajjeesan maal buufatu?

4) Amantaan karaalee namootni ittiin siyaasa

geggeefaatan ta’uu ni danda’aa?

5) Namootni amantaalee irraa miidhaa moo faayidaa

argachaa jiru?

60


6) Sababni namootni wal qoqqoodanii/wal jibbiinsa

uumuun wal ajjeessan maaliif?

7) Lammiileen Itoophiyaa, Libiyaatti ISISn qalaman

maal balleessan?

8) Kitaaba Qulqulluu(Roomaa13:1-7) fi Quraana(Sura

tul Annaas 4:89-91) irratti yaada akkamii qabda?

9) Mootii waaqatu muuda jecha jedhu ni amantaa?

10) Afaanota addunyaa irra jiran akkamitti uumaman?

11) Waaqni afaanota hunda ni dhaga’aa?

12) Afaanotni amantaa waliin ergifaman afaanii fi

aadaa saba biraa irratti miidhaa ni fiduu?

61


BOQONNAA 3

3.1. Amantaa fi Saayinsii

Gaafilee xiinxallii

Amantaa fi saayinsiin waliif galumoo wal

faallessu?

Yoo kan wal faallessan ta’e, amantaa moo

saayinsiitu dogoggora jettee yaadda?

Uumaan/waaqni maali? ni jiraa?

Uumaan yoo kan jiru ta’e, hammam gaa’a?

Waaqaa fi lafti yoom uumaman?

Yoo Waaqni uumaama hundaa kan uume ta’e,

waaqa immooo maaltu uume?

Gaaffilee kanneen keessaa Kan gaafachuun

namaaf hin mallee kami? Maaliif?

3.1.1 Wal Mormii Ilaalcha Amantaa fi Saayinsii

Akkuma gaaffiilee armaan olii irraa hubachuun

danda’amutti, Kutaan kun kutaa baay’ee wal

xaxaa ta’e akkasumas waa’ee uumaa fi uumama isaa

ilaalchisee amanuun kan nama rakkisu ofkeessatti qabata.

Haa ta’u malee waantota kanneeen akka Uumaa fi

uumamaa ilaalchisee yaadiddamni (philosophy) karaa

amantaa fi saayinsiitiin yeroo garaa garaa ni ibsama.

Kunis walmormii Uumaan ni jira ykn hin jiru jedhu,

akkasumas uumama hunda uumaatu uumee ykn

jijjiirama tirannaa keessa uumaman kanneen jedhantu

62


gama amantaaleefi saayinsiin ibsamu. Ta’us gama

lameeniin ragaaleen kennaman ilaalcha namootaa irrtti

hundaa’ee kanneen fudhatama qabaachuu/dhabuu

danda’an jirachuu ni malu. Namootni yaadiddama

dhiyeeessanis shakkii ‘Kun akkana ta’uu danda’a’ jedhu

qabaachuu malee ragaa qabatamaan ibsuuf ni danqamu.

Kunis sababa bara durii yeroo waantotni uumaman

namootni ijaan arganii mirkeessan hin turreef ta’uu isaati.

Haaluma kanaan gama saayinsiin waantotni hundi

waanuma duraan turan irraa jijjiirama suuta suutaan bifa

amma argamu kanarra ga’an kan jedhutu ibsama. Gaaffii

waantotni dura turan sun immoo akkamitti uummaman

jedhuu deebisuuf ragaa garaa garaa dhiyeessuuf yaalu.

Gama amantaaleetiin immoo waaqatu samii fi lafa

dabalatee waantota lubbuu qabaniifi lubbuu hin qabne

hunda uume yaada jedhutti amanama jechuu dha. Fknf

amantaan Kiristaanumaa, akkataa waaqni itti uumama

uume yoo ibsan,” samii fi lafa dabalatee lubbu qabeeyyii

kanneen biroo (namaan ala ta’an) ‘ta’a’jecha jedhuun

yoo uumu, nama garuu dhoqqee lafaa irraa akka nama

suphee hojjetuutti erga hojjetee booda afuura itti

63


baafachuun nama godhee uume amantaa jedhu qabu.

Ilaalchi amantaan Isilaamumaas uumaafi umama irratti

qaban kan Kiristaanummaa irraa fagoo miti.

Haa ta’u malee akkaataa waaqni ittiin namaa fi waantota

uume jedhamanii amantaaleen amanaman sunniin

akkasumas waaqa ammoo maaltu uume kan jedhuurratti

gama saayinsiin ibsi kennamu daran faallaa amantaaalee

ta’uu isaatu mul’ata. Gaafii ‘waaqa maaltu uume’ jedhu

kana deebisuun amantaaleef rakkisaa akka ta’etti hafuun

isaas akka ragaatti caqafama jechuu dha.

Ibsi gama amantaaleen kennamu guutummaa guutuutti

waaqni jiraachuu isaa saayinsiin mirkanaa’uu baatus,

amantaa ni jira jedhu qabu jechuu dha. Kanaaf ragaa

isaan dhiyeessuuf yaalan, sirna walxaxaa waantotni ittiin

uumaman sammuu namaan ol akka ta’an fi kan waantota

akkanaa uume ammo waanta sammuu namaan olitti

yaaduu danda’u ta’uu isaa amantaa qaban ibsatu. Wanti

sunis waaqa/uumaa ta’uu isaati jechuu dha. Fakkeenyaaf;

qaama namaa fudhannee yoo ilaalle, naamni tokko

qaamoleen isaa kanneen akka faabrikaan garaa garaa

baay’een walitti dhufanii nama san qofa uumaniiti.

64


Kunniin amoo nyaachuu akka danda’u, kan nyaate

qaama keessaa akka baasu, ilaaluu, yaaduu fi kkf akka

danda’u hunda dabalatee qaamni namichaa hundi

dalagaa uumameef qabaachuu isaas fakkeenya fudhatu

jechuu dha. Sirna qaamni garaa garaa ittiin gocha kana

raawwatu karaa walxaxaa baay’ee sammuu namaatti

ajaa’iba ta’aniin ta’uun isaa beekamaa dha. Haa ta’u

malee gochi armaan olii hundi bifa jijjirama tirannaa

jedhamuun akka uumametu gama ibsa saayinsiin

mirkaneessuuf yaalama. Kanaafuu wolmorkiin

saayinsiifi amantaalee gidduutti uumamuu danda’eera

jechuu dha.

Wal morkii amantaalee fi saayinsii ilaalchisee beekaan

Albert Inistaayin jedhamu Amantii fi saayinsiin waliin

mormuu akka hin qabne dubbata. Kun immoo

waldhabdee gidduu isaaniitti mul’atu waan hirrisuuf

ta’uu isaati.

Garaa garummaan kunis kan uumamu sababa saayinsiin

ragaa qabatamaan waantota mirkaneessuuf yaaluufi.

Amantaan immoo waantota mul’achuu hin dandeenyee fi

mirkaneessuun nama dhibu irratti amantaa guutuun ni

65


ta’a jedhee amanuuf toora ofii isaatii hordofa.

Dabalataanis amantaan kan inni irratti hundaa’u

waantota namootni durii ni ta’a jedhanii amana turan

hunda akka dhaalaatti darbii darboon wal harkaa

fudhatanii yoo amanan, saayinsiin immoo qaroomina

sammuu yeroo garaa garaan waantota dur turanii fi

amma jiran qorachuun sirna waantotaa ragaa qabatamaan

ibsuuf yaala.

Jecha armaan olitti caqafame kan”amantaa fi saayinsiin

wal mormuu hin qaban” jedhu bu’uura godhachuun mata

duree garaa garaa jalatti waantota tokko tokko fakkeenya

fudhachuun boqonnaa kana jalatti kan mari’atamu ta’uu

isaa gamanumaan hubatamuu qaba jechuu dha.

Fakkeenyaaf dhaabbatni qorannaa hawwaa NASAn

saayinsistoota gara samiitti erguun guddina urgjiilee

haala nama ajaa’ibsiisuun ibsuu danda’era. Ta’us garuu

namni kamiyyuu osoo beekumsa hawwaa hin horatin

ykn yeroo ijoollummaa sababa lafarra dhaabatee ol ilaalu

urjiileen xixiqqoo ta’anii mul’ataniif, urjileen xixiqoo

akka ta’uu danda’anitti amana. Yeroo ammaa kan

saayinsiin ilaalcha urjileen xixiqqoo dha jedhu

66


dogoggora ta’uu isaa mirkaneesseera. Kunis bu’aa

saayinsiin ammayyaa qabu mirkaneessuu isaati jechuu

dha. Saayinsiin osoo sadarkaa har’aa kanarra hin ga’in

dura urjileen xixiqqoo dha jedhamee kan namoota duriin

amanamaa ture,yeroo ammaa kana dogoggora ta’uu isaa

hubachuun bu’aa saayinsiiti jechuu dha. Haaluma

kanaan namni kamiyyuu beekumsa saayinsii horachuun

isaa daran barbaachisaa ta’uu gamanumaan hubachuun

barbaachisaa dha. Kanaafuu beekumsa saayinsii dhabuun

Mucuca Kufaatii ta’uu isaati

Yaada Marii

Caqasa akka fakkeenyaatti kitaaba qulqulluu amantaa

Kiristaanummaa irratti caqafan armaan gadii dubbisuun

yaadni kenname dhugaaf dhugaa ta’uu isaa xiinxali:-

1) Urjiin lafa caalaa xixiqqoodha jedhamee waan

amanamuuf “akka ija harbuu qilleensi jabaan

raasee harcaasuutti, urjootni waaqa keessaa

lafarratti akka gad harca’antu nama Yohaannis

jedhamutti mullate” kan jedhu(Mul’ata

Yohaannis. 6: 13).

2) Namni Daawit jedhamu guddina waaqaa

ajaa’ibsiifachuun yeroo waaqa faarsu “yaa

waaq ani gara bantiiwwan waaqaa isa ati uumte,

gara urjootaa fi ji’oota… yeroon ilaalu, ati akka

isa yaadattuuf namni maali?” kan jedhu

(Faarsaa 8:3-4)

67


3) Namni Kan gurraacha ta’ee uumame sababa

abaarsaatiin akka ta’e kitaabni amntaa yoo ibsu

saayinsiin ammo sababa filannoo bakka

jireenyaatiin(naannoo equatorial) akka ta’e ibsa.

Saayinsiin ammayaa ilaalchi namootni waantota baay’ee

irratti qabaachaa turan dogoggora ta’uu isaa ragaa

qabatamaa ta’een mirkaneessuu danda’eera jechuu dha.

Kun ammoo namootni sababa ilaalcha dogoggoraa

qabaachaa turaniif jecha waantota fayidaa isaaniif qabu

akka dhabaa turanis ni mul’isa. Ilaalcha namootni

qabaachuu malan kanneen maddisiisan keessaa ijoon

amantaalee ta’uu akka malu boqonnaa darbe jalatti

ilaaluun keenya ni yaadatama.

Saayinsiin ammayyaa bu’a qabeessa ta’us, namootni

tokko tokko ilaalchi isaan saayinsii ammayyaaf qaban

gadi bu’aa dha. Namootni kunniin ammoo baay’inaan

namoota amantaalee hordofaniifi namoota sadarkaa

barumsaan gadi aanaa ta’an biratti mul’ata. Namootni

kunniin garuu mormii saayinsii ammayyaa iraa haa

qabaatan malee, bu’aalee saayinsii ammayyaa kanneen

akka tajaajila yaala fayyaa, meeshaalee elektrooniksii

garaa garaa, geejjiba garaa garaa fi kkf ni fayyadamu.

Kanneen sababa amantaaf jecha tajaajila kanneen tokko

68


tokko hin fayyadamnes ni jiru. Fknf hordoftootni

amantaa Dhuga Baatota Joovaa(Jova witness) jedhaman

yoo dhukkuba hir’ina dhiigaa (Anemia) isaan mudate,

dhiiga nama kan biraa kan yaalli fayyaa ajaju hin

fayyadaman.Kunis sababa ‘lubbuun namaa dhiiga keessa

jiraatti’ amantaa jedhu qabaniif ta’uu isaati.

Gaafiifi Tolasaan waa’ee sirbaa ilaalchisee hiriyyota

isaa Kumsaafi Abdii gaafate

Gaaf tokko Tolasaan osoo sirba weellisaa oromoo

beekamaa Dr. Alii Birraa kan“barnoota barnoota

ammas barnoota! kana ta’uu qaba kaayyoon

Oromootaa!” jedhee weellise dhaggeeffatuu hiriyyaan

isaa Kumsaan sirba dhaggeffachuu fi sirbuun amantaaa

Kiristaanaa kessatti fudhatama akka hin qabne itti

himuun akka dhaggeeffachuu hin qabne isa dhorke.

Tolasaan garuu gaaffilee armaan gadii akka deebisuufiif

galagalee waa’ee sirba Alii kana ilaalchisee hiriyyaa

isaa Abdii gaafate:

Waa’ee tokkummaa oromoo haasa’uu fi sirbuu

gidduu garaa garummaa maaliitu jira?

Sababa uummata oromootti kaka’umsa

barnootaa cimsuuf weelliseef Dr. Aliin maal

balleesse?

Sababa sirba kanaan kan ka’e waaqni maal

dhabe?

Waaqni ykn namni sababa sirba Alii kanaaf

jecha badii inni Aliitti muru maali?

Deebiin hiriyyaan isaa Tolasaaf deebises sirbi Alii

kunniin badii qabaachuu baatanis garuu akkuma

69


gochootni namootaa kanneen gaariinii fi kanneen

gadheen jiran sirbootnis kanneen waan gaarii nama

barsiisanii fi kanneen hammeenya nama barsiisan

jiraachuu malu. Kanaafuu ani akka yaada kootiitti

sammuu waa gargar baafatu isa waaqni nu badhaaseen

yaadnee gadhee fi gaarii gargar baafachuun ilaalcha

keenya sirreeffachuu waan dandeenyu natti fakkaata kan

jedhu ture.

Fakkeenya ilaalcha amantaaleen walqabate keessaan kan

biroon, seera amantaa Isilaamummaa ilaalchiseeti. Kunis

namni tokko amantaa Isilaamummaa fudhachuu kan

danda’u waantota bu’uraa ja’an (the 6 pillars of Musilim)

amanamuu qaban hundaa amanuu akka qabu barsiifama.

Sirni kunniin ammoo baay’inaan sirna Kiristaanummaa

keessatti caqafamaniinis walfakkeenya ni qabaata.

Sirnootni nama Musiliima ta’e tokkoon hordofamuu

qaban kunniin:-

1) Waaqni tokko qofa jedhanii amanuu

2) Ergamoota (kanneen akka Jibril) jiru jedhanii

amanuu. Akkasumas uumamni Jinnii

jedhaman kan namootaa fi ergamoota hin ta’in

garuu akkuma namaa gaarii fi hamaa kanneen

dalaguu danda’an akkasumas guyyaa dhumaatti

dalagaa dalaganiif akkuma namootaa murtoo waaqa

70


biraa kanneen fudhatanis ni jiru jedhanii amanuu

dabalata.

3) Kitaabolee rabbi kenne kanneen akka ‘Tawraat’

(seera Muse),‘Zabur’ (faarsaa Daawwit), ‘Injiil’

(wangeela Yesuus/Iisaan barsiise) fi Quraana

qulqulluu/Furqaana(kan Nabiy Muhaammaditti

kenname jedhamee amanamu) hundaa akka seerota

rabbi biraa namootatti kennamaniitti amanuu.

4) Namoota waaqni/rabbi ergamaa godhate, ergamoota

waaqaa (Nabiyyoota) jedhanii amanuu. Fakkeenyaaf

Quraanni naanna namoota 25 maqaa yoo dhahu,

kanneen keessaa kanneen hundarra caalu jedhaman

ja’an(6) duraa duuba dhaloota/ argama isaaniin:-

1) Aadam/Addaam 2)Nohi, 3)Ibrahim/Abriham,

4)Muusaa/Musee, 5)Iisaa/Yesuus 6) Muhaammad,

yoo ta’an, hundi isaanii maqaa ‘Nabiyyii’

jedhamuun waamamu. Haa ta’u malee garuu

nabiyyoota jiran hundaa keessaa kan hunda caalu

Nabiyyi Muhaammadii dha jedhuun namootni

Musiliima ta’an akka amanuu qabantu barsiifama

jechuu dha.

71


5) Guyyaan du’aa ka’uu jira jedhanii amanuu.

Akkasumas jaannamii fi waaqarra jireenyi

gaariin bara baraan jiraatan akka jiru amanuu.

6) Waan hamaas ta’e waan gaariis waaqumatu

namatti fida jedhanii amanuu.

Gaaffilee marii

Ibsa amantaa Musiliimaa armaan olitti kennaman

keessaa ibsa lakkoofa 6 ffaa irratti kenname ilaachisee

gaaffilee kanneen armaan gadii haa xiinxallu.

Fakkeenyaaf

‘Konkolaataan tokko sababa konkolaataan rakkoo

qaburraan kan ka’e firisi’oona kutee galagaluun

imaltoota miidhe’ kan jedhu ilalchisee : Gaaffileen

dhiyaatan-:

Balaan kun uumamuun isaa fedha rabbi ta’uu ni

malaa?

Konkolaataa eenyutu uuma/ eenyutus supha?

Namni tokko fedhaan summii liqimsee yoo du’e,

fedha rabbii ta’uu ni malaa?

Daa’imni tokko yoo HIV waliin dhalate badiin

eenyuutti murama?

Jecha ‘namni waan facaase haammata’ jedhu

akkamitti ilaalta?

3.1.2. Uumama Hawaa fi Lubbu Qabeeyyii

Yaadiddamni waa’ee uumama hawaa fi waantota hawaa

keessati argaman ilaalchisee saayinsiin ibsamu Tiyoorii

72


big bang 17 jedhamu kan bu’uura godhatee dha. Akka

tiyooriin kun jedhutti wanti hundi annisaa (energy)n

akka uumamanii dha. Haaluma kanaan jalqaba

elementoota kanneen akka gaasii (dhukkee)

Haaydiroojiinii (H) fi Hiiliyeemii(He) akkasumas hanga

baay’ee xiqqoo ta’aniin ammoo Liitiyeemii (Li) fi

Beriiliyeemii(Be) kanneen jedhamantu uumame.

Elementootni kunniin tokkoo tokkoon isaanii cita

atoomowwaa kanneen akka Niiwutiroonii, Prootoonii fi

Elektroonii jedhaman of keessatti qabatu. Elementootni

kunniin urjiilee fi aduu akkasumas pilaanitoota hundaa

keessatti argamuun isaanii elementoota kanneen biroo

dursanii uumamuu isaanii akka ragaatti mirkaneessa

jechuu dha.

Gaaffii annisaan citni atoomowwaa elementootni

kunniin jalqaba ittiin uumaman eessaa argame jedhurratti

ibsi yaadiddama (philosophy)n garaa garaa ni kennamu.

Yaadiddamni kennaman kunniin garuu walxaxaa fi

akkasumas garaa garummaa qaban irraan kan ka’es

yaada dhaabbataa tokko hin mirkaneessan. Haa ta’u

malee, uumamuu elementoota kanneen armaan olitti

73


caqafamaniitiin booda akkaataa waaantotni hundi ittiin

uumamuu danda’an salphaatti hubachuun ni danda’ama.

Haaluma kanaan yaada dhaabbataa fudhatama qaburraa

ka’uun waa’ee uumama hawwaa fi waantota hawwaa

keessatti argaman hunda mata duree itti aanan jalatti

haala salphaan ilaaluuf yaalla jechuu dha.

3.1.2.1 Uumama Hawaa

Jalqaba elementoota bifa gaasii/dhukee ta’an kanneen

akka Haaydiroojiinii(H) fi Hiiliyeemii(He) jedhamantu

elementoota hunda dursanii uumaman. Elementootni

kunniin cita atoomowwaa elektiroonii jedhamuun

beekamus of keessaa ni qabu. Citni atoomowwaaa kun

ammoo sheelii atoomii isaaniirra si’aayina ariitii ifaatiin

(speed of light) wal qixa ta’e fiiguu kan danda’uu dha.

Haa ta’u malee Citni atoomawwaa electroonii jedhamu

kun sheelii atoomiirra marsuu qofa osoo hin taane sheelii

tokko irraa gara sheelii biraattis ni dabra. Kun immoo

yoo sheelii ol aanutti kan dabru ta’e, annisaa dabalachuu

isa barbaachisa. Yoo kan sheelii gadi aanutti darba ta’e

garuu annisaa gadi lakkisa. Annisaa gadi lakkisuun

74


electroonii kun immoo uumamuu annisaa ‘footonii

‘(photon) jedhamuuf sababa ta’a.

Annisaan footonii jedhamu kun yeroo yerootti

uumamuun kuufamuu eegale. Kunis baayyina footonii

uumamuurraan kan ka’e annisaan guddaan akka

uumamuuf sababa ta’e jechuu dha. Annisaan guddaan

uumame kunis uumamuu waantota kanneen biroof

sababa ta’aa dhufe. Haaluma kanaan gaasota jalqaba

uumaman kunniin irraa annisaan maddisiifame

kuufamuun suuta suuta guddatee yeroo booda

walnyaatinsi garaa garaa akka uumamuuf sababa ta’e.

Annisaa guddaa fi ho’i guddaan uumames wal nyaatiinsa

gochuun elementootni kanneen biroon akka

uumamaniifis sababa ta’aa dhufe. Adeemsi elementootni

kan biroon elementoota dursa uumaman irraaa ittiin

uumaman kunniin adeemsa fusion fi fission jedhaman

dabalateeti. Haaluma kanaan annisaa /ho’i guddaa fi

elementootni uumamaa turan hundi bakka tokkotti

walitti qabamanii jiraachaa turan. Wal nyaatiinsi

kemikaalaa sababa annisaa guddaan uumame kun ittuma

fufuun elementootni ulfaatoo ta’an kanneen akka sibiila

75


fi sibilaala garaa garaa uumamaa dhufuu ittuma fufan

jechuu dha. Waanti ho’aan kun erga uumamee boodas

annisaa fi ho’a kan biraa baay’inaan argachuu fi

babal’achuun guddachaa akkasumas elementootni kan

biroon uumamuun isaanii ituma fufaa turan. Yeroo sana

aduu dabalatee urjiilee fi pilaanitootni hudi lafa waliin

bakkuma ho’a guddaa qabu kana keessatti kuufamanii

turan.

Yeroo booda waanti ho’aan annisaa guddaa kuufate sun

humna daran guddaa ta’een dhuka’uu danda’e. Humna

daran guddaa ta’een dhuka’uun sun ammoo urjiileen,

aduunii fi lafa dabalatee pilaanitootni hundi bakka amma

jiran kanatti samii keessatti facaa’anii akka argaman

isaan taasise. Erga bakka bakka qubataniis, yeroo ammaa

kana kanneen ho’a guddaa qaban itti fufanii

babal’achuun dhuka’uu fi babal’achuu itti fufaa jiru.

Kanafuu babal’achuun hawaa fi uumamuun urjilee yeroo

ammaaa kanas akkuma itti fufetti jira jechuu dha.

Fakkeenyaaf urjiileen tokko tokko(Koomeetootni)sababa

dhuka’a samii keessatti ta’aa jiruun kan ka’e, yeroo isaan

furguggifaman halkan halkan ni mul’atu. Urjiileen

76


akkasii kunniin hawaa keessaa bakka tokko qubachuuf

hangaa fi saffisni isaan ittiin furguggifaman murteessaa

dha. Kunis fageenyaa fi turtii isaan samii keessa

furguggifamuuf taasisan tilmaamuuf nugargaara.Urjileen

furguggifaman(koomeetotni) kunniin guddinni isaanii

lafa kan caaluu ykn lafaa gadi ta’uus ni malu. Waanti

tokko osoo hawaa keessa furguggifamaa jiruu tarii yoo

akka tasaa lafaa wajjin wal tuqe, jijjiirama lafarratti

taasisuu mala. Hangi isaa lafa kan caalu taanaan ammoo

guutummaa lafaayyuu barbadeessuu mala. Yoo hanga

xiqqaa qabaate garuu lafa barbadeessuu osoo hin taane,

jijjiirama lafarratti taasisuu mala. Kunis haala qubannaa

dachee fi bishaanii akkasumas ho’ina lafarra jiru jijjiiruu

dabalata. Fakkeenyaaf, yoo lafaarraa naannoo galaanaa fi

garboota gurguddaa qubate, bakka bishaan kuufamu

diriirsuu mala. Haala kanaan ardiin ykn biyyi tokko

bishaaniin haguugamuu dandeessi. Fknf: yoo wanti sun

kan Garba Atlantikii keessatti kufu ta’e, gudina

wantichaa irratti hundaa’ee,tarii ardiin Afrikaa hundi ykn

biyyi Somaaliyaa qofti fi kkf haguugamuu malu. Yoo

kan biyya Somaliyaa qofa haguugu ta’e, bakki buufata

77


doonii inni qarqara Somaliyaa ture hafee qarqara

Itoophiyaa ta’uu mala jechuu dha. Haa ta’u malee

waantotni hawaa keessa furguggifaman kunniin

waantota hawaa keessatti argaman kannneen biroo

kamiinuu osoo walitti bu’iinsa hin uuminis, erga

furguggifamanii booda hawaa keeessa bakka murtaa’e

tokkoo qubachuu malu. Kunis sababa Human Harkisaa

(Human magneettawaa) tiin ta’uu isaati.

Pilaanitootni; Urjileen; Koomeetii fi Astero’idoonni

hawaa keessatti argaman hundi bakkaa bakka qabatanii

rarraa’anii akka samii keessa qubachuu danda’anis

gochuu kan danda’e, sababuma Humna magineettawwaa

kan waantotni hundi ittiin fageenya murtaawaa irratti

ittiin walharkisuu danda’aniin ta’uu isaati. Humna

magineettawwaa kanas shallaguuf foormulaa:-

F=Gm1m2

R 2

Kan fayyadamnu yoo ta’u:- F=humna,G=lakkoofsa

dhaabbataa kan 6.673x10 -11 Nm 2 /kg 2 ta’e, m1 = hanga

wanta jalqabaa, m2=hanga wanta lammataa, R 2 =

iskuweerii fageenya waantota lameen gidduu kanneen

bakka bu’anii dha.

Gama biroonis nama dabalatee waanti lafarra jiru hundi

akka lafa gad lakkisee samii keessa hin dhidhimne

godhee kan jiru humna lafti ittiin waantota ofitti harkiftu

78


kan‘Human Harkisa Dachee’(gravitational force ’Fg ~

10N’) jedhamuuni dha.

Haa ta’u malee ol fageenya murtaa’aa irratti lafti

dandeettii waantota ittiin ofitti harkistu kana ni

dhabdi.Wanti si’aayina (velocity) murtaa’aa ta’een ol

fageenya murtaa’aa ta’e irra (bakka lafti waantota ofitti

harkisuu hin dandeenye irra) ga’uu dandada’u tokko

humna harkisa dachee jalaa miliquu ni dandaa’a.

Kunis“saffisa harkisni lafaa ittiin miliqamu”(escaped

velocity) jedhamuun beekama. Fknf saatalaayitii gara

hawaatti ergamuuf maluma kanaan fayyadamu.

Walumaa galatti lafti akkuma urjiilee fi pilaanitoota

kanneen biroo samii keessa rarraatee jiraachuu ishee

hubachuun danda’ameera.Waantota lafarra jiran ammoo

akka lafa irraa hin mixxiqnetti ofitti harkiftee jiraachuu

ishees gamanumaan hubachuun barbaachisaa dha.

Dachee dabalatee waantotni hawaa keessatti argaman

kunniin bakka amma jiran kana sababa dhukaa’a daran

guddaa ta’een faca’anii argamuu danda’an jechuu dha.

Wantotni hawwaa keessa sababa annisaa guddaan

dhuka’anii faca’an kunniin hundi ho’a gudda irraan kan

79


ka’e bifa dhangala’aa qabu turan. Dhuka’uun waanta

dhangala’aa jalqaba hawaa uume kun naannoo waggaa

biliyoona 10-15 tti tilmaamamu dura ta’uu isaatu ibsama.

Yeroo sana laftis sababa ho’aa fi annisaa guddaa

qabduun waantotni lafarra jiran hundi baqanii akkuma

aduu fi urjilee ifa kennu turan jechuu dha.Yeroo booda

lafti haala bakka teessuma isheen walqabateen suuta

suuta qorruu dandeesse. Garuu urjiileen ifa qabaniifi

aduun annisaa/ho’a sana hanga duraa ta’uu baatus hanga

yoonaatti kuufatanii jiraachuu isaanii ho’a aduu irraa

hubachuun kan dandaa’amuu dha. laftii fi pilaanitootni

qorranis, gadi fageenya keessa garaa isaaniitti ho’a kana

ammayyuu qabaachuu ni malu. Kanas dho’iinsa

volkaanoo kan garaa lafaa keessaa waantota baqan ol

darbatu/tufu irraa hubachuun ni dandaa’ama.

Dabalataanis Itoophiyaa keessaa naannoo Affar, bakka

Ertaallee jedhamutti waanti ho’aan kun ni mullata.

Akkaataa elementootni haaraan sababa annisaa guddaan

elementoota kan biroo irraa ittiin uumamuu danada’an

ilaalchisees, haaluma ibsa armaan olii hordofuun,

saayinsistooni yaalii geggeessaniin mirkaneessuun

80


danda’ameera. Kanas hanga yoonaatti elementoota 116

jiran keessaa 90 qofti uumamaan kanneen argaman yoo

ta’an, 26 ammooo namootaan kanneen uumaman ta’uu

isaanii irraa hubachuun ni dandaa’ama.

3.1.2.2 Uumama Lubbu Qabeeyyii

Uumama lubbu qabeeyyii dursa waantota lubbu

qabeeyyiin irraa uumaman ibsuun filatamaa dha. Kun

ammo elementoota barbaachisoo kanneen irra jireessan

uumamuu lubbu qabeeyyiif sababa ta’an hubachuu

barbaachisa jechuu dha. Kanaafuu dursa uumama

elementootaa ilaaluu yaalla.

Mata duree uumama hawwaa jedhu armaan olii

jalatti ,waa’ee uumama elentootaa ilaalchisee,

elementootni haaraan elementoota kenneen dursa

uumaman irraa uumamuu akka danda’an ilaaluun keenya

ni yaadatama.

Haaluma wal fakkaatuun erga dacheen bakka amma jirtu

kana qubattee booda uumamuun elementootaa fi

kompaawundootaa hanga muraasaan itti fufeera jechuu

dha. Kanumaan elementootni kanneen akka Caarboonii

(C), Naayitroojiinii (N), Oksiijiinii (O),Foosfarasii (P) ,fi

81


kkf jedhaman irraa kompaaawundootni turtii suuta suuta

wal nyaatinsa garaa garaa adeemsisan irraa uumamuu

eegalan. Kunis elementootni kunniin yeroo booda haala

mijataa uumameen wal nyaatiinsa kemikaalaa

adeemsisuun waantota kompaawundota jedhaman

uumuu danda’uu isaniiti. Fakkeenyaaf elementootni bifa

dhukkee/gaasii turan kanneen akka H+H+O, adeemsa

wal nyaatiinsa kemikaalaa jedhamu geggeessun wanta

haaraa bishaan jedhamu (H2O) uumuu danda’an jechuu

dha.Kompaawundootni biroon kanneen akka

‘pirootiinii/amiinoo acid’ jedhaman (H2NCH2COOH),’

kaarboohaaydreetii (CH2O)3n fi kkf lafa irratti uuman.

Kompaawundootni kunniin uumamuun ammo kutaalee

seelii organel jedhaman akka uumamaniif sababa ta’an.

Organeliin kutaalee garaa garaa seelii keessatti argaman

kanneen walitti dhufanii seelii tokko uumanii dha. Fknf

orgaanelootni kanneen niiwukilesii, miytookondeeriyaa,

raayboosome, membreenii seelii fi kkf jedhaman hundi

walitt dhufanii seelii guutuu tokko uumu. Dabalataanis

moleekiyuuliin niwkileesii keessatti argamu DNAn(kan

gargar hiramuu seeliif bu’ura ta’e) kompaawundootuma

82


armaan olii kanniin irraa uumaman. Kanaafuu haala

mijataa yeroo sana argame irratti hunda’uun seeliin

guutuun tokko uumamuu danda’e jechuu dha.

Seeliin jalqaba lafarratti uumamuu danda’e sun lubbu

qabeeyyiin baakteeriyaa fakkaatan lafa kanarratti akka

uumaman taasise. Kunis ta’un isaa, tilmaamaan naannoo

waggaa biliyoona 3.5 hanga 4 dura ture jechuu dha.

Kanaafuu seeliin jalqabaa, suuta suutaan haala mijataa

yeroo seeliin uumame sana uumamuu seeliif sababa

ta’erraa ka’uun uumamuu danda’e yaada jedhuun gama

saayinsiin ibsama jechuu dha.

Gama biraan ammoo lubbu qabeeyyiin kamiyyuu

jiraachuuf haala mijataa jireenya isaanii itti fufsiisuuf

isaan gargaaru argachuutu isaan barbaachisa. Kun

ammoo waantota bu’uuraa kanneen akka nyaataa,

bishaan, qilleensa, da’oolee itti balaa dheessuu danda’an

fi kkf dabalata. Haa ta’u malee yoo akka tasaa waantota

jireenyaaf isaan barbaachisu kanneen argachuu dhaban,

guutummatti lafa kanarraa baduu ni malu jechuu dha.

Ta’us garuu lubbu qabeeyyiin kamiyyuu waantota

jireenya isaaniitti balaa uumuu malu hunda tooftaa garaa

83


garaan ofirraa qolatu. Tooftaaleen kunnii ammo kanneen

qaama lubbu qabeeyyiin alatti ykn qaama keessatti

taasifaman akkasumas tooftaaleen lameen walcinattii kan

adeemsifaman ta’uus ni malu.

Tooftaaleen qaamaan alatti taasifaman kunniin

baayyinaan beekumsaa fi tooftaa akkasumas ga’umsa

qaamaa, fayyadamuun kan argamanii dha. Kunis miliquu

danda’uu, da’oo argachuu, adamsanii soorachuu, lolanii

injifachuu, daawaa argachuu, mala soquu fi kkf dabalata.

Akkaataa lubbu qabeeyyiin balaa ittiin dandamachuu

malan inni kan biraan ammo tooftaalee qaama lubbu

qabeeyyii keessatti adeemsifamuuni dha. Kunis ammoo

beekumsaaf humna kan gaafatu osoo hin taane, jijjiirama

tirannaa qaama keessatti adeemsifamuun kan argamanii

dha. Haala jijjiirametti madaquu danda’uun (adaptation)

fi jijjiirama keessoo seeliitti godhamuun (mutation)

balaa dandamachuun kan danda’amu sababa jijjiirama

qaama keessatti raawwatamuunii dha.

Fakkeenyaaf:yoo akka tasaa jijjiirama qilleensaa irraa

ka’uun galaanni qurxummiilee hedduun keessa jiraatan

suuta suuta goge, qurxummiileen galaanicha keessaa

84


jiraataa turan hundi ni dhumu. Haa ta’u malee yoo

qurxummiileen sunniin haala jijjiirama mudate irratti

hundaa’uun jijjiirama keessoo qaama isaanii keessatti

kan taasisaa turan ta’e, balaa san dandamatanii dhumaatii

oolu ni malu. Kunis galaanichi osoo gogee hin dhumin

dura, dandeettii galaanichaan alatti jiraachuuf isaan

dandeessisuu, bifa mutation jedhamuun dandamachuu

yoo danda’ani dha.

Tooftaaleen lubbu qabeeyyiin hundi waantota jireenya

isaaniitti hamaa ta’an ittiin dandamatanii sayii isaanii itti

fufsiisuu danda’an kunniin ‘survival of the fittest’

jedhamee beekama. Kun ammo kan ibsu jecha

‘dandamataatu badiisa oola’ jedhuu dha.

Adeemsi muteeshinii (mutation) jedhamu kun kan

fayyadu balaa dandamachuu qofa osoo hin taane balaa

qaama namaatti fiduu illee ni fida. Akkasumas

muteeshiniin sanyiin haaraan kan sanyii dura ture irraa

adda ta’e akka uumamus ni gargaara. Kun ammoo sanyii

dura ture sana irraa xiqqeenya qaamaa ykn guddina

qaamaa akkasumas jijjiirama qaamaa gochuus ni mala

jechuu dha. Dabaltaanis lubbu qabeeyyiin bishaan

85


keessa jiraachaa turan dacheerra akkasumas bakka

lameen jiraachuu akka danda’anis ni gargaara jechuu dha.

Kanas Raacha fi Naacha fakkeenya fudhachuun ni

danda’ama. Sababni lubbu qabeeyyiin gosa garaa garaa

hedduu ta’anii argamaniis adeemsuma kanaan kan

walqabatee dha.

Sababa adeemsa ‘muteeshinii’(mutation) jedhamuun

balaan akka dhukkuba kaanserii jedhamus uumamuu ni

mala. Kaanseriin hanga guddaa ta’e tokko kan eegalu

sadarkaa seelii tokkoo keessatti ta’uun isaa

mirkaneeffameera. Kunis seeliin qaama namaa kan

sirnaan dalagaa ture tokko yoo akka tasaa mutate ta’e

ykn sirna gadi lakkise, seeliin sun seeraan ala of

baayyisuun baayyatee seelota qamaa kanneen biroo

miidhuu eegala.

Walumaagala balaaleen lubbu qabeeyyii miidhan

kanneen akka jijjiirama qilleensaa, biqilootaa fi

bineeldootni soorataman dhibamuu, dhukkubni ajjeesu

saffisaan faca’uu, bakki jireenyaa bishaaniin

haguugamuu fi kkf suuta suuta jijjiirama tirannaatiin

argamuu malu. Kanaafuu lubbu qabeeyyiinis jijjiirama

86


gara sirna haala naannoo haaraa uumame sana keessa

jiraachuuf isaan dandeessisutti jijjiiramuu fi naannoo

sana jijjiiruun dandamatanii jiraachuu qabu jechuu dha.

‘Survival of the fittest’ tiyooriin jedhamu kanuma ibsa.

Kunis lubbu qabeeyyiin balaa isaan mudate

dandamachuu kan hin dandeenye yoo ta’an,

guutummaatti dhabamsifamuu danda’u jechuu dha. Fknf

Lubbu qabeeyyiin Daayinoosaras jedhaman lafa kanarraa

sababa jijjiirama haala mijataa lafarra ittiin jiraachaa

turan jijjiirameef guutummaa guutuutti badaniiru.

Sababni jijjiiramni yeroo sana lafa mudates sababa

waanti ho’aan hawaa keessa furguggifamuu tokko

lafarratti kufeef, ho’i dabaluu isaa akka ta’etu himama.

Haaluma walfakkaatuun namnis lubbu qabeeyyii keessaa

tokko waan ta’eef carraa sanyiin isaa baduu kun

mudachuu ni mala jechuu dha. Kanaafuu namni badii

kana hanbisuuf yoo xiqqaate tooftaalee qaamaan alatti

taasifamuu qabu fayyadamee sanyii isaa itti fufsiisuun

dirqama. Kun ammoo beekumsa saayinsii qabaachuu

dabala. Fknf yeroo ammaa biyyi Ameerikaa saayinsii

ammayyaa fayyadamuun bakka bishaan hin jirretti

87


bokkaa roobsuu akka dandeessu mirkaneessiteetti.

Kanaafuu ilaalchi bokkaa roobsuun dalagaa waaqaa qofa

jedhu dirqiin yoo nama mudate Mucuca kufaatii ta’uu

isaati jechuu dha.

Seenaa ‘Du’a Gurraachaa’!

Dhuma jaarraa19 ffaa dura dhukkubni Balck death (du’a

gurraacha) jedhamuun beekamu namoota ardii

Awurooppaa, Eeshiyaaa fi Afrikaa jiraatan hedduu fixaa

ture. Seenaa keessaatti yeroo garaa garaa weerarri

dhukkuboota garaa garaa kanneen akka:- Black

Death,Spanish Flue, Ebola, Covid-19? Fi kkf kannee

namoota mudataa turan ta’us, keessumaa Dhukkubni

Balck death jedhamu namoota hedduu fixuun hanga

ammaatti sadarkaa 1 ffaa irratti argama. Dhukkubni Balck

death jedhamu kun kan yeroo gara garaatti deddeebi’e

addunyaa miidhaa ture(pandemic) ta’us, Keessumaa

jaarraa14 ffaa (1346-1353)tti hedduminaan ardii

Awurooppaatti babal’atee, baayyina namoota

Awurooppaa bara sana turan keessaa dhibbeentaa60

(60%)akka dhuman taasise.Kunis namoota miliyoona

50tti tilmaamama. Waliigala namootni addunyaa

dhukkuba kanaan dhuman naannoo miliyoona 475ti

tilmaamamu. Namoota dhuukuuba kanaan qabaman

keessaa osoo dawaa hin fayyaamin carraan fayyuu

isaanii dhibbeentaa 10 hanga 30 qofa. Dhibeentaan70

hanga 90 ni dhumu jechuu dha. Kanaafuu namani

dhukkuba kanaan qabame carraan fayyuu isaa baay’ee

xiqqoo ture jechuu dha.

Baayyinaan namootni bara sana turan ka’umsi dhukkuba

kanaa akka waaqa biraa sababa cubbuutiin isaaanitti

88


dhufuutti amanu turan. Kanumarraa kan ka’es namootni

dhibee kanaan qabaman furmaatni isaan godhan waaqa

kadhachuun ture. Kunis waaqni akka isaan fayyisuu fi

akkasumas cubbuu isaaniif akka araarama godhu

kadhatu jechuu dha. Haa ta’u malee namootni du’a

ooluuf kadhataa turan sunniin du’a sana ooluu hin

dandeenye ture.

Haa ta’u malee, dhuma jaarraa 19 ffaa (1894)tti namni

lammii biyya Faransay ta’e kan Aleksaander Yersiiniyaa

(Alexander Yersinia) jedhamu mala saayinsiitiin

fayyadamee qorannoo geggeessuun waanti dhibee kana

namatti fidu baakteeriyaa(bacteria) ta’uu mirkaneessuu

danda’eera. Kanumarraan kan ka’es gosti baakteeriyaa

dhukkuba kana namatti fidu kun Yersiniyaa Peeptiis

(Yersinia peptis) jedhamee akka waamamu taasifame.

Akkaataan dhibeen kun ittiin daddarbus tafkii

hantuutaatiin ta’uun ishee beekameera.

Yeroo ammaa kana dhibeen kun gosa dhibee

baakteeriyaa keessaa kan Bubonic plague jedhamuun

beekamuu dha. Saayinsii ammyyaa fayyadamuunis,

daawaalee farra baaakteeriyaa ta’an kanneen akka

aminoglycoside, tetracycline fi kkf jedhamaniin

dhukkuba Bubonic plague jedhamu kana salphaatti

yaaluun danda’ameera. Kanaafuu dhibee kanaan

namootni miliyoonaan lakkaawwaman dhumanis, yeroo

ammaa mala saayinsiitiin du’a, akkasumas badiisa sanyii

namaatti dhibeen kun fidu malu oolchuun danda’ameera.

Galatni kan namoota akka Alexander Yersinia ti.

3.1.3. Mudannoo Hir’ina Qaamaa

Jechi Hir’ina qaamaa jedhu kan ibsu: Hanqina lubbu

qabeeyyiin tokko qaamolee gareen isaa ittiin beekaman

89


keessaa yoo xiqqaaate qaamni tokko faayidaa kennuu

dhabuu isaati. Fknf mucaan namaa tokko yoo harka bitaa

tokko qofa waliin dhalate, mucaan dhalate sun hiri’ina

qaamaa qaba jechuu dha. kunis gareen namoota

jedhaman hundi harka lama qabaachuun waan

beekamaniif ta’uu isaati. Kanaafuu mucaan sun tajaajila

harki mirgaa isaaf kennu qabu ture dhabuu isaati jechuu

dha. Qaamni namaa ammoo hir’achuu kan malu sababa

balaa tasaa garaa garaa fi akkasumas sababa dogoggora

adeemsa wal hormaataa keessatti uumamuun ta’uus ni

mala jechuu dha. Kunis hiri’inni qaamaa kan mudatu

erga dhalatanii akkasumas osoo hin dhalatin ta’uu isaa

agarsiisa.

Haa ta’u malee, akkaataa ittiin hir’ini qaamaa nama

mudachuu malu ilaalchisee, ilaalchi garaa garaa ni

maddisiifama. Kun ammoo hir’ina qaamaa kan

dhalootaan namatti dhufu ilaalchisee wolmormiin gama

saayinsiifi amantaalee gidduutti bal’inaan mul’achuu

isaati.

Ilaalcha amantaaleen qaama hir’inaan dhalachuu

namootaafi lubbu qabeeyyii biroo irratti qaban kan

90


ibsu”waaqatu/uumaatu uumama akka fedha ofii isaatti

uuma” kan jedhuu dha. Kun ammoo sababa amantaaleen

‘amantaa waaqatu uumama hunda uume jedhu amananiif

ta’uu isaaati. Kanaafuu gaaffilee: Maaliif akkasitti uume?

Adeemsa kamiin akkasitti uume? fi kkf jedhuuf deebiin

isaaniis” waaqa isa uumetu beeka” kan jedhuun alatti

ibsa kennuun rakkisaa dha. Yoo kan deebisuuf yaalan

ta’es, deebiin amantaaleen ni ta’a jedhanii amanuun

deebisanis mirkanaa’uu waan hin dandeenyeef, saayinsii

waliin wal mormiin akkuma itti fufetti hafeera.

Gama saayinsiin ammo hir’inni qaamaa kun sirna

baay’ee wal xaxaa fi hubachuuf yeroo namatti fudhatuun

kan ibsamu ta’us, dhugaa qabatamaa ta’een

mirkaneessuun danda’ameera. Kanas beekuuf dursa

adeemsa waantotni qaama lubbu qabeeyyii keessatti

ittiin raaawwatan hubachuutu barbaachisa jechuu dha.

Lubbu-qabeeyyiin hundi adeemsa sirna wal hormaataa,

nyaataa, waantota xuraa’oo qaamaa keessaa baasuu,

hargansuu fi kkf raawwachuu isaan dandeessisu

qabaaachuu qabu. Lubbu- qabeeyyiin kunniin ammoo

kanneen seelii tokkoo fi isaa ol irraa uumaman ta’uu

91


danda’u. Kanneen ijaan hin argamne akka: baakteeriyaa,

ameebaa fi kkf uumaama seelii tokko qofan jiraatanii

dha. Kanneeen baay’ee gurguddoo ta’an ammoo seelota

tiriiliyoonaan lakkawwaman irraa uumaman. Namnis

lubbu-qabeeyyii seelota tiriiliyoonaan lakkaawaman

irraa kanneen uumaman keessatti ramadamu. Haa ta’u

malee namni tokko osoo nama guutuu ta’ee hin dhalatin

dursa, gadameessa haadhaa keessatti seelii tokkittii iraa

ka’ee guddachuu eegala.

Mucaan namaa tokko kan uumamuu eegalu erga

walquunnamtiin saalaa Haadhaa fi Abbaa gidduutti

adeemsifameen booda dha. Kunis walquunnamtii saalaa

booda seeliin kormaa (sperm cell) fi seeliin dhalaa (egg

cell) gadameessa haadhaa bakka ujummoo gadameessaa

jedhamu keessatti walitti makamuun seeliin haaraan

zaaygootii (zaygote) jedhamu tokko uumuun eegalama

jechuu dha.

Seeliin tokkichi jalqaba uumame kun adeemsa ‘Gargar

Hiramuu’(cell division) geggeesun seelii wal fakkaatu

kan biraa lama (2), afur(4), saddeet(8)…2 n (n=1,2,3..)

ta’uun of baay’isuu isaa itti fufa jechuu dha. Seelotni

92


kunnniin erga baay’ataniin boodas adeemsa

‘Hirmaannaa Seelii’ (cell differentiation) jedhamus ni

taasisu. Kunis seelootni erga baayatanii booda gara

‘Tishuulee’ garaa garaatti tamsa’anii akka guddatan

isaan taasisa. Sana booda tishuuleenis walitti dhufuun

‘Qaama’ garaa garaa kanneen akka: gogaa, ija, gurra,

onnee, tiruu, lafee, somba, kalee fi kkf uumuu eegalu.

Qaamni gara garaa uumaman kunniin ammoo ‘Sirna

Qaama’ gara garaa kanneen akka: sirna neervii, sirna

dha’annaa onnee fi ujummoo dhiigaa, sirna hargansuu fi

kkf uumuu. Dhumarratti sirnootni qaamaa kunniinis

‘Mucaa’ gadameessaa haadhaan ala jiraachuu danda’u

tokko uumu. Kanaafuu namni tokko nama ta’uuf jalqaba

seelii tokicha iraaa ka’uu qaba jechuu dha. Haaluma

kanaan gadameessa keessatti erga sirna eegee uumamee

booda turban 37-42 gidduutti mucaa qaama haadhaan

alatti jiraachuu danda’u ta’ee dhalata. Haa ta’u malee

qaamni namaa kan hir’atee dhalatu yoo ta’e, sababa

dogoggorri adeemsa armaan olii keessaa bakka ta’e

tokkotti uumameen ta’uu isaati. Kunis yeroo adeemsi

addaan hirmamuu (cell division) fi Hirmaanaa gara

93


seelota garaa garaa(cell differentioation) geggeefamu

mudachuu kan maluu dha.

Hir’inni qaamaa dhalootaan kan uumamu, yoo

dogoggorri gadameessa haadhaa keessatti uumamee dha.

Kunis yoo kemikaalotni hin barbaachifne gadameessa

haadhaa keessatti osoo seelotni sun adeemsa garaa garaa

adeemsisaa jiranii kan mudachuu maluu dha.

Kemikaalotni hin barbaachifne kunniin ammoo kanneen

akka: tamboo, alkoolii, dawaalee garaa garaa fi kkf Kan

dabalatuu dha. Yoo haati tokko osoo daa’ima garaa

qabduu, kemikaalota kanneen balaa uumuu malan

kanneen kan fayyadamtu ta’e, sirna addaan cituu ykn

hiramuu seelotaa fi akkasumas guddina tishuulee fi

qaamolee irratti dogoggorri akka uumamu taasisuu mala.

Kunis dogoggora uumameen taateen mutashinii (mution)

jedhamu seelota irratti akka uumamu taasisa. Taateen

seeliin dogoggore/mutated ta’e kun ammoo qaamni sirna

dura ture irraa gara kan biraatti akk jijjiiramu taasisuu

danda’a. Dabalataanis jijjiiramni muteeshinin seelii

keessatti taasifamu kun karaalee hir’inni qaamaa akka

uumamuuf sababa ta’an keessaa isa tokko dha. Hir’inni

94


qaamaa sababa muteeshiniin uumamuu malus:-

(i)Qaamni haaraan sun kan duraarra daran xiqqaa/guddaa

akka ta’u ;(ii) Qaamni dur ture tokko guutummaatti akka

hin uumamne gochuu; (iii) Qaamni uumamu sun boci

isaa sirna kan gadi lakkisu gochuu;(iv) Qaamni sun

bakka isaaf hin malletti akka uumamu kan godhu ta’uu

isaaati.

Haaluma walfakkaatuun adeemsi lubbu qabeeyyiin

sanyiilee walfakkaatan irraa gara sanyii wal hin

fakkaanne kan biraatti jijjiiramuu danda’anis sababuma

Muteshinii jedhamu kanaan ta’uu mala. Seeliin tokko

odeeffannoo sanyii isaa bifa ‘jiinii’ (gene) jedhamu

keessatti kuufata. Jiiniin kun ammoo bifa DNA

jedhamuun kuufamee kutaa seelii ‘Niwukilasii’jedhamu

keessatti argama. Fknf odeeffannoon jia namaa bifuma

jiinii(gene) jedhamu kanaan DNA keessaatti argama

jechuu dha. Kanaafuu yoo akka tasaa jiiniin odeeffannoo

ijaa dabarsu tokko kan sirna gadi lakkise(mutated) ta’e’

hir’ina ijaatu nama dhalatu sana mudachuu mala jechuu

dha.Waantota hir’inni qaamaa sababa muteeshiniin

gadameessa haadhaa keessatti akka mudatuuf sababa

95


ta’an, kemikaalota balaafamoo ta’an yeroo ulfaa

fayyadamuuni dha. Kemikaallotni kunniinis kanneen

akka tamboo, alkoolii,dawaa garaa garaa fi kkf

fayyadamuutinn kan nama mudachuu malanii dha.

kanaafuu yoo haati ykn abbaan kan fayyadaman ta’e

daa’imni isaanii rakkoo fayyaa qamaaf saaxilamuu ni

malti jechuu dha. Sababa faalama naannootiinis ,sibiilaa

fi sibiilaalotni garaa garaa karaalee sirna hargansuu fi

nyaataan namoota mudachuus ni malu. Kemikaalotni

balaafamoon kunniin seelii seenuun odeeffannoon gene

keessatti sirna eegsisu akka jijjiiramu taasisu. Kunis

odeefannoon bifa jiinii jedhamuun kuufamuun qaamni

sirnaan akka uumamu godhu sun sirna akka gadi lakkisu

godha. Jiiniin sirna gadi lakkise tokko dhaalaa gara

dhaalaattis ni daddarba.

Fkn namni tamboo aarsu tokko erga araada tamboo

aarsuutin qabameen booda yoo tamboo aarsuu sana

addaan kute, erga tamboo aarsuu addaan kutee kaasee

hanga waggaa 30 tti Jiiniin (gene) kemikaala tambootiin

jijjiirame tokko nama sana keessa turuu

danda’a.Kemikaalota rakkoolee hir’ina qaamaa

96


dhalootaan namattin fiduu danda’an keessaa tokko

daawaalee dha. Kunis kanneen mana yaalaatii ogeessotni

fayyaa dhibee garaa garaa yaaluuf dhukkubsattotaaf

kennan dabalata. Kanaafuu dubartiin ulfaa yeroo mana

yaalaa deemtu dawaan kan kennamuuf yoo rakkoo

lubbuu isheef sodaachisu ta’e qofaa dha. Dawaaleen

teratogenic effect(kanneen hir’ina qaama fiduu malan)

kamiyyuu kennamuun dhorkaa dha. Kunis ulfa garaa

haadhaa jiruuf eeggannoo gochuuf jecha haadholee ulfa

garaa qabaniif akka hin kennamne dhorkama. Haa ta’u

malee, miidhaa daa’imaa fi faayidaa haadhaa irratti

hundaa’uun, daawaaleen garee A, B, C,D fi X jedhamutti

ni qoqqoodamu. Gareen A fi Bn rakkoo hamaa hin fidan

waan ta’eef yeroo baay’ee ni fayyadamuu. Kanneen

garee C jalatti argaman miidhaan haadha irra ga’e

sodaachisaa yoo ta’e kennamu kunis bifa of eeggannoo

qabuun kennamuu qaba. Kanneen garee D jedhamu

jalatti argaman, yoo rakkoon uumame lubbuu haadhaa

kan galaafachuu danda’u ta’e qofa kennamu. Gareen X

jedhamuun beekaman ammo matumaa yeroo ulfaa

kennamuu hin qaban jechuu dha.

97


Haa ta’u malee garuu, dubartiin ulfaa tokko daawaalee

supplementary drugs jedhaman kanneen akka aayireenii

(Iron), foolik asiidii (folic acid) fi vaaytaaminoota

(vitamins) garaa garaa kanneen bifa kiniinaan qophaa’an

mana yaalaa deemanii fayyadamuun dirqama. Kunis

sababa dawaaleen kunniin yeroo ulfaa baay’ee

barbaachisoo ta’aniif ta’uu isaaniiti. Akkasumas gosa

nyaataa kanneen albuda ayireenii (Iron), foliik asiiidii fi

vaayitaaminoota garaa garaan badhaadhoo ta’an

fayyadamuun ni jajjabeeffamu. Kun ammo sababa

albudaaleen kunniin rakkoolee yeroo da’umsaa

mudachuu malan ittisuu fi akkasumas nageenya

daa’imanifis barbaachisoo waan ta’aniif yeroo ulfaa

fayyadamuun dirqama jechuu dha.

Ilaalcha Ofii Qajeelfachuu.

Ibsa armaan olii irraa qabxiin hubatamu:-namni jaamaa;

naafa; duudaa fi kkf kan ta’uu danda’u gochuma ofii

dalaguun malee waaqni kan itti fideen ta’uu dhiisuu

isaati. Gochi kun immoo sababa dogoggora ofii

godhaniin ykn sababa dogoggora maatiin ofii godhaniin

akkasumas dogoggora namotni/ hawwaasni keessa

jiraatan dalaganiin kan namatti dhufu ta’us dandaa’a.

Gama biraan‘namni hundi waanuma facaafate

98


haammata’ jechuu dha. Carraanis waantotni nama

mudatan hin dhabaman.

Namootni Waaqa yoo kan amanan ta’e, ‘Waaqni

namoota hunda wal qixatti ilaala/ jaallata jedhanii

amanuutu filatama. Kunis sababa waaqa hamaa

godhanii ilaaluu namootaa hir’suufi.

HUB: Ibsi armaan olitti waa’ee gadameessa keessatti

uumamuun guddachuu mucaa namaa illachisee ibsame,

jecha isa “waaqatu nama uume” jedhu hin faallessu.

Namootni yoo waaqatu nama uume jedhanii kan amanan

ta’e rakkoo hin qabu. Garuu waaqni jalqaba sirna

hir’ina hin qabne kan namni ittiin uumamuu qabu uume

jedhanii amanuu dhiisuutu dogoggora. Yoo ‘waaqni

walcaalchisee nama uuma’ jedhamee kan amanamu ta’e,

ilaalchi kun ilaalcha dogoggora qabu ta’uu isaati.

Amantaan akkasiin kun waaqa akka‘walcaalchisaa’

ta’etti waaan illaaluuf,waaqnis, namnis amantaa akkasii

irraa hin fayyadamu. Amantaan namnis ta’e waaqnis

irraa hin fayyadamne ammoo Mucuca kufaatiiti.

3.1.4. Garaa Garummaa Adii fi Gurraachaa

Waa’ee garaa garummaa uumama namoota adii fi

guraachaa ilaalchisee ibsi kennamu walmormii saayinsii

fi amantaa gidduutti uumeera. Kunis gama amantaan ibsi

kennamu; garaagarummaan uumama namoota adii fi

gurraachaa akka fedha waaqaatti kan uumame ta’uu

isaati. Fedhi waaqaa jedhamuun kunis ‘kan eebbifame

adii; kan abaarame gurraacha ta’e’ ilaalcha jedhu ta’uu

99


isaati (Seera Uumamaa 9:25-26). Ilaalchi Kun ammoo

namootni ilaalchi isaan nama qofa osoo hin taane,

waantota halluu gurraacha qaban hundaaf gadi aanaa

akka ta’u taasise jechuu dha. Kanarraa ka’uun

amantaaleen baay’een yeroo waantota gaarii fi gadhee

ibsuu fedhan illee fakkiiwwan halluu adii fi gurraachaa

kanneen fayyadamuu isaaniitu mul’ata.

Fknf yeroo fakkii waaqa ibsuu fedhan fakkii halluu

adiin/faranjiin bocame yoo fayyadaman, fakkii seexana

(bulguu) jedhamee amanamu ammo boca halluu

gurracha qabu fayyadamu jechuu dha. Ilaachi kun ammo

namootni afrikaa halluu isaanii akka hin feene/hin

jaallanneef gumaacha taasise. Dabalataanis namootni

adii kanneen namoota afrikaaf ilaalcha gadi aanaa

qabanis yeroo isaan namoota afrikaa jaldeessa gurraacha

waliin wal madaalanii arrabsan ni mul’ata. Haa ta’u

malee garuu dhugaan jiru jaldeessi gurraacha qofa osoo

hin taane; adiin/diimaan faranjii fakkaatus jiraachuu

isaati. Kanaafuu faranjootni awurooppaa kunniin wanti

isaan gocha kanaan dogoggoran yoo jiraate, namoota

afrikaa qofatu jaldeessa fakkaata jedhanii ilaaluu qofa

100


osoon hin taane, nutis (adiinis) jaldeessa ni fakkaanna

jedhanii ilaaluu dhabuu isaaniiti. Kun ammoo yoo

namootni afrikaa jaldeessa gurracha irraa uumaman

jedhanii kan amanan ta’e, namootni awuroopaas

jaldeessa adii/diimaa irraa uumaman jechuu isaaniiti

jechuu dha. Walumaa gala garaagarummaan ilaalchaa

kun kan mudachuu danda’e sababa namootni halluu

gurraachaaf ilaalcha gadi aanaa qabaniif ta’uu isaati.

Ilaalchi ammoo baay’inaan amantaalee irraa

maddisiifama. Namootni afrikaa ofitti amanamummaa fi

anummaa (self confidence & self esteem)n isaanii

hir’achuunis kanumaafi. Ilaalchi namoota walcaalchisu

kun Mucuca Kufaatiiti.

Amantaaleen waa’ee uumama adii fi gurraachaa irratti

waaqatu akka fedha isaatti uume haa jedhan malee,

saayinsiin ilaalcha kana kan mormu ta’uu isaati. Kunis

gama saayinsiin kan ibsamu uumamni kunniin ‘sababa

filannoo bakka jireenya isaanii’ irraan kan ka’e halluu

garaa garaa qabaachuu danda’uu isaaniiti. Kana

hubachuuf ammoo dursa adeemsa namni kamiyyuu ittiin

101


gurraacha ta’uu danda’u kutaa qaama namaa keessaa

ilaaluun eegaluu barbaachisa.

Adeemsa namni hundi; nama adiis ta’e gurraachi iittiin

gurraacha’uu danda’u sababa qaamni namaa hormonii

Melanin Stimulating Hormone jedhamu maddisiisuu fi

keessummeesssuun ta’uu isaati 18 . Kemikaala hormonii

jedhamu kanas qaamni namaa kan maddisiisu

barbaaachisummaa isaa irratti hundaa’eeti. Kunis

barbaachisummaa isaa irratti hundaa’uun qaamni namaa

kan maddisiisu ykn hin maddisiifne ta’u isaati.

Namni tokko gaafa dhalatu seelota garaa garaa dalagaa

garaa garaa qaban waliin akka dhalatu ilaaluun keenya

niyaadatama. Seelota kanniin keessaa tokko seelii

meelaanosaayitii (melanocyte) jedhamuu dha. Seeliin

melanocyte jedhamu kun Kan argamu, baay’inaan gogaa

qaama namaa haguugee jiruu keessatti. Dalagaan seelii

kana kemikaala melaaniin (melanin) jedhamu

maddisiisuu dha. Halluun kemikaala melanin jedhamuu

kun gurraacha waan ta’eef bakki melanin kun baay’inaan

itti maddisiifamu hundi halluu gurraacha qabaata jechuu

dha. Fknf rifeensa, wiirtuu ijaa fi gogaa namoota Afrikaa

102


kan gurraachessu hormonii melanin jedhamu kanaa dha.

Dabalataanis dalagaan melanin kun halluun isaa

cararraan ifa aduu irraa maddu kan Ultra Violet jedhamu

qaama namaa akka hin seenne ittisuuf fayyada. Kunis

seeloti gogaa qaamaa keessa jiran akka hin hubamne

ittisuufi. Kanaafuu bakka cararraan aduu baay’inaan itti

heddummatutti kemikaalli halluu gurraachaa kun

baay’inaan maddisiifama jechuu dha.

Kemikaalli melanin jedhamu akka maddisiifamuuf

jalqaba ajajni xannacha pitutarii/pituitary gland(kan

sammuu keessatti argamu) irraa gara seelii melanocyte

tti ergamuu qaba. Ajajni ergamu kunis bifa kemikaala

Melanin Stimulating Hormone jedhamuun ta’uu isaati.

Kunis barbaachisummaa melanin irratti hundaa’ee ti

jechuu dha.

Kemikaallii melanin baay’inaan namoota afrikaa

keessatti kan mul’atu ta’us, seeliin kemikaala kana

oomishu (melanocyte), namoota adiis ta’e gurraacha

keessatti ni argama. Kunis seeliin melanocyte qaama

namaa keessa jiraatus, kemikaala halluu gurraachessu

(melanin) kana barbaachisummaa isaarratti hunda’uun

103


qofa kan oomishu ta’uu isaati. Baay’inaan

maddisiifamuun isaa ammo namoota naannoo mudhii

lafaa jiraataniif baay’ee barbaachisaa dha. Kunis sababa

naannoo mudhii lafaatti cararraan aduu daran cimaa ta’ee

argamuufi.

Walumaa gala garaa garummaan halluu (bifa) namoota

adii fi gurraachaa, sababa barbaachisummaa kemikaala

melanin jedhamuun ta’uu isaati. Kunis cararraan ifa aduu

irraa maddu kan altraa vaayooleettii (Uv) jedhamu

qaama namaa akka hin seenne ittisuufi. Haa ta’u malee

seeliin melanocyte kun kemikaala melanin kana kan

maddisiisu yoo cararraan aduu baayinaan qaama kan

seenu ta’ee dha. Kanas hubachuu kan danda’u, ajaji

xannacha pitutarii irraa‘melaninin maddisiisi’ jedhu bifa

melanin stimulating hormone jedhamuun yeroo itti

ergamuu dha. Melanin kan maddisiisfamus cararraan

aduu qaama seenuun miidhaa seelota qaamaa irra akka

hin geessifne ittisuufi. Kunis dhibee kanneen akka

kaanserii gogaa (skin cancer)ittisuu dabalata. Gama

biraan ammoo kemikaalli melanin kun yoo garmalee

baay’itee kan maddisiifamu ta’e, alkallattiin lakkoofsi

104


seelii melanocyte akka baay’atu taasisa.Kunis kaanseriin

melanoma jedhamu akka uumamuuf sababa ta’uu ni

mala jechuu dha. Naannoo mudhii lafaatti aduun sirrii

sammuu irra waan ooltuuf cararraan aduu qaama

namoota naannoo kana jiraatanii baay’inaan seenuu

dandaa’a. Kunis namoota afrikaa fi ameerikaa kibbaa

kanneen naannoo mudhii lafaa jiraatan dabalata. Qaamni

namoota kanneenii kunis cararraa aduu naannoo sana

kessatti maddu akka dandamataniif jecha melaniniin

hedumminaan maddisiisa. Fknf Namoonni bifni isaanii

diimaa ta’e yoo saafaa cimaa keessaa dalagaa dalagaa

oolan fuulli isaanii hamma xiqqoo ta’een gurraacha’ee

mul’achuun isaa adeemsa kana ni mirkaneessa.

Haaluma walfakkaatuun namni adiin tokko yoo nannoo

mudhii lafaa kana jiraachuu eegale, qaamni nama sanaa

balaa kaanseriif saaxilamuu ni mala. Sababni isaas

qaamni nama adii kun sabab bakka cararraan aduu hin

heddummannetti waan guddateef jecha, baay’inni

melanin madisiifamuun hin baratamne. Gama biraanis

seeliin melanocye jedhamu kun akka nama adii sana

keessatti hin heddummanne taasisa. Kunis qaama adii

105


sana keessatti seeliin melanocyte melanin baay’inaan

maddisiisuu waan hin shaakalleef ta’uu isaati. Ta’us

namni addiin kun sababa gara naannoo keessa jiraachuuf

isa dhibutti waan jijjiirratteef jecha, suuta suuta gara

baay’inaan melaniiniin maddisiisuutti mutate ta’uu ni

mala. Haaluma kanaan yoo itti fufiinsaan naannoo sana

kan jiraatu ta’e seelotni isaa muraasni gara haala nannoo

sana jiraachuuf isa dandeessisutti mutate ta’uu malu.

Kunis yoo nama adii sana irratti yeroo sana

heddumminaan mul’achuu baatellee, seelotni mutate

ta’an sunniin sanyii isaa keessatti suuta suuta mul’achuu

eegalu jechuu dha. Gama biraan ammo seeliin

melanocyte jedhamu baay’ina dalagaa melanin

maddisiisuuf isa mudaterraan kan ka’e, akkuma gosa

kaanserii melanoma jedhamu sanatti of baay’isuun

halluu adiin sun yeroo booda gurraaacha akka ta’u

taasisuus nimala. Haaluma kanaan namootni adii irraa

gara gurraachaatti jijjiiramuu malu jechuu dha. Kanaafuu

namootni naannoo mudhii lafaa jiraatan;rifeensi mataa

isaanii, agartuun ijaa isaanii fi gogaan qaama isaanii kan

106


gurraacha’uu danda’eef sababa bakka jireenya isaaniitiin

ta’uu isaati.

Garaa garummaa ilaalchaa walsimsiisuu

Ibsa armaan oliitti gama saayinsiin kan kenname

‘namootni kan gurracha’ani ykn diimatanii dhalatan

sababa filannoo bakka jireenya isaanii ta’uu isaati. Kun

ammo ilaalcha amantaa isa ‘ waaqni sababa warra adii

jaalatuuf isaaniin bareechee, warra gurraacha immoo

waan jibbuuf gurrachesse uume’ jedhu ni faallessa. Haa

ta’u malee ilaalcha wal faallessu kana wal simsiisuun

yaaluun ni danda’ama. Kanas amantaaleen saayinsii

waliin hanga tokko yoo wal simuu fedhan akka armaan

gadii kanatti amanuu waan qaban fakkaata. Kunis yoo

waaqatu nama uume jedhanii kan amanan ta’e:-

Waaqni nama jalqabaa uume, akka sirna eegee wal

horu godhee uume jedhanii amanuu

waaqni nama kamuu wal hin caalchisu jedhanii

amanuu

Waaqni wal hincaalchisu! kanaaf, dachee namni

irra jiraachuu danda’u, waan hunda waliin

namootaaf walqixa badhaasee jedhanii amanuu:

Waaqni nama yeroo uume dacheerra bakka fedhe

jiraachuu akka danda’u godhee uume fi kkf jedhanii

amanuutu barbaachisa jechuu dha.

Ilaalchi sirreessuuf yaalame kunis kan ibsu, waaqni:

‘lafti kun kan adii’; kun kan gurraachaa’; kun Kan

Itoophiyaa’ ;kun kan Ameerikaa jedhee addaan kan hin

qoodne ta’uu isaati. Qoqqooddaan har’aa kanneen akka

kun lafa keeniyaa, kun immoo lafa Itoophiyaa fi kkf

jedhu Namootaan kan qoqqoodamee dha. Gochi

107


namootni ofii jallisanii waaqni akka jallisetti fakkeessan

kunis Mucuca Kufaatiiti. Gochi akkanaa kun namootni

waaqa isaanii ija hammeenyaan akka ilaalan taasisa.

Waaqas ta’e namni amantaa akkanaa irraa fayyadamu

hin jiru. Amantaan namni ykn waaqni irraa hin

fayyadamne kamiyyuu Mucuca Kufaatiiti.

Gama biraanis namootni amantaama isaanii keessatti

waanta caqafamee jiru dogoggoraan hubachuun isaanis

Mucuca Kufaatii kan biraati. Fknf Fakkiilee Amantaa

tokko tokko irratti yeroo ergamaan waaqaa kan

jedhamee amanamu bifa faranjiitti fakkeeffamee albee

qabatee, akksumas seexana kan jedhamee amanamu

ammo bifa gurraacha afrikaatti fakkeeffamee yoo

kaaafamu ni mul’ata. Wanti nama aja’ibu ammo yeroo

inni faranjichi (ergamaan) isa gurraacha (seexana)

afrikaa morma kutuuf albee qabatee itti aggaamaa jiru

arguun kan baratamee dha. Dabalataanis namootni

amanataa kiristaanummaa hordofan fakkii Yesuusii/

Kiristoos halluu faranjii fi sinboo bareedaatti fakkeessu.

Haa ta’u malee Yesuus/Kiristoos bifni isaa akkaataa

namootni faranjii fakkeessanii fi sinboo itti godhanii

amanan kana miti. Kanas dhugaan kitaaba qulqulluu

irratti waa’ee fakkii Yesuus ibsu’ inni nama sinboof

surraa hin qabnee fi miidhagina kan hin qabne

akkasumas kan ilaaluun isaa namatti hin tolle ta’uu

isaati (Isaayaas 53:2). Akkasumas bifa seexana

(mormituu waaqaa) isa Jedhamee amanamuu sana,

namootni nama gurraacha afirikaa fakkaatu

fakkeessanii kan amanan ta’uunis waan baramee dha.

Garuu dhugaan Kitaaba qulqulluun ibsu faallaaa ta’uu

isaati. Kunis seexannii sababa bifa baay’ee bareedaa fi

108


sinbo qabeessa ta’uu isaa irraan kan ka’e oftuulaa akka

ta’e ibsuu isaati (Hisqeel 28:17) .

3.1.5 .Uumaa/Waaqa

Mata duree darbe keessatti ilaalcha jiraachuu

Uumaa/waaqaa gama amantaalee fi saayinsiitiin ibsuuf

akka yaalame ni yaadatama. Kunis amantaaleen waanqi

waantota hunda uume ni jira jedhanii yoo ibsan,

saayinsiin ammoo bifa waaqni jiraachuu isaa nama

shakkisiisuun ibsuuf kan yaalu ta’uu isaati. Saayinsiifi

amantaaleen ilaalcha Uumaan jira ykn hin jiru jedhu

irratti walmormiin qaban mirkaneessuuf waantota garaa

garaa akka fayyadamanis ilaaluun keenya ni yaadatama.

Namootni amantaa tokko tokko hordofan akka jedhanitti

namni waaqa arge hanga har’aatti akka hin jirree fi

waaqayyoon arguunis akka hin dandaa’amne, akkasumas

namni waaqayyoon yoo arge lubbuun jiraachuu akka hin

dandeenye dubbatu. Kunis uumaan maal akka fakkaatuu

fi hammam akka guddatu qabatamaan beekuu baatanis

garuu amala namaa akka qabuu fi darbee darbee ammoo

nama fakkatee akka namatti mul’atu fi akkasumas

namatti akka haasa’us ni dubbatu. Kanaafuu amantaaleen

109


jiraachuu waaqaa kan amanan ta’anis, garuu waaqa isa

jira jedhan kana:-

Amala akkamii qaba jedhanii amanu?

Nama waliin wlitti dhufeenya akkamii qaba jedhanii

amanu?

Hagam ga’a jedhanii amanu? Kanneen jedhan

hubachuun barbaachisaa dha.

Yeroo baay’ee amala waaqni qabu namootni kan ibsan;-

akka nama biyya bulchu fakkeessaniiti. Kunis nama

seera eegu yoo badhaasu kan seera hin eegnemmoo akka

adabu ta’uu isaati. Seera kana ammoo kan baasu waaqa

haa jedhamu malee, seerri sun namoota amantaa sana

eegalaniin akka kalaqame ta’uun isaa nama shakkisiisa.

Sababni isaa namni waanta waaqa jedhamu kana arge

jiraachuunis kan shakkamu ta’uu isaati.

Walitti dhufeenya waaqaa fi nama gidduu jiru ilaalchisee

ammo kan ibsamu baay’inaan waaqni nama kan uumuu;

seera kan tumuu fi kan eegsisu yeroo ta’u, namni ammo

seera kan eeguu qabu akkasumas waqaaf yeroo hunda

akka sagadu ta’uu isaatu mul’ata. Ilaalcha guddina

waaqaa ilaalchisee ammoo amanataaleen waaqni baay’ee

110


guddaadha jedhanii kan amanan ta’us, amalli isaan

waaqaaf kennan kan namaa waan fakkaatuuf, guddinni

isaa kan namaa irraa fagoo hin fakkaatu.

Gaaffilee armaan olii keessaa yoo’ kan waaqni jira

jedhanii amanan ta’e; garuu hagam ga’a jedhanii amanuu

qabu’ kan jedhu mirkaneessuutu barbaachisa. Kanas

mata duree itti aanu jalatti ibsa saayinsii fayyadamuun

ilaaluu kan yaallu ta’a.

3.1.5.1. Guddina Uumaa/Waaqaa

Gaaffii uumaan hammam guddata jedhuuf jalqaba

uumama inni uume hammam gaa’a jennee erga

madaallee booda guddina uumaa madaaluun kan

dandaa’amuu dha. Kunis guddina hawaa fi waantota

hawaa keessatti argamani hunda hubachuu barbaachisa.

Waantotni hawaa keessatti argaman kunniin:urjiilee,

pilaanitoota (lafa dabalatee), akkasumas lubbu qabeeyyii

fi lubbu dhabeeyii lafa irratti argaman hundaa kan

dabalatuu dha.

Saayinsiin waa’ee hawwaa qoratu Astronomy jedhamuun

kan beekamu yoo ta’u namootni ogummaa kana qaban

ammoo Astronomers jedhamanii beekamu. Dhaabatni

111


qorannoo hawwaa kan NASA (National Aeronautics and

Space Administration) jedhamuun beekamu ammoo,

saatalaayitii fayyadamuun atroonoomerota gara hawaatti

ergee waa’ee waantota hawaa keessatti argamanii kan

qoratuu dha 19 . Kanaafuu ragaaleen armaan gaditti waa’ee

hawaa ilaalchisee saayinsiin kennamu, ragaalee kanneen

dhaabbata NASA jedhamu kanaan mirkana’an ta’a

jechuu dha.

Ibsi waa’ee guddina hawaa irratti Astronomerotaan

kennamu kun, hawaan waanta jalqabaaf dhuma hin

qabne ta’uu isaati. Waantotni hawaa kana keessatti

faca’anii argamanis qoodama Gaalaaksii jedhamuun

garee garaa garaa keessatti argamu 17 . Haaluma kanaan

hawaa kana keessa tilmaamaan gaalaaksota Biliyoona

100 , ol ta’antu argama 20 . Gaalaaksiin tokko immooo

urjiilee Biliyoona 100,000 ol taa’an of keessatti qabata.

Laftis pilaanitoota kanneen biroo waliin, akkasumas urjii

aduu jedhamtuu fi urjiilee kanneen biroo baay’ee waliin

qoodama gaalaaksotaa keessa kan Gaalaaksii

Miilkweeyii jedhamu keessatti samii/hawwaa keessatti

argamti jechuu dha.

112


Hawaa kana keessa tilmaamaan gaalaaksota biliyoona

100(10 14 ) ol ta’antu argama 20 . Gaalaaksiin tokko ammoo

urjiilee Miliyoona kuma dhibbaa tokko (100,000,000,000

(10 12 )) ol ta’an of keessatti qabata. Fakkeenyaaf

gaalaaksiin keenya kan miilkiweyii jedhamu pilaanitoota

salganii fi aduu waliin urjilee Miliyoona 100,000 ol ta’an

of keessatti qabata jechuudha.

Baay’ina Urjiilee Waliigalaa (BUW) hawaa keessa

jiranii beekuuf ammoo shallaga: (baay’ina gaalaaksotaa

X baay’ina urjilee gaalaaksii tokko keessatti argamanii)

fayyadamuun salphaatti argachuu dandeenya jechudha.

Kunis akka armaan gadii kanatti kan shallagamu ta’a:-

BUW=100,000,000,000,000(gaalaksota)X100,000,000,0

00(urjilee galaksii tokko keessaa). Kanaafuu, BUW ~

10 25 tti kan tilmaamamu ta’a jechuu dha.

Gama biraan immoo fageenyota gaalaaksii garaa garaa

gidduu jiru hawaa keessatti safaruuf kan ittiin

fayyadaman bara ifaa kan jedhamuu dha. Kana ibsuuf

fakkeenya yoo fudhannee ifti aduu, aduu irraa ka’ee lafa

qaqqabuuf daqiiqaa 8 itti fudhachuu danda’uu isaati

(reference). Fageenyi aduufi lafa gidduu kun sababa

113


walitti dhiyeenyaa qaban irraa kan ka’e daqiiqaan haa

safaramu malee, fageenyi hawwaa keessaa baay’een

gargar fageenya guddaa waan qabaniif safartuu Bara

Ifaa jedhamuun kan safaramuu dha. Kunis sababa

fageenya hawwaa keessa jiru akkuma fageenya

lafarraatti yoo Km fayyadamne ibsine, lakkoofsa hedduu

waan gaafatuufi dha.

Jechi Bara Ifaa jedhu kan ibsu: ifni tokko gaalaaksii

tokkorra ka’ee gaalaaksii kan biraa qaqabuuf waggaa/

bara inni itti fudhachuu danda’u ta’uu isaati. Ibsuma

kana karaa biraan yoo ilaalle, ariitii ifni ittiin fiigu/speed

of light(C) ~ 3 X 10 8

m/s dha. Kunis foormulaa

gabaabaan yoo ibsamu:-C=3.0 x 10 8 m/s ta’a jechuu dha.

Kana jechuunis ifni yeroo sekoondii tokko keessatti

fageenya meetira 300,000,000 fiiguu akka danda’u kan

ibsuu dha. Kanas gara kiilomeetira (km) tti yoo deebifnu,

Ifni Kun yeroo sekoondii tokkotti fageenya kiilomeetira

300,000 kan figuu danda’uu ta’uu isaati. Walumaa

galatti ifni sekoondii tokko keessatti erga fageenya

hanga kana kan fiigu ta’ee:-

Daqiiqaa tokko keessati hoo fageenya hagamii

fiiguu danda’a?

114


Sa’a tokkotti hoo?

Guyyaa tokkotti hoo?

Ji’a tokkotti hoo ?

Waggaa tokkotti hoo?

Waggoota/bara fi kkf ti hoo fageenya hagamii

fiiguu danda’a? Jedhanii xiinxaluun waa’ee bara ifaa

akkasumas fageenya ajaa’ibsiisaa gaalaaksii garaa

garaa gidduu jiru xiinxaluun ni dandaa’ama

jechuudha.

Gama biraa aduu fi urjiilee muraasa akkasumas lafa

waliin madaaluun guddina isaanii tilmaamuunis ni

danda’ama. Urjiileen guddinaan aduu ni caalu

jedhamanii qorannoon bira gaa’aman baay’inni isaanii

yeroo gara yerootti dabalaa jira. Kunis sababa qorannoon

hawaa yeroo gara yerootti dabalaa jiruuf ta’uu isaati.

Urjiin yeroo ammaa kana guddinaan urjilee hundaa ni

caala jedhamee beekamu: urjii VY Canis Majoris

jedhamuun beekamuu dha 21 . Urjiin kun kan argamu

gaalaaksii miilkiweyii keessatti bakka wiirtuu

konistileeshinii (constellation center) jedhamu keessatti

yoo ta’u, ifni inni maddisiisus akka kan aduu fi urjiilee

biroo adii/ keelloo osoo hin taane ifa diimaa dha.

Urjiin vy canis majoris jedhamu kun aduu waliin yoo

madaalamu, guddina wiirtuu aduun qabdu (radius) si’a

115


1,420n kan caalu ta’uu isaati. Guddina kana gara

guddina qabee walii galaan (volume)n

tilmaamuuf

foormulaa: v=4πr 3 /3 tin fayyadamuun yoo shallagame ~

urjiin kun si’a 12,000,000,000,000 tti tilmaamamuun

aduu akka caaluu danda’u arganna jechuu dha.

Gama biraan immoo guddina aduu fi Kan lafaa waliin

yoo madaallaman, guddinni aduu kan lafaa tilmaamaan

si’a 1,300,000 kan caalu ta’uu isaati 22 . Kanumarraa

ka’uun guddina urjii Vy Canis Majoris fi guddina lafaa

waliin yoo madaalle, urjii vy canis majoris jedhamu

biratti lafti akka waantota xixiqqoo kanneen ijaan hin

argamnee (micro organisms) taatee mul’atti jechuu dha.

Gama gargar fageenyaan yoo ilaalle; ifni urjiin vy canis

majoris jedhamu kana irraa ka’ee lafa qaqqabuuf bara

ifaa ykn waggaa 3,900 itti fudhata 23 . Kana jechuunis ifni

VY CMa irraa ka’ee lafa qubachuuf, barkumee 4 (4

millenniums) ti tilmaamamu kan iitti fudhatu ta’uu isaati.

CUUNFAA

Walumaa gala ibsa muraasa armaan olii irraa kan

hubannu hawaan waanta jalqabaa fi dhuma hin qabnee

fi waantotni hawwaa keessatti argamanis gurguguddina

ajaa’ibsiisaa qabaachuu isaaniiti. Kanumarraa ka’uun

gaaffii ‘uumaan/waaqni hammam guddata’ jedhu

116


deebisuuf, waantota waaqatu uume jedhamee amanamu

iraa ka’uun tilmaamuun ni danda’ama. Kanas, erga

waantotni waaqaan uumaman jadhaman kunniin

guddina ajaa’ibsiisaa akkanaa kan qaban ta’uu isaanii

hubannee booda, waaqni isaaniin uume ammoo hangam

ga’a kan jedhuuf:-

Isaan caalaa guddaa ta’uu isaa

hanguuma isaanii guddaa ta’uu isaa ykn

Isaan keessaa hanga walakkaa(1/2) fi kkf guddaa

ta’uu ni danda’a jedhanii amanuun bu’a

qabeessa ta’a.Kunis kan ibsu waaqni yoo jiraate

guddina ajaa’ibsiisaa qabaachuu isaati.

Ibsa saayinsii armaan oliirraa ilaalchi namootni

amantaa hordofan guddina waaqaa isaanii ittiin

tilmaamaa jiran kan guddina waaqaan wal hin madaalle

ta’uu isaati. Kanas sababa namootni amantaa hordofan

amaluma ofii qaban waaqa isaaniifis kennaanii amanaa

jiraniif ta’uu isaati. Fknf ilaalcha ofii qaban waaqaafis

kennuun, akkasumas waanuma ofii dalagan/dalaguu

fedhan kanneen akka jaallachuu fi jibbuu waaqaafis

kennanii waaqatti amanaa jiraachuu isaaniitu bal’inaan

mul’ata. Dabalataanis namootni yoo siyaasa hordofuu

barbaadan waaqa/amantaa da’oo yeroo isaan

godhatantu mul’ata. Namootni kunniin yeroo isaan akka

waan waaqni sanyii ofii isaanii qofa sanyii namoota

kanneen biroo caalchisee akka uume godhanii of ibsan

ni mul’ata. Akkasumas sanyiin isaanii qofti biyya akka

bulchaniif waaqni akka bakka isaan buufate

(representative) fakkeessaniis yeroo of himan ni mul’ata.

Haa ta’u malee waaqni waan hundaa uume yoo kan jiru

ta’e, baay’ee guddaa ta’uu isaarran kan ka’e, wanta

xixiqqoo akka siyaasa namootaa hojjechuuf kan malu

117


miti. Ilaalchi namootni ittiin waaqa ilaalaa jiran Kun,

ilaalcha isaan ittiin waaqa xiqqeessani of guddisuu

fedhan fakkaata.Waaqa guddaa ta’e xiqqeessanii,

gochaa fi amala waaqaas kan namaa fakkeessanii

amanuu fi amansiisuu yaaluun, akkasumas dandeettiin

osoo hin taane sanyii fi gosa amantaaleen qabaniin

biyyaa bulchuu yaaluun namootaa Mucuca Kufaatiiti.

Sababni isaas Ilaalchi akkasii kun kufaatii keenya bara

dheeraaf Mucuca ta’ee tajaajilaa waan tureefi.

Keessuma biyyi Itoophiyaa sadarkaa hiyyummaan

biyyoota jiran hundaaf fakkeenya akka ta’uu dandeessu

kan ishee taasise keessa inni ijoon sababuma ilaalchaati.

Kanaafuu falli jiru kana booda wanta Mucuca ta’e bara

dheeraa dinagdee biyyattii kuffisaa ture sana gogsuu

dha. Kanas lammileen biyyattii ilaalcha kana duraa ture

qorannoo irratti hundaa’anii bu’ura irraa jijjiiruu isaan

gaafata. Kaanaafis dhaloota qaroome horachuu

barbaachisa. Dhaloota qaroome irraa kan calaqqisu;

bara dheeraa gowwomfamuuf yaalamus, bara dheeraa

gowwomuu kan hin malle ta’uu isaati.

BOQONNAA 4

4.1. Amantaalee fi Dhibee Sammuu

Wolmormii saayinsiifi amantaalee gidduutti bal’inaan

mul’atan keessaa tokko waa’ee waantota namootni tokko

tokko qofti dhaga’uu fi arguu danda’an ilaalchiseeti.

Kunis waa’ee waantota ija fi gurraa uumamaan argamuu

fi dhaga’uun hin danda’amne; garuu namootni muraasni

qofti kan arguu fi dhaga’uu danda’an ta’uu ilaalchiseeti.

118


Namootni waantota akkasii arguu/dhaga’uu danda’an

gosa amantaalee irratti hundaa’ee ilaalcha amantaaleetiin

maqaa garaa garaa ni qabaatu. Fkn namootni kunniin:

Raajota, Nabiyoota, Ergamoota fi kkf jedhamuun

hordoftoota Kiristaanummaa fi Isilaamummaa biratti yoo

beekaman; Waaqeffataa Oromoo biratti ammoo maqaa

Qaalluu jedhuun waamamu. Amantaaleen ilaalchi isaan

taatee kanarratti qabanis dandeettii addaa kan waaqni

isaaniif kenne ta’uu isaati. Waantotni namooni kunniin

argan/dhagan ammoo waaqa ykn ergamaa waaqaa biraa

akka ta’etti amanu. Namootni kunniin karaa waaqni ijaan

hin mul’anne ittiin namoota kan birootti hasa’u ta’uu

isaaniitu ibsama. Ilaalchi kun ammoo namootni kunniin

akka bakka bu’ee waaqaa ta’anii amanaman

taasise.Kanarraan kan ka’es maqaalee akka ergamaa

waaqaa fi kkf jedhamuun waamamu. Kanaafuu

namootni amantaa hordofan bbay;een waantotni

namootni kunniin dhaga’anii fi arganii namoota warra

kaanitti himan waaquma biraa ta’e jedhanii amanu

jechuu dha. Kun ammoo yoo namni ergamaa jedhamee

amanamu sun sagalee “Nama faallaa keessan ta’e hunda

119


ajjeesaa” jedhu ofii dhaga’ee, namoota isa hordofanittis

hime, waanti inni dhaga’e sun seera uumaa ta’ee

hordofama jechuu dha. Waantota namotni muraasni qofti

dhaga’uufi arguu danda’an kunniin akka namoota tokko

tokko mudachuu danda’an ibsi saayinsiis ni deggera.

Haa ta’u malee garuu, ibsi saayinsii kan sababa taateen

kun ittiin nama mudachuu malu irratti kennamu kan ibsa

amantaalee irraa daran faallaa dha. Kunis taateen kun

sababa dhibee sammuun kan anmatti dhufu ta’uu isaati.

Saayinsiin waa’ee dhibee sammuu qoratu Saaykaatirii

(Psychiatry) jedhama 24 . Akkaataa qorannoo kanaatti

sababni namootni tokko tokko waantota namootni kan

biraan hin argine arguu fi dhaga’uu dandaa’an kamiyyuu

sababa dhibee (dhukkuba) sammuutiin ta’uu isaati.

Taateen arguu fi dhaga’uu akkasii kunis jecha

Halluusineeshinii (Hallucination) jedhamuun

ibsama.

Kanaafuu jechi hallusineeshinii (Hallucination) jedhu

kanneen mallattooleee dhibee sammuu ibsan keessaa

tokko ta’uu isaati jechuu dha.

Gaaffilee marii

Namni ijoollee baay’ee qabu ijoollee isaa wal ni

caalchisaa?

120


Waaqayyo seemii jaallatee kuushiin ni jibbaa?

Waaqni isra’el Yaahiqobiin Jaallatee Esawuu

maaliif jibbe?

Waaqni Kiristaana jaallatee Musiliima ni jibbaa?

Waaqni Musiliima jaallatee kiristaana ni jibbaa?

Waaqni gara Isiraa’el goree Filisxeemiin ni

lolaa?

Waaqni Musiliima irra goree kaafira ni lolaa?

Ilaalchota akkasii kana nama moo waaaqatu

uuma?

4.2 Dhibee Sammuu fi Mallattoo Isaa

Dhibeen sammuu: dhukkuba sammuu namaa keessatti

sababa hir’ina ykn baay’ina kemikaala garaa garaa

kanneen nervii sammuu namaa keessaati mul’ataniin

akkasumas sababa dogoggora odeeffannoo daddabarsuu

nerviitiin kan uumamuu dha. Kunis sirna yaaduu, sirna

amala namaa, sira dhaga’uu, sirna arguu fi sirna toora

jireenya namaa kanneen sammuu namaan hoggonaman

jeequun mul’ata. Dhibeen kunniin kanneen(1)

salphaa(mild):-kan namni dandamatee dalagaa jreenyaaf

isa barbaachisu guyyaa guyyaan dalagachuu danda;

akkasumas(2) dhibee sammuu cimaa (severe):-kanneen

dalagaa guyyaa guyyaa nama dhorkuu malan ta’anii

bakka garaa tti qoqqoodamu.

121


Yeroo ammaa kana akkaataa qoqqoodinsa dhaabbilee

waa’ee dhibee sammuu qorataniin (ICD-10 fi DSM-IV

classification), dhibeeleen sammuu haala mallatoolee

isaan namarratti mul’isaniin gosa 200 ol taa’anitti

qoodamu 24 . Kanneen keessaa beekamoo fi yeroo

baay’ee namoota irratti kanneen mul’atan muraasni:-

Anxiety disorder (dhibee waantota garaa garaa

sodaachuu)

Mood disorder (dhibee jeeqamuu amalaa)

Schizophrenia (dhibee maraatummaa)

Dementia (dhibee dagachuu/irraanfachuu)

Delusion (waan hin jirre/ dhugaa hin taane

dhugaa namatti fakkaachuu)/false belief

Eplipsy(dhibee nama kuffisu)fi kkf yoo ta’an,

dhibeeleen armaan olitti caqafaman kunniin immooo

mallattoolee namarratti mul’isaniin gosa garaa garaa

hedduuttis ni hiramu.

Mallattoolee dhibeen sammuu gosoota garaa garaa

namarratti fiduu dandaa’an keessaa muraasni 24 :-

Hallucination(waan namootni kan biroon hin argine

arguu akkasumas sagalee namooni isaan bira jiran

biroon hin dhageenye dhaga’uu)

depression(haalli namatti toluu dhiisuu)

Illusion(Waantota dogoggoraan hubachuu). Fknf

waanti xiqqoon akka sarariitii guddaa hamma arbaa

fakkaatee namatti mul’achuu.

Gammachuu guddaa sababni isaa hin beekamne

qabaachuun kolfuu

122


Bakka tokko yeroo dheeraa dhaabachuu/taa’uu

Qofaa haasa’uu

Osoo gammadanii gidduutti immooo gadduu

Insomnia(hirriba dhabuu/jeeqamuu)

Waan gochaa jiranii fi bakka jiran wallaaluu

Baakka xuraawaa ooluu fi waan xuraawaa

soorachuu

Waanuma argan walitti funaannii baatanii

deemuu/qaamatti hidhachuu

Waatu na duukaa deemaa jira jechuun ofirra

galagaggalanii itti haasa’uu

Naanna’a tokko gidduu deddeebi’aa ooluu

waan tokko irra deddeebi’anii dalagaa ooluu

Qulqullina qaamaa fi uffataa eeggachuu dhiisuu

Suicidal ideation (yaada nama ajjeesuu ykn of

ajjeesuu qabaachuu)

Shakkii namni waa’ee koo yaada/ haasa’a jedhu

qabaachuu

Namni nagitu hin jiru /an hundan caala/an sanyii

ykn nama filatamaa dha jedhanii yaaduu

Baayyina gororaa irraan kan ka’e ofirratti gororuu

Osoo deemanii akka tasaa of wallaalanii kufuu

(Hypersexuality)Fedhi quunnamtii saalaa daran

qabaachuu

(Pedophilia)Ijoollee xixiqqoo waliin fedhii saalaa

gochuu hawwuu

Waatu narratti ta’uuf/na mudachuuf jedha jedhanii

sodaachuu fi kkf hedduun namoota dhibee sammuu

gosa garaa garaa qaban irratti ni mul’atu.

Gaafilee marii

123


Namoota maraatanii karaarra asii fi achi

deeman argitee hin beektuu?

Yoo kan argitu ta’e, mallattoolee isaan mulisan

maal fa’i?

Ibsi saayinsii armaan olitti caqafame kun dhugaa

miti jettee ni yaaddaa?

Yoo dhugaa miti Kan jettu ta’e, maaliif?

SEENAA

Bara 2015 G.C tti osoo ani bartaa yuiversiitii waggaa

4ffaa ta’ee jiruu, barumsa damee fayyaa keessaa kan

Saayikaatirii jedhamu, hospitaala Yuuniversitii

Haramaayaa kan Hiwot Faanaa jedhamu keessatti wanti

na mudate seenaa armaan gadiiti.

Innis:- Dargaggoo waggaa 20 tokko sababa dhibee

sammuun qabameef jecha abbaa isaa ajjeesuuf bakka

abbaan isaa taa’utti sibiila meencaa jedhamuun abba

isaa rukute. Kanumaan namootni naannoo isaa harkaafi

miilla dargaggeessa kanaa hidhanii gara Hospitaala

Hiwot Faanaa fidan.

Kanumarraa kan ka’e rakkoo isaa namoota isa fidan

qorachuunii fi mallattoo tokko tokkommoo

dargageessuma sanarraa ilaaluun dhukkuba sammuu

ta’uun isaa waan beekameef daawaa Diazepam jedhamu

kan raffisuu fi Haloperidol jedhamu kan dhibee sammuu

sanaaf kennamu ajajameefii Hospitaaluma sana

keessatti akka yaalamuuf sireen kennameef. Gaafa

torbanii dargaggeessi sun dhibbaa dhibba of baree

waan gaafatamu hunda karaa sirrii ta’een deebisuu

eegale. Kanumarraan anis itti siqee nagaa gaafachuun

waa’ee dhibee dargaggeessichaa dargaggeessuma sana

irraa odeeffannoo dabtara irratti katabachuu eegale.

124


Haasaan anaafi dargaggessicha gidduutti ani”A”ta’uun

dargaggeessichi immoo”M”ta’uun bifa gaaffiif deebiitin

geggeessine kan armaan gadiiti:-

A: M, akkam?

M: nagaya akkam

A: maaliif hospitaala kana dhufte?

M: abbaa koo rukutee jennaan namootni na

hidhanii na fidan

A: maaliif abbaa kee rukutte ati, siin lole moo?

M: lakki namootatu abbaa kee rukutii ajjeesi

jedhanii natti iyyu turan.

A: Eenyu namootni sun?

M: Eenyu akka ta’an hin beeku, garuu natti iyyu

A: Sagaleen isaanii kan dhiiraa moo dhalaati?

M:- dhiirris dhalaanis inuma jirti

A:-amma hoo akkam dhaga’uutti jirtaa?

M: amma yeroon rafu hirriba keessa abjuun

narakkisa malee guyyaa natti hin dubbatan.

A: rakkoon kun dhiyeenya si’eegale moo?

M: lakki,erga na’eegalee tureera

A: akkamitti si’eegale?

M: kana dura si’a sadan tokko of ajjeesuuf ergan

funyoo ofitti kaa’een dhiise.

A: maaliif of ajjeesuu yaalte ati?

M:- of ajjeesi naan jedhu waan ta’eefan yaalii

godhe.

A: akkamitti of hin ajjeesneree?

M; osooma of ajjeesi naan jedhanii gaafan muka

yaabee funyoo mormatti kaa’adhu

ammoo dhiisi naan jedhu

A: kana booda hoo osoo isaan waa si’ajajanii ni

dalagdaa?

125


M: matumaa amma rakkoo sammuu akka ta’e

doktorris naaf himeera anis daawaa

doktoraatiin kunoo fayyeera kanaafuu yoo waanti

akkanaa na mudate gara mana yaalaan

dhufa malee hin dalagu.

A:- araada garaa garaa ni fayyadamtaa?

M: eeyyee jimaa nin qamaa’a

A:- maatiin kee hoo araada ni fayyadamuu?

M:- eeyyee abbaan kiyya tamboo fi jimaa ni

fayyadama?

A:- maatii kee keessaa namni dhibee sammuu qabu

ni jiraa?

M:- hin jiru

A: waa’ee wal dhabdee sii fi abbaa kee gidduutti

uumame maal yaaddaree?

M: abbaa koo bar baay’een jaalladha garuu

dogoggora dhibee kootiifan gocha jibbisiisaa

sana dalage malee.

A: yoo gara manaatti galtu maal goota mee?

M: dhaqeetan miilla abbaa kootiitti kufee rakkoo na

mudate ibseefiin yoo tole naaf jedhe

araarfadha.

A: tole akkuma jette godhi, garuu jimaa hin

fayyadamin

M: Jimaa qama’uu maaliif na dhorkite?

A: dhibeen sammuu simudate kun sababa jimaa

qama’uu nama mudata waan ta’eef.

M: tole galatoomi

A: hayyee jedhi nagayaatti

M: nagayaatti.

4.2.1. Waantota Dhibee Sammuuf Nama Saaxilan

126


Dhibeelee sammuu waantotni namatti fiduu malan

baay’iinaan beekamuu baatanis kanneen yeroo mara

caqafaman keessaa muraasni 24 :-

Genetic problem (dhalootaan kan nama madatu)

Araada garaa garaa fayyadamuu (kanneen hirrba

nama dhorkan)

Dhiphina humnaa ol ta’e(stress) kanneen akka

gaddaa, jaalallee waaliin adda ba’uu fi kkf.

Wal madaaluu dhabuu kemikaalota neurotransmitors

jedhamani kanneen akka dopamine, serotonin fi

seeliin kemikaalota kanneen keessummeessun

dhibamuu fi kkf kanneen dhaamsa gara sammuutti

daddabarsuuf tajaajilan.

Sababa dhukkuba qaamaa tokko tokko. Fkn dhibee

meningitis (morma gogsaa jedhamu kan sababa

tishuun sammuu namaa haguugee jiru(menenges)

baakteeriyaan weeraramuun namatti dhufuu fikkf.

Miidhama balaa tasaan sammuu namaa hubu

kanneen akka rukuttaa, kufaatii fi kkfn nervii

sammuu miidhan.

PTSD (Post traumatic stress Disorder) (Rifannaa

balaa tasaan wal qabate).Fkn du’a nama baay’ee

jaallatanii akkasumas naasuu sababa namootni balaa

garaa garaan du’aa jiranii arguun fi kkf.

Unkown source (kannneen waantota dhibee

kanneeniif sababa taa’an hanga yoonaatti hin

beekamne)fi kkf dha.

Yeroo baay’ee waantotni dhibee sammuuf sababa ta’an

kallattiin beekamuu baatanis, baay’inaan dhibeeleen

127


sammuu kan mul’atu namoota kemikaala sammuu

namaa hadoochan fayyadaman biratti. Kanaafuu

sababaalee dhibeen sammuu ittiin nama mudachuu malu

kanneen armaan oliitti tarreeffamanii fi kan biroo hunda

dabalatus, irra jireessaan kemikaala sammuu hadoochan

fayyadamuun ta’uu isaati. Kemikaalotni kunniin sirna

dalaga sammuu namaa jeequun dalagaan sammuu

seeraan ala akka ta’u godhu. Kunis dalagaan sammuu

seeraan ala akka dabalu fi akkasumas akka xiqqatu

gochuun ta’uu isaati. Fkn yoo namani tokko yoo jimaa

fayyadame, sammuun nama sanaa bifa hin baratamneen

si’aayina godhata. Si’aayina argachuun kun ammoo akka

sammuun namaa hin boqonne godha. Si’aayinnii jimaan

argame kunis yeroo namtichi jimaa fayyadamuu eegale

irraa kaasee hanga kemikaalli jimaa keessaa jiru

(catinone) dhiiga isaa keessaa dhumutti itti fufa. Kun

ammoo si’aayina sammuu irraa kan ka’e halkan irriba

dhorkuun sammuun namaa sirna akka gadilakkisu

gochuu mala. Dabalataanis gochi kemikaala

fayyadamuun si’aayina argachuu kun, akka sammuun

namaa sirna ofii isaa gadi lakkisuun sirna namtolchee

128


(artificial)jedhamuun dalaguu eegalu taasisa. Kunis gara

irkattummaa kemikaalaatti (drug dependence) akka

jijjiiramu taasifama jechuu dha. Haalluma kanaan namni

sun yoo yeroo hunda jimaa kan fayyadamu ta’e,

sammuun namtichaa yoo jimaa fayyadame qofa

si’aayina argata. Gama biraanis yoo namni sun jimaa hin

fayyadamne, dadhabinni sammuu waan mudatuuf,

dukuka qaamaa(depression) itti uuma jechuu dha.

Kanaafuu, kemikaala sammuu namaa jeeqan

fayyadamuun sirna dalagaa sammuu namaa irratti rakkoo

kan uumu ta’uu isaati.

Walumaa gala dhibeeleen sammuuu baay’inaan kaneen

haala jireenya namaa daran miidhuun sirnaan ala nama

godhan (severe) ta’anis, hanga muraasaan garuu dhibee

sammuu cimaa hin ta’in(mild) ni jiru. Namootni dhibee

sammuu cimaa hintaane qaban mallattoolee dhibee

sammuu haa mullisan malee haala jireenya isaanii

guyyaa guyyaa dalagachuu irratti rakkoo daran hin

qaban. Namootni dhibee akkanaa qaban, dalagaa guyyaa

guyyaa (Daily Life activity) fi akkasumas walitti

dhufeenya namoota biroo waliin qabanirratti rakkoon

129


daran hin mul’atu. Inumaayuu namootni baayyee

sammuu guddaa qaban tokko rakko sammuu akka

qabantu ibsama 25 .

4.2.2. Dhibee Sammuu Amantaan Wal Qabate

Dhibeeleen sammuu mallaatoolee agarsiisaniin,

hammeenyaaf laafina akkasumas haala ittiin yaalaman fi

kkf irratti hundaa’uun gosa hedduutti kan qoqqoodaman

ta’uun isaanii ni yaadatama. Mata duree kana jalatti

ammoo gosoota dhibee sammuu amantaan walqabachuu

malan addatti gabaabinaan kan ilaallu ta’a.

Dhibeen sammuu baay’ee ta’anis, gosti yeroo baay’ee

namoota amantaa tokko tokko irratti mul’achuu ni mala

jedhamee himamu, kan delusion (delluushin) jedhamuu

dha. Jechi delusion (delluushinii) jedhu Kan ibsu: “false

belief” (soba amanuu) kan jedhuu dha. Kunis nama

dhibee sammuu gosa kanaan qabametti’wanti dhugaa hin

ta’in tokko, dhugaa fakkaatee kan itti mul’atu ta’uu isaa

ibsa.

Dhibeeen dellushinii (dellusion) jedhamu kun gosa garaa

garaa ja’a tti yoo qoodamu, gosti grandiose dellusion

jedhamu yeroo baay’ee amantaaleen kan wal qabatuu

130


dha. Akkuma dhibeelee sammuu kanneen biroo,

namootni gosa dhibee sammuu grandiose dellusion

jedhamu kana waliin jiraatanis mallatoolee dhibee

sammuu muraasa ni mul’isu jechuu dha. Kanneen

keessaa visionary hallucination/auditory hallucination

(waantota namootni kan biroo arguu fi dhaga’uu hin

dandeenye arguu fi dhaga’uu) dabalatee mallattoolee

biroos maddisiisu ni malu jechuu dha. Ta’us

mallattooleen kunniin bifa garaa garaan namoota garaa

garaa irratti mul’achuu danda’u. Namoota gosa dhibee

sammuu grandiose dellusion jedhumu qaban kana, kan

namoota gosa dhibee sammuu kannen biroo qaban irraa

adda taasisuu malu keessaa muraasni:-

Namootni kunniin hojii/dalagaa isaanii sirnaan bifa

si’aayina qabuun dalaguu fi namootni kannen

biroonis akka dalagan dirqamsiisuu danda’uu isaanii,

Namoota/hawwaasa naannoo isaanii waliin akkuma

namoota kaanii waliin jiraachuu danda’uu isaanii.

Haala jireenyaa jiraataniiif ykn gocha godhaniif

sababa quubsaa dhiyeessuu danda’uu

131


Darbee darbee dandeettii waantota akka barnootaa fi

kalaqa garaagaraa irratti dandeettii namoota fayya

qabeessa ta’an caalu qabaachuu danda’uu isaanii fi

kkf kan gochuu danda’uun isaaniit.

Namootni dhibee kanaan qabaman kunniin waantota

sababa dhibee kanaan isaanitti dhufuu malu irratti

ilaalcha dogoggoraa qabu. Kunis ilaalchi isaan wantoota

hin baratamne arguu fi dhaga’u danda’uu isaanii irratti

qaban; waaqa biraa kan ta’e ta’uu isaati. Kanarraan kan

ka’e ilaalcha waaqatu/seexanatu natti agarsiise/ hime

jedhu qabu jechuu dha. Kanaafuu taateen isaan mudate

kun sababa dhibee sammuu qabaachuu isaaniitiin akka

ta’e matumaa hin amanan.

Haa ta’u malee ibsa saayinsiitiin kan ibsamu:-namoota

ta’anii kanneen dachee kanarraa jiraataa turan

akkasumas jiraachaa jiran kamiyyuu yoo mallatooleen

dhibee sammuu ibsan kamiyyuu kan irraa calaqqisan ta’e,

dhibee sammuu akka qabanitti himama. Kanumarraa

ka’uun namootni amantaaleen akka jalqabamu gochuuf

sababa ta’an muraasni akka dhibee sammuu qabaachuu

malan Ogeessotni dhibee sammuu qoratan ni qeequ.

132


Kanaafis ogeessotni kunniin ragaalee kan godhatan;

galmeelee seenaa namoota shakkaman kanneenii

qorachuun ta’uu isaa ibsu 26 . Dabalataanis gosa dhibee

sammuu namootni kunniin ittiin shakkamanis ibsuuf

madduma ragaa walfakkaatu fayyadamu.

Gaaffilee marii:

Namoota amantaan akka eegalamuuf sababa ta’an

kanneen muraasa fakkeenyaaf:

Muse(Yihudiizimii),Guutamaa

Budihaa(Budihiizimii ),LawtiizeeKonfiishes(Konfiis

hssniizimii), Kiristoos/ yesuus fi Phaawuloos

(Kiristaanummaa), Muhaammad(Islaamummaa)fi

kkf hunda ilaalchisee Eenyutu dhibee sammuu

qabaachuu danda’u jettee yaaddaa?

Akkamitti dhibee sammuu qabaachuufi qabaachuu

dhiisuu isaanii beekuu dandeessa?

Mallattooleen dhibee sammuu ta’uu mul’isan

eenyufaarratti mul’ataa turan?

Deebiikeef ragaa quubsaa ni qabdaa? Yoo qabaate

ragaa sana eessaa argatte?

4.2.3. Mala Dhibeen Sammuu Ittiin Yaalamu

Dhibee sammuu yaaluuf namootni mala saayinsii

ammayaa fi mala aadaatiin kan fayyadaman ta’u

isaaniitu bal’inaan hawwaasa garaa garaa kessatti

mul’ata. Haa ta’u malee yaalli dhibee sammuu mala

aadaatiin godhamu kan fayyina guutummaa guutuutti

133


argamsiisu ykn dhibeen sun akka nama sanatti lammata

hin deebine gochuu danda’uu miti. Kana jechuun garuu,

dhibeen kun daawaa ammayyaa qofaan kan yaalamuu

danda’uu dha jechuus miti. Sababni isaa tooftaaleen

daawaa ammayyaa osoo hin fayyadamin ittiin yaaluun

danda’amu waan jiruuf ta’uu isaati. Tooftaaleen kunniin

karaa mala ammayyaa, akkasumas mala aadaan ta’uu ni

mala jechuu dha. Fknf namootni tokko tokko waa’ee

dhibee isaanii ilaalchisee yoo yeroo baay’ee kan

yaadda’an ta’e, yaaddoon sun ofiima isaatti iyyuu dhibee

ta’uu danda’a. Kunis dhibeen jalqaba jiru sun sababa

yaaddootiin daran akka cimu taasisa. Kanaafuu dhibeen

sana yaaluuf dursa yaaddoo dhibee sana cimsu hir’isuutu

barbaachisa jechuu dha. Kanaafuu mala aadaas ta’e kan

ammayyaa kamiyuu fayyadamuun yoo yaaddoo (stresss)

dhibee sana daran cimsu hir’isuun kan danda’amu ta’e,

yaallii sun yaala barbaachisaa ta’uu isaati. Kunis

amantaa ‘dhibeen koo naaf fayya’ jedhu qabaachuu fi

yaaddoo hir’isuu namoota dhibeen qabamanii dabalata

jechuu dha.

134


Haaluma kanaan yoo namni dhibee qabu tokko gara

namoota mala aadaatiin nama yaalan bira yoo deeme

fayyuu mala jechuu dha. Fayyuuf garuu dursa namni

sun waanuma namootni isa yaalan sun dhibee isaa

yaaluuf fayyadaman kamiiyyuu amanee ‘dhibeen koo ni

fayya’ jechuu danda’uu qaba. Kunis, sababa yaaddoo

dhibee isaan wal qabate hir’isuuf ta’uu isaati. Kanaafuu

namni sun fayyuu isaaf sababa kan ta’u,

amantaa ’waanta yaaliif naa godhameen nan

fayya’jedhu qabaachuu fi yaaddoo isaa hir’isuu isaati

jechuu dha. Kun ammo kan ibsu namni darbee darbee

dhibee irraa fayyuuf amantaa horachuun yaaddoo isaa

hir’suutu fayyisa, malee waantota namootni isa yaalan

qoricha jedhanii kennaniin ykn itti himaniin qofa kan hin

fayyamne ta’uu isaati. Gochi kun dhibee sammuu qofaaf

osoo hin taane dhibee kanneen biroofis kan tajaajiluu

dha. Haaluma walfakkaatuun barsiifni amantaalee tokko

tokkoo kan ibsu’ namni kamiyyuu amantaa qababu

fayyadamee waan fedhe gochuu akka danda’uu ta’uu

isaati. Kunis ofii dhibeerraa fayyuu fi nama fayyisuu;

ajaa’iba garaa garaa gochuu ykn waanta fedhan gochuu

135


danda’uu namoota amantaa qabanii kan dabalatuu dha.

Namoota barsiisa kana deggeraa fi barsiisaa turan

keessaa fknf: Yesuus /Kiristoos ”osoo amantii hanga ija

sanaaficaa qabaattani silaa waan feetan gochuu

dandeessu” jedhe irra deddeebiin barsiisaa ture. Yesuus

barsiisuu qofa osoo hin taane amantaa kanaan ofii

isaatiis ajaa’ibaan (du’aa kaasuu fi dhukkubsattoota

fayyisuu dabalatee) waantota ciccimoo gochaa akka

turetu himama (Matiwoos 17:18-20 &Yahannis 11:38-

43). Namootni Kiristaanummaa hin hordofne kanneen

akka Ooshoos kanuma kanaan wal fakkaatu barsiisu

turan jechuu dha 27 .

Walumaa gala ibsi armaan olii kan mullisu:- namni

kamiyyuu amantaa ni ta’a/ni danda’ama jedhu yoo

qabaate ;dhibee sammuu yaaluu dabalatee aboo waan

fedhe gochuu danda’u kan qabu ta’uu isaati. Kunis mala

aadaa kan dabalachuu maluu dha.

Mala saayinsii ammayyaa fayyadamuun dhibeen

sammuu yoo yaalame, carraan fayyuu isaa giddu

galeessaan 70-80% ta’u akka danda’utu ibsama. Kun

ammoo yoo dursa gosti dhibee sammuu sun sirriitti adda

136


ba’ee beekamee dha. Fakkeenyaaf gosa dhibee sammuu

ipilipsii(eplipsy)jedhamu yoo fudhanne, mala aadaatiin

yaaliin godhamu, kibiriitii funyaanitti aarsuu, waaqa

kadhachuun fayyisuu yaaluu fi kkf dha. Sababni

namootni waaqa kadhachuun dhibee kana yaalan ammo

sababa amantaa dhibeen kun dha’icha ‘ seexanaan ykn

dheekkamsa waaqaatiin’ dhufa jedhu qabaniif ta’uu

isaati. Mala ammayyaan immoo mana yaala fayyaa

Saayikaatirii (Psychiatry) jedhamutti erga qorannoon

godhamee booda daawaa kanneen akka diazepam,

phenobarbitol fi kkf kan gosa Iplipsii(eplipsy) sanaarratti

hundaa’uun kan kennamuu dha. Kunis rakkoo yeroo

sana mudate furuu dabalatee akka lammata itti hin

deebine gochuu dabalata. Haaluma wal fakkaatuun

dhibeen sammuu kamiyyuu mala ammayyaatiin kan

yaalamu ta’uu isaa ogeessotni yaala fayyaa dhibee kanaa

ni ibsu. Kun immoo akkuma mala aadaa keessatti

ilaaluuf yaalle, mala ammayyaatiinis dhibeen sammuu

daawaa/kiniina qofaan kan yaalamu ta’uu dhabuu isaati.

Kunis tooftaa psychotherapy (saayikooteeraappii)

jehamu kan dabalatu ta’uu isaati jechuu dha. Tooftaan

137


kunis gosa dhibee sammuu sana irratti hunda’anii gorsa

jajjabinaa/barumsa yaaddoo hir’isu fi kkf fayyadamuun

yaaluu kan dabalatuu dha.

BOQONNAA 5

5.1. Gudunfaa Mucuca Kufaatii

Ilaalchi namni tokko waantota naannoo isaa jiran ittiin

ilaalu baay’ee murteessaa dha. Sadarkaan nama tokkoos

kan madaalamu, ilaalchuma inni maddisiisuuni. Kunis

namni tokkoo gatiin isaa qaalii ykn rakasa ta’uu isaa

madaaluuf kan fayyadu ta’uu isaati. Yoo rakkoon sababa

138


garaa garaan nama mudachaa jiraate, ilaalcha rakkoo

sanaaf sababa ta’e jijjiiruutu filatama. Haa ta’u malee

namni tokko ilaalcha akkamii qaba? Gaaffii jedhuuf

ammoo, gaaffiilee:-kanneen akka” namni sun amantaa

kamiin hordofa?” Akkasumas “sadarkaan barumsaa isaa

hagami?” “Aadaan isaa hoo?” fi kkf jedhaniif deebii

argachuutu dursa. Sababnisaas, namootni baay’een

ilaalcha isaanii amantaa, aadaa isaanii fi saayinsii irraa

argatu waan ta’eefi. Wanti barbaachisaan garuu namni

ilaalcha qabaachuu isaa qofa osoo hin taane, ilaalchi sun

kan biyya ijaarumoo? kan biyya diiguu dha? Kan

fayyadu moo? kan hin fayyadnee dha ? jedhanii adda

baafachuunis filamatamaa dha.

Ilaalchi gaarin isa namoota hundumaaf bu’aa buusu

ta’uu qaba.Sababa namootni bara dheeraa seera garaa

garaa caqasuun ilaalcha dogoggoraa dhugaa fakkeessanii

namootaaf ibsaniif jecha, ilaalchi sun dhugaa dha

jedhanii amanuun Mucuca Kufaatiiti. Kanaafuu gocha

akkasii kana amanuu qofa osoo hin taane,dursa namootni

kitaaba katabnis ta’e, kan seera tuman hundi namuma

jedhanii yaaduutu furmaata. Waanti barreeffame tokko

139


yeroo baay’ee fedhaa fi ilaalcha nama barreesse wajjiin

kan walsimatuu dha.Namootni ammoo ilaalchaa fi fedha

garaa garaa qaba. Kanaafuu, waanti namni tokko

sirriidha jedhee barreesse tokkoo barabaraan sirrii dha

jedhamee amanamuun isaa dogoggora ta’uu mala.

Waantota akkasii qajeelchuuf furmaata haaraatu

barbaachisa. Wanti furmaata kanaaf rakkoo ta’e garuu

sababa namootni baayyeen waantota barreeffaman ykn

seera tumaman tokko tokko akka waan ajaja waaqa biraa

bu’eetti ilaalanii amananiifi dha. Garuu waaqni osoo kan

seera namootaaf tumu ta’e, seera kufaatii namootaatiif

akka mucucaatti tajaajilu tumuu hin malu. Seerri akkasii

kun waaqaafis ta’e namaaf, fayidaan inni kennu hin jiru.

Seerri akkasii kun garuu tarii seera mootummaa abbaa

irree ta’uu ni mala. Dabalataanis seerri kun siyaasa

namootni ittiin nama gowwomsanis ta’uu ni mala.

Amalli mootota biyya bulchanii fi kan waaqaa garaagar

ba’uu qaba. Sababni isaa mootiin biyya bulchu tokko

akkuma namoota kaanii nama waan ta’eef akkuma

namaatti yaada. Waaqni garuu nama miti. Mootiin biyya

140


bulchuu fi waaqni kan walfakkaachuu malan, yoo

waaqni jedhamu sun nama ta’e qofa.

Mootiin biyya bulchu tokko, sirna ittiin biyyicha bulchu

ofumaa tumata. Sirni tumamu sunis yeroo baay’ee

‘Heera mootummaa’ jedhamee beekama. Herri sun

fedha mootichaarratti hundaa’ee mirgaafi dirqama

lammilee biyyichaa murteessa. Kanaafuu, gochi

lammiilee biyyichaa kamiyuu seera qabeessa ta’uufi

dhiisuu isaa heeruma biyyichaatu murteessa. Kunis kan

mul’isu, namootni biyyoota garaa garaa keessa jiraatan

hundi nama ta’uu isaaniitiin walfakkeenya haa qabaatan

malee, sababa garaagarummaa heeraatiif jecha, mirgaa fi

dirqama walfakkaatu kan hin qabane ta’uu isaaniiti. Fknf:

Heerri biyyoota akka; Ameerikaa, Sa’ud Arabiyaa,

Inglizii, Chaayinaa, Keeniyaa, Itoophiyaa fi kkf garaa

garummaa waan qabaniif jecha namootni biyyoota

kanneen keessa jiraatan mirgaa fi dirqama walfakkaatu

hin qaban. Fakkeenyaaf: biyyoota baay’eetti lammileen

saalaan dubara ta’an mirga konkolaataa konkolaachisuu

kan qaban yoo ta’u, biyyoota tokko tokkotti ammo mirgi

kun irraa mulqa

141


Heerri biyyoota tokko tokkoo, seera amantaa wajjin

walitti hidhata kan qabanii dha. Kunis sababa heerri

biyyichaa akka seera uumaa/waaqaatti ilaalamuuf ta’uu

isaati. Lammileen biyyicha akkasii keessa jiraatan yoo

heera mootummaa sana cabsan, akka waan seera

uumaa/waaqaa cabsaniitti ilaalamu jechuudha. Gama

biraanis mootii biyyicha bulchu irratti mormii kaasuun

matumaa hin heyyamamu. Sababiin isaas mootii kan

muudu fi kan buusus waaquma jedhamee waan

amanamuuf ta’uu isaati. Kanaafuu biyyaa seera akkasiin

bultu keessatti mormii kaasuun waan hin danda’amneef,

hanga waaqni muude buusutti mootummaan mootii

biyyichaa dhaalaan daddabarti. Tarii ‘hanga waaqni

buusutti’ kan jedhamu sun, hanga lammileen biyyichaa

ilaalcha isanii jijjiirratanii mormii kufaatii mootichaaf

sababa ta’u geggeessanittis ta’uu mala. Kunis“gochi

mootii buusuu fi muuduu kan lammilee biyyichaati malee,

gocha waqaa miti” kan jedhu faa dabalachuu mala.

Akkuma garaa garummaa heeraa, namootni biyyoota

garaa garaatti argaman seera waaqa garaa garaa

dhuunfaa dhuunfaan akka qabanis ni mul’ata. Kunis kan

142


mul’isu namootni waaqni isaan amanaa jiran waaqa isa

nama biyyoota hundumaa jiran hudaa uume hin

fakkaatu. Yeroo ammaa gosootni amantalee 4200 5 tti

tilmaamaman akka jiran qorannoon ni mul’isa. Gama

biraanis waaqoliin 4200 kan jiran ta’uu isaati jechuu dha.

Kun ammoo:” waaqatu nama uume moo?, Namumatu

ofiin wanta waaqa jedhamu uummate?” gaaffiiin jedhu

akka sammuu namaa keessatti maddisiifamu taasisa.

Kunis namootni akkuma naannummaafi sanyummaa

isaaniitti garee dhaan waaqa ofii isaanii akka ofumaan

uummatan agarsiisa. Waaqa baay’ee qabaachuun

namootaa kun, namoota gidduutti tokkummaan ilaalchaa

akka hin uumamne godhe. Namni hundi waaquma koo

qofatu caala jechuun isa kan biraa xiqqeessuuf wal

dorgomaa jira. Kanafis fakkeenyi isuma namootni biyya

keenyaa baay’een amantaa ofii isaaniin

‘Qiddus ’(qulqullaawaa) jechaa kanneen biroon ‘Irkus’

(Xuraawaa)jedhan sani. Dhugaa dubbachuuf garuu

amantaan amantaalee biroo caalu hin jiru. Ilaalchatu

ilaalcha caala malee. Sababa ilaalcha amantaaf jecha

143


tokkummaa dhabuun namootaa Mucuca Kufaatiiti ta’ee

biyya diigurratti argama.

Namootni baay’een waaqa isaaniif, amala mootummaa

abbaa irree(Dictatorship) kennaniifii amanu. Kunis

hammeenya qabaachuu waaqichaa ibsa. Garuu wanti

‘hamaa’dha jedhamee sammuu namootaa keessatti

yaadamuu fi sodaatamu bineensa isa Oromoon ‘Bulguu’

jedhee waamuu dha. Bulguun kunis, tarii isuma warri

adii seexana jedhan sana ta’uus ni mala. Bulguus ta’e

seexanni, jedhaman kunniin sammuu namaa keessa

malee mul’inattii hin argaman. Waaqnii fi bulguun

(seexanni) amala wal fakkaatu qabaachuu hi qaban.

Bulguun sababa hamaadha jedhamee yaadamuuf jecha

kan sodaatamu yoo ta’e, waaqni ammoo sababa abbaa

namootaa hundaa ta’eef jecha kan jaalatamu ta’uu qaba.

Waaqa ofii akka bulguutti sodaachaa, garuu ammoo‘yaa

waaqakoo’ ittiin jechuun waaqaafis ta’e namootaaf bu’aa

hin buusu. Waaqa namoota hunda uumes kanuma

dhuunfaa ofii qofa godhatanii ilaaluunis waan fafaati.

Waaqni nama hunda uume yoo jiraate abbaa namoota

hundaaf walqixatti waaqa ta’e ta’uu qaba. Waaqni nama

144


hunda uume kan Israa’el qofa ta’ee kan kuush ta’uu hin

dhiisu. Namootni baayyeen waaqa kan ganda isaanii

qofa godhanii itti amanu.Namootni waaqa gandummaan

hiratan kunniin dhibee sammuu qabaachuu waan

malaniifis ta’uu mala. Ilaalchi dhiphaanis (negative

attitude) madda wantota akkanaati. Namootni dhibee

sammuun yoo hubaman; dogoggoraan waanta dhibee

sanarraa isaanitti dhufuu malu hunda waaqatu natti

mullise jechuus ni malu jedhamee shakkama 26 . Kanaafuu

namoonni waantota namni arguu hin dandeenye arguu

ykn dhaga’uu kan danda’an yoo waaqni itti mullate ykn

itti dubbate qofa ta’uu akka hin dandeenye hubchuunis

barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf: Namni dhibee sammuu

qabu (Maraataan) yeroo baay’ee” ilaa kuunnoo, kunoo”

jedhee waantota namootni fayyaan arguu hin dandeenye

waliin osoo haasa’uu ni mul’ata.

Tarii addunyaa ykn hawwaasa ati keessa jiraachaa jirtu

keessatti, gocha hamaa seera garaa garaan deggeramu

arguu malta. Gochi akkasii sun yeroo ati ilaalcha sirriin

ilaaltu siif fudhatamuu dide jechuu dha. Furmaatni wanta

sanaas mali? jettee ofis ta’e namoota gaafachuun kees

145


waan hin oolle dha. Kanaafuu, wantotni akkasii yeroo

simudatan furmaatni ati gochuu qabdu keessaa muraasni:

Yoo gaaffiin sababa waanta dogoggoraan dalagamu

fi barsiifamuun sammuu kee keessattii uumame,

yeroo hunda dogoggora kee qofa ta’uu dhiisuu

danda’a. Yeroo mara anumatu dogoggoraadha ofiin

hin jedhin. Gaaffiin si keessatti uumamuun isaa

sababa malee miti.

Gaaffii keetiif deebii furmaata ta’u barbaaduu qabda.

Tarii gaaffiin sun kan kee qofa osoo hin taane, kan

walii galaa ta’uus ni mala. Akkasumas deebiin isaa

kan kee qofa osoo hin taane, kan walii galaa ta’uus

ni mala jechuu dha.

Waanti dogoggoraan dalagamu kamiyyuu Mucuca

Kufaaatii ta’uu akkuma danda’u, dogoggora sana

qajeelchuuf yaaluu dhisuunis Mucuca Kufaatiiti.

Dogoggora sirreessuun dalagaa namoota kan biraa

ykn dalagaa mootii biyya bulchu qofa osoo hin taane,

kan lammilee biyyichaa maraati. Kanaafuu

sirreeffamni sumaa fi anaarraa eegala jechuu dha.

Yoo gocha dogoggoraa, kan ofii keetii fi kan namoota

biroo sirreessuu kana, kanaan duras eegaltee turte ta’e

yookaan ammoo, ammaa booda eegaluuf murannoo kan

qabdu ta’es, siif galatnikoo guddaa dha. GALATOOMI!

6. REFERENCES

1. Adriansen HK and Knudsen H. Two ways to support

reflexivity: Teaching managers to fulfil an undefined

role: ‘A problem cannot be solved at the same level

of thinking that created it’—Albert Einstein. Teaching

Public Administration. 2013; 31: 108-23.

146


2. Pais A. Subtle is the Lord: The Science and the Life of

Albert Einstein: The Science and the Life of Albert

Einstein. Oxford University Press, USA, 1982.

3. El Naschie MS. From E= mc2 to E= mc2/22—A Short

Account of the Most Famous Equation in Physics and

Its Hidden Quantum Entanglement Origin. Journal of

Quantum Information Science. 2014; 4: 284.

4. Peñalver E. The concept of religion. Yale LJ. 1997; 107:

791.

5. Dekker J. World religion database. The Charleston

Advisor. 2009; 11.

6. Maoz Z and Henderson EA. The world religion

dataset, 1945–2010: Logic, estimates, and trends.

International Interactions. 2013; 39: 265-91.

7. Hackett C, Stonawski M, Potančoková M, Grim BJ and

Skirbekk V. The future size of religiously affiliated and

unaffiliated populations. Demographic research.

2015; 32: 829-42.

8. Hatcher WS and Martin JD. The Baha'i faith: The

emerging global religion. Baha'i Publishing Trust,

2002.

9. Morris TV and Menzel C. Absolute creation. American

Philosophical Quarterly. 1986; 23: 353-62.

10. King. J. The holy bible King James Version 1611.

11. Jenkins D. From Unwritten to Written:

Transformation in the British Common-Law

Constitution. Vand J Transnat'l L. 2003; 36: 863.

12. Orthodox C. Waldaa Qulqullootaa. Teeching

Book :Utubaa Amantaa; finfinnee ,Ethipia, Maxxansa

2 ffaa 2006/14.

13. Smith J, Chowdhry A, Jepson T and Schaeffer J. 101

CLEARED UP CONTRADICTIONS OF THE BIBLE.

147


14. Ali MM. Holy Quran. Ahmadiyya Anjuman Ishaat

Islam Lahore USA, 2015.

15. Al-Kabi MN, Kanaan G, Al-Shalabi R, Al-Sinjilawi SI

and Al-Mustafa RS. Al-Hadith text classifier. Journal

of Applied Sciences. 2005; 5: 584-7.

16. Krafess J. The influence of the Muslim religion in

humanitarian aid. International Review of the Red

Cross. 2005; 87: 327-42.

17. Linde A, Linde D and Mezhlumian A. From the Big

Bang theory to the theory of a stationary universe.

Physical Review D. 1994; 49: 1783.

18. Valverde P, Healy E, Jackson I, Rees JL and Thody AJ.

Variants of the melanocyte–stimulating hormone

receptor gene are associated with red hair and fair

skin in humans. Nature genetics. 1995; 11: 328.

19. Akeson R, Chen X, Ciardi D, et al. The NASA exoplanet

archive: data and tools for exoplanet research.

Publications of the Astronomical Society of the Pacific.

2013; 125: 989.

20. Joseph RG. The Transfer of Life Between Planets,

Stars, and Galaxies.

21. Ziurys LM, Milam S, Apponi A and Woolf N. Chemical

complexity in the winds of the oxygen-rich

supergiant star VY Canis Majoris. Nature. 2007; 447:

1094.

22. Colgrove W. The Planet Earth. Journal of the Royal

Astronomical Society of Canada. 1929; 23: 163.

23. Majoris VC. VY Canis Majoris. Age. 8: 11.

24. Kraepelin E and Diefendorf AR. Clinical psychiatry: a

text-book for students and physicians. Macmillan,

1915.

25. Kyaga S, Lichtenstein P, Boman M, Hultman C,

Långström N and Landen M. Creativity and mental

148


disorder: family study of 300 000 people with severe

mental disorder. The British Journal of Psychiatry.

2011; 199: 373-9.

26. Gearing RE, Alonzo D, Smolak A, McHugh K, Harmon

S and Baldwin S. Association of religion with

delusions and hallucinations in the context of

schizophrenia: Implications for engagement and

adherence. Schizophrenia research. 2011; 126: 150-

63.

27. Aveling H. Osho Rajaneesh and His Disciples: Some

Western Perceptions. Motilal Banarsidass Publ., 1999.

7. SEENAA BARREESSAA

Barreessaan Mucuca Kufaatii Barsiisaa(lecturer)

Amaanuel Oljirraa:- wallaggaa lixaa, aanaa Mana Sibuu,

magaalaa Mandiitti abbaa isaa obbo Oljirraa Duuloo fi

haadha isaa aadde Shaashituu Gudduu irraa Mudde 21,

1992 A.L.A tti dhalate.

149


Amaanuel osoo ijoollummaan jiruu abbaa isaa du’aan

dhabuu iraan kan ka’e gargaarsi abbaan isaa gochuufii

qabu jalaa danqamus, jajjabina fi gargaarsa haati isaa

qoraan gurgurtee gargaartuun gargaaramaa guddate.

Haalli mijataan dhibamus, Amaanuel barnoota isaa

sirnaan waan hordofaa tureef, kutaa 1 ffaa hanga 12 ffaa tti

sadarkaadhaan 1 ffaa ba’aa ture. Bornoota isaa kutaa 1

hanga 8 ffaa Mandii Dirree Xiyyaaraatti baratee erga

xumuree booda. Bara 2008 ALA tti qormaata kutaa 8 ffaa

qabxii ol aanaa galmeessuun gara kutaa 9 ffaa mana

barumsaa sadarkaa lammaffaa Mana Sibuu Mandiitti

darbe. Achittis kutaa 9 ffaa hanga 10 ffaa baratee erga

xumuree booda. qormaata biyyoolessaa kutaa 10 ffaa

qabxii 4:00 galmeessuun gara mana barumsaa

qophaa’inaa Mana Sibuu Mandiitti darbe. Bara 2013tti

qormaata seensa yuunversitii kan biyyoolessaa kutaa

12 ffaa qabxii ol aanaa galmeessuun carraa yuniversiitii

argate. Sana bodas filannoo isaa irratti hundaa’uun

Yuuniversiitii Haramaayaatti akka baratu erga

taasifamee booda barnoota sadarkaa olaanaaf gara

Yuniversiitii Haramayaa deeme.Turtii yuniversiitii kan

bara 2012/13 hanga 2016 tti taasiseenis, Amaanuel

akkuma baratame qabxii gudda galmeessuun sadarkaa

badhaasaan (distinction) digirii isaa jalqabaa oogummaa

150


fayyaatiin Adoolessa 9,2016 tti Yuunversiitii

Haramaayyaa irraa erga eebbifameen booda achumatti

barsiisaa akka ta’uuf filatame. Achumattis carraa

barnootaa digrii lammaffaa argatee barumsa isaa itti

fufuun ,sadarkaa baay’ee olaanaa(great distinction)

ta’een, Adoolessa 6, 2019tti eebbifame. Yeroo ammaa

kana Amaanuel Yuniversiitii Haramaayyaatti sadarkaa

Lecturer ta’een barsiisaa yuuniversiitichaa ta’ee

dalaguurratti argama.

Amaanuel barnoota isaa cinattis fedhii beekumsa garaa

garaa horachuu waan qabuuf, amantaalee haawwaasni

isaa hordofan kanneen akka Kiristaanummaa,

Isilaamummaa fi Waaqeffataa Oromoo hunda seenee

qorachaa fi barachaa ture.

8. YAADA GULAALTOTAA

1) Barsiisaa Hundumaa Amansiisaa(BSc,MSc,

barsiisaa Haramaayaa Yuniversiiti (Lecturer)):

“Kitaabni kun kitaaba ani baayyee jaalladhee

151


dha. waanan ofii barreesse natti fakkaachaan

dubbise. Miiran addunyaa kanaaf qabu sodaa

tokko malee irra ejjettee; jala sarartee; ija

keessa buruksuun barreessite. Kitaaba akkasii

dubbisuu koottis baayyee gammadeera.

2) Deebisaa Tarreessaa(BSc); Ogeessa fayyaa

muummee Faarmaasii:“Dhugaa dubbachuuf yoo

ta’e, kitaabni kun ajaa’iba hedduu of keessaa

qaba. Waantota sammuu namaa sakattaa’an

hedduutu keessatti katabamee argama. Dubbisuu

kootiinis waan hedduun hubadhe. Barruu ragaa

qabatamaa irraatti hundaa’ee dhiyaate ta’uun

isaas kitaaba kana adda isa taasisa”.

152

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!