06.11.2021 Views

Dhiifama argachuu irra isa caalu

Kitaaba barsiisa seensa kakuu haaraa (AFAAN OROMOON) YOONAAS ABBABEE akka qindeessetti.

Kitaaba barsiisa seensa kakuu haaraa (AFAAN OROMOON)
YOONAAS ABBABEE akka qindeessetti.

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

DHANGAA!

Sagaleen Waaqayyoo dhangaa jireenyaati!

Kitaabni Kun dhangaa gurguddaa amantoota amantii isaaniif akkasumas isa itti amanan

jiraachuuf beela qabaniif barreeffamte.Dhangaadha!Barsiisa namootaa Waaqayyoo addaa

addaatu akka hubatamuuf ta’utti bifa salphaadhaan Afaan Oromootiin hiikamee dhiyaatee jira.

Isaanis barnoota hundee fayyina keenyaa beekuu irraa kaasee hanga akkamiin jireenya dhugaa

isa kristiyaanni jiraachuu qabuutti of keessaa qaba.

Kitaaba kana keessa kitaabota gaggabaaboo namoota garaagaraa sadiin barreeffamantu

jira.

Isaanis:-

Timootii S.Moortoon(Dhiifama Irra isa caalu)

Maakintosh(Iddoo buufataa keessaa ba’i)

Joshual Niikeel(Afaan Ayyaanaa)

Compiled and Translated by: Yonas.A

Phone:0934292659

Email:Ifajireenyaa97@gmail.com


Kutaa 1 ffaa

DHIIFAMA

ARGACHUU IRRA isa

CAALU

Barsiisa seensa kakuu haaraa

*More than Forgiveness

Written By: Timootii S.Moortoon


Barnoota gurguddaa hiika fayyina kakuu haaraa nuuf kennan!

Lammata dhalachu:-Uumama Jijjiirame (Uumama haaraa)

Guddifamuu:-Teessoo jijjiiramaa (Iddoo mucaa ilmaa ga’aa tokkoo maatii Waaqayyo keessatti)

Qajeelummaa:-Dhaabbannaa jijjiirame (Amanaan fuula Waaqatti cubbamaa miti.)

Lakka’aamuu:-Cubbuu keenya kristoos irra kaa’uu fi qajeelummaa isaa nuuf kennuu.

Qulqulluummaa:-Amala jijjiiramaa. (Kan Waaqayyoof addaan ba’an taanee jirra)

Haraaramuu:-Hariiroo jijjiiramaa (Diina osoon taane, firoota Waaqayyoo)

Garaa ciibsuu:-Duuti Yesuus Kristoos aarii Waaqayyo cubbuu irratti qabu garaa ciibse

Furamuu:-Dhiigni Yesuus Kristoos amantoota cubbuu jalaa bitee jira.

Baafata(Contents)

Seensa ........................................................................................................................................................ I-4

I. Lammata dhalachuu (Regeneration) ................................................................................................. I-5

II. Ilmummaatti Guddifamuu (adoption).................................................................................................. I-12

III. Qajeelummaa (Justification)....................................................................................................... I-14

V. Nuuf lakkaa’amuu (Imputation) .......................................................................................................... I-21

V. Qulqullummaa (Sanctification) ........................................................................................................... I-25

II. VI. Haraarsuu (Reconciliation) ...................................................................................................... II-38

III. VII. Bakka buusuudhaan Garaa ciibsuu (Propitiation).............................................................. II-41

IV. VIII. Furamuu (Redemption) ...................................................................................................... II-43


Seensa

Mata durewwan gurguddaa saddet kan kiristiyaanni lammaffaa dhalate fayyina isaa akka hubatu

gargaaran kitaaba kana keessatti dhiyaatanii jiru.Kristiyaanonni hedduun barsiisa kakuu haaraa

sirriitti ibsu dhabuudhaan eebba hedduun dhabu.Fayyina jecha salphaa tokko qophaan

guutummaatti ibsuun in ulfaata.Amantootatti waan isaan kiristoos keessaa qaban agarsiisuuf

mata duree torba saddeetii ol macaafa Qulqulluu keessa akka jiran beekamaadha.Gochaa

Waaqayyo fayyina isaaf isaaf godhe beekuuf kiristiyaanni tokko dhugawwan kana beekuun

barbaachisaadha.Barumsa kana erga barattee booda Hojii Waaqayyo siif hojjete ni

ajaa‟ibsiifatta,bilchina hafuuraa illee ni gonfatta.Waaqayyo beekumsa lama nama irraa

barbaada;isaanis Warra biyya lafaa keessa jiran gara kiristoosiin beekutti akka dhufan kanaan ala

badiisi akka isaan aeeggatu akka beekan,warri amanan immoo yeroo amanan waan isaan irratti

ta‟e akka beekan barbaada.Macafani qulqulluun gara beekumsa sagalee isaatiitti namoota

waama.

“Nutu gargar baasee hubate akka isin hin jenneef, dhoksaa dhugaa kana akka beektan nan

barbaada…” Rom 11:25

“Yaa obboloota ko! Waa'ee kennaa garaa garaa hafuurri qulqulluun kennuu, akka hubattan nan

barbaada…”1Qor 12:1

Amantootni bara duraa waan dhaga’an waan barreeffamee waliin wal bukkee qabanii

ilaalu.Hara’a hagam keenyatu gochaa jira;moo dhaggeeffanneema jiraanna.

“Yihudoonni warri kunis warra Tasaloniiqee caalaa, warra yaada gaarii turan; dubbicha

fudhachuudhaaf qophaa'anii, waan dubbatame kun dhugaa ta'uu isaa baruudhaaf, guyyuma

guyyaatti macaafota qulqulluu in qoru turan. Isaan keessaa baay'een, Giriikota keessaas

dubartoonni beekamoonii fi dhiironni baay'een in amanan. “Hoe 17:11-12

Amantootni beeriyaa warra lallabaan jiraatan qofaa miti.Eessaa lallabame?Dhuguma dubbiin

Macaafaa akkas jedhaa?Jedhanii waan dhaga‟an hunda sagalee Waaqayyoo waliin wal maddii

qabanii ilaalu turani.Mata dureen barumsaa nuun kanaa gaditti ilaallu kan sichitti Waaqayyo

nuuf kennu osoon taane kan amanuu keenyaan battaluma nuuf ta‟aniidha.

Yeroo dhugaa kana ilaallu keessa keenyatti itti yaaduu(meditiate) goonee ittiin guddachaa

adeemuu qabna.

“Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu!

Ittis of gad dhiisi!”1Xim 4:15

Nama waa‟ee abdii nu keessa jiru kanaa nu gaafateef deebii ta‟u qabaachuu qabna.

“Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba'e kennaaf! Waa'ee

abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga'u

deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa'oo ta'aa!”1Phex 3:15


Warra kaan hubachiisuufis ga‟oo ta‟uu qabna,jireenya keenyas ittiin qajeelfanna,itti hirkannas.

“Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qullaa'ummaatti eeguu danda'a? Akka dubbii keetti

adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu in danda'a. Garaa koo guutuu sin

barbaaddadha, abboommii kee irraa akkan kaadhu hin godhin! Akkan si hin yakkineef waan

ati jette garaa koo keessa kaa'adheera.”Farf 119:11

“Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus

garaa keessanii fi yaada keessan in eega.”Fil 4:7

I. Lammata dhalachuu (Regeneration)

Jechuun jireenyi kennamuufii yookiin jireenya qooddachuu jechuudha.Kan inni ibsuu jireenya fi

eenyummaa kiristiyaanni tokko lammaffaa dhalatee kristoos keessatti uumama haaraa ta‟uu kan

ibsuudha.Jecha kana iddoo muraasatti arganna.

i “Yesus immoo, "Ani dhuguman isinitti hima, biyya lafaa ishee haaraatti ilmi namaa ulfina

isaatiin teessoo irra yommuu taa'u, isin warri na duukaa buutan immoo, teessota kudha lamaan

irra teessanii, gosa lsraa'el kudha lamaan keessatti firdii in kennitu.”Mat 19:28

ii “Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta'in, akka araara isaatiitti

dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis nu fayyise.”Tit 3:5

Barbaachisummaa lammata dhalachu

Erga kufaatii Addaamii(Uma 2-3) eegalee namni kamuu(Yesuus Kiristoos irraa kan

hafe);hafuuraan irra daddarbaa fi cubbuu isaan du‟aa ta‟ee dhaalata.

“Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka

gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal

ga'e.Utuma seerichi hin kennamin iyyuu cubbuun biyya lafaa irra jira ture; garuu lafa seerri hin

jirretti cubbuun hin lakkaa'amu. Haa ta'u iyyuu malee, bara Addaamii jalqabee hamma bara

Museetti duuni nama hundumaa irratti mo'e; warruma sanyii irra-daddarbaa Addaamiin hin

yakkin irratti iyyuu mo'eera, Addaam fakkeenya isa dhufuuf jedhu sanaa ture'o”Rom 5:12-14

“Du'uun karaa nama tokkoo akkuma dhufe, warii du'an ka'uunis karaa nama tokkoo

dhufeera.”1Qor 15:21-22

“Namni tokko hundumaaf akka du'e, kanaanis namoonni hundinuu du'uu isaanii amannee waan

fudhanneef, jaaialli Kirists nu qaba. Egaa warri jiraatan si'achi isa isaaniif jedhee du'ee, du'aa

kaafameef malee, ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, inni hundumaaf du'eera”2Qor 5:14-15

iii “Isin kanaan dura irra-daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin [karaa hafuraa] duutanii

turtan...”Efe 2:1


Kanaaf namni kamuu haaraa ta‟ee dhalachuu qaba jechudha.Kunis qajeelummaa fi jireenya

haaraatti dhalata.

“Kanaaf Yesus,"Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura

qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u.Nama

fooniittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura.”Yoh 3:5-6

Eenyuummaan kufaan inni kan Addaam dhaalamuu isaa.

Namni eenyummaa kufaa kana irraa dhufu hunduu eenyummaa haaraa waan

barbaaduuf;lammata dhalachuun daran isa barbaachise.Namni mucummaa isaatii kaasee

cubbamaadha,hamaa yaada.Dhalootaanis dheekkamsa Waaqayyoo jala jira.Kanaaf haaraa

ta‟ee dhalachuu qaba.Eenyummaa kufaa qabatanii mootummaa Waaqayyoo arguun hin

jiraatu.

“Waaqayyos foolii isa garaa ciibsu sana urgeeffatee yaada isaa keessatti, "Wanti namni

mucummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hamaa yoo ta'e iyyuu, sababii namaatiif ani

deebi'ee laficha matumaa hin abaaru, deebi'ees akkan kanaan dura godhe uumama jiraatu

hundumaa matumaa hin balleessu.”Uma 8:21

“Namni Kuush bifa isaa, qeerransis buburrina isaa geddaruu danda'aa ree? Akkasuma isin

warri waan hamaa gochuu bartan, waan gaarii gochuu hin dandeessan.”Erm 13:23

"Garaan namaa waan hundumaa irra jal'aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda'u; egaa

eenyutu isa beekuu danda'a ree”Erm 17:9

“Qotiisichi biyya lafaa ti; sanyiin gaariin ilmaan mootummaa ti; inkirdaadis ilmaan isa

hamaa ti. Diinichi inkirdaada facaase Seexana; yeroon itti midhaan sassaabamu dhuma

biyya lafaa ti; warri midhaan sassaabanis ergamoota Waaqayyoo ti. Akkuma inkirdaadi

walitti qabamee ibiddaan gubamu, dhuma biyya lafaattis immoo akkasuma in ta'a. 41 Ilmi

namaa ergamoota isaa in erga; isaanis karaa Waaqayyoo irraa waan nama gufachiisu

hundumaa, warra hamaa hojjetan hundumaas mootummaa isaa keessaa walitti in qabu,

boolla ibiddaattis isaan in darbatu. Achitti boo'ichii fi ilkaan qaruun isaan irra in ga'a. Egaa

warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu; namni gurra qabu

haa dhaggeeffatu!" jedheen.Mat 13:38-43

iv “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa

keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.”Rom 6:23

Eenyummaa kufaan kun dheekkamsa Waaqayyootiin waan dheekkamamuuf

Kunis:

1. Tokkoo tokkoo namaa irratti eenyummaa kufaan kun dheekkamsa Waaqayyoo

fida.Kanaaf lammaffaa dhalachuun daran barbaachisaadha.


2. Namni addunyaa kana irra jiru hunduu eenyummaa kufaa isa kan addaam dhaalee

jira.Kanaafuu eenyummaa haaraa isa hin faalamin,isa qulqulluu,qajeelaa isa ta‟e

waaqayyoo waliin hariiroo uumuuf isa barbaaachisa.(Uma 8:21; Erm 13:23; 17:9; Mat

13:38-42; Luq 16:23; Yoh 3:36, Mul 20:15 dubbisi).

“Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa

keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.”Rom 6:23

“Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga

beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa

kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!" jedhe”Luq 11:13

“Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin

abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa

malee" jedhe.”Yoh 3:36

“Namni Kuush bifa isaa, qeerransis buburrina isaa geddaruu danda'aa ree? Akkasuma

isin warri waan hamaa gochuu bartan, waan gaarii gochuu hin dandeessan”Erm 13:23

“Garaan namaa waan hundumaa irra jal'aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda'u;

egaa eenyutu isa beekuu danda'a ree?”Erm 17:9

“Waaqayyos foolii isa garaa ciibsu sana urgeeffatee yaada isaa keessatti, "Wanti namni

mucummaa isaatii jalqabee garaa isaatti yaadu hamaa yoo ta'e iyyuu, sababii namaatiif

ani deebi'ee laficha matumaa hin abaaru, deebi'ees akkan kanaan dura godhe uumama

jiraatu hundumaa matumaa hin balleessu”Uma 8:21

3. Uumamni hamaan fi cubbuun isa keessaa maddu fedha waaqayyyoo faallessa,

dheekkamsa Waaqayyoos isa irratti fichisiisa. (Yoh 3:18, 36; Gal 3:10; 4:18; 1 Tasa 4:5;

kkf). Warri kennaa lammata dhalachiisuu Waaqayyoo kana morman ibidda keessatti gatii

isaanii argatu. (Mul 20:15).

“Yeroo sanatti isin Kristosii wajjin homaa walittii hin qabdan turtan; waldaa ijoollee

Israa'elitti orma, kakuu abdii isaanii keessaa kan hin qabne, ofii abdii kan hin qabne,

biyya lafaattis Waaqayyo malee akka turtan yaadadhaa”Efe 2:12

“Isaan sammuun isaanii dukkaneeffameera; sababii Waaqayyoon beekuu hin

barbaanneef, sababii mata-jabina isaaniitiifis jireenya isa Waaqayyo kennu keessaa gad

baafamaniiru.”Efe 4:18

4. Gooftaan Niqodimos isa nama naamusa gaarii fi safuu beekuun akkas jedhe”lammata

dhalachuu qabdaa” jedheen. (Yohn 3:1-12).

B. Akkamiin lammata dhalatuu?

Namni yeroo wangeela dhaga’u, qalbii jijjiirratuufi amantiidhaan gara Yesuus

kiristoositti deebi’u lammata dhalata.


“Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne; isaanis

warra maqaa isaatti amananii dha.Isaan kun Waaqayyottii dhalatan malee, dhiigattii yookiis

fedha fooniittii yookiis fedha dhiiraattii hin dhalanne.”Yoh 1:12-13

“Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta'in, akka araara isaatiitti

dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu hafuura qulqulluutiinis nu fayyise”Tit 3:5

“Nuyi uumama isaa hundumaaf angafa akka taanuuf, inni akka jaalala isaatti dubbii dhugaatiin

nu dhalche. ” Yaq 1:18

“Isin sanyii baduttii utuu hin ta'in, sanyii hin badnettii sagalee Waaqayyoo isa jiraataa fi isa

akka jirutti hafuun, haaraa taatanii dhalattaniittu. ”Phex 1:23

Lammata dhalachuun kallattiidhaan maatii Waaqayyootti dhalachuudhan maatii

Waaqayyootti kallattiidhaan dabalamuudha

“Warri hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ilmaan Waaqayyoo ti.Hafuurichi isin

fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin

deebisu miti; hafuura kanaanis, "Abbaa keenya" jennee Waaqayyoon in waammanna.Hafuurri

Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta'uu keenya dhugaa in

ba'a.”Rom 8:14-16

“Abbaan jaalala guddaa attamii akka nu argisiise mee ilaalaa! Jaalala kanaan nuyi ijoollee

Waaqayyoo jedhamnee in waamamna; dhugumas nuyi ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa immoo

Waaqayyoon waan hin beekneef, nu hin beeku. Michoota ko! Nuyi amma ijoollee Waaqayyoo ti;

isa booddee immoo maal ta'uuf akka jirru mul'ataa miti. Haa ta'u iyyuu malee, yommuu inni

mul'atu inni akka jirutti isa arguuf waan jirruuf, akka isaa akka taanu beekna.”1Yoh 3:1-2

“Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne

yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii

taatan argisiiftaniin akka mo'amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!”1Phex 3:1

Yeroo namni kiristoosiin fudhatu, hafuurri isaa inni karaa addaam du’aa

ture,hafuura qulqulluudhaan lammata dhalata. (Yoh 3:6).

“Nama fooniittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura. ” Yoh 3:6

Sana booda namni kun kan addaam osoon tane kiristoos keessa ta‟ee jiraata. (Rom 8:1-

11).

Akkuma namni haadhaaf abbaa isaa irraa dhalatuuti.

(Kana jechuun qabatamaadha,lammata dhalannaan akka hin dhalatin ta‟uun hin

danda‟amu,dhalachuudhaafis gocha mataa keenyaa goonu hin qabnu-hojii Waaqayyooti)


“Kanaaf Yesus,"Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura

qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin

danda'u.Nama fooniittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura.”Yoh 3:5-6

Waaqayyoon abbaa koo jedhee waammata, Yesuus kiristoosiin obboleessa hangafaa

koo jedhee waammata.

“Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa

isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, "Abbaa keenya" jennee Waaqayyoon in

waammanna”Rom 8:15”

Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota

baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe. ”Rom 8:29( Rom 8:15-29

dubbisi)

“Isin ilmaan isaa ta'uu keessan argisiisuudhaaf, Waaqayyo hafuura ilma isaa isa, "Abbaa,

abbaa" jedhee waammatu garaa keenya keessatti erge. ” Gal 4:6

“Waaqayyo inni wanti hundinuu maqaa isaaf, isaanis jiraatu, ilmaan baay'ee gara ulfinaatti

geessuudhaaf akeekeera; kanaafis isa fayyina isaaniitiif sababii ta'eef sana, dhiphinaan,

geggeessaa waan hundumaa fiixaan baasuu gochuun hojii isaa ture.Egaa inni qulqulleessu

warri qulqulleeffamanis hundinuu kanuma abbaa tokkoo ti; sababii kanaaf inni qulqulleessu

sun "Obboloota koo" jedhee isaan waamuu hin yeella'u.Inni "Obbooloota kootti maqaa kee

nan beeksisa, waldaa keessattis sin faarfadha" jedheera. Dabalee immoo, "Ani isa nan

amanadha" akkasuma immoo, "Kunoo, ani asan jira, ijoollonni Waaqayyo anaaf kennes as

jiru" jedheera”Ibr 2:10-13

Amantoota uumama haaaraa isaan taasisa.Uumama hamaa inni waliin dhalate irratti

uumama haaraa isa moofaa inni waliin dhalate irratti kennaaf.

“Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo, inni

haaraan dhufeera”2Qor 5:17

“Uumama haaraa ta 'uutu lakkaa'ama malee, dhagna qabachuun yookiis dhagna utuu bin

qabatin hafuun waan tokkotti hin lakkaa'amu. ”Gal 6:15

Uumamni haaraan kun uumama Yesuus kiristoosiin fakkaatuudha,kan inni qabu

sanan guutama.

“Kristosii wajjin yoo duune garuu, Kristosii wajjin immoo akka jiraannu in amanna.”Rom 6:8

“Hafuurri Waaqayyoo yoo dhuguma isin keessa jiraate, isin akka fedha hafuuraatti malee akka

fedha fooniitti hin jiraattan; namni hafuura Kristos of keessaa hin qabne, kan Kristos miti.”Rom

8:9


“Kristos Yesuitti jiraachuun keessan Waaqayyo biraa ta'e; Waaqayyo Kristosin ogummaa

keenya nuuf godhe. Isumaan qajeelota taanee, Waaqayyoof qulqulloofnee in furamna”1Qor 1:30

“Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma

fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti

amanuudhaan nan jiraadha.”Gal 2:20

“Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka

deddebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne.”Efe 2:10

“Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin

uumame uffadhaa!”Efe 4:24

“Kennaa kanaan isin badiisa, isa sababii kajeellaa fooniitiif biyya lafaa kana keessa jiru jalaa

baatanii, dhagna hafuuraa isa kan Waaqayyoottii hirmaattuu akka taataniif abdiin gatijabeeyyiinii

fi gurguddoonni nuuf kennamaniiru.”2Phex 1:4

Erga uumamni haaraan kun uumama isa kan kiristoos ta’ee,uumama isa kan addaam

sana irraa matumaa addadha jechuudha. (Rom 6-8 dubbisi)

“Ani garuu, "Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!" nan

jedha.Fedhi foonii hafuuraan in morma; hafuurris fooniin in morma; isin waanuma jaallattan

akka hin gooneef, isaan kun lamaan waliin in mormu.”Gal 5:16-17

“Soba walitti hin dubbatinaa!Namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa

baaftaniittu.Namummaa haaraas uffattaniittu; inni hubannaa isa akka fakkaattii isaatti isa uume

bira ga'uudhaaf yeroo hundumaa haareffamuutti jira!”Qol 3:9-10

Kiristiyaanni kamuu gara eenyummaa isaa kanatti guddachuu qaba.Isa moofaa

sanaaf iddoo kennuu hin qabu.

“Gooftaa Yesus Kristosin akka uffata sibiilaatti uffadhaa malee, hawwa namummaa foonii

raawwattanii isas gammachiisuudhaaf garaa hin kenninaa!”Rom 13:14

“Egaa warri jiraatan si'achi isa isaaniif jedhee du'ee, du'aa kaafameef malee, ofii isaaniitiif

akka hin jiraannetti, inni hundumaaf du'eera.”2Qor 5:15

“Yaa michoota ko! Abdii kana erga qabaannee, kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura

keenya xureessuttii of in qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis

qulqullummaa fiixaan in baafannaa.”2Qor 7:1

“Ani garuu, "Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!" nan

jedha”Gal 5:16


“Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf

yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana

dharra'aa! ” 1Phex 2:2

“Ayyaana gooftaa keenyaatti; fayyisaa keenya Yesus Kristosin beekuuttis guddadhaa! Bara

si'anaatti guyyaa bara baraattis isaaf ulfinni haa ta'u! ” 2Phex 3:18

C.Lammata dhalachuun waan dhaabbataadha

Jireenyi kiristiyaanni argate jireenya kiristoos waan ta’eef kan barabaraati..

“Kunis ilma namaatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf ta'a."Waaqayyo,

akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu

hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”Yoh 3:15-16

“Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya

bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.”Mat

5:24

“Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus hundinuu, jireenya bara baraa akka

qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du'aa isa nan kaasa. Ana buddeenni jireenyaa.

“.Yoh 6:40 fi 48

“Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee

harka koo keessaa isaan hin butatu. 29 Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra

guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan butachuu hin danda'u.Abbaanii fi ani

tokko isaaniin jedhe.”Yoh 10:28-30

“Amma garuu cubbuu jalaa luba baatanii hojjetoota Waaqayyoo taataniittu, kunis

qulqullummaadhaaf ija isiniif godhata, gara dhumaattis jireenya bara baraatti in geessa.”Rom

6:22

“Abdiin inni nu abdachiise isa kana; innis jireenya bara baraa ti”1Yoh 2:25

“Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa

kunis ilma isaa keessatti argama.Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma

Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu. Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan,

jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe.”1Yoh

5:11-13

Hariiroon abbummaa fi ilmummaa Waaqayyoo fi amanaa gidduu jiru gonkumaa kan

cabuu hin dandeenyeedha.Mucaa waaqayyoo ta’ee hafa. (Yoh 10:28-30).

Sanyii hin badne irraa dhalatani,isa barabaraan jiraatu irraa.(1 Phex 1:23).


II. Ilmummaatti Guddifamuu (adoption)

Guddifamuun Waaqayyo iddoo mucaa ilmaa warra lammaaffaa dhalatan kanaaf kennuu isaa kan

agarsiisuudha.Kunis Dhaaltuu isa gochuudhaafi.

A. Akkaataa itti dhimma ba’ame.

I. Hiika ammayyaa isa mucaa maatii biro keessatti dhalate tokko fuudhanii maatii biroo

keessa kaa‟uu kiristaanonni hiika namaan galle ta‟e kana fayyadaman jiru. Waa‟ee

lammaffaa dhalachuu (regeneration) irratti hin fulleeffanne yoo ta‟aadha. Mucaan maatii

tokkotti guddifachaan dabalame, dhiigaan isaan hin fakkaatu bifa uumamaan maatiima

irra dhalate fakkaata amanaan(kiristaanni) tokko garuu maatii waaqayyotti dhalata malee,

fuudhamee keessa ka‟ame miti

II.

Guddifamummaan jecha haariiroo (relationship) osoon taane jecha qabiyyee ykn

bakka(position) ibsuudha.Maticha keessa iddoo qabachuusaa ibsa malee,akkamittiin

amanaan maatii waaqayyoo akka ta‟eef ibsaa kan nuuf kennu miti. Garuu dhugaa

amanaan erga maatii waaqayyootti lammaaffaa dhalachuun argate ibsaa.’’Nuyi amma

ijoollee waaqayyootii’’1Yoh 3:2

B.Guddifachuun akkamiin argame .

Waaqayyo osoo nama tokko illee gara maatii isaatti hin dabalin sababa cubbuu

isaaniif adaba cubbuu isaanii kan baasu kiristoos irra kaa’e.Karaa kanaan gootaan

lammata dhalachuu fi ilmummaa argamsiise.

“Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa

sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, "Abbaa keenya" jennee Waaqayyoon in

waammanna.Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta'uu

keenya dhugaa in ba'a. ”Rom 5:15-16

“Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo ilma isaa erge; innis yeroo ergame

dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame.Inni warra seera jala jiran furuudhaaf, nuyis ilmaan

Waaqayyoo taanee akka guddifamnuuf kana godhe.Isin ilmaan isaa ta'uu keessan

argisiisuudhaaf, Waaqayyo hafuura ilma isaa isa, "Abbaa, abbaa" jedhee waammatu garaa

keenya keessatti erge.”Gal 4:4-6

C. Badhaadhummaa ilmummaa.

Amanaan abbaa isa jaallatu qaba (1 John 4),

Kan isaaf yaadu qaba.

“Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!”1Phex

5:7


Kan isa eegu qaba.

“Kana hundumaa irratti Waaqayyo gara keenya erga ta'ee, eenyutu nu irratti ka'a jenna

ree?”Rom 8:31

Kan isa sirreessu qaba.

“Sagalee gorsaa isa Waaqayyo akka ilmaaniitti isinitti dubbatu irraanfattaniittuu ree?

Inni,"Ilma ko! Gooftichi si barsiisuudhaaf yommuu si adabu, salphaatti hin ilaalin; adabee

yommuu si qajeelchus garaa hin kutatin!Gooftichi nama jaallatu barsiisuuf in adaba,nama akka

ilmaatti fudhatus in reeba" in jedha.Isinis barsiifamuudhaaf adaba kana obsaan danda'aa!

Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta'u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin

adabne immoo isa kam ree?Adaba hundinuu barsiifamuudhaaf argatan keessaa, utuu hin

argatin yoo haftan garuu isin ilmaan abbaa hin beekamneettii dhalattan malee, dhuguma ilmaan

isaa hin taatan. 9 Kana malees, abboota lafa kana irratti barsiisuuf nu adaban qabna; nus isaan

in safeeffanna. Abbaa keenya isa hafuuraaf immoo caalchifnee abboomamnee jireenya

argachuun nuuf hin ta'uu ree? Isaan sun bara gabaab-duudhaaf akka isaanitti gaarii fakkaatetti

barsiisuudhaaf nu adaban; inni kun garuu qulqullummaa isaa keessaa qooda qabaachuuf akka

waa'ee nuuf baasutti barsiisuuf nu adaba. Adabni barsiisuudhaaf kennamu yeroo sanaaf kan

nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu; booddee garuu warra itti baraniif

ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in ta'a.”Ibr 12:5-11

Akka isa hin dhiisneefis kakuu qaba.

“Sagalee gorsaa isa Waaqayyo akka ilmaaniitti isinitti dubbatu irraanfattaniittuu ree?

Inni,"Ilma ko! Gooftichi si barsiisuudhaaf yommuu si adabu, salphaatti hin ilaalin; adabee

yommuu si qajeelchus garaa hin kutatin!Gooftichi nama jaallatu barsiisuuf in adaba,nama akka

ilmaatti fudhatus in reeba" in jedha.”Ibr 10:5-6

Qulqullootaa fi warra mana waaqayyoo waliin lammii tokko taaneerra.Dhaaltuu

Waaqayyoo kiristoosiin wajjiniiti.

“Egaa isin si'achi warra Waaqayyoof qulqullaa'anii wajjin warra biyyaa, warra mana

Waaqayyootis malee, orma, nama biyya diidaas miti.”Efe 2:19

“Nuyi ijollee Waaqayyoo erga taanee, warra waan hundumaa argatan in taana; waan kana

hundumaas Waaqayyo biraa in arganna; Kristosii wajjin erga dhiphannee, isaa wajjin immoo

ulfaachuudhaaf, waan Kristos argatu hundumaas isaa wajjin in arganna.”Rom 8:17

Hafuura guddifamuutu isa irra jira. Akkuma Rom 8:17 irratti arginu, amanaan mucaa

Waaqayyoo akka ta‟e kan isaaf dhugaa ba‟uudha.Abbaa abbaa jedhe kan

waammatuudha.Hafuurri kun gaafa dhufa gooftaas qaama amanaa kan du‟aa kaasuudha.

(Romans 8:11; 1 Corinthians 15:51-52; Galatians 4:4-6;Philippians 3:21; 1

Thessalonians 4:13-18).


“Hafuurri Waaqayyoo inni Yesusin warra du'an keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, inni

Kristosin warra du'an keessaa kaase, hafuura isaa isa isin keessa jiraatuun, dhagna keessan isa

du'us immoo in jiraachisa.’Rom 8:11

“Nuyi hundumti keenya in geddaramna malee, hin duunu; dhoksaan ani isinitti himuuf jedhes isa

kana.Malakanni inni dhumaa yommuu afuufamu, battala liphsuu ijaatti in geddaramna;

malakanni in afuufama, warii du'an immoo bifa hin badneen in kaafamu. ”Qor 15:51-52

“Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo ilma isaa erge; innis yeroo ergame

dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame.Inni warra seera jala jiran furuudhaaf, nuyis ilmaan

Waaqayyoo taanee akka guddifamnuuf kana godhe.Isin ilmaan isaa ta'uu keessan

argisiisuudhaaf, Waaqayyo hafuura ilma isaa isa, "Abbaa, abbaa" jedhee waammatu garaa

keenya keessatti erge.”Gal 4:4-6

“Inni humna isaatiin bifa dhagna keenyaa isa gad deebi'aa diddiiree, akka dhagna isaa isa

ulfina-qabeessaa gochuu in danda'a; humna kanaanis waanuma hundumaa of jala in

galeha”Gal 3:21

Waaqayyo duraan dursee yaadaan qabuudhaan amantootni ilma isaa Yesuus

kiristoosiin akka fakkatan fi akka ilmaan isaatti akka itti mula’atu waadaa galeera. (

“Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf

angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.”Rom 8:29

“Waaqayyo, karaa Yesus Kristos ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf, akka fedha isaa isa

gaariitti yaadaan nuuf qabeera.”Efe 1:5

D. Guddifamuu isa xumuraa

(The Final Adoption)

1.Yoo amma amantootni ijoollee Waaqayyoo warra dhugaa ta‟an illee (1 Yoh 3:1-3),Waaqayyo

guutummaan guututti akkasiin in mul‟anne.Haa ta‟u malee “Hafuura isaa nuuf

kennuun”("firstfruits of the Spirit") mirkaneessa isaati. Tuqaan baayyee guddifamuu irratti

xiyyeeffatu ,guyyaa gooftaan Yesuus dhufu qaamni amantootaa furamee akka qaama isaa ta‟uu

isaati. (Filph 3:21).Guyyaa sanatti Waaqayyo ifaaf ifatti ijoollee isaa fi warra ilmummaatti

guddifaman kana uumama hundumaatti agarsiisa. (Rom 8:23; 1 Qor 15:35, 51-53; 2 Qor 5:1-4).

III.

Qajeelummaa (Justification)

Qajeelummaa jechuun kan waan ittiin hadheeffamu hin jirre ta‟uun labsamuudha.Kun dhimma

seeraa fi mana murtii bakka Waaqayyo amantootni kiristoos Yesuus keesatti qajeelota ta‟uu


isaanii labseedha.Cubbuun amantootaa irraa fuudhamuu qofa osoon taane,qajeelummaa kiristoos

uffachuu amantootaati. Amananaan ofii isaatiin qajeelaa ta‟e osoon taane kristoos qofa keessatti.

A. Rogawwan qajeelummaa lamaan(The Two Aspects Of Justification)

Qajeelummaan rogawwan addaa addaa lama qaba:

Dhiifamuu (The forgiveness) haqamuu, irraa fuudhamuu cubbuu amantootaa.

Qajeelummaa Yesuus Kiristoos Uffachuu amantootaa(Imputation of God‟s

righteousness).

Tokkoffaa:-Akkuma duratti ibsame namni walumaa galatti fayyina akka cubbuun dhiifamuufiitti

yaada.Waaqayyo garuu namaaf cubbuun dhiifamuufii irra kan caalu akka isa barbaachisu

beeka.Yoo fayyinni dhiifama qofa ta‟e amanaan amma illee eenyummaa cubbuutti hidhamee

cubbuu dhiisuu hin danda‟u jechuudha.Cubbuun isaa dhiifameeraaf ta‟ee iyyuu amma illee ija

Waaqayyootiin bakka nama cubbamaatti ilaalama jechuudha. Waaqayyo garuu fayyina

dhadhabaa fi in rakasa kana amantootaaf hin barbaadne.Isa cubbuu isaanii irraa kaasu qofa osoon

taane kan qajeelummaa isaa hiruufis nuuf kenne-bakka buusuudhaan (Imputed) karaa biraa

qajeelummaa ofii isaatii nutti uwwise.(Qajeelummaa isa kan fariisotaa fi saaduqootaa irra caalu

nuuf kenne).Yeroo amantoota ilaalu cubbamaa cubbuun isaa dhiifameef yookiin nama cubbuu

irraa bilisa ba‟e ta‟e ilaala miti.Qulqulluu guutummaatti mudaa hin qabne,kan qajeelummaa

kristoos Yesuus ilma isaatii uffate arga malee.

“Namni Yesus Kristositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa in ta'a; kana irrattis

warra amanan hundumaaf garaa garummaan hin jiru.Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos

isaanitti hir'ateera.Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola

isaaniif kennameen, qajeelota in ta'u. Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti

amananiif mi'a araaraa haa ta'uuf, Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta'e

mul'isuudhaaf kana godhe; obsa isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra

darbeeraaf..Bara sanaattis Waaqayyo qajeelummaa isaa argisiisuuf inni ofii isaa qajeelaa ta'uu

isaa, nama Yesusitti amanus qajeelaa gochuu isaa mul'iseera.”Rom 3:22-26

“Qajeelummaa isa Waaqayyo kennu wallaalanii, qajeelummaa mataa isaanii dhaabbachuu

yaalaniiru; qajeelummaa isa Waaqayyo namaaf kennu jalas of hin galchine.Kristos nama amanu

hundumaa gara qajeelummaatti geessuudhaan seericha iddoodhaan in ga'a.”Rom 10:3-4

“Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf

jedhee cubbamaal isa godheera.”2Qor 5:21

“Amma garuu Waaqayyo du'a namummaa ilma isaatiin isin araarsee, warra isaaf qulqullaa'an,

warra mudaa hin qabne,warra balleessaa hin qabnes gohbee, of dura isin dhaabachiiseera.”Qol

1:22

Lammaffaa:-Jechi qajeelummaa(baalchaa) jedhu kun Waaqayyo qajeelummaa bakka

buusuun(imputing) amanaaf lakkaa‟uu qofa dubbata.Haa ta‟u malee kritiyaanonni qajeelummaa


laakkawwata qofa osoon taane,of keessaas qaba.Amala uumama nuun Waaqayyoo irraa

hirmaanneeti("divine nature" )Yerooma amananne fudhanne (2Phex 1:4; lammata dhalachuu

ilaali). Waa‟ee qajeelumma hirmaatame(imparted righteousness) kanaa barumsa waa‟ee

qajeelummaa jalattis in ilaalla.

“Kennaa kanaan isin badiisa, isa sababii kajeellaa fooniitiif biyya lafaa kana keessa jiru jalaa

baatanii, dhagna hafuuraa isa kan Waaqayyoottii hirmaattuu akka taataniif abdiin gatijabeeyyiinii

fi gurguddoonni nuuf kennamaniiru.”1Phex 1:14

B. Akkaataa Qajeelummaan itti argame

Qajeelummaan hojii seeraa kam irraa iyyuu adda( abboommii kurnan,sanbata,lallaba

gaara irraa,ajaja isa Warqee),garuu kan inni argamu hojii yesuus kiristoos isa

xumuramaa amantiidhaan fudhachuudhaanfi dhiiga Yesuus kiristoosiin qofa. (Rom 3:21-

30, 5:1-9).

Seera museen osoon taane Yesuusiin amanuudhaan

Kanaafis karaa Yesus isa du'aa ka'e kanaan dhiifamuun cubbuu isinitti in lallabama.Irradaddarbaa

seera Museetiin ittii hiikamuu hin dandeenye, hundumaattiis hiikamuun isumaan

akka argamu isin biratti haa beekamu, yaa obboloota ko! Yesusitti kan amanu hundinuu hiikama

in argata”Hoe 13:38-39

“Ani wangeelatti hin yeella'u, inni humna Waaqayyo isa warra amantii qaban hundumaa,

duraan dursee warra Yihudootaa akkasumas warra Giriikotaa fayyisuu dha. Qajeelummaan

Waaqayyo namaaf kennu amantii irra in dhaabata gara amantiittis nama in geessa. Kunis

wangeela keessatti in mul'ata; akkuma caafamee jiru immoo, "Namni amantiidhaan fuula

Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in jiraata.”Rom 1:16-17

“ Amma garuu karaa seerichaa utuu hin ta'in karaan namni ittiin qajeelaa ta'u Waaqayyo biraa

mul'ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba'aniiru.Namni Yesus Kristositti

amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa in ta'a; kana irrattis warra amanan hundumaaf

garaa garummaan hin jiru.” Rom 3:21-22

“Namni akka seerri abboomutti hin hojjenne garuu Waaqayyo irraa fagaachuu isaa beekee,

Waaqayyo isa qajeelaa nama godhutti yoo amane, amantiin isaa qajeelummaatti in

lakkaa'amaaf.”Rom 4:5

“Kristos nama amanu hundumaa gara qajeelummaatti geessuudhaan seericha iddoodhaan in

ga'a.”Rom 10:4

“warri hatan, warri sassatan, warri machaa'an, warri maqaa namaa balleessan, warri nama

saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.Isin keessaa kaan warra akkasii turan,

garuu maqaa gooftaa Yesus Kristosiin, hafuura Waaqayyo keenyaatiinis cubbuuttii


dhiqattaniittu, warra Waaqayyoof qulqullaa'an taataniittu, Waaqayyo durattis qajeelota

taataniittu”1Qor 6:10-11

“Utuma ta'uu iyyuu namni tokko illee Yesus Kristositti amanuudhaan malee, wanta seerri isa

irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyoon duratti qajeelaa ta'ee akka hin lakkaa'amne in

beekna. Nuyi wanta seerri nama irraa barbaadu hojjechuudhaan utuu hin ta'in, Kristositti

amanuudhaan qajeelota taanee akka lakkaa'amnuuf, Kristos Yesusitti amanneerra; wanta seerri

nama irraa barbaadu gochuudhaan namni tokko illee qajeelaa ta'ee hin lakkaa'amu. ”Gal 2:16

“Waaqayyo warra saba isaa hin ta'in amantiidhaan qajeelota gochuuf akka jiru duraan dursee

caaffata qulqullaa'aa keessatti dubbachiiseera; inni Abrahaamiin "Sabni hundinuu siin in

eebbifamu" jedhee duraan dursee misraachoo itti himeera”Gal 3:8

“ Egaa seerri abdii Waaqayyo abdachiiseen in mormaa ree? Kun matumaa hin ta'u! Seerri

nama jiraachisuu danda'u utuu kennameera ta'ee, seera eeguudhaan qajeelummaan in argama

ture.Abdiin Yesus Kristositti amanuudhaan akka argamuuf kenname, warra isatti amananiif akka

raawwatamuuf, caaffanni qulqullaa'aan waan hundumaa cubbuu jalatti boojisiise.”Gal 3:21 fi

22

Yoo namni seera eeguudhaan yookiin hojii gaariidhaan qajeelaa ta’u jiraate yesuus

kiristoos akkasumaan du’e jechuudha. (Gal 2: 21, 3:24).

“Ani ayyaana Waaqayyoo gatii hin dhabsiisu; namni qajeelaa ta'ee lakkaa'amuun seeraan utuu

ta'ee; yoos Kristos akkasumaan du'e kaa!”Gal 2:21

“Nuyi amantiidhaan qajeelota taanee akka lakkaa'amnuuf, seerri adabduu keenya isa gara

Kristositti nu geessu ture”Gal 3:24

Sababii Waaqayyo seera namaa kenneef cubbuu isaa itti agarsiisuufi.

Safara qajeelummaaa Waaqayyoo guutuu akka hin dandeenye nutti agarsiisuuf seera

kenne.Cubbamaan erga kana addaan baafatee booda,kaayyoon isaa fayyinaaf gara kristoositti

geggeessuudha.. Luqqisiwwan armaan olii(Rom 3:20; Gal 3:24) irraa deebi‟ii dubbisi.

C. Hamma Qajeelummaa (The Extent of Justification)

1. Namoonni baayyeen fayyinni nama akkataa Addaam isa duraatti deebisa jedhanii amanu;kun

haala nama cubbu maleessa godhu jechuudha.Kun ammas dhiifamuu qofarra dhaabbata.Cubbu

maleessa(innocence) ta‟uu fi dhiifamuun cubbuu tasumaa waa‟ee qajeelummaa hin

ibsan.Akkuma Addaam cubbuu tokkittiidhaan cubbu maleessummaa isaa balleessee nuuf

mirkaneesse.Faallaa isaa amanaan qajeelaa ta‟e waan Addaam keessatti dhabe irra kan caalu

kristoos keessatti argata.


“Akkuma abboomamuu diduu nama tokkootiin baay'een cubbamoota ta'an, abboomamuu nama

tokkootiin immoo akkasuma baay'een qajeelota in ta'u.Seerri irra-daddarbaa baay'isuudhaaf

gidduu lixe; garuu lafa irra-daddarbuun baay'atetti immoo ayyaanni Waaqayyoo caalaatti

baay'ate.”Rom 5:19-20

2. Akkuma armaan olitti ibsame qajeelummaan dhiifamuu cubbuu fi haqamuu cubbuu keenyaa(

remission) hammata.

“Raajonni hundinuu, namni isatti amanu hundmuu maqaa isaatiin dhiifamuu cubbuu akka

argatu, isaaf dhugaa ba'aniiru" jedhe.”Hoe 10:43

“Isinis irra-daddarbaa keessanii fi dhagna-qabaa dhabuu foon keessaniif hafuuraan du'oo yoo

taatan iyyuu, Waaqayyo akka isin Kristosii wajjin jiraatoo taatan godheera; irra-daddarbaa

keenya hundumaas nuuf dhiiseera.”Qol 2:13

Garuu asumatti dhaabbata miti; kan inni qabatee deemutu jira innis “qajeelummaa

Waaqayyoo”("the righteousness of God") ti.Kun kan amantootni dhabuu danda‟an

miti;sababni isaa haala waliin kan kenname waan hin ta‟iniifi.Mee luqqisiwwan kana sirriitti

dubbisi.

“Irra-daddarbaa nama tokkootiin, sababii nama tokkicha sanaaf duuni erga mo'ee, warri

qajeelummaa argatan immoo Yesus Kristos namicha tokkicha sanaan hammam guddaa

caalchisanii jireenyatti haa mo'an ree! Isaan ayyaana Waaqayyoo fi kennaa tolaa hamma isaan

irraa hafutti fudhataniiru. Egaa akkuma irra daddarbuun nama tokkichaa nama hundumaatti

yakka mursiise, qajeelchuun nama tokkoo immoo namoota hundumaa firdii qajeelummaa

argachiisee in jiraachisa.Akkuma abboomamuu diduu nama tokkootiin baay'een cubbamoota

ta'an, abboomamuu nama tokkootiin immoo akkasuma baay'een qajeelota in ta'u. Seerri irradaddarbaa

baay'isuudhaaf gidduu lixe; garuu lafa irra-daddarbuun baay'atetti immoo ayyaanni

Waaqayyoo caalaatti baay'ate.Akkuma cubbuun karaa du'aa mo'e, ayyaannis karaa gooftaa

keenyaa Yesus Kristos gara jireenya bara baraatti nu geessuudhaaf qajeelummaadhaan in

mo'a”Rom 5:18-21

“Garboota cubbuu yommuu turtan, qajeelinaa fi abboomamuu jalaa baatanii turtan. Egaa hojiin

keessan yeroo sanaa ija attamii kenne ree? Ija inni kenne sanatti amma yeella'aa jirtu;wanti kun

hundinuu gara dhumaatti du'atti in geessa.Amma garuu cubbuu jalaa luba baatanii hojjetoota

Waaqayyoo taataniittu, kunis qulqullummaadhaaf ija isiniif godhata, gara dhumaattis jireenya

bara baraatti in geessa.Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kristos

Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.”Rom 6:20-23

“Kristos Yesuitti jiraachuun keessan Waaqayyo biraa ta'e; Waaqayyo Kristosin ogummaa

keenya nuuf godhe. Isumaan qajeelota taanee, Waaqayyoof qulqulloofnee in furamna.”1Qor

1:30


“Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf

jedhee cubbamaal isa godheera.”2Qor 5:21

3. Amanaan yeroo kiristoosiin amanu du‟a ofii hin du‟in fudhata,waan seerri isa irraa barbaadu

abaarsa isaa fiixaan baasee abaarsa jalaa isa baasa.

“Kristos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta'uudhaan, abaarsa isa seerichi nutti fidu jalaa nu

fureera; akkuma caafame, "Namni mukatti rarraafame abaaramaa dha" in jedha”Gal 3:13

Jireenya ofiin hin jiraatin ,jireenya qajeelinaafi fi qajeelummaa kan Waaqayyo qofti kennu

argata.Kanaaf kristiyaanni kam iyyuu hirmaattuu du‟aa fi du‟aa ka‟uu kristoosiiti.Iddoon inni

fuula Waaqayyootii qabu kan fayyisaa isaa isa ta‟e cubbuu jalaa du‟ee,qajeelummaaf

jiraata.(Rom boqonnaa 6)

“Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma

fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti

amanuudhaan nan jiraadha. ” Gal 2:20

4.Amanaan karaa seeraa cubbuu jalaa fuula Waaqayyootti yoo du‟e iyyuu,qaamaan hin

duune.Kun immoo amma illee cubbuu hojjechuu isa dandeessisa.Dandeettiin cubbuu hojjechuu

kun bakka amaan fuula Waaqayyootti qabu jalaa hin balleesu.Fuula Waaqayyootti namummaa

moofaan sun barabaraan du‟aadha,namni du‟aan immoo cubbuu hin hojjetu.Waaqayyo

kiristiyaanonni hunduu cubbuu akka hin hojjenneef akkasitti akka of lakka‟u barbaada.(Rom

5:17-18, 6:11-14, 8:10;Gal 2:19-20; Col 3:3; 1 Peter 2:24).

“ Irra-daddarbaa nama tokkootiin, sababii nama tokkicha sanaaf duuni erga mo'ee, warri

qajeelummaa argatan immoo Yesus Kristos namicha tokkicha sanaan hammam guddaa

caalchisanii jireenyatti haa mo'an ree! Isaan ayyaana Waaqayyoo fi kennaa tolaa hamma isaan

irraa hafutti fudhataniiru.Egaa akkuma irra daddarbuun nama tokkichaa nama hundumaatti

yakka mursiise, qajeelchuun nama tokkoo immoo namoota hundumaa firdii qajeelummaa

argachiisee in jiraachisa. ”Rom 5:17-18

Isinis immoo akkasuma akka warra cubbuu jalaa du'anii, karaa Kristos Yesus Waaqayyoof

jiraataniitti of lakkaa'aa!Ammas cubbuun warra kajeellaa fooniitiif abboomaman akka isin hin

godhannetti, dhagna keessan isa du'e keessatti isa hin moosisinaa! 13 Bu'aa dhagna keessanii

mi'a jal'inaa gochuudhaaf harka cubbuu jala hin galchinaa! Garuu akka namoota warra du'a

keessaa ba'anii jireenya argataniitti, Waaqayyoof of kennitanii, bu'aa dhagna keessanii mi'a

qajeelinaa gochuudhaaf harka Waaqayyoo jala galchaa! Isin seera jalatti qabamtanii kan

jiraattan utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo jala waan jiraattaniif cubbuun isin irratti

gooftummaa hin qabaatu.”Rom 6:11-14

“Kristos isin keessa erga jiraatee, dhagni keessan sababii cubbuutiif du'aa yoo ta'e iyyuu,

sababii qajeelummaa argattaniif hafuurichi jireenya isiniif ta'a.”Rom 8:10


“Ani Waaqayyoof jiraachuudhaafan karaa seeraa, seera jalaa du'e; ani Kristosii wajjin

fannifameera. Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya

ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf

kennetti amanuudhaan nan jiraadha.”Gal 2:19-20

“Isin duutaniittu; jireenyi keessan Kristosii wajjin Waaqayyo keessa dhokateera.”Qol 3:3

“Namni Waaqayyoon yaadachaa miidhama sababii malee isa irra ga'u yoo baate, ayyaana in

argata.”1Phex 2:19

5. Ammas qajeelummaan Waaqayyoo waliin nagaa nuuf kenna.Seerri inni amantoota abaare sun

karaa kiristoos waan inni nu irraa fedhu fiixaan baafamee raawwatee Waaqayyoo fi nu gidduu

diinummaan hin jiraatu.Amanaan wabii lammata dheekkamsa Waaqayyoo akka hin

argine;hunduu kiristoos irratti akka dhangala‟e hubatee boqochuu danda‟a.(Rom 5:1-10; Qol

1:20)

“Deebi'uun keessanis ilma isaa isa waaqa irraa dhufu, isa inni warra du'an keessaa kaase Yesus

isa dheekkamsa dhufu jalaa nu oolchu eeggachuudhaaf”1Tas 1:10

“Waaqayyo karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos fayyina akka argannuuf malee dheekkamsaaf

yaadee nu hin qopheessine.”Qol 5:9

D. Qajeelummaan kee sirraa kan mulqamu miti.

Qajeelummaan Waaqayyo amantootaaf kenne kun kan

fayyisaan sun fayyisaa barabaarti

barabaraati.Sababni isaa

“Ani Alfaadha Omeegaa dha, isa duraati isa booddee ti, isa jalqabaati isa dhumaatis"

jedhe.”Mul 22:13

Furamuun keenya furamuu barabaraati.

“Kristos aarsaadhaaf dhiiga re'ootaa fi dhiiga jibootaa baate utuu hin ta'in, dhiiga ofii isaa

dhangalaasuu isaatiin al tokko bara baraan gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti ol

gale; nuufis furee bara baraa argate”Ibr 9:12

Fayyiinni fayyina barabaraati

“Inni isa waan hundumaa fiixaan baase ta'ee erga argamee immoo warra isaaf abboomaman

hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta'e.”Ibr 5:9

Jirenyichis jireenya barabaraati,barabaraan baduu hin dandeenyu.


“Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee

harka koo keessaa isaan hin butatu.” Yoh 10:28

Kana caalaa qulqulloonni cubbuu irraa bilisa waan ta‟aniif kiristoos keessattis qajeelota.

“Warra Waaqayyo fo'ate eenyutu hadheessa ree? Erga Waaqayyo akka waan balleessaa hin

qabneetti isaan lakkaa'ee, kan hadheessu hin jiru.Eenyutu itti farada ree? Erga Kristos Yesus

du'ee kaafamee immoo gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatee, kan itti

faradu hin jiru.” Rom 8:33-34).

Erga Inni qulqulluun,qajeelaan,guutuun,fi Waaqni barabaraa waan mudaa qabu tokko illee

dhaabbii keenya isa nuun Kristoosiin qajeelota taane irra hin barbaadu ta‟ee eenyutu nu

hammeessuu danda‟a?

V. Nuuf lakkaa’amuu (Imputation)

Lakka‟amuu jechuun wanta tokko bakka nama tokkoo buusuudha.Waa‟ee namatti waa lakkaa‟uu

Filmon 18”anatti lakka’adhu” jedha.

“Inni waa sitti balleessee yoo jiraate yookiis gatii yoo isa irraa qabaate anatti lakkaa'i.”Fil 18

Waa’ee cubbuu fi fayyinaa ilaalchisee lakka’amuu sadiitu Macaafa Qulqulluu keessa jira.

Cubbuun Addaam cubbuu nama hundaa ta‟ee lakka‟amuu.

Cubbuun Addunyaa hundaa Kristoos Yesuus itti lakka‟amuu.

Qajeelummaan Waaqayyoo amantootaaf lakkaa‟amuu.

A. Cubbuun Addaam Cubbuu dhala namaa hundaa ta’uu.

Yeroo Addaam abboomamuu didee muka beekumsaa sana irraa nyaate;du‟a ofii isaa

qofa irratti fide miti.Sanyii isaa hundumaa irratti du‟a fide malee.Addaam namni jalqabaa

kun sanyii namaa hunda bakka bu‟a.

“Dubartittiinis iji mukichaa nyaataaf gaarii ta'uu isaa, ija namaatti kan tolu, ogeessa nama

gochuudhaafis gomjaasisaa ta'uu isaa argitee, ija isaa irraa kutattee in nyaatte; abbaa manaa

ishee isa ishee wajjin tureefis immoo in laatte, innis in nyaate”Uma 3:6

Namni sababii cubbuu ofii haaraa godhee hojjeteef osoon taane sababii cubbuu Addaam

tokkichaa dhaaleef malee. Mee kutaa dheeraa kana obsaan dubbisi.

“Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka

gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e. 13

Utuma seerichi hin kennamin iyyuu cubbuun biyya lafaa irra jira ture; garuu lafa seerri hin

jirretti cubbuun hin lakkaa'amu.Haa ta'u iyyuu malee, bara Addaamii jalqabee hamma bara

Museetti duuni nama hundumaa irratti mo'e; warruma sanyii irra-daddarbaa Addaamiin hin


yakkin irratti iyyuu mo'eera, Addaam fakkeenya isa dhufuuf jedhu sanaa ture'o.Kennaan

Waaqayyo tola kenne garuu, akka irra-daddarbaa sanaa miti. Namoonni baay'een irradaddarbaa

nama tokkootiin yoo du'an, ayyaanni Waaqayyoo fi kennaan tolaa inni isa irra

guddaa caalu immoo Yesus Kristos namicha tokkicha sanaan namoota baay'eedhaaf in

argama.Wanti kennaan Waaqayyoo inni tolaa kun fidu immoo, akka isa cubbuun nama tokkoo

fide sana miti. Irra-daddarbaa namicha tokkicha sanaa irratti firdiitu kenname; firdichis yakka

kan muru ture. Irra-daddarbaa namoota baay'ee irratti garuu kennaa tolaatu kenname kennaan

sunis qajeelummaatti kan geessu ture.Irra-daddarbaa nama tokkootiin, sababii nama tokkicha

sanaaf duuni erga mo'ee, warri qajeelummaa argatan immoo Yesus Kristos namicha tokkicha

sanaan hammam guddaa caalchisanii jireenyatti haa mo'an ree! Isaan ayyaana Waaqayyoo fi

kennaa tolaa hamma isaan irraa hafutti fudhataniiru.Egaa akkuma irra daddarbuun nama

tokkichaa nama hundumaatti yakka mursiise, qajeelchuun nama tokkoo immoo namoota

hundumaa firdii qajeelummaa argachiisee in jiraachisa.Akkuma abboomamuu diduu nama

tokkootiin baay'een cubbamoota ta'an, abboomamuu nama tokkootiin immoo akkasuma baay'een

qajeelota in ta'u.Seerri irra-daddarbaa baay'isuudhaaf gidduu lixe; garuu lafa irra-daddarbuun

baay'atetti immoo ayyaanni Waaqayyoo caalaatti baay'ate. Akkuma cubbuun karaa du'aa mo'e,

ayyaannis karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos gara jireenya bara baraatti nu geessuudhaaf

qajeelummaadhaan in mo'a.”Rom5:12-21

Sababii Addaam abbaa sanyii namaa hundaa(kiristoosiin irra kan hafe) ta‟eef;Waaqayyo cubbuu

isaa cubbuu sanyii nama hundaatti lakkaa‟e.Kun nama hunda cubbamaa godha.Kana Waaqayyo

kan inni godheef namni hunduu yeroo Addaam cubbuu hojjete isa keessa waan turaniifi.Kanaaf

yeroo Addaam cubbuu godhe nus goonee jirra jechuudha( lakk 12).Akka raga biraatti lakkoofsa

12-14 irratti kan arginu namoonni Addaamiitii haga Musee jiran cubbuu ofii isaaniitiin hin

duune.Sababii abbaa isaanii Addaam keessatti cubbuu hojjetaniifi.Cubbuun Addaam cubbuu

nama hundaa ta‟ee lakka‟ameera.

“Seerri dheekkamsa Waaqayyoo in fida, garuu utuu seerri hin jiru ta'ee, seera irra darbuunis

hin jiru ture.”Rom 4:15

“Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka du'an, akkasuma immoo harkisaa Kristosiin

namoonni hundinuu in jiraachifamu.”1Qor 15:22

.Waaqayyo kan inni nu agarsiise Rom 5 irratti namni Adaam irraa dhalate hudnuu

cubbamaa akka ta‟e fi du‟aa akka ta‟eedha.Warri kiristoos iraa dhalatan immoo qajeeloo

fi jiraatoodha(17-19) Kan inni nu agarsiisaa jiru akkamiin mataan abbootii (Addaam isa

duraa fi isa lammaffaa) bakka ijoollee akka bu‟uudha.Sababii hunduu sababa gocha nama

tokkoon itti murtaa‟e;namooti hundi immoo gocha nama tokkoon fayyuu ni

danda‟u.Namni hunduu sanyii Addaamittii dhalate waan ta‟eef Kiristoosittii lammata

dhalachuu danda‟a jechuudha.

B. Cubbuu biyya lafaa Yesuus kiristoositti.


Sababiin ka‟umsaa Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufeef cubbuu addunyaatiif du‟uu

fi irraa fuudhuufiidha.Dhugaa kana luqqisii armaan gadii irraa yaadatti qabadhu.

“Borumtaa Yohannis utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, "Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu

biyya lafaa irraa fuudhu.”Yoh 1:29

“Kristos akka fedha Waaqayyoo abbaa keenyaatti bara hamaa isa si'anaa kana keessaa nu

baasuudhaaf jedhee, sababii cubbuu keenyaaf dabarsee of kenne.”Gal 1:4

“Dubbiin, "Kristos Yesus cubbammoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe" jedhu,

amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf; warra cubbamootatti lakkaa'aman sana

keessaa immoo ani isa duraa ti”1Xim 1:15

”Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii

isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni cubbuuttii qulleeffamuu

erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e.”Ibr 1:3

“Akkasuma Kristos inni cubbuu namoota baay'ee baachuudhaaf al tokko aarsaa ta'ee

dhi'eeffame; si'a lammaffaa immoo waa'ee cubbuuf utuu hin ta'in, warra dhimmanii dhufa isaa

eeggatan fayyisuudhaaf mul'achuuf jira”Ibr 9:28

“Kristos garuu al tokko aarsaa dhi'eessee, bara baraan gara mirga Waaqayyoo taa'e.Achi

taa'ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa hamma godhamanitti in eeggata.Al tokkicha aarsaa

dhi'eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaaf akka fiixaan ba'an

godheera.”Ibr 10:12-14

“Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya

lafaatiifis malee.”Yoh 2:2

Kun gochaa jaalala of kennuu isaatiiti.Namaaf lubbuu isaa kennee nama furuu dhiisee nama

hunda gara du‟a barabaraatti erguu ni danda‟a ture.Garuu jaalala isaa isa guddaa irraan kan ka‟e

nu jaallate.Yesuus cubbuu keenya hundaaf (Isa darbe,ammaa fi isa dhufuuf du‟eera.)

“Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo

isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”Yoh

3:16

“Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam

akka nu jaallate in argisiisa.”Rom 5:8

Yeroo yesuus Kiristoos fannoo irratti dhiphate Waaqayyo cubbbuu biyy lafaa hundumaa

,kan ammaa,kan darbe fi kan dhufu hundumaa adabe.Kiristoos cubbuu fi waan ittiin


himatamu hin qabu yoo ta‟e iyyuu Abbaan isaa garuu akka cubbamaa isa dhumaatti,akka

isa jal‟ina hundumaa caalu hojjeteetti isa irratti raawwate

“Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf

jedhee cubbamaal isa godheera.”2Qor 5:21

Addaam abbaa isaa waan hin taaneef cuubbuun dhaalaa kan du‟a itti farachiisu isa irra hin jiru.

Maaliif du’eree?

Sababii cubbuun keenya isa irratti lakka‟ameefi. Sababii Waaqayyo cubbuu keenya isa irra

kaa‟eefi.Gatiin cubbuu immoo du‟a waan ta‟eef, gaticha kaffaluuf Yesuus nuuf du‟e. Erga

yesuus siif du‟ee ,duuti lammata si eeggatu hin jiru-yoo isatti amantii dhugaa qabda ta‟e.

“Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka

gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal

ga'e.”Rom 5:12

“Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa

wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.”Rom 6:23

Yesuus cubbuu addunyaadhaaf du‟eera.

“Kunis,Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa

ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne.Egaa nuyi afaan

Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; "Waaqayyotti

araaramaa!" jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna, Isa cubbuu tokko illee hin qabne,

nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf jedhee cubbamaal isa godheera.”

2Qor 5:19-21

Nama waan ittiin hadheeffamu qabu irra osoon taane ilma isaa isa mudaa tokkollee hin qabne

irra cubbuu addunyaa kaa‟e.Inni qajeelaan gatii warra hamootaaf adabame.Kunis warri isatti

amanan hunduu akka fayyaniifi. Warri isa didan,kan hin amanne cubbuu ofii isaaniif adabamu

jechuudha. Kunis isatti waan hin amaniniif jechuudha.(Yoh 3:18, 36; 2 Tasal 1:5-9; etc.).

“Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha

ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera.”Yoh 3:18

“Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin

abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee"

jedhe.”Yoh 3:36

“Kana danda'uun keessan immoo firdiin Waaqayyoo qajeelaa ta'uu isaa, isin immoo

mootummaa Waaqayyoo isa amma dhiphachaafii jirtan kanaaf kan maltan ta'uu keessan in

argisiisa.Waaqayyo wanta isa duratti qajeelaa ta'e in hojjeta erga ta'ee, warra isin rakkisaniif

rakkinaan dugda in baasa .Isin warra rakkachaa jirtan immoo gaafa gooftaan Yesus ergamoota


aangoo isaa wajjin waaqa irraa mul'atu nuyii wajjin kana jalaa isin in baasa. Gooftichi ibidda

boba'aa wajjin in mul'ata; gaafas warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela

gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis in adaba. Isaan kun argaa gooftaa duraa, ulfina

aangoo isaa duraas fageeffamanii badiisa bara baraatiin in adabamu.”2Tas 1:5-9

C.Qajeelummaan Waaqayyoo amantootaaf lakka’amuu

Wa‟ee lakka‟amuu isa kanaa kutaa qajeelummaa jedhu jalatti ilaallee jirra.Qajeelummaan

yeroo itti amantootni qajeelummaa kiristoos isa isaaniif lakka‟ameen qajeelota ta‟aniidha.

Nuuf akka‟amuu isa kana isa xumuraa waliin yoo wal qabsiifnu, lakka’amuun hammam

barumsa dhuga qabeessa akka ta‟e baranna.Amanaan dhugaan Waaqayyo cubbuu koo

waan itti lakkaa‟eef,Kristoos cubbuu koof du‟eera jedhee amanu hunduu qajeelummaan

Kristoos immoo isaaf lakka‟amuudhaan qajeelaa ta‟uu isaa amanuu qaba.Cubbuun itti

lakka‟amuudhaan nama mudaa hin qabne ajjeesiseera yoo ta‟e, qajeelummaan kristoos

nuuf lakkamuun dirqama jechuudha.(2 Qor 5:19-21 irra deebi‟ii dubbisi).Waaqayyo

Kristoosiin akka cubbamaatti lakkaa‟e,kunis cubbamoota,qajeelota godhee lakkaa‟uufi.

(1 Phex 2:24 irra deebi‟ii dubbisi).

V. Qulqullummaa (Sanctification)

Qulqullummaa jechuun Waaqayyoofi jecha isaaf adda ba‟uu jechuudha.Cubbuu irraa

qulqullummaaf adda ba‟uu jechuudha. Iddoo itti Waaqayyo amantoota ofitti hawwatuudha.

Macaafa qqulqulluu keessa iddoo kuma tokkoo ol jira.Barsiisa Hafuurri Qulqulluun amantootni

sirriitti akka hubatan fedhuudha.

Macaafni Qulqullaa‟aan waa‟ee qulqullummaa kakuu haaraa akkataa sadiin barsiisa.Isaan kana

sadan sirriitti hin beeknu taanaan rakkoo guddaa fidna.

i. Qulqullummaa bakkaa (Positional), hojii xumuramaa Yesuus kan ibsuudha.

ii. Qulqullummaa itti fufaa (Progressive), Kun jireenya amanaa isa har‟aa kan

ilaallatuudha.

iii. Qulqullummaa dhumaa (Final), Kun hojii xumuraa kan ibsuudha.

I. Qulqullummaa Bakkaa (Positional Sanctification)

Kun Qulqullummaa isa amanaan battaluma Yesuus Kristoositti amanetti

argatuudha.Yesuus Kristoos battala sana lubbuu isaa cubbuuttii addaan baasee

qulqullummaa ofii isaatii hiraaf.Seerri Waaqayyoo inni eenyummaa amala Waaqayyoo

calaqqisiisu sun namni guutuu fi qulqulluu akka ta‟u barbaada.

Kun immoo nama foonii isa dadhabaadhaaf hin danda‟amu.

“Warri akka fedha fooniitti jiraatan,Waaqayyoon garaa ciibsuu hin danda'an.”Rom 8:8


“Isin kanaan dura irra-daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin [karaa hafuraa] duutanii

turtan.Yeroo sanatti isin toora biyya lafaa kanaa duukaa buutanii deddeebi'aa, aboo qilleensa

keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuuf abboomamaa turtan; hafuurichi hamaan amma

namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jira Nus hundumti keenya hawwa

foon keenyaa duukaa buunee, akka fedha namummaa keenyaa fi yaada keenyaatti warra akkasii

gidduu jiraanneerra; kana irraa kan ka'es akkuma warra kaanii dhalootaan dheekkamsa

Waaqayyoo jala gallee turre.Araarri Waaqayyoo garuu baay'ee waan ta'eef, jaalala isaa isa

guddaa sanaan nu jaallate.”Efe 2:1-4

Hojiin qulqulleessuu Waaqayyoo ,namaaf sadarkaa ga‟umsa safuu Waaqayyo nama irraa

barbaaduu isa guuchisa.Namni Yeroo Kristoosiin amanu,ga‟umsa safuu guutuu(Qulqull

mmaa guutuu) isa waliin fudhata.Waan seerri isa irraa barbaadu hunda guuta

jechuudha.(Rom 10:1-4).

“Obboloota ko! Yihudoonni akka fayyan garaa koo hundumaan nan hawwa, isaaniifis

Waaqayyoon nan kadhadha.Isaan waaqayyoof akka hinaafan dhugaa nan ba'aaf; haa ta'u iyyuu

malee, Waaqayyoof hinaafuun isaanii akka hubannaa dhugaatti miti.Qajeelummaa isa

Waaqayyo kennu wallaalanii, qajeelummaa mataa isaanii dhaabbachuu yaalaniiru;

qajeelummaa isa Waaqayyo namaaf kennu jalas of hin galchine.Kristos nama amanu hundumaa

gara qajeelummaatti geessuudhaan seericha iddoodhaan in ga'a”Rom 10:1-4.

Waaqayyo yeroo bakka amantootaa argu(fuula isaa duratti) kristiyaana adda

ba‟e,qulqullaa‟e,qajeelaa ta‟e fi jireenya Kristoos ilma isaa isa guutuu kan qabaate

arga.Iddoo kana kan isaaf kennisiise Kristoos waliin tokkoomuu isaa waan ta‟eef

amanaan nan dhaba jedhee sodaa jala jiraachuu hin qabu.Tokkummaan kun kan yoomuu

cabuu hin dandeenyeedha. (lammata dhalachuu,qajeelummaa ilaali.

“Ani warra saba Waaqayyoo hin ta'iniif hojjetaa Kristos Yesus ta'ee, wangeela Waaqayyoof

akka lubaatti hojjechuudhaaf ayyaana argadheera; akkasittis warri saba Waaqayyoo hin ta'in,

hafuura qulqulluudhaan addaan baafamanii, akka aarsaatti Waaqayyo duratti akka

fudhatamaniif isaaniif nan hojjedha.”Rom 15:16

“Gara waldaa Waaqayyoo isa mandara Qorontos jiruu, gara warra karaa Kristos Yesus

qulqulleeffamanii, warra iddoo garaa garaatii, maqaa Yesus Kristos gooftaa hunduma keenyaa

waammatan hundumaa wajjin, qulqulloota ta'uudhaaf waamamaniitti kana caafuu koo ti.”1Qor

1:2

“Kristos Yesuitti jiraachuun keessan Waaqayyo biraa ta'e; Waaqayyo Kristosin ogummaa

keenya nuuf godhe. Isumaan qajeelota taanee, Waaqayyoof qulqulloofnee in furamna.”1Qor

1:30

“warri hatan, warri sassatan, warri machaa'an, warri maqaa namaa balleessan, warri nama

saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan. Isin keessaa kaan warra akkasii turan,


garuu maqaa gooftaa Yesus Kristosiin, hafuura Waaqayyo keenyaatiinis cubbuuttii

dhiqattaniittu, warra Waaqayyoof qulqullaa'an taataniittu, Waaqayyo durattis qajeelota

taataniittu.”1Qor 6:10-11

“Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma

fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti

amanuudhaan nan jiraadha.”Gal 2:20

“Waaqayyoof, abbaa gooftaa, keenyaa Yesus Kristos isa karaa Kristos eebba hafuuraa

hundumaan, waan waaqa irraatiinis nu eebbiseef galanni haa ta'u! 4 Inni uumamuu biyya lafaa

dura iyyuu warra qulqullaa'an, warra isa duratti mudaa hin qabne akka taanuuf, jaalalaan

karaa Kristos nu fo'ateera” Efe 1:3-4

“Egaa inni qulqulleessu warri qulqulleeffamanis hundinuu kanuma abbaa tokkoo ti; sababii

kanaaf inni qulqulleessu sun "Obboloota koo" jedhee isaan waamuu hin yeella'u.”Ibr 2:11

“Akka jaalala Waaqayyoo sanatti, dhagni Yesus Kristos yeroo hundumaaf akka ta'utti, al

tokkicha aarsaa ta'ee dhi'eeffamuudhaan nuyi Waaqayyoof qulqulleeffamneerra.”Ibr 10:10

“Al tokkicha aarsaa dhi'eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaaf

akka fiixaan ba'an godheera”Ibr 10:14

“Yesusis akkasuma dhiiga ofii isaatiin saba qulleessuudhaaf karra mandarichaa duubatti

dhiphate.”Ibr 13:12

“Isin akka akeeka Waaqayyoo abbaatti, Yesus Kristosiif abboomamuuf, dhiiga isaatiinis

qulleeffamuuf, hafuura qulqulluudhaan qulqulleeffamtanii fo'amtaniittu.”1Phex 1:2

“Isaan immoo dhugaatti kan qulqullaa'an akka ta'aniif, ani isaaniif jedhee of nan

qulleessa.”Yoh 17:19

Namni tokko yerooma amanu lubbuun isaa foon isaattii dhaqna qabamti.

“10 Isinis isuma warra bantii waaqaa keessatti gooftummaa qabanii fi aboo qaban hundumaaf

mataa ta'e sanaan gara guutummaa jireenyaa dhuftaniittu.11 Isinis immoo isumaan dhagna

qabamtaniittu; dhagna qabaan keessan garuu isa harkaan hojjetame utuu hin ta'in, isa Kristos

dhagna qabuu isaatiin namummaa foonii guutummaa isaa balleessee dha.12 Cuuphaadhaan

Kristosii wajjin awwaalamtanii hojii aangoo Waaqayyoo isa warra du'an keessaa isa kaasetti

amanuu keessaniin, isinis immoo isaa wajjin du'aa kaafamtaniittu. 13 Isinis irra-daddarbaa

keessanii fi dhagna-qabaa dhabuu foon keessaniif hafuuraan du'oo yoo taatan iyyuu, Waaqayyo

akka isin Kristosii wajjin jiraatoo taatan godheera; irra-daddarbaa keenya hundumaas nuuf

dhiiseera.14 Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu

irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera. 15


Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka

duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul'isuudhaan salphisee isaan argisiise.” Qol 2:10-15

Kana irraa kan ka‟e amanaan garbicha eenyummaa isaa isa moofaa yookiin Addaamummaatti

hin jiraatu jechuudha.(Yoo amma illee wajjin jiraate;kana jechuun foon kufaa uffatee yoo jiraate

illee foon kufaatti hin jiraatu).Eenyummaa haaraa isa qajeelaa kristoos keessaa argate jiraachuuf

birmaduu ba‟eera.Qulqulloonni amma jireenya qulqulluu Waaqayyoon gammachiisu jiraachuu ni

danda‟u .Kunis sababii guutummaati raawwannee qulqulloofneef qulqullummaatti jiraanna

jechuudha.

“Isinis immoo akkasuma akka warra cubbuu jalaa du'anii, karaa Kristos Yesus Waaqayyoof

jiraataniitti of lakkaa'aa!Ammas cubbuun warra kajeellaa fooniitiif abboomaman akka isin hin

godhannetti, dhagna keessan isa du'e keessatti isa hin moosisinaa!Bu'aa dhagna keessanii mi'a

jal'inaa gochuudhaaf harka cubbuu jala hin galchinaa! Garuu akka namoota warra du'a keessaa

ba'anii jireenya argataniitti, Waaqayyoof of kennitanii, bu'aa dhagna keessanii mi'a qajeelinaa

gochuudhaaf harka Waaqayyoo jala galchaa!Isin seera jalatti qabamtanii kan jiraattan utuu hin

ta'in, ayyaana Waaqayyoo jala waan jiraattaniif cubbuun isin irratti gooftummaa hin

qabaatu.”Rom 6:11-14

“Egaa Kristosii wajjin du'aa erga kaafamtanii, wanta waaqa keessaa, iddoo Kristos gara mirga

Waaqayyoo taa'ee jirutti barbaadaa!Yaada garaa keessanii wanta waaqa irra jirutti hidhaa

malee, wanta lafa irra jirutti hin hidhinaa!Isin duutaniittu; jireenyi keessan Kristosii wajjin

Waaqayyo keessa dhokateera.Kristos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu isinis immoo isaa

wajjin ulfinaan mul'achuuf jirtu.”Qol 3:1-4

Dhiigni ilma isaa Yesuus cubbuu hundatti nu qulleesseera jechuudha!

B.Qulqullummaa itti fufaa (Progressive Sanctification)

Inni kun immoo akkataa itti jireenya isaan Kristiyaanni guyyaa gara guyaatti

qulqulla‟aa,Kristoosiin fakkaachaa deemu ibsa.Lubbuun amanaa fuula Waaqayyoo

duratti qulqulluu waan ta‟eef inni kun immoo amala isaa fi jireenya isaa guyyaa guyyaa

keessatti akka raawwatamu barbaada.Amanaan fayyisaa isaa hordofee jireenya

qulqullaa‟aa fi adda ba‟e akka jiraachuu fedha.

“Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan

qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa

dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu.Fakkeenya jireenya

bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar

baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo

immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus

hubachuu dha.”Rom 12:1-2


“Yaa michoota ko! Abdii kana erga qabaannee, kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura

keenya xureessuttii of in qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis

qulqullummaa fiixaan in baafannaa.”2Qor 7:1

“Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa,

amanamummaa, garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin

jiru.Warri kan Kristos Yesus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas

fannisaniiru.Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu'uu keenya.”Gal

5:22-25

“Waaqayyo isa mootummaa isaatii fi ulfina isaatti isin waame sanaaf akka ta'utti akka

jiraattaniif isin in gorsina isin in jajjabeessina, dhugaas isinitti in baana.”1Tas 2:12

“Obboloota nana! Kana irraa kan hafe immoo Waaqayyoon gammachiisuudhaaf attamitti

jiraachuun akka isin irra jiru barumsa nu irraa argattiniittu; akkuma amma itti jirtan iyyuu

caalchiftanii akka itti fuftan maqaa Yesus gooftaatiin isin in kadhanna, isinin gorsinas.Waan

gochuun isiniif ta'u maqaa gooftaa Yesusiin gorsa akka isiniif kennine in beektu. Waaqayyo

halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha.Dhiirri adduma

addaan haadha manaa qabaatee qullaa'ummaa fi ulfinatti dhagna isaa eeggachuu haa

beeku!”1Tas 4:1-4

Namni osoo hin fayyin jireenya qulqulla‟aa jiraachuun isaaf hin danda‟amu.Garuu erga

fayyee booda Hafuurri qulqulluun isa keessa waan jiraatuuf isa ni dandeessisa.Hafuurichi

akka inni jiraatu isa gargaara.Hafuura qulqulluudhaan geggeffamnee qulqullummaatti

jiraanna.

“Egaa Kristos Yesus goofticha akkuma fudhattanitti isatti jiraadhaa!”Qol 2:6

“Namoonni hundinuu wangeelaaf abboomamuu keessan dhaga'aniiru; kanaafis ani waa'ee

keessaniif nan gammada. Wanta gaariidhaaf yaada ogummaa akka qabaattan, wanta

hamaadhaaf garuu yaada haxxummaa akka isin hin qabaanne nan barbaada.”Rom 16:19(Rom

12:1-4 irra deebi’ii dubbisi)

Dhagna hojii halalummaaf nuu kenname hin qabnu.Waaqayyo akka ittiin isaaf

hojjeennuuf nuuf kenne malee halalummaaf miti.

“Namni, "Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu" jedhu jira; garuu wanti hundinuu immoo

isa hin gargaaru; anis, "Wanti hundinuu dhowwaa hinqabu" nan jedha, garuu waan tokko ana

irratti gooftummaa hin godhatu.Namni tokkos, "Nyaanni garaachaaf kenname, garaachis

nyaataaf kenname" in jedha; Waaqayyo immoo isa kanas isa sanas, lafatti in dabala. Dhagni

garuu hojii halalummaatiif namaaf hin kennamne; inni gooftaadhaaf hojjechuuf kenname,

gooftaanis dhagna namaatiif in yaada.”1Qor 6:12-13


Dhagni keenya mana qulqullummaa Waaqayyooti.Kan ofii keenyaa miti.kan

Waaqayyooti malee.

“Dhagni keessan mana qulqullummaa hafuura qulqulluu isa isin keessa jiriu ta'uu isaa hin

beektanii ree? Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan; mana qulqullummaa hafuura isaas

erga taatanii, isin kan ofii keessanii miti.Waaqayyo gatiidhaan isin bitate; kanaaf guutummaa

dhagna keessaniin waan inni ittiin galateeffamu hojjedhaa!”1Qor 6:19-20

Eenyummaan keenya eenyummaa gatiin bitameedha.

“Waaqayyo gatiidhaan isin bitate, kanaafis garba namootaa hin ta'inaa!”1Qor 7:23

Waan xuraa‟aa harkaan hin qabinaa

“Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal'inni maal walitti qabu? Ifnii

fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree? Kristosii fi Seexanni attamitti walii galu ree? Inni

amane isa hin amanne biraa qooda maalii qaba ree? Manni qulqullimmaa Waaqayyoo immoo

waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? Waaqayyo jiraataa dha, nuyis mana

qulullummaa isaa ti; Waaqayyo ofii isaatii, "Ani isaan bira nan buufadha, isaan gidduus nan

deddeebi'a;ani Waaqayyo isaanii nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u" jedheera.Iddoo biraattis

immoo, "Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba'aas; wanta xuraa'aa harkaan hin qabinaa!Anis

isinan simadha, jedha gooftaan."2Qor 6:14-17

Qulqullummaa nuuf kennamera.Nuun immoo fiixaan baafanna.Itti jiraanna jechuudha.

“Yaa michoota ko! Abdii kana erga qabaannee, kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura

keenya xureessuttii of in qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis

qulqullummaa fiixaan in baafannaa.”2Qor 7:1

Dhaloota keessatti ibsina

“Ijoollee Waaqayyoo warra waan ittiin komataman hin qabne, warra mudaa, haxxummaas hin

qabne akka taataniif, isinis dhaloota micciiramaadhaa fi karaa irraa kaate gidduutti biyya lafaa

irratti akka ibsaa in ibsitu.”Fil 2:15

Kana yaadaa….

“Ammas yaa obboloota ko, waa'ee waanuma dhugaa ta'ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma

qajeelaatti lakkaa'amuu, waanuma qulqulluu ta'e, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti

tolu, waanuma gaarii ta'e, waanuma galata qabu yaadaa!”Fil 4:8

Nuun ilmaan ifaati

“5 Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra

dukkanaa miti. Garuu waan hundumaa qoraa, isa gaarii jabeessaatii qabadhaa!22 Waanuma


hamaa ta'e dhiisaa!23 Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu guutummaatti ofii isaatiif isin haa

qulqulleessu; yeroo dhufa gooftaa keenyaa Yesus Kristosittis hafuura keessan, lubbuu keessan,

foon keessanis fayyaatti mudaa akka hin godhannettis haa eegu!”1Tas 5:5 fi 22-23

“Obboloota warra gooftaadhaan jaallatamtanii, hafuuraan qulqulleeffamuudhaan, dhugichattis

amanuudhaan akka fayyitaniif Waaqayyo warra jalqabaa godhee waan isin fo'ateef, nuyi waa'ee

keessaniif yeroo hundumaa Waaqayyoon galateeffachuun nuuf in ta'a.”2Tas 2:13

(Kutaalee kana dabalataan dubbisi 1 Xim 6:11-12; Ibr 12:1-4; Yaq 1:24-27, 4:4; 1 Phex

2:11-12, 24).

A.Akkamiin Qorumsa moonee, cubbuun ol taanee jiraanna

(How to Resist Temptation and Live Above Sin)

Qoramuu jechuun maal akka ta‟e Kristiyaanni kam iyyuu ni beeka.Garuu cubbuuf

qoramuu jechuun cubbuu miti.Gooftaan cubbuu hin hojjenne yoo ta‟e iyyuu akkuma

keenya kallattii hedduudhaan qorameera

“Kanaafis inni fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa oo'a-qabeessaa fi amanamaa

ta'uudhaaf, namoota dhiifamuu cubbuu argachiisuudhaaf, karaa hundumaa obboloota isaa

fakkaachuu isa barbaachise.Inni waan ofii isaatii dhiphatee, qoramee arge keessatti, warra

qoramni itti dhufu gargaaruu in danda'a”Ibr 2:17-18

Waaqayyo ijoolleen isaa sababii addaa addaaf akka qoraman eyyamuu danda‟a;kunis amantii

isaanii ilaaluuf

“Warqeen inni baduuf jiru iyyuu ibiddaan in qorama; amantiin keessan inni warqee caalaa gatijabeessi

immoo, guyyaa Yesus Kristos itti mul'achuuf jiru sanatti, jajamee guddinaa fi ulfina

akka argatutti qoramee in ilaalama.”1Phex 1:7

Akka isaan isa qofa irratti hirkataniif

“Kanaafis Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga'u akka ol isin qabutti, harka isaa isa aangoqabeessa

jalatti gad of deebisaa!”1Phex 5:6

Mo‟icha kristoos keessaa akka arganiif

“Inni waan ofii isaatii dhiphatee, qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu gargaaruu in

danda'a”Ibr 2:18

Gonfoo jireenya akka argataniif (Yaq 1:2-4,12)

“Yaa obboloota ko! Qoramsa garaa garaatiin ilaalamuun yommuu isinitti dhufu, gammachuu

guutuutti fudhadhaa!Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda'uu akka fidu in


beektu.Isin warra fiixaan ba'an; warra mudaa, hir'inas hin qabne akka taataniif, obsaan

danda'uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!”Yaq 1:2-4

Qajeelfamootni Macaafa Qulqulluun qorumsa ilaalchisee nuuf kennu jiru

Aka itti hin galleef ilaallachuufi kadhachuu qaba

“Qoramatti akka hin galleef dammaqaa kadhaahaa! Hafuurri illee dhimmaa dha; foon garuu

dadhabaa dha" jedhe.”Mat 26:41

Wanta gara qorumsaaatti isa dhiibu irraa fagaachuu qaba.

“Namoonni hundinuu wangeelaaf abboomamuu keessan dhaga'aniiru; kanaafis ani waa'ee

keessaniif nan gammada. Wanta gaariidhaaf yaada ogummaa akka qabaattan, wanta

hamaadhaaf garuu yaada haxxummaa akka isin hin qabaanne nan barbaada.”Rom 16:19

“Waanuma hamaa ta'e dhiisaa!”1Tas 5:22

Yaada garaa isaa hareffachuudhaan akkataa biyya lafaatiin yaaduu keessa jijjiiramuu

qaba.

“Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan

qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa

dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu. 2 Fakkeenya jireenya

bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar

baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo

immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus

hubachuu dha.”Rom 12:1-2

Erga qajeelfama kana hojiirra oolchee illee qorumsi dhufuu ni danda‟a, Kiristiyaanni

yeroos akkataa luqqisii armaan gadiitiin dhaabbachuu danda‟a.

Akkuma gooftaan godhe seexana sagalee Waaqayyootiin isa waliin mormuudha.

“Yommus Yesus immoo, "Seexana nana, argaa koo duraa turi! 'Waaqayyo kee gooftichaaf

jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!' kan jedhu caafameera" jedheen.Ergasii Seexanni

isa dhiise, ergamoonni Waaqayyoos dhufanii isaaf in ergaman.”Mat 4:10-11

“Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in

baqata”Yaq 4:7

Waaqayyotti of kennuu fi cubbuutti kan du’e godhee of lakkaa’uu

“Ani Waaqayyoof jiraachuudhaafan karaa seeraa, seera jalaa du'e; ani Kristosii wajjin

fannifameera.”Gal 2:19


“Kun matumaa hin ta'u! Nuyi warri cubbuu jalaa duune, si'achi attamitti cubbuu jala jiraanna

ree?Yookiis nuyi warri Kristos Yesusitti dabalamuudhaaf cuuphamne, du'a isaattis isatti

dabalamuudhaaf akka cuuphamne in wallaaltanii ree?Nuyi cuuphamuudhaan du'a isaatti isatti

dabalamnee isaa wajjin awwaalamneerra; Kristos humna abbaa isa ulfina-qabeessaan warra

du'an keessaa akkuma kaafame, nus immoo jireenya haaraatti in jiraanna.Akkuma du'a isaatti

isaa wajjin walitti dabalamne, akkasuma du'aa ka'uu isaattis isaa wajjin walitti in

dabalamna.Nuyi deebinee garba cubbuu akka hin taanetti, dhagni inni cubbuu hojjetu akka

badduu baafamuuf, namummaan keenya inni moofaan isaa wajjin akka fannifame in beekna.

Namni yommuu du'u humna cubbuu jalaa in ba'a. Kristosii wajjin yoo duune garuu, Kristosii

wajjin immoo akka jiraannu in amanna. Kristos warra du'an keessaa erga kaafamee, deebi' ee

akka hin duune, duunis si'achi isa irratti gooftummaa akka hin qabne beekna.Du'a al tokko,

waa'ee cubbuutiif du'e; jireenya isaa ammaa immoo Waaqayyoof in jiraata. 11 Isinis immoo

akkasuma akka warra cubbuu jalaa du'anii, karaa Kristos Yesus Waaqayyoof jiraataniitti of

lakkaa'aa!”Rom 6:2-11(dabalataan 2Phex 2:24 dubbisi)

Karaa keessaa ba‟an isa gooftaan nan qopheessa jedhe sana dhimmanii barbaaddachudha

(1 Qor 10:13).

“Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta'eefis,

humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti

akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”1Qor 10:13

Amanaan yoo qajeelfamoota kana sadan yeroo qorumsi isatti dhufu kadhannaadhaan

fayyadame humna Waaqayyootiin qorumsa isatti dhufe mo‟achuu danda‟a.Muuxannoo

inni achi keessatti argatus caalaattu isa cimsee gooftaa akka tajaajilu isa godha.Amanaan

yoo qorumsa kessatti kufe wantoota armaan oliisadan irraa kaateera jechuudha.

Amanaan yeroo cubbuutti kufu Waaqayyo matumaa akka isa hin dagannee fi ofirraa isa

hin kunne beekuu qaba.Wanti fedhe yoo ta‟e illee amma iyyuu abbaa

isaati.Abboomamuu diduu isaa kanaaf dhiifama yeroo gaafatu Waaqayyo isaaf

dhiisa(1Yoh 1:8-10).

“Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya

nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne

immoo isa sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.”1Yoh 1:8-10

Gatii waan facaase kanaa foon isaatiin ni haammata(waan facaase haammata),garuu

dheekkamsa barabaraa hin keessummessu.Cubbuun hariiroo(relationship ) amanaa fi

Waaqayyoo addaan hin kutu,garuu tokkummaa(Fellowship) isaa hamma inni cubbuu isaa

himatee irraanfatutti addaan kuta.


Waa‟ee waan amanaan qabatamaatti hin beeknee immoo hafuurri qulqulluun qajeelfama

kana kenna.

‣ Amanaan waan gochuu yaade sana maqaa Yesuus kiristoosiin akka godhu (Efe

5:20)?

“Yeroo hundumaa waan hundumaafuu maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo

abbaadhaaf galata galchaa!”Efe 5:20

‣ Waa‟ee waan godhuuf Waaqayyof galata in galchaa

“Dubbiidhaan yookiis gochaadhaan waanumti isin hojjettan hundinuu maqaa gooftaa Yesusiin

haa ta'u; isumaanis Waaqayyo abbaadhaaf galata dhi'eessaa!”Qol 3:17

‣ Waaqayyoon in gammachiisa jedhee amantiidhaan godhaa (Rom 14:23)

“Namni mamaa waa nyaatu garuu, amantiidhaan waan inni hin fudhatiniif itti in faradama;

wanti amantiidhaan hin hojjetamne hundinuu cubbuu dha.”Rom 14:23

‣ Gooftaan yeroo dhufu osoo inni hojjetuu yoo isa arge itti tolaa (1Tas 5:1-3)

“Yaa obboloota ko! Waa'ee barichaa fi waa'ee yerichaa garuu isiniif caafuun barbaachisaa

miti.Guyyaan gooftaa akka hattuun halkan dhuftutti akka dhufu isin iyyuu ba'eessa gootanii in

beektu.Namoonni, "Nagaa dha, gabii dhas" utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka

ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga'a; kana jalaa ba'uunis hin jiru”1Tas 5:1-3

Murteen gaarii fi sirriin waa mamaa hin hojjetin.

b. Akkataa Qulqullummaa itti fufaan itti raawwatu

Gooftaan Yesuus Kristoos amantootni hundi sagalee Waaqayyootiin akka qulqulla‟an

kadhateera.

“Dubbiin kee dhugaa dha, dhugichaan isaan qulqulleessi.”Yoh 17:17 Sagaleen Waaqayyoo

nama qulleessa sababni isaa eenyummaa Waaqayyoo namatti agarsiisee qulqulloonni eessatti

sirrachuu akka qaban waan itti himuufi (2Xim 3:16-17).Amanaan jireenya Waaqayyoon

gammachisu jiraachuu osoo hin jalqabin dubbisuu,qo‟achuu fi saglichaaf of kennuu qaba.Yeroo

inni kana godhu hafuurri qulqulluun cubbuun ol ta‟ee jiraachuuf waan isa barbaachisu isaaf

guuta.

C.Qulqullummaa xumuraa (Final Sanctification)

Kun taatee gara fuulduraa yeroo itti Waaqayyo amantoota guutummaatti qulqulleessuudha kana

jechuun qaama,hafuuraa fi lubbuu isaanii jechuudha.”Waaqayyo inni nagaa namaaf kennu

guutummaatti ofii isaatiif isin haa qulqulleessu; yeroo dhufa gooftaa keenyaa Yesus Kristosittis


hafuura keessan, lubbuu keessan, foon keessanis fayyaatti mudaa akka hin godhannettis haa

eegu”1Tas 5:23.Kun yeroo gooftaan yesuus butamuu irratti dhufu kan ta‟uudha.

“Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni

Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri

Kristositti amananii du'an dura in kaafamu. Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne

immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in

butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna.”1Tas 4:13-18

Amma qaamni amantootaa in qulqulleeffamne,gaafa sana garuu in guutummaatti guutuu

ta‟a.Akka cubbuu hin hojjenne ta‟a!Yakka kamittii iyyuu Waaqayyo qaama amanaa bilisa

baasa.Akkuma hafuura keenya isaa ammaa,yeroos eenyummaa moofaan guutummaatti cubbuutti

du‟aa ta‟a. “Namni yommuu du'u humna cubbuu jalaa in ba'a Rom 6.Gochi kun “guyyaa

fayyinaa”(Efe 4:30) jedhameera.(Ilmummaatti guddifamuus ilaali).Yeroo gooftaan deebi‟ee

dhufu amantootni qaama furamaa akka kan isaatii uffanna.Guutummaatti raawwannee cubbuu

irraa addaan baana.

“Nuyis Waaqayyo, Kristosin du'aa kaaseera jennee, Waaqayyoof dhugaa ba'uu keenyaan

sobduu taanee argamuu keenya; warii du'an hin kaafaman erga ta'ee, Waaqayyo Kristosin

immoo du'aa hin kaafne jechuu dha. 35 Namoonni tokko tokko, "Warri du'an attamitti kaafamu?

Yommuu argaman dhagni isaanii maal fakkaata?" jedhanii in gaafatu ta'a. 36 Ati gowwaa nana!

Wanti ati facaaftu sun ofii isaatii yoo du'e malee, biqilee jiraachuu hin danda'u. Sanyiin qamadii

yookiis midhaan kan biraa, inni ati facaaftu miciree isaa duwwaa dha malee, dhagna biqiltuu

isaa isa argamuuf jiru miti. Waaqayyo garuu akka jaallatetti dhagna in kennaaf tokkon tokkon

isaatiif akka akaakuu sanyichaatti dhagna addaa in kennaaf.”1Qor 15:15 fi 35-38

“Inni humna isaatiin bifa dhagna keenyaa isa gad deebi'aa diddiiree, akka dhagna isaa isa

ulfina-qabeessaa gochuu in danda'a; humna kanaanis waanuma hundumaa of jala in

galeha.”Fil 3:27

“Kristos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu isinis immoo isaa wajjin ulfinaan mul'achuuf

jirtu.”Qol 3:4

“Kristos inni jireenya nuuf ta'e yommuu mul'atu isinis immoo isaa wajjin ulfinaan mul'achuuf

jirtu.”1Yoh 3:5

Jechi “fayyina”jedhus hennawwan sadii qaba:

Henna darbe(Past) :Fayyitaniittu(You are saved)

Amantootni badii cubbuuf itti dhaga‟amuu fi adaba cubbuuf ittidhufu irra fayyaniiru.


“Kana booddee Yesus dubartittiidhaan, "Amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi!"

jedhe.”Luq 7:50

Nu haraarseera

“Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kristos ofitti nu araarse biraa ta'e; inni hojii

araarsuu isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf kenne.Kunis,Waaqayyo irradaddarbaa

namootaa itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu

dha; ergaa araara isaa kana immoo hadaraa nutti kenne. Egaa nuyi afaan Kristos taanee

ergamneerra; Waaqayyos karaa keenya isin in dhageessifata; "Waaqayyotti araaramaa!"

jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna”2Qor 5:18-20

Fayyineerra

“Nuyi, warra karaa fayyinaa irra jiranii fi warra karaa badiisaa irra jiraniifis foolii Kristos

isa Waaqayyotti urgaa'uu dha”2Qor 2:15

(2Co 2:15 For we are the aroma of Christ to God among those who are being saved and

among those who are perishing )

Ayyaana Waaqayyootiin Fayyifamtan

“Nuyi irra-daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa du'oo taanee utuma jirruu, inni warra

Kristosii wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan. 6 Karaa

Kristos Yesus isumaa wajjin du'aa nu kaase, isumaa wajjin bantii waaqaa keessaa iddoo

nuuf kenne, nu teessises. Inni arjummaa karaa Kristos Yesus nuuf godhe sanaan, baraa

dhufu humdumaattuu baay'ina ayyaana isaatii isa hammas hin jedhamne argisiisuudhaaf

kana godhe. Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa

Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti.”Efe 2:5-8

“Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya

dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin in fayyifamtan”1Phex 2:24

Fayyina barabaraati

“Inni isa waan hundumaa fiixaan baase ta'ee erga argamee immoo warra isaaf

abboomaman hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta'e.”Ibr 5:9

Yeroo hundumaafi

“Al tokkicha aarsaa dhi'eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaaf

akka fiixaan ba'an godheera.”Ibr 10:14


“Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in

caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf

in argame.”Isay 53:5

Henna ammaa( Present)

Aangoo cubbuu irraa jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti fayyaa jira.Kana jechuun miira,fedhii

fi beekumsaan fayyaa adeemna jechuudha.Kun fayyina lubbuu keenyaati

Cubbuun nu irratti gooftummaa hin qabu

“Isin seera jalatti qabamtanii kan jiraattan utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo jala waan

jiraattaniif cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu”Rom 6:14

“Kun kadhata keessaniin gargaarsa hafuura Yesus Kristosiinis gara hiikamuutti akka na geessu

nan beeka,”Fil 1:19

Hojii fayyina isa fayyine waliin walii galu itti fufnee hojjechuu qabna.

“Kanaafis yaa michoota ko! Yeroo hundumaa akkuma abboomamtan, yeroon isin bira jiru

duwwaa utuu hin ta'in, caalaadhumatti yommuun isin bira hin jirre akkasuma godhaa! Hojii

fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom'aan itti fufaa hojjedhaa! Waaqayyo akka

akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin

gidduutti in hojjeta.”Fil 2:12-13

Akka fayyitaniif..

“Obboloota warra gooftaadhaan jaallatamtanii, hafuuraan qulqulleeffamuudhaan, dhugichattis

amanuudhaan akka fayyitaniif Waaqayyo warra jalqabaa godhee waan isin fo'ateef, nuyi waa'ee

keessaniif yeroo hundumaa Waaqayyoon galateeffachuun nuuf in ta'a.”2Tas 2:13

“Ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu, itti jabaadhu! Akkas gochuu keetiin mataa kee, warra si

dhaga'anis gara fayyinaatti in geessita”1Xim 4:16

Henna dhufu(Future)

Dhufaatii gooftaa isa lammaffaa irratti argamuu cubbuu irraa bilisa ba‟a.

“Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhi'aateef, yeroon kun

yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta'uu isaa beekaa!”Rom 13:11

“Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf,

humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a”1Phex 1:5


Yerootti namummaan keenya foonii kun furamuudha.Inni Kun fuula keenya dura jira.

“Uumama sana duwwaatu aada miti; nuyi warri hafuura Waaqayyoo akka qabdiitti arganne

iyyuu, ilmummaatti guddifamuu, namummaan keenya inni fooniis furamuu, dhimminee yeroo

eeggannutti garaa keenyatti in aadna.”Rom 8:23.

II.

VI. Haraarsuu (Reconciliation)

Haraarsuun diinummaa irra gara hiriyummaatti fiduudha.Lafa jibbii fi jeequmsi jirutti nagaa

buusuudha.Waaqayyotu namatti haraarame osoon taane .namatu Waaqayyootti haraarame

A.Barbaachisummaa Haraaramuu

Addaam yeroo Waaqayyoof abboomamuu didee mukichattii nyaate karaa Waaqayyo

irraa kaate,isattis adda ba‟e.”Kanaafis Waaqayyo gooftaan nama iddoo dhaabaa Eeden

sana keessaa gad baase; namichis lafa isa ofii isaatii biyyoo isaa irraa kutame sana akka

qotu in godhe. Waaqayyo nama gad oofee, karaa isa gara muka jireenya kennutti geessu

sanas in eegsise; isa eegsisuudhaaf bukkee iddoo dhaabaa Eeden gara ba'a-biiftuutiin

Kiruubelii fi billaa akka ibiddaa boba'u isa gara hundumaatti nanaanna'u in

dhaabe”Uma 3:23 fi 24

Isa dura Addaam cubbuu hin beeku ture,Waaqayyo waliinis tokkummaa qaba ture;garuu

erga nyaatee boodadaangaan cubbuu uumamee tokkummaan isaa Waaqaa wajjin qaba

tures cabe.Ilmaan Addaam hunduu Waaqayyo irraa gorani,karaa isaa cubbuutti

kufuudhaan(lakka‟amuu/imputation/ dubbisi)

Waaqayyo sababa jaalala isaaf namni deebi‟ee akka isatti haraaramuuf fedhe.Namni kana

gochuuf fedhiis ta‟e dandeettii ittiin cubbuuttii of furu waan hin qabneef Waaqayyo

sababa ta‟ee nama ofitti haraarse.Kanas amantoota cubbuu jalaa furuudhaan,karaa hojii

gidduu galummaa Yesuus Kristoos qajeelummaa ofii isaatii kenneefi.

B. Akkamiin Waaqayyotti haraaramne.

1. Namni Waaqayyootti osoo hin haraaramin giddu galaan kan gidduu dhaabbatu ni barbaachisa.

“Inni gidduu dhaabatu illee tokkoof hin dhaabatu, Waaqayyo garuu tokko.” Gal 3:20

Iyoob Waaqayyootti kan isa fidu barbaade (Iyob 9:32-33).Qaamni Waaqas ta‟e nama walitti

fiduu danda‟u “Namas Waaqas isa ta‟e Yesuus Kristoos qofa”

“Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni

immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.”1Xim 2:5


2. Kan inni namummaa foonii fudhates jireenya abboomamaa,haarsaa ta‟uu,du‟uu,dhiiga

dhangalaasuu,qaamaan du‟aa ka‟uu dhaan namaa fi Waaqa walitti haraarsuuf kan

barbaachiseedha.

“Nuyi amma illee diinota utuma jirruu, du'a ilma isaatiin Waaqayyotti erga araaramnee, amma

immoo nuyi warri isatti araaramne jireenya isaatiin hammam caalaatti ooluuf jirra!”Rom 5:10

“Namoonni yoo ergaman malee, attamitti lallabu ree? "Warri oduu gaarii fidanii dhufan maal

maal nama gammachiisu!" kan jedhu illee caafameera.”Rom 10:15

“Waaqayyo wanta hundumaa karaa isaa ofitti araarse; dhiiga Kristos isa fannoo

irratti dhangala'eenis lafa irratti, waaqa irratti nagaa buuseera.Isin dur hamaa yaaduu

keessaniin, hojjechuu keessaniinis orma, diina Waaqayyoos taatanii turtan.Amma garuu

Waaqayyo du'a namummaa ilma isaatiin isin araarsee, warra isaaf qulqullaa'an, warra mudaa

hin qabne,warra balleessaa hin qabnes gohbee, of dura isin dhaabachiiseera.”Qol 1:20-22

Gatii cubbuun namaa kaffalchiisu hunda kaffalee,keenyan diinummaa diige

“Amma garuu Kristos Yesusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan isin warri dur fagaattanii

turtan dhiiga Kristosiin dhi'eeffamtaniittu.Kristos nagaa keenya; inni keenyan diinummaa isa

gidduu ture diigee, warra Yihudoota hin ta'in Yihudootas, lamaanuu tokko godheera.”Efe 2:13-

14

Warri isatti amanan hunduu Waaqayyo waliin nagaa akka qabaatan godhe.

“Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti

rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera" jedhe.”Yoh 16:33

“Waaqayyo dubbii isaa namoota Israa'elitti erguu isaa, misraachoo nagaa Yesus Kristosiin

lallabuu isaa, Yesus Kristos kun immoo gooftaa namoota hundumaa ta'uu isaa, gaarii gootanii

in beektu.”Hoe 10:36

“Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taanee, gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo

biratti nagaa qabna.”Rom 5:1

“Namoonni yoo ergaman malee, attamitti lallabu ree? "Warri oduu gaarii fidanii dhufan maal

maal nama gammachiisu!" kan jedhu illee caafameera.”Rom 10:15

3. Kristoos Yeroo lafa kana irra ture nama hundumaa caalaatti dhiphifame.Qoramuun,harrabsam

uun,gaa‟oof(ridiculed) ta‟uun,jibbamuun,hiyyoomuun,irraanfatamuun,hadheeffamuun fi du‟uun

maal akka fakkatu hunda argee jira.Kun inni nama guutuu ta‟uu isaa ibsa.Karaa kan biraa Inni

Waaqa guutuudha(Yoh 1:1-3;1Yoh 5:7) qaama sillaasee keessaa isa tokkodha.Amma hadheessaa

seexanaa hundumaa irraa gidduu nuuf galee jira.


“Inni waan ofii isaatii dhiphatee, qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu gargaaruu in

danda'a.”Ibr 2:18

“Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame

qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu.”Ibr 4:15

“Utuma ilma Waaqayyoo ta'ee jiruu immoo, dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa

abboomamuu bare”Ibr 5:8

“Kana irraa kan ka' es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra

karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a.”Ibr 7:25

4. Yesus Kiristoos abukaattoo amantooti.Namni kamiyyuu,eessaa iyyuu baraa hamma

barabaraattti dhaabbii kristiyaanaa irratti dhibbaa fiduu kan danda‟u kristoos bakka bu‟aa ta‟ee

dhaabbata.Lammata dhalachuu,qajeelummaa,qulqullummaa,furamuu fi haraaramuu amanaa ni

falmaaf!Inni kana kan jechuu danda‟uuf immoo ofii isaatii cubbuu amanaaf waan kaffaleef,waan

dhimma amanaa ilaalu hunda dhuunfatee jira.

“Warra Waaqayyo fo'ate eenyutu hadheessa ree? Erga Waaqayyo akka waan balleessaa hin

qabneetti isaan lakkaa'ee, kan hadheessu hin jiru. Eenyutu itti farada ree? Erga Kristos Yesus

du'ee kaafamee immoo gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatee, kan itti

faradu hin jiru.”Rom 8:33-34

Yesuus Abukaattoo yookiin falmaa keenya.Seexanni akka kakuu moofaatti gochaa ture

amma nu hammeessu hin danda‟u.

“Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa; namni tokko illee yoo

cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaa

dha.”1Yoh 2:1

Waan dhimma amanaa ilaalu dhuunfatee jira.

“Kana hundumaa irratti Waaqayyo gara keenya erga ta'ee, eenyutu nu irratti ka'a jenna

ree?”Rom 8:31

C. Erga Yesuusiin araaramnee ga’een keenya maali?

Amanaan Waaqayyotti haraarame gara biyya lafaa dhaqee warra biyya lafaatiin fayyuu fi

Waaqayyotti hararamuu akka qabaniif ga‟ee itti kenname qaba.Amanaa hundatti hojiin

haraarsuuu kennameera.Ambaassadara Waaqayyo isa Wangeela lallabuu qabuudha(1Qor 15:1-

4).Uumama hundatti lallabuuf waamamne (Marq 16:15).Namni kamuu cubbuu isaaf duu‟uu akka

hin qabne dhaga‟uu qaba.Araaramuu Waaqayyoo labsina.Kristiyaanni kana gochuuf amanamu

gooftaa gammachiisa!


“Kun hundumtuu Waaqayyo isa karaa Kristos ofitti nu araarse biraa ta'e; inni hojii araarsuu

isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf kenne. Kunis,Waaqayyo irra-daddarbaa namootaa

itti lakkaa'uu dhiisee, karaa Kristos biyya lafaa ofitti araarse jechuu dha; ergaa araara isaa

kana immoo hadaraa nutti kenne.Egaa nuyi afaan Kristos taanee ergamneerra; Waaqayyos

karaa keenya isin in dhageessifata; "Waaqayyotti araaramaa!" jennee qooda Kristos taanee isin

in kadhanna.”2Qor 5:18-21

VII. Bakka buusuudhaan Garaa ciibsuu (Propitiation)

Garaa ciibuu jechuun waan sirrii hin taane isa godhaniif,fedhii nama tokkoo deebisanii

quubsuudhaaf bakka bu‟iinsa gochuu jechuudha.Kun hojiin Yesuus Kristoos Waaqayyoon

guutummaatti garaa ga‟uu ibsa.

Jechi bakka buusuudhaan garaa ciibsuu jennu kun macaafa qulqulluu keessatti iddoolee sadiitti

arganna.

“Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti amananiif mi'a araaraa haa ta'uuf,

Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta'e mul'isuudhaaf kana godhe; obsa

isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf.”Rom 3:25

(Whom God put forward as a propitiation by his blood, to be received by faith. This was to show

God's righteousness, because in his divine forbearance he had passed over former sinsRom

3:25.)

“Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya

lafaatiifis malee.”1Yoh 2:2

(He is the propitiation for our sins, and not for ours only but also for the sins of the whole

world. 1Jn 2:2 )

“Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa

ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana”1Yoh 4:10

Hub:Hiikkaan afaan Oromoo bakka hedduutti furee(ransom) jedhee hiika.Garuu „Ransom‟

fi‟Proipitation‟ wantoota garaagaraati.Kanaaf Afaan Ingiliffaa isaas gargaaramuun gaaridha.

A. Qabiyyee bakka buusuudhaan garaa ciibsuu

Hundeen Waaqayyo ittiin amantoota fayyise haarsa gara ciibsuu Yesuus kristoos

dhiyeesseeni.Waaqayyo karaa Yesuus Kristoos dheekkamsa ofii isaatii cubbuu amanaa irratti

adaba haqummaan isaa barbaaduun adabeera.Kanaaf Waaqayyo amantootatti qajeelummaa


kristoos osoo itti hin waakkatin qajeelota godha;osoo cubbuu isaa hin fudhatin amanaa maatii

ofii isaatti fudhata.

2. Harsaan kakuu haaraa gadidduu hojii fannoo Yesuus Kristoosi (Ibr 10).Namni tokko

dhiifamuu cubbuu argachuuf dhiiga jibootaa yookiin re‟ootaa teessoo haraara Waaqayyoo irratti

dhangalaasuu qaba.Teesoon haraaraa kun saanduqa kakuu Waaqayyoo irra jira.Iddoo itti

haarsaan dhiyaatuu fi cubbuun dhiifamu,dheekkamsi Waaqayyoos raawwatee

xumuramudha(Lew 1-16)Kun waa‟ee haarsaa nuuf haasa‟a,ta‟us cubbuu tooko illee irraa hin

kaasu;ni haguuga malee(Ibr 9-10).Kan cubbuu isaanii altakkaan irraa fuuhu waan hin jirreef irra

deddeebiidhaan dhiyaachuu qaba.

3. Waaqayyoo haarsaa bineeldotaatti hin gammadu.Namni cubbamaa ta‟uu isaa itti agarsiisuuf

,cubbuun sun immoo gatii akka isa baasisu(du‟a),gatiin sun immoo bakka buutiidhiidhaan akka

baafamu agarsiisuuf dhaabe(Ibr 10:5-8).

“Kanaaf Kristos gara biyya lafaa yommuu dhufe, "Ati aarsaa, kennaas hin jaallanne, garuu

dhagna abboomamuu anaaf qopheessiteetta.6 Ati kennaa qalmaa isa gubamutti, aarsaa sababii

cubbuutiif dhi'aatuttis hin gammanne.kanaaf ani immoo, 'Macaafa maramu keessatti waa'ee

kootiif akkuma caafamee jiru,yaa Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee

raawwachuudhaaf,dhufeera; nan jedhe" jedhee dubbate.Utuma isaan kun akka seerichi

abboomutti dhi'aatanii iyyuu, kana gararraatti, "Ati aarsaa, kennaas, kennaa qalmaa isa

gubamu, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatus hin jaallanne, ittis hin gammanne" jechuu isaa

argineerra.”Ibr 10:5-8

Haarsan kun waggoota kumoota hedduuf itti fufe,bineeldota kumaatamatu qalame,garuu

dheekkamsa Waaqayyoo qabbaneessuu hin dandeenye.Waaqayyoon uffee hin jechisiifne;garuu

namoota isa dhufuuf jiru sanaaf qopheessaa turani(Rom 3:20;Gal 3:24)

4. Yeroo barichi guutetti kan dheekkamsi isaa irratti boba‟ee garaa Waaqayyoo barabaraan ciibsu

Waaqayyo ofii isaatii gara dachiitti erge.Innis ilma isaa isa tokkicha(Yoh 1:18)Dhiiga isaa isa

cubbuu tokko illee hin qabne dhangalaasee cubbuu addunyaa irraa kaasuuf bakka bu‟iinsaan

du‟uudhaaf dhufe. “Borumtaa Yohannis utuu Yesus gara isaa dhufuu argee, "Ilaa hoolicha

Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu.”Yoh 1:29

Yesuus bakka addunyaa bu‟e(cubbuu addunyaa baate),Waaqayyo dheekkamsa isaa isa biyya

lafaaf qophaa‟e isa irratti dhangalaase.Cubbuu hundumaaf haarsaan isaa beenyaa ta‟e.

“Kristos aarsaadhaaf dhiiga re'ootaa fi dhiiga jibootaa baate utuu hin ta'in, dhiiga ofii isaa

dhangalaasuu isaatiin al tokko bara baraan gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti ol

gale; nuufis furee bara baraa argate.”Ibr 9:12


“Utuu akkas ta'uu dhaabaatee, inni uumamuu biyya lafaatii jalqabee irra deddeebi'ee

dhiphachuun isa irra in ga'a ture; amma garuu dhuma barichaatti, yeroo hundumaaf akka ta'utti

al tokkicha ofii isaa aarsaa dhi'eessuu isaatiin cubbuu balleessuudhaaf mul'ateera.”Ibr 9:26

“Kristos garuu al tokko aarsaa dhi'eessee, bara baraan gara mirga Waaqayyoo taa'e.”Ibr 10:12

5. Yesuus Kristoos biyya lafaa hundumaaf yoo du‟e illee, biyyi lafaa guutummaan immoo hin

fayyu (Yesus, "Karra isa dhiphaadhaan ol galaa! Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha,

karri isaas bal'aa dha; namoonni ittiin ol galan immoo baay'eedha.Karaan gara jireenyaatti

geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan muraasa" jedhe.Mat 7:13-

14).Hojiin fayyisuu Yesuus kristoos akka isaaf ta‟uuf namni kamuu dhuunfaa isaatti yesuus

Kristoosiin amanchuun dirqama. (Gara biyya dhuunfaa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin

simanne.Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta'aniif aboo isaaniif kenne;

isaanis warra maqaa isaatti amananii dha. Yoh 1:11-12). Seera jalatti Waaqayyo harara isaa

teessoo hararaa irratti argisiisa ture.Amma Yesuu Kristoos hunduma keenyaaf teessoo

haraaraati,isa fayyina keenyaaf hojjeteedha.Karaa namni ittiin baafamuu gatii cubbuu isaatii

argachuu danda‟u gara teessoo haraaraa(Yesuus Kristoos) deemee hojii hojjetame akka kan

isaattiitti lakka‟achuudhani.Amanaan matumaa dheekkamsa Waaqayyoo hin argu;haarsan

Kristoos isa isa(amanaa) keessa jiruu barabaraan Waaqayyoon quubseera,abaarsa serichi itti

fides fiixaan baaseera(Kristos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta'uudhaan, abaarsa isa seerichi

nutti fidu jalaa nu fureera; akkuma caafame, "Namni mukatti rarraafame abaaramaa dha" in

jedha.” Gal 3:13)

VIII. Furamuu (Redemption)

Furuu jechuun waanta tokko bituu yookiin wanta durumaa qabeenya isa bituu ta‟e inni bitu sun

deebisee gatii kaffalee deeeffachuudha.FAyyinaan Walqabsiisnee immoo duuti Yesuus Kristoos

iddoo inni itti cubbamoota deebisee bitu,yeroo dhiigni isaa gatii ta‟ee kaffalamuudha.

Furamuun fayyinaaf hundeedha,barnoota kitaaba kana keessatti ilaalle hundaafuu

bu‟uuradha.Waaqayyo osoo fayyina barabaraa nama tokkoof iyyuu hin kennin fureen(ransom)

kan cubbamaa cubbuu isaa irraa bilisa isa baasu argamuu qaba.Waaqayyo namaaf fayyini hin

labsine,in biteef malee!!(God could not decree salvation unto man, he had to buy it!)

A. Namni maaliif furamuu isa barbaachisa?

1. Adaam yeroo muka sanattii yaate inni rakkoo inni fide cubbuutti dabarsee of

gurgure.Abboomamuu dhiisuun isaa du‟a akka isatti fidu beeka ture(Wal diduun namootaa

warra dhaga'an diiga malee, waan tokkoof waa'ee akka hin baafne isaan yaadachiisi! Waaqayyo

durattis isaanitti dhugaa ba'i! 1Xim 2:14),garuu inni Waaqayyoo waliin jiraachuu irra Yewaan

waliin du‟uu filate.Akkuma olitti jedhame cubbuun addaam isa qofa miidhe miti,warra isa irraa


dhufan hundaa miidhe malee(lakaa‟amuu ilaali).Eenyumaan cubbuu inni muka sana nyaachuun

argate sanyii nama hundumaatti darbe.Kanaaf namni addunyaa irra jiru hunduu abdii dhabeessa

ta‟ee cubbuutti hidhame.(akkuma abbaa isaanii seexanaa Yoh 8:44);hamma nama cubbuudhaan

hin qabamin kan isa furun hin furaminitti,du‟aa ta‟ee barabara isaa gaannam keessatti

dabarsa,ofii isaatii kaffala!

2. Waaqayyo haala namaa isa gadi fagoo argee akka jaalala isaa fi ayyaana isaa isa guddaatti

jal‟ina ofii isaa jalaa isa bitate (Inni seera irra daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba

fo'amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.Tit

2:14).Xumurri karoora kanaas ilma isaa Yesuus kristoos isa sababii cubbuu namaaf furee ta‟u

gara lafaatti erguun akka inni jireenya isaa(dhiiga isaa)furee godhu gochuu ture.( Ilmi namaas

akkasuma hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi lubbuu isaa furii namoota

baay'eedhaaf kennuuf dhufe malee" jedhe.Mat 20:28).

Kun sababii “Sagalichi”foon ta‟eedha(Yoh 1:1-3).Osoo yyesuus gara biyya lafaa dhufee garuu

immoo nu furuuf hin duune ta‟ee wanti inni hojjete hunduu akkanumaan ta‟a.Waan fedhe yoo

hojjete(fayyisuu,dinqii kkf) namni garuu cubbuu isaatti ,abaarsa jalatti,gaannamiif kaadhimamee

jiraata ture(Warri waan seerri isaan irraa barbaadu hojjechuu isaanii abdatan abaarsa jala jiru;

caaffanni qulqullaa'aan, "Namni wanta macaafa seerichaa keessatti caafame hundumaa

gochuutti qabamee hin jiraanne abaaramaa dha!" in jedha. Namni tokko illee hojii seeraa

raawwachuudhaan Waaqayyo biratti qajeelaa ta'ee akka hin lakkaa'amne mul'ataa dha; "Namni

amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in argata" in jedha.Seerri

garuu amantii irra hin dhaabatu; haa ta'u iyyuu malee, "Namni wanta seerichi barbaadu hojjetu

ittiin in jiraata" kan jedhu caafameera. Kristos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta'uudhaan,

abaarsa isa seerichi nutti fidu jalaa nu fureera; akkuma caafame, "Namni mukatti rarraafame

abaaramaa dha" in jedha. Gal 3:10-13)

3. Waaqayyo diinota isaa furuudhaaf karaa dheeraa akkasii erga deemee(Rom 5:8-10) kun

hamma jaalala isaa fi nuuf dhimmuu isaa nu barsiisa!Kristoos kennaa fi kennamaadha,haarsaa fi

haarsaa dhiyeessituudha,isa furuufi furamuudha” Christ is the Giver and the Gift, the Offerer and

the Offering, the Redeemer and the Redemption. “Namni karaa isaa qofa waanjoo cubbuu jalaa

ba‟uu danda‟a,isa qofatu cubbuutti nama fura waan ta‟eef(Fayyinnis Yesus Kristos

duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan

nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe. Hoe 4:12)

B. Gatii Furamuu Isa baafame (The Actual Price of Redemption)

Wanti tokko furamuuf gatiin murtaa‟aa ta‟e tokko baafamuu qaba;gatiin cubbamoota furuuf

baafamu immoo dhiiga.Akka Lew 17:11 iraa jedhutti”Lubbuun uumama foon iuffatee dhiiga

keessa jira…kanaaf dhiigni furee lubbuuti”.Kanaaf dhiigni jireenya qofa bakka bu‟a miti,ofii

isaatiis jireenya isa argamu(Physical life)dha.


Waaqayyo kakuu moofaa keessatti haarsaa bineeldotaa osoo hin fudhatin dura,lubni dhiiga

bineeldichaa isa nama haarsaa dhiyeessu sana bakka bu‟ee iddoo haarsaatti dibuu qaba.Du‟uun

wanta haarsaa dhiyeeffamuu qofti isa dhiyeessuuf dhiifama cubbuu (atonement) hin

fidu.Akkasuma haarsaan kakuu moofaa cubbuu nama irraa hin kaasu.Dhiigicha dhangalaasuu fi

iddoo haarsaatti dibuun inni kakuu moofaa keessaa fakkeenya dhiiga Yesuus Kristoos isa qophaa

isaa dandeettii cubbuu baleessuu qabuuti(Ibr 10)

1. Dhiigni Yesuus Kristoos yoo xiqqaate sababoota gurguddaa sadiif amanaa furuu

danda’a

Sirumaa cubbuudhaan waan hin tuqaminiif.Yesuus Kristoos akka namoota kaanii

eenyummaa cubbuu Adaam irraa hin dhaalle,sababni isaa eenyummaan qaama isaatii

(person‟s nature comes from his father)Abbaa isaa biraa waan dhufeef(abbaa foonii

waan hin qabeef). Maariyaam haati isaa garuu sanyii Addaam turte,garuu hafuurri

qulqulluun waan golboobeef kallattii kanaan cubbuun isa hin arganne.

“Innoo, "Kunoo, durbi in ulfoofti ilmas in deessi, maqaa isaas 'Amaanu'el' jedhanii in

moggaasu" jedhe; "Amaanu'el" jechuun "Waaqayyo nuu wajjin jira" jechuu dha.”Mat 1:23

“Isheen, "Kun hojii gooftaa ti amma gara booddeetti na yaadatee, namoota gidduutti ceephoo

na irra ture ana irraa fageesse" jette.”Lu1 1:25

Cubbuun Addaam dhiiga isaa xureessuudhaan,isa ajjeese.Addaam inni xumuraa (Yesuus

Kristoos) cubbuu hin qabu ture,dhiigi isaa qulqulluudha.

“Akka jireenya keessanii isa abboota keessan irraa isinitti darbee, isa waa'ee hin baafne sana

jalaa, wanta badu waan akka meetii yookiis warqeetiin akka hin furamin, isin iyyuu in beektu.

Garuu Kristos dhiiga isaa isa gati-jabeessaan, isin fureera; inni akka hoolaa mudaa yookiis

xurii hin qabnee ti.”1Phex 1:18-19

Dhiigni veeyinoota(ujummoolee dhigaa) isa keessa lola‟e sun dhiiga Waaqayyoti(Hoe

20:28)Sababii inni Waaqa fooniin mul‟ate ta‟eef,kanaa gadi miti(1Xim 3:16)

“Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin

dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokklcha ilma isaatiin kan

isaa godhate eegaa!”Hoe 20:28

“Nama Waaqayyoo ta'uu keessa iyyuu dhoksaan guddaan akka jiru amanamaa dha;

kanaafis,"Inni foon uffatee mul'ateera, hafuurichi dhugaa galcheeraaf,ergamoota Waaqayyootti

argameera, saba biyya lafaa keessatti lallabameera, guutummaa biyya lafaa keessatti itit

amanameera, ulfinaan ol fudhatameera" jedhamee himameera”1Xim 3:16

C. Hojii irra oolmaa dhiigichaa


Dhiigichi nu haraarse(Qol 1:20)

Sababii Waaqayyo Waaqa hafuura fi Waaqa barabaraa ta‟eef dhiigni yesuu kristoos

hafuuraa fi barabaraan amantootaaf hojii ni hojjeta.Dhiigni Yesuus Kristoos isa qabiyyee

ijaan argamu isa fannoo irratti lola‟e isa ijaan argamu(Phyisical component) irra

caala,sababni isaa hamma har‟aatti iyyuu jira,nama hundumaafis ni ta‟a,garuu warra isa

fudhatan qofaaf hojii hojjeta.Osoo Kristoosiin hin argatin dhiigicha hin

argattu,gargarba‟uu waan hin dandeenyef.

Namni yerooma Yesuus Kristoositti amanu Yesuus Kristoos dhiiga isaatiin cubbuu isaa

irraa dhiqa.

“Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin

tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa” Yoh 1:7.

Dhiigni isaa cubbuu hunda irraa dhiqa.furamuu barabaraa isa argachiisa

“Inni dhiiga isaa dhangalaasee du'uudhaan warra isatti amananiif mi'a araaraa haa ta'uuf,

Waaqayyo isa dhaabe. Waaqayyo ofii isaa qajeelaa akka ta'e mul'isuudhaaf kana godhe; obsa

isaatiinis cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan irra darbeeraaf. “Rom 3:24.

Kana malees

”Kristos aarsaadhaaf dhiiga re'ootaa fi dhiiga jibootaa baate utuu hin ta'in, dhiiga ofii isaa

dhangalaasuu isaatiin al tokko bara baraan gara iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluutti ol

gale; nuufis furee bara baraa argate” Ibr 9:12

Kana caalaa karaa hojii furuu Yesuus Kristoos qulqulloonni guutummaan guutuutti dheekkamsa

sababii seera irra daddarbuun itti dhufu jalaa ba‟u (Gal 3:13) hammina hundumaatti

fayyisa.Jireenya akkasumaanii isa sanyii fooniitiin dhaalle irraa nu fayyiseera.(1 Phex1:18).

“Inni seera irra daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo'amaa warra hojii gaariitiif

hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.”Tit 2:14

Dhiigi Yesuus Kristoos

Dhiigichi Waldaa biteera(Hoe 20:28)

Qajeelummaa fide (Rom 5:9)


Kutaa 2

ffaa


Iddoo buufataa keessaa ba’i!

“Yesusis akkasuma dhiiga ofii isaatiin saba qulleessuudhaaf karra mandarichaa duubatti

dhiphate. Kanaafis kottaa nuyi arrabsoo isa irra ga'e baannee, iddoo buufataa duubatti gara

isaa in dhaqnaa”Ibe 13:12

C.H Macintosh (1820-96)

Yesuus Kristoos iddoo buufataa keessa hin jiru!

Charles Henery makintosh lallabaa Wangeelaa jaarraa 20ffaati.Dispensetionalist

beekamaadhaa fi komentaroota fi magazinoota faa hojjetaa ture.Nama Waaqayyo biyya

Ayirlaandi keessatti hojii dadammaqiinsaa wajjin hojjeteedha.

Bakka amantootaa

Kristiyaanonni namoota fayyaniidha.Wantoota kanaanin gargar ta‟uu danda‟u malee

kristiyaanonni fayyina tokko qooddatu.Namni hin fayyin kristiyaana miti.Kristiyaanni fayye

yoomiyyuu fayyaadha.isa kana eenyu illee harkaa hin fudhatu.Amma waa‟ee bakka amantootaa

ilaalla.

Iddoo buufataa keessaa ba’i

“Barsiisa garaa garaatiin, barsiisa orma ta'e hundumaanis karaa irraa hin kaachifaminaa!

Garaan namaa waa'ee seera wanta nyaatamuuf of eeggachuudhaan utuu hin ta'in, ayyaana

Waaqayyootiin jabina argachuun gaarii dha; seerri nyaataa sunoo warra isa eeggataniif iyyuu

waa'ee hin baafne.10 Nuyi iddoo aarsaa warri godoo sana keessa hojjetan irraa nyaachuun hin

kennaminiif qabna. 11 Angafni lubootaa dhiiga horii aarsaaf qalamanii, aarsaa cubbuutiif gara

iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu sanatti ol in galcha; foon horii sanaa garuu iddoo

buufataa keessaa gad baafamee in gubama, 12 Yesusis akkasuma dhiiga ofii isaatiin saba

qulleessuudhaaf karra mandarichaa duubatti dhiphate. Kanaafis kottaa nuyi arrabsoo isa irra

ga'e baannee, iddoo buufataa duubatti gara isaa in dhaqnaa! 14 Nuyi mandaricha isa dhufuuf

jiru in eegganna malee, biyya lafaa kanaa mandara dhaabataa hin qabnu.”Ibr 13:9-14

Yesuus kristoos dhiiga ofii isaan nu qulleessuudhaaf maal godhe?Karra mandarichaa duubatti

dhiphate.Nuun hoo maal gochuu qabna?karra mandarichaa duuba deemuu qabna.Karri

mandarichaa maali?jalqabatti yihudummaadha.Haa ta‟u malee wanta dhaabbata amantaa

qinda‟aa biiftuu gadi jiru hundumaa ilaallata.Yoo yihudummaa inni Waaqayyo seericha keessatti


kenne sana,isa lubu,sirna haarsaa,akkataa ijaarsaa,kkf qabu irraa iyyuu adda ba‟aa jedha yoo ta‟e

dhaabbata warra harka namaan dhaabatanoo?Kristoos erga isa kana kessa iyyuu gadi ba‟ee isa

amma argamu irraa immoo ammam fagaata.Mandarichi kara biraa immoo namoota amantaa

sirna biyya lafaa waliin wal hidhataniidha.Kan biraan sirna amanta isa Kristiyaanummaa

dhugaan keessatti ganamee fi sirna biyya lafaa keessatti adeemsifamudha.Iddoo kanaa ba‟uu fi

aarrabsoo fudhachuu qabna.Arrabsoo isa irra ga‟e bakka itti baannuudha,iddoo nuun gooftaa

keenya yesuus kristoos qofaa waliin itti tokkummaa uumnuu fi tokkummaa keenyattis

gammadnuudha.Tajaajilaa sirriidhaaf kan malu bakka gooftaan isaa isa barbaadetti

argamuudha.Barri keenya immoo bara itti namni gooftaatti of kennu osoon taane inni ofiif

yaadu,bara itti abboommii gooftaa raawwatan osoo hin taane fedha ofii godhan ta‟eera.

Jireenya Keenya Iddoo Buufatan alaa

a. Haarsaa jajannaa dhiyeessuu (sacrifice of praise)

“Egaa kottaa karaa isaa utuu gargar hin kutin, aarsaa galataa Waaqayyoof in dhi'eessinaa!

Aarsichis maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa ba'uu dha.”Ibr 13:15

Waan biraa goona miti.Haarsaan kun maali?Maqaa isaa beeksisuudhaaf,maqaa isaa

guddisuudhaaf waan afaan keenya keessaa ba‟uuudha.Hojiin amantootaa kan yoomiyyuu addaan

hin cinne Waaqayoon jajachuudha.Nuun oogummaa keenya isa jal‟aadhaan hojii fuunee mataa

goonee jirra.Bu‟aa hojii baayyee olkaasne ilaalla.IddooWaaqeffaannaan fuula Waaqayyootii

qabu garu arguu hin dandeenye.Warri kaan immoo qaama isaanii adabuudhaan Waaqayyoon

gammachiisuu yaalu.Of dhiphisuu,tsoomuu,of gidirsuu isaaniitti Waan Waaqayyo gammadu itti

fakkataa.lubbuun isaanii dhabduu fi Waan dobaa kan Waaqayyoon hin gammachiifnettiqabamtee

jiraatti.Yoo fedhiin keenya Waaqayyoon gammachiisuudha ta‟e onnee keenya Waaqayyoof

laannee yeroo hundumaa haarsaa jajannaa isaaf dhiyeessuu qabna.Amma goonee eger waan

dhiifnu miti.walitti fufiinsaan.Hafuura galateeffannaa fi jajannaa gabbifachuun akkam nama

gammachiisa.Yeroo hundumaa haaleluyaa jechuuf qophaa‟uun!Waaqayyoon kan gammachiisu

yeroo amantootni haala qilleensaa galateeffannaa keessa teenyuudha.Kristiyaanni yero hundaa

galateeffataa,jajataa,gammadaa fi fuula ifaadha.Fuula gurraacheffachuun,haaruun abbaa keenya

gaddisisuu caalaa diina nu ceephaasisa.(Nuun warra gatiin kaffalameefiidha,warra yeroo

hundumaa gammadaa jiraachuu qabuudha.Abbaan mucaa isaa nyaara guurtu,of nyaattu argee hin

gammadu.Abbaan keenya akkasi.Yeroo hundummaa babbaa galatoomi.Babbaa oljedhi jechaa

turuudha malee)

Luba yeroo hundumaa mirga Waaqayyoo dhaabbatee jiru qabna.Kun kan lapheen keenya ittiin

jajjabaatuudha.Yesuus haarsaaa galataa kenyaa Waaqayyootti nuf dhiyeessa.Kanaaf yeroo

hundumaa fudhatamaa nuuf ta‟a.Luba guddaa manni qulqulluummaa itti kenname snatti yeroo

dhiyeessinu fuula Waaqayyootti akka inni ofii dhiyeesseetti nuuf ga‟a.Fuula Waaqayyootti wanti

arraba keenya irraa ba‟u haarsaa ta‟ee urgaa‟a.Waan xiqqoon”Waaqayyo galatoomi”jennu

urgooftuu Yesuusiin urgaa‟ee dhiyaata.Kun yeroo hundummaa galateeffataa akka taanu nu


gargaara.Jechi guungummii karaa afaan nama kristoos wabii isaaf ta‟ee fi isa wajjin addaan

baafamee darabuu hin qabu.

b. Hojii gaarii hojjechuu (We do good work)

“Wanta gaarii gochuu, waan qabdan warra kaaniin ga'uus hin dagatinaa! Waaqayyo aarsaa

akkasiitti in gammada”Ibr 13:16

Haarsaa galataa dhiyeessuun ol Waaqayyoof yoo ta‟u,namaaf immoo waan gaarii gochuudha,kun

haarsaa biraa isa karaa luba barabaraa sanaa dhiyaatee Waaqayyoon gammachiiuudha.Biyya

lafaa cubbuun guute kana irra yeroo jiraannu namoota lapheen isaanii cabee fi miidhaman keessa

oolla.Waa‟ee dhugaa kristiyaanummaa dubbachaa,mari‟achaa,seenaa kristiyaanummaa odeessaa

warraa kaaniif gaarii gochuutti garuu ija keenya dunuunfannee darbuu

dandeenya.Kiristyaanummaan garuu dhugaa jiraatamuudha.Wanti nuuf barreeffame akka

dogomaa isaa irra deddeebinuuf miti.Ajaja cal jennee hunka guutuudhaaf dubbannus miti.Akkas

miti jireenya malee.Jireenya isa olitti harsaa galataa dhiyeessu ,namootaaf immoo laphee ho‟u

qabuudha.Kristiyaanonni hafuura qulqulluudhaan ibsa jiraataa yesuus ittiin ibsamu ta‟uu

qabna.Jireenya nama amantaa jiraachuu osoon taane jireenya Waaqayyoon gammachiisu

jiraachuu qabna. Rom 14:17,18. Ibr 13:13-16 fi 1 Phex 2:49. Ergaa pheexiroos kana irratti

akkuma argine,lubi qulqullummaa (Holy priesthood)Waaqayyoof haarsaa jajannaa

dhiyeessa.Lubi mootummaa(Royal priesthood) immoo namootaaf waan gaarii godha

jechuudha.Waa‟ee ilaalchaa dhiisnee jireenya kristiyaanummaa hiika qabu,isa dhugaa haa

jiraannu.Inni kaan ofumaati.Kristiyaanummaan ija qabu isa kana.Warra kaaniif of

kennuudha.Kun dhugaadha.Qabatamaadha.Kan barabaraati.

Hundee Bakka amantootaa (Foundation of Christian position)

Bakki kristiyaanotaa utubaa gurguddaa sadii qaba.Utubawwan gurguddaan fedha

Waaqayyoo,Hojii Yesuus kristoosii fi Dhuga ba‟umsa Hafuura Qulqulluuti.

“kanaaf ani immoo, 'Macaafa maramu keessatti waa'ee kootiif akkuma caafamee jiru,yaa

Waaqayyo, kunoo, ani jaalala kee raawwachuudhaaf,dhufeera; nan jedhe" jedhee dubbate. 8

Utuma isaan kun akka seerichi abboomutti dhi'aatanii iyyuu, kana gararraatti, "Ati aarsaa,

kennaas, kennaa qalmaa isa gubamu, aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatus hin jaallanne, ittis hin

gammanne" jechuu isaa argineerra. Itti dabalees immoo, "Kunoo, ani jaalala kee

raawwachuudhaaf dhufeera" jedheera; kanaanis aarsaa isa lammaffaa iddoo buusuudhaaf, isaa

duraa iddoodhaa fuudhe. Akka jaalala Waaqayyoo sanatti, dhagni Yesus Kristos yeroo

hundumaaf akka ta'utti, al tokkicha aarsaa ta'ee dhi'eeffamuudhaan nuyi Waaqayyoof

qulqulleeffamneerra. Lubni guyyaa guyyaan dhaabatee, hojii lubummaa isaa in hojjeta; aarsaa

isa cubbuu namoota irraa fuudhuu matumaa hin dandeenye sanas deddeebi'ee in dhi'eessa.

Kristos garuu al tokko aarsaa dhi'eessee, bara baraan gara mirga Waaqayyoo taa'e. Achi taa'ee


diinonni isaa ejjeta miilla isaa hamma godhamanitti in eeggata. Al tokkicha aarsaa

dhi'eessuudhaan, warri Waaqayyoof qulqulleeffaman yeroo hundumaaf akka fiixaan ba'an

godheera. Hafuurri qulqulluunis immoo waa'ee kanaa dhugaa nuuf ba'a. Inni duraan dursee,

"Guyyoonni sun yeroo ga'an, kakuu ani isaaniif kakadhu,'Seera koo garaa isaanii keessa nan

kaa'a, yaada isaanii keessattis isa nan caafa isa jedhuu dha,jedha gooftichi" jedhee dhugaa

ba'eef”Ibr 7:7-17

1. Fedha Waaqayyoo.

Ibrooto boqonnaa kudhan haarsaan kakuu moofaa fedha Waaqayyoo guutuu dadhabuu isaa irraa

eegala.

“Seerichi garuu gaadidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa ti malee, bifa dhugaa isa isaan

ittiin mul'atan miti; inni karaa aarsaa waggaa waggaadhaan utuu gargar hin citin dhi'eeffaman

sanaa, warra dhi'aatan fiixaan kan ba'an gochuu matumaa hin dandeenye. 2 Warri Waaqayyoof

sagadan yeroo hundumaaf akka ta'utti al tokkicha dhuguma cubbuu isaaniittii utuu

qulleeffamaniiru ta'ee, cubbuun yaada garaa isaaniitti waan hin dhag'amneef, aarsaa

dhi'eessuun in hafa ture mitii ree?

Amma garuu aarsaa waggaa waggaatti dhi'aataniin namoonni cubbuu isaanii in

yaadatu.Dhiigni koromaa fi re'ootaa cubbuu namootaa irraa fuudhuu matumaa hin danda'u.

Kanaaf Kristos gara biyya lafaa yommuu dhufe, "Ati aarsaa, kennaas hin jaallanne, garuu

dhagna abboomamuu anaaf qopheessiteetta. Ati kennaa qalmaa isa gubamutti, aarsaa sababii

cubbuutiif dhi'aatuttis hin gammanne”Ibr 10:1-7

Consciousness of sin-in him-cubbuun yaada garaa keenyaatti ni dhaga’amuu

No conscience of sins.-on him-seerri cubbuu nurrattin hojjetu)cubuun nurratti hin

hojjetu yookiin nun qajeelchuu ,dhiigi kristoos seera cubbuu.Ibr 9:14

Akkuma olitti argine kakuu moofaa keessatti namoonni irra deddeebiidhaan cubbuu isaanii

yaadatu.Waggaa waggaadhaan haarsaa dhiyeessuudhaan cubbuu isaanii yaadatu.haarsaan isaan

dhiyeessan kan cubbuu irraa fuudhu miti.Kristiyaanonni dhimma cubbuu itti qalbii jijjiirranne

jalatti deebinee gugguufnuuf hin qabnu.Sababni isaa haarsaan kristoos isa cubbuu keenya nu

yaadachiisu osoon taane isa cubbuu keenya nurraa kaasuudha.Inni akkas jedhe haarsaa

dhiyaaffamaa turetti ati hin gammanne,garuu dhagna kristoos isa abboomamuudhaan

qophaa‟etti,isa cubbuu nama irraa kaasutti Waaqayyo gammade.Akka Yesuus kristoos fedha

Waqayyoo hojjetuu fi Waaqayyoon garaa ciibsu durdurii kaasee fedha Waaqayyoo keessa

ture.Waaqayyo erga cubbuun gara addunyaa seenee booda gadi taa‟ee karoora baase karaa

furamuu qopheesse osoon taane akeeka isaa isa barabaraa keessa jira.

Kan fedha Waaqayyoo raawwachuuf addunyaa kana irratti argame Yesuus Kristoos

qophaadha.Isatu fedha Waaqayyoo sana raawwate.


“ Ani dugda koo warra na rukutanitti, maddii koos warra areeda koo ana irraa buqqisanitti nan

qabe; fuula koo warra anatti tufanii fi warra anatti ga'isan jalaa hin dhoksine;”Isa 50:6

Waaqayyo osoo sexanni hin kufin karoorse.Dhagna abboomamu fi isa gammachiisus

qopheesse.Erga cubbuun addunyaa seenee booda taa’ee kan inni qopheesse miti.Karoora isaa

isa barabaraa keessa ture malee.

2. Hojii Yesuus Kristoos

Yesuus Kristoos fedha Waaqayyoo hojjetee abbaa gammachiisutti gammade.Hojii abbaan itti

kenne raawwachuutti gammade.Hojjetee gaafa xumurus’raawwatameera’jedhe.

Ergaa olii keessatti akkas jedha; Akka jaalala Waaqayyoo sanatti, dhagni Yesus Kristos yeroo

hundumaaf akka ta'utti, al tokkicha aarsaa ta'ee dhi'eeffamuudhaan nuyi Waaqayyoof

qulqulleeffamneerra

Inni dhagna isaa haarsaa gochuudhaan barabaraan nu qulqulleesse.Kristoos seericha

raawwachuudhaan,ulfina Waaqayyoo salphatee agarsiise,amma barabaraan ulfaatee teessoo isaa

irra mirga Waaqayyoo taa‟ee jira.Fedha Waaqayyoo guutummaa isaa raawatee ,hojii fayyina

keenyaas haarsaa godhee ofii isaa dhiyeessuudhaan raawwate.Inni teesso isaa isa ulfaataa irraa

bu‟ee gara hawwara dachii dhufe,hojii xumuraa hojjete amma gara ulfina isaatti deebi‟e.Adeemsi

isaa Teessoo isaa irraa gara golgootaa jaalalaa Waaqayyoo isa barabaraatiin yoo ta‟u ,Golgootaa

gara teessoo isaatti immoo Ulfaataa dhiiga isaati isa haraarsuun adeeme.Gara lafa kanaa fedha

Waaqayyoo raawwachuu dhufe.Karaa barabaraan jiraatu nuuf banee gara teessoo isaa mirga

Waaqayyootti deebi‟e.Qulqulloota warra cubbuun isaanii irraa fuudhame immoo ija jabinaan

gara teessoo Waaqayyootti dhiyaannee akka Waaqeffannu karaa nuuf bane.Hunduu

xumurameera.Golgaan sun xaaxa‟eera.Olii gara gadiitti tarsa‟eera.Waaqayyo waliin wal arguu

akka dandeenyutti yeroo gooftaan fannoo irratti cubbuu keenya baate sana golgichi

tarsa‟e.Haarsaa tokkichaan warra qulqulleeffaman erga fiixaan baase mirga Waaqayyoo

taa‟e.Luboonni takkaa iyyuu dhaabbatanii hin beekan .Hojii lubummaa isaanii isa cubbuu nama

irraa kaasuu hin dandeenyeef iyyuu ni dhaabatu.Haarsaan leewwotaa lubni yeroo hunda

dhaabbatee,haarsaa walfakkataa dhiyeessa-haarsaan kun cubbuu kaasuu hin danda‟u-lubni kun

boqochuu hin danda‟u.Akkuma caafame “dhiigi dhangala‟u malee dhiifamuun cubbuu hin

jiru”Ibr 9:22.Innis dhiiga isaa buusee nu fure.Cubbuu keenyas balleesse.Osoo haarsaan kristoos

dhiyeesse irra deebi‟ama ta‟ee inni mirga Waaqayyoo hin taa‟u.

3. Dhuga ba’umsa Hafuura Qulqulluu

Kristoos hojii fannnoo irratti hojjete sanaan fedha Waaqayyoo guutummaa akka fiixaan baase

akkamiin beekna.Karaan nuun ittiin beeknu dhuga ba‟umsa hafuura qulqulluu isa

barreeffameeni.Kun kan hafuurri qulqulluun qophaa isaa godheedha.Dhugaa kana amannee akka

jiraannuuf hafuurri qulqulluun dhuaa nuuf ba‟e.Fedhi Waaqayyoo,hojiin Yesuus kristoosiifi

dhuga ba‟umsi hafuura quulqulluu kan hojii keenya hin ilaallanne kan Waaqayyo ofiin


qopheesseedha.Kun dhugaa lubbuun keenya itti boqotuudha.Akka mucaa xiqqootti dhuga

ba‟umsa hafuura qulqulluu amanuu qabna.Hammuma ofii keenya dhiisnee kristoos irartti

boqonnu,jireenya keenya hafuuraa isaatiin fudhatama.

Kutaa 3

ffaa Afaan Ayyaanaa

Language of Grace


Barreessaan: Joshu’aa Nikeel

Baafata.

Kutaa tokkoffaa :Ayyaanaa fi Seera.

1. Afaan Ayyaanaa barachuu

2. Seerri yoo akkas goote….Ayyaanni sababa Yesuusiif….

3. Seerri akkamiin gara ayyaanaatti akka hiikamu

4. Ayyaanni amantii kee hojii gaariidhaan qora.

5. Ayyaanni hojii cimaadha sababi isaa Ayyaanni cimsee hojjeta.

6. Daandii qaayin

Kutaa lammaffaa:- Fakkeenyota Maartiin Luuter

7. Sagalee baalaan hollachuu.

8. Seerri godaa keessaa nu baase.

9. Akka bokkaa lafa irratti roobuu

10. .Seerra akka hawwaala Onaatti.

11. .Museen yeroo bantii gaaraa irra ture seera hin qabu ture.

12. Daangaa wal fakkaatinaa

Seensa

Ergaa baarreessichaa

Kun barreeffamoota fuula interneetaa dhuunfaa kiyya irratti argamaniidha.Afaanni ayyaanaa

waa‟ee wangeela ayyaanaa sirriitti dhaga‟uu baruu fi isaan jireenyi kee jijjiiramuuti.Ayyaanuma

Waaqayyoo walfakkaataa isa karaa yesuus kristoos jireenya siif kenne sanatu jireenya kee

ammaa kana irraa hafaa godhee si jiraachisa.Ayyaanni Waaqayyoo rakkinoonni akka salphaatti

akka furaman godha.Qorumsa salphaatti nama moosisaa. Namoonni salphaattii akka jaalala

shaakalan godha. Badhaadhummaan ayyaana isaa yoo bira hin ga‟amu ta‟e illee; gadi fageenyi

isaa qoramee hin beekamu yoo ta‟e illee; wantootni sasalphoon ati ayyaana kana dhugumaan

mi‟eeffataa jiraachuu kee ittiin beekuuf gootu jiru.Waaqayyo guyyaa guyyaan waa‟ee ayyaana

isaa kana karaa wangeelaa sitti dubbachuu si barbaachisa.


Macaafa Fakkeenya 2:2 irratti gurri kenya oogummaa argachuuf akka qophaa‟aa ta‟u,onneen

keenyas hubannaaf akka kaka‟unu barsiisa.

Gurri onnee keetii afaan ayyaanaa akka dhaga‟uuf shaaakalsiisuu ni dandeessa; kana gochuuf

garuu dursa afaan seeraa baruun si barbaachisa.Afaan lamaanuu hasa‟uu,dhaggeeffachuu fi

onnee kee keessaa iddoo addaa addaa laachuufitu sirraa eegama.

Ani dhuma jireenya kootii irraa ergan ga‟ee booda, haga duriin ol ayyaana Waaqayyoon

jiraachuu koo beekuu hin fedhu. Ayyaana dhaga‟uu barachaan jira atis akka na waliin akka

barattun si hafeera.

Ayyaanii nama fayyisuu qofa osoon taane nama fayyise ni jiraachisa.Akka Phaawuloos walitti

qabaa isaa Tit 2:11-13 irratti barsiisetti ayyaanni waanuma seerri nama barsiisu barsiisa.Erga

akkas ta‟ee maaliif barsiisota lama nu barbaachise?

“Waaqayyo ayyaana isaa isa nama hundumaaf fayyina kennu mul'iseera. Ayyaanni Waaqayyoo

kunis, nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana

keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuu gorsee, gara

gaariiitti nu deebisa. Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa

in eegganna.Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha,

fayyisaa keenyas.”Tit 2:11-13

Seerri musee sunis Israa‟elonni jireenya Waaqatti tolu akka jiraatan qajeelcha.Masihii akka

eeggatan isaan barsiisa akkuma Phaawuloos Ergaa Tiitoos irratti barsiise fi nuunis gochuu

qabnu.Garaagarummaan nu gidduu jiru isaan jalqaba dhufuu yesuus kiristoos(Foon uffachuu)

isaa eeggataa turan,nuun immoo lammata dhufuu isaa eegganna.Haa ta‟u malee Ayyaanni

odeefffannoo addaa nuuf kenna.Ayyaana seera irra kan adda isa godhu qabiyyee barsiisuutiin

osoo hin taane waanuma walfakkataa karaa sirriitti hojii irra ooluun nu barsiisa.Eyyee seerri

akkataa namoonni itti jiraatan namoota barsiisa,garuu akka barsiisaa bakka bu‟aa(substitute

teacher) isa haga barsiisaa dhaabbataan dhufutti,ijoollee kutaa eegumsaa keessatti eeguu irra

waanuma xiqqoo caalu godhuutti nama barsiisa.

Ayyaanni akka na barsiisu kanan fedhuuf ayyaanni salphaa waan ta‟eef osoon taane jireenya koo

keessatti dhugaadhaan hojii caalu waan hojjetuufi.Barsiisni isaa jireenya koo keessatti jijjiirama

dhugaa fida.Waaqayyo afaan lamaanuu fayyadamee ijoollee isaa waan barsiisuuf lamaanuu

dhaggeeffachuun qaba.Ayyaannii fi seerrii barsiisota addaa addaa lama qofa osoon taane,afaan

addaa addaa lamadha.Afaan seeraa dhaga‟uun salphaa fakkaata.Altokko tokko yeroo Waaqayyo

ayyaana dubbatu nuun immoo seera dhageenya.Akkataa kanaan immoo yaalii fi dhaamaatii

keenyaan ayyaana gara seera biraatti jijjiiruu hin qabnu.Sababni guddaan salphaa fakkaachuu

afaan seeraa kunis wanti nuti dhaga‟aa turree fi wanti addunyaa kana irratti miira kennu seera

waan ta‟eefi.Afaanni ayyaanaa addunyaa kana hin ibsu,garuu addunyaa haaraa kan keessa

jiraannu nuuf uuma malee.Sababni biraan afaanni seeraa dhaga‟amuuf salphatuuf hamma

to‟atamuu yookiin yaada fakkaattii to‟atamuu of keessaa waan qabuufi.Afaanni ayyaanaa yaada


fakkaattii (illusion) sana dhabamsiisa.Yeroo muraasa immoo hammuma ayyaana Waaqayyoo

eeggannu ayyaana Waaqayyoo sodaanna.Kunis sababni isaa Afaanni Ayyaanaa sagalee

Waaqayyoo isa addunyaa irratti hojii uumuutti jiruudha.Hundumaa yeroo tokkotti injifataa,isa

rakkisaa salphisaa,humneessaa,ajaa‟ibsiisaa isa jiruudha.Gammachuu,badhaadhummaa,fi mirga

dhalootaa amantoota maraati.Bara dhuma jireenya koo irra ga‟ee,osoon sirriitti caalchisee isan

jiraadhe caalaa ayyaanaan jiraadheera ta‟ee jechuu hin barbaadu.Waamicha ayyaanaaf deebii

kennuu beekuun barbaada.Van Moriis yeroo waa‟ee sagalee akeekachiisa cimaa markaba

duumessi itti dhufe akeekkachiisu(foghorn) irratti akkas jedhee faarfate;”Dhaga’uun

barbaada,matumaa sodaachuun qabu”jedhe.Waa‟ee wanta inni hasa‟uu barbaadee quba hin

qabu,garuu akkataan ibsa isaatii akkataa ani afaan ayyaanaa itti dhaga‟uudha.Seerri yoo akkas

goote…jedha.Ayyaanni immoo sababii kristoos Yesuusiif… jedha.Waaqayyo afaan lamaaniinuu

nutti ni dubbata.Guutummama macaafa qulqulluu keessa afaanonni kun lamaanuu guutanii

jiru,afuurri qulqulluunis lamaan isaaanii dubbata.Lamaan isaa addaaan baasnee dhaga‟uu

qabna,lamaan isaanii sirriitti dhaga‟uu waan qabnuuf.Wanti tokko kan afaan ayyaanaa afaan

seeraa irraa addaan baasu,seerri haala irratti yeroo hundaa‟u ayyaanni immoo haala keenya irratti

kan hin hundoofne ta‟uusaati.Haasaan tokko ayyaana moo seera jennee addaan qooduuf wanti

salphaan nuun ittiin qorru yoo ka‟umsi isaa Yoo..kan of keessaa qabu ta‟ee,jechi lammaffaa

irratti dhufu immoo ati…kan jedhu of keessaa kan qabu yoo ta’e seera ta’a.”Yoo ati akkas

goote,,,akkas siif ta‟a.”kan jedhu jechuudha.Kun afaan seeraa isa beekamaadhaa.isa nuun

mucummaa kaanee dhaga‟uu fi dubbachuutti barreedha.Afaan badaa miti.Waaqayyos Afaan

kana dubbateera.Afaan gadhee osoon taane afaan qabatamaa hin taaneedha,haala irratti kan

hundaa‟uudha.Jechi xumuraa inni yoo akkas goote….kan jedhu booda dhufu hagamuu jecha

bareedaa yoo ta‟e illee afaan seeraati malee ayyaana miti.Afaan ayyaanaa haala irratti kan

hundaa‟u miti.Yeroo eegalus;Sababa Yesuus Kristoosiif/Waaqayyoof …jedhee jalqaba.Kunis

Yesuus akka wanti fuulduraa nuuf ta‟u sababa nuuf ta‟a.Waan raawwatamaa Yesuus hojjetetu

ka‟umsa ta‟a.

Ayyaana kakuu moofaa keessatti

Mee fakkeenyaan haa ilaallu:-

“Amma garuu yaa Zarubaabel, yaa Iyaasuu angafa lubaa ilma Yozaadaaq, jabaadhaa! Isin,

sabni biyyicha keessa jirtan hundinuus ani isinii wajjinan jira, jabaadhaatii hojjedhaa!”Hag 2:4

Ajaja hojjedhaa jedhun hin sodaachifamin.Luqqisiin haasaa ayyaanaati.Hojii sabni hojjechuuf

barbaadaman kan ibsuu, garuu milkaa‟uun isaanii hin beekamneedha.Waaqayyo garuu

milkaa‟ina isaanii argamuu isaatiin isaaniif mirkaneesse.Luqqisii itti anu irratti akkas jedheen;

Kakuun ani biyya Gibxii yommuun isin baasee, 'Hafuurri koo isin gidduu in jiraataatii isin hin

sodaatinaa!' jedhee isiniif kakadhe isa kana. ''Ani Waaqayyo gooftaan maccaa, ammas immoo

yeroo gabaabaatti bantiiwwan waaqaa, lafa, galaana, lafa gogaas nan sochoosa Hag 2:5 fi 6


Kun sagalee Ayyaanaati sababni isaa jecha biraan osoo irra deebinee”Sababii ani (Waaqayyo )

isinii wajjin jiruuf, hojjedhaa”.Isaan Waan hojjechuuf barbaadaman sodaa malee hojjechuu

danda‟u. Waaqayyo isaan waliin waan jiruuf fi nan hirmaadhas waan jedheef! Kun wanta

kristiyaanotaaf jireenya salphisuufi hojiis gammachiisaa godhuufiidha; kunis waaqayyo waan

isaan hojjetan keessatti akka isaan gargaaru waan amananiifi.Afaanni ayyaanaa amantummaa

akkasii nuuf kenna.Haagee 2:4 dubbii seeraa osoo ta‟ee „yoo isin hojjettan,ani immoo isin waliin

nan ta‟a kan jedhu ta‟a ture.”

Seera kakuu haaraa keessatti

Haageen nama kakuu moofaa waaqayyoo afaan ayyaanaan itti dubbateedha, Ergamoonni kakuu

haaraaa afaan ayyaanaa dubbachuu danda‟u turan,garuu afaan seeraa dubbachuun ni salphataaf

Afaanni dubbatamu kun kutaa macaafa qulqulluu irratti xiyyeeffatee miti jechuudha.Room

11:18-22 irratti

18 damoota sanatti of hin jajin! Yoo of jajje garuu hiddichatu si qabee jira malee, ati hiddicha

akka hin qabin yaadadhu! Ati immoo, "Akka ani iddoo isaaniitti fayyifamuuf damoonni sun

irraa caccaban" in jetta ta'a. 20 Ba'eessa jette; isaan amanti-dhabina isaaniitiif irraa

caccaban. Ati garuu amanti-qabeenya keetiin jabaattee in dhaabatta; kanaafis sodaadhaan

eeggadhu malee, waan guddaa of hin se'in.Waaqayyo, damoota warra mukichattii dhalatan

hin qusanne erga ta'ee, sis hin qusatu. 22 Egaa gaarummaa fi humna Waaqayyoo yaadadhu!

Warra irraa kufanitti hamaa dha, siif garuu gaarii dha; kunis yoo ati gaarummaa isaatti

jabaatte duwwaa dha; kanaa achi atis immoo mukicha irraa in muramta”.

Kutaa kana irratti afaan seeraa arguun salphaadha.lakkoofsi 22 kun “yoo amantiitti

haftan,hundee sana irra hin cittan”jechuu ta‟a.Phaawuloos “Yoo isin”kan jettu hiika addaa akka

fiddu beeka.Afaan ayyaanaa fi seeraa eessa eessatti akka fayyadamu beekeera.Yeroo kana

amantoota hormoota ilalcha jal‟aa isaan yihudoota hin amaniniif qabaniif akeekkachiise.Kun

seenaa waldaa kiristiyaanaa keessatti waanuma dhugaatti ta‟eedha.

Phaawuloos kana bira ga‟ee furuudhaaf harka hin haboottifanne.Rakkoo kana furuuf maal akka

godhu beeka.Garuu Boqonnaa muraasa darban keessaatti Room 8:31-39 Phaawuloos waa‟ee

eegumsa humna ayyaana Waaqayyoo isa addaan cituu sanyii isa Rom 11:12 irraa nu eeguu

barsiiseera.Wanti phaawuloos Rom 8:31-39 irratti dubbatu;

“Kana hundumaa irratti Waaqayyo gara keenya erga ta'ee, eenyutu nu irratti ka'a jenna ree?

Waaqayyo ilma isaa utuu hin mararsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan

hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuu ree? Warra Waaqayyo fo'ate eenyutu

hadheessa ree? Erga Waaqayyo akka waan balleessaa hin qabneetti isaan lakkaa'ee, kan

hadheessu hin jiru. Eenyutu itti farada ree? Erga Kristos Yesus du'ee kaafamee immoo gara

mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatee, kan itti faradu hin jiru Eenyutu

jaalala Kiristosittii gargar nu baasa? Gidiraan yookiis muddamni, ari'atamuun, beelli yookiis

qullaa ta'uun, sodaachifamuun yookiis billaan gargar nu baasuu danda'aa ree? "Sababii keetiif


namoonni guyyaa guyyaatti nu keessaa in ajjeefamu, akka hoolota qalamuuf jedhaniitti

lakkaa'amnee jirra" kan jedhu caafameera.Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu

jaallatee mo'icha guddaa arganna. 38 Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii

waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus

hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne

ani beeka. Wanti ol ka'ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala

Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii, danda'ee gargar nu hin

baasu.”Rom 8: 31-39

Sababii homtuu jaalala kiristoosittii addaan nun baafneef sababa mataa kenyaa osoon taane

sababii kiristoos du‟ee du‟aa ka‟ee mirga Waaqayyootti nuuf argameefi;kanaaf eenyu iyyuu

jaalala gooftaattii addaan nun baasu.Gaarummaa fi humni Waaqayyoo keeyyattoota ergaa

Roomaa lamaan kana irraa barannu kun jalqabbii gargar basasuu afaan ayyaanaa fi afaan

seeraati;inni kam yoom akka dubbatame tooraan beekuun immoo barumsa addaati.Seeraa fi

ayyaana dhaga‟uu qabna,gaarummaan fi cimina humna Waaqayyooos ilaalcha keessa galchuu

qabna.Isaan lamaan addaan baasuu fi addaa addaa qooduun kan yeroo nama

gafaatuudha,xiyyeeffannoo beektota Macaafa Qululluu isa Maartiin Luuteer

jedheedha.Kiristiyaanni kam iyyuu beekaa Macaafa Qulqulluu akkasiii ta‟uu qaba,barumsa

Akkaadaamii(academic education)miti.Akka waaqayyoo wajjin jiraatamuu qabutti isa waliin

jiraachuurraa dhufa.

Wangeelli akkamins eeratti hiikama

(How the Gospel Gets Translated into Law)

2 Qor 5:14-15 akkamiin seerri gara jecha hedduu ayyaanaan guuteetti akkaataa afaan nuun

fayyadamnuun jijjiiramuu nu agarsiisa.Yeroo kun ta‟u ayyaana akka seeraatti dhageenya..Kutaan

kun akkana jedha:” Namni tokko hundumaaf akka du'e, kanaanis namoonni hundinuu du'uu

isaanii amannee waan fudhanneef, jaaialli Kirists nu qaba.Egaa warri jiraatan si'achi isa

isaaniif jedhee du'ee, du'aa kaafameef malee, ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, inni

hundumaaf du'eera”

Kun jireenya isa kiristoos nuuf kennuuf du‟eedha. Akka jecha isa lakkoofsa 15 irra jiruutti.Warri

jiraatan si‟achi ofii isaaniif osoon taane isa isaaniif jedhee du‟ee du‟aa ka‟eef malee.Akkaataan

haasaa isaa kun inni waan isiniif du‟eef isinimoo isaaf jiraadhaa jedha. “And he died for all,that

those who live should live no longer for themselves,but for him who died for them and rose

again”2 Cor 5:15 (NKJV)

“Should”Inni hiikkaa afaan ingiliffaa irraa yookiin gaaleen”ofii isaaniif akka hin jiraannetti”kan

jedhu kun yaada barreessaan kun ta‟uu qaba jedhee keessa isaatti yaadeedha.Dabalataanis kan

barreessaan hin yaadin kan inni dubbatu Wangeelli amantii fida,malee mamii hin fidu.Kaayyoon

luqqisii armaan olii kun akkamiin akka jiraachuu qabnu nutti himuuf miti,yookiin waa‟ee

akkamiin akka jiraachuu qabnuu miti,garuu dhugaamatti erga yesuus siif du‟ee,du‟aa ka‟ee


,akkamiin jiraachuuf akkati jireenya fuulduraa jiraattu dubbata.Phaawuloos afaan ayyaanaa

dubbata,kana immoo kiristoosiin sababii godhee dhiyeessee jalqabuu isaatiin argina.

Afaan ayyaanaan dubbatullee Phaawuloos dirqama kan fakkaatuun ibseera.”Erga kiristoos isiniif

du’ee,du’a keessaa kaafamee isin immoo isaaf jiraachuu qabdu” waan jedhu of keessaa

qaba.Kun Waadaa ayyaanaa isa ajaa‟ibsiisaadha.Jechi akka dirqamaatti ibsame sun garuu cimina

isaa ibsa.,Jireenya isin yoo feetan jiraattan osoo hin taane jireenya isin jiraachuu qabdaniidha”

jedha. Hiika Macaafa Qulqulluu ESV irraa akkataa kanaan argachuu dhabna.Jecha dirqama of

keessaa qabu sana balleesseera.Kun ba‟aa tokko illee nurraa buusuu hin danda‟u.Haa ta‟u malee

kutaan ku waa‟ee akkataa jirenyaa nuuf ibsuuf miti.Yesuus eenyuuf akkati jiraattu jijjiiruuf

du‟eAmma ati yesuusiif jiraatta malee ofii keetiif miti.Wanta ta‟uuf jedhu mit,yookiin ta‟uu

danda‟u mitiYesuus akka kun ta‟uuf du‟e malee.Kun kennaa isaati.2Qor 5:5 Akkasiinan

hiika”Firiin warra si’achi jiraatanii ofii isaaniif jiraachuu akka hin taanetti,isa isaaniif du’ee

du’aa ka’eef akka jiraatanitti,Inni hundumaaf du’eera”Tiqqoo ishee nuu ulfaata,garuu

waaqayyo iddoo kanatti afaan ayyaanaa akka natti dubbataa jiru,beekee waadaa gati jabeessa

kana kessaa seera hin dubbisu.Fiilmiin bara 1998 Saving private Ryan jedhu waa‟ee seenaa

loltuu waraana addunyaa II keessatti dargaggeessa ta‟e isa obbolaan isaa sadii waraana keessatti

du‟anii dubbata.Private ryan argee nagaadhaan manaan ga‟e,garuu gatii guddaa itti

kaffale.Loltuun balaliisaa kan TOM Hanks bakka bu‟e; namoota yeroo ergama kanaa keessa

du‟an keessaa tokko ture.Sagaleen du‟uu isaa Private ryanif “Kana na kaffalalchiise.Kun nama

hin ajaa‟ibu garuu Ryan bara isaa guutuu jireenya gatiin akkasii baafamuuf jiraateeraa fi hin

jiraannee isaa seenaa isaa irraa addaan baasuun nama hin ajaa‟ibu.Waaqayyoon haa galatu

Yesuus,yeroo jireenya isaa nuuf kenne,”Raawwatameera” jedhe malee “Kana na

kaffalchiiste”hin jenne.

Ayyaanni amantii kee hojii gaariidhaan qora

(Grace Will Test Your Faith in Good Works)

Hojii gaariin yoo ulfaate illee, gaarii waan ta‟eef hojjetamuu qaba,Ati hojjeechuu yoo dhiiste

illee hojjetamuun waan maluufiifi hojjetamuu qaba.Osoo waanuma tokko illee akka gootuuf hin

ajajamne ta‟ee waaqayyoof maal gota turte? Sababii namoonni hedduun ayyaana waaqayyoo itti

sodaata keessaa inni tokko ayyaanni safuu namaa dadhabsiisa jedhanii yaaduudha.Osoo ayyaanni

hedduminaan lallabamee jiraatee ,qoratamee (sababeeffamee) jiraatee silaa namoonni hamma

yoonaa garii ta‟uudhaaf hin dhama‟ani.Hojii gaariin hin hojjetamin hafee isaan garuu jeequmsa

keessaa walaba ta‟anii taa‟u turani.Kun xiyyeeffannoo kennuudhaan hojii gaarii kana jechuunis

rakkattoota gargaaruu,namoota kunuunsuu,hirmaannaa,haarsaa of gochuu,kadhata,cubbuu

dhiisuu,amala gaari qabachuu fi qulqullaa‟uu fikkf Warreen kanaan adda baasee Ayaanni

Waaqayyoo qofaatti nu fayyise yoo ta‟e amma illee maaliif wantoota kana goona.Maaliif

addunyaa irraa addaan baanee jiraanna?Yeroo ayyaanni Yesuus kiristos guutummaatti jireenya

keenya irratti mo‟u,sababii isheen yookiin inni hojii gaarii irraa hafaadhaan hojjetuuf hojii

gaariin hojii gaarii waan ta‟eefi.Ayyaana jechuun sababa biraa hin barabaadu jechuudha.Hojii


gaariin kallattii hedduudhaan yoo ilaalle hojii gaarii ta‟uu isaanii qofaaf hojjetamuu

qabu.Gaarummaadhaaf hojii gaarii hojjechuun kan amantootaa qofa iyyuu miti,kanuma

waliigalaati malee.Amanamummaa jechuun yeroo nmni nama argu tokko iyyuu hin jirretti waan

sirrii gochuudha.Miira waliigalattin hojiin tokko hundee irraa gaarii yoo ta‟e,eenyu akka si

baadhaasu hin eeggatin hojjedhu malee;wan gaarii duubdeebii isaa namarkaa yookiin

waaqayyorkaa fudhachuu qofaaf ta‟uun qabu.Osoo namoonni kana amananii hojii gaarii

hedduutu dalagama ture.

Gatii fudhachuun Guddaadha; Callisanii dhiisuun immoo in wayya!

Namni hojii gaarii hojjetu tokko yaada qulqullaa‟aadhaan moo ofittummaadhaan hojjeta kan

jedhu nama biraa mitii namichuu hin beeku ta‟a.Kun iddoo kiristiyaanummaan waan addaa itti

dabaleedha,innis abbaan murtii dhugaa,kan hundaa argu,kan hunda beeku,kan hundaaf gatii

deebisu jiraachuu isaa beekna.Kun oduu gaariidha.Phaawuloos 1Qor 4:5 “ Kanaafis yeroon utuu

hin ga'in, gooftaan utuu hin dhufin isin hin faradinaa! Innoo waan dukkana keessa dhokatee jiru

ifatti, yaada garaa namaas bakkeetti in baasa; gaafas adduma addaan Waaqayyo biraa galata

argachuuf jiru”

Waaqayyo waan gaarii ati gochuu dandeeessuu hunda abboomeera.Kiristiyaanonni

amanamummaan “waan gaarii lafa qaamni nama argu tokkollee hin jiretti gochuudha” jedhee

hin hiikkatu.Sababni isaa nuti kan bakka hundattuu nama argu akka jiru beekna.Inni immoo

badhaasa nuuf kenna.Ayyaanni garuu badhaasa kamiinuu kan caalu,kennaa tolaa waaqayyo siif

kenneedha;hojii gaarii kee tokko iyyuu malee jechuudha.Ayyaana jechuun fayyina tola

kenname,waaqayyoo wajjin nagaa qabaachuu,jireenya bara-baraa,eebba dhuma hin qabne

jechuudha.Kennaan tolaa kun badhaasa inni nu argachiisu osoo hin ilaalin akka nuun waan gaarii

waan inni hojjetamuu qabu qofaaf akka goonu nu dandeessisa.Ofii keenya laannee soda malee

waan gaarii,waa keessa ilaallachuu malee hojjechuu dandeenya.Kana badhaasni jiraachuu

dhiisuu mala jennee miti.Badhaasi keenya nuuf jira.Kana kan nuti goonuuf,wanti tola nuuf

kenname sun,wanta nuun hojii gaarii hojjennee badhaafamnu kamiinuu hedduu caala ni waan

ta‟eefi.Gati jabummaan kee hojii gaarii ati hojjettuun hin madaalamu.Hojii gaariin kee hiikaa fi

kaayyoo jireenya keetii sifin kennu.Isaan kun Yesuus kiritoos keessatti ayyaana isaan siif

eegamanii jiru.(Titus 2:14)

Ayyaanni Hojii cimaadha sababni isaa Ayyaanni ni hojjeta.

Ayyaanaa fi hojiin garaagara mitii? Hojii jechuun siif maal akka ta‟e irratti hunda‟a.Oduu

gammachiisaan ayyaanni waaqayyoo jireenya kee keessatti akka hojjetuuf ati caallisaa fi Kan hin

sochoone ta‟uu hin qabdu; kunis waan hunda dura jabaattee hojjechuudha.Yeroo Sana

phaawuloos hojii fi ayyaana toora waliin faallaa irra hiriirseera.FAkkenyi ifaan kanaas Rom

11:5-6 irraa argina.

“Even so then, at this present time there is a remnant according to the election of grace. And if

by grace, then it is no longer of works; otherwise grace is no longer grace.”


Kutaa kana irratti ayyaannii fi seerri guutummaatti akka isaan addaan ba‟an argina.Filamuu

kenyaf hundeen hojii osoon taane Ayyaana.Filamuun immoo sababoota Yoo akkas

goote…jedhamuu fi Gooftaan wan akkas godheef…jedhaman of keessaa qaba.Yeroo hojiin

hojjetu ayyaanni in callisa jechuu isaa miti.Ayyaanni hojii dhaabuu hin danda‟u.Faallaa isa

iyyuuayaaanni cimsee hojjeta, kanaaf hojii cimaadhaafi.Galumsa biraadhaan immoo waa‟ee

ayaanaa fi seeraa karaa biraan dubbata.2 Qor 9:8 akkas jedhe

, “And God is able to make all grace abound to you, so that having all sufficiency in all things at

all times, you may abound in every good work.”

Iddoo kanatti ayaanaa fi seerri toora faallaa walii irra hin hiriirani,garuu ayyaanni gaafa siif

baayyatu,hojii gaariin kees in baayyata.

Yoo hojjechuun sirraa hin eegamne garuu hammallee hojjetaa jiraatte?

(Is It Still Worked if You Don't Have to Do It?)

Hojiin waan hintolle miti; yoo namni hojjetu fedhiidhaan hojjete.waan namoonni yeroo

boqonnaa isaaniitti hojjetan mee haa ilaallu biqiltuu dhaabuu,meeshaalee dulooman sirreessuu fi

kkf .Ati waan kana argachuuf qarshii kaffalta,garuu namoonni kana hojjetan hedduun

gammachuudhaaf hojjetu.Hojii cimaan nama tokko nama biraaf hojii akka boqonnaatti

hojjetaniidha.Hojiin ati akka boqonnaatti hojjettu cimsitee hojjechuu fi ayyaana hammatachuu

danda‟a.Hojii yeroo boqonnaa hojiilee nammoonni yeroo bashannanan hojjetaniidha.Hojiin

ayyaanaa wantati hojjechuuf bilisummaa qabduudha. Wanta ati birmadummaa keen

hojjettuudha.Phaawuloos 1Qor 15:10

”Amma garuu ayyaana Waaqayyootiin ani ergamaa ta'eera, ayyaanni inni anaaf kennes utuu

dhimma hin baasin hin hafne.Ani hunduma isaanii caalaa itti dadhabee hojjedheera; ana

utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo isa anaa wajjin jirutu itti dadhabe.”

Afaan Ingiliffaan isaa daran ifaa godhee argama”But by the grace of God I am what I am, and

His grace toward me was not in vain; but I labored more abundantly than they all, yet not I,

but the grace of God which was with me.”

Phaawuloos ayyana waliin cimsee hojjetaa ture.Ayyaanni Waaqayyoo inni cimsee hojjetu isaaf

hiree jireenya isaatii ta‟ee kan hojii kana hojjetu isa osoon taane ayyaana ta‟uusaa isa

yaadachiisa.Wangeela isa phaawwuloos ergaa isaa keessatti akka fakkenyaatti ofii isaati

fayyadame sana hojiin kee haa dhaga‟u; sababni isaa inni ayyaanni waaqayyoo jireenya amanaa

kami iyyuu keessatti ciminaan akkataa sanaan hojjechuu akka danda‟u beekeera.

Garuu ayyaana Waqayyoo waliin hojiitti cimnee ittiin hafuuf ayyana Waaqayyoof jireenya

keenya keessatti beekamtii kennuu qabna.Nuti kan baruu qabnu afaan ayyana dhaggeeffachuu fi

afaan seeraa irraa immoo adda baasuudha.Kanaaf hojii cimaa garuu hojii ajaa‟ibsiisa ayyaana

waliin cimtee hojjetaa hafuuf hojii adda adda baasuu ayyaan fi seeraa hojjechuu qabda.Miira kee


leenjisuu,hamaa fi gaarii addaan baasuudha(Ibr 5:14).Hojii cimaan walitti fufiinsaan yaada garaa

ofii haareffachuu fi biyya lafaatti adda ba‟uudha(Rom 12:2)

Dhamaatii fi dandeettii keetti amanuu irraa of eeguun hojii si gaafata.Kanati eeggachuu qabdu

biraan dhimmichi dhimma yoo kana ciminaan hojjette ayyaanni si waliin ta‟a jedhamu miti;

garuu Ayyaanni si keessatti cimsee hojjetaa waan jiruuf; ati cimsitee hojjettaati

Daandii qaayin

(The Way of Cain)

Ayyaaana jala ta‟uun fuula Waaayyootti aangoo dhabeessa ta‟uudha.Seera jala ta‟uunis fuula

Waaqayyootti aango dhabeessa ta‟uudha.Waaqayyo waan hundumaa irratti aango qabeessa waan

ta‟ef ; siif aangoon hafu hin jiru;kanaaf siif filannoon hafu aango dhabeessa taatee fuula isaa dura

dhaabbachuudha.Garuu gaaffiin jiru tokko yeroo dhabbattu harkalaachuuf (submission)

dhaabbatta moo deebii kennuudhaaf(defiance) dhaabbatta.Akkan amanutti kun filannoo Qaayinii

fi Abeeliin yeroo isaan haarsaa dhiyeessuuf deemanitti isaan mudateedha(Uma 4).Lamaan isaanii

iyyuu kallattii garaagaraan filannoo isaanii geggeessan.Kennaan Abeel kenne hoolaan,wanta

Waaqayyo waa‟ee ayyana isaafi cubbuu isaanii isaan barsiisuuf yaalaa ture waliin toora irra jira.

Dhamaatiin mataa isaanii rakkina cubbuu isaanii isaaniif sireessuu waliiin hidhata hin

qabu;kennaan Abeelis sana calaqqisiisa.Haarsaan Qaayin dhamaatii isaa bakka bu‟a.Akka Uma

4:2 irraa arginutti Qaayin nama lafa qotuudha.Nan amana inni qonnaan bulaa gaariidha,wanti

inni dhiyeesses gaariidha.Waaqayyo kan inni haarsaaa Qaayin simachuu dideef firii qonnaa waan

jibbeef miti;garuu sababii oftuulummaa fi ofitti quufiinsaan fuula Waaqayyootti dhiyaachuu

isaafi.Fuula Waaqayyoo duratti aango-maleessa ta‟ee dhiyaachuu hin barbaanne.Kanaaf erga

Qaayin Abeeliin ajjeesee booda,Waaqayyo jabeenya Qaayin,Oogummaa isaa isa inni ittiin lafa

qotu irraa fuudhe.

“Ammas ati abaaramaa dha! Lafa isa dhiiga obboleessaa keetii afaan II-62ane akka dhugu

goote sana irraa in ari’atamta. Lafa yeroo qottu deebi’ee midhaan siif hin baasu; biyya lafaa

irrattis nama jooraa, nama lafa dhaqu hin qabnes in taata” jedhe” Uma 4:11-12)

Qaayin waan Waaqarratti Abaarame miti; lafa irratti abaarame malee.Dhabaa ta‟uun isaa kun

immoo gara gargaarsa dhabuu fi kooluu galuudhaaf gara Waaqayyootti isa qajeelcha ture.Bakka

isaa Qaayin garuu Waaqayyoof akkasiin deebii keenne”

“Qaayin deebisee Waaqayyoon, "adabamuun koo isa ani baachuu danda'u gararraa ta'e.

Kunoo, ati har'a lafa maasii koo irraa na ariiteetta, fuula kee duraas dhokachuun na irra jira;

ani lafa irratti nama jooraa, nama lafa dhaqu hin qabnes nan ta'a; namni na arge hundinuus

ana in ajjeesa" jedhe” Uma 4:13 fi 14


Waaqayyo mallattoo akka namni itti hin buuneef itti gochuudhaan araara itti agarsiiseera.Qaayin

jecha afaan isaan irra lafaa irraa hoofamaa ta‟eera.Garuu fuula Waaqqayyootii miti.Ogummaan

isaa jalaa baduun silaa gara Waaqayyootti isa akka hoofuuf iyyuu ture.Bakka isaa akka Uma

4:16 irraa arginu

“Qaayinis fuula Waaqayyoo duraa ba'ee, Eeden gara ba'a-biiftuu biyya itti jooraa hafetti gale”.

Qaayin fuula Waaqayyoo duraa ari‟ame miti,in ergames miti,garuu fuula Waaqayyoo duraa ba‟e!

Kun aarii ofii isaatiin isa inni deemeedha.Waaqayyo hundarratti aango qabeessa.Nuun fuula

isaatti dhadhabaa taanee dhiyaachuu yookiin dhiisuu dandeenya.Qaayin fuula Waaqayyootti

jabinaan dhiyaachuu filate,yeroo jabeenyi sun jalaa fudhatamu immoo guutummaan guutuutti

dhufuu dhiisuu filate.

Kutaa Lammaffaa: Fakkeenya Luuteer

(Part Two: Luther’s Metaphors)

Ibsoota maartiin luuter barsiisa isaa keessaa fuunee waliin ilaalla;sababni isa jechoonni isaa

ayyaana jireenya keenya irratti maxxansu waan ta‟eefi.Garuu fakkeenota luuter osoo hin ilaalin

dura,fakkii isa museen fayyadame,kan luuter yaadatamaa fi kan nu gargaaru ta‟uu isaa arge

ilaalla.Innis Leewwota 26:36

“Isin keessaa warra hafan immoo, biyya diinota isaanii keessatti wanta isaan sodaachisu,

laafina isaanitti nan erga; sagaleen baala qilleensi fuudhuu isaan in ari'a; akka nama billaa

jalaa baqatuutti in baqatu, utuma namni isaan ari'u duukaa hin jiraatin in kukkufu”

Yoo Israa‟elonni Waaqayyo irraa deebi‟an, karaa musee Waaqayyo laafina laphee akka isaanitti

ergu dubbateera.Baala muka irraa bu‟e wareeranii akka baqatan dubata.Luuter yada kana kan

inni fayyadameef nama cubbamaa irratti seerri Waaqayyoo sodaachisuu akkamii akka fidu

dubbachuufi. Warra of tuuloo fi nagaatti jiran balleessaa saanii itti hubachiisuuf isaan immoo

sodaachisa cubbuu jala akka jiran, dheekkamsa jala akka jiran fi duuti akka isaan eeggatu itti

agarsiisuuf isaan sodachifamuu, abdii dhaboo ta‟uu,sagalee bakakkaa,fi hollannaan baalli mukaa

yeroo kufu akka isaan mudatu dubbata.

Kan nuti sodaannu waanta to’achuu hin dandeenyeedha

(We Fear What We Can't Control)

Seerri waa‟ee raawwii miti,waa‟ee to‟achuuti malee.Sababa fedhii to‟atamuu keessa keenya

jiruutiif nu harkifata.Sababii nuun waan hunda to‟achuu hin dandeenyeef nu sodaachisa.-

Dhuguma iyyuu nuun waaan baayyee to‟achuu hin dandeenyu.Dhageettiin dhiphisuu seeraa

jiraachuun waanuma jiruudhaa. Garuu yeroo kun mallattoo foonii ta‟uu isaa beektu gochii fi

amalli kee dhiphuu sanaan hin murteeffamu. Seerri akka agarsiistuu fooniitti keessa keetti

hojjeta.Kana duwwaas miti;oftuulummaa,of jaallachuu,kajeellaa bakkee baasa.Mee seerri hoji


isaa haa hojjetu.Phaawuloos innii fi isa waliin kan hojjetan sodaa keessa(2Qor 7:5) akka rakkataa

ture dubbata.Kun dandeettii namaa isa uumamaati.Phaawulosis kanaaf madiinummaa ofii hin

qabu.Waan sodaachuu hin qabne sodaanna,wanta gonkumaa ta‟uu hin dandeeenyeef

yaaddofna,waan hedduun keesssaa rakkoo xiqqoo guddifna.Yoo seera qofa dhaga‟aa jiraanna

ta‟edaandeettiin foonii kun hin dhumu.Garuu akkasuma yoo afaan ayyana in dhageenya ta‟e

waantoota tooraan hiriirsinee kaka‟umsaa fi si‟aa‟ina Waaqayyoo biraa arganna.

Fakkiin waa‟ee baala kufuu sun sirriitti dhimma baasa sababni isaa kan yaadatamuu fi waan akka

qoosaati.Sagalee baala gogaa qilleensi harcaasuu hundumaa baqatee nama utaalu arguun nama

kofalchiisa. Yoo dhiphina akkasii of keessatti beektuu dandeesse,ofii keetti kolfuu

dandeessa.Sagalee baala kufuun osoo hollattuu yoo of argite kun qoosaadha.Garuu si fayyada

sababni isaa altokko erga ofii keetti kolfitee booda baalichatii kolfita waan ta‟eef.

Seerri dunkaana keessaa nu baasa

(The Law Brings Us out of Our Tents)

Wanti nuun hiikaa macaafa qulqulluu maartiin luuter galatiyaa irratti kenne ibsa isaa waa‟ee

Israa‟elota Gaara siinaa irraa barannu kutaa seera ba‟uu irra jiru isa waa‟ee guyyaa waaqayyoo

museetti seericha kennee dubbatu sirriitti ibse.Bau 19:16-17

“Gaafa guyyaa sadaffaa ganama immoo sagalee qaqawwee fi balaqqeessatu ture; duumessi

ulfaataan tullicha irra ture, sagaleen malakataas baay'ee cimaa ture; namoonni iddoo buufataa

turan hundinuus in hollatan. Museen jara iddoo buufataa isaaniitii baasee gara Waaqayyootti

fide; isaan miilla tulluu Siinaa jala in ijaajjan”

Namoonni yeroo sagalee akka malaktaa fi duumessa argan sodaachuu dhaan gara tulluu sanaatti

dhiyaachuu akka dhiisan hin shakku.Sodaan kun immoo namoonni kun tsoomaan guyyaa sadiif

of qopheessaa yoo turan iyyuu itti fufe.Garuu museen isaan akka mana isaanii turan hin

abboomne,godoo isaanii keessaa isaan baasee gaara jala isaan tursiise. Maartin luuter waan seerri

hojjete asirra dhaabbatee gudunfe.Innis bartoota isaan akkana jedhe”Museen namoonni

Waaqayyoon waliin akka wal quunnamaniif dunkaana keessaa isaan baase”.Kanaaf iddoon

sirriin seeraa dunkaana ofii keenyaa keessaa nu baasuudha.-Kana jechuun bakka gammachuu

mataa keenyaa isa nuti keessa jiraannu keessaa jechuudha;kunis ofii keenya amanuu jalaa nu

baasee,iddoo argamuu Waaaqayyootti nu geessee,dheekkamsa isaa nutti agarsiisee,cubbuu

keenyas nutti mul’isa jedhe.”

Dunkaana keessa turuuf yaaluun Israa‟elotaa akka fakkeenya sirriitti hojjeta.Kun irra deebii

gochaa Yewaaanii fi Addaam isa jalqabaa yeroo cubbuutti kufan,baala harbuu irraa uffata

hojjetanii lafa itti isa dhaga‟anitti immoo waaqayyoon dhokatan nu yaadachiisuudha.Baalli

harbuu yaalii isaan dhamaatii ofii isaaniin cubbuu isaanii dhoksuuf godhan agarsiisa.Qaayin

yaalii inni bu‟aaqonnaa isaa dhiyeessuuf yaales yaalii walfakkataa bakka bu‟a.Qaayin dhamatti

ofii isaatii amante yeroo Abeel Waaqayyootti amanate.Abeeli fi Qaayin lamaanuu ijoollee


Addaami,abbaa isaanii faana bu‟ani.Addaam lamaanuu ni danda‟a ture,akkuma kiristiyaanota

hedduun.Sababuma kanaaf nuun yoo yeroo hundumaa afaan ayyaanaa dhageenye illee,alltokko

tokko seera isa dunkaana ofii keenyaa keessaa nu baasu dhaga‟uu qabna.

Wangeelli dunkaana isa caalu nuu kenna

(The Gospel Gives Us a Better Tent)

2Qor 5 :-irratti yeroo phaawuloos innii fi hidhati isaa hojjettota kakuu haaraa ta‟uu isaanii of

jajuudhaan dubbata.Luqqisii 1-4 irra jiran irratti immoo yeroo inni waa‟ee qaama ulfeeffamaa

sana eeggachuu isaa dubbatu argina.Lakkoofsa shan irratti immoo waan eegataa jiru argachuuf

akka jiru itti amanee dubbata. Lakkoofsa 6-8 iirratti immoo Phaawuloos du‟a booda maal akka

isa eeggatu waan beekuuf yeroosuma yoo du‟e eessa akka dhaqu beeka ture.

“Kanaaf nuyi yeroo hundumaa ijajabina qabna; mana dhagna keenyaa keessa hamma jirrutti,

mana gooftaa irraa fagaannee jiraachuu keenya in beekna. Nuyi amantiidhaan jiraanna malee,

waan hundumaa ijaan arguudhaan jiraanna miti.Nuyi ija jabina qabna; mana dhagna keenyaa

kana irraas fagaannee, mana keenyatti gooftaa bira jiraachuun nuuf in wayya”2Qor 5:6-8

Itti amantummaan phaawuloos ayyaana keessa gadi gfageeffamee jira malee waan biraa tokko

illee hin qabu,itti fufeesa kkas jedhe;

“Egaa mana dhagna keenyaa keessa jiraannus isa irraa fagaannus, gooftaa biratti fudhatamoo

akka taanuuf in dhimmina.Namni adduma addaan dhagna isaa kanatti utuu jiruu gaariis ta'e

hamaas ta'e, akkuma hojjetetti waan isaaf ta'u akka argatuuf, nuyi hundumti keenya barcuma

firdii Kristos duratti dhi'aachuuf jirra.Kanaafis nuyi goofticha sodaachuun maal akka ta'e

beeknee, namooni kana tole jedhanii akka fudhatan in goona. Nuyi maal akka taane immoo

Waaqayyo biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitti beekamaa akka ta'es nan abdadha”

2Qor 5:9-11

Phaawuloos ariitiidhaan waa‟ee ofitti amantummaa ayyaana Waaqayyoo irraa qabuu irraa gara

sodaa guyyaa firdii Waaqayyootti jiruu sanaa deeme.Kanas oliifi gadi rukutamaa waan jiruuf

miti; afaan lamaanuu dubbachuu waan danda‟uufi malee;seeraa fi ayyaana jechuudha.Guyyaa

hundumaa afaan lamaanuu ni dhaga‟a.lamaan isaanii hojiirra oolcha osoo waliin hin makin.Inni

isa luuter jedhe beekaa Ti‟oolojii isa sirriidha;kanas luuter barsiisa isaa Ergaa Galaatiyaa

irratti”Eenyu iyyuu namni seeraa fi wangeela irratti sirriitti murteessuu danda’u Waaqa

Galateeffachuu qaba dabalataanis Beekumsa Ti’oolooji dhugaa qabaa”jedhe.

Amma mee 2 Qor 5:1-4 haa ilaallu.Osooma waa‟ee waan eeggatuu fi argachuufis osoo amantuu

gidduu dubbii isaatii immoo akeekkachiisa galche;mee ilaali;

Godoon jireenya keenyaa, [kana jechuunis dhagni keenya,] lafa kana irraa yoo jige, ijaarsa

harki namaa hin ijaarin, mana bara baraan bantii waaqaa keessa jiraatu, Waaqayyo biraa akka

qabnu in beekna.Isa ammaa kana keessatti baay'ifnee in aadna, mana keenya isa waaqa irraas


irrumatti dabalachuudhaaf in hawwina. Irratti dabalachuun keenyas isa duraa of irraa baafnee

qullaa keenya akka hin argamneef; godoo keenya isa kana keessa lafa irra yeroo jiraannu,

ba'aan nutti ulfaatee in aadna; kunis mana keenya isa waaqa irraa isuma kana irratti

dabalachuudhaaf, kanaanis inni du'u jireenyaan akka liqimfamuuf malee, nuyi godoo keenya

kana of irraa baasuu waan barbaanneef miti.

Irratti dabalachuun keenyas isa duraa of irraa baafnee qullaa keenya akka hin argamneef;

“if indeed having been clothed, we shall not be found naked,”(Emphasis added) kun akkataa

qoosaatiin yaada iaa waan ibsate fakkata.Yesuus mat 6:23 irratti waan walfakkataa

dubbateera”Ifti keessaan yoo dukkana ta‟e,dukkanni keessan hammam guddaa ta‟a”.Akkasuma

phaawuloosis “uffata keessan uffattanii yoo qullaa taatan,qullaa ta‟uun keessan akkam

cimaadha”Dunkaanni ofii keenyan hojjetanne kan kan fuula Waaqayyootti qullaa keenya dhoksu

hin jiru.Nuti guutummaatti qullaadha yookiin immoo ayyana isaan karaa dhiiga kiristoos

uwwifamneerra.Warri kana hubatan malakataa afuufamu,isa sagalee seeraa ta‟e sana dhaga‟anii

hin rifatan.Sagalicha sirriitti dhaga‟uu isaanii mirkaneeffatu,sababni isaa sagalichi dunkaana

isaan ofiif qopheeffatan keessaa akka isaan baasu beeku.

Akka bokkaa lafatti roobuu

(Fall on the Earth Like Rain)

Egaa taatee maartiin luuteer ergaa galatiyaa barsiisuuf fayyadame isa namatti tolu ilaallee

jirra.Fedhiin keenya akkataa dubbii inni ibse kana irraa seeraa fi ayyaana addaan baafannee,isa

booda jireenya keenya keenya keessatti shaakaluudha.Dubbii qolaa isaa kan biraa keessatti,luuter

ofii isaa bokkaadhaan walmaddii qabee ibsa:”Yeroo qajeelummaan kun onnee koo irratti

mo‟u,akka roobaa samii irraa roobee lafa gabbisuuttin samii irraa gadi bu‟a.Kana jechuun ,gara

mootummaa biraatti dhufeen carraan argadhe hundumaan hojii gaarii hojjedha .”jedhe.Kun

fakkeenya gaariidha,sababni isaa dafee namaaf gala inni biroon immoo waan itti yaaduu qabnu

nutti hima.Akkuma beeknu roobni yeroo roobu copha tokko tokkoon chopa miti;walitti

fufiinsaan gobbatee rooba malee.Yeroo roobni roobaa hin jiru ta‟e immoo,gara marsaa isaatti

deebi‟ee waktii isaatti deebi‟ee roobuuf of qopheessa.Fakkeenya kana gara qabatamaatti fiduuf

ofii kee akka nama reefuu bakka amma jirtu (gara dachee)dhufeetti of ilaali.

Hamma inni qofti onnee kee irratti mo‟utti afaan ayyaanaa dhaga‟uu qabda;isa booda addunyaa

kana irraatti immoo akka nama mootummaa ulfaataa bakka cubbuu fi duuti hin jirree fi seerri hin

barbaachifnee dhufeetti amaleeffadhu. Dhugaamaatti ati isa jalqabaa kana qofa

gochuudha,ayyaanni haa mo‟u.Inni lammaffaan immoo taatee dhufuu keetiiti,bu‟aan

mo‟ichichaa immoo ; akka duumessa jiidhaan guutee kan lafa ishee dheebottu irratti roobuu

malee filannoo hin qabneeti.Afuuraan yaada garaa keetii haareffadhu,Lafa irraatti akka bokkaa

roobuun haalota keessa yaada garaa qullaa‟een seenudha.Haala sana keessa hammamuu yoo turte

sun homaa miti.Yeroo yaadni kee ayyaannan haara‟u, haala moofaa duraatti,kallattii haaraa fi

Waaqarraatiin itti dhaqxa.Kanaafuu yeroo tokko tokko deebiin rakkoo si mudatee Waaqa irraa


siif dhufa,ofiima keetii deebii itti taata.Yeroo danuu garuu lamaan isaa ta‟a.Waaqayyo deebii

Waaqarraa erga,innis yaada kee haaressuudhaan,onnee kee qulleessuudhaan,ofitti amanuu kee

olkaasuun kana hunda immoo afaan ayyaanaan sitti haasa‟uudhaan erga godhee booda, siin

immoo haaraa fi ho‟aa(fresh) godhee rakkoo furuuf si erga.

Rakkoon ati furtu rakkoo si mudate kamiinuu ta‟uu danda‟a.Kanaaf kan Luuter armaan

olitti”yeroon carraa argadhu hundatti hojii gaariin hojjedha jedhe”

Hojiin akkasii namoota callisanii hojii isaanii hojjetaniin,nama akkamii iyyuu ha ta‟anii,

raawatamaa jiraachuu isaa ibsuuf akkas jedhe” Abbaan fedhe iyyuu kiristoos qajeelummaa isaa

ta’uufii kana mane gammachuudhaan hojjeta,dandeettiin isaas itti tola”Dandeettiin

kee,waamichi jireenya kee Waaqayyo biraa dhufa.Rakkoo hiikuu keessaa dhufa.Dandeettii kee

beekuu feetaa?Rakkoo furi.Wanta baayyee sitti dhiyoo yookiin rakkisaa ta’e furi.Rakkoo namni

kamuu furuuf xiyyeeffannoo ittin laanne kan fakkatu furi.Rakkoon ati sirriitti argitu isa kaanitti

immoo hin mula’atu ta’a;sababni isaa furuun waamicha keeti malee kan isaanii miti ta’aYeroo

furmaataaf of laattu ija kee haaraa godhii rakkicharra kaa’i.Afaan Ayyaanaa dhaga’I,yaada

garaa keen haareffami,ija ho’aadhaan ilaali,isa booda akka roobaatti irratti yandisi.

Seera akka boola awwalchaa duwwatti

(The Law as an Empty Tomb)

Qalbiin Uumama haraa bara dhufutti afaan seeraa yeroo dhageenyu isa ammaa irraa adda nutti

ta‟a.Isa booda seera cubbuu fi seera du‟aa nuttin ta‟u;garuu waa‟ee cubbuu fi du‟aa isa mo‟amee

nu yaadachiisa.Amma immoo summuuda(foretaste) isaa ofirratti arguu dandeenya.Ibsa maartiin

luuter galatiyaa irratti kenne keessaa kan arman gadii sirriitti waa‟ee afaan seeraa dhaabanii

afaan ayyaanaa qofa dhaga‟uu dubbata. Fakkeenyaaf Kiristoos du‟a keessaa ka‟uun isaa,boolla

ba‟uunsaa fi boollichi garuu ammallee jiraachuu isaa .Pheexiroos mana hidhaa keessaa

ba‟e,warri siree irra turan irraaa bu‟an,dargaggeessi sun saanduqa reeffaa keessaa ka‟e,mucaan

durbaa sun siree irraa,garuu amma illee manni hidhaa sirichi,saanduqichi,siren gogaa sun

jiru.Kun akkataa ittiiin seerri anarraa itti dhaabbateedha,osoon ittiin hin gaafatamin.;yerooo ani

seerichaaf du‟e innis du‟aa ture.inni amma illee achuma jira,animmoo seera biraan isa jalaa

du‟e,innis akkasuma anaattii du‟aadha.Akka kristiyaana tti gara qalbii kee guutuudhaan ayyaana

qofa dhaga‟uutti bifa salphaa fi yeroo yeroon galuu danda‟uu qabda. Yaadii fi fakkeenyonni

gara kanatti si fidan si gargaaru. Seerri Waaqayyoo naannoo keenya jira,barabaraanis jiraata.Ati

garuu amma illee akka waan fedhiin seeraa fiixaan hin ba‟in jiruutti isa dhaga‟uu hin

qabdu.Wantoota hunda karaa sirriin yoo goote seerchi gaaffii sirratti hin kaasu. Baroota

dhufanitti,seerri akkuma jirutti kan guutummaatti fiixaan baafamaa ta‟ee fi waan inni barbaadu

kan guutame ta‟uudhaan Yesuus kristoosiif dhuga baatuu ta‟ee jiraata,nuun immoo sana hamma

illee dhamdhamachuu dandeenya. Yesuus kiristoos erga du‟aa ka‟ee booda guyyaa afurtamaaf

erga du‟aa ka‟ee booda osoo gara Waaqayyootti hin deemin bartoota waliin ture.Guyyoota

afurtama kana keessaa yeroo barbaadutti deemee iddoo awwalaa sana irra deebi‟ee daawwachuu


danda‟a ture.Ofitti lammata na fudhata jedhee hin sodaatu.Inni kaayyoo isaa raawateera,amma

isa miidhuu hindanda‟u.Gooftaan jireenya waan itti fayyadameef du‟aaf amma in fayyadu.Akka

yaadannoo mo‟amuu du‟aa qofaatti tajaajiluu danda‟a.Phaawuloos akkas jedhe “Hadhaan du‟aa

cubbuudha,aangoon cubbuu immoo du‟a”(1Qor 15:56).Amma garuu seerichi yesuus kiristoosiin

waan fiixaan ba‟eef kiristoos keessatti cubbuu du‟aan adabeera.Kanaaf amma du‟aaf hin

fayyadu.Akka duraa sana amma cubbuu fi duuti karaa seeraa sitti dubbachuu hin

danda‟ani.Iddoo ayyaanni mo‟utti seerri ni callisa,sababii aangoo dhabeef I mo‟amaa ta‟eef miti

sababii waan inni barbaadu fiixaan baafameefi malee.

Museen bantii gaaraa irratti seera hin qabu ture

(Moses on the Mountaintop Had No Law)

Musee fi gootni tokkummaan waliin maal qabu?Maartiin luuter hiiktuu macafa galaatiyaa irratti

bartoota isaatiif waa‟ee seeraa fi wangeela addaan qooduu gorsa kana kenne:Akkuma kanatti

wangeelli ifa sababeessuu olitti irra caalchisee nu qajeelcha,dhoksaa amantii isa gadi fagootti

bakka seerri fi sababeessuun hojiin ala ta‟anitti nu geessa.Amma iyyuu seera dhaggeeffachuu

qabna.garuu bakkaa fi yeroo ta‟utti ta‟uu qaba.”

Waa‟ee bakkaa fi iddoo ta‟uu kana ibsuuf yaada kana itti dabalee”Museen yeroo tulluu sana lafa

Waaqayyo waliin fuulaa fuulatti walitti dubbataa ture sana ture seera hin fudhanne,seera hin

hojjenne,seeras hin tajaajille.Garuu yeroo gaaricha irraa gadi bu‟e seera kennituu fi uumatas

seeraan bulchaa ture.

Yaadi garaa seera irraa bilisa ta‟uu qaba.Foonni yookiin qaamni agruu seeraaf abboomamuu

qaba.Fakkeenya biraas jireenya guyyaa guyyaa irraa isaan barsiiseera.”Mushirrittiin kutaa

ciisichaa keessatti Misirroo ishee qophaa ta‟uu qabdi,hojjettootni fi maatiin qophaatti isaan

dhiisuu qabu.”Garuu erga inni balbala bane gadi ba‟ee booda,hojjettootni dhufanii isaaniif

hojjechuu ni danda‟u.”Wantootni kun lamaanuu waa‟ee bakkaa ibsu:Bantii tullichaa,mana

ciisichaa.Fakkeenya bara keenyaa ilaaluuf Superman ciminna dhoksaa bantii kaabaa irratti

qaba.Yeroodhaaf addunyaa jalaa miliquufi waa‟ee mana isaa isa dhugaa yaadachuuf deeme.

Garaagara yoo ta’e illee amma iyyuu walitti dhiyoodha

(So Different, Yet So Close Together)

Qajeelfama keessatti sararri seeraa fi ayyana gidduu jiru sararuun salphaadha.Akka yaad rimetti

adda baasuun namatti hin cimu,jireenya qabataamaa keessatti bakka garaagaraa kaa‟uun ni

ulfaata.Barsiisa isaa walfakkataa keessatti maartiin luuter waan jedhe”Wantootni kunlamaan yoo

addaa adda ta‟an iyyuu onnee tokko keessatti walitti qabamu.Wantoota sirriitti wal quunnamuu

danda‟an kan akka soda fi amanuu,seeraa fi wangeelaa,cubbuu fi ayyaanaa kan caalu hin

jiru.dafanii walitti dhufanii inni tokko isa tokkoon nyaatama.”Afaan ayyaana afi afaan seeraa

addaan baasuuf cimaa kan godhe laphee namaati.Lamaan isaanii iyyuu uumamaan amala


akkasiin hin qabani.Kun immoo sababa nuti yeroo hundumaa irra deddeebiidhaan afaan

ayyaanaa yoo dhageenye kaayyoodhaan dhaga‟uu qabna.Ayyaanni bu‟aa qabataamaa jireenya

keenya keessatti akka qabaatu yoo barbaanne,dhaga‟uudhaan shaakaluu qabna.Kana jechuun

Ayyaanni Waagayyoo yeroo sitti dubbatu jeequmsa malee ayyana Waaqayyoo qofaa fi qofa

qaanii,shakkii,dhiphuu,gadi of cabsuu,fi kkf kan seera dhaga‟uurra dhufan,irraa walaba taatee

dhaga‟uu shaakaluu dha. Fakkeenyonni waa‟ee bakkaa haala sammuu keenyaa nuuf

mijeessani.Irra keessa gaarichaa turuu yookiin qophaatti cimuu kana jechuun haala sammuu

keenyaatiin Wangeela qophaa dhaga‟uudha.Yeroo hundumaa bakka sana hin turru ,nuufin mijatu

yoo ta‟es kan beekuun nu barbaachisu,yeroo yeroodhaan dafnee dafnee akkamiin akka

deemnuudha.Kana jechuun yeroo addaan baaftee,yookiin iddoo ta‟e deemtee afaan ayyaanaa

dhaga‟uu qabda akkuma luuter jedhe,seeraatti wallalaa ta‟uu fi akka waan seerri hin jirreetti

jiraachuu bari” jedhe.Ammas akka kanatti yeroo hunda jiraachuu hin dandeessan-kana jechuun

luuter in dandeessu jechaa jira miti,sababni isaa seera dhaga‟uun waan sirra jiruufi.Garuu

akkuma carraa akkasitti jiraattu mitis,kaayyessitanii jiraachuu qabdu malee.Wallalummaan

seeraa inni eebbifamaan akkasii wallalummaa baratamuudha.

Daangaa walbira qabiinsichaa

(On the Limits of Analogy)

Fakkenyota maartiin luuter galatiyaa irratti barsiiseen qayyabataa turree jira.Guutummaa barsiisa

isaa keessatti bakki maartiin luuter bartoota isaaf qabu ifaadha.Inni kan inni itti isaan barbaade

isaan ayyana Waaqayyoo isa qulqulluu osoo gara seera kamiittuu hin jijjiirin akka

fudhataniifi.Inni kan inni isaan irraa barbaade seera fi ayyana akka addaan baasani.yeroo luqqisii

macaafa qulqulluu qo‟atan qofa miti,yeroo kadhatan,yeroo hojjetan,yeroo yaadni isaanii jooru fi

hunda caalaa yeroo amilee dhaban.Luuter altokko tokko fakkii yaadota bakka ayyaanni qofti

dhaga‟amuu fayyadama.Fakkeenyaaf Yoo museetti seerri yeroo inni tulluu siinaarra ture itti

kenname ta‟e iyyuu inni achitti hin fedhu ture.Bantii tullichaa irratti inni Waaqayyoo wajjin

tokkummaatti ture.Seerri yeroo inni gadi bu‟uufi.

Ibsi akkasii kun jireeyi kiritiyaanaa yeroo altokko tokko seera jalatti altokko tokko immoo

ayyaana jalatti ,gara gaarichaatti ol ba‟uu fi gadi bu‟uu irra deddeebiin ta‟u ibsuu danda‟a.Yeroo

tokkotti bakka lamaan dhaabbachuun hin jiru,kun immoo ayyaana fi seerri harka wal si

fufuudhanii amma yesuus dhufutti turu.

Kun iddoo itti ibsi kun addaan cituudha.Yeroo tokkootti iddoo lamaanuu hin jirtu yoo ta‟es

ayyaana fi seera laamnuu akkati dhageeesu dubbatu.Luuter kana caalaa waa‟ee yaada garaa fi

fooniitiin dubbate.Guutummaa barsiisa isaa keessatti bartoonni isaa seera akka isaan yaada garaa

isaanii keessaa darbatan,ifatti kristoos keessa galee museen akka bakka bu‟u dubbate.Yaada kana

walbira qabuu keessa rakkoolee lamatu jiru.Tokko akkataa jechi yaada garaa jedhu kun kakuu

haaraa keessatti itti dhimma ba‟ameedha,Kakuu haaraan akkataa armaan oliitiini ni barsiisa

garuu waan dabalataa qaba.Yaadi garaa kee seeraaa dhaga‟uu qaba.Yaadi garaaa afaan seeraa fi


ayyanaa dhag‟ee gargara baasuusa danda‟uu qaba. Luuter kana gochuun akkam akka cimaa ta‟e

dubbateera;kunis yaadi garaa akka fakkeenya bakka kooluu galuu miti,dirree waraanaati malee.

Inni biraan nama iddoo lamatti gooda,kun immoo karaa ayyaanni hin gooneedhani. Caasaan

ayyanaa fi seera waa‟ee kutaa qaama namaa (anatomy) waliin hiriirsu dhumarratti addaan

caba.Afaanni ayyanaa kutaa qaama kee isa hin argamneef miti.Ayyannis seerriss guutummaa

namummaa kee irratti hojjetu. Jechoonni afuura fi foon jedhaman kun jechoota macaafa

qulqulluuti,kanaafuu sirriitti ta‟u garuu kutaa eenyummaa namaa addaan gochuun miti, garuu

dhiibbaa addaa namarratti fiduudhaani.Dhiibbaan inni tokko isa tokko loluuti.waraana itti

fufaa.kana malees duumessi waraana dhimma kana daran walkeessa fuudhee cimse.

i Waa’ee haara’uu lafaa fi deebi’ee dhufuu gooftaa dubbata.

ii Waa’ee lammata dhalachuu amantootaa dubbata.

iii Efesoon 2:1-7 yoo dubbiste yaada bal’aa argatta.

iv Luq 11:13,Luq 16:23,Yoh 3:36;Mul 20:15

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!