04.03.2022 Views

Barsiisa Macaafa Qulqulluu

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.


Qabiyyee

Baafata

Fuula

1. Macaafa Qulqulluu ----------------------------------------------------------------------- 1

2. Barsiisa Sadan – tokkummaa ---------------------------------------------------------44

3. Eenyummaa Yesuus Kiristoos --------------------------------------------------------58

4. Hafuura Qulqulluu -------------------------------------------------------------------77

5. Barsiisa Hundee Kiristiyaanummaa --------------------------------------------------90

6. Seeraa fi Ayyaana ----------------------------------------------------------------------105

7. Kiristiyaanni Maalii? ----------------------------------------------------------------- 116

8. Qomoo Sadan -------------------------------------------------------------------------122

9. Gosoota Firdii Shanan ---------------------------------------------------------------- 132

10. Wantoota amanaa tokkoof akkuma inni Gooftaa Yesuusiin akka fayyisaa

dhuunfaa isaatti fudhatetti Waaqayyo biratti isaaf raawwataman ------------------138


Qopheessaan:

Daawit Faasiil

Hiikaan:

Kiisii Abdataa (Uumama Haaraa)

2007/2015

Jimma

1

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kutaa 1 ffaa

1. Hiika Maqaa Isaa

Jechi “Qulqulluu” jedhu jecha Gi’iizii irraa kan dhufe yommuu ta’u, hiikni isaas:

“Qulqulleessuu, ulfeessuu, ol ol qabuu, qulleessuu, seecca’uu, adda baasuu, Waaqayyoof

kennuu, qabeenya Waaqayyoo gochuu” jechuu yommuu ta’u, jecha “Qulqullaa’e” jedhuuf

kallattiidhaan “eebbifame, galateeffame, adda baafame, filame, ulfaate, muudame, bilisa, gaarii

ta’e” akka jechuu ti. Kanaaf “Macaafa Qulqulluu” yommuu jennu, “adda kan ta’e, mudaa kan

hin qabne, qulqulluu, dogoggoraa fi hammeenya hundumaa irraa kan qullaa’e, badhaadhummaa

Waaqayyo ofii isaa, qabeenya kan ta’e” malee Macaafa nama dhuunfaa kamiiyyuu ykn amantaa

(religion) kamiiyyuu kan hin taane, macaafota hafuuraa fi biyya lafaa hunda irraa adda kan ta’e,

Macaafa tokkicha dhimma hafuuraa fi foonii kamirrattuu aangoo murteessuu kan qabu” jechuu

keenya dha. Kanaafuu Macaafa Qulqulluu yommuu jennu “Macaafa filatame”, Macaafa

addaa” jechuu keenya dha.

Yaadannoo: Qubee Gi’iizii keessatti qubee “Se” gosa lamatu jira (ሠ fi ሰ). Akkaataa galma

isaaniitti yommuu fayyadamaman hiika adda addaa kennu.

Fakkeenyaaf: Qeddese (ቀደሠ) = Galateeffate jechuu yommuu ta’u, Qeddese (ቀደሰ)’n immoo

“Adda baase” jechuu dha.

Fakkeenyaaf: “Qulqullaa’aa” yommuu jedhu isaan gidduudhaa bahaatii “kan adda baatan

ta’aa” jechuu dha (2Qor 6:17).

Sababiiwwan itti Macaafni Qulqulluu “Qulqulluu” jedhames:

1. Inni kenne Waaqayyo ofii isaatii Qulqulluu ta’uu isaa

2. Macaafota adda addaa lakkoofsa hin qabne addunyaa kanarra jiran irraa macaafa baay’ee

baay’ee adda ta’e waan ta’ee fi kkf.

2

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


2. Macaafni Qulqulluun Maalinnii?

1.Macaafa Waaqayyo Waaqaa ti. Namootni baay’een akka yaadanitti mirga abbaa

qabeenyummaa Macaafa Qulqulluu kan qabu Yihudoota ykn Kiristiyaanota otoo hin ta’iin kan

Waaqayyo ofii isaa qofa ta’uu isaa beekuun baay’ee baay’ee faayidaa qaba. Kana waan ta’eef,

namni dhuunfaa kamiyyuus ta’e, gareen amantaa /religion/ barreeffamaan kan taa’e sagalee

Waaqayyoo irratti mirga dabaluu ykn hir’isuu matumaa hin qabu (Isa 34:16, Fak 30:5).

2. Macaafni Qulqulluun ofii isaa sagalee Waaqayyoo jedhee of waama (Mar 7:13, Rom 10:17)

kana jechuunis sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa irraa kan ka’e, Waaqayyos qajeelaa ykn dhugaa

ta’uu isaatiin Macaafni isaa mudaa tokko illee kan hin qabne (innerant) fi raawwatee dogoggora

kan hin qabne (Infallible) dha jechuu dha (Fak 30:5, 2Phex 1:21, Yoh 10:35, Far 19:7).

3. Macaafni jireenya bara baraaf ta’u humni fayyisuu Waaqayyoo (Wangeelli) kan ittiin mul’atu

Macaafa Qulqulluu qofaa dha (Rom 1:16). Addunyaa kana irratti miliyoona baay’eetiin kan

lakkaa’aman macaafotni amantaa (religion) yoo jiraatan iyyuu, ilmaan namootaa hundaaf kan

ta’u sagalee misiraachoo (Wangeela) ifaa fi haala hin mamsiifneen macaafni tokkichi ibse

Macaafa Qulqulluu qofaa dha.

Yaadannoo: Duraa duuba mul’achuu qabiyyee dhugaa Wangeelaa Macaafa Qulqulluu keessatti

qofa mul’atanii:

1. Namni hunduu cubbamaa dha, namni qajeelaan tokko illee hin jiru

2. Namni seera Waaqayyoo eegee illee qajeelaa ta’uu hin danda’u

3. Beenyaan cubbuu du’a dha

4.Yesuus Kiristoos murtii/firdii/ ilmaan namaa irratti murteeffamee ture mataa isaa irratti akka

raawwatu gochuudhaan iddoo bu’ummaadhaan du’eera.

5. Yesuus Kiristoos iddoo/bakka/ isaa akka du’eefii fi kana irraa kan ka’es murtii jalaa miliquu

isaa mirkaneessuuf warra du’an keessaa akka ka’e kan amanu amantiin isaa qajeelummaatti in

lakkaa’amaaf

6. Namni Yesuus Kiristoosiin laphee isaa guutuu jireenya dhufuuf abdii godhate wabummaa

jireenya bara baraa waan argatuuf fayyina isaa hin dhabu gara teessoo adii guddaattis hin

dhiyaatu (Gosoota murtii 5’n kan jedhu ilaali) kan jedhu dha.

3

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


4. Macaafni Qulqulluu lafa kana irratti jireenya fooniin yommuu jiraanutti macaafa eebba foon

keenyaaf, lubbuu keenyaa fi hafuura keenyaaf kan ta’u ittiin argannu dha (Yoh 15:7).

Dhimmoota foonii fi hafuuraa keenyaa kamiifuu qajeelfamaa fi deebii qaba (2Xim 3:16).

5. Macaafni Qulqulluu maanguddootaaf, ijoollotaaf, beektotaaf, namoota hin baranneef,

dhiirotaaf, dubartoota hundaaf kan ta’u hundis dubbisuu kan danda’u macaafa tokkicha dha.

Akkasumas, macaafa aadaa kamiiniyyuu, nama dhuunfaa kamiiniyyuu fi kkf’n dubbifamuu kan

danda’uu fi jijjiirama fiduu danda’u (Revolutionary) dha.

Yaadannoo: Mootii gudduttiin Ingilizii kan turte Viiktooriyaan albuuda baay’ee xiqqoo kan

qabdu Ingiliziin akkamitti yeroo tokkotti addunyaa hunda bituu akka dandeesse yommuu

dubbattu “Icciitii guddaan Ingilizii Macaafa Qulqulluu dha” jettee turte. Sababiin isaas

uummanni Ingilizii hundi afaan dhaloota isaaniitiin Macaafa Qulqulluu akka dubbisan kan

taasifame waggaa 500 har’aa irraa eegalee madda guddaa jijjiirama yaadaa fi teekinooloojii ta’ee

ture.

6. Dhugummaan seenaa keessa isaa jiru caalaadhumatti immoo macaafa amantaa (religion) kam

irraa adda isa taasiseera. Namootni dhuunfaa isa keessa jiran, hojiilee gurguddoo Waaqayyoo fi

kkf dhugaa waan ta’aniif nama kamiifiyyuu qajeelfama jireenya dhugaa fi qabatamaa kennuufii

danda’eera. Kana irra darbees, waa’ee jireenya gara fuula duraatti dhufuufis dhugumatti

ittigaafatamummaa kennuufii danda’eera (Yoh 3:16).

7. Macaafni tokkichi kallattiidhaan yaada Waaqayyoo namootaaf ibsuu danda’es isa dha. Kana

guutuu kan danda’us macaafni amantaa (religion) addunyaa kana irra tasumaa hin jiran. Dhimma

kamiyyuu irratti fedhiiwwanii fi eeyyamni Waaqayyoo kallattiidhaan kan argaman Macaafa

Qulqulluu keessatti qofaa dha.

8. Yaadni ijoo Macaafa Qulqulluu in ol aanaan /guddaan/(grand theme) Gooftaa Yesuus qofaa

dha. Jalqabaa hanga dhuma Macaafichaatti namummaa fi eenyummaa guddaa inni mul’isuu

barbaade Gooftaa Yesuus Kiristoos dha. Namni macaaficha dubbisee gara Yesuus yoo dhufuu

dhaabaate, Macaafa Qulqulluu qu’achuun isaa galmaan hin ga’amne jechuu dha (Yoh 5:39).

9. Jalqaba addunyaa, seenaa dabarsite, amma kan dabarsite, haala jiru, seenaa addunyaa gara

fuula duraatti dhufuuf jiru, dhuma addunyaa samii fi dachee haaraa dhufuuf jirtu macaafni

mul’isuu danda’es Macaafa Qulqulluu qofaa dha (Efe 1:9).

4

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


10. Macaafa umurii baay’ee baay’ee dheeraa qabu yommuu ta’u gama tamsa’inaanis hamma

Macaafa Qulqulluu tamsaasa kan qabu kan amantaas (religion) haa ta’u, macaafni gosa biraa

addunyaa kana irra gonkumaa hin jiru. Kana duwwaas otoo hin ta’iin afaanota addunyaa kanaa

hundatti macaafni hiikame Macaafa Qulqulluu qofa ta’uu isaatiin adda isa taasisa.

Yaadannoo: Macaafni Qulqulluun afaanotaa 2000 ol ta’anitti kan hiikame yommuu ta’u,

guutummaa addunyaa kanaa hundatti biyya inni hin geenye gonkumaa hin jiru.

3. Kaayyoo Gurguddoo Macaafa Qulqulluu

1. Uumamni ijaan argamuu fi ijaan hin argamne hundi eenyuunii fi akkamitti akka uumame (gara

jiraachuutti akka dhufe) mul’isuu fi beeksisuu

2. Dhugaa fi tokkicha isa ta’e Waaqayyoon ilmaan namootaa hundaa wajjin wal barsiisuu

3. Ilmaan namaa hundi sababii cubbuu isaaf Waaqa qulqulluu wajjin kan wal lole ta’uun, murtiin

qajeelinaa Waaqayyoo akka isa eeggatu akeekkachiisuu

4. Karaa namootni gara Waaqayyootti dhiyaatanii fi itti araaraman, daandii ittiin fayyuu

danda’an itti agarsiisuu (Yoh 14:6, Ibr 7:25).

5. Warri Waaqayyotti araaraman kun immoo jireenya foonii fi hafuuraa akkamii jiraachuu akka

qaban qajeelfamaa fi gorsa kennuu (2Xim 3:14 - 17).

6. Dacheen amma irra jiraannuu fi samiin nuyi beeknu kun gara fuul duraatti sirna isaanii wajjin

akka badanii fi daandii Waaqayyo qopheesseef Yesuus Kiristoos qofatti kan amanan Waaqayyo

wajjin bara baraan samii fi dachee haaraa keessa waliin akka jiraatan mul’isuu

7. Ilmaan namaa hundaaf “Abdii fayyinaa tokkicha” isa ta’e Masiihii Yesuus Kiristoos “qofaa”

abdii kan hin godhatiinii fi kan hin amaniin hundi gara galaana ibiddaa isa Seexanaa fi

ergamoota isaaf qophaa’etti akka gataman dursanii akeekkachiisuu dha.

4. Faayidaa Macaafa Qulqulluu

Macaafni Qulqulluun faayidaa eessumayyuu hin jirre ilmaan namootaaf in kenna. Macaafa

guddaa namootni dhuunfaa, hawaasni, biyyootni jijjiirama ajaa’ibsiisaa akka fidan taasise dha.

Sababiin isaas sagaleen isaa lubbuu kan qabu (the living word) fi kan hojjetu (operative) waan

ta’eefi dha (Ibr 4:12). Faayidaa foonii fi hafuuraa beekumsi Macaafa Qulqulluu kennu keessaa

muraasni kanneen armaan gadii ti.

1. Waaqayyo irraa lammaffaa dhalachuuf (1Phex 1:23 – 25, Yaq 1:18)

2. Dhimma kamirrattiyyuu fedha Waaqayyoo beekuuf (HoE 17:11)

3. Daandiin keenya akka wal nuuf qixxaatuuf (Iya 1: 7 – 9, Far 1:2 - 3)

5

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


4. Waaqayyoon gammachiisuuf (1Sam 15:22)

5. Cubbuu gochuudhaan Waaqayyoon yakkuu irraa of eeggachuuf (Far 119:11, Yoh 8:31 - 35)

6. Daandii keenya qulqulleeffachuuf (Far 119:9,105)

7. Gammachuu fi galata argachuudhaaf (Far 119:62, Er 15:16, Isa 66:5)

8. Nama hubataa ta’uudhaaf (Far 119:97 – 104,130)

9. Waaqayyoon sodaachuu fi ulfina kennuuf (Fak 2: 1 - 5)

10. Hafuura Qulqulluudhaan guutamuuf (Fak 1:23, HoE 10:44)

11. Akka fedha Waaqayyootti kadhachuudhaan kadhanni keenya deebii akka argatuuf

(Fak 15:7,28:9, Yoh 15:7)

12. Waaqayyo fuul duratti dhiqamuu fi qulleeffamuuf (5:26, Yoh 15:3)

13. Sirnaa fi duudhaa namootaa irraa bilisa ba’uuf (Mar 7:6 – 13, Mat 15:1 - 14)

14. Hafuura keenya nyaachisaa hafuuratti guddachuuf (Luq 4:4, 1Phex2:2, Ibr 5:12 - 14)

15. Jireenya keenya keessatti yeroo rakkinnii fi qorumsi nu muudatu jabaannee dhaabachuu fi

kufaatii gadhee akka hin kufneef (Mat 7:24 - 27)

16. Daabiloosiin loluudhaa fi mo’uuf (Mat 4:1 – 11, Efe 6:17)

17. Dogoggora irraa of eeguuf (Mat 22:29)

18. Dogoggora tajaajiltootaa irraa of eeggachuuf (1Mot 13:1 – 32, 2Sen 18:21)

19. Waaqayyoon kan tuffatamne akka hin taaneef (1Sam 15:23)

20. Waaqayyoon kan jibbamne akka hin taanee fi isaan akka jaallatamnuuf (Hos 4:6)

21. Murtii Waaqayyoo dhufu jalaa ooluuf (2Mot 22:8 – 20, Fak 1: 24 - 32)

22. Jireenya tasgabbaa’aa gaggeessuudhaaf (Fak 1:33)

23. Ayyaana qabeessa jechuunis Waaqayyo duratti galateeffamaa ta’uuf (Mul 1:3)

24. Nama nu gaafatu hundaaf deebii sirrii kennuuf (1Phex 3:15, Fak 22:17 - 21)

25. Faayidaalee hedduu kanneen biroo fi kkf (Far 19: 7 - 11)

5. Moggaasawwan Macaafni Qulqulluun Ittiin Waamame

1. Macaafa (Macaafota)/Scriptures/ Mar 15:28, Luq 24:27, Yoh 5 :39, Rom 15:4

“Macaaficha” /the scripture/ jechi jedhu sagalee Macaafa Qulqulluu qofa ibsuuf tajaajilu

yommuu ta’u macaafota kanneen biroof kan hin tajaajille ta’uun isaa Macaafa Qulqulluutiin adda

isa taasisa (Yoh 10:35)

2. Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa (2Qor 3:6,14)

3. Kakuu isa duraa fi Kakuu isa boodaa (Ibr 8:7, 13)

4. Sagalee jiraataa / dubbii Waaqayyoo/ (HoE 7:38, Rom 3:2, Ibr 5:12)

6

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


5. Billaa hafuuraa (Efe 6:17)

6. Macaafa Waaqayyoo (Isa 34:16)

7. Sagalee Waaqayyoo (Qol 3:16, Mar 7:13, Rom 10:17)

8. Faarfannaa 119 keessatti qofa Macaafni Qulqulluun moggaasaalee garaa garaa ja’a (6) gad kan

hin taaneen waamameera (Far 19 wajjin wal bira qabi)

1. Seera 2, Ragaa 3, Ajaja 4, Sirna 5, Sagalee 6. Murtii

Yaadannoo: Yihudootni Macaafota Kakuu Moofaa yommuu waaman iddoo sadiitti

qooduudhaan yommuu ta’u, gabaajeedhaan “Taanaak”“ታናክ” jedhuudhaani dha. Kana

jechuunis: ታ - ተዉራት (Seera), ና - ነቢም (Raajota), ክ - ኬቱቢም (Faarfannaa fi Macaafota) dha. Wal

faana yommuu isaan waamanis macaafota seeraa, raajotaa fi faarfannaawwan jechaa ture;

Gooftaanis kan fayyadame akkaataa moggaasa kanaan ture (Luq 24:27, 44)

6. Fakkeenyawwan Macaafni Qulqulluun itti Fakkeeffame

1. Ibsaa fi ifa (Far 119:105)

6. Abidda (23:29)

2. Burruusa dhagaa caccabsu (Er 23:29)

7. Bishaan (Efe 5:26, Yoh 15:3)

8. Of ilaalee (Yaq 1:23 - 25)

3. Nyaata (Er 15:16, Iyo 23:12 Mat 4:4, Ibr

5:14)

9. Billaa /Goraadee/ (Efe 6:17)

4. Aannan (1Phex 2:2)

5. Dammaa fi Nadhii (Far 119:103, Mul

10:9 - 10)

10. Sanyii (Luq 8: 5 - 15)

7

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


7. Walumaagalatti Fedhii Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu Keessatti irra

Deddeebiin Mul’ate

1. Inni qofaa isaa Waaqa keenya ta’uudhaaf barbaaduu

2. Nuyi saba isaa qofaa akka taanu barbaaduu fi

3. Inni ofii isaa gidduu keenya jiraachuu barbaaduu dha

“Ani Waaqayyo keessan nan ta’a, isinis saba koo in taatu; anis gidduu keessan nan buufadha”

(Lew 21:12, Mul 21: 3

8

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kutaa 2 ffaa

2. Seenaa Macaafa Qulqulluu

2.1. Bara itti barreeffame

Macaafni Qulqulluun barreeffamee xumuramuuf yeroon itti fudhate gara waggaa 1600 in ta’a;

kana jechuunis kutaan Macaafa Qulqulluu kanneen gara jalqabaa (Macaafota seeraa)

barreeffamuu kan jalqabaman Dh.K.D naannoo 1400 – 1500 yommuu ta’u, kutaan Macaafa

Qulqulluu inni gara booddee (Mul’ata Yohaannis) kan inni barreeffame immoo bara araaraa 96 –

100tti jiru gidduutti ture. Haalli kun Macaafni Qulqulluun barreeffamee xumuramuuf bara

baay’ee baay’ee dheeraa kan itti fudhate ta’uun isaa macaafa tokkicha isa taasiseera.

Macaafota Kakuu Moofaa

Bara callisaa

Macaafota Kakuu Haaraa

Maraa Musee 5’nan R/ Isaayyaas R/ Ermiyaas Yaaqoob Mul’ata

Galaatiyaa

Yohaannis

Dh.K.D 1400/1500 740 425 200 45 - 49 Dh.K.B 96 -100

Waggoota 1600

Yeroo Macaafotni Sobaa itti barreeffaman

A. Kakuu Moofaa

Kakuu Moofaan barreeffamuu kan jalqabe Dh.K.B 1400 – 1500tti yeroo jiru gidduutti yommuu

ta’u, raajii fi barreessaan Kakuu Moofaa inni dhumaa immoo Miilkiyaas ture. Miilkiyaas

macaafa raajii isaa kan barreesse Dh. K.D bara 425tti yommuu ta’u raajii Miilkiyaas booddee

Waaqayyo raajii kamiiniyyuu ergaa isaa hin fidne; macaafas hin barreessifne ture. Waan kana

ta’eefis Miilkiyaasii hanga dhufaatii Kiristoositti waggaan dhibba afur (400) “Bara callisaa”

jedhamee waamama.

9

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


B. Bara Callisaa (The period of Silency)

Barri kun raajiin Miilkiyaas macaafa Kakuu Moofaa isa dhumaa barreessee erga xumuree

booddee hanga ka’umsa Yohaannis cuuphaatti kan ture waggoota 400 kan agarsiisu dha; bara

kana keessatti Waaqayyo nama kamiifiyyuu raajii ykn macaafa gonkumaa hin kennine. Barri

kunis yeroo ce’umsaa Kakuu Moofaa irraa gara Kakuu Haaraattii ture.

Yaadannoo:

1. Tokkummaa Waldaa Kiristiyaanaa Kaatoolikii fi Oortodooksii keessatti akka kutaa Macaafa

Qulqulluutti yeroo booddee fudhatama kan argatan macaafotni sobaa (Deutrocanonical)

barreeffamuu kan jalqabaman bara callisaa kana walakkaa irratti Dh.K.D bara 200tti yommuu

ta’u, barreeffamanii kan xumuraman immoo Dh.K.B naannoo bara araaraa 100 – 200tti ture. Kun

kan agarsiisu macaafotni kun akka macaafota biroo gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin kan hin

barreeffamnee fi akkasumas Macaafota Kakuu Moofaa yoo jedhaman iyyuu bara Kakuu Haaraa

keessa kan barreeffamanis waan of keessaa qabaniif walitti bu’insa seenaa fi baraa uumuu

danda’aniiru.

2. Kakuu: Jechi “Kakuu” jedhu, yaada waliigaaltee jedhu kan ibsu yommuu ta’u Afaan

Giriikiitiin Kakuu gosa lamatu jiru. Isaanis “Suunaatikee/sunatiche/” innis Kakuu gosoota wal

gitan lama gidduutti raawwatu yommuu ta’u, “Daayaatikee/Diatiche/” immoo Kakuu gosoota

wal hin gitne ykn wal qixa hin taane gidduutti taasifamu dha. Haata’u malee, Kakuuwwan

Macaafa Qulqulluu Daayaatikee dha.

C. Kakuu Haaraa

Macaafotni Kakuu Haaraa kanneen gara jalqabaa (ergaawwan Yaaqoobii fi Galaatiyaan)

barreeffamuu kan jalqabaman bara araaraa 45 – 50tti jiru gidduutti yommuu ta’u, Macaafni

Kakuu Haaraa inni dhumaa (Mul’ata Yohaannis) immoo bara araaraa 96 – 100 gidduutti

barreeffameera.

10

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


2. 2. Macaafa Qulqulluu Barreessisuuf Namoota Waaqayyo itti Fayyadame

Waaqayyo Macaafa Qulqulluu yaada Isaan guutuu ta’e kana barreessisuuf namoota 40 gad hin

taanetti fayyadameera. Macaafota tokko tokko irratti barreessitoota tokkoo ol ta’an

hirmaataniiru.

Fakkeenyaaf:

A. Macaafa Keessa Deebii Museen yoo barreesse iyyuu, kutaa isa dhumaa kan barreesse garuu

isa miti (Keess 34: 5 - 8).

B. Daawwitiin alatti Macaafa Faarfannaa irratti kan hirmaatan: Aasaaf (73), Ilmaan Qoraahi

(84), Hemaan (88), Etaan (89), Musee (90)

C. Solomooniin alatti Macaafa Fakkeenyaa irratti kan hirmaatan: Aguur (30), Lemu’el (31)

D. Raajii Ermiyaas irratti kan hirmaatan, Baarook (36)

Dhimma Ajaa’ibsiisaa

Namootni Waaqayyo Macaafa Qulqulluu barreessisuuf itti fayyadame hundi barootaa fi haalota

baay’ee baay’ee wal irraa fagaate keessa jiraachaa kan turan, akkasumas sadarkaa jireenya garaa

garaa irra kan turanii fi sadarkaa beekumsaatiinis raawwatee garaa garummaa kan qaban turan.

Ta’us hundi isaanii sababii gaggeessaa Hafuura Qulqulluutiin oofamaa/gaggeeffamaa/

barreessaniif Macaafa Qulqulluu yaadaa fi galma gosa tokko qabu barreessuu danda’aniiru

(2Phex 1:21).

1. Garaagarummaa Baraa

Fakkeenyaaf: Barreessaa isa jalqabaa Musee fi barreessaa isa dhumaa Yohaannis gidduu

waggaa 1600 gad kan hin taane garaagarummaan baraa ture. Wal irraa fageenya baroota dheeraa

jarreen lamaan keessa jiraatan irraa kan ka’e garaagarummaan ilaalchaa, aadaa, siyaasaa,

amantaa (religion) fi babal’inni teekinooloojii yoo jiraates barreeffamni isaanii inni tokko isa

kaan wajjin kan wal simatani dha.

2. Sadarkaa Jireenyaa

Namoota sadarkaa jireenyaa gad aanaa irra turanitti fayyadameera.

Fakkeenyaaf: Amos – Horii horsiisuu fi harbuu dhaabuu (Amos 7:14)

Pheexiroosii fi Yohaannis – Qurxummii qabuu kan turan (Mat 4: 18 - 22)

Namoota sadarkaa jireenyaa ol aanaa irra turanittis fayyadameera.

11

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Fakkeenyaaf: Daawit – Mootii

Solomoon – Mootii

Musee – Mootii kan ture

3. Sadarkaa Beekumsaa

Namoota baay’ee baratan:

Musee – Ogummaa Gibxii hunda kan barate (HoE 7:22)

Phaawuloos – Gemaali’eel irraa kana barate (HoE 22: 3)

Namoota hin baranne:

Pheexiroosii fi Yohaannis (HoE 4:13)

2. 3. Macaafni Qulqulluun Akkamitti Barreeffamee?

A. Meeshaalee Barreessaa:

Macaafni Qulqulluun bocaa fi bifa har’a nuyi harka keenyaan qabannee jirru kana hin qabu ture.

Sababiin isaas bara Macaafni Qulqulluun itti barreeffametti akka yeroo ammaa kana

meeshaaleen barreessaa (waraqaa, maashinii maxxansaa fi kkf) hin turre.

Yaadannoo: Yeroo jalqabaaf waraqaan kan hojjetame Dh.K.B jaarraa 2ffaatti karaa gama

Chaayinootaatiin yommuu ta’u, booddees jaarraa 8ffaatti Arabootaan fi jaarraa 10ffaatti

Awurooppaanotaan beekamuu danda’eera. Meeshaan barreessaa immoo yeroo jalqabaaf kan

hojjetame bara araaraa 1450tti karaa gama nama Jaarman Guutenberg ture. Haa ta’u malee,

yeroo Macaafni Qulqulluun yeroo jalqabaaf barreeffametti meeshaaleen barreessaa dur durii

ture.

Biraannaa (Purchment):

Meeshaan irra guddeessatti akka waraqaatti itti fayyadaman biraannaa ture. Biraannaan gogaa

beeladaa; re’ee, hoolaa fi kkf irraa kan hojjetamu akka waraqaatti irratti barreessuuf kan gargaaru

dha. Macaafichi barreeffama bal’aa kan qabatu yoo ta’e biraannaawwan walitti qabsiisanii

hodhanii fiixee fi fiixee isaa irratti marata godhamu irratti maramu. Kutaan Macaafa Qulqulluu

baay’een isaanii kan barreeffamanis biraannaa irratti ture.

Fakkeenyaaf: Maraawwan Musee 5’nan (Pentateuch), raajii Isaayyaas fi kkf

12

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Maraa Macaafa Qulqulluu isa durii durii

Egaa Macaafni Qulqulluun amma harka keenya irratti akkuma arginu bifa ammayyaawaadhaan

iddoo tokkotti osoo hin bocamiin dura tokkoon tokkoo kutaa Macaafa Qulqulluu qofa qofaan kan

maraman turan. Namni dubbisuu barbaadu kamiyyuu maraa tokko qofaa fuudhee hiikee erga

dubbisee booddee maree kaa’uun isarra jira.

Fakkeenyaaf: Gooftaan Yesuus mana sagadaa keesstti yommuu dubbisu Luq 4:16 – 20, Ibr

10:7, 2Xim 4:13

Dengel (Papyrus):

Biqiltuun dengel akkuma biraannaa barreeffamaaf hojii irra kan oole gosa waraqaa ture. Irra

caalaatti immoo ergaawwan qabiyyee xixiqqoo qabanii fi barreeffamootni kan barreeffaman

waraqaawwan biqiltuu dengel irraa qopheeffaman irratti ture.

Fakkeenyaaf: Ergaawwan Pheexiroos, Yaaqoob fi Yohaannis waraqaa dengel irratti

barreeffameera.

Yaadannoo: Biqiltuun dengel biyya keenya keessatti bidiruu /jalbaa/ hojjechuuf in tajaajila.

Gosa waraqaa kana irratti baala irraa, cilaattii fi wantoota kana fakkaatan irraa qalamiiwwan

cuunfamaniin gargaaramanii in barreessu ture.

B. Afaanota Ittiin Barreeffame

Irra guddeessa barreessuuf afaanotni tajaajilan Afaan Ibiraayisxii (Hebrew) fi Giriikii dha.

Macaafotni Kakuu Moofaa kan barreeffaman Afaan Ibiraayisxiin yommuu ta’u, Kakuu Haaraan

immoo yeroo sanatti afaan saayinsii fi falaasafaa kan ture Afaan Giriikiidhaan ture.

13

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Yaadannoo: Macaafota Kakuu Moofaa keessatti luqqisni ykn caqasni muraasni Afaan

Aramaayikiidhaan (Aramaic) barreeffamaniiru.

Kakuu Moofaa keessatti: Er 10:11, Dan 2:4 – 7:28, Iz 4:8 – 6:18, 7:12 – 26

Kakuu Haaraa keessatti: Mat 5:41, 7:34,14:36, Mat 27:46, Rom 8:15, Gal 4:6

C. Boqonnaa fi Lakkoofsa

Barreessitootni Macaafa Qulqulluu Hafuura Qulqulluudhaan gaggeeffamanii yommuu barreessaa

turan matumaa (gonkumaa) boqonnaa fi lakkoofsa hin fayyadaman ture. Kanaafuu Macaafotni

isaanii qoqqoodama kamiyyuu kan hin qabne fi walitti fufaadha ture. Haata’u malee caqasa

caqasuu namni barbaade maqaa Macaafichaa caqasuu qofaan “Macaafa ebeluu irratti akkuma

barreeffame” jedha malee boqonnaa kanaa fi lakkoofsa kana jedhee hin caqasu ture. Booddee

garuu Waldaan Kiristiyaanaa itti fayyadamuuf akka isheedhaaf mijatuuf yaaddee yeroo

jalqabaatiif bara araaraa 1228tti biyya Ingiliziitti boqonnaa boqonnaa qofaatti qoqqoodame.

Haaluma kanaan waggootii 300 ol boqonnaa qofaadhaan kan ture yommuu ta’u, itti

fayyadamuun isaa irra caalaatti salphaa akka ta’uuf bara araaraa 1551tti biyya Faransaayitti

lakkoofsa lakkoofsatti qoqqoodame. Egaa bara sanaan dura Kiristiyaanotni waggootii 1500 ol

kan turan boqonnaa fi lakkoofsa kan jedhamu gonkumaa hin beekan jechuu dha.

2. 4. Safartuu Macaafa Qulqulluu (Canonicity)

Jechi “Qenoonaa” jedhu jecha Giriikii irraa fudhatame waan ta’eef hiikkaan isaas bara sanatti

ulee shomboqqoo irraa hojjetamee akka meetiraatti waan tokko safaruu ykn shallaguuf kan itti

fayyadaman ture. Safartuu Macaafaa Qulqulluu yommuu jennu, Macaafota 66’n Macaafa

quqlulluu keessa jiran bara sanatti macaafota Macaafota Hafuuraa fakkatanii jiran irraa addaan

baasuuf gaggeessitootni Waldaaa Kiristiyaanaa fi beektonni Macaafa Qulqulluu (Scholars)

ulaagaalee isaan fayyadaman jechuu dha.

2.4.1. Safartuun Macaafa Qulqulluu Maaliif Barbaachisee?

1. Macaafotnii fi ergaawwan sobaa baay’inaan waan tamsaafamaniif /raabsamaniif/ amantooni

kutaalee Macaafa isaanii isa dhugaa beekuu waan qabaniif;

2. Dhalootni hundinuu sagalee Waaqayyoo isa guutuu /mudaa kan hin qabne/ akka argatuuf;

3. Sagaleen Waaqayyoo barreeffamaan kan kaa’amee fi dhimmoota Hafuuraa hunda irratti

aangoo ol aanaa/guutuu/ (Authoritative) qabu akka jiraatu baarbaachisuu isaatiif;

14

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


4. Diinni Macaafota kana balleessuuf irra deddeebi’ee akka gubatu waan taasiseef Macaafoticha

walitti qabanii eeguun barbaachisaa waan tureef;

Fakkeenyaaf: Mootiin Diyooqilxiyaanoos Kiristiyaanummaa balleessuuf kana jechuun tooftaa

inni fayyadame tokko kutaalee Macaafa Qulqulluu funaanuudhaan gubuu ture.

2.4.2. Ulaagaalee Safartuu Macaafa Qulqulluu

Waldaan Kiristiyaanaa gosaa fi baay’ina Macaafichaa addaan baasuuf ulaagaalee adda addaa

fayyadamteetti.

1. Hafuura Waaqayyoo (Inspiration): Macaafichi gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin

barreeffamuu isaa, qabiyyee isaatiin, cimina isaatiin, ergaa isaatiin, faayidaa isaatiin fi kkf ragaa

argachuu (2Phex 1:21).

A. Dhuga-bahumsa/ragummaa/ keessaa: Macaaficha keessatti kan argaman waa’ee

eenyummaa macaafichaa, waa’ee eenyummaa barreessaa, ragaawwan ibsanii fi dhuga-bahumsa

Waaqayyoo fi raajotaa barbaaduu (Kes 31:24 – 26, IyA 1:8, Abo 3:4, Er 36, Nah 8:1 – 8, Dan

9:2, Zak 7:12, ergaawwan Phaawuloos hunda, 2Phex 3:15 fi kkf).

B. Dhuga-bahunsa/ragummaa/ Alaa: Qabiyyeen barreeffama isaa, dhiibbaa fi

dandeettiin jijjiiramuu isaa, guddummaa fi gadi fageenyi qabiyyee barnoota isaa; aangoon isaa

inni hin loognee fi kkf (Hafuura Waaqayyoo isa jedhu ilaali).

2. Dhuga-bahumsa Kakuu Haaraa (Apostolicity): Macaafotni ragaadhaaf Gooftaa

Yesuusii fi ergamoonni itti fayyadamanii fi beekamtii kennamaniif hundi fudhatamummaa

argataniiru.

3. Yihudoota Biratti Fudhatamummaa Isaan Qaban: Ulaagaawwan Macaafota

Kakuu Haaraadhaaf taa’an akkuma jiranitti ta’anii, irra guddeessatti garuu Macaafotni Kakuu

Moofaa kan kennaman Yihudootaaf ta’uu isaatiin Macaafota isaan fudhatan hunda fudhachuun

dirqama dha. Haata’u malee, isaaniif Waaqayyo kallattiidhaan kan kennee fi isaan biratti

fudhatama kan qaban har’a Macaafa Qulqulluu keenya keessa kan jiran Macaafota 39 dha.

4. Dhiibbaa Dandeettii Hafuuraa (Recognition): Dhiibbaa jireenya Hafuuraaa inni

fayyadamtoota irratti fidu waan gaarii fi faayidaa inni amanaaf tajaajila guutuu/hundaa/ (foon,

hafuuraa, lubbuu) kennu (2Mot 22:8 – 23:3, Nah 8).

15

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


5. Ulaagaa Wal-simannaa (Consistency): Macaafota Macaafa Qulqulluu keessa jiran

kanneen biroo wajjin wal-mormii tokko malee walii galuu qabu.

2.4.3. Murtiiwwan Garaa garaa:

Waldaan Kiristiyaanaa isheen jalqaba jalqabaa Macaafota waliin makamanii turan addaan

baasuudhaan iddoo afuritti (4tti) addaan isaan qooddeetti. Isaanis:

1. Walii-galtee kan qaban (Homologoumena): Isaan kunis amma baay’inaan Macaafa

Qulqulluu keessa kan jiran dhuunfatu.

2. Walii-galtee kan hin qabne (Antilegomena): Qabiyyee isaaniitiin Macaafota

kanneen biroo irraa adda kan ta’an.

3. Barreeffamoota Sobaa (Pseudepigrapha): (Macaafota sobaa isa jedhu ilaali).

4. Barreeffamoota Dhoksaa (Apocrypha): /Macaafota sobaa isa jedhu ilaali /dha.

Haata’u malee, abbootiin Waldaa Kiristiyaanaa jalqabaa har’a macaafota sobaa Oortodooksii fi

Kaatoolikii biratti fudhatama argatan hin fudhatan ture.

Fakkeenyaaf:

Atinaatewoos: Bara araaraa 367tti ayyaana Faasiikaa irratti ergaa eebbaa yommuu barreessu

Macaafotni Kakuu Haaraa 27 qofa ta’uu isaanii barreesse. Akkasumas, macaafota sobaa

gonkumaa hin fudhanne ture.

Awusaabiyoos: Macaafota sobaa gonkumaa hin fudhatu.

Booddee garuu, bara araaraa 393tti wal gahii “Hiippoo”tti macaafota barreeffama dhoksaa

mirkaneessan. Booddees, bara araaraa 405tti “Jeeroom”(Jerome) Macaafa Qulqulluu

laatiiniidhaan yommuu hiikamu ajaja “Pooppoo Demaasuus”n macaafoticha itti dabalaniiru.

Hiikkaan Ingiliffaa inni jalqaba jalqabaa “Waayikiliif” yommuu barreessu garuu macaafota

barreeffama dhoksaa kana keessaa baaseera. Dhumarrattis, Waldaan Kaatoolikii “Tireenti”tti

wal gahii walitti fufaa taasifteen (1545 – 64)tti fi wal gahii “Vaatiikaan”tti (1870) macaafota

barreeffama dhoksaa fudhatteetti. Gama Pirootestaantotaatiin garuu, 1647 ibsa ejjennoo amantii

Ministeera Dhiha Ingiliz (Ingliz West Minister) irratti gosa macaafota sobaa hunda kuffisaniiru.

16

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


2.5. Macaafota Sobaa (Deutrocanonicals)

2.5.1. Macaafni Sobaa Maalinnii?

Baay’inni macaafota Macaafa Qulqulluu keessa jiran 66 yommuu ta’an tokkummaa waldaa

kiristiyaanaa Ortodooksii fi Kaatoolikiitti immoo akka kutaa Macaafa Qulqulluutti taasifamanii

kan dabalaman barreeffamoota biroo dha. Gooftaan Yesuus macaafota kana irraa gonkumaa

caqasee kan hin beekne yommuu ta’u, waldaalee Kiristiyaanaa armaan olitti caqafaman biratti

garuu fudhatama argataniiru. Macaafotni Sobaa (Deutrocanonicals) irra guddeessatti iddoo

gurguddoo lamatti kan qoodamani dha.

1. Appookiriifaa (Apocrypha)

2. Suudooppigiraafaa (Pseudepigrapha) jedhamuudhaan beekamu.

1. Appookiriifaa (Apocrypha): Dhoksaa ykn da’oo jechuu dha. Tariis akka kutaa Macaafa

Qulqulluutti baay’inaan waan hin mul’annee fi ammas garuu moggaasni isaaniif kenname

eegamanii kan jiran ta’uu isaanii dha. Macaafotni barreeffama dhoksaa 15 kan ta’an yommuu

ta’u, hundi isaanii kan barreeffaman karaa gama barreessitoota Yihudootaatiin dha. Barri itti

barreeffamanis Dh.K.D 200 hanga bara araaraa 100tti yeroo jiru keessatti dha. Barreeffamootni

warri duraa /jalqabaa/(Original) afaan Ibiraayisxii, Aremaayikii fi Giriikiidhaan kan

barreeffaman yommuu ta’an, hanga har’aattis afaan Giriikii, Laatiinii, Itiyoophiyaa, Gibxii,

Arabaa, Sooriyaa fi Armeeniyaatiin eegamanii jiru. Macaafotichi qabiyyee isaaniitiin iddoo 6tti

qoodamu. Dh.K.D 250tti Macaafa Qulqulluu Kakuu Moofaa gara Giriikiitti hiikame irratti yoo

hin galle illee, suuta suuta garuu garagalchoota gara biroo irratti tokko tokkoon dabalamaa kan

dhufan turan. Garuu, Macaafotni Kakuu Moofaa Yihudootaa Waaqayyo biraa isaaniif kenname

biratti raawwatee akka kutaa Macaafa Qulqulluutti taasifamee hin lakkaawamne.

17

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Qabiyyee Macaafichaa T/L Gosa/Maqaa/ Macaafichaa Bara itti Barreeffame

Barnoota (ትምህርታዊ) 1 Macaafa Ogummaa Dh.K.D 30

2 Macaafa Siiraak Dh.K.D 132

Amantaa(Religion) 3 Xoobiit Dh.K.D 200

Seenaa Jaalalaa 4 Yoodiit Dh.K.D 150

Seenaa (ታሪካዊ) 5 Izraa isa Duraa Dh.K.D 150 – 100

6 Meqaabiyaan isa Duraa Dh.K.D 110

7 Meqaabiyaan isa Lammaffaa Dh.K.D 110 – 70

Raajii (ትንቢታዊ) 8 Baarook Dh.K.D 150 – 50

9 Ergaa Ermiyaa Dh.K.D 300 – 100

10 Izraa isa Lammaffaa Bara araaraa 100

Seenessuu (ትረካ) 11 Asteer (ተረፈ አስቴር) Dh.K.D 140 -130

12 Tseloote Selestuu Deqiiq Dh.K.D Jaarraa 2 ffaa /1 ffaa

13 Soosinnaa Dh.K.D Jaarraa 2 ffaa /1 ffaa

14 Beelii fi Diraagonuu (Daani’el) Dh.K.D 100

15 Kadhata Minaasee Dh.K.D Jaarraa 2 ffaa /1 ffaa

2. Suudooppigiraafaa (Pseudepigrapha): Amalli Macaafotni kun ittiin beekaman

immoo eenyummaa barreessaa isaanii fi barri itti barreeffame raawwatee qixatti beekamuu

dhabuu dha. Ta’us walumaagalatti garuu kan barreeffaman Dh.K.D 200 hanga bara araaraa

200tti yeroo jiru gidduutti ture. Qabiyyee gosa 5tti qoodamu.

18

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Qabiyyee Macaafichaa Gosa/Maqaa/ Macaafichaa

1 Macaafa Iyoobeeliyuu

Seenessuu /ትረካ/ 2 Ergaa Arisxiyaas /¾›`eÖ=Áe SM°¡ƒ/

3 Macaafa Addaam Weheewaan

4 Semaa’itaat Isaayyaas /¾›=dÁe cT°ƒ’ƒ/

5 Macaafa Heenook

6 Kakuuwwan abbootii 12’n

Mul’ata

7 Seenaa raajota Dubaraa /²?“ ’u=Áƒ እ”eƒ/

8 Macaafa Musee

9 Macaafa Baarook

10 Meqaabiyaan isa Duraa

Barnoota /ትምህርታዊ/ 11 Meqaabiyaan isa Lammaffaa

12 Seenaa Ahiqaar /¾›H>n` ታ]¡/

13 Faarfannaa Solomoon

Weedduu /ቅኔያዊ/ 14 Faarfannaa 151

Seenaa /ታሪካዊ/ 15 Hojii Saduuqotaa /¾dÊn¨<Á” Y^/

Macaafotni kun safartuudhaan Macaafota keessatti yoo hammatamuu dhaabaatanii fi

Yihudootaanis fudhatama kan hin qabne yoo ta’anis Macaafotichi garuu yeroo sanatti raabsa ykn

tamsaasa baay’ee yoo qabaatanii fi Yihudoota birattis Kiristiyaanota birattis kan beekaman ture.

Akka fakkeenyaatti, ergaa Yihudaan barreesse keessa Macaafa Heenook irraa barreeffamoota

caqafaman in arganna. Yih 9, 14 – 15.

2.5.2. Rakkoowwan Macaafota Sobaa

1. Eenyummaan Barreessitootaa Waliigalteen Beekamuu dhabuu: Barreeffamoota Macaafa

Qulqulluu kanneen biroo eenyu akka barreesse beekuuf baay’ee rakkisaa miti. Macaafota sobaa

kana garuu barreessaan isaanii raawwatee hin beekamu. Kan nama dhibu immoo bara

barreessaan lubbuudhaan hin jirretti kan barreeffamanitti baay’atu.

Fakkeenyaaf: Irraa hafa Ermiyaas /ተረፈ ኤርምያስ/, Irraa hafa Daani’el /ተረፈ ዳንኤል/

19

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


2. Ibsa Barootaa: Irra caalaadhumatti immoo macaafotni Suudooppigiraafaa

(Psuidopigrapha) bara itti barreeffame beekuun baay’ee rakkisaa dha. Kana irratti dabalataanis

barreeffamoota Macaafota sobaa keessatti dogoggorri itti fayyadama yeroo ykn baraa in argama.

Fakkeenyaaf: Otoo Yesuus hin dhalatiin “Ilma Waaqayyoo Yesuus” jedhee ibsuun

macaafichaa raajichi ofii isaatiin otoo hin ta’iin erga Gooftaan dhalatee booddee barreefamuu

isaaf ragaa dha (Irraa hafa Ermiyaas 11:46).

3. Walitti Bu’insa Seenaa: Macaafota sobaaf beekamtii kennuudhaan otoo kutaa Macaafa

Qulqulluutti isaan daballee Macaafa Qulqulluu waliin walitti bu’insa seenaa baay’ee uumu.

Fakkeenyaaf:

1. Macaafa Qulqulluu irraa: Daani’eel kadhata dhaabuu dhiisuu isaatiin bool’a Leencotaatti

gatame (Dan 6)

Macaafa Sobaa/አዋልድ መጻህፍት/ irraa: Daani’eel jawwee ajjeesuu isaatiin bool’a keessatti

gatame (Irraa hafa Daani’el 13:26).

2. Macaafa Qulqulluu irraa: Daani’eel guyyaa tokko qofa bool’a leencotaa keessa yommuu

bulu (Dan 6:17 - 23)

Macaafa Sobaa/አዋልድ መጻህፍት/ irraa: Daani’eel guyyoota toorbaaf bool’a leencotaa keessa

ture (Irraa hafa Daani’eel 13:39).

4. Walitti Bu’insa Barsiisaa/Doctrine/:

1. Macaafa Qulqulluu irraa: Qarshii /horii/jaalachuun hundee wanti hamaan hundi irraa maddu

dha. Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannu qabaannaan nu ga’a (1Xim 6:8 - 10)

Macaafa Sobaa/አዋልድ መጻህፍት/ irraa: Qarshiin naga’a hin jedhiin(Macaafa Siiraak 11:24, 5:1)

2. Macaafa Qulqulluu irraa: Jilbi hundinuu Yesuusiif in jilbeenfata (Fil 2:9 - 11)

Macaafa Sobaa/አዋልድ መጻህፍት/ irraa: Gara iddoo mushurrummaa (Caalugaa) tti yeroo galtutti

ixaana bullaa’aa, achiin booddees qurxummii, laphee, tiruu isaa irraas itti aarsi. Hafuurri hamaan

yeroo kana foolii fuudhu in baqata; bara baraan hin deebi’us (Xoobiit 6:16).

5. Gurra guddisuun Irraa Mul’ata:

A. Hojjaan namootaa hamma dhundhuma 3000 ga’a ture (Heenook 2:12)

Dhundhuma 3000 = 1500m = 1.5km ta’uu isaa in beeka

B. Abeemelek waggoota 66f hirriba rafe (Irraa hafa Ermiyaasa 9:1)

20

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


5. Dogoggorawwan Garaagaraa:

1. Macaafa Qulqulluu irraa: Daawwit mana qulqullummaa hojjechiisu malee jedhee yommuu

yaadetti Waaqayyo garuu “Ati naaf hin hojjettu” jedhee isa dhowwe (2Sam 7:1 – 6, 1Sen 28:3).

Macaafa Sobaa/አዋልድ መጻህፍት/ irraa: Waaqayyo mana qulqullummaa “hojjedhu” jedhe jedha

(Izraa Sutuu’eel 2:22 - 23)

2. Macaafa Qulqulluu irraa: Addaam baala harbuutiin qullaa isaanii dhokfatan jedha malee

kan nyaate ija isaa nyaatanii hamaa fi gaarii addaan baasani dha (Uma 2:17, 3:7).

Macaafa Sobaa/አዋልድ መጻህፍት/ irraa: Addaam kan nyaate muka harbuu dha (Izraa Sutuu’eel

1:7, Meqaabiyaan isa Duraa 27:15).

3. Yesuus Kiristoos ergamaa“Uuraa’el” jedhamu akka ta’e akeekkannoo tokko malee

barreeffameera (Izraa Suutuu’el 3:15, 31, 38 – 4:1 ilaali).

4. Ergamaan kun akka “Waaqayyo Abbaa” ta’ees barreeffameera (Izraa Suutuu’el 5:1, 28, 29)

5. Jechi Sillaasee /Sadan-tokkummaa/ jedhamu yeroo “Tertuuliyaan” Abbaa Waldaa

Kiristiyaanaa turetti Dh.K.B 160 – 220tti moggaasa kenname yommuu ta’us Macaafa Kakuu

Moofaa dha jedhame keessatti jechi kun barreeffameera (Izraa Suutuu’el 4:5, Yoodiit 11:19,

Siiraak 3:22).

6. Macaafa Qulqulluu irraa: Maqaa Yesuusiin yommuu gaafannu deebii in arganna

(Yoh 14:13, 16:13)

Macaafa Sobaa/አዋልድ መጻህፍት/ irraa: Foon ofii gadadchuun/rakkisuun/ kadhanni akka

dhaga’amu godha (Izraa Suutuu’el 8:24).

7. Ergamaan yommuu soba dubbatu (Xoobiit 5:11 - 12)

8. Mitswaat qulqulloofteetti (Xoobiit 14:11), Rom4:4 – 6, Gal 2:21 wajjin wal bira qabi

9. Barreessitootni Meqaabiyaanotaa beekumsa Macaafa Qulqulluu qabaachuun isaanii kan wal

nama gaafachiisu dha (Meqaabiyaan isa Duraa 19:9, 14, 23:1 - 2)

10. “Barreessichi Nama Itiyoophiyaa ta’a laataa?”(Siiraak 4:25, Heenook 21:31)

11. “Ibiddi isaa kan hin badne, raammoon isaa kan hin mugne” sagalee Kakuu Moofaadhaayii?

(Siiraak 7:17)

12. Dhuguma barreessaan kun nama Kakuu Moofaatii? (Siiraak 24: 1 – 34, Xibeb 5:1 - 6)

13. Moggaasni Maariyaam, Pheexiroos, Waaqayyo Abbaa jedhaman Kakuu Moofaa keessatti

matumaa hin beekaman. Haata’u malee,(Siiraak 24:10, 12, 28, Xibeb 2:12 – 18 ilaali)

14. Risaa fi namni yommuu waliin dudubbatan (Irraa hafa Ermiyaas 10:23 – 11:8)

21

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


15. Fayyinni Taskaara baasuudhaani (Siiraak 7:33) HoE 4:12, Efe 2:8 wajjin wal bira qabi.

16. Gabateen Museef kenname dhagaa irraa kan hojjetame yoo ta’e iyyuu “Callee ykn Dhagaa

gati-jabeessa /እንቁ/” irraa jedhamee barreeffameera (Kufaalee 1:1, Bau 34:1, 2Qor 3:7 wajjin wal

bira qabi)

17. Waaqayyo ergamoota wajjin yommuu mari’atu (Kufaalee 4:4), Isa 40:13 – 15 wajjin wal bira

qabi

18. Addaam Hewwaaniin otoo iddoo dhaabaa /Gennet/ keessa jiruu ishee beeke (bira ga’e)

(Kufaalee 4:6), Uma 4:1 wajjin wal bira qabi

19. Beeladootni hundinuu afaan tokkoon waliin dudubbatu ture jedha (Kufaalee 5:2)

20. Guyyaan jalqaba torbanii (Sanbatni) Kakuu Moofaa keessatti akkamitti akka filatamtee?

(Heenook 16:3)

21. Saanduqni Kakuu akka baddetti hafte (Izraa Suutuu’el 9:21 - 23) ykn Saanduuqni Kakuu sun

Baabiloonotaan akka booji’amtee fi baduu ishee kan dubbatu kutaa Waldittiin haala barteedhaan

barsiiftu barumsa saanduqni Kakuu sun “Aksum dhufteetti”jedhu wajjin wal dhiita.

Yaadannoo: Caqasawwan/luqqisootni/ armaan olitti eeraman hundi kan fudhataman “Macaafa

Qulqulluu” bara 1980 kan maxxanfame haala barteen 81 jedhamu irraa ti.

Macaafotni sobaa dogoggoroota kanneen fakkaatan hundaan kan guutamani dha, kana irra caalaa

immoo safartuuwwan Macaafotni biroo guutan, guutuu hin dandeenye. Ulaagaalee safartuu

Macaafa Qulqulluu kan jedhamanis:

1. Ulaagaa Ergamtummaa (Apostolicity)

2. Ulaagaa Fudhatamummaa Yihudootaa fi Waldaa Kiristiyaanaa ishee jalqabaa biratti qaban

3. Ulaagaa Wal-simannaa (Consistency)

4. Ulaagaa Dhuga-bahumsa keessaa fi alaa (Inspiration)

5. Ulaagaa Dhiibbaa Waldaa Kiristiyaanaa irratti qabu (Recognition)

Egaa Macaafni sobaa kamiyyuu ulaagaalee kana keessa darbuu hin danda’an. Gaaffiiwwan

armaan gadii irratti bu’uureffachuun macaafoticha madaaluudhaan Macaafa Qulqulluu 66’n

gaggeessaa Hafuura Qulqulluutiin barreeffaman irraa addummaa qaban beekuu in dandeenya.

22

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


2. 6. Gaaffiiwwan Macaafota Sobaa Irratti Ka’an

1. Macaafotni Kakuu Moofaa Yihudootaaf yommuu kennamu Macaafotni sobaa wajjin

kennameefiiraa? Matumaa

2. Gooftaa Yesuusii fi Ergamootni irra guddeessaan caqasanii in beekuu? Matumaa

3. Amantootni jaarraa jalqabaa Macaafotichi Macaafa Hafuuraati jedhanii in amanuu? Matumaa

4. Macaafotni sobaa walii isaanii wajjin hariiroo cedheedhummaa /walitti fufaa/ yoo qabaatan

Macaafa raajotaa wajjin walitti qabachuu in danda’uu? Matumaa

5. Qabiyyeen ergaawwan keessa isaanii jiru Waaqayyo uumama isaa booji’uuf adeemsa adeemu

wajjin walitti dhufeenya qabuu? Matumaa

6. Macaafotichi Hafuura Waaqummaa fi aangoo qaban ta’uu isaaniitiin akka Macaafota Kakuu

Moofaa biroo in dubbatuu? Matumaa

7. Qabiyyeen barreeffama keessa isaanii jiru qabiyyee Macaafota Hafuura Waaqayyoo Kakuu

Haaraa wajjin walitti in bu’aa? Eeyyee

8. Macaafotichi yommuu dubbifaman akka Macaafota Kakuu Moofaa biroo nama dubbisu sana

irratti dandeettii dhiibbaa Hafuuraa bulchuu qabuu? Matumaa

9. Namootni Macaafoticha barreessan aangoo raajummaa kan qaban ykn mul’ata kan qaban

turanii? Matumaa

10.Dhugummaan seenaa Macaafotichaa sirrii fi dogoggora kan hin qabne dhaa? Matumaa

11. Macaafotichi jalqaba kan barreeffaman kutaa Macaafa Qulqulluu akka ta’aniifii? Matumaa

23

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kutaa 3 ffaa

3. 1. Macaafni Qulqulluun Raawwatee “Sagalee Waaqayyoo” ti

Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa ragaawwan gargaaran gosa lamatu jiru.

1. Ragaa Keessaa (Internal Evidence)

2. Ragaa Alaa (External Evidence)

1. Ragaa Keessaa (Internal Evidence): Kana yommuu jennu haalotni Macaafa

Qulqulluu ofiidhuma isaa keessatti ilaalamanii fi dhuga-bahumsa Macaafichi ofii isaa kennu

jechuu dha.

A. Macaafni Qulqulluun mataan isaa sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa barreeffamootni

dhibba baay’eetti kan lakkaa’aman ni mirkaneessu.

Fakkeenyaaf: Uma 1 fi 2 “Waaqayyos … jedhe”

Kes 6:6 – 9 “Ani har’a kanan si abboomu/ajaju sagalee kana”

Iya 1: 8“Macaafa seeraa kana … jedhee ani si in abboomneeree?”

Macaafa Qulqulluu keessatti sagaleewwan“Waaqayyos jedhe, Waaqayyoo akkas jedha” jedhan

si’a baay’ee baay’ee irra deddeebi’amee barreeffameera. Kanas kan dubbate sagaleen

kallattiidhaan afaan ofii isaa keessaa ba’uu isaa agarsiisa. Caqasawwan kanneen biroos Macaafni

Qulqulluun sagalee Waaqayyummaa isaa ni mirkaneessu (2Sam 22: 31, Far 1: 2, 12: 6, Fak 30: 5

– 6, Isa 55:10, Er 15:16, Dan 10:21, Lak 22:38, Kes 18:18 – 20, Er 1:9, 23:16 – 22, His 2:7).

B. Gooftaa Yesuus Macaafota Kakuu Moofaa keessaa caqasuudhaan sagalee Waaqummaa

isaa mirkaneesseera.

Seenaawwan Kakuu Moofaa keessatti barreeffaman, hojii ajaa’ibsiisaawwan /dinqiiwwan/

caqasuudhaan dhugummaa isaanii mirkaneesseera.

Fakkeenyaaf:

Seenaan uumamaa Seera Uumamaa keessatti barreeffamuu isaa (Mat 19:4)

Dhugummaa seenaa Addaamii fi Hewwaan (Mat 19: 4 - 6)

Waa’ee Abeel (Mat 23:35)

Waa’ee Seexanaa (Luq 11:18, His 28:11 - 19)

Waa’ee Nohi (Mat 24:37 - 38)

Waa’ee Yoonaas (Mat 12:39)

Waa’ee haadha manaa Loox (Luq 17: 32) fi kkf

24

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Yesuus Macaafota Kakuu Moofaa caqasuu fi isa irrattis dhugummaa caqasawwan raawwataman

sagalee raajiidhaan mirkaneessuu isaatiin sagalee Waaqummaa Macaafotichaa irra caalaatti

agarsiiseera.

C. Sagaleen Waaqayyoo qajeelaa /sirrii/ ta’e karaa barreessisoota raajotaa dabarfameera

Waaqayyo irra deddeebi’uudhaan afaan raajotaa keessaan darbuudhaan dubbateera. Akkasumas

warri inni gaggeesse sagalee isaa irraa otoo hin hir’isiin ykn itti hin dabaliin barreessaniiru.

Fakkeenyaaf: 1Mot 14:18, 16:12, 34, 2Mot 9:36, 14:25, Er 37:2, Zak 7:7, 12

Sababii kanaaf jecha raajotaa kan hin kabajne sagalee isaa akka hin kabajnetti barreeffameera.

Kes 18:19, 1Sam 10:8, 13:13 – 14, 15:3, 19, 23, 1Mot 20: 35 – 36 fi kkf 1Qor 11:23, 14:37, 7:12

(Phaawuloos sagalee isaa sagalee Gooftaa irraa adda baasee kaa’eera)

Kana irratti dabalataanis, Macaafni Qulqulluun namootni ofii isaanii namootaaf kan barreessan

otoo hin ta’iin namoota Hafuurri Waaqayyoo isaan gaggeesseen kan barreeffaman akka ta’e in

dubbata (2Phex 1:20, 21).

Kana waan ta’eef dhugaa Macaafa Qulqulluu irratti Hafuurri Waaqayyoo boqochuu fi sagalee

Waaqayyoo ta’uus mirkaneessuu danda’eera.

2. Ragaa Alaa (External Evidence): Macaafni Qulqulluu sagalee Waaqayyoo ta’uun isaa ofii

isaa qofa kan mirkaneessu otoo hin ta’iin, ragaawwan baay’ee warra shakkitoota iyyuu

amansiisuu danda’uun kan guutame dha.

A. Walitti fufinsaa fi soroorummaa Macaafa Qulqulluu: Macaafni Qulqulluun barreeffamee

xumuramuuf yeroo inni fudhate gara waggoota 1600tti kan dhiyaatu dha. Egaa barreessaa seera

uumamaa fi mul’ata Yohaannis gidduu fageenya waggaa hamma kanaatu (waggaa 1600) jira.

Akkasumas namootni Waaqayyo sagalee isaa barreessisuuf itti fayyadame garaagarummaa

beekumsaa, akkaataa jireenyaa, hojii fi kkf kan qaban yommuu ta’u, erga akkas ta’ee namootni

baroota garaa garaa keessa turan kan wal hin beekne akkamitti Macaafota walitti fufinsaa fi

soroorummaa /jal’ina kan hin qabne/ qabu barreessuu danda’anii? Kana namni kamiyyuu falmuu

kan hin dandeenyee fi kan inni barreeffames gaggeessaa Hafuura tokko qofaan ta’uu isaa dhugaa

mirkaneesse dha.

B. Gad fageenyummaa Mul’ata Macaafa Qulqulluu: Hamma Macaafa Qulqulluu dhugaan

kan guutee fi baay’ee gad fageenya kan qabuun kan nutti agarsiisuu danda’u addunyaa kana irra

macaafni biraa hin jiru. Barreessitootni waa’ee argamsoota ammayyaa beekumsa tokko illee otoo

hin qabaatiin wantoota barreessan,har’a qorannaa saayinsaawaatiin hafteewwan ykn

25

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


hambaawwan lafa keessaa qotamanii bahan caalaatti mirkaneessuu danda’eera. Hojiiwwan

karooraa fi kaayyoo baay’ee guddaa mul’isuutiin akkasumas, sagaleen raajii isaa yommuu

raawwataman ilaaluudhaan sagalummaa Waaqayyootiin salphaatti mirkaneessuun in danda’ama.

Geengummaa dachee, qabiyyee roobaa, bishaanirra bololi’uu dachee, urjii hamaaketaa (Polar

bear), duraa duuba uumamaa, dacheen boca dhabeettii akka turte, bishaaniin kan haguugamte

akka turte, biqiltootni lubbu-qabayyii jalqaba lafa kanarraa (The beginning of life on earth) ta’uu

isaanii ogummaawwan uumamaa kanneen biroo fi kkf jalqabuma bara durii kan barreeffaman

yommuu ta’u har’a addunyaa saayinsiidhaan akka argamsa haaraa argamee hin beekneetti

mirkanaa’eera.

C. Guddummaa Amala Macaafa Qulqulluu: Sagalee barreeffame isa ta’e Macaafa Qulqulluu

fi sagalee foon jiraataa ta’e Yesuus Kiristoos bifa wal fakkaataadhaan aangoon isaanii

mul’ateera. Kana jechuunis, sagaleen foon ta’ee barreeffamaan taa’e, sagalee Waaqaa akka ta’ee

fi dhimma Hafuuraa hunda irratti aangoo murteessuu akkasumas eenyuyyuu mormuu kan hin

dandeenye ol aantummaan akka jiru beeksiseera.

D. Aangoo Macaafa Qulqulluu Isa hin Loogne: Macaafni Qulqulluun ilma namaa kam irratti

iyyuu aangoodhaan dubbata. Cubbamaa ta’uu fi dadhabbummaa nama hundaa saaxila baaseera.

Qalama/kobbee/ namaatiin yoo barreeffames namaa gara namaatti otoo hin ta’iin, sagalee aangoo

Waaqayyo irraa gara namaatti kan ta’e dabarsa. Mootota, hiyyeessota, dureeyyota, ergamoota,

uumama addaa irratti aangoo sagalee murtii dabarsuu qaba.

E. Guddummaa Barsiisa Macaafa Qulqulluu: Macaafni Qulqulluun icciitii beekumsa dhala

namaa olii fi adda ta’e in mul’isa. Dhimma kam irratti ibsa beekumsaa inni kennu baay’ee

baay’ee guutuu fi sirrii yommuu ta’u, beekumsa yeroon isa hin jijjiirre, teekinooloojiin kan isa

hin hambifne in mul’isa. Kana irraa kan ka’e, Macaafa durii durii ykn Macaafa ammayyaa dha

jechuudhaaf waan rakkisuuf “Sagalee bara baraa /ዘላለማዊ ቃል/” jedhamuu danda’eera.

F. Qabiyyee Sirna Barreeffama Isaa: Gama kanaan yommuu ilaalamu dhugumatti dandeettii

naamootaatiin kan hin barreeffamne ta’uu isaa ariitiidhaan beekuun in danda’ama. Qabiyyeen

keessa isaatti argamu sirna barreeffaa jiran hunda kan dhuunfate dha. Gabaasota seenaa, raajota,

weedduuwwan, tiyaatiroota, kan waraanaa, seenaawwan jaalalaa kan qabate dha. Kunis namoota

sadarkaa beekumsaa kam irra jiran booji’uuf humna akka qabaatu isa taasiseera.

G. Humna Jijjiiruu fi Baay’inaan Maxxanfamuu Macaafa Qulqulluu: Addunyaa keenya

kana irratti hamma Macaafa Qulqulluu saba garaa garaaf afoonota garaa garaatti macaafni

26

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


hiikame hin jiru. Gama baay’ina maxxansaatiinis matumaa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal

dorgomu hin argamu. Dabalataanis, ergaawwanii fi beekumsa Macaafa Qulqulluu keessa jiraniin

namootni jijjiirama jireenyaa fi kaayyoo sirrii ta’e fiduu isaaniitiin Macaafni Qulqulluu sagalee

Waaqayyoo ta’uu isaaf ragaa dha. Sagalicha irraa kan ka’es, seenaan namoota kuma baay’ee fi

biyyootaa jijjiirameera. Dandeettiin nama qulleessuu, haaressuu, jijjiiruu isaa shakkii tokko

malee sagalee Waaqayyoo ta’uu isaaf ragaa dha.

3. 2. Macaafni Qulqulluun Dhugumatti “Hafuura Waaqayyoo” ti.

Macaafni Qulqulluu Hafuura Waaqayyooti yommuu jennu, namoota Waaqayyo barreessisuuf itti

fayyadame gaggeessaa guutuu /dhugaa/ ta’een akka barreessaniif taasisuu isaa agarsiisuudhaafi

dha. Hafuura Waaqayyoo (inspiration) jechi jedhu afaan Giriikiitiin “Theopneustos” jedhamee

isa barreeffame yommuu ta’u, hiikkaan isaas “Waaqayyo hafuura baafate, hargane” akka

jechuu ti, kutaa Macaafa Qulqulluu kun keessatti barreeffame hiika garaa garaatiin kaa’ameera

(2Xim 3:16).

“Macaafa Hafuura Waaqayyoo of keessaa qabu…” (Hiikkaa 1954)

“Macaafni Qulqulluu hundi gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame dha” (Hiikkaa

1980)

“Macaafotni Qulqulluu hundi Hafuura Waaqayyoo kan of keessaa qabani dha” (Hiikka waalta’aa

haaraa /አ.መ.ት/)

“All scripture is given by inspiration of God” (KJV)

“Every part of scripture is God - breathed” (The Message)

Tooftaalee hiikkaa garaa garaan yoo taa’es hundeen yaada “Theopneustos” garuu

barreeffamootni Macaafa Qulqulluu hundi dhiibbaa Waaqayyoo fi hirmaannaa Waaqayyootiin

kan barreeffaman ta’uu isaanii agarsiisuu dha. Kana irratti dabalataanis, sagaleen “Macaafota

Hunda” jedhu hundi “Graphe” kan jedhu yommuu ta’u kunis Macaafota Macaafa Qulqulluu

keessa jiran qofa kan ibsu malee maxxansaawwan Hafuuraa kanneen biroo (kitaabota, barruulee)

fi kan kana fakkaataniif kan tajaajilu miti. Dhimma kana irratti yaada garaa garaa (theories) tu

jiru. Ilaalchota Waaqayyo Macaafa Qulqulluu barreessisuuf ykn Hafuura isaatti kan fayyadame

hammaa fi sadarkaa garaa garaa dha kan jedhan irratti yaada (theories) hirkatani dha.

27

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


2.1. Ilaalchota (Yaadota /Theories/) Hafuura Waaqayyoo

2.1.1. Ilaalcha Yaada Sagalee /guutuu/ (Full inspiration of words)

Yeroo barreeffamootni kutaa Macaafa Qulqulluu gara jalqabaa barreeffamanitti Waaqayyo

barreessitootaan filannoon jechootaallee otoo hin hafiin isaan filateera jechuu dha. Kunis

gaggeessaa Hafuura Qulqulluu malee kan barreeffame hin jiru jechuu dha. Haa ta’u malee,

yaadni (theory) kun kanneen biroo hundarra fayyaa fi deeggarsa Macaafa Qulqulluu kan qabu

ta’ee in argama.

2.1.2. Yaada sagalee sagaleetiin (Mechanical and word inspiration)

Waaqayyo barreessitootni sagalee isaa barreessan hirmaannaa tokko illee akka hin goone

taasiseera kanaafuu miirri barreessitootaa tokko illee hin barreeffamne jechuu dha. Kun immoo

yaada gaddi, gammachuun, oriisaan fi kkf barreessitootaa kan hin dhuunfatamne isa taasisa.

2.1.3. Yaad-rimee /ጽንሰ - ሀሳባዊ/ (Idealistic approach)

Waaqayyo barreessitootaaf kan kenne sagalee isaa isa sirrii osoo hin ta’iin yaad-rimee isaa

qofaadhaatii ilaalchichi ‘barreeffama namootaati’ kan jedhu yommuu ta’u abbaan Macaafa

Qulqulluu namoota akka ta’an barsiisa.

2.1.4. Gar-tokkoo Hafuura Waaqayyoo (Partial inspiration)

Yaada kutaawwan muraasa Macaafa Qulqulluu irraa fudhataman qofaadha gaggeessaa

Waaqayyootiin kan barreeffaman jedhu dha.

2.1.5. Ortodooksii isa Haaraa (Neo -orthodoxy): Yaada (Theory) namni Kaarl Bart jedhamu

dhiyeesse yommuu ta’u, yeroo Macaafni Qulqulluu barreffaametti gaheen Hafuura Waaqayyoo

yoo jiraate iyyuu Macaaficha keessatti garuu yaadni dogoggoraa in argama jedhu dha.

2.1.6. Hafuura Uumamaa (Natural inspiration theory): Barsiisa hunda irra hamaa fi Macaafa

Qulqulluu akkuma macaafota halleetti/kamiitti/ kan lakkaa’u dha.

Ragaa/Mirkaneessa/ Hafuura Waaqayyoo

A. Dhuga-bahumsa Kiristoos:

Macaafni Qulqulluu macaafa Hafuura Waaqayyoo ta’uu isaa ragaa guddaa nuyi argannu Yesuus

Kiristoos mataadhuma ofii isaa irraa dha. Waan hundumaa caalaa immoo, inni macaafota irraa

caqasuu fi barsiisuun aangoo macaafotni qaban mirkaneesseera. Bu’uura Mat 5:18tiin seera

keessaa qubeen/tuqaan/ tokko akka hin dabarre dubbachuudhaan sagalichi Hafuura Waaqayyoo

ta’uu isaa hubachiiseera. “Tuqaan tokko” ykn sagaleen tokko hin dabartu jechuu isaatiin tokkoo

tokkoon sagalee isaanii Hafuura Waaqayyoo ta’uu isaa guddiseera.

28

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Yoh 10:35 irriatti kitaabni immoo waan hin diigamneef Mat 1:22 – 23 sagaleen Kakuu Moofaa

yommuu raawwatu ilaaluudhaan fi kkf sababii kanaaf barreeffamootni Macaafa Qulqulluu

keessa jiran kan namni uume otoo hin ta’iin Hafuuraan gaggeeffamuudhaan kan

barreessisiifaman ta’uu isaanii beekuun in danda’ama (2Phex 1:21).

B. Dhuga-baatota Barreeffamootaa

2Xim 3:16 irratti kallattiidhaan sagaleen Macaafa Qulqulluu Hafuura Waaqayyoo akka of

keessaa qaban barreeffameera. Kunis sagaleen ykn barreeffamotni Macaafa Qulqulluu hunduu

Hafuura Waaqayyoo akka of keessaa qaban ni mirkaneessa. Akkasumas 2Phex 1:21 irratti

namootni haala kamiyyuu keessatti gonkumaa kaka’umsa ykn beekumsa ofii isaaniitiin akka hin

barreessinee fi barreeffamootni hundinuu kan barreeffaman Hafuura Waaqayyoon

gaggeeffamanii akka ta’e barreeffameera. Kunis jechi“Kaamenedaatikaa” jedhu barreessitootni

kallattiidhaan yaada mataa isaanii dhiibbaa kamiiniyyuu barreessuu akka hin dandeenye

agarsiisa. Kana irraa kan ka’es, barreeffamootni jalqabaa (Original manuscripts) raawwatanii

dogoggora kan hin qabne dha.

3. 3. Qabiyyee fi Hundeeffama Keessa Macaafa Qulqulluu

Yihudootni barsiisota macaafotaa Macaafota Kakuu Moofaa 39’n iddoo sadiitti isaan qoodu.

Qoqqodamsa kana Gooftaan ofii isaayyuu barumsa isaa keessatti itti fayyadameera. Yihudootni

qoqqoodamsa kana salphaatti “ታናክ” jedhanii waamu. Kana jechuunis:

1. ታ = ተዉራት (Seerota)

2. ና = ነቢም (Raajota)

3. ክ = ኬቱቢም (Macaafota Faarfannaa) jechuu dha (Luq 24:44).

Beektotni sirna Hafuuraa immoo qabiyyee Macaafotichi of keessaa qaban irraa ka’uun, Kakuu

Moofaa iddoo 4tti, Kakuu Haaraa iddoo 4tti hundeessaniiru.

29

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


T/L Hundeeffa Macaafota Kakuu Moofaa Baay’ina Gosa Macaafotaa

1 Macaafota Seeraa 5 Seera Uumamaa – Keessa Deebii

2 Macaafota Seenaa 12 Macaafa Iyaasuu – Asteer

3 Macaafota Weedduu 5 Macaafa Iyoob – W/weeddotaa

4 Macaafota Raajii

4.1 Macaafota Raajii Gurguddoo 3 Raajii Isaayyaas - Hisqeel

4.2 Macaafota Raajii Xixiqqoo 14 Raajii Daani’eel - Miilkiyaas

Waliigalatti 39

T/L Hundeeffa Macaafota Kakuu Haaraa Baay’ina Gosa Macaafotaa

1 Macaafota Wangeelaa 4 Wangeela Maatewoos - Yohaannis

2 Macaafota Seenaa 1 Hojii Ergamootaa

3 Ergaawwan

3.1 Ergaawwan Phaawuloos 13 Ergaa Roomee - Filimoonaa

3.2 Ergaawwan Ibirootaa 1 Ergaa Ibirootaa

3.7 Ergaawwan Waliigalaa 7 Pheexiroos isa Duraa - Yihudaa

4 Raajii 1 Mul’ata Yohaannis

Waliigalatti 27

Waliigala Kakuu Moofaa fi Haaraa 66

30

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Macaafota Weedduu

Macaafota Seenaa

Macaafota Seeraa

3. 4. Tarreeffama Macaafota Kakuu Moofaa

Qabiyyee T/L Maqaa Macaafotaa Barreessaa Bara itti Barreeffame

1 Seera Uumamaa Musee Dh.K.D naannoo

2 Seera Ba’uu

3 Seera Lewootaa

4 Seera Lakkoofsaa

5 Seera Keessa Deebii

1500/1440

6 Macaafa Iyaasuu Iyaasuu Dh.K.D. 1440

7 Abboota Firdii Saamu’eel Dh.K.D. 1000 – 721

8 Ruut Saamu’eel Dh.K.D. 1000

9 Saamu’eel isa Duraa Zaabud ilma

Dh.K.D. 930 – 722

Yonaataan/Saamu’eel

10 Saamu’eel isa 2ffaa Zaabud ilma

Dh.K.D. 930 – 722

Yonaataan/Saamu’eel

11 Mootota isa Duraa Ermiyaas Dh.K.D. 560 – 538

12 Mootota isa 2ffaa Ermiyaas Dh.K.D. 560 – 538

13 Seenaa Baraa isa Duraa Izraa Dh.K.D. 450 – 400

14 Seenaa Baraa isa 2ffaa Izraa Dh.K.D. 450 – 400

15 Izraa Izraa Dh.K.D. 440

16 Nahiimiyaa Izraa Dh.K.D. 440

17 Asteer Tarii Merdookiyaas/

Izraa

Dh.K.D. 450 – 400

18 Iyoob Tarii Musee?? Dh.K.D. 1440 – 440

19 Faarfannaa Daawit, Aasaaf, Ilmaan

Qoraahi, Musee,

Solomoon, Etaan

Dh.K.D. 1000

20 Fakkeenya Solomoon Dh.K.D. 971 – 931

21 Lallaba Solomoon Dh.K.D. 971 – 931

22 Weedduu Weeddotaa Solomoon Dh.K.D. 971 – 931

31

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Macaafota Raajii

Qabiyyee T/L Maqaa Macaafotaa Barreessaa Bara itti Barreeffame

23 Raajii Isaayaas Isaayaas Dh.K.D. 740 – 681

24 Raajii Ermiyaas Ermiyaas/Baarook Dh.K.D. 627 – 575

25 Faaruu Ermiyaas Ermiyaas Dh.K.D. 586 – 575

26 Raajii Hisqeel Hisqeel Dh.K.D. 597 – 571

27 Raajii Daani’eel Daani’eel Dh.K.D. 605 – 536

28 Raajii Hose’aa Hose’aa Dh.K.D. 760 – 723

29 Raajii Yo’el Yo’el Dh.K.D. 835/500

30 Raajii Amos Amos Dh.K.D. 760 – 750

31 Raajii Obaadiyaa Obaadiyaa Dh.K.D. 586

32 Raajii Yoonaas Yoonaas Dh.K.D. 785 – 750

33 Raajii Miikiyaas Miikiyaas Dh.K.D. 735 – 700

34 Raajii Naahom Naahom Dh.K.D. 660 – 630

35 Raajii Anbaaqom Imbaaqoom Dh.K.D. 605 – 598

36 Raajii Sefaaniyaa Sefaaniyaa Dh.K.D. 640 – 620

37 Raahii Haagee Haagee Dh.K.D. 520

38 Raajii Zakkaariyaa Zakkaariyaas Dh.K.D. 520 – 515

39 Raajii Miilkiyaas Miilkiyaas Dh.K.D. 433 – 420

32

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Macaafota ergaa waliigala

Macaafota Ergaa

Ergaawwan Phaawuloos

3.5. Tarreeffama Macaafota Kakuu Haaraa

Qabiyyee T/L Maqaa Macaafotaa Barreessaa Bara itti Barreeffame

Macaafota 1 Wangeela Maatewoos Maatewoos Bara araaraa 70 – 80

Wangeelaa 2 Wangeela Maarqos Maarqos Bara araaraa 65

3 Wangeela Luqaas Luqaas Bara araaraa 70 – 85

4 Wangeela Yohaannis Yohaannis Bara araaraa 90 – 100

Seenaa 5 Hojii Ergamootaa Luqaas Bara araaraa 70 – 85

6 Roomee Phaawuloos Bara araaraa 55 – 56

7 Qorontoos isa Duraa Phaawuloos Bara araaraa 54

8 Qorontoos isa 2ffaa Phaawuloos Bara araaraa 55

9 Galaatiyaa Phaawuloos Bara araaraa 49 – 50

10 Efesoon Phaawuloos Bara araaraa 60 – 62

11 Filiphisiyuus Phaawuloos Bara araaraa 60 – 62

12 Qolaasaayis Phaawuloos Bara araaraa 60 – 62

13 Tasaloonqee isa Duraa Phaawuloos Bara araaraa 50 – 51

14 Tasaloonqee isa 2ffaa Phaawuloos Bara araaraa 50 – 51

15 Ximootewoos isa Duraa Phaawuloos Bara araaraa 62 – 64

16 Ximootewoos isa 2ffaa Phaawuloos Bara araaraa 65 – 67

17 Tiitoo Phaawuloos Bara araaraa 62 – 64

18 Filemoonaa Phaawuloos Bara araaraa 60 – 62

19 Ibiroota Phaawuloos/ Bara araaraa 67 – 68

Aphiloos/

Barnaabaas

20 Yaaqoob Yaaqoob Bara araaraa 48/62

(Obboleessa

Gooftaa)

21 Pheexiroos isa Duraa Pheexiroos Bara araaraa 62 – 64

22 Pheexiroos isa 2ffaa Pheexiroos Bara araaraa 65 – 67

23 Yohaannis isa Duraa Yohaannis Bara araaraa 90 – 100

24 Yohaannis isa 2ffaa Yohaannis Bara araaraa 90 – 100

Macaafa

Raajii

25 Yohaannis isa 3ffaa Yohaannis Bara araaraa 90 – 100

26 Yihudaa

Yihudaa

(Obboleesa

Gooftaa)

Bara araaraa 67 – 80

27 Mul’ata Yohaannis Bara araaraa 90 – 100

33

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kutaa 4 ffaa

4. 1. Macaafa Qulqulluu Haala Salphaan Hubachuu

Ergaawwan dubbisoota Macaafa Qulqulluu yaadota keessa isaanii jiranis hubachuudhaaf baay’ee

baay’ee ulfaatu jedhanii kan yaadan namootni baay’een akka jiran beekamaa dha. Yaadni isaanii

kun immoo kutaa dubbisoota Macaafa Qulqulluu dubbisanii hubachuun baay’ee salphaa akka

ta’e dubbatu wajjin baay’ee kan wal dhiitu ta’ee argama.

Maartiin Luuter dhuunfaa keenyaan Macaafa Qulqulluu dubbisnee hubachuu akka dandeenyu

ergamoota warra gurguddoo Pheexiroos, Yohaannis fi Phaawuloos booddee hamma yeroo ifatti

dubbateetti namootni amantaa (religion) tokko tokko Macaafa Qulqulluu akka hin dubbifne kan

sodaachisan yoo itti cimes adabbii salphaa hanga du’aatti kan adabsiisan akka ture seenaan

Waldaa Kiristiyaanaa bara giddu-galeessaa ragaa dha. Kunis sabichi Macaafa Qulqulluu irra

kadhata toshitootaa fi seenaa dhalootaa namootni amantaa (religion) beekumsa malee

barreessanii kaa’an dubbisaa akka turan taasifamee ture. Kanaafuu Waldaan Kiristiyaanaa yeroo

Macaafa Qulqulluu irraa fagaattetti yeroo sanatti barri ture “Bara dukkanaa guddaa Waldaa

Kiristiyaanaa”jedhamuun isaa in mala ture.

Erga namootni Macaafa Qulqulluu harka isaaniirratti argachuu fi dubbisuu jalqabanii jalqabee

ifni beekumsa Wangeelaa guddaan sadarkaa guutummaa addunyaatti babal’achuu isaa dhugaa

eenyuyyuu haaluu hin dandeenye akka ta’e raawwateera. Ta’us, Macaafa Qulqulluu haala ta’uun

(qajeeltootti) kan qoqqoodan, qabiyyee fi gosa isaan beekuun Macaafichi jechuu kan barbaade

sirriitti hubachuu fi hubachiisuuf murteessaa yommuu ta’u itti fufnee mata-dureen qo’annus

Macaafa Qulqulluu haala salphaan akka hubannuu fi yeroo barsiifnu, yeroo lallabnu, yeroo

faarfannu sagalichatti yommuu jiraannu bifa Macaafichi jechuu barbaadeen akka goonu nu

gargaara.

4. 2. Macaafa Qulqulluu Haala Qajeeltoon /Sirriin/ Hubachuu fi Mul’isuu

“Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjataa qoratamee fudhatame kan waan isa

qaanessu hin qabne ta'iitii fuula Waaqaa duratti of dhiyeessuuf tattaafadhu”(2Xim 2:15).

Jecha “Sirrii ykn qajeeltoo” jedhu kana namni afaan Gi’iiziif keessummaa ta’e

“garraamummaa, gaarummaa, ba’eessummaa” jedhee hiikuu in danda’a. Garuu, ergaa

34

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Ximootewoos irratti kan barreeffame “Sirrii ykn qajeeltoo”n qabiyyee Gi’iizii kan qabu yommuu

ta’u hiikkaan isaas “Sirrii, ta’uu kan qabu, sorooroo, haala dhugaa” akka jechuuti. Hiikkaawwan

garaa garaa ilaali.

“Dhoksaa sagalee Waaqayyoo beekuu fi sirriitti barsiisuu” (Sagalee Jiraataa/Hiyaaw Qaal/)

“Accuralety handling the word of truth” NASB

Haala ta’uun sirriitti ergaan dubbisichaa osoo hin jal’atiin hubachuu, qabachuu, dhiyeessuu

agarsiisa

“Cutting in a straight line the word of truth” JN.DARBY

Osoo hin dogoggorsiin haala ta’uun qoqqooduudhaan hubachuu, dhiyeessuu agarsiisa

“Rightly dividing the word of truth” KJV

Haala ta’uun addaan hiraa hubachuu, ibsuu agarsiisa

4. 3. Waa’ee Macaafa Qulqulluu Ijoowwan Barbaachisoo

Baay’ina Macaafota Macaafa Qulqulluu -----------------------------------------------------------------66

Baay’ina Boqonnaawwanii -----------------------------------------------------------------------------1,189

Baay’ina Lakkoofsota waliigalaa --------------------------------------------------------------------31,102

Sagaleewwan Abdii -------------------------------------------------------------------------------------1,260

Abboommiiwwan garaa garaa ---------------------------------------------------------------------- 6,468

Maqaa namaa isa dheeraa -------------------------------------------------------------- Isa 8:3 (qubee 27)

Lakkoofsa isa dheeraa --------------------------------------------------------------------------------As 8:9

Lakkoofsa isa gabaabaa --------------------------------------------------------------------------Yoh 11:35

Macaafa boqonnaa hedduu qabu --------------------------------------------------------------- Faarfannaa

Macaafa isa xiqqaa ------------------------------------------------------------------------ Yohaannis 3ffaa

Boqonnaa isa dheeraa ----------------------------------------------------------------- Far 119 (Lakk. 176)

Macaafota Boqonnaa tokko qofa qaban --------------------------Oba, File, 2 ffaa fi 3 ffaa Yoh, Yihudaa

Macaafota maqaan Waaqayyoo kan keessa hin jirre ------------------------ Asteerii fi W/weeddotaa

Yesuus Kiristoos caqasoota Macaafota Kakuu Moofaa 22 ol fudhachuudhaan barsiiseera

Wangeela Maatewoos keessatti si’a 19, Maarqos keessatti si’a 15, Luqaas keessatti si’a

25, Yohaannis keessatti si’a 11 Kakuu Moofaa caqaseera. Caqasoota kana keessaa garuu,

caqasa tokko illee macaafota sobaa keessaa akka hin caqasne qalbeeffadhu.

Macaafni Ibirootaa fakkeenyawwanii fi ibsituuwwan/Comentary/ gosa 85 ni fayyadama.

Macaafni Mul’ataa fakkeenyota (figures) 245 fayyadameera.

35

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


4. 4. Hamma Safartuuwwanii fi Meeshaalee safaraa

Baadoos = Liitirii 22 Taaj = Litirii 0.3

Qoroos = Litirii 220 Minaan = Giraamii 0.6

Dhundhuma = Seentimeetira 45 Goomer = Litirii 2

Diinaar = Gatii hojii guyyaa tokkoo Safartuu = Litirii 7.3

Daariik = Giraama 8.5 Sheeqil = Giraamii 11

Iif = Litirii 22 Taakkuu = Seentimeetirii 22

Aboolii = Giraamii 0.6 Deemsa guyyaa Sanbataa = Meetirii 185

Gaat = 7.5 Laant = Kiiloogiraamii 34

Iin = Litirii 3.5

4. 5. Hiikaa fi Fakkeenya Fakkeettiiwwanii

Kaayyoo guddaan Macaafa Qulqulluu yaada Hafuuraa isa guddaa ta’e ilmaan namootaaf

mul’isuu dha. Haata’u malee, namootni ergaa tokko hubachuuf daandii isaan danda’an keessaa

tokko yaadicha karaa bifa fakkiitiin mul’isuu dha. Kana irraa kan ka’es, Macaafni Qulqulluu

fakkeettiidhaan (figurative language) fayyadamuudhaan addunyaa kana irraa macaafa dursaa

tokkicha ta’uu danda’eera. Namni Macaafa Qulqulluu xiyyeeffannaadhaan qo’atu wantoota

fakkeenyawwan fakkeettiin kun mul’isuu barbaadan hubachuudhaan hiika jecha jechaanii

(Literal meaning) irra hiika ergaa isaanii beekuun isa irra jira.

T/L Fakkeettii Hiika/ Wanta Mul’isuu Barbaadu

1 Samii Guddummaa Waaqayyoo, Eenyummaa fi wanta kamiyyuu caalaa

guddaa ta’uu, akkasumas eenyummaan/ wanti hundi to’annaa isaa

jala kan jiru ta’uuf agarsiiftuu dha.

2 Dachee Argamsa uumama Waaqayyoo hunda, uumama hunda irratti kan

bituu fi dhiyeessii barbaachisu uumama isaaf kan dhiyeessu ta’uu

mul’isa.

3. Ifa 1. Waaqayyo amala isaatiin raawwatee mudaa kan hin qabne,

qulqulluu, qajeelaa, hammeenya kan hin qabnee fi gaarummaa isaa,

akkasumas,

2. Isa biraa qofa kan argamu dhiyeessii ilmaan namootaaf

barbaachisu waan gaarii fi ba’eessa kan ta’e kamiyyuu

4. Dukkana Fakkeenya cubbuu fi bu’aa cubbuu (dhukkuba, gadadummaa,

hiyyummaa, wallaalummaa, mul’ataa fi beekumsa Hafuuraa

dhabuu, sodaa du’aa, hammeenya, gadda fi kkf) ofii isaa ti.

36

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


5 Bofa Fakkenya sobduu, hammeenya, gowwoomsaa fi mallattoo cubbuu

6 Laphee Qalbii, yaada waan tokkoof qabnu, yaadaan gar-tokkotti duufuu,

ilaalcha

7 Galaana Saba biyya lafaa

8 Laga/burqaa Gosoota adda addaa, qomoowwan, afaanota saba biyya lafaa

keessatti argaman

9 Ibidda 1. Dheekkamsa Waaqayyoo, murtii, ijaa-bahuu

2. Qormaata, qulleessuu, wanta waan hammeenyaa waan qulqulluu

wajjin wal make irraa adda baasuu

10 Warqii Fakkeenya Waaqummaa fi wantoota Hafuuraa

11 Meetii Furee, booji’uu, gatiidhaan bituu, qabeenya ofii godhachuu

12 Sibiila Boorrajjii Jajjabina, jabeenya, dandeettii murtii baachuu, qulqullummaa

/Naasii/

13 Dhagaa gatiqabeessa

Ulfina/ol aantummaa/ Waaqummaa, ulfina, guddummaa baay’ee

baay’ee ta’e

14 Muka 1. Foon namaa, fakkeenya isa nama ta’ee

2. Waaqayyo irraa adda bahuu, mallattoo abaarsaa

15 Hoolaa Fira Waaqayyoo ta’uu, fakkeenya qajeelinaa fi aarsaa ta’uu

16 Re’ee Fakkeenya cubbamummaa, abboomamuu dhabuu

17 Dhiiga Fakkeenya Kakuu galuu, murtii cubbuurratti raawwatamu, dhiifama

fudhachuu, wabummaa argachuu

18 Malakata Ajaja Hafuuraa Waaqayyo addunyaa Hafuuraa irratti beeksisuu.

Amantootaaf = Yeroon gammachuu fi aaragalfii ga’uu isaa

Warra hin amanneef = Akeekkachiisa murtii

19 Baattuu ibsaa Ragaa Waaqayyoo ta’uu, jireenya isaa warra kaaniif qooduu

20 Gaanfa Humna, cimina, mo’ichummaa

21 Mataa Aangoo, ittigaafatamummaa, ol jedhanii mul’achuu, mirga ajaja

baasuu

22 Ija Beekumsa Hafuuraa, mul’ata Hafuuraa argachuu

23 Harka Kadhata (gaaffii), waaqeffannaa, Waaqayyo waliin tokkummaa

gochuu

24 Gudeeda Mo’icha, cimina, wantoota to’annaa jala galchuu

25 Miila Akka yaada Waaqayyootti jiraachuu fi jiraachuu dhabuu

26 Gaara Mootummaa

27 Kattaa/Qarsaa/ Jabina, jeeqamuu dhabuu, jijjiiramuu dhabuu, umurii dheeraa

qabaachuu

28 Ulee Bittaa, muudama fudhachuu, humna aangoo

29 Kaattuu Ciminaan hojjechuu, ariifachuu, fedhii isaa raawwachuuf qophaa’uu

30 Biqiltuu Wayiniii Fakkeenya Waaqayyo wajjin walii galuu, wabummaadhaan

jiraachuu, eebbaa

37

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


31 Dhiiga Wayinii Amantootaaf = Gammachuu Waaqayyootti gammaduu

Warra hin amanneef = Ijaa bahuu Waaqayyoo, dheekkamsaa fi

murtii

32 Lafa onaa Iddoo dhiyeessiin Waaqayyoo hin jirre, isa irraa adda bahuu,

sagalee, gorsa, waaqeffannaa Waaqayyoo irraa fagaachuu, adda

bahuu

33 Bishaan Fakkeenya Sagalee Waaqayyoo, Hafuura Qulqulluu

34 Laga Hafuura Qulqulluu, dhiyeessii Waaqayyoo

35 Billaa /seefii/ Sagalee afaan Waaqayyoo keessaa ba’u (Macaafa Qulqulluu)

36 Bineensota hin

nyaatamne/xuraa’oo

Saba Israa’elii ala kan ta’an, sagaleen abdii Waaqayyoo kan hin

galamne, saba biyya lafaa (orma) kakuun Waaqayyoo kan isaaniif

hin galamne

4. 6. Hiika Halluuwwanii

T/L Halluu Hiika

1 Adii Sababa jireenya Waaqayyo irraa hirmaanneef hojii qajeelummaa,

injifannoo fi mo’acha mul’atu

2 Diimaa Fakkeenya dhiigaa, furee argachuu fi wabummaa argachuu,

Fakkeenya bittaa, mo’achuu, murtii kennuu, ijaa bahuu fi dheekkamsaa

3 Roozii /purple/ Qalama Badhaadhummaa, guutummaa (guutuu ta’uu)

4 Gurraacha Qalama gaddaa, qalbii jijjiirrannaa, murtii, beela, barbadaa’uu jireenyaa,

rakkina

5 Cuquliisa Gorsa, yaada, gocha,guutuu, jireenya Hafuura, qulqulluu Waaqayyo

biraa ta’e,

6 Hamer /Boora/ Dhumaatii waraanaan, beelaan fi kkf kan raawwatamu

38

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


4.7. Hiika Lakkoofsotaa

T/L Lakkoofsa

Hiika

1 Tokko Qofummaa fi baaqqee, gargaarsa tokko malee kan dhaabate dha.Waaqayyo

tokkoo fi Waaqa tokkicha yommuu ta’u inni qofaa isaa guutuu, ol aanaa,

utubduu, gargaaraa kan isa hin barbaachifne dha.

2 Lama Lakkoofsa adda addummaa ti. Uumaa fi uumamni, samii fi dachee, ifaa fi

dukkana, dhiiraa fi dubartii, cubbuu fi qajeelina, Kakuu Moofaa fi Kakuu

Haaraa, Yihudii fi orma, Abeelii fi Qaayel, Yisihaaqii fi Ishmaa’el,

Yaayoobii fi Esaawu, Seeraa fi Ayyaana, du’aa fi jireenya

3 Sadii Tokkummaa fayya-buleessa,waliigaltee,tokkummaa fi wal gargaaruu ibsa

Waliigalanii kan dhugaa bahan = Haruufa, bishaan, dhiiga

Waliigalanii kan qoraman = fedhii foonii, hawwii ijaa, jireenyaan boonuu

Waliigalanii kan miidhan = biyya lafaa, foon. Seexana

Waliigalanii kan gaafatan (Kadhatan) = Kiristiyaanota 2 ykn 3

4 Afur Lakkoofsa uumama addunyaati.Waaqayyo argamsa uumama hundumaa,

soortuu fi bitaa dha.

Uumama lubbuu qaban arfan = Leenca, Jabbii, Nama, Risaa

Kallattiilee arfan, gaanfa iddoo aarsaa arfan, Waktiilee arfan, Gosa lafaa

arfan, Wangeelota arfan (Jireenyaa Gooftaa lafa kana irraa), Loltuuwwan

arfan (jalqaba badiisa lafaa)

5 Shan Lakkoofsa Ayyaanaa ti. Hir’ina namaa, Waaqayyo ilmaan namaaf kennaa

nama hin malleef tola kennuu isaa ibsa. Namni cubbamaan Israa’el itti

dhiyaachuu akka hin sodaanneef wal cina cina ta’anii golgaawwan walitti

qabatan shaman turan. Bal’inni iddoo aarsaa Israa’elootni Waaqayyo duratti

aarsaawwan aarsan hojjaa fi dalgeen isaa dhundhuma 5 si’a 5 ture

6 Ja’a Lakkoofsa namaa ti. Herrega keessatti lakkoofsa guutuu dha. Macaafa

Qulqulluu keessatti garuu, lakkoofsa hir’uu dha. Namni kan uumame gaafa

guyyaa ja’affaa ti, namni mataan isaa guutummaan kan itti hir’ate dha.

39

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


T/L Lakkoofsa

Hiika

7 Toorba Lakkoofsa Waaqayyo ti. Guutummaa, mudaa kan hin qabne, qulqulluu ta’uu

Waaqayyoo agarsiisa. Waldoolee toorban, mallattoolee toorban, gaanfota

toorba, baattuuwwan ibsaa toorban, malakata toorban fi kkf

8 Saddeet Jalqaba jireenya haaraa, Du’aa ka’uu

9 Kudhan Yeroo muraasa ykn yeroo gabaabduu

10 12 Lakkoofsa maatii. Qomoo Israa’el 12’n, ergamoota 12’n

11 24 Lakkoofsa lubummaa (Ilmaan Leewwii).

12 Afurtama Jalqaba bara haaraa

4. 8. Qajeelfamoota Qo’annaa Macaafa Qulqulluu

Namni Macaafa Qulqulluu qo’achuu barbaadu hundi qajeelfamoota waliigalaa armaan gadii

jabeessee beekuun isa barbaachisa. Kaayyoon Macaafa Qulqulluu inni guddaan fedhii

dubbisaa guutuu osoo hin ta’iin dhugaa fi daandii Waaqayyoo qofaa agarsiisuu akka ta’e

beekuu;

Macaafa Qulqulluu baay’ee baay’ee kabajuu fi sagalee isaafis garraamomuu si barbaachisa.

Beekumsi ykn hubannoon ofii keenyaa ifummaa sagalee Macaafichaatiin safaramuu malee

sagalee isaa hubannoo mataa keenyaan safaruun hin ta’u.

Macaaficha akka barreeffametti dubbisuu dha malee balleessaa keenyaaf micciiruun, isa

barreeffame gararraa ba’uun ykn sagalee isaa mariif dhiyeessuun fi kkf murtii Waaqayyoof

akka nama taasisu beekuun ni barbaachisa.

Gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin malee Macaafa Qulqulluu hiikuun waan hin danda’amneef

dubbisaan Gooftaa Yesuusiin akka fayyisaa dhuunfaa isaatti fudhachuudhaan Hafuura

Qulqulluu fudhachuu/argachuu/ qaba

Sagalicha erga qo’atanii booddee jireenya ofii guyyaa guyyaa irratti gochaan agarsiisuu fi

shaakaluun ni barbaachisa.

40

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


4. 9. Tooftaalee Garaa Garaa Qo’annaa Macaafa Qulqulluu

A. Macaafa Qulqulluu Dubbisuu: Dubbisa Macaafichaa muraasa dubbisuu ykn boqonnaa

ykn Macaafa tokko filanii dubbisuu (Mul 1:3); tooftaa dubbisa kanaa osoo addaan hin kutiin

yeroo hundumaa yaada tasgabbii fi amantiidhaan akkasumas Hafuura Qulqulluu fi

ajajamuudhaan ta’uu qaba (Far 1:3).

B. Mata-duree irratti Xiyyeeffachuun Qo’achuu (Topical Method): Macaafa Qulqulluu

keessaa beekuu kan barbaaddu waa’ee waan tokkoo ykn mata-duree filachuudhaan mataduree

sana qofaa irratti xiyyeeffannoo gochuudhaan sakatta’a waliigalaa gochuu dha.

Fakkeenyaaf: Waa’ee “Kadhataa” beekuu yoo barbaadde Kakuu Moofaa keessas Kakuu

Haaraa keessa waa’ee kadhataa kan barreeffaman qo’achuudhaan beekumsa waliigalaa

argachuu danda’uu dha.

C. Ibsa Amaloota Isaa/ገፀ-ባህሪይ/ Qo’achuu (the Biographical Method): Tooftaan

qo’annaa kun immoo waa’ee amaloota ykn eenyummaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu

tokkoo beekuudhaaf seenaa waa’ee isaa /ishee barreeffame irratti qo’annoo gaggeessuu dha.

D. Qabiyyee fi Seenaa Macaafa Tokkoo Qo’achuu: Macaafota 66 Macaafa Qulqulluu

keessatti argaman keessaa Macaafa tokko filachuudhaan waa’ee haala macaafichaa ragaa

waliigalaa argachuu dha.

Fakkeenyaaf:

Barreessaan ergaa Macaafa Galaatiyaa eenyuu?

Eenyufaaf barreeffamee?

Haala akkamii keessa turanii?

Maaliif isaaniif barreeffamee?

Kaayyoowwan guddaa fi xiqqaan itti barreeffameef maalii?

Macaaficha irraa barsiifni guddaa argamu maalii?

E. Macaafa Qulqulluu Dhaga’uu: Yeroo namootni kaan Macaafa Qulqulluu dubbisa dhaga’uu.

Fakkeenyaaf: Yeroo dubbisaatti, Raadiyoodhaan, Kaasettoota waraabamaniin fi kkf (Rom

10:17)

F. Gadi-fageenyaan Macaafa Qulqulluu Qo’achuu: Kutaawwan Macaafa Qulqulluu gadifageenyaan

sakatta’uudhaan hiika isaanii ykn ergaa isaanii argachuudhaaf yaaluu dha (HoE

17:11) tooftaan kunis wantoota sadii of keessaatti kan qabate dha.

41

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


A. Ilaaluu (Observation): Wantoota ijoo dubbisicha keessa jiran adda baasuu

Irra caalaatti ol jedhee kan mul’atu eenyuu? WHO?

Gochi ijoon inni barreeffame maalii? WHAT?

Gochichi kan raawwatame hojii isa kamiini dha? WHICH?

Gochichi yoom raawwatee? WHEN?

Gochichi maaliif raawwatee? WHY?

Yaadoleen dubbisicha (Passage) keessa jiran akkamitti wal qabatuu? HOW?

B. Hiika (Interpritation): Ergaan waliigala dubbisichaa maalinnii?

C. Gocha (Application): Ergaa dubbisicha keessa jiru erga argattee booddee jireenya kee ykn

keenya yeroo hundumaa /guyyaa guyyaan/ irratti akka raawwatamu gochuu fi shaakaluu.

Fakkeenyaaf: Gaaffiiwwan armaan gadii kaasuudhaan gochaan mul’isuun

guddifachuun/cimsachuun/ in danda’ama.

Waa’ee Waaqayyoo, waa’ee Yesuus, waa’ee Hafuura Qulqulluu maalan baradhee?

Fakkenya gaarii shaakaluun qabu dubbisicha keessaa kanan argadhee fi shaakala gadhee

dhabamsiisuun qabu maalii?

Ittigaafatamummaan dubbisicha keessaa argadhee Waaqayyoo fi nama duratti natti kenname

maalii?

Shaakala kiristiyaanummaa ani qabu keessaa kan ulfaatuu fi cina gaarii ani qabu isa kamii?

Dubbisa keessatti sagaleen abdii naaf kenname maalii?

G. Luqqisoota (Caqasoota) Qo’achuu (Memorization): Luqqisoota hamma sammuutti

qabannuu fi hamma dubbannutti irra deddeebi’anii qo’achuu.

H. Xiyyeeffannoodhaan Qo’achuu Macaafa Qulqulluu (Meditation): Yommuu dubbifnu,

yommuu qo’annuu fi kkf ergaawwan arganne irratti callisaan irra deddeebi’anii yaaduu fi

sagalicha wal fudhachiisuu (Far 1:2, Isa 1:8)

Yaadannoo: Namni Macaafa Qulqulluu qo’achuu barbaadu hamma danda’ametti kitaabota

qo’annaadhaaf ragaa ta’an qopheessuun isa irraa eegama.

Fakkeenyaaf: Macaafa Qulqulluu hiikkaa adda addaa, hiikaa jechoota Macaafa Qulqulluu,

ibsituuwwan (Commentaries) fi kkf.

42

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kadhata Qopheessaa:

Macaafa Qulqulluu akka hubannuuf Gooftaan sammuu

keenya baay’isee haa banu (Luq 24:44) Ameen!!

Daawit Faasiil

L. B: 0917804407

L.S.P 76 Jimma

E– mail: niguye2004@yahoo.com

Raawwateera!!

ተፈፀመ!!

It is finished!!

43

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Barsiisaa fi Qayyabannaaf kan Qophaa’e

Qopheessaan:

Daawit Faasil

Kan Hiike:

Ibsaa Bulii

1997, Jimma

44

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


45

Barsiisa Sadan-Tokkummaa (Sillaasee)/Trinity/

Sillaasee jechi jedhu Afaan Oromootti “Sadan-tokkummaa” hiika jedhu laata. Afaan Ingiliffaan

“Trinity kan jedhamu yeroo ta’u kunis ‘Three-in unity’ yookiin sadan tokkummaan kan jedhu

ibsa fooyya’aa ta’e laata. Jechi sadan-tokkummaa (sillaasee) jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti

tasumayyuu hin argamu. Haa ta’u iyyuu malee barumsi yaadicha ibsu ni arganna.

Amantii Kiristiyaanaa irraa kan hafe amantaa addunyaa kana irraa kam iyyuu keessatti “Qaama

Sadii kan Qaban Waaqa Tokko” barumsi jedhu hin argamu. Kunis barumsa isa guddaa

Kiristiyaanummaa amantaalee biroo irraa adda isa godhu dha.

Jechichi yeroo ibsamu Waaqayyo sadii qaama tokko jechuu utuu hin ta’in; Waaqa tokko qaama

sadii jechuudha. Qaamonni sadummaan mul’atan kunis ‘Abbaa’,’Ilma’ fi ‘Hafuura Qulqulluu

dha’ (Mat 28:19).

Qaamonni sadanuu amala waaqummaa wal-qixa ta’e qabu. Jechuunis:

Qaamonni sadanuu wal-qixa:-

Bara baraan jiraachuutiin

Uumaa ta’uutiin

Waan hunda beekuutiin (omniscient)

Yeroo /si’a/ tokkotti bakka hundumaatti argamuu (omnipresence) fi kkf dhaan guutummaatti

wal qixxummaa qabu.

Karoora waaqummaa Waaqayyoo hundumaa keessatti tokkoon tokkoon qaama sadanii

hirmaannaa qabu. Akkasumas karoora tokko keessatti tokkoon tokkoon qaamaa ga’ee mataa

isaanii kan ta’e adda addaan qabu. Kana irratti hundaa’uun:

Abbaa- Karoora kan baasu (the planner)

Ilma- Karoorichi kan ittiin galma ga’u (agent)

Hafuura Qulqulluu- Karoorichi gara hojiitti akka dhufuuf humna kan itti godhu (Revealer)

Fkn 1

Abbaa – Biyya lafaa uumuu jaallate

Ilma-Abbaan karaa isaa biyya lafaa uume

Hafuura Qulqulluu – Hojicha raawwachiisaa ture.

Caqasoota (Xiqsoota) Ibr 1:1-2, Qol 1:15-17, Yoh 1:3, Uma 1:2

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Fkn 2

Abbaa – Biyya lafaa fayyisuu jaallatee ilma isaa erge.

Ilma – Biyya lafaa fayyisuuf foon uffate.

Hafuura Qulqulluu – Yesuus karaa Hafuura bara baraa ofii isa dhiyeesse.

Kutaa Macaafaa (xiqsoota) Yoh 3:16, Yoh 1:14, Ibr 10:5, Ibr 9:14

Bu’aa Barumsichaa

Barumsa sadan-tokkummaa (sillaasee)’Trinity’ beekuun bu’aalee hedduu kan qabuu fi dhimma

hundee (bu’uuraa) yeroo ta’u bu’aalee kanneen angafoonni kanneen armaan gadii ti.

1. Eenyuuf akka sagannu akka beeknuuf, Yoh 4:22

2. Waa’ee eenyummaa Kiristoos (Christology) akka beeknuu fi mataa keenya hafuura mormaa

Kiristoos isa ta’e irraa akka eegnuuf.

3. Waa’ee eenyummaa qaama Hafuura Qulqulluu hubachuun isa wajjin tokkummaa qabnuu fi

jireenya Kiristaanummaa keenyaaf eeggannoo akkaa goonuuf nu fayyada.

Seenaa Barumsichaa

Amanaan tokko dursee hubachuu kan inni qabu yoo jiraate “sillaasee” (sadan-tokkummaa) jechi

jedhu maqaa Waaqayyo ittiin waamamu akka hin taanee dha. Sillaasee (sadan-tokkummaa) jechi

jedhu mata duree barumsa waa’ee “Waaqayyo tokko qaamaan sadii” ti malee maqaa Waaqayyo

ittiin beekamu miti. Hiikni jecha sillaasee jedhuus sadan-tokkummaa jechuu akka ta’e haa beeku

(quba haa qabaatu). Namni jecha sillaasee jedhu yeroo jalqabaatiif itti fayyadame geggeessaa

Waldaa Kiristiyaanaa kan ture “Turturiyaan” ‘Terturian’ (Dh.K.B 160-220) kan jedhamu dha.

Turtuliyaan bara isaa keessa kan ka’an waa’ee dhimma tokkummaa sadanummaa Waaqayyoo

irratti warra bitaa itti galee fi gaaffii warra kaasaniif, keessumaa immoo Piraagziyaas (Praxeas)

waantota ganuu ta’anii fi qaama sadiin kan mul’ate waaqa tokkicha ta’uu isaa ibsuuf jecha

sadan-tokkummaa (trinity) jedhu yeroo jalqabaaf itti fayyadameera.

Barumsi sillaasee gara barumsa hundeetti akka guddatu kan godhe, Waldaa Kiristiyaanaa yeroo

garaa garaatti wal-gahii goote irratti ibsa amantii fi murtoo isheen dabarsaa turte dha. Yeroo

sanatti Waldaan Kiristiyaanaa hundumtuu wal-gahii akka gootuuf wantoota kakkaasan keessaa

dhimmoota bu’uuraa sadiitu jiru.

46

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


1. Waaqayyo tokko ta’uu fi qaamota sadiin mul’achuu isaa.

2. Waaqummaa Gooftaa Yesuus Kiristoos.

3. Waaqa ta’uu isaa fi qaama ta’uu Hafuura Qulqulluu.

Dhimma kana irratti akka mari’attuuf sababa kan ta’an bara sanatti keessummaa (adda) kan ta’an

barumsoonni garaa garaa waan turaniif.

Barnoonni kunniinis:

1. Moonaarkiyaanizim (Monarchianism)

1.1 Of jijjiiruu (modalistic Monarchianism) –Kunis barsiisa waaqni qaama tokko kan qabu

ofii isaa jijjiruun akka qaama sadii ta’ee hojjete malee qaamni sadii hin jiru jedhu dha.

1.2 Ulfeessuudhaan Waaqa gochuu (Adoptionistic Monarchianism)-Yesuus ofii isaatii

Waaqa miti. Garuu Waaqayyo yeroo inni cuuphametti ol ol isa qabee isa ulfeessuu isaatiin

waaqa isa godhe barsiisa jedhu dha.

2. Ariyaanisim (Arianism)

Yesuus gonkumaa amalaan waaqa miti uumama Abbaati malee; Abbaa wajjin jalqabatti hin

turre.

Yeroo sanatti kanneen kanaa olitti tarreeffaman barumsootni keessummaa ta’an babal’achaa

waan dhufaniif, Waldaan Kiristiyaanaa immoo barumsa isa dhugaa eeggachiisuuf jettee bara 325

Dh.K.B magaalaa Niiqiyaatti wal-gahii walii galaa godhachuun “Yesuus Kiristoos Abbaa isaa

Wajjin wal-qixa kan ta’ee fi amala waaqummaa qaba jechuun murteessite”.

Akkasumas bara 381 DH.K.B Hafuurri Qulqulluun Waaqa, qaama mataa isaa kan qabu, amala

waaqummaa isaatiin Abbaa fi Ilma waliin wal-qixa akka ta’e murtoo dhageessifte (dabarsite).

Egaa yeroo kanaa kaasee Waldaa Kiristiyaanaatiin barumsi sillaasee (qaamolee sadii Waaqayyo

tokkoo) irratti barumsi ciminaan kennameera.

Wantoota Hafuuraa Hafuuraan Qoruu

Bartuun Macaafa Qulqulluu qayyabatu tokko, fuulleetti /kallattiidhaan/ barumsa sillaasee

keeyyata ibsu Macaafa Qulqulluu keessaa yoo argachuudhaa baate iyyuu barumsa kana kanneen

ibsan kutaalee Macaafa Qulqulluu keessaa caqasoota garaa garaa ni argata.

Kanaaf bartuun sun iccitiin Waaqayyo dhokse baay’een akka jiranii (Kes 29:29) fi isaan

kanneenis hubachuun kan danda’amu Hafuura Qulqulluu irratti hirkachuun qofa akka ta’e

beekuutu isa barbaachisa (1Qor 2:13).

47

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Namoonni wanta tokko amanuuf (fudhachuuf) karaalee adda addaa fayyadamu. Isaanis:-

Rationalism /sababa barbaaduu/:- ragaalee qabatamoo ta’aniin yookiin sababoota argachuun

amanuu.

Empiricism /yaaliin dhugoomfachuu/:- Fakkeenyaaf qaamota miiraatiin fayyadamuun,

qaqqabachuun, dhandhamuu fi kkf mirkaneessuu.

Faith /amantii/:- Dubbii Waaqayyoo qofti wantoota hafuuraa irratti murtoo gochuuf aboo akka

qabu amanuun fudhachuu.

Sababoota qabatamoo ta’anii fi yaaliidhaan kan bira hin ga’amne wantoota hafuuraa kan nu ittiin

hubannu, dubbii isaa keessatti kan barreeffaman hundumaa mamii tokko malee amannee

fudhachuudhaani.

48

Amaloota Waaqummaa

Barsiisa sadan-tokkummaa (the Doctrine of trinity) haalaan hubachuuf maalummaa amaloota

waaqummaa (Divine essences) qayyabachuun barbaachisaa dha. Amaloota waaqummaa kan nuyi

jennu; amaloota Waaqayyo qofti qabaachuu danda’uu fi Waaqaa gad kan ta’ee fi Waaqa guutuu

kan hin taane kam iyyuu qabaachuu kan hin dandeenye dha.

Egaa Macaafa Qulqulluu keessatti qaamolee garaa garaa sadii Abbaa, Ilma, Hafuura

Qulqulluun jiraachuun isaanii ifaa yeroo ta’u qaamoleen kun sadanis Waaqa guutuu ta’uuf

amaloota kanneen armaan gaditti tarreeffaman guutuutu irra jira jechuu dha.

1. Hundumaa beekuu (Omniscience):- hundumaa beekuun amala Waaqayyo qofti qabaachuu

danda’u yeroo ta’u; qaamoleen sadanuu amala kana ni guutu.

Abbaa: 1Sam 2:3, Far139:1-5, Rom 11:33,

Ilma: Yoh 2:24,25, Luq 6:8, Yoh 16:30

Hafuura Qulqulluu: 1Qor 2:10

2. Hundumaa gochuu danda’uu (Omnipotent)

Abbaa: Uma 17:1, Iyo 42:2, Ermi 32:27

Ilma: Yoh 1:3, (dinqiilee Macaafa Qulqulluu keessa jiran hundumaa)

Hafuura Qulqulluu: Luq 1:35, Zak 4:6

3. Yeroo tokkotti bakka hundumaatti argamuu (omnipresence)

Abbaa: Far 139:7-11, Amo 9:2-3, Erm 32:27

Ilma: Mat 28:20, Qol1:27, 2Qor 3:17, Mat 18:20

Hafuura Qulqulluu: Far 139:7

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


4. Uumaa ta’uu:

Abbaa: Uma 1:1, Isay 40:28, Isa 44:24

Ilma: Yoh 1:3, Qol 1:15-17, Ibr 1:10

Hafuura Qulqulluu: Uma 1:2, Iyo 33:4, Far 104:30

5. Bara baraan jiraachuu /eternity/:

Abbaa: Isa 41:4, Isa 44:6, Far 90:2

Ilma:Mul 1:17, Mul 22:13

Hafuura Qulqulluu: Ibr 9:14 (eternal Sprit)

Yaadachiisa:- Bara baraan jiraachuun Waaqayyoo bara bara kanneen warra uumama ta’anii

irraa kan adda isa godhu; Bara barri Waaqayyo bara bara isa darbe fi akkasumas bara bara isa

dhufu (kan turee fi kan jiraatu) yeroo ta’u; nuuf kan kenname bara barri garuu yeroo itti

uumamnee kaasee kan jiru bara bara isa gara fuula duraa qofaa dha.

Sillaasee (Sadan-tokkummaa) Kakuu Moofaa Keessatti

Waaqayyo qaama sadii kan qabu Waaqa tokko dha erga jennee, inni bara Kakuu Moofaa

keessattis isuma waan ta’eef ofii isaa qaama tokkoo ol haala ta’een ibsee argachuun nu irra

jira.

Namoota baay’eetti barumsi sillaasee (sadan-tokkummaa) barumsaa fi mul’ata Kakuu Haaraa

qofa isaanitti fakkaata. Waaqni garuu bara Kakuu Moofaa keessattis Waaqa tokko yookiin

qaama lamaa ol ta’uu isaa bifa agarsiisuun mul’ateera.

Haa ta’uyyuu malee Waaqayyo Israa’eloonni naannoo isaanii kan jiran amala waaqeffannaa

warra ormaa fi waaqayyoolee isaanii warra baay’ee sana irraa akka of eeggatan gochuu fi

tokko ta’uu ofii isaa cimsee itti dubbata ture. Kes 6:4 (Waaqa tokko malee qaama tokko hin

jedhu).

Kunis sababii inni ta’eef olitti akka tuqametti ormoonni ollaa isaanii waaqolee hedduu

(polytheists) waan qabaniif ture. Akka amantii ormootaatti wantoonni hundinuu fakkeenyaaf;

galaanni, dirreen, gaarri, samiin, bakakkaan, bokkaan fi kkf’n tokkoon tokkoon isaanii waaqa

mataa isaanii qabu jedhanii yaadu turan. Amantii kana (henotheism) irraa Israa’eloonni akka of

eeggataniif Waaqayyo kophaa isaa Waaqa waan hundumaa akka ta’e isaan akeekkachiisa ture

( Isa 45:22, Far 96:5).

49

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Caqasoonni (Xiksoonni) Kakuu Moofaa baay’een isaanii Waaqayyo qaama tokkoo oliin

mul’achuu isaa ni ibsu.

1. Seera Uumama 1:1 Waaqayyo (Elohim)

“…Waaqayyo bantiiwwan waaqaa fi lafa uume..”, dubbisni akkas jedhu Macaafa isa duraa

yookiin jalqabaa (original) keessatti Elohiin bantiiwwan waaqaa fi lafa uume jechuudhaan ibsa.

Macaafa seera uumamaa keessatti baay’ee isaanii Museen Eelohiim jedhee kan inni barreesse

ture. (Bakkeewwan Eelohim jedhamanii barreeffan Macaafa qulqulluu Afaan Amaariffaa hiikaa

haaraa (Adisu Medebegna tirgum) irraa ilaali.

Jechi Eelohim jedhu jecha Afaan Ibraayisxii yeroo ta’u innis lakkoofsa hedduuf kan tajaajilu

dha.

Eel- Waaqa aangoo qabeessa (baaqqee yookiin qeenxee)

Eelohim- Waaqota aangoo qabeeyyii (lakkoofsa baay’ee) miira jedhu kan ibsu yeroo ta’u, kunis

dhuma himichaa irratti, uume jecha jedhuun cufamuun isaa Waaqayyo tokkichi qaama tokkoo ol

ta’een akka mul’ate ni agarsiisa.

2. Seera Umamaa 1:26 Waaqayyo (Eelohiim) akka bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis

nama in uumna jedhe.

Jedhe- qeenxee (baaqqee) agarsiisa

Bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis-lakkoofsa baay’ee agarsiisa.

Namoonni baay’een Waaqayyo ni uumna jedhee kan inni wajjin mari’ate ergamoota wajjini dha

jedhu.Waaqayyo garuu eenyu wajjin iyyuu hin mari’atu. Itti dabalees ergamoonni hojii uumuu

irratti kan hirmaatan utuu hin ta’iin ofii isaaniitii iyyuu uumama

(Isa 40:13-14, Isa 44:24, Efe 1:11)

3. Seera Uumamaa 3:22 Waaqayyo Gooftaan namni… nu keessaa akka isa tokkoo ta’e …

jedhe.

Jedhe-qeenxee (baaqqee)

Nu keessaa akka isa tokkoo-lakkoofsa baay’ee

4. Seera Uumamaa 11:7 Waaqayyos kottaa gad buunee … afaan isaanii waliin in maknaa

jedhe.

Jedhe-lakkoofsa baaqqee

Kottaa gad buunee/waliin in maknaa-lakkoofasa baay’ee

50

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Qaamota lamaa ol ta’uu ibsa. Qaamolee lama qofa utuu ta’anii koottu! Gad buuna jedha

malee kottaa gad in buuna hin jedhu ture.

5. Raajii Isayaas 6:8

A. Eenyuunan ergaa- lakkoofsa baaqqee (qeenxee)

Eenyutus ergaa nuuf dhaqaa- (lakkoofsa baay’ee)

B. Kutaalee Macaafaa (caqasa) kanneen biroon haala ifaa ta’een waaqa yookiin Gooftaa

kan jedhaman qaamonni garaa garaa jiraachuu isaanii ni ibsu.

1. Farfannaa 45:6

Waaqayyo! Teessoon kee kan bara baraati (qaama tokko), Waaqayyoon kee dibata gammachuun

si dibe (qaama biraa). Kunis qaamni tokko Waaqayyoo Abbaa Yeroo ta’u ; qaamni Waaqaa inni

biraan immoo Gooftaa Yesuus yeroo inni fooniin turetti akka dibe agarsiisa.

1. Faarsaa 110:1 Waaqayyo Gooftaa kootiin …

Yesuus Yihuudonni akka yaadan nama qofa (Ilma Daawwit qofa) utuu hin ta’iin Gooftaa

Daawwit qaama Waaqayyo tokkichaa keessaa isa tokko ta’uu isaa ibsuuf kutaa Macaafaa

kana akka ragaatti itti fayyadameera (Mat 22:41-46).

2. Isaayaas 48:12-16 Haala baay’ee dhinqisiisaa fi nama ajaa’ibuun qaamni sadan kutaa isaan

itti ibsamani dha.

Ani isa jalqabaa fi isa boodaati - Gooftaa Yesuus

Waaqayyo Gooftaa – Waaqayyo Abbaa

Hafuura Isaa – Hafuura Qulqulluu (guutummaa lakkoofsichaa of eeggannoon dhubbisi)

C. Ergamaa Waaqayyoo /The Angel of Yahiweh)

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos foon uffatee gara biyya lafaa dhufuu isaan dura bara Kakuu

Moofaa keessatti ofii isaa namootaa fi karaa adda addaa mul’iseera. Mul’achuun isaa kunis sirna

Afaan waaqummaatiin “Theophany” mul’achuu Waaqummaa (qaama Waaqa ta’e tokko)

jedhama.

Macaafni Qulqulluun Waaqayyo Abbaadhaan tokko illee kan arge akka hin jirree fi arguus akka

hin dandeenye ni dubbata (Yoh 1:17). Garuu Abbaan kan inni ittiin mul’atu qaamni biraan Ilma

(Yesuus Kiristoos) dha (Yoh 6:46, 14:9, Qol 1:15-17, Ibr 1:3).

Yesuus Kiristoos (Waaqayyo Ilmi) bara Kakuu Haaraatti fooniin mul’achuu isaa dura duraan

dursee bara Kakuu Moofaa keessatti haala garaa garaatiin dhala namaatti ni mul’ata ture. Kunis

inni qaama Waaqayyoo isa biraa ta’uu isaa ifa godhee mul’isa.

51

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Yesuus bara Kakuu Moofaa keessatti (Theophany)niin karaa inni ittiin mul’ate keessaa inni

tokko ergamaa Waaqaa fakkaachuudhaani.

Ergamaa fakkaatee kan inni mul’ates amala waaqummaa isaatiin malee, amala ergamaatiin miti.

Sababni isaas Yesuus Waaqa malee ergamaa miti (Ibr 1:1-14).

Qalbeeffadhu! Caqasoota (kutaalee Macaafa Qulqulluu yeroo qayyabannu bifa ergamaan kan

mul’ate qaama Waaqaa kan ta’eedha malee ergamoota keessaa akka isa tokko akka inni hin taane

amala Waaqummaa inni agarsiisu irraa kaanee beekuu dandeenya.

Ergamaan Waaqayyoo (The Angel of Yahiweh)

I. Ofii isaa Waaqa jedhee waama

II. Ani Waaqa Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoob jedhe

III. Sagada (Waaqeffannaa) ni fudhata ture. Ergamoonni warri kaan garuu sagada hin fudhatan

ture.

IV.Taayitaa (aboo) eebbisuu isa kan Waaqaa (Ani) qaba.

V. Waaqayyo waan ta’eef aarsaa Waaqayyo qofaaf ta’u ni fudhata ture kkf

Amaloonni olitti ibsama amala Waaqayyo qofti qabu yeroo ta’an uumamni tasuma iyyuu amala

kanneen qabaachuu hin danda’an. Uumamni tasuma iyyuu amala kanneen qabaachuu hin

danda’an.

Kutaalee Macaafa Qulqulluu kanaa gaditti caqafaman sirriitti hubannoon qayyabadhu.

1. Umama 16:7-14 (dursitee dubbisi)

A. Sanyii kee guddaa nan baay’isa (lakk: 10)

B. Maqaa Waaqaa isa isheetti dubbachaa turee ( lakk :13)

C. El-Ro’i Waaqayyoon in arge

2. Uumama 22 (dursitee dubbisi)

A. Waaqayyos… (Lakk: 1 fi: 11 wali biratti ilaali)

B. Ergamaa Waaqayyoo (lakk: 11) mucaa kee isa tokkicha anaaf hin mararsiifanne

Waaqayyoon akka ati sodaattu ani beeka. (Lakk: 12)

C. Yaahwee-Yir’ee-Waaqayyo ni arga (lakk: 14)

D. Eebbisuu isa kan Waaqummaa (gosa dandeettii eebbisuu isa kan Waqqayoo qofaa) (lakk: 15)

3. Uumama 31:11-15

A. Ergamaan Waaqayyoo abjuutti (lakk: 11)

B. Waaqayyo inni Beetel ana dha. (Lakk: 13, isa (Uma 28:12-22) wajjin wal bira qabii ilaali.)

52

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


4. Uumama 32:22-30 (dursitee dubbisi)

A. Namni tokko hanga boruun baqaqutti (lakk: 24)

B. Ati Waaqayyottis namattis namattis marmite (Lakk: 28)

C. Ani Waaqayyoon fuulleetti nan arge (lakk: 30)

D. Pheeni’eel – Mul’achuu Waaqayyoo (fuula Waaqayyoo) jechuudha. (Lakk: 30)

Hos 12:2-6)

5. Ba’uu 3:2-6 (dursitee dubbisi)

A. Ergamaa Waaqayyoo … mul’ate (lakk: 2)

B. Waaqayyo Museen ilaaluudhaaf akka itti dhiyaate yammuu arge; (lakk: 4)

C. Ani Waaqayyoo isa kan abboota keetii, Waaqayyo isa kan Abrahaam. Waaqayyo isa

kanYishaaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoob. Lakk: 6

D. Museen Waaqayyoon ilaaluu sodaate. (Lakk: 6)

E. Kan jiruuf kan jiraatu (Jihoovah ykn Yaahiwwee)n Ana dha. Lakk: 14

F. Waaqni Ibrootaa mul’ate. (Lakk: 18)

6. Seera Lakkoofsaa 22 (dursitee dubbisi)

A. Yeroo sagadanii hin dhorkine. (Lakk: 31) Mul 19:10, 22:8

B. Lakk 35 fi 38 wal-bira qabdee ilaali.

C. Boqonnaa 22, 35, fi boqonnaa 23:3-7 wal bira qabuudhaan ilaali.

7. Abboota Firdii 2:1-5 (dursitee dubbisi)

A. Ani biyya Gibxiittii isin baaseera. (Lakk: 1)

B. Gara biyyan abboota keessaniif kakkadheetti (lakk: 1)

C. Isinii wajjin kakuun gale (lakk: 1)

8. Abboota Firdii 6:11-25 (dursuun dubbisi)

A. Waaqayyo si wajjin (lakk: 12)

B. Waaqayyos gara isaatti gara galee; (lakk: 14)

C. Waaqayyos dhuguma ani si wajjin nan ta’a… jedhe. (Lakk: 16)

D. Kan anatti dubbachaa jiru akka si ta’e; (lakk: 17)

E. Aarsaa (kennaa) ni fudhata. (Lakk: 18) Lew 2:24)

F. Israa’eloonni ergamaa Waaqayyoo eenyuun akka ta’e hubannoo qabu turan (Lakk: 22)

9. Abboota Firdii 13 (dursitee dubbisi)

A. Maano’aan aarsaa (kennaa) utuu hin ta’in nyaata dhiyeessuufii barbaade. (Lakk: 16)

53

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


B. Ergamaan Waaqayyoo garuu waa’ee aarsaa gubatuu isa yaadachiise (Lakk: 16)

C. Maano’aan Waaqayyoon akka itti mul’ate hin beekne ture (Lakk: 16)

D. Maqaan koo dinqisiisaa dha (Lakk: 18) isa (Isa 9:6) irraa wajjin wal-bira qabii ilaali.

E. Waaqayyoon waan argineef du’uu keenya (Lakk: 22)

F. Qalma gubatuu fi kennaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu ture (Lakk: 23)

Aarsaa yookiin kennaa kan fudhatu Waaqayyo qofa akka ta’e yaadadhu.

Bara Kakuu Haaraatti Guutummaatti Mul’achuu Qaamolee Sadanii

Tajaajilli Gooftaa Yesuus lafa irratti kan eegalu qaamni sadan ifatti tokkummaan

mul’achuudhaani.

Akkasumas Macaafa Kakuu Haaraa boqonnaalee garaa garaa keessatti qaamolee sadan kutaa

ibsan ni arganna.

1. Mat 3:16-17 (dubbisi)

Ilma –Biyya lafaa irratti laga Yordaanositti inni utuu cuuphamuu

Abbaa-Ilmi koo inni ani jaalladhu isa kana isa dhaga’aa jedhee dhugaa ba’a.

Hafuura Qulqulluu-Akka gugeetti waaqa (samii) keessaa dhufee isa irra ni bu’e.

2. Gooftaa Yesuus tajaajila isaa lafa irraa gaafa xumures abboommii sadan-tokkummaa of

keessatti hammatu isaan ajaje (Mat 28:19)

Maqaa Abbaa, kan Ilmaa fi Hafuura Qulqulluutiin isaan cuuphaa! Qaamolee sadan keessaa

kan hin tuqamiin yookiin xinnaa dha jedhamee kan dhiifame hin jiru.

Dubbisaan Macaafa Qulqulluu tokko maqaa humna cuuphuu qabu kana keessa maqaan

uumamaa galuu danda’a jedhee attamitti yaaduu danda’aa?

3. 1Qor 12:4-6

Hafuurri tokko /qaama mataa isaa danda’e tokko/

Gooftaanis tokko / qaama mataa isaa danda’e tokko/

Waaqayyo tokko/ qaama mataa isaa danda’e tokko/

4. 2Qor 13:14

Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus /Ilma/

Jaalalli Waaqayyoo/Abbaa/

Tokkummaan Hafuura /Hafuura Qulqulluu/

5. Efe 4:4-6

Hafuura tokko (Hafuura Qulqulluu) qaama isa tokko

54

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Gooftaa tokko (Qaama tokko Ilma)

Abbaa hundumaa Waaqa tokko (qaama isa tokko Abbaa)

6. 1Phex 1:1-2

Waaqayyo Abbaa

Hafuura

Yesuus Kiristoos (Ilma)

7. Yihu 20-21

Hafuura Qulqulluudhaan kadhachaa

Dhiifama Yesuus Kiristoos (Ilma)

Jaalala Waaqayyootiin (Abbaa)

Barsiisa Sadan-Tokkummaa Irratti Tuqaalee Ibsa Ejjennoo Sadii

1. Waaqayyo qaama sadii qaba.

2. Tokkoon tokkoon Qaamolee amaloota Waaqummaa guutuu ta’e qabu.

3. Waaqayyo Waaqa tokko dha

1. Waaqayyo Qaamolee Sadii qaba.

Waaqayyo qaamolee sadii qaba yeroo jennu qaamumti tokko ofii isa jijjijiiruun bifa qaama

sadiin ni mul’ata jechuu keenya miti. Garuu tokkoon tokkoon isaanii qaama mataa isaanii

danda’an qabu. Kunis Abbaan Ilma, Ilmi immoo Hafuura Qulqulluu dha jechuu miti. Abbaan ofii

isaa kan danda’e qaama tokko, Ilmi qaama biraa, Hafuurri Qulqulluun qaama isa biraa dha

jechuudha (Yoh 1:1, Yoh 17:2, 1Yoh 2:1, Ibr 7:25, Yoh 14:26).

2. Tokkoon tokkoon Qaamolee amaloota Waaqummaa guutuu ta’e qabu.

Amala Waaqummaa yeroo jennu duraan dursinee akka qayyabanne; Waaqa guutuu kan ta’e

Waaqayyoon alatti uumamni kam iyyuu qabaachuu yookiin amaloota Waaqayyo wajjin waliin

hirachuu hin danda’amne amaloota adda ta’ani jechuu dha. Waaqayyoo gad kan ta’e yookiin

uumamni amaloota kanneen qabaachuu hin danda’u. Garuu of eeggannoodhaan Macaafa

Qulqulluu keenya yeroo qayyabannu Waaqayyo Abbaa, Waaqayyo Ilma fi Waaqayyo Hafuura

Qulqulluun tokkoon tokkoon isaanii amaloota Waaqummaa guutuu kanneen ta’an guutanii ni

arganna (Uma 1:1, Yoh 1:3, Iyo 33:4, Zak 14:3-5, 1Tas 3:11-13, Isa 44:6, Mul 1:17, Hoe 5:3,4,

Rom 8:11, Hoe 2:24, 32, 1Qor 2:10-11, k.k.f)

55

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


3. Waaqayyo Waaqa tokko dha

Waaqayyo inni qaama sadiin mul’ate akka miira namummaatiin fakkeessuun hin danda’amu.

Kanaafis amala Waaqummaa kan qaban, aangoo /aboo/ gargar hin baane kan qabu Waaqa tokko

dha. Waaqayyo Waaqa tokko dha malee gonkumaa Waaqolee sadii miti (Kes 6:4, Mar 12:29,

Yaq 2:19, Yoh 10:30, Yoh 5:44, Yih 25,1Qor 8:4-6, 1Xim 2:5).

Ibsa Amantii Waldaa Kiristiyaanaa Ishee Duraa

Ibsa Amantii Ergamootaa (The Apostles Creed)

(Dh.K.B. Bara 300 ffaa fi 400 ffaa )

Samii (Waaqaa) fi lafa kan uume,

Hundumaa gochuu kan danda’u Waaqayyo Abbaatti nan amana,

Tokkicha Ilma isaa kan ta’e Gooftaa Yesuus Kiristoositti nan amana,

Hafuura Qulqulludhaan kan ulfeeffame, Maariyam durba irraa kan dhalate,

Phantiiyas philaaxoosiin kan dhiphate,

Kan fannifame, kan du’e, kan awwaalame,

Guyyaa sadaffaatti warra du’an keessaa kan ka’e,

Gara samiitti (waaqaattii) kan olba’e, hundumaa kan danda’u,

Mirga Waaqayyo Abbaa kan taa’e,

Warra jiranii fi warra du’an irratti murtoo kennuuf lammaffaa kan dhufutti,

Hafuura Qulqulluutti nan amana.

Dhiifamuu cubbuutti,

Du’aa ka’uu warra du’anii fi jireenya bara baraatti nan amana”.

Ameen!

Kun ibsa amantii amantoota Waldaa Kiristiyaanaa ishee durii hundumaa biratti beekamaa ture

dha. Boodas biyya Niisiyaatti (bara araaraa 325) fi biyya Konistaantinooppil (waggaa araaraa

381) ibsi amantii kun bifa ifa ta’een ibsa amantii Waldaa Kiristiyaanaa akka ta’u murtaa’eera.

“Yaa dubbisa! - Ibsa amantii armaan olitti ibsame kan amantu yoo ta’e ati miseensa Waldaa

Kiristiyaanaa ishee durii keessaa tokko dha jechuudha.”

“This is the subject on which we know nothing except what is revealed”

Christian Catechism

56

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Macaafolee Wabii (References)

1. Qees Kooliin Maansal (1995) ‘Barsiisa Waaqayyoo’ A.A

2. Qees Kooliin Maansal (1998) ‘Barsiisa Kiristoos’ A.A

3. Qees Kooliin Maansal (1995) ‘Barumsa Hafuura Qulqulluu’ A.A

4. Macled. D (2005), Shared life-The trinity and the fellowship of God’s people.

5. Grudem W. (1999), ‘Bible doctrine’, Michigan

6. Lawson R. (2003) ‘Christian Catechism’, London

“Ayyaanni Gooftaa Yesuus Kiristoos, Jaalalli Waaqayyoo, tokkumaan Hafuura

Qulqulluu isinii wajjin haa ta’u.”

Ameen!

Qopheessaa irraa

Teessoo Qopheessaan: Daawit Faasil L.Bilbilaa 0917804407

L.S.P 67-Jimmaa

Email- niguye2004@yahoo.com

57

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Warra biyya lafaa kana seerratan keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; utuu

hubataniiru ta’ee Gooftaa fayyinaa hin fannisan turan (1Qor 2:8)

Qopheessaan:

Daawwit Faasiil

Kan Hiike:

Ibsaa Bulii

58

2003/2011, Jimmaa

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


1. Maqootaa fi Muudama (Maa’iragoota) (titles) Yesuus Kiristoos

Yesuus: - Jecha Girikii yeroo ta’u, hiikni isaas fayyisaa jechuu dha. Afaan Ibrayisxiitiin

“Yeshuwah”hiikni isaas Yaahiwween fayyisaa dha yookiin Waaqayyo fayyisaadha jechuudha.

Kiristoos: - Kan dibame, Kan filame jechuudha. Kunis kaayyoo fi hojii isaa hundumaa

galmaan ga’uuf aboo (aangoo) qabaachuu isaa maqaa ibsu dha. Kiristoos maqummaa isaa irra

maa’iraga (muudama) fi aboo isaa kan agarsiisu dha (Mat 16:16, HoE 2:36)

Amaanu’eel:- Waaqayyo fooniin mul’achuu isaa fi uummaticha keessa jiraachaa akka ture kan

agarsiisu dha (Isa 7:14, Mat 1:23).

Ilma Waaqayyoo: - Ilma amala Waaqayyoo kan bara baraa, jechuunis Waaqa guutuu ta’uu isaa

kan agarsiisu dha (Mat 16:16, Yoh 1:23)

Ilma namaa:-Fooniin mul’achuu isaa, foonii fi dhiiga nu waliin kan hiratee fi nama guutuu

ta’uu isaa moggaasa agarsiisu dha (Mar 10:45, Mat 26:64)

Gooftaa: - Jecha Girikii kan “Kuuriyoos” hiikni isaas,” kan jiruu fi kan ture” jechuu dha.

Kunis maqaa “Yaahiwwee” yeroo ta’u, Macaafa Qulqulluu Afaan Girikii keessatti uumaa fi

uumama isaa mara kan nyaachisu maqaa Waaqaa ti (Yoh 13:13, HoE 2:36)

Barsiisaa: - Saba isaa Israa’elii fi akkasumas ormoota hundumaa akka barsisiisuuf kan

Waaqayyo biraa ergame; barsiisaa ta’uu isaa kan agarsiisudha (Yoh 3:2, Luq 229-32, Yoh 13:13)

Mootii: - Teessoo Daawwit irra kan taa’u, mana Yaaqoob hundumaa irratti, Yerusaalem

Magaalaa mooticha isa guddaa irratti mo’uuf aboo qabaachuu isaa maqaa agarsiisu dha.

(Mootummaa waggaa kumaa qayyabadhu) (Mat 2:1-11, 27:37)

Ilma Daawwit: - Waaqayyo Daawwitiif teessoo isaa irra bara baraan ilma taa’u akka kaasuuf

abdii kenneeraaf; kanaaf Yihuudonni hunduu abdii kan godhatanii fi mootii isaaniis ta’uu isaa

maqaa ibsu dha (Far 89:28-39, Mat 1:1, Mar 10:48)

Maqoota kanneen biraa

Bakkalcha barii-------------------------- Lak 24:17, Mul 22:16

Raajii isa guddaa-------------------------Kes 18:18, Mat 21:11

Dhagaa mataa golee---------------------Efe 2:20

Kattaa--------------------------------------Mat 16:16-18, 1Qor 10:4

Sagalee------------------------------------Yoh 1:1,14, 1Yoh 1:1, Mul 19:13

59

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


2. Eenyummaa Kiristoos (The Person of Christ)

Yesuus Kiristoos Eenyudhaa?

“Yesuus Kiristoos Waaqa guutuu, Nama guutuu qaama tokko keessatti, ammas, akkuma kana

gara fuula duraattis bara baraan akkuma kanatti ni jiraata”.

Kutaa 1 ffaa

2.1. Waaqa Guutuu Ta’uu Yesuu Kiristoos

Barumsi waa’ee waaqummaan isaa foon wajjin qaama tokko keessa buluu isaa, foon uffachuu

(incarnation) jedhama. Inkarneeshin jechuun dhoksaa hojii waaqaa kan ta’e “Waaqni foon

uffachuun qaama tokko ta’uu” isaa kan ibsu dha. Kanaafis Kiristoos nama guutuu qofa utuu

hin ta’iin akkasumas Waaqa guutuu dha.

Ragoolee

2.1.1. Maqoota Inni Ittiin Waamame Kanneen Tuqaman

A. Waaqayyo (Theos) (Yoh 1:1-3)

Jechi kun guutummaatti eenyummaa Waaqa ta’e qofaaf kan itti gargaaramnu yeroo ta’u

kutaalee Macaafa Qulqulluu kanatti aananii tuqaman keessatti “Tewos” kan isaan eeramaniif

(caqasamaniif) eenyummaa Waaqummaa Yesuus Kiristoos ibsuufi dha (Yoh 1:1, 20:28, Rom

9:5, Tit 2:13, Ibr 1:8, 2Phex1:1)

Kutaaleen Macaafa Kakuu Moofaas Yesuus Kiristoos Waaqa ta’uu isaa sirriitti ibsaniiru

(Isa 9:6, Far 110:1, 45:6, 102:2)

B. Gooftaa (Kyrios)

Bara Kiristoositti jechi kun Macaafa Qulqulluu ogeessota torbaatamaan Afaan Girikii

keessatti kan itti fayyadaman maqaa Waaqaa kan Ibraayisxiidhaan “Yaahiwwee yookiin

Jehoovaah” jedhuufidha.

Kiriyoos Macaafa Kakuu Moofaa Afaan Girikii keessatti “Waaqayyo Gooftaa” moggaasa

jedhu bakka bu’uun yeroo (si’a) 6814) barreeffameera. Akkasuma Kiriyoos maqaa Gooftaa

Yesuus ittiin waamamu dha. Sababa kanaatiifis dubbisaan Girikii tokko “Gooftaa” Yesuus

jecha jedhu kan inni hubatu “Uumaa waan hundumaa, uumama isaa kan nyaachisuu fi

kan isaan bulchu” jedheeti (Luq 2:11, Mat 3:3, Isa 40:3, Mat 22:44, 1Qor 8:6, 12:3)

60

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


C. Jechootaa fi Moggaasolee Yesuus Ofii Isaatii Itti Fayyadame

Abrahaam utuu hin dhalatiin “Ani jira” “I am” (Yoh 8:58)

Barsiisonni Yihuudotaa ‘Ana’ kan jedhu kan isaan wal qabsiisan Ba’u 3:14 irratti maqaa

caqasame “I AM WHO I AM” kan jedhuu wajjin waan ta’eef dhahuudhaaf dhagaa kaasan

(Yoh 8:59)

Ani Aalfaa ( ) (A) oomeegaa( ) (Z) dha (Mul 22:13)

Jalqabaa fi dhuma moggaasi jedhu eenyummaa waaqummaa kan ibsu yeroo ta’u Kakuu

Moofaa keessatti kan tuqame Waaqayyoofi dha.

Ilma Waaqayyoo

Ilma amala Waaqayyoo kan ta’ee fi ofii isaa Waaqayyo kan ta’e jechuu dha (Mat 11:25-30,

17:5, 1Qor 15:28, Ibr 1:1-3, 5, 8. Abbaan kan hojjetu hundumaa ilmis ni hojjeta (Yoh

5:20-22, 25, 16:15)

D. Yesuus/Amaanu’eel

Ibraayisxiidhaan “Yehoshuah” kun maqaa Waaqayyoo yeroo ta’u; Yehooshuah jechuun

Waaqayyo fayyisaa (daawaa)dha jechuudha.Akkaasumas Amanu-el, El-Waaqa jechuudha.

kanaafuu “Waaqayyo nu wajjin” akka jechuu waan ta’eef inni “ Waaqayyo Waaqa”dha

2.2. Amaloota Waaqummaa Yesuus (Divine Essences)

Amaloota waaqummaa jechuun, amaloota Waaqni qofti qabaachuu danda’u uumamni kam iyyuu

qabaachuu kan hin dandeenye amalootaa fi eenyummeessaa Waaqaa kan calaqqisiisani dha.

I. Hundumaa gochuu ni danda’a (omnipotent)

Dhahaa bishaanii sagalee isaatiin abbooma (Mat 8:26-27)

Buddeenaa fi qurxummii baay’iseera (Mat 14:19)

Bishaan gara daadhii Wayiniitti jijjiireera (Yoh 2:1-11)

II. Kan bara baraan jiraatu dha (ethernity) (Yoh 8:58, Mul 22:13)

III. Hundumaa beeka (Omniscience)

Yaada nomootaa (Mar 2:8), Kan dabarsee isa kennu (Yoh 6:64, Yoh 2:25, 16:30)

IV. Yeroo tokkotti bakka hundumaatti ni argama (omnipresence) (Mat 18:20, 28:20)

E. Aboo (taayitaa) hundumaa ol ta’e qaba (sovereignity)

Cubbuu dhiisuu (Mar2:5-7), Waaqayyo akkas isiniin jedha kan jedhu utuu hin ta’iin “Ani garuu

isiniinan jedha” jedha (Mat 5:22, 28, 32, 34, 39, 44)

61

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


F. Waaqeffannaa ni fudhata ture

Ergamoota irraa(Ibr 1:6 Mul 5:6-19),Namoota irraa (Yoh9:38), Jilba hundumaa irraa(Fil 2:9-11).

Walumaagalatti Yesuus Kiristoos guutummaan Waaqummaa kan ittiin mul’ateedha (Qol 1:19,

2:9)

2.3. Barbaachisummaa Waaqa Guutuu Ta’uu Yesuus Kiristoos

A. Firdii yookiin murtii warra isatti amananii baachuuf yookiin balleessuu kan danda’u

eenyummaa Waaqa guutuu ta’e qofa waan ta’eef.

B. Fayyinni Waaqayyo biraa qofa waan ta’eef (Yoh.2:10)

C. Waaqaa fi Namoota gidduutti giddu galeessa ta’uu kan danda’u Waaqa guutuu fi nama

guutuu yoo ta’e qofa waan ta’eef (1Xim. 2:5)

Kanaafuu Yesuus Kiristoos Waaqa guutuu utuu ta’uu baatee fayyinnas ta’e Kiristaanummaan

gongumaa hin jiraatu. “Ilma kan ganu hundinuu Abbaa hin qabu” (1Yoh.2:23)

Barsiisa Kiristoositti kan hin jiraanne Waaqa hin qabu (1Yoh.2:23)

Akka barsiisa Kiristoositti kan hin jiraanne Waaqa hin qabu (2Yoh:9)

Yesuus Kiristoos Waaqa Guutuu dha.

62

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


63

Kutaa 2 ffaa

2.1. Yesuus Kiristoos Nama Guutuu Ta’uu Isaa (Namummaa Isaa)

Ragoolee

Durbarraa dhalachuu isaa:-Haala dinqisiisaadhaan durba kan turte Maariyam irraa dhalate.

Isheenis humna Hafuura Qulqulluutiin abbaa foonii malee isa ulfoofte (Mat 1:18-20)

Raawwiilee sagalee raajotaatiif durbummaan ulfaa’uu ishee qofa utuu hin ta’iin durbummaan

da’uun ishees barbaachisaa ture.

Kanaafis mucichi (Yesuus) ilma Waaqayyoo isa qulqulluu ture (Luq 1:34-36)

A. Barbaachisummaa Durbarraa sanyii dhiiraa malee dhalachuu isaa

a. Fayyinni guutummaatti kan dhufu Waaqayyo biraa qofa waan ta’eef

Namni tattaaffii isaatii fi fedha isaatiin tasuma iyyuu fayyuu hin danda’u. Kanaafuu karaa

ayyaanaa fayyisuu Waaqayyoo eeggachuutu irra waan tureef.

b. Karaan eeyyummaan isaa nama guutuu fi Waaqa guutuu ta’e ittiin qaama tokko ta’uu

danda’u karaa kana qofa waan tureef

Yesuus maatii foonii utuu hin qabaatiin Waaqa irraa foon guutuu uffatee utuu bu’eera ta’ee

nama guutuu ta’uu isaa mirkaneessuun hin danda’amu ture.

Yesuus akkuma keenya haadhaa fi abbaa foonii irraa utuu dhalateera ta’ee tasuma iyyuu

Waaqa guutuu ta’uu isaa mirkaneessuun hin danda’amu ture.

c. Nama guutuu ta’uun isaa fi sanyii cubbuu irraa walaba (bilisa) ta’uun isaa kan ittiin

mirkanaa’e dha.

Yesuus akka namoota biroo itti fufiinsa sanyii Addaamiin kan dhalate miti. Sanyiin kan

lakkaa’amu karaa dhiiraa malee karaa dubartiitiin miti.

Hafuurri Qulqulluun Maariyam cubbuu qabaattu iyyuu gara Yesuusitti akka hin darbine hojii

golguu isaa hojjeteera (Luq 1:35)

B. Amaloota Namummaa Yesuus Kiristoos

a. Yesuus qaama (dhagna) namaa uffateera

Akka mucaatti dhalateera (Luq 2:7). Akka ijoolleetti, ogummaan, beekumsaan, qaamaanis ni

guddata ture (Luq 2:40,52)

Ni dadhaba ture (Yoh 4:6)

Ni beela’a ture (Mat 4:2)

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Ni dheebota ture ( Yoh19:28)

Ergamootni isa ni tajaajilu turan (Mat 4:11)

Lubbuu isaa harka Waaqayyootti adaraa kennate ( Luq 23:46)

Yeroo warra du’an keessaa ka’etti qaamni namummaa isaa guutummaatti qaama (dhagna)

du’aa ka’uu uffatee ka’eera. Kanaafuu qaamaa fi lafee kan qabu malee hafuura hin turre (Luq

24:39) fuula isaanii durattis nyaata nyaateera (Luq 24:42, Yoh20:17,20,27, Yoh 21:9-13)

Hundumtuu utuu ilaalanii qaamuma ittiin ka’e sanaan gara waaqaatti (samiitti) ol ba’eera.

(HoE 1:9). Kaafuu Yesuus deebi’ee kan dhufu qaamaan malee hafuuraan miti.

b. Yesuus sammuu namummaa qaba.

Ogummaatti ni guddata ture.

Akkuma ijoollee warra kan biraa hundumaatti, nyaachuun, deemuun, dubbisuu fi k.k.f

barachaa guddatte. Ajajaa (abboomaa) kan tures abboomamuu barate (Ibr.5:8)

c. Lubbuun Yesuus fedha namummaa qabdi turte

Lubbuun kutaalee sadii qabdi:

64

1. Fedha

2. Miira

3. Beekumsa

Lubbuun isaa ni dhiphatti turte (Yoh 12:27)

Hafuura isaatiin ni dhiphata ture (Yoh 13:21)

Lubbuun isaa ni gadditi turte (Mat 26:38)

Ni ajaa’ibsiifata ture ( Mat 8:10)

Ni gaddaa, akkasumas ni boo’a ture (Yoh 11:35)

Sagalee guddaadhaa fi imimmaaniin ni kadhata ture (Ibr 5:7)

2.2. Yesuus Kiristoos Nama isa Tokkicha isa Raawwatee Cubbuu hin Qabne

Yesuus Kiristoos nama guutuu yeroo ta’u, sanyii namaa isa cubbuudhaan manca’e irraa adda kan

isa godhu raawwatee cubbuu kan hin hojjenne ta’uu isaati. Namni jalqaba gaafa Waaqayyo isa

uume cubbamaa hin turre, akkasuma Yesuus akka namicha isa yeroo jalqabaa sana cubbuu irraa

walba (bilisa) kan ta’e nama guutuu ture jechuu dha.

Ani ifa biyya lafaa ti (Yoh 8:12). Ifni ibsituu dhugummaa (haqummaa) fi qulqullummaa ti.

Ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisu nan hojjedha (Yoh 8:29). Abboommii abbaa isaa ni

raawwata ture (Yoh 15:10), Philaaxoosis yakka tokko illee isa irratti hin argine (Yoh 18:38).

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Fakkeenya foon isa namni cubbamaan uffatu uffate malee cubbamaa ta’ee hin mul’anne

(Rom 8:3)

Cubbuu tokko illee hin qabu (cubbuu tokko illee hin beekne) ture (2Qor 5:21). Qoramu iyyuu

raawwatee tasuma iyyuu cubbuu hin hojjenne (Ibr 4:15). Inni hamaadhaan hin qoramu waan

ta’eef (Yaq 1:13).

Qulqulluu fi mudaa kan hin qabne cubbamoota irraa adda kan ba’e nama guutuu ture

(Ibr 7:26, 1Phex 1:19, 2:22, 3:38, 1Yoh 2:1, 3:5)

Barbaachisummaan sababni qoramuu isaas nu gargaaruudhaafi (Ibr 2:18)

1.4 Yesuus Kiristoos guutummaatti nama ta’uun maaliif barbaachisee?

Ergamaa Yohaannis ergaa isaa kan barreesse “Yesuus nama guutuu miti” kan jedhu barumsi

dogoggoraa yeroo ka’etti ture. (1Yoh 4:2-3)

Dosetizimii (Docetism):- Dokiyo jechi jedhu jecha Girikii yeroo ta’u hiikni isaas fakkaachuu

yookiin dhihaachuu jechuu yeroo ta’u nama fakkaate malee nama hin taane kan jedhu

barumsa falaasafaa (kalaqa sammuu isaa) ture.

2.2. Barbaachisummaa guutummaatti nama ta’uu Yesuus Kiristoos

a. Bakka bu’ummaan abboomamuudhaaf (For representative obedience)

Addaam sanyii dhala namaa bakka bu’ee abboomamuu diduudhaan cubbuu hojjete.

Kanaafis namni hundi sababa irra daddarbaa Addaamiif kan cubbuu hojjetuu fi kan irra daddarbu

ta’e. (Uma 2:15, 3:8)

Irra daddarbaa Addaamiif kufiinsa isaa.

Karaalee cubbuu ittiin galan sadan (3)’n (1Yoh 2:15-16)

Dubartittii fi Abbaa manaa ishee

Bareedina ijaa -----------------------------------------Ijatti kan nama hawwatu.

Kajeellaa (hawwa) foonii …………………………Nyaachuudhaaf kan miidhagu.

Jireenyaan kooruu (boonuu)………………………Ogummaadhaaf gaarii akka ta’e argite.

Kiristoos

Kiristoos sanyii dhala namaa hundumaa bakka bu’uudhaan abboomame. Kanaafis sababa

abboomamuu isaatiif kan isatti amanan hundaaf qajeelummaan ni lakkaa’amaaf (Luq 4:1-13,

Rom 5:18-19)

Bareedina ijaa: -------------- Ulfina mootolee lafa irraa itti agarsiise.

Hawwa (kajeellaa) foonii:--Yeroo inni beela’etti dhagicha daaboo godhi ittiin jedhe.

65

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Jireenyaan boonuu: ----------Yoo ilma Waaqayyoo taate kan irraa of darbadhu ittiin jedhe.

Kiristoos Addaam isa gara booddeeti (1Qor 15:45)

Addaam nama isa duraa ture Kiristoos garuu nama isa lammaffaadha.

Addaam isa jalqabaa (Rom 5:18-19)

Hin abboomamne

Irra daddarbaan isaa qajeelummaa Addaam isa

boodaa biratti baay’ee baay’ee xinnoodha.

Sababa kanaaf namoonni hundinuu ni du’u

turan.

66

Addaam isa gara boodaa (Kiristoos)

Guutummaatti abboomame

b. Bakka bu’ummaadhaan du’uu fi akkasumas aarsaa ta’uuf

Baay’inni qajeelummaan isaa baay’ina cubbuu

addaam isa duraa irra baay’isee baay’isee ni

caala.

Sababa kanaatiif namoonni bara baraan ni

moo’u.

Waaqni sababa hin duuneef foon isa du’u uffachuun isa barbaachise (Yoh 1:14)

Karaa du’a isaatiin taayitoolee (aboo) jiran diiguuf foonii fi dhiiga hirachuu isa barbaachise

(Ibr 2:15-17)

Kanaafis aarsaa Kakuu moofaa hundumaa bakka bu’uudhaan dhiifamuu cubbuu guutuu ta’e

argachiisuu akka danda’uuf aarsaa ta’uutu irra ture (Yoh 1:29, Ibr :22-28, Ibr10:1-18)

Kanaafis Yesuus Kiristoos kan du’e sababa mataa isaatiif utuu hin ta’iin sababa namootaatiif

waan ta’eef du’i isaa bakka bu’umsaan du’uu (Substitutionary death) jedhama.

c. Waaqayyoo fi Nama gidduutti giddu galeessa (angafa lubaa) ta’uudhaaf.

Inni Waaqa guutuu ta’uu isaatiin Waaqayyo fuul-dura dhaabachuu kan danda’uu fi nama

guutuu ta’uu isaatiin amantoota dadhabbii isaanii keessatti isaan gargaaruu kan danda’u

ta’eera (1Xim 2:5).

Sababa namummaa isaatiif qoramee waan beekuuf (kan qorame waan ta’eef) garaa nuuf

laafuu ni danda’a (Ibr 2:18, Ibr 4:15-16).

Hojiilee Fayyisaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos namummaa isaatiin hojjetu

1. Foon (nama ) ta’uu isaa ( Incarnation)

Waaqayyo kan ta’e Sagaleen foon ta’uu (Yoh 1:14)

Waaqni foon uffatee mul’ate (1Xim 3:16, 1Yoh 4:2)

Akka bifaa fi fakkeenya namaatti mul’ate (Fil 2:6-8)

Waaqni hin mul'anne qaama argamu uffatee namoota gidduu buufate (Yoh1:14, Mat 1:23)

Cubbuu irraa kan hafe akkuma keenya nama ta’e (Ibr 4:15)

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


2. Bakka bu’ummaadhaan abboomamuu (Representative Obedience)

Seera hundumaa eegee jiraate (Mat 5:17)

Fedha abbaa isaa qofa raawwachuu (gochuudhaan) jiraate (Yoh 4:34, 5:30, 6:38, 17:5)

Seera kan kennee fi abboomaa kan ture ofii isaatii abboomamuu bare (Ibr 5:8)

Kana hundumaas kan godheef abboomamuuf waan ta’eef, abboomamuu tokkicha Yesuus

Kiristoosiin kan isatti amanan hundaaf akka waan abboomamaniitti akka lakkaa’amanii fi

qajeeltota akka ta'aniif (Rom 5:15-21).

3. Abaarsa ta’e

Namoonni hundinuu seera eeguu dadhabuu isaaniitiif abaarsa jala jiru (Gal 3:10, Kes 27:26)

Mukatti kan fannifame hundinuu kan abaarameedha jedhamee waan barreeffameef bakka

keenya abaarsa ta’e (Kes 21:23, Gal 3:13)

Kanaaf abaarsa isaanii akka irraa fudhate kan amanan hundi seericha eeguu dhiisuu

isaaniitiin abaarsi itti dhufu ture raawwatee guutummaatti hafeeraaf (Gat 3:13)

Seericha eegee nan qullaa’a kan jedhu hundi garuu amma iyyuu abaarsa seerichaa jala jira

(Gal 3:10, 1:6-9)

4. Bakka bu’ummaan du’uu (substitutionary death)

Abbaan isaa cubbuu biyya lafaa hundumaa isa baachise (Isa 53:6)

Kanaafuu Abbaan isaa Yesuusiin cubbuu keenya isa godhe (2Qor 5:21)

Miindaan yookiin gatiin cubbuu du’a waan ta’eef bakka keenya bu’ee gatii cubbuu keenyaa

du’aan adabame (1Phex 2:24, 1Qor 15:3)

Sababa du’a isaatiin kan isatti amanan hundi; sababa cubbuu isaaniitiif du’aan akka

adabamanii fi sana booda firdii jalaa walaba akka ta’an mirkaneeffameera (2Qor 5:14,15,

Rom 4:23-25)

5. Warra Du’an keessaa ka’uudhaan qajeelummaa keenya mirkaneesse

Yakka cubbamootaa baachuudhaaf inni raawwatee qulqulluu, seera hundumaa kan eege,

raawwatee cubbuu kan hin hojjenne ta’uu qaba (Kes 12:5, Lew 4:3, Ibr 7:26)

Seera hundumaa kan eege, cubbuus kan hin qabne yoo ta’e jireenyatti jiraachuun ni ta’aaf

(Lew 18:5, His 20:10, Rom 10:5, Gal 3:12)

Cubbuu keenyaaf yoo du’e iyyuu adabbii cubbuu keenyaa guutummaatti fudhachuu isaa fi

nuyiin immoo qajeelota bara baraa ta’uu keenya mirkaneessuudhaaf warra du’an keessaa

ka’e (Rom 4:24-25)

67

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Isatti kan amanu hundi cubbuu isaaniitiin hin jiran, kanaafis firdii bara baraa jalaa walaba

ta’aniiru (1Qor 15:17)

6. Gara samii (Waaqaa)tti ulfinaan ol bahee

Biyya lafaa irratti hojii itti kenname hunda raawwachuun Abbaa isaa kabaje (Yoh 17:4)

Aarsaa bara baraaf ta’u al-tokko (yeroo tokko) dhiheessuun xumure (Ibr 10:12)

Biyyi lafaa yoo fudhachuu dhaabaates waaqa irratti fudhatamuun isaaf ni ta’a (HoE 3:21)

Salphina guddaadhaan akka jiraate waaqa irratti ulfina guddaadhaan fudhatame (1Xim 3:16,

Fil 2:9-11, Ibr 2:9)

Diinota isaa hundumaa hamma guyyaa bituutti “ mirga” Abbaa isaa taa’e

“Mirga jechuun ” Humna ibsa (Ibr 2:5-9, 1Qor 15:25, Far 110:1)

7. Angafa lubootaa ta’uudhaan amantoota hunda tajaajiluuf

Waaqayyo mamii malee kakaadhaan angafa lubootaa godhee isa muude (Ibr 7:20-22)

Godoo ishee waaqa irra jirtu keessatti waa’ee keenyaaf isa duraa ta’ee galeera (Ibr 6:17-20)

Waaqayyoo fi namoota gidduu dhaabachuudhaan iddoo isaanii bu’ee ni ilaalamaaf (Ibr 9:24)

Inni Waaqayyoo fi amantoota gidduutti golgaa guutuu, qulqullaa’aa fi mudaa hin qabne

ta’uudhaan ni tajaajila (Iba 10:19-20)

Kanaafis karaa isaa gara Waaqayyootti kan dhiyaatan hundi; qajeelotaa fi mudaa kan hin

qabne ta’anii karaa Kiristoos akka dhiyaatan karoora (maree) bara baraa kan ture hojiitti

hiikamuu danda’eera (Efe 1:4, Ibr 7:25)

Sababa kanaatiif amantoonni yeroo isaan barbaachise hundumaatti sodaa tokko malee ija

jabummaa guutuudhaan gara mirga Waaqayyootti dhiyaachuu ni danda’u (Efe 2:18, Ibr

10:19-20)

Inni yeroo hundumaa godoo qulqullaa’aa isa waaqa irraa keessatti tajaajilaa keenyadha (Ibr

8:1-2, 9:11-14)

8. Lammaffaa gara biyya lafaatti ulfinaa deebi’uu isaa

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos ulfina guddaadhaa wajjin lammaffaa qaamaan gara biyya

lafaa kanaatti ni deebi’a (HoE 1:11, Zak 14:5, Mar 14:62, Mul 1:7)

Jalqabatti Waldaa Kiristiyaanaa fi isatti amananii warra boqotan (obbaafatan) qulqulloota

hundumaa gara samiitti (waaqaatti) ol isaan buta (1Tas 4:13-18)

Guutummaa biyya lafaa irratti waggaa torbaaf qorumsi sodaachisaan ni dhufa (Mul 4:19, His

38, 39, Zak 14)

68

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Duraan dursanii qulqulloota butamanii wajjin biyya lafaa irra ni dhufa (Qol 3:4, Zak 14:5,

Mul 19:14)

Wangeelaaf warra hin abboomamiin hunduma isaanii ijaa ba’a (2Tas 1:6-11)

9. Guutummaa biyya lafaa irratti ni mo’a

Bitaa biyya lafaa kanaa kan ta’e Diyaabiloosii fi hafuurota hamoota lafarraa haxaa’ee ni

balleessa (Mul 20:1-3)

Mootummoonni biyya lafaa hundi bittaa isaa jalatti ni kufu (Mul 11:15-18, Dan 2:36-45)

Lafa irratti waggaa kumaaf yeroo inni mo’utti amantoonni isa wajjin ni mo’u (2Xim 2:11,

Mul 20:6, 22:5)

Yeroo bulchiinsa isaa waggaa kumaa kana keessatti biyya lafaa hundumaa irratti

Nagaa guutuutu ta’a

Qajeelummaa guututu ta’a

Eebba guutuutu ta’a.

10. Warra du’oo hundumaa irratti ni murteessa

Mootummaa isaa kan waggaa kumaa booda teessoo adii irra ni taa’a (Mul 20:11)

Du’aa ka’uu isa duraatti warri hin ka’iin (warri du’an) firdii fudhachuuf teessoo isaa dura ni

dhaabatu (Mul 20:12)

Maqaan isaanii Macaafa jireenyaa irratti barreeffamee waan hin argaminiif gara kuufama

ibiddaatti isaan darbata.

Firdii kanas namummaa isaa guutuudhaan raawwata (Yoh 5:22, 27)

11. Kiristoos waaqaa fi lafa isa haaraa keessatti

Ulfina dhaaltummaa Waldaa kiristiyaanaa ni mul’isa (Mul 21:2)

Namoota gidduu ni buufata (bula) (Mul 21:3)

Inni ofii isaatii isaanii wajjin ni jiraata, Waaqayyo isaanis ni ta’aaf (Mul 21:3)

Amantoota dhiphina isaanii raawwatee isaan irraanfachiisa (Mul 21:4)

Waan hundumaa haaraa godha (Mul 21:5)

Achitti mana qulqullummaa fi giddu galeessa (bakka) waaqeffannaa Waldaa Kiristiyaanaa

(Yerusaalem ishee haaraa) ni ta’a (Mul 21:22)

Yerusaalem ishee haaraadhaaf ibsaa ishee ni ta’aaf (Mul 21:23, 22:5)

Hojjetoonni isaa fuula isaa ilaalaa ni sagaduuf (Mul 22:3-4)

Hojjettoonni isaa, isaa wajjin ni mo’u (Mul 22:3-5)

69

Ameen Gooftaa Yesuus Dafii Koottu!

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kutaa 3 ffaa

Waa’ee Yesuus Kiristoos irratti ilaalcholee dogoggora ta’an

A. Apaalinaariyaaniizim: - Apaalinaaris bara 361 Dh.K.D phaaphaasii Lodooqiyaa ture. Qaamni

Yesuus qaama namaa ta’us garuu, yaadaa fi amala namaa hin qabu ture. Amala waaqummaa isaa

qofatu namummaa isaa keessa jiraata jedha ture.

Barumsichi bara 362 walga’ii Aleksaandariyaatti, bara 381 walga’ii Konistaantinooppilitti

dhorkameera.

B. Nestooriyaaniizim: - Kiristoos keessa eenyummaa garaa garaa lamatu turan kan jedhu ture.

Kana jechuunis eenyummaan namummaa fi eenyummaan waaqummaa gara gara ba’anii qaama

tokko keessa turan jedheera. Nestooriyaas bara 428 Dh.K.D Waldaa Anxookiyaatti lallabaa

beekamaa fi Phaaphaasii Konistaantinooppil ta’ee ture.

C. Monofisiitiizim/Iyuuteeyikiizim:- Awuxaakeen nannoo bara 378-454 keesstti gadaamii

konistaantinooppil turetti itti gaafatama ture. Kiristoos amala tokko qofa qaba ture malee

gonkumaa amaloota lamaan hin qabu jedhe. Amalli namummaa isaa hunduu amala waaqummaa

isaa wajjin walii walii isaanii fudhatan jedhee barsiise. Kanaafis amala haaraa qaba jedha ture.

70

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Karaalee Wangeelonni Arfan adda durummaan eenyummaa Yesuus ittiin mul’isan

Maatewoos: - Yesuus mootii Yihuudotaa fi Masiihii ta'uu isaa

Mootii kan jedhu yeroo saddeet (8), Ilma Daawwit kan yeroo sagal (9) barreeffameera (Mat 2:2,

21:5, 25:34, 40, 27:11, 29, 37, 42,) (Mat 1:1, 9:27, 12:23, 15:22, 20:30-31, 21:9,15, 22:42)

Maarqoos:-Yesuus dinqii kan godhu, tajaajilaa namaa fi Waaqayyoo ta'uu isaa (Mar 6:2, 10:45)

Luqaas: - Ilma namaa, fira ilmaan namaa, warra badan kan barbaadu (Luq 19:10, 10:30-37,

15:4-7, 15:11-32, 18:10-14, 19:2-10, 23:39-43)

Yohaannis: - Boqonnaalee hundumaa keessatti eenyummaa garaa garaatiin ibseera.

1. Ilma Waaqayyoo: 1-14

2. Ilma namaa: 1-10

3. Barsiisaa humna waaqummaa qabu: 2-21

4. Lubboota kan waamu: 7-29

5. Ogeessa yaalaa guddaa: 1-9

6. Buddeena jireenyaa: 32-58

7. Burqaa bishaan jireenyaa: 37

8. Gargaaraa cubbamootaa fi dadhabootaa: 3-11

9. Ifa biyya lafaa: 1-39

10. Tiksee gaarii: 1-16

11. Mataa jireenyaa: 1-44

12. Mootii: 12-15

13. Tajaajilaa: 1-10

14. Fayyisaa: 1-3

15. Hundee muka wayinii: 1-16

16. Hafuura qulqulluu kan kennu: 1-15

17. Giddu galeessummaan kan kadhatu isa guddaa: 1-26

18. Dhiphina kan hiratu: 1-11

19. Fayyisaa isa fannifame: 16-19

20. Du’a kan mo’e:1-31

21. Warra qalbii jijjiirratan kan suphu. :1-17

71

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Yesuus Kiristoos kutaalee Macaafa Qulqulluu 66’n keessatti adda-durummaadhaan

eenyummaa inni ittiin mul’ate.

T/L Maqaa kutaa Macaafaa Eenyummaa Yesuus Kiristoos

1 Seera Uumamaa Waaqayyo keenya isa Uumaa

2 Seera Ba’uu Hoolaa Faasiikaa keenya

3 Seera Lewootaa Aarsaa cubbuu keenyaa

4 Seera Lakkoofsaa Kan kaayyoodhaaf fannifame

5 Seera Keessa Deebii Raajii keenya isa dhugaa

6 Macaafa Iyaasuu Gaggeessaa fi mataa fayyina keenyaa

7 Abboota Firdii Bilisa kan nu baasu gaggeessaa keenya

8 Ruut Gatii kan nuuf baasu fira keenya isa nutti dhihoo

9 Saamu’eel isa Duraa Mootii keenya

10 Saamu’eel isa 2ffaa

11 Mootota isa Duraa

12 Mootota isa 2ffaa

13 Seenaa Baraa isa Duraa

14 Seenaa Baraa isa 2ffaa

Mootii keenyaa fi Raajii keenya

15 Izraa Isa jige kan haaressu

16 Nahiimiyaa Isa diigame kan suphu

17 Asteer Waa’ee keenyaaf kan kadhatu

18 Iyoob Gatii kan baasu

19 Faarfannaa Hundumaa fi waan hundumaan guutuu kan ta’e

20 Fakkeenya Ogummaa keenya

21 Lallaba Dhuma waan hundumaa fi xumura

22 Weedduu Weeddotaa Fira lubbuu keenyaa

23 Raajii Isaayaas Masiihii isa dhufu

24 Raajii Ermiyaas Huuxxii qulqullaa’aa

25 Faaruu Ermiyaas

26 Raajii Hisqeel Ilma namaa

27 Raajii Daani’eel Dhagaa daakuu fi bulleessu

72

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


28 Raajii Hose’aa Warra gara booddeetti deebi’an kan deebisu

Raajii Yo’el

Kan haaressuu fi kan deebisu

29 Raajii Amos Abbaa namaa isa waaqa irraa

Raajii Obaadiyaa

Fayyisaa keenya

30 Raajii Yoonaas Du’aa ka’uu fi jireenya keenya

31 Raajii Miikiyaas Ragaa dhugaa fi amanamaa

34 Raajii Naahom Yeroo rakkinaatti iddoo baqannaa keenya

35 Raajii Anbaaqom Waaqa fayyisaa keenyaa

36 Raajii Sefaaniyaa Waaqa hinaafaa

37 Raahii Haagee Ormoota hundaan kan filame

38 Raajii Zakkaariyaa Huuxxii qulqullaa’aa

39 Raajii Miilkiyaas Aduu qajeelinaa

40 Wangeela Maatewoos Masiihii fi mootii

41 Wangeela Maarqos Tajaajilaa Waaqayyoo fi namaa

42 Wangeela Luqaas Ilma namaa fi warra badan kan barbaadu

43 Wangeela Yohaannis Ilma Waaqayyoo

44 Hojii Ergamootaa Gooftaa jiraataa

45 Roomee Qajeelummaa keenya

46 Qorontoos isa Duraa Gooftaa keenya

47 Qorontoos isa 2ffaa Ga’umsa keenya

48 Galaatiyaa Bilisummaa keenya

49 Efesoon Waan hundumaa keenya

50 Filiphisiyuus Gammachuu keenya

51 Qolaasaayis Jireenya keenya

52 Tasaloonqee isa Duraa Abdii keenya isa deebi’ee dhufu

53 Tasaloonqee isa 2ffaa Gooftaa isa deebi’ee dhufu

54 Ximootewoos isa Duraa Barsiisaa keenya

55 Ximootewoos isa 2ffaa Fakkeenya keenya isa nuyi ilaallu

56 Tiitoo Fakkeenya keenya kan isa fakkaachuuf itti

waamamne

73

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


57 Filemoonaa Gooftaa keenyaa fi barsiisaa keenya

58 Ibiroota Luba keenya isa teessicha dura dhaabate

59 Yaaqoob Fakkeenya akkaataa jireenya keenyaa

60 Pheexiroos isa Duraa Dhagaa mataa golee isa ulfeeffame

61 Pheexiroos isa 2ffaa Humnaa fi jabina keenya

62 Yohaannis isa Duraa Jireenya keenya

63 Yohaannis isa 2ffaa Dhugaa

64 Yohaannis isa 3ffaa Karaa

65 Yihudaa Amantii keenya kan eegu

66 Mul’ata Yohaannis Mootii keenya isa mo’u

Waa’ee Yesuus Kiristoosiif raajii dubbatamanii fi raawwachuu isaanii

Sagalee Raajii

Raawwatamuu isaa

Uma 3:15 Sanyii dubartittii Gal 4:4, Luq 2:7

Uma 18:18, 13:3 Sagalee abdii Sanyii Abraahaam Hoe 3:35, Mat 1:1, Gal 3:15 - 18

Uma 17:19 Sagalee abdii sanyii Yisihaq Mat 1:2, Luq 3:34

Lak 24:17, Uma

28:14 Sagalee abdii sanyii Yaaqoob Luq 3:34, Mat 1:2

Uma 49:10 Sanyii Yihuudaa keessaa kan ta’e Luq 3:33, Mat 1:2-3,Mul 5:5

Far 89:28-27, Isa

9:17,11:1-5 Sanyii teessoo Daawwit irra taa’u Mat 1:1, Luq 1:32

Mik 5:2 Bakka hundee dhalootaa Mat 2:1, Luq 2:4-7

Dan 9:25 Yeroo dhaloota isaa Luq 2:1-7

Isa 7:14 Durbarraa dhalachuu isaa Mat 1:18, Luq 1:26-35

Erm 31:15 Ajjeefamuu mucoolii Mat 2:16-18

Hos 11:1 Gara Gibxii baqachuu Mat 2:14,15

Isa 9:1-2 Tajaajila isaa kan Galiilaattii Mat 4:12-16

Kes 18:15 Raajii guddaa ta’uu isaa

Far 110:4 Lubumma isaa isa akka kan Ibr 6:20, 5:5-6, 7:15-17

74

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Malkiisedeq ta’e

Isa 53:3

Yihuudotaan fudhatama dhabuu

isaa Yoh 1:11, 5:45, Luq 4:29,17:25

Isa 11:2-4 Amaloota isaa

Zak

Akka mootiitti gara magaalattiitti

seenuu isaa Yoh 12:13-14, Mat 21:1-11

Far 41:9 Namni inni nyaachise isa ganuu Mar 14:10, Mat 26:14-16

Zak 11:12 Qarshii soddomaan gurguramuu Mat 26:15,Mat Mat26:14-16

Zak 11:13

Qarshichis lafa suphee dhooftuutiif

akka kaffale Mat 27:6-10,

Far 109:7-9

Bakki Yihuudaa nama biraan

bakka buufamuu isaa Hoe 1:18-20

Far 27:12, 35:11 Dhuga baatota sobdoota Mat 26:60-61

Isa 53:7 Yeroo hadheessan cal-jechuu isaa Mat 26:62:63, Mat 27:12-14

Isa 50:6 Rukutamuu isaa fi itti tufuu isaanii Mar 14:65,15:17,Yoh 19:1-3

Far 69:4, 109:3-5 Sababa malee jibbamuu isaa Yoh 15:23-25

Isa 53:4-5,6,12 Dhiphina guddaan irra ga’uu isaa

Isa 53:12

Cubbamootaa wajjin fannifamuu

isaa Mat 27:38

Far 22:16

Harkaa fi miilli isaa uranii

fullaasuu isaanii Yoh 20:27, Yoh 19:37

Far 22:6-8 Akka itti ga’isan Mat 27:39-40

Far 69:21

Hadhooftuu fi daadhii wayinii

afaaniin akka qabu Yoh 19:29, Mat 27:34,48

Far 22:8 Jechoota isaan ittiin itti qoosan Mat 27:43

Far 109:4 Diinota isaatiif akka kadhatu Luq 23:34

Zak 12:10

Cinaachi isaa eeboodhaan akka

waraanamu Yoh 19:34

Far 22:18

Uffata isaa irratti muka buufachuu

isaanii Mar 15:24

75

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Far 34:20

Lafeen isaa keessaa tokko illee

akka hin cabne Yoh 19:33

Isa 53:9

Awwaalli isaa warra sooressaa

wajjin akka ta’u Mat 28:9, Luq 24:36

Far 16:10 Du’aa ka’uu Mat 28:9, 24:36

Far 68:18 Gara waaqaatti ol ba’uu isaa Luq 24:50-51, Hoe 1:9

Tilmaama yeroo Gooftaa Yesuus Kiristoos lafa kana irra turee

Ta’eewwan (gochaawwan)

Bara ta’eewwaan itti raawwatan

(tilmaamaan)

Dhaloota isaa

Gara Gibxiitti baqachuu

Gibxii deebi’uu

Ijoollummaa isaatti yeroo inni itti

mana qulqullummaa deeme

bara 4 yookiin 5 Dh.K.D

bara 4 yookiin Dh.K.D

bara 3 yookiin 4 Dh.K.D

bara 8 Dh.K.B

Yeroo itti Yohaannis cuuphaan tajaajila isaa eegale bara 26 DH.K.D

Yeroo itti Yohaannis, Yesuusiin itti cuuphe bara 26 Dh.K.D

Yeroo itti Gooftaa Yesuus tajaajila eegale bara 26 Dh.K.D

Yeroo itti oduun Yesuus bakkee ba’e

Bara 27 Dh.K.D

Yeroo itti mormiin isa irratti jabaachaa dhufe bara 28 D.K.D

Du’uu fi du’aa ka’uu isa Ji’a isa jalqabaa bara 29 yookiin 30

Dh.K.D

Daawwit Faasil

L.Bil: 0917804407

L.S.P 63 Jimmaa

E-mail-besodiyah@gmail yookiin

niguye2004@yahoo.

76

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Holy Sprit

Qopheessaan:

Daawit Faasiil

Barsiisaa fi Qayyabannaaf Kan Qophaa’e

Kan Hiike:

Ibsaa Bulii

77

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)

1999, Jimmaa


1. Macaafni qulqulluun Hafuura Qulqulluu moggaasa garaa garaatiin waama.

Isaanis:-

- Hafuura (Mar 1:10, Gal 5:5, Mul 22:17)

Hufuurri qulqulluun qaama waaqaa dhaqna hafuura qabudha malee, qaama qabatamu kan

qaqqabatan hin qabu.

- Hafuura Qulqulluu (Isa 63:10-11, Luq 11:13, 1Tas 4:8)

Hafuuronni xuraa’oon kan biraa jiraachuu isaanii kan ibsuu fi guutummaatti hafuura qajeelaa

fi qulqulluu ta’uu isaa ibsa.

- Hafuura Waaqayyoo (Uma 1:2, Iyob 2:28, Rom 8:14, 1Qor 3:16,Isa 63:14)

Maqaa Waaqa yookiin Waaqayyo ta’uu isaa ibsudha.

- Hafuura Abbaa (Mat 10:20)

Ijoollee Waaqayyoo (amantoota) keessa taa’ee kan dubbatuu fi waa’ee Gooftaa keenya

Yesuus Kiristoos dhugaa kan ba’uudha.

- Hafuura Ilmaa (Gal 4:6)

Hafuura Yesuus abbaa koo jedhee ittiin kadhate yeroo ta’u, amantoota keessas hafuuruma

Yesuus keessa ture kana mataasaatu jira.

- Hafuura Ilmummaa (Rom 8:15)

Hafuurri ilma (Yesuus) mataadhumti isaa amantoota keessa kan buufate yeroo ta’u, akkuma

Yesuusitti amanaan Waaqayyo Abbaa koo jedhee ni waammata.

- Hafuura Yesuus Kiristoos (Fil 1:19)

Hafuura fayyina kennudha.

- Hafuura Kiristoos (1Phex 1:11)

Raajonni kakuu moofaa waa’ee Masiihii ( Kiristoos) isa dhufuu baay’isanii ni dubbatu turan.

Maqaan isaa Yesuus kan jedhame erga dhalatee booda akka ta’es beekamaadha.

- Hafuura Gooftaa (2Qor 3:17)

Gooftaan Waldaa Kiristiyaanaa Kiristoosidha malee Musee miti. Kanaafuu amanaan

garbummaa seeraa jalaa walaba (bilisa) bahee, akka seera yookiin qajeelcha Hafuura

Qulqulluutti ni jiraata.

- Hafuura Dhugaa ( Yoh 14:17, 15:26, 1Yoh 5:6)

Gara beekumsaa fi dhugaa Waaqayyoo hundumaatti ni qajeelcha.

- Hafuura Jireenyaa (Rom 2:8)

78

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Seerri Musee seera du’aa fi garbummaa yeroo ta’u, qajeelchii fi sagaleen Hafuura Qulqulluu

garuu gara jireenyaatti qajeelcha (geessa).

- Hafuura Ulfinaa (1Phex 4:14)

Namoonni sababii Kiristoosiif yoo nu salphisanis Hafuurri Qulqulluun ulfinaan nu guuta.

- Jajjabeessaa (Yoh 14:16, 16:7)

Nu jajjabeessaa hamma Gooftaa ijaan arginutti jabinaan nu dhaaba.

- Hafuura Abdichaa (Efe 1:13)

Dhaalli dhufu sagalee abdiitiin kan nutti himame yeroo ta’u akka dhaalluuf ragaan mallattoon

keenya Hafuura Qulqulluudha.

- Hafuura Waaqayyoo, Hafuura Ogummaa, Hafuura Hubannaa, Hafuura Gorsaa,

Hafuura Humnaa, Hafuura Beekumsaa, Hafuura Waaqayyoon Sodaachuu (Isa 11:2)

Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos irra Hafuurri Qulqulluun ture agartuu (ijoota) guutuu turban

Hoolichaati.

2. Maqaan Hafuura qulqulluu Maqaa Waaqayyoo wajjin haala wal fakkaataa ta’een

ni tuqama sababiin isaas inni ofii isaatii Waaqa waan ta’eef

Hafuura Qulqulluu sobuu………………………………………….………..HoE 5:3

Waaqayyoon sobuu…………………………………………………………HoE 5:4

Mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu……………… ………………..………1Qor 6:19,20

Mana qulqullummaa Waaqayyoo………………………………………………..1Qor 3:16,17

Hafuurri Qulqulluun Yesuusiin warra du’an keessaa fo’ee isa kaase…………..….Rom 8:11

Waaqayyo Yesuusiin warra du’an keessaa qoodee (fo’ee) isa kaase…………...HoE 2:24, 32

Humna Hafuuraatiin lallabuu………………………………………………….1Qor 2:4

Humna Waaqayyootiin lallabuu………………………………………….........1Qor 2:5

3. Hafuurri Qulqulluun Waaqa waan ta’eef amaloota waaqummaa kanneen ta’an ni

qaba

Uumaadha--------------------------------------------------------------Uma 1:2, Iyo 33:4

Hundumaa beeka (omniscient)--------------------------------------1Qor 2:10-11, Yoh 16:13

Humna (aangoo) qabeessa---------------------------------------------Luq 1:35, Rom 15:19

Hundumaa kan danda’udha (omnipotent)---------------------------Iyo 33:4

Bara baraan kan jiraatudha---------------------------------------------Ibr 9:14

Bakka (iddoo) hundumaatti ni argama (omnipresence)------------Far 139:7

79

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Abbaa fi Ilmattii utuu addaan hin qoodamin waamameera (Mat 28:19, 2Qor 13:14)

4. Hafuurri Qulqulluun akkuma Abbaa fi akkuma Ilmaa eenyummaa mataa isaa danda’ee

fi qaama kan qabu Waaqadha malee “humna qofa “miti.

Kanaafuu inni eenyummaa mataa isaa waan qabuuf;

Beekumsa qaba.

Fedha qaba,

Miira qaba.

Isa jedhamee waamameera. (Ibsa maqaa namummaa).------ Yoh 16: 13-14, Yoh 15: 27

‘He’ (personal pronoun)

Innis jedhameera (nameessa).------------------------------------------- Efe 1:14, Yoh 14:17

‘ Whom’ jedha malee what hin jedhu

Jajjabeessaa kan biraa jedhameera.------------------------------------- Yoh 14:16

Ni barsiisa kan baratanis ni yaadachiisa.------------------------------- (Yoh 14:26)

Kennaa hafuuraa akka fedhii isaatti akka jaallatetti ni kenna.------ (1Qor 12:11)

Aaduudhaan amantoota keessa taa’ee isaaniif ni kadhata.---------- (Rom 8:26)

Ni gadda (miira).------------------------------------------------------------ (Efe 4:30)

Ni jajjabeessa.---------------------------------------------------------------- (Hoe 9:31)

Ni dubbata.------------------------------------------------------------------ (Hoe 13:2)

Ni dhorka yookiin ni ittisa.------------------------------------------------- (Hoe 16:6)

5. Hojiilee Hafuura qulqulluu bara kakuu moofaatti

Hojii uumuu irratti….Uma 1:2

Namoota gara garaatiif sagalee raajii ni kenna ture (His 2:2, 8:3, 11:1-5)

Bala’aam------------------Lak 24:2-9

Saa’ol---------------------1Sam 10:6, 10

Daawwit------------------HoE 1:16

Beekumsa fi dandeettii ni kenna ture

Bazaali’eelii fi Aholiiyab beekumsa hojii harkaa (Bau 31:1-6)

Beekumsaa fi dandeettin saba geggeessuu fi bulchuu

-Yooseefiif-----------------------------Uma 41:38-44

80

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


-Musee fi Jaarsolii 70’niif------------Lakk 11:14-17, Lakk 11: 25-29

-Otnii’eliif------------------------------Abo 3:9-10

-Geediyooniif--------------------------Abo 6:34

Samsooniif----------------------------Abo 14:19, 15:14

-Saa’oliif-------------------------------1Sam 10:10

-Daawwitiif-----------------------------1Sam16:13

Raajotaa fisagalee raajii (mul’ata) ni kenna ture (His 2:4, 11:1,5)

6. Hojiiwwan Hafuura Qulqulluu bara Gooftaa Yesuus biyya lafaa irra turetti.

Yohaannis Cuuphaa

Gadameessa haadha isaa keessatti Hafuura Qulqulluudhaan guutame (Luq 1:15)

Utuu Hafuurri Qulqulluun Yesuus irra dhufuu arge (Mat 3:16, Yoh 1:32)

Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan akka cuuphu dubbate (Mar 1:7-8)

Gooftaa Yesuus

Gooftaa Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan ulfeeffame (Luq 1:35, Mat 1:18)

Hafuurri Qulqulluun Yesuus irratti bifa qaamaatiin bu’e (Luq 3:21-22)

Gooftaan keenya Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee gara bakkee (lafa) onaa

dhaqe (Mar 1:12, Mat 4:1)

Humna Hafuura Qulqulluutiin ni deema ture (Luq 4:14)

Dibata Hafuura Qulqulluutiin dibamee lallabe (Luq 4:8)

Hufuura Qulqulluudhaan hafuurota hamoota ni baasa ture (Mat 12:28)

Hafuura Qulqulluutti ni gammada ture (Luq 10:21)

Hafuura Qulqulluudhaan ofii isaa aarsaa ta’uudhaaf dhi’eesse (Ibr 9:14)

Hafuura Qulqulluudhaan warra du’an keessa ka’e (Rom 8:11)

7. Hafuura Qulqulluu fi Waldaa Kiristiyaanaa

Bara kakuu haaraatti Hafuurri Qulqulluun amantoota hunda irra akka bu’u macaafa raajotaa

keessatti barreeffamee ture (YoE 2:28, His 36:37, Isa 44:3)

Gooftaa Yesuus Waa’ee Hafuura Qulqulluu barumsa inni barsiise

Isatti kan amanan hundinuu Hafuuara Qulqulluu ni fudhatu (Yoh 7:39)

Hafuura Qulqulluun bara baraan Waldaa Kiristiyaanaa wajjin ni jiraata (Yoh 14:15)

Kan inni jiraatus foon amantootaa keessadha (Yoh 14:17, 1Qor 6:19)

Abbaan Hafuura Qulqulluu maqaa Yesuusiin erga (Yoh 14:25)

81

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Hafuurri Qulqulluun Abbaa biraa dhufe (Yoh 15:26)

Kan baranne nu yaadachiisa, kan hin barannes immoo ni barsiisa (Yoh 14:26)

Waa’ee Yesuus dhugaa ba’a (Yoh 15:27)

Biyya lafaa dhimmoota sadiitiif isaan ceepha’a (Yoh 16:8)

- Sababa cubbuutiif –( Yesuusitti waan hin amaniniif)

- Waa’ee Qulqullummaatiif—(Yesuus gara Abbaa waan deemeef, kanaanis gara Abbaa

dhaquun kan danda’amu mirga isaa isa taa’e Yesuus Kiristoos qofaan ta’uu isaan

beeksisa.

Waa’ee firdii—(Bitaa biyya lafaa kanaa kan ta’e Diyaabiloositti faradameera. Kanaafis

namoonni karaa Yesuusiin humna Seexanaa jalaa bilisa /walaba/ ba’uu ni danda’u.

Gara dhugaa hundumaatti nu qajeelcha, Yesuus harkaa fuudhee nutti hima, Yesuusiin ni

ulfeessa (Yoh 16:12)

8. Amanaa fi Hafuura Qulqulluu

Macaafa Qulqulluu keessatti sirna hojiilee garaa garaa Hafuuara Qulqulluun jireenya amanaa

keessatti hojjetu maqoolee garaa garaatiin waamama. Sirna hojiilee kanneen keessaa isaan

jalqabaa arfan, amanaan al-tokko kan hiratu (fudhatu) yeroo ta’an, “Hafuura Qulqulluudhaan

guutamuun” garuu bara umurii jireenya isaa guutummaatti utuu wal irraa hin citiin kan itti

fufudha.

A.Hafuuara Qulqulluu fudhachuu

- Gooftaan duraan dursee amantoonni Hafuura Qulqulluu akka fudhatan dubbateera (Yoh

7:39, 20:22)

- Humna, Kennaa fudhachuu jedhameera (HoE 1:8, 2:38)

- Amantoonni Hafuura argataniiru ( HoE 10:47, 19:2, 1Qor 6:19)

Kaayyoo isaas:- Amanaan Hafuura Qulqulluu waliin tokkummaa eegaluu isaatiif ragaadha.

Dhaqni (foon) amanichaas mana qulqullumaa ta’uu isaa ni dubbata.

B. Hafuuara Qulqulluudhaan cuuphamuu

Wangeela keessatti yeroo 4 hojii ergamootaa keessatii yeroo 2 barreeffameera.

Hafuuara Qulqulluudhaan kan cuuphu Gooftaa Yesuus qofaadha (Mat 3:11, Mar 1:8, Luq

3:16, Yoh 1:3)

Amantoonni ni cuuphamu (HoE 1:5, 11:16)

Kaayyoon isaas:- Amanaa sana qaama Kiristoos ishee tokkittii (Waldaa Kiristiyaanaa

82

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


addunyaa) keessatti bu’aa qaamaa godhee itti qabsiisuudhaaf

C. Hafuuara Qulqulluudhaan mallateeffamuu

Dubbicha dhaga’ee Yesuusitti kan amanu hundinuu ni mallatteeffama (Efe 1:13)

Kaayyoon isaas:-Waaqa irratti dhaala nuuf qophaa’eef qabdii dha (Efe 1:14)

Guyyaa fayyinaatiif wabii akka nuuf ta’uuf (Efe 4:30)

Dheekamsa Waaqayyoo isa sodaachisaa jalaa sababa mallateeffamuu keenyaatiif oolla(baana).

D. Hafuura Qulqulluudhaan dibamuu: - Filamuu, taayitaa fudhachuu kan agarsiisuudha.

Bara kakuu moofaatti fakkeenya Hafuura Qulqulluu kan ta’e dibata qulqulleeffameen kan

dibaman lubootaa fi mootota turan (Bau 28:41)

Kiristoos dhiiga isaatiin mootummaadhaa fi luboota nu godheera (Mul 5:9,10, 20:4-6)

Kiristoos jechuun kan dibame jechuudha,

Gooftaan iyyuu ofii isaatii Hafuura Qulqulluudhaan kan dibame ture (Luq 4:19, Hoe 4:26)

Sababiin isaas inni mootiidhaa fi luba waan ta’eef (Zak 6:13)

Amantoonnis dibata kanattii (Hafuura Qulqulluu) tiin dibamaniiru (1Yoh 2:20)

Dibatni fudhatan kunis isaan keessa ni jiraata (1Yoh 2:27)

Kaayyoon isaas:- Dibamuun kaayyoo tajaajila Waaqayyo nutti kenne galmaan ga’uuf nu

gargaara (Luq 4:19). Dhugaa Waaqayyoo hundumaa beekuuf nu gargaara (fayyada) (Yoh 2:20)

E. Hafuura Qulqulluudhaan Guutamuu

Hojii Waaqayyoo hojjechuuf amanaan Hafuura Qulqulluudhaan guutamuutu irra jira.

Macaafa Qulqulluu keessatti namoonni Hafuura Qulqulluudhaan erga guutamanii booda

ergama tokko ni qabu ture.

Bazaali’eel + Hafuura Qulqulluudhaan guutamee = Mi’a mana qulqullummaa hojjete.

(Bau 31:1-6)

Iyyaasuu + Hafuura Qulqulluudhaan guutamee = Saba sana geggeesse (Kess 34:9)

- Yohaannis cuuphaa + Hafuura Qulqulluudhaan guutamee = saba sana gara Waaqaatti

deebise (Luq 1:15)

- Eelsaabeex + Hafuura Qulqulluudhaan guutamtee = raajii dubbatte (Luq 1:14)

- Zakkaariyaas + Hafuura Qulqulluudhaan guutamee = raajii dubbate (Luq 1:67)

- Ergamoota + Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii = afaan haaraa dubbatan (HoE 2:4)

83

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


- Ergamoota + Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii = dubbicha ifatti dubbatan (HoE 4:31)

- Isxifaanos + Hafuura Qulqulluudhaan guutamee = Yesuusiin Waaqa keessatti dhaabatee

isa arge (HoE 7:55)

- Amantoota + Hafuura Qulqulluudhaan guutamaa = Gooftaadhaaf faarfadhaa (Efe 5:18)

Hafuura Qulqulluudhaan guutamuun irra deddeebi’ee itti fufiinsaan bara jireenya amanaa

sanaa hundumaa kan raawwatamudha.

- Ergamoonni Hafuura Qulqulluudhaan guutaman ( HoE 2:4)

- Ba’aa fi bal’ina tajaajila Hojii Ergamootaa boqonnaa 2 irra jiru caalaatti hojii fi qorumsi

waan isaan mudateef shaakalli caalu isaan barbaachisa ture.

- Ergamoota si’a lammaffadhaaf Hafuuraan guutaman (HoE 4:31)

- Isxifaanos nama Hafuura Qulqulluudhaan guutame ture (HoE 6:5)

Balaa du’aa itti dhufe galataan fudhachuu fi diinota isaa eebbisuu akka danda’uuf dabalataan

guutamuunii fi humni isa barbaachisa ture.

- Isxifaanosis Hafuura Qulqulluudhaan guutame (HoE 7:55)

- Amantoonni yeroo hundumaa Hafuura Qulqulluudhaan akka guutaman abboomamaniiru

(Efe 5:18)

Humnaa fi jabina namaatiin hojii Waaqayyoo hojjechuun gonkumaa waan hin danda’amneef,

akkasumas isa bukkee (cina) kan jiru Hafuura Qulqulluu biratti fudhatama sababa waan hin

arganneef amanaan yeroo hundumaa Hafuura Qulqulluudhaan guutamuutu irra jira (Zak 4:6)

9. Hafuurri Qulqulluu utuu addaan hin kutiin amanaa ni gargaara

Fayyinaan dura

I. Gara fayyinaatti (jireenya bara baraatti) isa qajeelcha.

A. Yesuusiin amanuu dhiisuu isaatiif isa ceepha’a (Yoh 16:8-11)

B. Karaa lammaffaa dhalachuutiin haaressa (Tit 3:5)

Erga fayyee booda

II. A. Humna cubbuutiin dhiibamuu jalaa ni ba’a (Rom 8:2-8, Tit 2:12)

Hamma libsuu ijaatti humna cubbuu kan ta’e seera jalaa bilisa ni ba’a (1Qor 15:56, Rom 2:8)

Itti fufiinsaan, shaakala cubbuu dhiisuun qulqullummaa ni shaakala (Efe 6:17, Yoh 8:31)

84

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


B. Jireenya bara baraa akka argate keessa isaatti dhugaa ba’aaf (Rom 8:16, 1Yoh 5:6,8)

C. Jireenya hafuuraa akka jiraatuuf humna kennaaf.

D. Gara dhugaa hundumaatti geessa (qajeelcha) (Yoh 16:13)

E. Waan hundumaa ni barsiisa (Yoh 14:26, 1Yoh 2:27)

F.Humna ittiin tajaajilu kennaaf (HoE 1:8)

G. Kennaalee ayyaanaa ni kennaaf (1Qor 12:7-11)

H. Humna kadhannaa kennaaf (Yihu 20, Efe 6:18, Rom 8:26)

I. Waaqayyoon galateeffachuu fi waaqeffachuu akka danda’utti dandeettii (ga’umsa) kennaaf

(HoE 2:11, 10:46, Fil 3:3, Efe 5:18, Yoh 4:24)

J. Ija hafuuraa isa godhachiisa (Gal 5:22)

K. Foon (dhaqna) isa du’uuf jireenya kennaaf (Rom 8:11)

10. Jijjiiramuu sirna hojii Hafuura Qulqulluu kakuulee lamaan keessatti

Hojii Yesuus fannoo irratti Dhiigaa fi gatii baasuu (bituu) hojii Yesuus fannoo irrattti hojjete

hojiilee Hafuura Qulqulluun hojjetu irratti jijjiirama gurguddaa lama geessiseera.

Bara kakuu moofaa

I. Hafuura Qulqulluudhaan saba Waaqayyoo hunduma irra hin dhufu ture. Kan inni irra

dhufu raajota yookiin mootota ture.

II. Sababa foon isaanii gatiidhaan hin bitamneef kan mataa isaanis sababa ta’eef, Hafuura

Qulqulluun yeroo barbaachisetti dhiisee biraa adeema.

Bara kakuu haaraatti

I. Amanaa foon uffate hundumaa irratti ni dhangala’a (HoE 2:17)

II. Foon(dhaqni) amanichaa gatiidhaan waan bitameef,kan mataa isaas sababa hin taaneef,

Hafuurri Qulqulluu bara baraan amantoota keessa ni jiraata (Yoh 14:15-17, 1Qor 6:19)

11. Kennaalee ayyaanaa Hafuura Qulqulluu

Kennaalee ayyaanaa Hafuura Qulqulluu kan jennu Waaqayyo amantootaaf karaa Hafuura

Qulqulluu kan kennu kennaalee tajaajiloota gosa garaa garaa sirna uumamaatii ol (super

natural) ta’anidha.

Gooftaa Yesuus Kiristoositti kan amane hundaafuu kennaalee ayyaanaa Hafuura Qulqulluu

kan ta’an ni kennamaaf (1Qor 12:7, 11, 14:26,31, 1Phex 4:10)

Amantoonni yeroo hundumaa Hafuura Qulqulluudhaan akka guutaman abboomamaniiru (Efe

5:18)

85

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kennaa ayyaanaa isa caalu akka barbaadan abboomamaniiru (1Qor 12:31, 1Qor 14:5)

Haala itti fayyadamina kennaa hafuuraa akka baraniif gorfamaniiru (1Qor 12:1)

Kennaa Hafuuraa ciminaan barbaaddadhaa jedhamaniiru (1Qor 14:1)

Hamma ga’aa kennaa Hafuuraa isaaniif kennamee akka tajaajilan abboomamaniiru

(1Phex 4:10)

Kennaa ayyaanaa fayyadamuuf ulaagaan inni jalqabaa jaalaladha (1Qor 13:1-7)

Jaalala- Waaqayyoof (tajaajila keenyaa olitti isa jaallachuu)

Jaalala-Uummataaf (kennaa ayyaanaa keenyaan ijaaramuu qaba malee gufachuu hin

qabu.

11.1. Kaayyoo kennaawwan ayyaanaa

Kennaan ayyaanaa maaliif tajaajiltoota hundumaaf kennamaa?

1. Qaama Kiristoos (waldaa Kiristiyaanaa) cimsuuf (ijaaruuf) (1Qor 4:4)

2. Waldaan kiristiyaanaa Gooftaan ishee hamma dhufutti itti gaafatamummaa inni isheetti

kenname akka baatuuf (1Qor 1:7)

3. Jireenya amanaa sanaa cimsuuf (ijaaruuf) (1Qor 4:4)

4. Amanaan tokko kennaa ayyaanaatiin Waldaa Kiristiyaanaa erga tajaajilee booda ulfina isaa

Waaqayyoof laachuudhaan ofii isaa gad of deebisuudhaan abboomamuutu isa irra jira (Luq

17:10)

11.2 Kennaawwan ayyaanaa macaafa qulqulluu keessatti tarreeffaman

1. Ergamaa

2. Raajii

3. Lallabaa wangeelaa Biirolee shanan (the five offices)

4. Tiksee

5. Barsiisaa

Ergamoonnii fi raajonni kakuu haaraa hojiin isaanii inni angafaa waldaa addunyaa ishee qaama

tokko taate bu’uura (barsiisa bu’uuraa) kaa’uudhaan warra tajaajilaa turan yeroo ta’u, (1Qor

3:10, Efe 2:20) kanneen hafan immoo bu’uura kaa’ame kana irratti kan ijaaranidha

(dhaabanidha) (1Qor 3:10-14)

6. Dinqii gochuu

7. Kennaa fayyisuu

86

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


8. Gargaaruu (help)

9. Bituu, bulchuu (administration)

10. Afaanota haaraa gara garaatiin dubbachuu

11. Afaanota haaraa hiikuu

12. Ogummaa dubbachuu

13. Beekumsa dubbachuu

14. Amantii

15. Hafuurota addaan baasuuu

16. Raajummaa (1Qor 14:31)

17. Tajaajiluu (serving)

18. Gorsuu (encouraging)

19. Gumaachuu yookiin kennuu (Contributing)

20. Dhiifama gochuu

21. Faarsaa

22. Saaxiluu

23. Fuudhuu

24. Fuudhuu dhiisuu

Kutaalee Macaafa Qulqulluu irraa fudhataman (luqqisoota) (1Qor12:28, 1Qor 12:8-10, Efe

4:11, Rom 12:6-8)

11.3 Afaanota haaraa gosa garaa garaatiin dubbachuu

Kennaa ayyaanaa keessaa Macaafa Qulqulluudhaan ibsii fi barumsi ga’aan kan itti kenname

kennaa ayyaanaa isa afaan haaraadhaan dubbachuu jedhamudha. Amantoonni kennaan kun

kennameef maalummaa fi itti fayyadamina isaa sirriitti yoo beekuu baatan sababa walitti qabama

sana hin jabeessineef Gooftaan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsa boqonnaa tokko guutuu itti

kenneera.

a. Afaan haaraadhaan dubbachuun duraan dursee kennaa sagalee raajotaatiin

dubbatameeraaf (Isa 28:11, 1Qor 14:21)

b. Gooftaa Yesuus warri isatti amanan kennaa isaan fudhatan keessaa inni tokko afaan

haaraadhaan dubbachuu akkaa ta’e dubbateera (Mar 16:17)

c. Yeroo Hafuurri Qulqulluun isa irra bu’etti namoonni afaanota haaraa gara garaatiin ni

dubbatu tura (HoE 2:4, 10:46, 19:6)

87

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


d. Afaan haaraan Afaan jedhameera.

HoE 2:4: Afaanota garaa garaatiin ni dubbatu turan

HoE 2:6: Namoonni tokkoon tokkoon isaanii afaan mataa isaaniitiin utuu

88

isaan dubbatanii ni dhaga’u ture

HoE 2:8: Afaan dhalootaa keenya attamitti…

HoE 2:11: Afaanota haaraadhaan utuu dubbataniin isaan dhageenya (HoE 10:46, 11:15)

Waldaa keessatti itti fayyadamina afaan haaraa ( qajeelfama Gooftaadhaan kenname)

1Qor 14:

Afaan haaraan yoo hiikamuudhaa baate walitti qabama sana hin ijaaru. : 1-5

Dubbii isa utuu hin hiikamiin afaanota haaraadhaan dubbatan irra dubbii raajummaa kan

dubbatu ni caala. :5

Hiikni isaa yoo hiikamuudhaa baate akka nama qilleensatti dubbatuuti. :9

Afaan haaraan kan dubbatu akka hiikamuuf kadhachuutu isa irra jira. :13

Walitti qabama keessatti afaan haaraan jechoota hedduu dubbachuu irra dubbii

hubatamuun jechoota shan dubbachuu wayya. :19

Afaan haaraan dubbachuun warra hin amanneef mallattoo akka ta’uuf malee warra

amaneef miti. :21

Hundumtuu afaan haaraadhaan yoo dubbatan namoonni hin amanne “maraataniiru” jedhu

malee sababa kanaatiif Waaqayyoon hin kabajan. :23

Waldaa (walitti qabama) keessatti lama yoo baay’ate sadii ta’anii dabareedhaan akka

dubbatan gooftaan abboomeera. :27

Warri dubbatan kunis kan isaan dubbatan yoo namni hiiku argame qofadha. :28

Waaqayyo waaqa nagaati malee Waaqa jeequmsaa miti. :33

Abboommiin kunis waldoota kiristiyaanaa hundumaaf ba’e. :33

Abboommiin kun abboommii Gooftaati. :37

Geggeessitoonni afaan haaraa dubbachuu akka hin dhorkine barreeffameera. :39

12. Cubbuuwwan Hafuura Qulqulluu irratti hojjetaman

1. Hafuura Qulqulluu arrabsuu (Mat 12:31)

Dinqiiwwan Yesuus godhe kaaduu(ganuu) fi hojii isaa hojii hafuura xuraa’aa wajjin walitti

fakkeessuun lafa irrattis ta’e waaqa irratti cubbuu dhiifama hin qabnedha.

Yaadachiisa Hafuura Qulqulluu arrabsuu fi hafuura qoranii ilaaluun dhimmoota baay’isanii

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


garaa gara ta’anidha. Kanaafuu amanaan yeroo hundumaa dirqama hafuura qoruutu irra jira.

1Yoh 4:1

1. Hafuura Qulqulluu gowwoomsuu / sossobuu (HoE 5:3,4)

Soba qulqulloota gidduutti ta’uu fi hafuura qulqulluun hin beeku jedhanii yaaduu

2. Hafuura Qulqulluu qoruu ( HoE 5:9)

3. Hafuura Qulqulluu mormuu (HoE 7:51)

4. Dubbii Waaqayyo dubbatu dhaga’uu diduu

5. Hafuura Qulqulluu gaddisiisuu (Efe 4:31)

Rakkoo amalaa irraa kan ka’e cubbuu dhufudha, fakkeenyaaf aarii, waca, dheekkemsaa

fi kan kana fakkaatan.

6. Hafuura Qulqulluu mormuu (rebel) (Isa 63:10)

Deddeebi’anii miidhaa raawwachuu yookiin hojjechuu balleessaa irraa deebi’uu

dhiisuu.

7. Hafuura dhaamsuu (ukkaamsuu) (1Tas 5:19)

Kennaa ayyaanaa kakaasuu fi itti fayyadamuu dhiisuu

“ Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa … qooda kanaa

Hafuura Qulqulluudhaan guutamaa!” Efe 5:18

(Qopheessaa irraa)

Daawwit Faasil

Lak.bilbilaa 0917804407

L.S.Posta 67 Jimmaa

E-mail niguye2004@yahoo.com

89

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Qopheessaan:

Daawwit Faasiil

Hiikaan:

Ibsaa Bulii

1999, Jimmaa

90

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kutaa 1 ffaa

Barumsa fayyinaa

Uumamaa fi Kufiinsa Ergamaa isa Kufee /Seexanaa/

Seexana: - Jecha Ibrootaa yeroo ta’u hiikni isaas “gufachiisaa”, diina gufuu kaa’u jechuu dha.

Diyaabilooos:-Jecha Girikii yeroo ta’u hiikni isaas “hadheessaa” jechuudha.

Maaliif Uumamee?

1. Waaqayyoon galateeffachuuf uumame (His 28:13)

2. Ulfina Waaqayyoo akka golguuf kan dibame /filame/ ture (His 28:14)

3. Bareedinni uumamaanis kan guutame ture (His 28:12)

Maaliif Kufee?

1. Bareedina isaa irraa kan ka’e waan kooreef /of jajuun/ (His28:17)

2. Isa hundumaa gararraa jirutti of fakkeesse /ta’uu/ barbaade (Isa 14:12)

Bu’aa Cubbuu Isaa

1. Hordoftoota isaa wajjin gara lafaatti gad darbatame (His 28:17)

2. Gara fuula duraatti gara boolla dukkanaa fi galaana ibiddaa keessatti ni darbatama

(Isa 14:15, Mat 25:41, 2Phex 2:4)

Uumamaa fi Kufaatii Namaa

Namni akka bifaa fi fakkeenya Waaqayyootti uumame (Uma 1:26)

Waaqayyo biyyoo lafaa irraa nama tolche (Uma 2:7)

Namnis lubbuu jiraataa kan qabu ta’e (Uma 2:7)

Naannoo isaa hundumaa akka bituuf uumame (Uma 1:26)

Iddoo dhaaba Eden akka eeguu fi akka tottolchuuf achi keessa isa kaa’e (Uma 2:25)

Gargaartuu isaaf taatus isaaf uume (Uma 2:18-25)

Muka jireenya kennu irraa akka hin nyaanne isa abboome (Uma 2:16)

Kufaatii Namaa

Seexanni /bofni/ dubartittii gowwoomse (Uma 3:1-7, 1Xim 2:14)

Abbaan manaa ishees jecha haadha manaa isaa dhaga’uu isaatiin irra daddarbe (Uma 3:6, 3:17)

91

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Sababa Isaan Cubbuu Hojjetaniif

Akka Waaqayyoo ta’uu barbaaduu (Uma 3:5)

Dubbii Uumaa irra dubbii uumamaa dhaga’uu /sagalee/ dhaga’uu. (“Dubartittiin sagalee

Seexanaa dhaga’uudhaan, Inni dhiiraa immoo sagalee haadha manaa isaa dhaga’uudhaan.”

Mukichis nyaataaf kan bareede

Fedha foonii

Ijattis kan nama hawwatu

Ijatti Bareeduu isaa

Ogummaadhaafis gaarii akk ta’e argite

Jireenyaan boonuu

Uma 3:6 fi 1Yoh 2:16 wal- bira qabuun ilaali.

Isaan sadan armaan olii kun karaalee cubbuun ittiin galaniidha. Seexanni karaalee sadan kanneen

fayyadamuun qoree nama kuffise. Gooftaan keenya Yesuus (Mat 4:1-10) Seexanaan qoramuu

isaa dubbisuun karaalee sadan armaan olitti eeraman wajjin wal bira qabdee ilaaluuf yaali.

Bu’aalee Cubbuun Nama Irratti Fide

1. Qullummaan / hir’inni/ waanti jibbisiisaan nama irratti dhufe (Uuma 3:7)

2. Sodaachuu yookiin dhokachuu jalqabe (Uuma 3:8-10)

3. Abaarsatu dhufe (Uuma 3:16-21)

4. Iddoo dhaaba Eden keessaa ari’ame (Uuma 3:22-24)

5. Namni walii walii isaa miidhuu jalqabe (Uuma 4:1-8)

6. Yaadni garaa namaa jal’aa ta’e (Uma 6:5)

Namni Hundinuu Cubbamaa ta’e.

Dhalatee hanga du’utti seera eeguudhaan jabaatee kan jiraatu eenyu illee hin jiru (Rom 3:20)

kanaaf namni hundinuu seera irra daddarbuu isaa irraa kan ka’e abaaramaa ta’e (Gal 3:10).

Namni seera hundumaa eegee garuu tokkoon ishee yoo dogoggore/cabse/ hunduma kan irra

daddarbe ta’a (Yaq 2:10). Kanaafuu namni bara umurii isaatti al tokko qofa yoo dogoggore

illee qajeelaa ta’uu hin danda’u. Sababa kanaafis warri akka tilmaama namaatti qajeelota

jedhaman fuula Waaqayyoo isa hundumaa beeku duratti cubbamoota (Rom 3:23, 5:12, Lal

7:20)

Namni fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta’uu hin danda’u (Iyo 4:17, 9:2, Rom 3:20)

Tokkollee qajeelaan hin jiru (Far 14:2, Rom 3:11)

Qajeelota warri jedhaman illee cubbuu ni hojjetu (Lal 7:20)

Qajeelinni keenyas fuula isaa duratti ga’aa miti (Isa 64:6)

92

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Seera eeguudhaan fuula waaqayyoo duratti qajeelaa ta’uun hin danda’amu (Rom 3:20, Gal

2:16,21, Efe 2:8)

Dhala namaa gidduutti garaa garummaan qajeelummaa hin jiru (Rom 3:22)

Ayyaanni amantiidhaan qajeelaa godha /ni qajeelcha/.

Yaadachiisa: Itti dabalataan barumsa seeraa fi ayyaana jedhu ilaali.

Waaqayyo Nama Fayyisuuf Mala /Karaa/ Inni Qopheesse

Eenyuyyuu ofii isaa karaa kamiin illee fayyisuu waan hin dandeenyeef Waaqayyo ofii isaatii fala

ittiin nama fayyisu qopheesse.

Ilma isaa Fayyisaa akka ta’uuf erge (1Yoh 4:14)

Waaqayyo dursee utuu ilma isaa hin ergiin dura kakuu moofaa keessatti waa’ee fayyina isa

dhufuu fakkeenyaan ni agarsiisa ture.

Fakkeenya: - Addaam qullaa isaa dhoksachuuf /golgachuuf/ harka isaatiin baala hodhee of irra

buuse. Waaqayyo garuu dhoksaa /ichitii/ Addaam gogaa ofii isaatii qopheesseen dhokseef /

golgeef/. Innis fakkenya Yesuus ture (Uuma 3:2)

Dubartittii irraa kan dhalatu mataa bofichaa akka buruksu raajii dubbate (Uum 3:15)

Hoolaa aarsaa cubbuu ta’ee Ijoollee Israa’eliin fakkeenyaan barsiise.

Fakkeenya: - Kutaalee Macaafa kakuu moofaa keessatti iddoo dhibboota hedduu keessatti

fakkeenyaan fi gaaddiduudhaan ni argana. Waantonni kakuu moofaa keessatti mul’atan

gaaddidduu yeroo ta’an qaamni inni dhugaan garuu Kiristoosidha (Qol 2:16)

Fakkeenyaa fi Hiika Hoolaa Leewwota Boqonnaa 4 irraa

Namni tokko abboomota keessaa tokkoon ishee yoo irra darbe/cabse/ korommii/jiboota/,

hoolaa, reettii mudaa hin qabne qabatee dhiyaata. Harka isaa mataa horii fidee irra kaa’uun

cubbuu isaa Waaqayyotti himuudhaan baachisa. Horii sanas ni qala. Lubichis dhiiga isaa

fuudhee godoo qulqullaa’aa /Iddoo aarsaa/ duratti si’a toorba ni facaasa.

Bara Kakuu Haaraatti Hiikaa Fakkeenya Kanaa

Hoolaan mudaa hin qabne Yesuus (Yoh 1:14, Ibr 7:26)

Gooftaa Yesuus ofii isaa gatii cubbuu keenyaa dhi’eesse (Ibr 7:27, 10:12)

Cubbuu keenya hundumaa baate (1Phex 2:24, Isa 53:6,12)

Hoolaan Waaqayyoo cubbuu keenyaaf qalame /du’e/ (1Qor 5:7, Mul 5:9)

93

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Aarsaan Horii inni bara Kakuu Moofaa Maaliif Hafee /Dhiifamee/?

Hamma Gooftaan Yesuus du’utti akka fakkeenyaatti kan kenname ture (Ibr 9:10)

Dhiigni re’ootaa fi hoolotaa cubbuu namoota irraa fuudhuu waan hin dandeenyeef (Ibr 10:4,

11, 9:12)

Sirnichi kan kennameef uummata addunyaa maraaf utuu hin ta’iin Israa’eloota qofaaf waan

tureef.

Furmaata Waaqayyo Keenya Biraa ta’e

Namni haala kamiin iyyuu hojii gaariidhaanis fuula Waaqayyoo duratti guutuu ta’uu yookiinis

qajeelaa ta’uu waan hin dandeenyeef Waaqayyo ofii isaatii biyyi lafaa utuu hin uumamiin dura

sanyii dhala namaa isa bade yookiin kufeef karaa fayyinaa isa karoorse mul’ise. Karaan kunis

“ayyaana /grace/” jedhama.

Ayyaana jechuun eenyummaa hin malleef kennaa akkasumatti (tola) kennamu jechuudha. Kunis

gaarummaa namichaa ilaaluudhaan utuu hin ta’iin akkasumatti gaarummaa isa kennuu

(Waaqayyoo) irraa kan ka’e kan kennamu kennaa tolaati. Namicha irraa gaarummaan eegamu

ayyaana isaaf laatame amantiidhaan fudhachuu qofa.

Waaqayyo Sagaleen foon uffate (Yoh 1:14)

Sirna Hojii Ayyaanaa

Waaqayyos sagalee/Ilma isaa/ fayyisaa biyya lafaa akka ta’uuf erge (1Yoh 4:14)

Ilmi Waaqayyoo Yesuus (Mat 16:16) seera hundumaa raawwate. Tasumayyuu cubbuu hin

goone/hin hojjenne/. Ibr 4:15, Ibr 2:14-18, Waaqayyo ilmi isaa iddoo keenya akka du’u

akkasumas nuyi immoo qajeelummaa isaatiin qajeelota akka taanu godhe.

94

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Cubbuu ta’e (2Qor 5:11)

Abaarsa ta’e (Gal 3:13)

Inni Iddoo Keenya

Cubbuu keenya isa nu irra jiru baachuudhaan abaarsaa fi du’a cubbuun nutti fidu ofii isaatii

baachuudhaan nuyi walaba /bilisa/ akka taanu godhe. Yesuus Cubbuu biyya lafaa hundumaa

baateera. Haa ta’u iyyuu malee namni yoo fayyuu barbaade hojii Yesuus qofaan akka

qulqullaa’u amamuutu isa irra jira.

Namni Yesuusitti Amane:-

Namni Tokko Yeroo Yesuusitti Amanu Maal Ta’aa?

1. Jireenya bara baraa qaba /hin badus/ (Yoh 3:16, 18)

2. Du’aa gara jireenyaatti ce’eera gara firdii /murtii/ hin dhufu (Yoh 5:24)

3. Firdiin /Condemnation/ irra hin jiru (Rom 8:1)

4. Dhimma seeraatiif hin gaafatamu (Rom 6:14)

5. Cubbuu isaattii dhiqateera. Qajeelaa ta’eera, qulqullaa’eera (1Qol 6:11)

6. Lammaffaa dhalateera (Yoh 1:12)

7. Ilma /mucaa/ Waaqayyoo ta’eera (Rom 8:14-17, Gal 4:6)

8. Uumama haaraa ta’eera (2Qor 5:17)

9. Cubbuun isaa isaaf dhiifameera (1Yoh 2:12, Rom 4:5-8)

10. Yeroo hundumaaf guutuu ta’eera (Ibr 10:14)

11. Hojii tokko malee amantii qofaan qajeelaa ta’eera (Efe 2:8)

12. Kennaan ayyaanaa kennameeraaf (1Qor12:4-11)

13. Hafuura Qulqulluudhaan caapheffameera/Mallateeffameera/ ( Efe 1:13)

14. Hafuurri qulqulluun isa keessaa buufateera (Yoh 7:38, 14:15-17)

15. Mirga Abbaa taa’eera (Efe 2:4-8) fi kan kana fakkaatan…

Fayyuudhaaf Gooftaa Yesuusiin Qofa Maaliif Filannee?

Sababni isaas:-

Fayyisaan isa qofa waan ta’eef (Isa 43:11, Hoe 4:12)

Cubbuu keenyaaf kan du’e isa qofa sababa ta’eef (Yoh 3:15, 1Qor 15:3)

Cubbuuttii /irraa/ kan qulqulleessu dhiiga isaa qofa waan ta’eef (1Yoh 1:17)

Gara Abbaa dhufuun kan danda’amu karaa isaa qofa waan ta’eef (Yoh 14:5-6, Efe 2:18)

Jireenyi isa qofa waan ta’eef (Yoh 14:6)

95

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kutaa 2 ffaa

Cuuphaa Bishaanii

Cuuphaa:-Afaan Girikiitiin ‘baptizo’ yeroo ta’u hiikni isaas “ittiin liqimfamuu” jechuudha.

“Babtism”:- Immersion – Wanti tokko dhangala’aa keessa guutummaa guutuutti yeroo dhokatu

/bishaaniin golgamu/ jechuudha.

Waldaan Kiristiyaanaa ormoota hundumaa barsiisuudhaan akka cuuphxu abboomamteetti

(Mat 28:19, Mar 16:15)

Jireenyi bara baraa tasuma iyyuu cuuphaadhaan hin argamu. Namni cuuphamuuf duraan dursee

dirqama Yesuusitti amanee fayyuutu irra jira.

Bishaaniin Awwaalamuun/Cuuphamuun/ Hiikni Isaa Maalii?

A. Yesuusii wajjin awwaalamuudha (Rom 6:4, Qol 2:12)

Amanaan sun Gooftaa Yesuusii wajjin awwaalamuuf iyyuu kan walii gale ta’uu isaa ittiin ibsa.

Kanas battala bishaan keessa dhokatutti ibsa.

B. Du’aa ka’uu Yesuus wajjin walii galuu fi itti hirmaachuu isaa ibsa (Rom 6:4-5). Kanas battala

bishaan keessaa ba’utti ibsa.

C. Isa bood jireenya haaraadhaan deddeebi’uutu isa irraa barbaachisa (Rom 6:8, 4:11)

Cuuphaa Gooftaa Yesuus irraa Baruu ni Dandeenya.

Yohaannis; cuuphaa qalbii jijjiirannaa ni cuupha ture (Mat 3:11). Namoonni hundinuus cubbuu

isaanii himachaa ni cuuphamu turan (Mat 3:5).

Yeroo sanatti Gooftaa Yesuus cuuphamuuf Galiilaadhaa (60mile = 96.560 64km) deemee

Yordaanosiin dhufe.

96

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Yaadadhu! Gooftaa Yesuus tasuma iyyuu cubbuu hin beeku. Garuu cuuphaa cubbamoonni

cuuphaman cuuphamuuf dhufe (Mat 3:13)

Yohaannis isa dhorkuu eegale. Yohaannis sirrii ture. Sababni isaas Yesuus cubbuu hin qabu.

Cuuphamee waanti dabalamuu fi yoo cuuphamuu dhaabaates waanti itti hir’atu hin jiru ture.

Haa ta’u iyyuu malee Gooftaa Yesuus sababa quufsaa qaba ture.

“Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa raawwachuun waan nuuf ta’uuf amma na

ittisuu dhiisi” /Mat 3:14/.

Yaadadhu- Fayyinni yookiin jireenyi bara baraa kan argannu Gooftaa Yesuus cubbuu keenyaaf

du’uu, warra du’an kessaa ka’uu isaa fi akkasumas Ilma Waaqayyoo ta’uu isaa amanuu

duwwaadhaani.

Namni amanuun erga fayyee booda yoo yeroo qabaate garuu cuuphaa bishaanii cuuphamuun;

Gooftaa wajjin awwaalamuu isaa fi itti walii galuu isaa agarsiisuutu isa irra jira.

Eenyufaatu cuuphamaa?

Namni tokko cuuphaa bishaaniin dura ulaagaaleen inni guutuun isa barbaachisu ni jiru.

Yookiin immoo cuuphaa bishaanii kan dursan waantonni sadii ni jiru.

1. Barumsa wangeelaa

2. Amantii

3. Qalbii jijjiirannaa

Ergamoonni namootaa ulaagaa jalqabaa kanneen hin guutiin tasumayyuu hin cuuphan turan.

Fkn-Pheexiroos HoE 2:14-47

1. Pheexiroos wangeela lallabe (HoE 2:14-36)

2. Namootni lapheen isaanii ni tuqame /ni amanan/ (Hoe 2:37)

3. Qalbii akka jijjiirratan / cubbuu isaanii himachuudhaan Yesuusin dhiifama akka gaafatan

ajajaman (HoE 2:38)

4. Cuuphamaa! /cuuphaatti affeeramaa/ (HoE 2:14)

Yaadadhu: - Dubbicha warra fudhatan qofatu cuuphame (HoE 2:41). Ijoollotaaf wangeelli hin

lallabamu. Isaanis wangeela dhaga’anii lapheen isaanii hin tuqamu. Akkasumas qalbii

jijjiirradhaa haalli ittiin jennuun hin jiru.

Filiphoos: - HoE 8:26-40

1. Waa’ee Yesuus wangeela lallabeef (HoE 8:26-40)

2. Namichis cuuphamuudhaaf illee qophaa’aa ta’e (HoE 8:36). Filiphoos garuu cuuphamuu

dandeessa hin jenne. Garuu garaa kee guutuu yoo amante siif eeyyamamaadha jedhe.

3. Cubbuu isaa ni himate (HoE 8:38)

4. Ni cuuphame (HoE 8:38-39)

Walumaagalatti amanaan Yesuus Kiristoosiin amanuu qofaan abdii jireenya bara baraa erga

fudhatee booda miseensa waldaa kiristiyaanaa ishee lafa irraa (Axibiyaa) ta’uuf akkuma

obboloota warra biraatti cubbuudhaaf du’uu isaa, Gooftaa Yesuus wajjin awwaalamuu, du’aa

ka’uu isaa fi akkasumas jireenya haaraa keessaa jiraachuuf murtoo gochuu isaa kan inni ittiin

ibsuudha.

97

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kutaa 3 ffaa

Irbaata Gooftaa

“… Yesuus halkan dabarfamee kenname sanatti buddeenicha fuudhee galateeffatee cabsees;

hoodhaa wal harkaa fuudhaa nyaadhaa; isiniif kan ta’u foon kooti. Kanas yaadannoo koof

godhadhaa!...” jedhe.

Akkasumas buddeenicha booda xoofoo fuudhee kun dhiiga kootiin kan ta’u kakuu haaraadha;

yeroo dhugdan hundumaatti yaadannoo kootiif godhadhaa (1Qor 11:23-36). Gooftaa Yesuus

Kiristoos warra isatti amananii fayyan hundumaa cuuphaatti fufee akka isaan raawwataniif

sirnoota dhaabbatoo inni akka isaan raawwataniif isaaniif kenne keessaa sirni Irbaata Gooftaa

isa lammaffaadha. Irbaatni Gooftaa amantootni hundumtuu du’a Gooftaa akka ittiin yaadataniif

sirna qulqulluu fi ulfina qabeessa ta’e dha.

Moggaasolee isaa:-

1. Irbaata Gooftaa (1Qor 11:20) /Namoonni Qorontoos garuu ni dogoggoran /

2. Maaddii Gooftaa (1Qor 10:21) /Maaddii biraattii nyaachuun hin danda’amu/

3. Buddeenicha cabsachuu (HoE 2:42) /Erga cuuphamanii booda itti qabamanii jiraatu turan/

Kaayyoo isaa:-

1. Foonii fi dhiiga Gooftaatiin kan raawwate yaadannoo kakuu haaraati

Gooftaa Yesuus cubbuu biyya lafaatiif dabarfamee kennamuu fi cubbuu keenya baatee du’uu

isaa dura halkan irbaata Faasiikaa itti nyaatanitti qiixxaa nyaatu /buddeena/ fuudhee eebbisuun

bartootni isaa akka hirmataniif cabsee isaaniif kenne. Bor fannoo irratti kan fannifamuu fi kan

du’u foon isaa isa qulqulluu buddeena /qiixxaa/ kanaan akka yaadataniif isaaniif kenne. Itti

fufuun irbaata booda cubbuu biyya lafaatiif kan dhangala’u dhiiga isaa isa qulqulluu fi ulfina

qabeessa; akkasumas dhiiga kanaan kakuu haaraa isa raawwatu akka yaadataniif xoofoo daadhii

wayinii keessa guutee jiru fuudhee eebbisee galateeffatee isaaniif kenne. Kunis halkan sanaa

eegalee waldaa kiristiyaanaatiif hamma inni dhufutti du’a gooftaa kan ittiin yaadannnuuf, foon

isaa isa muka irra oolee fi dhiiga isaa isa qulqulleessu akka ittiin yaadannuuf yaadannoodha.

Kana jechuun qiixxichi/buddeenichi/ amma mirga Abbaa kan jiru foon isaa isa dhugaa nu

yaadachiisa malee qiixxaan /buddeenni/ sun foon isaati yookiin foon isaa ta’a jechuu miti.

Akkasumas daadhiin wayinichaa waggaa kuma lama har’aa cubbuu biyya lafaa hundumaaf kan

dhangala’e dhiiga isaa nu yaadachiisa malee; daadhiin wayinichaa ofii isaatii dhiiga jechuu miti.

98

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Qiixxaa fi daadhiin wayinichaa jijjiiramee foonii fi dhiiga ta’a jedhanii yaaduun hubannoo

dogoggoraa guddaa yeroo ta’u ulfinaan mirga Abbaa isa taa’e Yesuusiin salphisuudha. Innis

yeroo hundumaa aarsaa ta’a/ ni du’a/ akka jechuuti (Ibr 9:26).

Fakkeenya: - Fakkeenyaaf obboleessi keenya tokko suuraa isaa “kun ana yaadannoo kootiif

godhadhaa” yoo nuun jedhe; suuraan sun mucicha mataa isaa akka hin ta’iin ni beekna, garuu

kabajnii fi ulfinni obboleessa keenyaaf qabnu kabajaa fi ulfina suuraa isaatiif qabnutu murteessa

/mul’isa/. Kabajnii fi ulfinni suuraa sanaaf kenninu yoo manca’e jibba obboleessa keenyaaf

qabnu mul’isna jechuudha.

2. Dhiphinaa fi Du’a Gooftaa Yaadachuuf

“… Kana yaadannoo kootiif godhadhaa!…” Luq 22:20 kana bu’uura godhachuun waldaan

kiristiyaanaa qiixxaa fi daadhii wayinii qopheessuun dhiphinaa fi du’a Gooftaa yaadachuun;

akkasumas fayyina isheedhaaf godhame yaadachaa Gooftaa galateeffatti. Buddeenichas

nyaachuudhaan daadhii wayinichaas dhuguudhaan hamma inni dhufutti du’a Gooftaa dubbatti

(1Qor 11:26).

3. Tokkummaa Waldaa Kiristiyaanaa Mul’isuudhaaf

Qiixxaa /buddeena/ tokko waan ta’eef nuyi baay’ee yoo taane iyyuu buddeena tokkicha sana

waan qoqqooddannuuf nu foon tokkodha (1Qor 10:17). Waaqayyoo fi sagaleen isaa kan beekan

waldaa kiristiyaanaa tokko qofti akka jirtu dha. Gooftaa Yesuusitti kan amananii fi kan fayyan

hundumtuu walumaagalatti waldaa kiristiyaanaa jedhamanii waamamu. Amantoonni lakkoofsaan

baay’ee ta’anis garuu qaama tokko yookiis waldaa kiristiyaanaa ti. Kanas kan isaan ibsan

hammam qaamaan baay’ee yoo fakkaatanis garuu foon tokko ta’uu isaanii qiixxaa tokkicha sana

cabsachuu isaaniitiin ni mirkaneessu (1Qor 12:12-28).

Eenyufaatu Irbaata gooftaa fudhachuu /cabsachuu/ danda’aa? - Sirni irbaata Gooftaa kan

kenname amanuun amantoota fayyan hundumaaf yeroo ta’u; Kiristiyaanonni akka ittiin isa

yaadatan Gooftaan cimsee barbaada. Kana yeroo jennu garuu amantoonni ulfinni isaan

yaadannoo sanaaf qaban akka gad hin buune of eeggannoo gochuutu isaan irra jira. Kana irraa

kan ka’es amantoonni irbaata Gooftaa irraa akka hin hirmaanne haalonni dhorkan jiraachuu

isaanii beekuun bu’aa qabeessa.

99

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Irbaata Gooftaa Cabsachuu Irraa Haalota Dhorkan:-

Irbaanni Gooftaa ayyaana Faasiikaa isa bara kakuu moofaa keessatti ture bakka bu’uun waldaa

kiristiyaanaaf sirna kenname dha. Gaadidummaa ayyaana Faasiikaatiin bara kakuu moofaatti

haalonni amanaan irraa of eeggachuu qabu mul’ifamaniiru.

Isaanis:

1. Raacitii irraa of-eeggachuu dhiisuun irbaata gooftaa irraa hirmaachuu /cabsachuu/ irraa

ni dhorka.

Bara kakuu moofaatti ayyaana Faasiikaa kabajuu kan barbaadan hundumtuu utuu ayyaanichi hin

ga’iin dura guyyaa torbaaf (7) yookiin torban tokkoof raacitiin mana isaanii keessatti akka hin

argamne Waaqayyo akeekkachiisee ture (Ba’u 12:14-20).

Bara kakuu haaraatti hiikaa raacitichaa:-

A. Barsiisa Dogoggoraa- Dogoggora xiqqoo /bicuu/ ishee kam irraa torban guutuu ofii kee

eeguun ni barbaachisa (Mat 16:6, 12, 1Yoh 4:1-3, 2Yoh:9, 2Xim 2:19). Yoo kana ta’uu baate

raacitiin xinnoon ishee bukoo isa baay’ee sana kan bukeessu waan ta’eef dhugaa Waaqayyoo

irraa nu fageessuu fi Irbaata Gooftaa isa jaallatamaa irraa nu ittisuu danda’a.

B. Rakkinoota amalaa kan baay’ee manca’aa ta’an yookiin cubbuuwwan mul’ataa ta’an:

Macaafni qulqulluun sanyiin dhala namaa hundi garaa garummaa malee cubbamoota akka ta’an

ni ibsa. Kanaaf furmaata ta’uufis Yesuus cubbamootaaf du’eera. Amanaan tokko amanee erga

fayyee booda garuu dhimmoota baay’ee mul’atoo ta’anii fi dhuga ba’umsa jireenya isaa kanneen

balleesaniin yoo qabame raacitiin hammeenyaa kun ayyaana Faasiikaa akka hin kabajne / Irbaata

Gooftaa akka hin cabsanne/ ni godha (1Qor 5:13, 1Xim 5:24).

Furmaata:-Amantoonni Irbaata Gooftaa cabsachuu isaanii dura hafuura hubannaadhaan mataa

isaanii qoranii ilaaluu, dubbachuun, mataa isaanii irratti murteessuu fi dhiifama gaafachuutu

isaan irra jira. Dursinee ofii keenya irratti yoo murteessine Gooftaan nutti hin murteessu. Kana

boodas amanaan sun buddeenicha cabsachuu ni danda’a (1Qor 11:27-32).

Firdii/murtoo/:- Suuraa obboleessi keenya yaadannoodhaaf nuuf kenne bakka hin malle irra yoo

keenye; yookiis fudhatama itti laachuu dhiisuudhaan yoo ganne kun kallatiidhumaan ulfinaa fi

jaalalli isaaf qabnu hir’achuu isaa ibsa.

Sirna Gooftaan yaadannoof nuuf laate kana kan salphisu yookiin ulfina kennuu fi dhiiisuudhaan

akka nyaata /daabboo/ fi dhaadhii wayiniitti isa manatti nyaatuu fi dhuguutti (akka waan waa’ee

100

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


hin baafneetti) lakkaa’ee yoo nyaate yookiis yoo dhuge; yaadannoo foon Gooftaa fi dhiiga

Gooftaa adda waan hin baasiniif ofii isaatii firdii ni nyaata. Waldaa kiristiyaanaa Qorontoositti

mataa isaanii irratti utuu hin murteessiin /utuu araara hin gaafatiin/ akkasumas kaayyoo isaa utuu

hin hubatiin buddeenumaa fi dhaadhii wayinii ta’uu isaa qofaan namoonni nyaatanii fi dhugan

dadhabbiidhaan, dhukkubaan, hirribaan/ du’aan/ adabamaniiru.

Yeroo Irbaata Gooftaa:-

Guyyaa jalqaba torbanii /Dilbata (Sunday)/ :- Buddeenicha cabsachuuf utuu walitti qabamnee

jirruu (HoE 20:7) Kiristiyaannonni warri yeroo jalqabaa torban torbaniin dilbata dilbata sirna

Irbaata Gooftaatiif walitti qabamu turan. Kanaafuu waldaa kiristiyaanaa sagalee Waaqayyoo

sodaadhaan abboomamtuuf irbaatni Gooftaa sirna jaallatamaa torban torbaniin godhamuudha.

Kadhannaa /Waaqeffannaa/ Sagalee dubbisuuu fi k.k.f. yeroo irbaata Gooftaatti

Yeroo irbaata Gooftaatti sirna Irbaata Gooftaa irratti waantonni biyya lafaa fi kan foonii

akkasumas dhimmoonni jireenyaa akka mata dureetti hin ka’an. Warreen akkasii sagantaa mataa

isaanii qabu.Yeroo Irbaata Gooftaatti amantoonni hundinuu to’annoo Hafuura Qulqulluu jala

ta’uudhaan akka Hafuurri isaan qajeelchetti (gaggeessetti) du’a Gooftaa, dhiphina, hojii

arsaarsuu isaa fi kan kana fakkaatan irratti faarfannoota, kadhannaa xiyyeeffate ni dhiyeessu.

Akkasumas kutaaleen macaafa qaulqulluu kanaa wajjin wal fakkaatoo ta’an ni dubbifamu.

Achumaanis buddeenicha cabsachuun ni hiratu. Akkasumas dhaadhii wayinii sana ni dhugu.

Itti fufuudhaanis waaqeffannaa Abbaaf ta’u karaa Yesuus ni dhiyeessu.

Yaadachiisa: Cuuphaas ta’e irbaatni Gooftaa fayyuuf kan kenname utuu hin ta’iin namoota

fayyan qofaaf sirnoota kennamani dha. Jireenya bara baraa wajjin tasuma walitti dhufeenya hin

qaban.Yesuus qofaatu fayyisaa dha.

101

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kutaa 4 ffaa

Seeraa fi Ayyaana

“Isin seera jalatti qabamtanii kan jirtan utuu hin ta’iin ayyaana Waaqayyoo jala waan jirtaniif

cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabu (Rom 6:14).

Seeraa fi ayyaanni maqoolee gara garaatiin wal cina qabamaniiru:

Seerri Maaliif Kennamee?

Namni utuu eegeera ta’ee jireenyatti akka jiraatuuf (His 20:11)

Irradaddarbaan akka baay’atuuf (Rom 5:20)

Cubbuun maal akka ta’e akka beekamuuf (Rom 7:7)

Haa ta’u malee: -

102

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


1. Macaafota seeraa keessatti kanneen barreeffaman hundumaa eegee kan hin jiraanne /guyyaa

tokko illee kan dogoggore/ yookiin seericha hundumaa kan hin raawwatiin abaaramaa ta’a (Gal

3:10)

2. Hunduma isaa eegee garuu tokkoon ishee yoo irra darbe /cabse/ hunduma isaa kan cabse ta’a

(Yaq 2:10)

3. Kan hundumaa keessaa immoo seerichi saba Israa’el qofaaf kan kennamee dha (Rom 9:4)

Kanuma keessaa immoo: -

Foon kan uffate hundinuu seera hundumaa eeguu hin danda’u (Rom 3:20)

Fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta’uun hin danda’amu (Iyob 4:17, 9:2)

Dhalatee hanga du’utti namni qajeelina qofa gochuu hin danda’u (Far 13:2)

Qajeelaan tokko illee hin jiru (Far 13:2, Rom 3:11)

Qajeelaa kan jedhamu illee cubbuu ni hojjeta (Lal 7:20)

Waan seerichi nama irraa barbaadu hojjechuudhaan qajeelaa ta’uun hin danda’amu.

(Rom 3:20, 3:27, 4:2, 7:14, 6:14, Gal 2:16, 3:10, 3:21, 4:21, 5:4, Efe 2:8)

Ayyaana: - Ayyaana jechuun eenyummaa hin malleef kennaa Waaqayyo biraa namaaf kennamu

jechuudha. Kunis sababa tokko malee gaarummaa Waaqayyoo irratti kan bu’uureffame; nama

cubbamaa ta’e tokkoof jaalala Waaqayyoo qofa irraa kan ka’e kennaa kennamu dha.

Ayyaannii fi kennaan jechoota lama kanneen hiika garaa garaa qabanii dha. Kennaan nama nu

wajjin jaalala gaarii qabuuf yaadannoof kan nuyi kenninu kan of keessatti haammatu yeroo ta’u,

Ayyaanni garuu kennaa nama nu jibbuu fi nama nuuf badaa /hamaa/ nuuf ta’eef jaallannee

kennaa nu kenninu dha. Egaa kennaa ayyaanaa jechuun namichi sun kennaa kanaaf ga’umsa

qabaatee yookiin kan malu ta’ee utuu hin ta’in akkasumatti kan laatameef jechuudha.

Bu’uura kanaan waggaa 2000 har’aa ayyaanni Waaqayyoo kunis nama hojii seeraatiin qajeelaa

ta’uu dadhabe kana fayyisuuf mul’ateera. Ayyaanni kunis namoota hundumaa fayyisuu ni

danda’a.Garuu namni fayyuu yoo barbaade ayyaana kana amantiidhaan fudhachuutu irra jira

(Tit 2:11).

Namni seera raawwachuudhaan utuu hin ta’iin ayyaanicha amantiidhaan fudhachuu qofaan

fayya (Rom 3:28).

Yesuus ayyaanaa fi dhugaa guutamee dhufeera (Yoh 1:14)

Ayyaanni kun addunyaa hundumaa ni fayyisa (Tit 2:11)

103

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Ayyaanni kunis Yesuus hojii keenya hundumaa akka nuuf hojjete, seerichi kan nu gaafatu

hundumaa xumuruun, akkasumas hojii keenyaan utuu hin ta’iin hojii isaatiin gara

Waaqayyootti akka dhiyaanne amanuu fi fudhachuudhaan nu fayyisa (Efe 2:4-8, 2:18)

Qajeelummaa Waaqayyoo malee qajeelinni namaa hin fayyisu (Rom 3:21)

Akkasumatti fayyuu /hojii fayyisuutti utuu hin hirmaatin/ (Rom 3:21-28)

Namni Waaqayyo cubbamaa akka qulqulleessu amanuun qajeelummaa ta’ee ni lakkaa’ama

(Rom 4:4-8, Rom 4:9-25)

Cubbuun keenya baay’isee baay’ee ta’us ayyaanni olii bu’e /dhufe/ garuu cubbuu fi yakka

keenya hundumaa baay’isee baay’isee ni caala (Rom 5:15-21, Rom 4:9-25)

Seeraan akka hin gaafatamneef seeraaf duuneera (Rom 7:1-6)

Amantiidhaan malee hojiidhaan miti (Rom 9:30, 10:3:13)

Itti dabalataan; (2Qor 3:4-17, 4:1-6, Gal 2:16-21, 3:21-29, Qol 2:16-23)

Egaa erga amantiidhaan qajeelota taanee Waaqayyo wajjin nagaa qabna (Rom 5:1-11)

Ayyaanni cubbamaa fayyisuu duwwaadhaan hin xumuru, namicha fayyise keessatti hojiilee

kan biraa itti fufiinsaan hojjeta. Amanaan sun mataan isaa hanga ajaa’ibsiifatutti humna

Hafuura Qulqulluutiin jireenya amanaa sanaa keessatti hojiilee garaa garaa hojjechuudhaan

abbaa ija baay’ee isa godha (Tit 2:11-15)

Ayyaanumti kun cubbuu keessa jiraachuudhaa fi fedha biyya lafaa gansiisuudhaan jireenya

qajeelummaa isa dhugaa akka jiraanu nu barsiisa.

2 Qor 4:13-15, 2Qor 6:1-6 – Kana keessa dabarree wangeela dubbachuu nu dandeessisa.

Gooftaanis sagalee ayyaanaa kanaaf amanamaadha (Tit 3:3-7)

104

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Qo’annaa fi Barsiisaaf Kan Qophaa’e

Qopheessaan:

Daawit Faasiil

Kan Hiike:

Abdii Dingataa

105

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Seeraa fi Ayyaana (Law Vs Grace)

“Isin seera jalatti qabamtanii kan jiraattan utuu hin ta’in, ayyaana Waaqayyoo jala waan

jiraattaniif cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu” (Roomee 6:14).

1. Seerri Maalii?

Qoqqoodama Seeraa

Seera

Seera Uumamaa (God's

law)

Seera Musee (Mosaic

law)

Hin diigamne hin

jijjiiramnes

# Macaafa seera uumamaa

keessatti baay'inaan argamu.

FKn –

#Qoodamiinsa ifaa fi

dukkanaa

#Biqiluu biqilootaa

# Ciniinsuu dhaan da’uu

dubartootaa

# Fedhiin dubartootaa gara

abbaa manaa isaanii ta'uu

(Codex 1)

Seera Amantii

(Religious

laws)

- Baay’inaan

Seera

Ba’uu fi Seera

Leewootaa

Keessatti

argamu

(Codex 2)

- Abboommii

kurnan

(The Ten

Commandments)

- Yaada cuunfaa

seerota lamaanii

ti.

Ba’u 20:1-17

(Codex 3)

Seera

Hawaasummaa

(Social Law)

Baay’inaan

Seera

Keessa deebii

Keessatti

argamu

106

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Seera Musee

Seera Musee “Seera hojii” jennee moggasuu dandeenya (Rom 3:20, 27-28, Gal 2:16)

Sababni isaa akka ayyaanaa amantii qofaan kan argamu osoo hin taane seericha

guutummaatti raawwachuu kan nama gaafatu dha (Gal 3:10).

Seerri Musee “Abboommii” jedhamees ni waamama (Rom 7:9-11).

Seerri inni diigames seera museeti malee seera uumamaa miti.

“Karaa tokko seerri inni duraa sun dadhabbii isaatiif, waa’ee utuu hin baasin hafuu

isaatiifis diigameera” (Ibr 7:18).

2. Garaagarummaa Seeraa fi Ayyaanaa

Seeraa fi Ayyaanni Macaafa Qulqulluu keessatti akkaataa garaa garaatiin jiru, ibsa wal

faallessuunis ibsamaniiru/caafamaniiru.

Seera

Ayyaana

Karaa Musee kennamee ture Karaa Yesuus Kristoos argame (Yoh 1:17)

Waanjoo Israa’eloonnii fi Abboonni isaanii

baachuu hin dandeenye dha.

Dubbii wallaalchisuu fi yaada nama raasu

(HoE 15:24)

Waanjoo salphaa (Birmadummaa Kristiyaanaa)

(Mat 11:28-30, Gal 5:1)

Nagaa kenna (Rom 5:1-2)

Qajeelummaa namaa barbaada (Rom 10:3) Qajeelummaa Waaqayyoo ti (Rom 3:21)

Qajeelummaa hojiidhaan argamu

(Rom 9:30-33)

Qajeelummaa amantiidhaan argamuu dha.

(Rom 3:22)

Seera isa moofaa dur caafame (Rom 7:6) Jireenya hafuuraa isa haaraa (Rom 7:6)

Seera cubbuu isa du’atti nama geessu

(Rom 8:2)

Seera hafuuraa isa nama jiraachisu (Rom 8:2)

Cubbuu yaadachiisa (Ibr 10:1-14) Waaqayyoof nu qulqulleessa (Ibr 10:10)

Hojiirra kan hin oolchine oo’a malee

Nama waan xuraa’aatti lakkaa’uuf adaba

ajjeefama (Ibr 10:28)

isa irra hammaatu hammamiitu isaaf mala

(10:28-31)

107

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Seera

Ayyaana

Seera isa du’a murteessu (2Qor 3:7) Seera hafuuraa isa qajeelaa nama godhu (2Qor 3:7)

Firdii du’aaf kan hojjetu (2Qor 3:9) Qajeelaa kan nama godhu (2Qor 3:9)

Yeroodhumaaf kan jiraate (2Qor 3:11) Itti fufee kan jiraatu (2Qor 3:11)

Ulfina qabeessa ture (2Qor 3:10-11) Caalaa ulfina kan qabu (2Qor 3:10-11

Adabduu/guddifruu/ (Gal 3:23) Kristoos (Amantii) (Gal 3:23)

Kan dubartii ishee Garbittii (Aggaar) Kan ishee birmaduu (Saaraa) (Gal 4:21)

Gufuu fannoo Kristoos (Gal 5:11) Dubbii fannoo (1Qor 1:18)

Itti dhama’uun kan arganu (Efe 2:8) Kennaa Waaqayyoo (Efe 2:8)

Dhagna qabaa harka namaa (Efe 2:11)

Dhagna qabaa harkaan hin hojjetamne isa

Kristoos dhagna qabu (Qol 2:11)

Kristoosiin kan beekanitti akka miidhaatti Kristoosiin beekuu (Efe 3:4-9)

kan ilaalamu (Efe 3:4-9)

Wanta nurratti caafamee ture, isa nutti Fannoo (Qol 2:14)

hin tolle (Qol 2:14)

Gaaddidduu (Qol 2:16-17) Kristoos (Qol 2:16-17)

Hafuura dadhabaa fi of hin dandeenye Kristoosii wajjin fannifamuu (Qol 2:20)

(Gal 4:9 -11), (Qol 2:21)

Warra Waaqayyo malee jiraataniif Warra Yesuusitti amanan hundumaaf kan

kan kenname (1Xim 1:8-11)

ta’e (Rom 3:24)

Bara Museetti kan kenname

Isa durii durii jalqabee karaa Kristoos

Yesuus nuuf kenname (2Xim 1:9-11) (Tit 1:1-3)

Ergamootaan kan dubbatame (Ibr 2:2) Isa gooftaan ofii isaatii jalqabatti dubbate

(Ibr 2:3)

Kan dadhabu, kan waa’ee hin Gara Waaqayyootti dhihaachuuf abdii isa

baasnes (Ibr 7:18)

caalu (Ibr 7:19)

Hir’ina kan qabuu fi kan caalame Hir’ina kan hin qabnee fi haaraa (Ibr 8:6-8)

(Ibr 8:7)

Gaaddidduu wanta gaarii isa Wanta gaarii (Ibr 10:1)

dhufuuf jiruu (Ibr 10:1)

108

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


3. Seerri Maaliif Kenname?

Namni eegu yoo jiraate jireenyatti akka jiraatuuf (Lew 18:5, Hisq 20:10, 21,Rom 10:5,

Gal 3:12)

Irradaddarbaa namaa baay’isuuf gidduu lixe (Rom 5:20)

Cubbuun maal akka ta’e nama hubachiiisa.(Rom 3:20,7:7) Cubbuun xixiqqootti ilaalaman

gatiin isaanii walfakkaataadha (abaarsaa fi du’a)

Hamma Kiristoos dhufutti guddistuu saba Israa’el ture (Gal 3:24)

Hamma hiddi inni abdichi gara isaa ilaallu dhufutti, irra daddarbaan maal akka ta’e

mul’isuudhaaf dabala ta’ee kenname (Gal 3:19)

Bara kanatti wangeelaan kan mormaniif kan hojjetame dha (1Xim 1:6-11)

Namni seera eeguu yeroo dadhabu karaa fayyinaa kan biraa akka barbaaduuf (Rom 7:14- 25)

4. Namni Maaliif Seera Eeguudhaan Tasa (Matumaa) Fayyuu hin Danda’uu?

Sababoota:

A. Namni wanta macaafa seerichaa keessatti caafame hundumaa gochuutti qabamee hin jiraanne

abaaramaa dha (Gal 3:10)

B. Namni tokko seera keessaa warra kaan hundumaa eegee tokko yoo cabse akka waan hunduma

isaanii cabseetti yakki itti murama (Yaq 2:10)

Namoonni Qabxii Yeroo Kennan

Nama Hamma Seera inni eegee Qabxii Waliigala

1 0/100 NG (0) Baay’ee Cubbamaa

2 25/100 25 Nama akkasumaanii(ordinary person)

3 50/100 50 Qajeelaa

4 75/100 75 Baay’ee qajeelaa

5 100/100 100 Baay’ee baay’ee qajeelaa

Namoonni yeroo nama madaalan, nama wal bira qabuudhaan madaalu

109

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


110

Namoonni Qabxii Yeroo Kennan

Nama Hamma Seera inni eegee Qabxii Waliigala

1 0/100 0 F (Cubbamaa)

2 25/100 0 F (Cubbamaa)

3 50/100 0 F (Cubbamaa)

4 75/100 0 F (Cubbamaa)

5 100/100 0 F (Cubbamaa)

Macaafni Qulqulluun qajeelummaa Namaa Kan maadaalu fuula Waaqayyootti

malee nama wal bira qabuun miti.

Namni “(fuula Waaqayyootti)” qajeelaa ta’uu hin danda’u (Iyo 4:17)

Madaallii kanaan yeroo namni ilaalamu, “hundumtuu yakkaniiru ulfinni Waaqayyoos itti

hir’ateera” kan jedhu ta’a (Rom 3:23)

C. Kana ta’uyyuu seerichi kan kenname saba Israa’eliif qofa ture (Rom 9:4)

5. Namni Kamiyyuu Seera Raawwachuu fi Qajeelaas ittiin ta’uu hin Danda’u.

1. Fuula Waaqayyootti qajeelaa ta’uun hin danda’amu (Iyo 4:17, 9:2, Rom 3:20)

2. Dhala namaa keessaa tokkollee qajeelaan hin jiru (Far 15:2-3)

3. Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin

jiru (Lal 7:20)

4. Cubbuu keenya mitiitii qajeelummaan keenya iyyuu akka moofaa xuraa’ummaati (Isa 64:6)

5. Seerri waanjoo Abboonni saba Israa’el baachuu hin dandeenye dha (HoE15:10)

6. Seera lallabuun amantoota dubbiidhaan wallaalchisuu fi garaa isaaniis raasuu dha (HoE 15:24)

7. Namni qajeelaan tokkollee hin jiru (Rom 3:10)

8. Nama kan ta’e hundinuu wanta seerri nama irraa barbaadu gochuudhaan Waaqayyo duratti

qajeelaa hin ta’u (Rom 3:20)

9. Seera eeguudhaan qajeelaan ta’a jechuun of-jajuu qofaadha (Rom 3:27)

10. Foon kan uffate hundinuu wanta jaallatu dhiisee, wanta jibbu in godha (Rom 7:15-20)

11. Foon kan uffate keessa amalli cubbuu jira (Rom 7:20-25)

12. Seera eeguudhaan qajeelaa ta’uun hin danda’amu (Rom 9:30)

13. Qajeelummaan seera eeguudhaan yoo ta’e ayyaanni “Ayyaana” ta’uunsaa in hafa (Rom 11:6)

14. Namni tasumaa ga’umsa isaatiin qajeelummaa qabaachuu hin danda’u (2Qor 3:5)

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


15. Seerri tajaajilaa du’aa fi firdii /murtii/ti (2Qor 3:7-9)

16. Seerichi golgaa Kiristoosiin dhoksu dha (2Qor 3:14-16)

17. Seera kan lallaban obboloota warra sobduu dha (Gal 2:4-5)

18. Seerri dhugaa wangeelaa ni morma (Gal 2:5, 14)

19. Seeraan jiraachuun of agarsiisuu yeroo ta’u, tasuma namni foon uffate ittiin of qulqulleessu

hin danda’u (Gal 2:12-16)

20. Qajeelummaan hojii dabalatee yoo ta’e Kiristoos akkasumaan du’e (Gal 2:21)

21. Hojiidhaan qajeeloota ta’uu warri barbaadan abaarsa jala jiru (Gal 3:10)

22. Seerri amantii wajjin qooda hin qabu (Gal 3:12)

23. Seerri jiraachisuu hin danda’u (Gal 3:21)

24. Kristiyaanonni adabduu isa ta’e seera jala hin jiran (Gal 3:23-29, 3:23-29)

25. Abboommii seeraatiin warri jiraatan ilmaan ishee garbittii kan Aggaar waan ta’aniif hin

dhaalan (Gal 4:21-31)

26. Karaa seeraa qajeelota ta’uu warri barbaadan, Kiristoosiin of irraa kutaniiru, ayyaana

Waaqayyoo irraas kufaniiru (Gal 5:4)

27. Fayyinni kennaa Waaqayyooti malee gochaa ofii keenyaatiin kan argannu miti (Efe 2:8-10)

28. Seera jalaa duunee, seerattiis hiikamneerra (Rom 7:1-6)

5.1. Dhugaa Wangeelaa (Efe 2:8)

Bu’aa

Ayyaana + Amantii = Jireenya bara baraa (Rom 3:22)

Ayyaana + Amantii = Hojii gaarii (Tit 2:11-13)

Ayyaana + Amantii = Waaqayyoon fakkaachuu (Tit 2:11-13)

5.2. Wangeela Biraa (Addaa) (– (Galatianism) – (Gal 1:6)

Bu’aa

Hojii + Amantii = Jireenya bara baraa

Hojii + Dhama’a foonii = Hojii qajeelummaa gaarii (Celibacy) (1Xim 1:1-5)

Foon ofii miidhuu/gidirsuu=Waaqayyoon fakkaachuu (Hermitism) (Qol 2:16-23)

Wangeela addaa kana Waldaa Kiristiyaanaa keessatti kan barsiisanii fi kan fudhatan yoo

jiraatan:

1. Kan dogoggoranii fi waan dubbatan warra hin beekne dha (1Xim 1:6-7)

2. Barumsi isaanii kan akkasumaanii ti (1Xim 1:7)

111

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


3. Waaqayyoon kan qoran, garaa namaa kan raasanii fi kan wallaalchisanii dha (HoE 15:10, 24,

Gal 5:11)

4. Abaarsa jala jiru (Gal 1:6-9)

5. Dhoksaatti karaa malee kan lixan obboloota sobduudha (Gal 2:4)

6. Warra of argiisaniidha (Gal 2:13, 1Xim 4:1-2)

7. Warra of jajaniidha (Rom 3:27, Efe 2:10)

6. Ayyaana Waaqayyoo isa Nama Hundumaaf Fayyina Kennu (Tit 2:11).

6.1. Ayyaana jechuun maal jechuudha?

Ayyaana jechuun kennaa tolaa nama hin malleef kennamuu dha (Rom 3:23)

Ayyaanni dadhabbii fi dhama’insa namaan kan argamu osoo hin taane, Waaqayyo karaa ilma

isaa Yesuus Kristoos namni akka ittiin fayyuuf qopheesse dha (Rom 4:4)

Karaa isa tokkicha Waaqayyo inni baay’ee qulqulluu fi qajeelaan, nama isa baay’ee

cubbamaatti dhihaatu dha.

Ayyaanni cubbuu biyya lafaa irratti ta’u hundumaa kan caalu amanuu qofaanis kan argamu,

jireenya bara baraa kan kennu hojii Waaqayyo karaa fayyinaa godhee qopheesse dha (Rom

5:15-21).

Ayyaanni waan gaarii hojjechuu keenyaan kan argannu ykn waan gadhee hojjechuu

keenyaan kan dhabnu osoo hin ta’iin Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaa keenyaatti yeroo

amannu qofa kan nuuf kennamu waan ta’eef, tasa akka waan hojii keenyaan fayyineetti of

hin jajnu (Rom 9:10-18)

Namni fuula Waaqayyoo isa qulqulluu kanaatti cubbamaa akka ta’e beekee, jireenya bara

baraa amantiidhaan tola fudhachuu ni danda’a.

6.2. Namni Qajeelaa kan ta’u Ayyaana Amantiidhaan Fudhachuu Qofaani

1. Israa’eloonni (Ergamoota dabalatee) kan fayyan ayyaana qofaani (HoE 15:11)

2. Karaan namni ittiin qajeelaa ta’u Waaqayyo biraa mul’ateera, innis Kristoos Yesuusitti

amanuu qofaadhaan namni Waaqayyo duratti qajeelaa ta’a (Rom 3:21-22)

3. Isa karaa Yesuus Kiristoos tola nuuf kenname, akkasumatti ayyaana Waaqayyoootiin

fayyineerra (Rom 3:24)

4. Namni karaa seeraa osoo hin ta’iin, amantiin qajeelaa ta’a (Rom 3:27-29)

5. Kan fayyine tola malee beenyaa/gatii/ hojii Waaqayyo biraa qabaannee miti (Rom 4:4)

6. Waaqayyo hojii malee (Ayyaanaan) qajeelummaa nuuf lakkaa’eera (Rom 4:5-8)

112

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


7. Namni gooftichi cubbuu isaa itti hin lakkoofne haa gammadu (Rom 4:6-8)

8. Hojiidhaan mul’achuun ayyaanaan fayyuu keenyaaf mallattoo dha malee, karaa fayyinaa

keenya miti (Rom 4:9-12)

9. Amantiin keenya qajeelummaaa ta’ee kan nuuf lakkaa’amu utuu nuyi waan tokko hin

hojjetiini (Rom 4:11)

10. Amantiin qajeelummaa ta’ee kan lakkaa’ameef Abrahamiif qofa osoo hin taane nuufisi

(Rom 4:23-25)

11. Fayyinni keenya amantiidhaan waan ta’eef nagaa qabaachuun nuuf in ta’a (Rom 5:12)

12. Ayyaanni Waaqayyo nuuf kenne karaa ilma isaa waan dhufeef, cubbuu fi abaarsa karaa

Addaam dhuferra baay’ee caala (Rom 5:12-21)

13. Qajeelota ta’uu kan dandeenyu, ajajamuu nama tokkoo (Yesuus) qofaani (Rom 5:18 21)

14. Namni amane ayyaanaa gadi malee, seeraa gadi waan hin taaneef cubbuun isa hin bitu

(Rom 6:14)

15. Murtiin warra Kristoos Yesuusitti qabamanii jiraatanitti murteeffamu tokko illee hin jiru

(Rom 8:1)

16. Seera cubbuu isa du’atti nama geessu jalaa baaneerra (Rom 8:2)

17. Kan nu qulqulleessu ofuma isaa Waaqayyo dha (Rom 8:30)

18. Qajeelaa gochuun kennaa Waaqayyooti malee waan hojjennee ykn dhamaanee argannu miti

(Rom 9:10-13)

19. Araarri nama fedheef ykn dhama’eef miti (Rom 9:14-18)

20. Amantiidhaan qajeelaa ta’uun ni danda’ama; garuu karaa seeraa tasa hin danda’amu

(Rom 9:30)

21. Nama amanu hundumaa gara qajeelummaatti geessuudhaaf Kristoos seera iddoodhaan ga’e

/raawwateera/ (Rom 10:4).

22. Fayyinni kan argamu Yesuus Gooftaa akka ta’e afaan keenyaan yoo beeksifne, garaa

keenyattis yoo amanne dha (Rom 10:8-10).

23. Israa’el keessaa kan fo’aman amantiidhaan malee karaa seeraa miti (Rom 11:5-6).

24. Israa’el kan irraa caccabaniif amantii dhabina isaaniif (Rom 11:20).

25. Araarri ajajamuu diduun wanta fidee dha (Rom 11:30-36).

26. Waamamuun keenya karaa ayyaana Kristoosi (Gal 1:6).

27. Wangeela Kristoosiin ala kan lallaban abaaramoo dha (Gal 1:6-9).

113

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


28. Fayyuun keenya ayyaanaan erga ta’ee lallabdootni seeraa birmadummaa keenya akka mulqan

hin eeyyamnu (Gal 2:2-3).

29. Dhugaan wangeelaa akka eegamuuf namoonni gurguddoon gara seeraatti jal’atan

ceepha’amuu qabu (Gal 2:11-12).

30. Namni tokko illee Yesuus Kristositti amanuudhaan malee wanta seerri isa irraa barbaadu

gochuudhaan fuula Waaqayyootti qajeelaa ta’uu hin danda’u (Gal 2:16).

31. Ayyaana Waaqayyoo gatii dhabsiisuu hin qabnu (Gal 2:21).

32. Namni qajeelaa ta’uun karaa seeraa utuu ta’ee, Kristoos akkasumaan du’e (Gal 2:21).

33. Hafuura qulqulluu fudhachuun keenya, milikkitootaa fi dinqii arguun keenya wangeela

amanuudhaan malee seera eeguudhaan miti (Gal 3:1-5).

34. Amantiidhaan qajeelota kan ta’an ijoollee Abrahaami (Gal 3: 6-9).

35. Namni amantiidhaan fuula Waaqayyootti qajeelaa ta’e jireenya dhugaa in argata (Gal 3:11).

36. Abdiin Yesuus Kristoositti amanuudhaan akka argamuuf kenname (Rom 3:21-22).

37. Barsiisonni seeraa fi barumsicha kan fudhatan gara bakkeetti ni gatamu; ilmaan ishee

birmaduu garuu ni dhaalu (Gal 4: 21-31).

38. Waanjoo seeraa jalaa birmaduu baaneerra (Gal 4:8-11, 5:1).

39. Karaa Hafuura qulqulluu abdii qajeelotatti lakkaa’amuu amantii keessaa eeggachaa jirra

(Gal 5:5).

40. Dhugaa kana irraa kan wallaalchisan, firdii /murtii/ isaa ni fudhatu (HoE 15:24, Gal 5:9-11).

41. Kan fo’amne hojii gaarii keenya irratti kan hundaa’e osoo hin ta’iin addunyaan utuu hin

uumamiinidha. Kanaaf Ayyaanni isaa akkasumaan kan nuuf kenname malee qajeelummaa

keenyaan kan arganne miti (Efe 1:4-6, 2:1-5).

42. Ayyaanni isaa amantii qofaan nu fayyiseera kanaaf of hin jajnu (Efe 2:8-10).

43. Dhama’insa keenyaan osoo hin ta’iin ayyaana isaatiin qajeelota taaneerra (Tit 3:3-7).

44. Kunis nama hunduma biratti yoo beekamuu baate badiisa in fida (HoE 14:38,43).

7. Hojiidhaan kan Mul’atu Amantii isa Dhugaa

Jabina Ayyaanaa:- Lammaffaa kan dhalatan ijoolleen Waaqayyoo hundinuu kan beekan

dhugaan tokko jira. Ayyaanni kun nama cubbamaa tokko jireenya bara baraa kenneefii, akkaataa

dinqisiisaa ta’een jijjiirama jireenyaa namuma sanarratti fida.

114

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


1. Nama cubbamaa firdii/murtii/ jalaa baasa

Hojii Ayyaanaa

2. Waaqayyo malee jiraachuu fi kajeellaa biyya lafaa nu gansiisa.

3. Inni mul’atu Yesuus Kristoos hamma mul’atutti; of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo

taanee akka jiraannuuf gorsee gara gaariitti nu deebisa (Tit 2:11-14).

Fayyinni namaa ayyaanaan ta’uyyuu amantiin inni sirriin amantii afaaniin dubbatamu irra

darbee, waan ayyaanni waaqayyoo jireenya nama sanaa kessatti hojjeetu ilaaluu dhaan

argama.

Phaawuloos fayyinni ayyaana qofaan akka ta’e erga itti himee booddee, “ . . . birmadummaan

keessan yaada fooniitiif karaa hin kennin!” jedhee isaan akeekkachiise (Gal 5:13).

Namni ayyaanaan fayye garba qulqullummaati malee garba cubbuu miti (Rom 6:15 19).

Birmadummaa keenya kan ittiin hamaa hojjetanii dhoksan gochuu hin qabnu (1Phex 2:16).

Ayyaanichi Waaqayyo malee jiraachuu fi kajeellaa biyya lafaa nu gansiisa waan ta’eef,

amanaan hojiidhaan mul’isuutti dandeettii ayyaanicha biraa argateera.

“Ani amantii qaba” kan jedhu hojii gaarii isa ittiin amantii isaa argisiisu yoo hin qabne,

amantii qabaachuu nama kanaa mirka neessuu hin dandeenyu (Yaq 2:14).

Amantiin du’aan hojii gaariidhaan hin argamu (Yaq 2:17).

Amantii dhaan fuula waaqayyoo duratti qajeelaa kan ta’e. nama duratti hojii gaarii dhaan

mul’ata (Yaq 2:18).

Hafuuronni hamoonni ayyaanaan waan hin fayyiniif hojii gaarii hin qaban (Yaq 2:19).

Amantiin hojii gaariidhaan fiixaan in baafama (yaq 2:21-22).

Hojii gaariin qajeelota ta’uu keenyaaf ragaadha malee, qajeelota ta’uu dhaaf waan hojjennu

miti (Yaq 2:23).

Amantiin qofaa isaa hojii gaarii malee mul’atee hin beeku (Yaq 2:24-26).

“Xumura”

Qopheessaa irraa:

“Waaqayyoo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesuus Kristoosis ayyaana,

nagaas isiniif haa kennu!” Ameen! (Gal 1:3)

Daawit Faasil

Mob. 0917804407 L.S.P. 67 Jimma Email- niguye2004@yahoo.com

115

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Qopheessaan:

Daawit Faasiil

Kan Hiike:

Ibsaa Bulii

2002, Jimma

116

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kiristiyaanni Maalii?

Gaaffii Kiristiyaanni maalii jedhuuf namoota dhuunfaa fi hordoftoota amantiitiin, yaadaa fi

tilmaamni garaa garaa akka deebiitti ni dhihaatu.

Sagalee Waaqayyoo kan ta’e Macaafa Qulqulluu qofa yeroo ta’u gaaffii Kiristiyaanni maalii

jedhuuf deebii kan mataa isaatii qaba.

Kiristiyaanni akka Macaafa Qulqulluutti maal jechuudhaa?

1. Lammaffaa (2 ffaa ) kan dhalateedha.

Waaqayyo irraa lammaffaa kan dhalateedha (Yoh.1:13)

Jechi lammaffaa dhalachuu jedhu amanaan sun duraan qomoo biraa irraa dhalatee kan ture ta’uu

isaa agarsiisa. Kan inni dhalates fedha foonii fi dhiiga irraa yeroo ta’u, guutummaatti nama akka

fedha fooniitti jiraatuu fi Waaqayyoo isa hafuura ta’e wajjin tasuma tokkummaa (walitti

dufeenya) kan hin qabne ture (Yoh 3:6)

Macaafa Qulqulluu keessatti jechi “dhalachuu ykn ilmummaa” jedhu amala maatii hirachuu

fi tokkummaa guutuu ta’e agarsiisa. Haa ta’u iyyuu malee sirna dhalachuu namaaf nama

gidduu jiru irraa guutummaatti adda kan ta’ee dha.

Fkn. Yesuus ilma Waaqayyooti yeroo jennu, Waaqayyoo wajjin tokkumaa kan qabu amala isaas

kan hirate jechuudha.

Amanaan lammaffaa kan inni dhalate karaa Bishaanii fi Hafuuraatiin (Efe 3:5)

Bishaan kunis gosa lama qaba

A. Bishaan dhaabbataa (Kuufamaa) => Dubbii Waaqayyoo (Macaafa Qulqulluu) jechuudha

(Efe. 5:26, Yoh 15:3, Bau 30:17-21)

B. Bishaan yaa’u (lola’u) => Fakkeenya Hafuura Qulqulluuti (Yoh. 7:37-39, Yoh. 4:14)

Dubbii Waaqayyoo (wageela) irraa Lammaffaa kan dhalateedha (1Phex 1:23,Yaq 1: 18)

Hafuura qulqulluu irraa dhalateera (Efe. 1:13)

Sababa Hafuura Qulqulluu irraa dhalateef hafuurri isaa inni du’aa ture Waaqayyoo wajjin

tokkummaa uumuu danda’eera.

117

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Sababa inni Lammaffaa Dhalateef

Mucaa Waaqayyoo akka ta’uuf ( Yoh. 1:13)

Sababa inni mucaa Waaqayyoo ta’eefis waantotni armaan gadii raawwataniiruuf.

A. Hidda dhaloota duraanii (fedha foonii fi dhiigaa)tiin qajeelfamuu dhiiseera (Rom. 8:14,

2Phex 1:3, Yoh. 1:13)

B. Yihuudii yookiin Girikii ta’uu hin danda’u (Qol. 3:10-11, Mul. 5:9-10)

Yaadachiisa Girikii jechi jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti saboota Isiraa’el hin ta’iin

addunyaa kana irra jiran hundumaa ibsa. Kanaafuu lammii Itiyoophiyaa kan ta’e tokko

Itiyoophiyaa jedhee yoo fudhate sirriidha.

C. Lammummaa waaqa irraa argateera. Kunis mirga inni lamaffaa dhalachuu isaatiin argateedha

(birth right). Biyya lafaa kana irrattis hojii bakka bu’ummaa kan hojjetu (ambassador) dha

(2Qor.5:18-21)

D. Dhaaltuu Waaqayyoo ta’eera (Yoh.3:5, Rom. 8:17, Gal. 4:7, 1phex 1:3-5)

2. Gara Kiristoosiin fakkaachuutti kan guddatu dha.

Jalqabatti Waaqayyo Addaamiin guutummaatti akka Ulfina,bifa, amalaa fi fakkeenya isaatti

uume.

Bifa :- amala bituu Waaqayyoo (ulfina) jechuudha (2 Qor.3:18)

Fakkeenya: Amala Waaqayyoo jechuudha ( Ibr 1:13)

Namni cubbuu hojjechuu isaatiin ulfinni (bifni) Waaqayyoo isatti hir’ateera (Rom 3:23).

Addaam erga cubbuu hojjetee booda bifa (ulfina) isaa dhabee, amala (fakkeenya) cubbuu kan

ibsu ta’e. Laftis bulchaa waan dhabdeef hanga Gooftaan dhufutti (Mul. 20) bulchaan ykn bitaan

biyya lafaa kanaa Diyaabiloos ta’e.

Addaamis erga iddoo dhaaba Eden keessaa baafamee booda akka bifa isaatti (ulfinni

Waaqayyoo kan itti hir’ate) fi akka fakkeenya isaatti (amala cubbamaa kan qaban) godhee

ilmaan isaa dhalche (Uma 5:3)

Isa booda yeroo jalqabaatiif qomoo foon uffate keessaa Gooftaan Yesuus Kiristoos “Ana

kan arge Abbaa arge” jedhe. Inni qofti bifa (ulfina) Waaqayyoo fi fakkeenya (amala) isaa

akka agarsiisu dubbate.

Sababiin isaas isa qofatu ulfina (bifa) Waaqayyoo kan mul’isuu fi akkasumas amalaan kan

fakkaatu ture (Ibr 1:3)

118 Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Waaqayyo Duraan dursee amala isaa isa waan hundumaa beekuutiin (Omniscience) Addaam

bifaa fi fakkeenya isaa akka gatu beeka ture.

Kanaaf Gooftaan Yesuus Kiristoos Bifa (ulfina) isaa kan ibsu, kan mul’isuu fi fakkeenya amala

isaa akka ta’u duraan dursee murteesse.

Kanaafis Yesuus Kiristoosiin qofa akka fayyisaa isaatti kan amanu hundi bifa ilma isaa akka

fakkaatanii fi bifa biraa isa badee fi bifa hafuuraa deebisanii akka argataniif Addaam utuu hin

uumamiin duraan dursee murteesse( Rom 8:29)

Sababii kanaatiif amanaan tokko yeroo lammaffaa dhalatee ka’ee bifa (ulfina) kana

fakkaachuudhaaf ulfinaa gara ulfinaatti darba (2Qor 3:18)

3. Barbaacha /faana/ Kiristoos (Steps) kan hordofudha.

Gooftaa duukaa bu’uuf duraan dursanii isa qofa ilaaluun barbaachisaadha (Ibr 3:1)

Ifa sagalee Waaqayyootiin barbaachicha itti fufee kan adeemuu dha (1Phex 2:21)

Hoolonni Gooftaa (amantoonni dhugaan) sagalee isaa dhaga’aa isa duukaa adeemudha

(Yoh.10:27)

Gooftaa qofa ilaalaa fiigicha jireenyaa obsaan fiiguun ga’ee amantootaa fi mirga isaaniiti

(Ibr12:2)

4. Kiristoos wajjin kan fannifame dha.

Namummaan cubbuu (Namummaa inni moofaan) akka badduu baafamuuf (Rom 6:6)

Ana kan jedhu (self) jiraataa akka hin taaneef (Gal. 2:20)

Biyya lafaa kana irra kan jiru wajjin hariiroo akka hin uumneef (Gal.6:14)

Biyya lafaa kana irra kan jiru (1Yoh 2:15-16)

A. Hawwii foonii (Disordered Bodily desires) (NJB)

B. Hawwa ijaa (Disordered desires of the eye) (NJB)

C. Jireenyaan kooruu (the boasting of what he/she has) (NIV)

Yaadachiisa. Amanaa tokkoon foon kee fannisi jedhamee itti hin himamu, garuu akka

fannifamee fi fannicha, Ameen jedhee akka fudhatu hubachiisuun gaarii dha.

119

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


5. Kiristoos wajjin kan du’e (ajjeefamee) dha

Sababa Kanaafis:-

A. Namummaan isaa Kiristoos wajjin Waaqayyo keessa dhokateera (Qol.3:13)

B. Barri inni itti garba cubbuu ta’ee jiraatu raawwateera (Rom. 6:2, 11)

C. Seera irraa hiikamee Kiristoosiif (Ayyaanaaf) ta’eera (Rom. 7:1-6)

D. Sirnaa fi barsiisa namootaatiif hin bitamu (Qol 2:16-23, Gal.4:8-11)

E. Waaqayyoof jiraataa ta’eera (Rom.6:11)

F. Kiristoos wajjin ni jiraata (2Xim.2:11)

Sababa kanaafis guyyaa guyyaatti ni ajjeefamu (Rom 8:36)

6. Kiristoos wajjin awwaalameera.

Awwaalamuun dhokachuudha. Kanaafis namummaa inni moofaan (eenyummaan) amanaa

tokkoo dhokateera.

Awwaalamuu isaas cuuphaa bishaaniitiin dhugoomseera (Qol. 2:12, Rom. 6:4)

Kanaafis namummaan inni kan foonii (namummaan cubbuu) guutummaatti badduu

baafameera (Qol.2:11)

Kiristoos isa keessa jiraata (Gal. 2:20)

7. Kiristoos Du’a Keessaa ka’uu isaatiin Kiristoos wajjin Du’aa kan ka’e dha

Waaqayyo arjummaa isaa agarsiisuudhaan ayyaana (kennaa tolaatiin) amantoota hundumaa

Kiristoos wajjin du’aa kaaseera (Efes. 2:20).

Amanaan sun cubbuudhaaf du’ee qajeelummaatti Waaqayyoof jiraataa ta’eera

(Rom. 6:4-11)

Wanta biyya lafaa irraa utuu hin ta’iin wanta olii akka barbaaduuf du’aa kaafameera

(Qol.3:1)

8. Kiristoos wajjin mirga Waaqayyoo kan taa’e dha

Waaqayyo karaa ayyaana isaa arjummaa isaa agarsiisuuf Kiristoos wajjin mirga isaa

teessiseera (Efe. 2:6-7)

Sababni isaas eenyummaan amanaa tokkoo guutummaatti Kiristoos keessa dhokateera (Qol.

3:3)

120

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Hafuura gad of deebisu kan qaban jechuunis, cubbamoota ta’uu isaanii hubachuudhaan

Yesuusiin filannoo biraa kan hin qabne godhanii kan fudhatan hundi bakka ol-jedhaa kana

taa’aniiru (Isa 57:15)

Namni mirga Waaqayyoo taa’e wanta biyya lafaa akka wanta xinnootti ilaala (Qol. 3:1- 4)

Namni taa’e nama hojiin fayyinaa isaaf xumurame dha. Dhaabachuun garuu ammayyuu

dhiifamuu akka hin arganne agarsiisa (Ibr.10:11-12)

Namni waaqa keessa taa’e qabeenya waaqa keessaa hundumaan kan eebbifameedha

(Efe. 1:3)

9. Yeroo Gooftaan Yesuus ulfinaan mul’atutti isa wajjin ulfinaan kan mul’atu

dha (Qol 3:4)

Yeroon ammaa kun yeroo ulfaachuu utuu hin ta’in yeroo boo’ichaa fi yeroo ciniinsuu ti

(Yoh 16:20-22)

Amma yeroo itti maqaa balleeffamuuti (Luq 6:22-23, Yoh 16:1-4)

Waldaan Kiristiyaanaa biyya lafaa kanatti ulfinaa fi fudhatama hin qabdu (Yoh 17:14)

Sababni isaa amma yeroo itti fannoo baannu malee yeroo itti ulfaannu miti (Luq 14:27)

Yeroo Gooftaan Yesuus mootummaa isaa mul’isuuf dhufutti amanaan uffata adii uffatee isaa

wajjin ni mul’ata (Mul 19:7-16, Qol 3.4)

10. Kiristoos wajjin waggaa kuma kan moo’u dha

Waldaan Kiristiyaanaa erga ol butamtee waggaa torba (7) booda Gooftaa Yesuus Kiristoos

deebi’ee qulqulloota wajjin gara biyya lafaa ni dhufa (Mul.19:7-16)

Kiristoos Diinota isaa hunda erga ijaa bahee booda mootummaa isaa waggaa kumaa tokkoof

lafa irratti ni hundeessa (Mul. 20:1-)

Waldaan Kiristiyaanaa (mootittiin) kaadhimni hoolichaa lafaa ol-gubbaa ta’uudhaan

Kiristoos mootichaa wajjin waggaa kuma tokkoof ni mooti (Mul.20:4-6, Far.45)

Dhugaa kana irra yoo dhaabanne (amanamne) isa wajjin mo’uuf jirra (2Xim.2:11)

Du’aa ka’uu isa jalqabaatti kan ka’an hundinuu ni mo’u (Mul.20:6)

121

Teessoo Qopheessaa:-

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)

Daawit Faasil Lakk.bilbila 0917804407 L.S. Posta 67 Jimma E-mail- niguye@yahoo.com


Qopheessaan:

Daawit Faasiil

Kan Hiike:

Taammiraat Tafarraa

2004, Jimmaa

122

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Barreeffamni Kun kan hiikame kitaaba “¾እ¬’ƒ” nM u›Óvu< SK¾ƒ” maxxansaa isa

lammaffaa bara 2005 (A.L.A) tti “Bible Truth Ministry” dhaan kan maxxansame fuula 4-11 irraa

gara afaan Oromootti kan hiikamedha.

Qomoo sadan: Yihudoota, saba Waaqayyoo kan hin ta’iin fi Waldaa Kiristiyaanaa

123

1Qor 10:32

Namni Macaafa Qulqulluu dubbisu tokko walakkaan macaafichaa qabiyyeedhaan waa’ee saba

tokkoo, jechuun Israa’elootaa, akka ta’e hubachuuf kan isa rakkisu hin ta’u. Itti dabalatees namni

kun sabni Israa’eel akeekaa fi maree Waaqayyoo keessaa iddoo adda ta’e akka isaan qaban ni

hubata. Sanyii fi qomoo namaattii adda ba’anii kakuu Yaahiwwee keessa akka galan

taasifamaniiru, innis abdii isaaniif qofa ta’e kan saba biraa hin ilaallanne kenneeraaf. Seenaa fi

raajii kakuu moofaa keessatti kan dubbatame seenaa Yihudootaa qofa.

Sabni warri kaan kan ibsaman walitti dhufeenya isaan saba Israa’elii wajjin qabaniin kan

ibsamedha. Kakuu isa darbe keessatti osoo sabni Israa’el kan abboomamanii fi kan amanaman

ta’anii, guddummaan lafa irraa, badhaadhummaa fi aangoon lafa irraa akka isaaniif kennamu

kakuun isaaniif galamee ture. Yoo abboomamuu fi amanamuu dhaabaatan garuu daarii lafaa gar

tokkoo hamma gara kaaniitti saba hundumaa gidduu akka tamsa’an (Kes 28:64) ibsameera.

Abdiin Masiihichaa inni eebba gosa namoota lafaa hundumaaf ta’u akka dhaloota fooniittis

qomoo isaanii keessaa akka dhufu kan himamee ture.

Namni Macaafa Qulqulluu dubbisu qorannoo isaa yeroo itti fufu qaama baay’inaan ibsamte kan

biraa ni argata, isheenis Waldaa Kiristiyaanaa kan Waaqayyoo jedhamtee waamamteetti. Qaamni

kunis Waaqayyo wajjin walitti dhufeenya adda ta’e qabdi, akkuma Israa’elis abdii ishee qofaaf

ta’e Waaqayyoo irraa fudhatteetti. Wal fakkeenyi isheen Israa’elii wajjin qabdu isuma kanaan

ga’ee garaa garummaan guddaa isaan gidduu jiru itti fufa.

Qaamni kun kan ijaaramte fooniin sanyii Abrahaam warra ta’an qofaan utuu hin ta’iin ishee

keessatti adda addummaan Yihudii fi saba Waaqayyoo warra hin ta’iin gidduu jiru hafeera.

Walitti dhufeenyi kun kakuu irratti qofa kan hundaa’e utuu hin ta’iin lammaffaa dhalachuu isa

Yesuus Kiristoosiin akka fayyisaa fi akka gooftaatti fudhachuudhaan argamuun malee.

Waldaan abboomamuudhaan guddummaa fi badhaadhummaa lafa irraa argachuuf utuu hin

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


ta’iin nyaataa fi uffata yoo argatte jireenyi koo na ga’a akka jettuu fi ari’atamuu fi jibbamuun

akka itti dhufu barumsi laatameeraaf. Akkasumas, akkuma Israa’el wantoota yeroof ta’an kan

biyya lafaa irraa wajjin walitti dhufeenya qabdu hunda, Waldaan Kiristiyaanaa immoo wantoota

waaqa irraa fi wantoota hafuuraa wajjin haala adda ta’een wal qabattee jirti.

Dabalataanis, Macaafni Qulqulluun, Israa’elis taate Waldaan Kiristiyaanaa bara baraa

jalqabanii beekamanii kan turan akka hin taane ni ibsa. Lamaan isaanii iyyuu jalqabni isaanii

ni beekama. Macaafni Qulqulluun akka ibsutti jalqabni Israa’eel, waamamuu Abrahamii

kaasee akka jalqabe ni dubbata. Guyyaa dhalootaa Waldaa Kiristiyaanaa immoo, namni

Macaafa Qulqulluu qoratu, yeroo Kiristoos biyya lafaa irra turettis ta’e isa dura akka hin turre

hubachuu ni danda’a; sababni isaas Kiristoos waa’ee Waldaa kanaa gara fuula duraatti akka

isheen taatutti dubbataa ture.

“Anis dhagaa hin sochoone kana irratti Waldaa koo nan ijaara” jedhe (Mat 16:18)

“ijaareera” yookiis “ijaaraan jira” utuu hin ta’in “nan ijaara” jedha.

Itti fufees Ef 3:5-10 keessatti waldaan kun dhaloota kakuu moofaaa keessa turan biratti

dhoksaa akka turte ni dubbata. Namootni tokko tokko garuu dogoggoraan Addaamii fi

namootni kakuu moofaa waldaa kana keessa akka jiranitti dubbatu; kun garuu dogoggora dha.

Akka macaafa qulqulluutti guyyaan dhalootaa Waldaa Kiristiyaanaa hojii ergamootaa

boqonnaa 2 keessatti (Hafuurri Qulqulluun yeroo gad bu’e) akka ta’ee fi biyya lafaa irraa kan

isheen raawwattee ol butamtu immoo ergaa gara warra Tasalonqee boqonnaa afur keessatti

ibsamee jira.

Kan biraan immoo qomoo Israa’elis ta’e Waldaa Kiristiyaanaa irraa adda kan ta’e saba

waaqayyoo kan hin ta’in waa’een isaanii Macaafa Qulqulluu kee ssatti baay’inaan hin ta’in

malee ibsameera.

Macaafa Qulqulluu keessatti qomoo sadan kana dubbisa kanaa gadiitti argaman keessaa

argachuu ni dandeenya.

Yihudoota Warra saba Waaqayyoo hin ta’in Waldaa Kiristiyaanaa

Rom 9:4-5 Efe 2:11-12 Efe 1:22-23

Yoh 4:22 Efe 4:17-18 Efe 5:29-33

Rom 3:1-2 Mar 7:27-28 1Phe 2:9

124

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Waa’ee Israa’elii fi Waldaa Kistiyaanaa Macaafa Qulqulluun wal bira qabnee yeroo ilaallu;

waamichaan, abdiidhaan, waaqeffannaadhaan, qajeelfama ittiin deddeebi’aniin ,

akkasumas itti galma isaanii isa gara fuul duraatiin adda adda ta’anii argina.

1. Waamichaan

Waa’ee Israa’eliif

Waaqayyoo Abrahamiin “Biyya kee

keessaa, lammii kee keessaa, maatii abbaa

kee keessaa, ba’iitii gara biyya ani si

agarsiisu dhaqi.” Jedha (Uma 12:1)

Waaqayyo gooftaan keessan biyya gaariitti,

isa dachaan isaa fi tulluun isaa burqaa

bishaanii, ijoo bishaanii fi bishaan lafa jalaa

qabutti isin in galcha (Kes 8:7-9)

Yommuus namichi, “ani hojjetaa

Abrahaamidha, waaqayyo, gooftaa koo kana

baay’ee eebbisee, nama guddaa isa

godheera; inni hojjettoota dhiiraa fi dubartii,

bushaayee, saawwa, meetii, warqee, gaalota,

harrootas kenneeraaf (Uma 24:34-35)

Diinonni keessan warri isin irratti ka’an isin

duratti rukutamanii akka dhuman waaqayyo

in godha; karaa tokko isinitti in dhufu, karaa

torba isin in baqatu (Kes 28:7)

Waaqayyo akka isin mataa taatan godha

malee, eegee isin hin taasisu (Kes 28:13)

Waa’ee Waldaa Kristiyaanaatiif

… Obboloota waamicha isa waaqa irraa

keessaa hirmaattanii… (Ib 3:1)

Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti (

Fil3:20)

Yesuus immoo, “waangonni boolla qabu,

simbirroonnis mann’ee qabu, ilmi namaa

garuu lafa mataa isaa itti hirkifatu hin qabu.”

Jedhe (Mat 8:20)

Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan

gad deebi’aa hin adeemnes, isa waaqa

keessatti isiniif eegame…(1Phe 1:4)

Hamma ammaatti nuyi in beelofna,in

dheebonnas; moofaa uffanna,in reebamna,

hojiidhaafis asii fi achi in joorra

(1Qor 14:11)

Yesuus yommuus naannoo isaa ilaalee

bartoota isaatiin, “warra qabeeyyii dhaaf

mootummaa waaqayyootti galuun attam

rakkisaadha!” jedhe (Mar 10:23)

Waaqayyo akka isaan amantiitti

sooromaniif, mootummaa isaa isa inni

warra isa jaallatan abdachiisettis akka

galaniif namoota biyya lafaa duratti

hiyyeessota warra ta’an fo’ate mitiiree?

(Yaq 2:5)

“Manneen sagadaa isaanii keessaa isin in

125

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


baasu, caalaadhumatti iyyuu yeroon itti isin

ajjeesan in dhufa; namni yeroo isin ajjeeses

waaqayyoof waan hojjetu

isatti fakkatu… (Yoh 16:2)

Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo gad of

deebise, mootummaa waaqayyootti

hundumaa irra kan caalu isa (Mat 18:4)

Amma bara ayyaanaa keeessa jirru kanatti Yihudiis ta’e saba waaqayyoo kan hin ta’in,

fayyinni, lammaffaa dhalachuudhaan (Yoh 3:3-16)fi waldaa waaqayyoo (Ef 1:22-23) ishee

dhagna tokko taate (1Qor 12:13) keessatti dabalamuudhaan amantii gooftaa Yesuus irratti

qaban irratti qofa kan hundaa’e ta’uun isaa waan nama shakkisiisu miti.

Waldaa keessatti adda addummaan Yihudii fi saba waaqayyoo hin ta’in gidduu jiru ni hafa

( 1Qor 12:13, Gal 3:28, Efe 2:14, Efe 2:11)

Isin amma illee saba Waaqayyoo utuu hin ta’iin dura (1Qor 12:2) jechi jedhu kan nu

agarsiisu dhaloota isaaniitiin namootni Yihudootni yookiis saba waaqayyoo warri hin ta’in

gara waldaa kanaa yommuu dhufan garaa garummaan isaan gidduu jiru badee lamaanuu

karaa Kristoosiin uumama haaraa kan ta’an Kristiyaanota qofa akka ta’anidha.

Garaa garummaan Israa’elii fi waldaa waaqayyoo gidduu jiru qajeelfama amala gaarii

isaaniif kennameenis ni mul’ata. Kanneen armaan gadiitti barreeffaman wal bira qabii ilaali.

126

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Waa’ee Israa’eeliif

2. Qajeelfama amala gaariitiin

Waa’ee Waldaa kiristaanaatiif

· Waaqayyo gooftaan kee harka kee keessa

isaan yommuu buusu, atis isaan yommuu

rukuttu, hunduma isaanii ajjeesi malee,

isaanii wajjin kakuutti hin galin, oo’as

isaan hin argisiisin (Kes 7:2)

· Qooda ijaa ija; qooda ilkaanii, ilkaan;

qooda harkaa, harka; qooda miillaa,

miilla; qooda gubuu, gubuu; qooda

madaa, madaa; qooda reebichaa, reebicha

ijaa in baafta (Ba’u 21:24)

· Diinota keessan jaalladhaa, warra isin

ari’ataniifis kadhadhaa. Mat 5:44

· Yeroo nu abaaran ni eebbifna yeroo nu

ari’atanis obsaan in dandeenya, yeroo nu

arrabsan deebii gaarii in deebifna

(1Qor 4:12-13)

· Namni maddii kee isa mirgaa yoo si

kabale, isa gara kaaniis itti qabi. Mat 5:39

127

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


3. Waaqeffannaadhaan

Haala waaqeffannaadhaanis Israa’elonnii fi Waldaan Kiristiyaanaa garaa garummaa qabu.

Israa’elonni kan isaan waaqeffachuu danda’an iddoo tokko qofatti akkasumas waaqayyoo irraa

fagaatanii ture; gara isaatti kan dhiyaatanis karaa lubootaa ture (kana jechuunis sabni Israa’el

hundi luboota sababa hin ta’iniif karaa qomoo filatamanii luboota ta’an qofa gara

waaqayyootti dhi’aatu turan). Waldaan Kirstiyaanaa garuu lama yookiis sadii ta’anii walitti

qabamuudhaan bakka kamitti illee waaqeffachuu dandeessi, gara iddoo isa hundumaa irra

caalaa qulqulluutti galuudhaaf ija jabina qabdi. Akkasumas amantootni hundumti isaanii iyyuu

luboota dha. Kanatti fufanii kan jiran wal bira qabii ilaali.

Lew 17:8-9 fi Mat 18:20 wajjin wal bira qabii ilaali

Luq 1:10 fi Ib 10:19-20 wajjin wal bira qabii ilaali

Lak 3:10 fi 1Phe 2:5 wajjin wal bira qabii ilaali

4. Haala gara fuula duraatiin

Karaa raajotaas haala gara fuula duraa Israa’elii fi waldaa kan dubbatame garaa garummaa

nama dinqisiisudha. Waldaan guutummaa guutuutti lafa irraa gara waaqaatti kan fudhatamtu

yoo ta’u, Israa’el garuu badhaadhummaa lafa irraa baay’ee gud daa ta’e, aangoonis ni

eeeggataan. Mee kanatti fufee kan jiru ilaali.

Waa’ee Waldaa Kristiyaanaatiif

Mana abbaa koo keesssa iddoon jireenyaa baay’eetu jira; utuu inni hin jiru ta’ee, isinitti

nan himan ture; iddoo jiru sana isiniif qopheessuu dhaaf nan adeema yommuun dhaqee

iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi’ee

dhufeetan gara ofii kootti isin fudhadha (Yoh 14:2-3)

Nuyi warri gaafa gooftaan deebi’ee dhufu utuu hin du’in jirru, warra obbaafatan dura

hin buunu, sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in

dhaga’ama, malakatni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan

waaqa irraa gad in bu’a; warri Kristoositti amananii du’an dura in kaa famu. Kana

booddee nuyi warri utuu hin du’in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti

gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol hin butamna; ergasii yeroo hundumaa

gooftaa bira in jiraatna (1Tas 4:15-17)

Nuyi garuu nama biyya waaqa irraati “Gooftaan keeny a fayyisaan keenya Yesuus

128

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kristoos achii nuuf dhufa” jennee eegganna. Inni hu mna isaatiin bifa dhagna keenya

isa gad deebi’aa diddiiree akka dhagna isaa isa ulfina qabeessaa gochuu in danda’a;

humna kanaanis waanuma hundumaa of jala in galcha (Fil 3:20-21)

Michoota koo! Nuyi amma ijoollee Waaqayyooti; isa booddee immoo maal ta’uuf akka

jirru mul’ataa miti. Haa ta’u iyyuu malee, yommuu i nni mul’atu inni akka jirutti isa

arguuf waan jirruuf akka isaa akka taanu beekna (1Yoh 3:2)

Kottaa in gammannaa, in ililchinas! Maqaa isaas in guddifna guyyaan gaa’eela

hoolichaa ga’eera; misirroon isaas isaaf of qopheessiteetti; uffata quncee talbaa irraa

hojjetame, calaqqisaa fi qullaa’aa uffachuun isheedhaaf kennameera. Uffanni quncee

talbaa sunis hojii warra waaqayyoof qulqullaa’anii isa qajeelaadha. Warri gara cidha

gaa’ela hoolichaatti waamaman haa gammadan atis kana caafi naan jedhe (Mul 19:7-9)

Namni du’aa ka’uu isa duraa kana keessaa qooda qabu attam gammada attamis

waaqayyoof kan qulqullaa’edha! Duuni lammaffaan warra akkasii irratti humna hin

qabu; isaanis luboota waaqayyoo, luboota Kristoos ta’anii, isaa wajjin waggaa kuma

tokkoof mo’uuf jiru (Mul 20:6)

Waa’ee Israa’eliif

Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesuus jedhii moggaasi! Inni

guddaa in ta’a ilma abbaas jedhamee in waamama, waaqayyo gooftaanis teessoo

abaabilii isaa Daawwit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a, barri

mootummaa isaas dhuma hin qabu (Luq 1:31-33)

o Abdii torba warra Maariyaamiif kennaman kana keessaa warri jalqabaa shanan

raawwatamaniiru. Warri hafan lamaan immoo hin raawwataman jechuuf

akkamitti dandeenyaree?

Simoon, waaqayyo attamitti dura warra saba isaa hin ta’in keessaa, saba ofii isaatii

godhachuu dhaaf akka dhimme nutti himeera. Dubbiin raajotaas akka caafamee jirutti

kanaa wajjin walii gala.

o “Isa kana booddee nan deebi’a, mana Daawwit isa jig es deebisee nan ijaara…

(HoE 15:14-16)

Egaa, waaqayyo saba isaa gateeraaree? Matumaa kun ta’uu hin danda’u. Ani ofii kootii

nama Israa’el, sanyii Abrahaam gosa Beniyaam keessaa tokko … egaa, gufachuun

isaanii akka kufanii hafaniif moo ree? Matumaa kun ta’uu hin danda’u; garuu irra

129

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


daddarbuu isaaniitiin, hinaaffaa garaa warra Israa’el keessaa dammaqsuu dhaaf, warra

Yihudoota hin ta’aniif fayyinni argame …Ati inni muka ejersaa dii daattii dhalattee,

isa irraa muramtee, muka ejersa qe’ee isa akka uumamaatti sittii gargar ba’etti, kan

fayyifamte erga taatee, hammam caalaatti warri ittii dhalatan kun deebi’anii muka

isaaniitti haa fayyifamaniree? Nutu gargar baasee hubate akka hin jennef, dhoksaa

dhugaa kana akka beektan nan barbaada, yaa obboloota koo! Innis immoo, mata

jabinni Israa’el keessaa gar tokkotti dhufe, hamma warri saba waaqayyoo hin ta’in

guutummaatti saba isaatti dabalamanitti malee, isaan irratti hin hafu. Israa’elis

guutummaatti in fayyifama; caaffanni qulqullaa’aan waa’ee isaatiif “Inni furu Xiyoonii

i n dhufa, waaqayyo malee jiraachuus sanyii Yaaqoob keessaa in baasa” (Rom 11:1,

11,24-2 6)

Yeroo sanatti gooftichi si’a lammaffaa harka isaa diriirsee saba isaa warra biyya biraatti

hafan in fura. Inni saba lafa irraaf faajjii ol in kaasa, warra Israa’el keessaa ari’atamanii

ba’anis walitti in qaba; warra Yihudaa keessaa faffaca’anis golee lafaa arfanuutii walittiin

sassaaba (Isa 11:11-12)

Waaqayyo sanyii Yaaqoobiif in oo’a, ammas Israa’elo ta fo’ee biyya isaanii keessa in

teessisa; sabni ormaa isaanitti in dabalama, sanyii Yaaqoobittis in hirkata (Isa 14:1)

Kanaaf waaqayyo “kunoo, barri namootni itti, ‘dhuga a waaqayyo isa jiraataa isa ijoollee

Israa’el biyya Gibxii baaseeti jedhanii kakachuu dhiisan in dhufa, ani gara biyya isan dur

abbota isaaniif kennetti deebisee waanan isaan galchuuf, yommuus, ‘dhugaa waaqa jiraataa

isa ijoollee Israa’el biyya gara bitaatii, biyya garaa garaa lafa itti isaan bittimsee ture

hundumaattiis baasee fideeti’ jedhanii in kakatu.” jedhe (Er 16:14-15)

Waaqayyo, “kunoo, barri ani itti sanyii Daawwit kee ssaa mootii qajeelummaa dhaan

hojjetu kaasu in dhufa; inni mootii ogummaa dhaan mo’uu fi mootii lafa irratti firdii

qajeelaa fi qajeelummaa eegu in ta’a. bara isaa keessa yihudaan in fayya Israa’elis bir’aa

malee in jiraata; maqaan isaa, ‘waaqayyo qajeelummaa keenya’ in jedhama” (Er 23:5-6)

Akkasumas kutaa macaafa qulqulluu (Sof 3:14-15, Er 32:27-28) dubbisi

Guddina waldaa kiristaanaa duubatti harkisuu, ergama ishee waliin makuu, akkasumas

wantoota hafuuraa ishee jalaa balleessuu keessatti qooda sababootni kan biraa hundi walitti

ida’amanii qaban caalaatti isheedhaaf amala Yihudii yookiis bakka Israa’el buusanii

fudhachuun miidhaa isa caalu irraan ga’ee jira.

130

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Amma, ‘waldaa kiristaanati’ nuti jedhanii warri dubbatan tokko tokko, waaqayyo biraa waldaa

kiristaanaa ishee dhugaa dhaaf adda ba’uu, ari’atam uu, biyya lafaan jibbamuu, hiyyummaa fi

ijaa bafachuu dhiisuu fi k.k.kf warra waldaa kiristaanaaf barreeffaman irraa goranii jiraachaa

jiru; garuu isaan, kutaa macaafa qulqulluu waa’ee Israa’e liif dubbatu akka waan waldaa

kiristaanaaf kennameetti fudhachuudhaan, kaayyoo isaanii gara ogummaa biyya lafaatti,

qabeenya walitti qabuu, dambii garaa garaa hojii irra oolchuu, gamoo gurguddaa keessatti

walitti qabaman ijaaruu, obboloota waaqayyoo duratti wal qixa ta’an “luba” fi “amanaa”

jechuudhaan gara adda adda baasuu, gad qabuudhaafis itti fayyadamaa jiru.

131

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Qopheessaan:

Daawit Faasiil

Hiikaan:

Taammiraat Tafarraa

2004, Jimmaa

132

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


133

Gosoota Firdii Shanan

Barreeffamoota amantaa adda addaatiin barreeffaman baay’een isaanii waa’ee “firdii walii

galaa” kan isaan barreessan jechi akkas jedhus ta’e yaadi isaan dabarsuu babaadanis Macaafa

Qulqulluu keessatti hin argaman. Yeroo tokko namni Dr. Peentkoost jedhamu akkas jedhee

ture: “firdiin, namni hundinuu (qulqullootni fi cubbamootni, Yihudootii fi saba Waaqayyoo

kan hin ta’in, du’ootnii fi lubbuun kan jiran), dhuma biyya lafaa irratti ‘teessoo adii guddaa’

duratti hundi tokkommaa dhaan walitti qabamuudhaan taatee raawwatamu jedhanii

Kristaanonni akka yaadan kan taasise dogoggora dha. Kunis barsiisa Macaafa Qulqulluuttii

baay’isee kan fagaatedha.”

Macaafa Qulqulluu keessa gosoota firdii jiran hunda yoo ilaalle bakka shanitti qoodamu,

isaanis inni tokko isa kaan irraa waan afuriin adda ba’u; wantootni arfan kunis

a) Eenyummaa namoota firdiin itti faradamu

b) Iddoo firdichi itti kennamu

c) Yeroo firdichi itti kennamu fi

d) Bu’aa firdii sanaa ti

Gosootni firdii shanan kunis kan armaan gadiiti.

1. Firdii cubbuu amantootaa irratti faradame

2. Firdii dhagna amanaa irratti faradamu

3. Firdii hojii amantootaa irratti faradamu

4. Firdii saba Waaqayyoo hin ta’iin (kan lubbuu dhaan jiran) irratti faradamu

5. Firdii du’oota hin fayyiin irratti faradamu

1. Firdii cubbuu amantootaa irratti

faradame Yeroo: waggaa araaraa 30 tti

Iddoo: fannoo qaraaniyoo

irratti Bu’aa: du’uu Kristoos

Amanaadhaaf immoo qajeelummaa/ jireenya bara baraa

Yesuus fannoo isaa ofii baatee gara iddoo “lafee ma taa” yookiis afaan Ibraayisxiitti

“Golgootaa” jedhamutti ba’e. Achitti isa fannisan (Yoh 19:17-18)

Inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba’e (1Phe 2:24)

Kristoos immoo gara waaqayyoo isaan fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka

ta’utti al tokkicha cubbuu namoota baay’eetiif dhip hateera; inni qajeelaan foon

uffatee, qooda warra jal’ootaa ajjeefame, hafuuraan jiraachifameera (1Phe 3:18)

Kristoos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta’uu dhaan, abaarsa isa serichi nutti fidu jalaa

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


nu fureera; akkuma caafame, “namni mukatti ra rraafame abaaramaadha” in jedha (Gal

3:13)

Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina waaqayyoo akka argannutti,

nuuf jedhee cubbuu isa godheera (2Qor 5:21)

Amma garuu dhuma barichaatti, yeroo hundumaaf akka ta’utti al tokkicha ofii isaa

aarsaa dhi’eessuu isaatiin cubbuu balleessuu dhaaf mul’ateera (Ibr 9:26)

Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra

qabeessaa dhaqee in taa’e (Ibr 1:30)

Egaa amma firdiin, warra Kristoos Yesuusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko

illee hin jiru (Rom 8:1)

Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga’ee isa ana ergetti kan amanu

jireenya bara baraa qaba; inni du’a keessaa gara jireenyaatti darbe malee, gara firdii hin

dhaqu (Yoh 5:24)

1. Firdii dhagna amanaa irratti faradamu

Yeroo: yeroo kam illee

Bakka: iddoo kamitti illee

Bu’aa: adabbii

Amanaan sababa kamiin iyyuu cubbuu yoo hojjete of irratti muruudhaan qalbii jijjiirratee gara

Waaqayyootti deebi’uudhaan dhiifama argachuu ni danda’a; kana gochuudhaa yoo baate

garuu waaqayyo akka fedha isaa fi akkaataa hojii isaatiin dhagna isaa irratti akkasumas

faayidaawwan biyya lafaa keessa jiraniinis isa adabuu ni danda’a.

Utuu of irratti arginee nuyi of irratti murreerra ta’ee, waaqayyo nutti hin faradu ture.

Yeroo amma nutti faradamu immoo, firdiin bara baraa biyya lafaa wajjin akka nutti hin

faradamnetti, gooftichi akkasitti adabee nu qajeelcha (1Qor 11:31-32)

Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta’u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf

hin adabne immoo isa kamiree? (Ibr 12:7)

Kanatti fufee kan jirus dubbisi:(1Phe 4:17, 1Qor 5:5, 2Sam 7:14-15, 2Sam 12:13-14, 1Xim

1:20)

2. Firdii hojii amantootaa irratti faradamu

Yeroo: yommuu Kristoos deebi’ee dhufu.

Bakka: waaqa irratti

Bu’aa: gatii (badhaasa)/gonfoo fudhachuu yookiiis fudhachuu dhabuu (ofii isaatii

garuu in oola)

134

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Kristoos cubbuu keenya dhagna isaatiin fannoo irratti yoo baate iyyuu, akkasumas waaqayyo

cubbuu keenya “deebi’ee hin yaadadhu” jechuudhaan k akuu yoo gale iyyuu, hojiin keenya

hundi gara firdiitti akka dhi’aatu hubachuun kan nuuf ta’ u dha.

Egaa mana dhagna keenyaa keessa jiraannus, isa irraa fagaannus, gooftaa biratti

fudhatamoo akka taanuuf in dhimmina. Namni adduma addaan dhagna isaa kanatti

utuu jiruu gaariis ta’e hamaas ta’e, akkuma hojjete tti waan isaaf ta’u akka argatuuf,

nuyi hundumti keenya barcuma firdii Kristoos duratti dhi’aachuuf jirra (2Qor 5:9-10)

Ati garuu maaliif obboleessa keetti faraddaree? Yookiis ati maaliif obboleessa kee

ceephaata ree? Hundumti keenya barcuma firdii waaqayyoo duratti dhi’aachuuf jirra

(Rom 14:10)

Kutaan macaafa qulqulluu armaan olitti caqasaman lamaanuu waa’ee amantootaa qofa akka

ta’e ifaadha.

Kutaa dubbisaa isa jalqabaa (2Qor 5:9-10) keessatti Phaawuloos waa’ee keenyaaf kan inni

barreesse haala lamaan keessaa isa tokko keessa akka jirruttidha innis: dhagna keenya keessa

jiraachuu yookiis dhagna keenya irraa fagaannee gooftaa wajjin jiraachuudha. Jechoota

akkasii kana immoo namoota hin amaniniif fayyadamuun hin danda’amu. Iddoo (haala)

lamaanuu keessatti jechuunis dhagna keenya keessa jiraannees yookiis isa irraa yoo fagaannes

gooftaa gammachiisuuf in dhimmina.

Kutaa dubbisaa isa lammataa (Rom 14:10) keessatti immoo jechootni “nuti”, “obboleessa”

jedhan kutaan dubbisaa kun amantootaaf qofa ta’uu isaa nu hubachiisa. Hafuurri qulqulluun

warra fayyanii fi warra hin fayyin matumaa akkasitti waliin hin rukutu.

Kutaan dubbisaa inni kanatti aanee jiru immoo akkaataa firdiin hojii amantootaa irratti

fardamu itti raawwatamu nutti argisiisa:

Isuma dur kaa’ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa’uu hin danda’u; hundeen dur

kaa’ame sunis Yesuus Kristoos. Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gatijabeessaan,

yookiis, mukaan, citaadhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara. Hojiin

namaa adduma addaan maal akka ta’e, ibiddi qoree in mul’isa. Hojiin namicha isa irratti

ijaaree, utuu hin gubatin yoo hafe, namichi gatii (badhaasa) isaa in fudhata. Hojiin

namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii isaa in dhaba; haa ta’u iyyuu malee ofii isaatii

akka nama ibidda keessaa ba’etti in oola (1Qor 3:11 -15)

Kutaaleen dubbisaa armaan gaditti jiran immoo yeroo firdiin kun itti raawwatu nuuf ibsu.

Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira; yommuus adduma

135

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


addaan akka hojii isatiitti gatii isaa in kennaaf (Mat 16:27)

“…ayyaana in argatta, isaan waan siif deebisan hin qaban; waaqayyo garuu du’aa ka’uu

qajeeltotaatti siif in deebisa” (Luq 14:13-14)

Kanafis yeroon utuu hin ga’in, gooftaan utuu hin dhufin isin hin faradinaa! Innoo waan

dukkana keessa dhokatee jiru ifatti in baasa; gaafas adduma addaan waaqayyo biraa

galata argachuuf jiru (1Qor 4:5)

Kunoo ani dafee nan dhufa, gatii isa ani adduma addaan akka hojii isatiitti namaaf kennus

fidee nan dhufa (Mul 22:12)

Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa’amee jira; gooftichi abbaan firdii inni

qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna (2Xim 4:8)

Iddoo firdiin kun itti raawwatamu immoo (1Tas 4:16-17) ilaali, dabalataanis (Mat

25:24-30) dubbifadhu

4. Firdii saba waaqayyoo hin ta’in (kan lubbuu dhaan jiran) irratti faradamu

Namootni firdiin kun irratti faradamu, yeroo gooftaan keenya Yesuus Kristoos deebi’ee dhufu,

waggota gidiraa torban sana irraa hafanii lafa irra lubbuudhaan warra jiranidha. Isaan kun

kristoos Yesuusitti warra hin amaninidha.

Yeroo: yommuu Kristoos ulfinaan mul’atu (Mat 25:31-32, Mat 13:40-41)

Bakka: dacha Yoshaafaaxitti (biyya israa’eel keessa kan jirudha.)

Bu’aa: fayyuu namoota tokko tokkoo

: Baduu namoota tokko tokkoo ( Mat 25:46)

Firdiin yeroo sanatti warra lubbuudhaan lafa irra jiran kana irratti faradamu kun yeroo tokko

tokko firdii isa “teessoo adii isa guddaa” (Mul 20: 11) wajjin wal rukuta. Kanaafuu garaa

garummaa firdiiwwan kanaa gargar baasanii ilaaluun gaariidha:

Firdii warra lubbuun jiranii

rra jiran irratti

Faradama

Firdichi lafa irrattidha

Macaafonni hin banaman

Kutaalee sadiitu jiru (hoolota,

re’oota fi obboloota)

Yeroon isaa yommuu Kristoos deebi’ee

dhufu

Firdii isa teessoo adii guddaa

Du’aa ka’uun jira

Macaafonnis ni banamu

Yeroon isaa erga Kristoos waggota

kuma tokko mo’ee booda

136

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Yeroo firdiin kun raawwatamu qulqullootni kristoosii wajjin tokko ta’u, kan ta’uu isaatiins

firdiin kun isaan irratti kan raawwatu ta’uu hin danda’u (1Qor 6:2, fi Dan 7:22) walbira qabii

ilaali akkasumas (Yih 14, 15) ilaali. Firdiin warra lubbuudhaan jiran irratti faradamuu fi firdii

inni teessoo adii guddaa kan isaan wal fakkatan waan tokko qofaani innis abbaa firdii

(faradaa) dha

5. Firdii Du’oota hin fayyin irrattti faradamu

Yeroo: waggaa kuma sana booda guyyaa kaa’ame tokkotti (HoE 17:31, Mul 20:5, 7)

Bakka: teessoo adii isa guddaa duratti ( Mul 20:11)

Bu’aa: (Mul 20:15)

Jecha “guyyaa” jedhu isa (HoE 17:31 fi Rom 2:16) keessa jiruun namootni tokko tokko bitaa

itti galuu danda’a. “Guyyaa” jechuun safara yeroo dheera a ta’uu isaa kutaa macaafa qulqulluu

kanaa gaditti jiran ilaaluudhaan dubbicha hubachuun ni danda’ama (2Phe 3:8, 2Qor 6:2, Yoh

8:56. Yoh 5:25) keessatti “sa’atii” jedhamee kan ibsame hamma ammaatti waggoota 2000 ol

kan lakkoofsisedha.

137

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


Qopheessaan:

Daawit Faasiil

Hiikaan:

Taammiraat Tafarraa

2002, Jimmaa

138

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


1. Akeeka Waaqayyoo isa bara baraa keessa galeera

1.1. Duraan dursee beekameera (Rom 8:29, 1Phe 1:2)

1.2. Waaqayyo yaadaan isa qabeera (Rom 8:29-30, Efe 1:5-11)

1.3. Duraan dursee fo’atameera (Rom 8:33, 1 Tas1:4, Tit 1:1, 1Phe 1:2)

1.4. Waaqayyoon fo’atameera (Rom 8:30, 1 Qor 1:9, 1 Tas 5:24)

2. Waaqayyotti araarameera.(The Reconciled)

2.1. Hojii araarsuu waaqayyootiin (2Qor 5:18-19, Qol 1:20)

2.2. Waaqayyotti (Rom 5:10, 2Qor 5:20, Efe 2:14-17)

3. Furii argateera kanaafis kan gooftaa ta’eera. ( The redeemed)

139

(Rom 3:24, Qol 1:14, 1phe 1:18)

⇒ Furii jechuun “bakka bu’aa, kaffaltii, oolchuuf dab arsanii of laachuu” jechuudha.

Kanaafis amanaan furii(Kiristoosiin) bakka isaa adaba cubbuusaatii fudhate argateera.

Gooftaa yesuus immoo firdiin amanaatti faradamu haa hafuuf ofii isaa dabarsee kenne

ykn furii ta’eeraaf (1Xim 2:5-6)

4. Firdiin itti faradamu tokko illee hin jiru.

(Rom 8:1, Yoh 3:18, 5:24, Gal 3:13)

⇒ Abaarsa seerichi namatti fidu jalaa ba’eera. Duutis isa hin argatu

5. Cubbuun isaa hundi gara Yesuusitti darbeeraaf

(Isa 53:6, Rom 4:25, 2Qor 5:21, Gal 3:13, 1Phe 2:24)

⇒ Gooftaan Yesuus raawwatee qulqulluu fi cubbuun kan isa hin beekne dha. Garuu firdiin

du’aa kan isa irra ga’e cubbuu biyya lafaa hunda(cu bbuu nama hundumaa) baachuuf

fedha isaa waan tureef. Sababa kanaafis duuti Yesuus du’e “Du’a bakka bu’umsaa”/ “

substitutionary death” jedhama.

6. Cubbuun isaa dandeettii waaqayyootiin dhiifameeraaf /propitiation of sin

⇒ Kunis waaqayyo, ilmi isaa hojii fayyisuu inni fannoo irratti hojjete waan isa

gammachiiseef, warra ilma isaatti amananiif dhiifamuu cubbuu kenneeraaf

(Rom 3:25-26, 1Yoh 2:2, 4:10)

7. Jireenya (namummaa) isaa isa moofaaf du’ee; waaqayyoof garuu jiraataa ta’eera.

7.1. Kiristoosii wajjin fannifameera (Rom 6:6, Gal 2:20)

7.2. Kiristoosii wajjin du’eera (Rom 6:8, Qol 3:3, 1Phe 2:24)

7.3. Kiristoosii wajjin awwaalameera (Rom 6:4, Qol 2:12)

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


7.4. Kiristoosii wajjin du’aa ka’eera (Rom 6:4,7:4, Qol 2:12, 3:1)

7.5. Kiristoosii wajjin mirga abbaa taa’eera (Efe 2:7)

8. Itti gaafatamummaa fi firdii seera Musee irraa birmaduu ba’eera

⇒ Kunis kan ta’e hojii iccitii Waaqayyo hojjeteen “du ’a foonii Kiristoos du’een amanaanis

140

isaa wajjin akka inni du’u gochuu yoo ta’u; kana ir raa kan ka’es nama du’e tokko irratti

seerri raawwatamummaa akkuma hin qabne amanaan tokkos itti gaafatamummaa fi firdii

seera Musee irraa birmaduu ba’eera.

8.1. Seera jalaa du’eera (Rom 7:1- 6)

8.2. Seerri isa hin bitu (Rom 7:6, 6:14, 2Qor3:6-11, Gal 3:25)

8.3. Seeraan osoo hin ta’in hafuuraan geggeeffama (Rom 8:1-4, 8:14-17)

9. Waaqayyoottii lammaaffaa dhalateera (Yoh 3:1-8, Yoh 1:12, Tit 3:5)

9.1. Dubbii dhugaatiin (wangeelaan) dhalateera (Yaq 1:18, 1Phe 1:23)

9.2. Ijoollee (a child of God) ta’eera (Rom 8:16, Gal 3:26)

9.3. Ijoollee (sons & daughters of God) ta’eera (Yoh 1:12, 2Qor 6:18, 1Yoh 3:2)

9.4. Uumama haaraa ta’eera (2Qor 5:17, Gal6:15, Efe 2:10)

10. Gara fuula duraatti furii namummaa isaa isa foonii ni argata (Rom 1:3, 8:23)

⇒ Yeroo sanatti akka ergamoota Waaqayyoo ta’a malee hojii/amala fooniitiin hin mul’atu

11. Waaqayyo duratti fudhatama guutuu argateera

11.1. Qajeelaa ta’eera (Rom 3:22, 1Qor 1:30, 2Qor 5:21, Filp 3:9)

11.2. Qulqullaa’eera (Waaqayyoon duratti) (1Qor1:30, 6:11)

11.3. Yeroo hundumaaf fiixaan ba’eera/perfected forever (Ibr 10:14)

11.4. Qooda warra Waaqayyoof qulqullaa’anii keessaa hirmaattuu ta’eera (Qol 1:12, Efe

1:11)

12. Qajeelaa ta’eera (Rom 3:24/5:1,9/8:30,1Qor 6:11, Tit 3:7)

⇒ Kunis ayyaana Waaqayyoo amantiidhaan fudhachuu isaa irraa kan ta’e malee ga’umsa

mataa isaatiin miti. Ga’umsa mataa isaatiin namni qajeelaa ta’uu tasumaa hin

danda’uwoo.

13. Amala waaqaa keessaa hirmaattuu ta’eera (1 Phe 1:3)

⇒ Amalli kunis Waaqayyoottii lammaffaa dhalachuu isaa irraa kan ka’edha. Sababa sanyiin

Waaqayyoo isa keessa jiruuf Waaqayyoon fakkaachuu ykn nama Waaqayyoo ta’ee

deddeebi’uu ykn jiraachuu ni shaakala (Yoh 3:9, 2Phe 1:6, 1Xim 6:6)

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


14. Lammumma guutuu kan waaqa irraa argateera

14.1. Waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattuu ta’eera (Ibr 3:1)

14.2. Maqaan isaa waaqa irratti (galmee jireenyaa) irratti caafameera (Luq 10:20)

14.3. Miseensa warra mana Waaqayyoo ta’eera (Efe 2:14-19)

14.4. Biyyi isaa waaqarradha (Filp 3:20, Ib11:14-16, Yoh 14:1-3)

15. Aboo dukkanaa jalaa ba’eera (Qol 1:13, 2:15)

⇒ Sababni isaas Yesuus jireenya, ifas isaaf waan ta’eef (Yoh 8:12)

⇒ Dukkanni mootummaa Seexanaa keessa kan jiru hojii isaa hunda baaka bu’a

Fakkaanyaaf:

Hojii hamaa namootaa, shaakallii cubbuu (Yoh 3:19-21)

Abdii malee Yesuusiin ala jiraachuu (Mat 4:12-16)

Beekumsa malee jiraachuu (Rom 2:20)

Jireenya Waaqayyoof ulfina hin kennine (Rom 1:20-22)

Wangeela fudhachuu dhiisuu. (2Qor 4:4-6, Yoh 12:35-36 ) fi k.k.f

16. Gara mootummaa ifaa ilma Waaqayyootti darbeera (Qol 1:13)

16.1. Gooftaa Yesuus jireenya isaatiif ifa ta’eeraaf (Yoh 8:12)

16.2. Waaqayyo gooftaan abbaa ifaa ta’eeraaf (Yaq 1:16-17)

141

⇒ Kanaafuu kennaa gaarii hunda, eebba guutuus Waaqayyoo irraa argachuu ni danda’a

16.3. Sagaleen/dubbiin Waaqayyoo ifa ta’ee isa ni geggeessa (Far 119:105)

16.4. Ifa biyya lafaa ta’eera (Efe 5:8, Mat 5:14)

17. Hundee jabaa irratti ijaarameera (1Qor 3:11, 10:4, Efe 2:20)

18. Waaqayyo biraa Yesuus kiristoosiif kennaa ta’ee kennameera (Yoh 10:29, 17:2, 6, 9, 11, 12,

24)

19. Humna cubbuuttii birmaduu ba’eera (Rom 8:2, Filp 3:3, Qol 2:11)

⇒ Dhagna qabaan fakkeenya humna cubbuuttii birmaduu ba’uu yoo ta’u cuuphaa

bishaaniitiin ni ibsama.

20. Luba waaqayyoo ta’eera

20.1. Lubummaan isaas dhiiga Kiristoosiin kan ta’edha (Mul 1:6, 5: 9)

20.2. Luba qulqullummaa ta’eera (1Phe 2:5)

⇒ Kanaaf waaqeffachuu, kadhachuu ykn aarsaa hafuuraa dhiyeessuu ni danda’a

20.3. Luba mana mootummaa ta’eera (1Phe 2:9)

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


142

⇒ Namootaaf dhugaa ba’uu ni danda’a.

21. Wabiin jireenya bara baraa (eternal security) kennameeraaf

(Yoh 10:28-29, Rom 8:32, 5:8-11, Rom 8:38-39, Gal 3:26-29)

⇒ Kan isa irraa eegamu amantii kana irratti jabaatee dhaabachuu qofadha (Qol 1:21-23, 2Xim

2:11)

22. Yeroo barbaade hundaatti gara waaqayyootti dhiyaachuun isaaf eyyamameera.

(Rom 5:2, Efe2:18, Ib 4:16, 10:19-20)

23. Ayyaannii fi gaarummaan Waaqayyoo inni irraa hafaa ta’e kan ittiin mul’atudha.

23.1. Jaalalli Waaqayyoo kan ittiin mul’atudha (Yoh 13:1, Efe 2:4, 5:2)

23.2. Ayyaanni Waaqayyoo kan ittiin mul’atudha

23.2.1. Ayyaana isaatiin fayyeera (Efe 2:8-9)

23.2.2. Ayyaana isaatiin jabaatee ni dhaabata ni eegama (Rom 5:2, 1Phe 2:9)

23.2.3. Ayyaanasaatiin ni tajaajila (Efe 4:7, 1Qor 12:4-11, 1phe 4:10-11)

23.2.4. Ayyaanasaatiin qulqullummaatti jiraachuu ni shaakala (Tit 2:11-15)

23.3. Humni Waaqayyoo kan ittiin mul’atudha (Efe 1:19, 2:6-7, 2Qor10:10-11, 13:2-5, Filp

2:13)

23.4. Amanamumman waaqayyoo kan ittiin mul’atudha (Filp 1:6)

23.5. Nagaan Waaqayyoo kan ittiin mul’atudha (Yoh 14:27)

23.6. Jajjabeessuun Waaqayyoo kan ittiin mul’atudha (2Tas 2:16)

23.7. Fayyadamaa angafa lubummaa Yesuusi dha (Rom 8:34, Ib 7:25, 9:24)

⇒ Wantoota armaan olitti caqasaman Waaqayyo kan inni mul’isu karaa jireenya amanaa ti.

Namootni hin fayyin jiran ayyaanaa fi gaarummaa kana hunda argachuuf dursa karaa

Kiristoos Waaqayyotti araaramuutu isaan irra jira (2Qor 5:18-20, Ibr 7:25)

24. Kiristoosii wajjin dhaaltuu Waaqayyooti

25. (Rom 8:17, Efe 1:14, 18, Qol 3:24, Ibr 9:15, 1Phe 1:4)

⇒ Gooftaa Yesuus osoo biyyi lafaa hin uumamin dura ulfina inni qabu ture nu dhaalchisuuf

waa’ee keenyaaf gara abbaasaatti kadhannaa inni kadhate mirga dhaalaa amanaa tokkoof

amanaa tokkoof kennisiiseera (Yoh 17:24)

26. Eenyummaa Kiristoosiin jijjiirraan iddoo godhameeraf/positional truth

25.1. Jireenyi isaa waaqayyo bira Kiristoos keessa dhokfameera (Qol 3:4)

25.2. Ilma Waaqayyoo wajjin tokkummaa uumeera (1Qor 1:9)

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


25.3. Hojii Waaqayyoo keessatti hidhata qaba (1Qor 3:9, 2Qor 6:1)

25.4. Hojjetaa/ tajaajilaa kakuu haaraa ta’eera (2Qor 3:6)

25.5. Afaan Kiristoos ta’ee ergameera/Ambassador (2Qor 5:20)

25.6. Ergaa/caaffata jiraataa/the living epistle ta’eera (2Qor 3:3)

25.7. Hojjetaa Waaqayyooti (2Qor 6:4)

27. Jireenya bara baraa argateera

143

(Yoh 3:15, 10:28, 20:31, Rom 8:1, Efe 2:8, 1Yoh 5:11-12)

27. Uumama haaraa ta’eera.

Waaqayyoottii kan dhalate(Yoh 1:12) malee dhiigattii yookiis fedha fooniittii yookiis

fedha dhiiraattii hin dhalanne(Yoh 1:13).

Lammummaan isaa biyya waaqaa kan ta’e (Filp 3:20), Giriikii ta’uu kan hin dandeenye

(Qol 3:11)

Abaarsa gosa, afaan, nama, saba lafarraa jalaa kan ba’e (Mul 5:9-10)

Lafarraa biyya kan hin qabne (Ibr 13:14)

Namoota lafarra jiraataniif afaan kiristoos ta’ee kan ergame (2Qor 5:20)

Hubachiisa:-

⇒ Gooftaa Yesuus yeroo biyya lafaa irra turetti sabni biyya lafaa qomoo lamatti hiramu turan:

Yihudii fi ormoota. Ormoota kan jedhaman qomoo Israa’elii irraa kan hafe hunda kan

bakka bu’u yoo ta’u macaafa qulqulluu keessatti hundi isaanii maqaa Giriikii jedhamuun

hammatamaniiru.

28. Gooftaatiin ifa biyya lafaa ta’eera

28.1. Hojii dukkanaattii hin hirmaatu qooda kanaa bakkeetti baasa malee (Ef 5:7-13)

Loltuu, ergamoota waaqayyoo wajjin wal ta’uu dhaan, Seexanaa fi ergamoota isaa

lolu ta’eera/ part of angelic conflict (2Xim 2:3, Efe 6:10-18)

28.2. Hojii gaarii hundumaan ni mul’ata (Mat 5:14)

28.3. Guyyaan Gooftaa akka hattuutti isatti hin dhufu (1Tas 5:4-5)

Abdii eebbifamaa inni eegu dhufaatii gooftaati (Tit 2:12)

Dhufaatii Gooftaa hamma malee ni hawwa malee waa’ee guyyaa sanaaf

sodaan tokko illee itti hin dhaga’amu (Mul 22:20)

Guyyaan sun amanaadhaaf:

Guyyaa gammachuuti (Yoh 16:22)

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


144

Guyyaa itti gonfoo qajeelummaa fudhatudha (2Xim 4:8)

Guyyaa cidhaati (Mul 19:7-8)

Guyyaa mo’uu(mootummaa) (Mul 20:6)

29. Sagalee abdiitiin hirmaattuu hafuura qulqulluu ta’eera

29.1. Hafuura Qulqulluuttii dhalateera (Yoh 3:5-8)

29.2. Hafuura Qulqulluudhaan cuuphameera (HoE 1:5, 1Qor 12:13)

29.3. Mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu ta’eera.

(Yoh 7:39, Rom 5:5, 8:9, 1Qor3:16, 6:19, Gal 4:6, 1Yoh 3:24)

29.4. Hafuura Qulqulluudhaan mallatteeffameera (2Qor 1:22, Efe 4:30)

29.5. Hafuura Qulqulluudhaan dibameera (1Yoh 2:20, 27)

29.6. Kennaan Hafuura Qulqulluu (kennaa ayyanaa) isaaf kennameera.

(1Qor 12:11, 2:7-11, 13:1-2)

30. Waaqayyo duratti ulfina argateera/Glorified (Rom 8:30)

31. Karaa Kiristoos jireenyi isaa guutuu fi waaqayyo duratti mudaa kan hin qabne ta’eera

(Efe 1:4, Qol 2:10, Ib 10:14)

32. Eebba hafuuraa hundumaan eebbifameera (Efe 1:3)

33. Cubbuun isaa hundi dhiifameeraaf (Rom 4:6-8, Ib 10:14-18)

34. Human diinaa hundumaa irratti aboon kennameeraaf

34.1. Mar’ataa (hamminaa fi hojii doggorsaa seexanaa) irra, torbaan qabaa(miidhaa seexanni

qaama namaa irraan ga’u) irra ejjechuu(to’achuu, mo ’uu) ni danda’a (Luq 10:17-19)

34.2. Maqaa Yesuusiin hafuurota hamaa nama keessaa ni baasa (Mar 16:17)

34.3. Dhukkubsattoota irras harka ni kaa’a; isaanis fedha Gooftaatiin ni fayyifamu.

(Mar 16:18, Yaq 5:14)

34.4. Namootni karaa hundumaan akka isaannitti toluuf ni kadhataaf (3Yoh 2)

35. Hafuurri isaa jiraataa ta’eera

Addaam yeroo ajaja irra darbee kaasee tokkummaa hafuuraa Waaqayyoo wajjin qaba ture

ni dhabe; Kunis du’a hafuuraa isa jedhamudha.

Ilmaan namootaa hundis cubbuu hojjechuu isaaniitiin Waaqayyo isa hafuura ta’ee wajjin

tokkummaa godhachuu hin dandeenye.

Namni Gooftaa Yesuusiin akka fayyisaa dhuunfaa isaatti yeroo fudhatu gargar cite inni

ture tokkummaan hafuuraa, hafuurri qulqulluun amanaa kana keessa galuu isaatiin, itti

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)


fufiinsa argata. Kun immoo hafuura jiraataa isa jedhamu dha (Yoh 5:25, Rom 8:16)

35.1. Hafuura isaatiin hafuura qulqulluu wajjin tokkumaa gochuu ni danda’a. Hafuurri isaa

Hafuura Qulqulluu dhaggeeffachuu ni danda’a (Rom 8:16, 1Qor 2:12)

35.2. Hafuurri isaa jiraataa ta’uusaa irraa kan ka’e hoji in Waaqayyoo yeroo hojjetamu ni

gammada (2Qor 7:13); waan waaqayyo jibbu yeroo argu immoo lubbuun isaa ni

dhiphatti (HoE 17:16)

36. Bara jireenya isaa hundatti Hafuura Qulqulluudhaan guutamuun isaaf eyyemameera (Efe

5:18)

37. Abbaa, Ilma isaa fi Hafuura Qulqulluu wajjin tokkummaa uummateera

37.1. Waaqayyo abbaa wajjin (Yoh 14:23, Efe 4:6)

37.2. Kiristoosii wajjin (Yoh 14:20, Qol 1:27)

37.2.1. Dhagna Kiristoos, bu’aa dhagnaa (miseensa) Waldaa Kiristiyaanaa ta’eera (1Qor

12:13)

37.2.2. Damee jirmichaa (Kiristoos) ta’eera (Yoh 15:5, Rom 11:17-20)

37.2.3. Ijaarsa mana isa hafuuraa keessatti dhagna jiraataa (miseensa) ta’eera

(Efe 2:21-22, 1Phe 2:5)

37.2.4. Kutaa/qaama misirrottii ta’eera (Efe 5:25-27, Mul 19:6-8, 21:9)

37.2.5. Luba mana mootummaati (1Phe 2:9, Mul 1:6, 5:9)

37.3. Hafuura qulqulluu wajjin (Rom 8:9, Yoh 14:16, 7:37-39)

38. Du’aa ka’uu isa duraa keessaa qooda qaba (1Qor 15:40-54, Yoh 11:25, 6:39, 1Qor 15:23,

Mul 20:56)

Dhaamsa qopheessaa kanaa:-

Agriiphaan yommuus Phaawuloosiin,“Yeroodhuma gabaab duu keessatti Kiristiyaana na

gochuuf jetta” jedhe. Phaawuloos deebisee, “Yeroon isaa gabaabbatus, dheeratus, si

duwwaa iyyuu utuu hin ta’in, warri har’a na dhaggeeffatan hundinuu, hidhamuu koo

irraa kan hafe, akka koo akka ta’an waaqayyoon nan kadhadha.” Jedhe.

Teessoo qopheessaa: Daawwit Faasiil

67, Jimmaa

0917804407

Email: besodiyah@yahoo.com

HoE 26:28-29

145

Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa!Waaqayyo ofii isaatii kana

dubbateera (Isa 34:16)

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!