06.01.2013 Views

Wayyaaneen Naannoo Oromiyaa fi Maqaa Oromiyaa ... - Qeerroo

Wayyaaneen Naannoo Oromiyaa fi Maqaa Oromiyaa ... - Qeerroo

Wayyaaneen Naannoo Oromiyaa fi Maqaa Oromiyaa ... - Qeerroo

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Wayyaaneen Naannoo Oromiyaa fi Maqaa Oromiyaa jedhu

Balleessuuf Deemti.

Keessa Beekaa Irrraa,

1

Wayyaaneen har’as ta’u kaleessa, Ummatootaaf dhaabbattee hin beektu.

Wayyaaneen gammoojjii Daddabiit keessatti dhalatte, gonkumaa

Sagantaa mataa ishee qabaattee hin beektu. Qabaachuus hin

dandeessu. Namoonni hedduun wayyaaneen waan hundaa Biyya isheetti

kuufattee foxxoqixi jedhanii yaadan. Isaanis biyya ittiin dorsiisan. Garuu

kana irratti gawwamu hin qabnu. Gonkumaa wayyaaneen Biyya

ijaarrattee baatii jettenii hin yaadinaa .

Kan isaan yaadanii turan, Tigiraayin giddu galeessa Industirii fi madda

jireenyaa taasifatanii , Naannolee biroo bakka Omisha isaanii itti

harcaafatan taasisu ture. Keessattu Ummatoonni bara eeggatanii yoo

nutti ka’an, amma qabannu qabannee waliin dorgomna jedhanii

Qabeenyaa biyyaa saamanii Tigiraayin ijaaran. Garuu galagalchii ta’ee,

waan yaadan sun ta’uu dide. Industiriin isaan yaadan sun hundumtu,

humna ibsaa, Bishaan, tajaajila barbaachisu guutu waan dadhabaniif

karaatti hafeera.

Humni ibsaa Takazee Tigiraayi dandamachiisuuf ijaarame, boruu

Biyyoota olla Tigiraayitti dhihaataniif tajaajila jedhan, hanga har’atti

Bishaan ga’aa hin argatiin jira. Sababaa kanaan warshaan sibiilaa fi

masfin Injinariingi, akkasumas Masooboon naafate jira. Kana amma

tokko dandamachiisuuf, humna Aduu irraa argachuuf, Dolaara

biliyoonaan lakkaa’amu Faransaayif kafalanii solaarii Biyyatti keesatti

hin argamnee fi humna ibsaa qilleensa irraa argamun amma tokko

socha’aa jiran.

Kun ragaa akka salphaatti irraa hubannee , yaada Tigiraayi ni foxxoqxii

nurraa hanqisa. Kana caalaa wanni nu amansiisu ammo Hiwaatoonni

yeroo ammaa Qabeenyaan qaban eessa jira ? kan jedhudha.

Kubbaaniyoonni isaanii gurguddaan eessatti dhaabbatan yoo jenne ,

Namni boruu cituu barbaadu qabeenyaa Biyya Namaa irratti hin kufatu

nu jechisiisee shakkii keenya sana fashalsa. Kana malees, Ilmaan

Tigiraayi , Tigiraayin gadhiisanii Finfinnee qofa qubatan kumoota 100n

akka lakkaa’aman, kanneen hundi, manni jireenyaa rakkoo tokko malee

qophaa’uufii yennaa hubannu shakkii keenya san butucha.

2

Inni guddaa fi yaaddoo guddaa shiraan guutame nu irratti

hojjatamaa jiru yennaa hubannu , Hiwootoonni Tigiraayin adda

baafachuu miti, Biyya Oromiyaa Tigiraayin taasisuuf waan nu

irratti hojjatan nu hubachiisa. Shirri kunis sagantaa isaanii miti.

Kan eenyuti jettu ta’a. kana har’a hin kaasu . gaafa guyyaan isaa ga’e

dubbanna. Garuu har’a Ummata Oromoo irratti maaltu hojjatamaa jira ?

mata duree barreeffama kanaa maalifan filadhe kan jedhutti haa ce’u.

yaa Oromoo yeroo kun dhala oromoo Biyya keessaas ta’u alaaf dansaa

akka hin taane hubadhaa .dubbiin akkasii…..

Wayyaaneen gaafa OPDO ijaarte, warra qooqa Oromoo beekan , garuu

halgaa ta’aniin maaliif keessatti heddummeessan ? kana malees

kanneen Oromoo ta’an yoo galchanis, maalif wallaalaa itti

heddummeessan ? beekaa keenyawoo kan tabjaa’e maaliif filatan ? warra

of gaafachuu eegalan maaliif keessaa ari’an ? gaaffii kana caalu illee

kaasu dandeenya. Gaaffiileen kun garuu deebi mata duree har’aa nu

dhugeessan.

Ilmaan Oromoo yeroo OPDOn hundooftuu keessa turan, har’a

tokkon isaanii hin jiran. Kan keessatti hafe, Taayyee

T/Hayimaanoot, Minaasee W/Giyoorgis, Warqinaa Gabayyoo ,

Dammallaash W/Mikaa’eel, Daanyaachoo , Muktaar , kkf tu har’a

jira. Angoo jiru hundaas qabatanii jiran . warra kaan dhiifnee

kanneen akka Warqinaa Gabayyoo annaan dachee Oromoon kan

guddate garuu warra Kaabaa ta’uu ragaalen mul’ataa jiran.

Wayyaaneen maqaa sabootaan dhufuun warra alaa irraa deeggarsa

argachuuf ta’un ifadha. Wayyaanoonni Angoon kun harkaa baanaan

waan hundi akka dhumaatuuf waan beekaniif, jalqabaa kaasanii waan

isaaniif ta’u hundaa gaggeeffachaa asi ga’an. Kaleessa harka qullaa

dhufaa odoo jiranii akkaataa itti ango kana of harka turfatan yaadaa

turan. Har’a ammo qabeenyaan hundumtu isaan harka waan jiruuf ,

Angoo gadhiisuu jechuun of ajjeesutti akka fudhatan beekamaadha.

Kanaaf mirgoota sabootaa sharafanii ofii dhaaluun itti fuftee jirti. Ilmaan

Tigiraayi qooqa sabootaa barsiisanii , keessattu Yunivarsitii maqalee

keessatti dippaartimantii Afaan Oromoo banatanii Ijoollee Tigiree

Oromiyaa borii bulchuuf deeman ummachuu isaanii wayita hubannu,

hangam duubatti harkifamaa akka jirru nu argisiisa.

Wayyaanoonni har’a , sirna Fedaraalizimii jiru gara Ahaadaawwitti

deebisuuf karaa eegalte walakkaan geesse jirti. Maqaa Investimantiin

3

lafa kan gurguru Fedaraala ta’eera. Kana jechuun maal jechuu akka ta’e

namaaf gala. Humni poolisaa fi Tikaa Naannoolee hundi Fedaraala jala

galanii jiran .Waajjiraaleen hundi ajaja Fedaraalaan bulu ega eegalanii

bubbulanii jiran. Oromiyaa fi Tigiraayi irraa kan hafe, Naannooleen

hundi Afaan Amaaraan hojii gaggeessan. Carraan kun Oromiyaa

keessatti ega eegalamee har’a bubbuleera.

Bara 2004 miseensoonni OPDO saboota keessaa ta’uu ni dabalata

gaafa jedhamu, maal jechuu akka ta’ee bara sana ibsinee nama

nu dhaga’u dhabne. Wayyaaneen sabboonummaan sabootaa

dabalaa jiraa, kun ammo Biyyattiif hin tolu jettee, waan hundaa

tu’achaa jiraachuu yennaa dubbannus , nama nu dhaga’u hin

arganne. Har’a garuu waan hundi ifatti mul’achuu eegaleera.

Oromiyaa keesstti Afaan oromoo waraqaa irratti ega hafee bubbulee jira.

Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo fardeessun dhiphummaatti

ilaalamutti aane kan dhufe, waajjiraaleen gara sanatti dhiibamudha.

Tiyaatiroota fi Diraamaalee akksumas Sirboota Afaan Amaaraa

Oromiyaatti gadi lakkisuun, Ummata qalbii hatuu ega eegalanii turanii

jiru. Waajjiraaleen hundi ijoollee halagaan ega qabsiifamanii bubbulanii

jiru. Har’a BUUFATII TELEVIZHINII FI RAADIYOON Oromiyaa ilmaan

saba biroon guutamee , Afaan oromoo rakkoo seenee jira. Inumaayyuu

TV Oromiyaa isuma jedhuyyuu dhabamsiisuuf hojjatamaa jiraachuu

argaa jirra.

TV Oromiyaa keessa wiirtu WAALATAA galchuun , suuta suuta Ummata

Oromoo Afaan Amaaraa akk fudhatuuf diraamaa ummata hawwatan

karaa sana akka tamsa’uuf shirri hojjatamuu eegaleera. Ijoollee gaaffii

kaasan illee keessaa ega ari’anii yeroo fudhateera. Tekinishiyaanoonni

keessa jiran hundi, warri har’a Afaan Oromoon Oduu dubbisan odoo hin

hafnee saboota fagoo fi Tigiraayin guutamee, Afaan Oromoo akka gadi

deemee Ummati jibbu taasifamaa jira.

Afaan Oromoo akka hin guddanneef , aadaan OROMOO akka hin

guddanneef, sabbonummaan Oromoo akka hin dagaagneef, shirri

wayyaaneen akka raawwachiisaatti gaggeessitu haalaan

gaggeeffamaa jira. Wayyaanee Ihaadeeg, wal ga’ii isaa

Hawaasaatti gaggeeffate irratti , sirna Ahaadaawwitti akka

deeman , kunis sabboonummaa Ummatootaa keessattu kan

Ummata Oromoo dabalaa jiraachuu ifatti himanii

4

jiran.sabboonummaan dabalu jechuun Biyyaaf yaaddeesaa ta’utti

lallabaniiru. Humnoonni alaas waan kana ni fudhatan.

Wayyaanoonni dhaloota borii illee karaa irraa maqisuuf , waan aadaa

isaanii odoo hin taane, waan alaa akka fardeessan, sirbootaa fi aadaa

warra alaan akka mo’aniif , sagantaalee TVn waan ijoolleef dhihaatu

irraa hubachuun ni ga’a. aadaa ummatootaa ega dhabsisanii

bubbulaniiru. Caasaan kominikeeshiinii Obbo Brakatiin dirirfamee

Naannoolee hundaa keessa jiru, Naannooleen ajaja itti kennuu hin

danda’an . sududaan Obbo Barakattu ajaja. Caasaan kanneen fakkaatan

hedduudha. Caasaan Ahaadaawwii walakkaan xumuramee jira.

Caalaatti ifa taasisuuf , Humni waraanaa duraanu Fedaraala

harka jira. Humni poolisa Naannolee kan Fedaraalaa jala jira .

Humni Tikaa Naannoolee harkaa maqaa Ashabbaarii adamsuu

jedhuun harkaa ba’eera . Lafti heektaara kuma 10 ol

fedaraalaatu Investarootaaf gurgura. Albuudaa fi Qabeenyaa

Umamaa hundaa Fedaraalatu kennaa jira. Kubbaaniyoota hundaa

Fedaraalaatu Bulcha. Waajjiraaleen Naannoolee irra jireessi

Afaan Amaaran hojjatu. Kun ammo oromiyaa keessatti hidda

yaafatee jira. TV ITOOPHIYAA KEESSAA Afaan Oromoo ari’anii , TV

OROMIYAA keessa AFAAN amaaraa heddumiinaan akka seenu

taasifamaa jira. Dhuma irratti TV Oromiyaa chaanaalii

xixiqqaatti galchanii, kan Oromiyaa ITOOPHIYAATTI geeddaruf

hojjatama jira. Maarree Ahaadaawwiin isa kana miti ? kun ammo

kan dhugoomu caasaa addaa Obbo Barakatiin durfamuun ta’uu

hubachuu barbaachisa.

Sirna sabboonummaa Ummatootaa Ukkaamsuuf gadi dhaabbatuuf

deemu irra jireessa , gama sirbaan hojjatamaa jira. Ummatoonni hundi

Ol-aantuummaa Afaan Amaaraa akka fudhatuuf , Industirii Muuziqaa

tu’atnii kanneen hojjataa jiran gaaf tokko eenyummaan isaani

saaxilamun hin haftu. Jarri kun sirboonni sabootaa akka ol hin kaaneef,

hin gurguramnee fi carraa hojjatamu akka hin arganneef, saboonni

mana muuziqaa akka hin qabaanne gochuu eegalee shiroonni hojjataa

jiran kana kan jedhamu miti.

Abbootiin aadaa odoo jiranii , Finfinnee ba’anii baadiyyaatti bu’anii

Durgoo kumootaan kaffaalamaafii warrii hojjatan, Ummatichaaf naato

tokkollee hin qaban. Akka duulaatti hajajamanii hojjachaa jiran.

Caasaan Obbo Barakatifaa shiroota kana hundaa akka raawwataniif ,

5

dirqama kan kennaniif dhiiga isaanii kan ta’aniif qofaadha. Sirbi isaan

shiraaf baasanii odoo hin gurguramne TV itoophiyaa irratti rakkoo tokko

malee dhihaata. Artiistii beekamaa jedhamee QOPHII ARHIIBU irratti

rakkoo tokko malee dhihaata. Silaas Gaazexessitoonni sabootaa

ari’amani, kanneen bakka qabatanii AFAAN isaaniifu keessummaa ta’een

kanneen hojjatn , deeggarsa addaa taasifamufiidha.

Haala kana gadi fageenyaan kan ifatti baasuuf yaallu fagoo hin ta’u .

garuu wanni saba keenya irratti hojjatama jiru heddu nama gaddisisa.

Sirna Ahaadaawwiin gaggeeffamu kun , harka dheeraa wayyaaneen

dhaabbilee mormitootaa keessatti illee seenaa jiraachuu yaadu qabdan.

Kanas bal’inaan itti deebina.

Gama biroon wayyaanef gaaffii Ummatootaa ukkaamsuuf, humnoota

alaa dantaan qabdee shira isheen hojjachaa irtu akka salphaati kan

ilaalamu miti. Humnoonni alaa kubbaaniyyaa fi industiriilee akka

qabaatan taasisuun, jireenya isaaniif wayyaanee jiraachiisuu akka

qabanitti, kana malees jarri kun dantaa isaaniif jedhanii miidhaa

Ummatootaatti akka callisaniif shirri hojjattu salphaa miti. Kanaafidha

warri alaa kun, ummati 192 guyyaa saafaa Asfaalti irratti yennaa

ajjeefamu kan callisaniif. Kanaaf falli jiru isaanin mataa isaanii falmanii

akka nama dhaga’an taasisu qofaadha .

MAAL NU WAYYAREE ?????????????

Ummati Oromoo adeemsa isaaf hedduu yaaddeessaa ta’e kana duraa

dhaabbachuuf qabsaa’uu qaba. Keessattu , Qeerroon Oromoo diina

raasaa jiru kana mormuu qaba. Keessattu TV oromiyaa keessatti waan

hojjatamaa jiru mormuu qaban . Waajjiraalee Oromiyaa keessattiwaan

hojjatamaa jiru mormuu qaban.dhiibaa Afaan Oromoo irratti taasifamaa

jiru mormuu qaban. Afaan Oromoo babal’isuu irra, Afaan Amaaraaf

yeroo bal’aa laatamu kana mormu qaban. Sagantaalee Ummata keenyaaf

faayidaa tokkolle hin laanne, dhaloota har’aa doomsaa jiru mormu

qaban. Diraamaalee Oromiyaa keessatti ta’e jedhamanii argisifamaa jiran

mormu qaban. Dhorkuu qaban. TV oromiyaa keessatti AFAAN OROMOO

waan beekuuf qofaa , ijoollee Oromoo kan ariisiu , OPDOn eenyu musaa

jedhamu shira wayyaanee kanaaf bu’aa ol aanaa buusaa jira.

Hojjattoonni shira waajjiraalee keessatti raawwatamaa jiran mormutu

irraa eegama. Kun ta’uu baannaan Gaaffiin OROMIYAA caalaattu

dhabamuuf deema yaa firaa. Kanaafan OROMIYAAN DIIGAMUUF

DEEMTI JEDHE.

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!