11.10.2017 Views

Gaaffilee Barnoota Leenjii Konkolaachisummaa

DhLKCC

DhLKCC

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

KONKOLAACHISTOOTA LEENJII

KONKOLAACHISUMMAA FUDHATANIIF

GAAFFII QOPHAA’E

Caalii Pheexiroos

QORMAATA KONKOLAACHISTOOTA SADARKAA ADDA ADDAATIIF QOPHAA’E

YEROO KENNAME SA’A

GUYYAA QORMAATAA

MAQAA BARATAA ____________________________________

SADARKAA ___________________________________________

ODEEFFANNOO WALII GALAA

1. QORMAATNI KUN GAAFFILEE ADDA ADDAA KUTAA/DAREE KEESSATTI

BARATTANII FI WOORKI-SHOOPPII KEESSATTI ILAALTAN MARA OF

KEESSATTI HAMMATA.

2. BARATAAN HUNDINUU GAAFFII MARA YAALUU QABA.

3. WARAQAAN GAAFFII KUN GAAFFILEE HEEDDUU FI FILANNOOWWAN

ADDA ADDAA QABA.

4. NAMNI HUNDINUU QORMAATA ISAA QOFA DALAGUU, KAN NAMA BIROO

ILAALUU HIN QABU.

5. GAAFFILEEN MARRI JIRAACHUU ISAANII OSOO QORMAATA HIN

JALQABIIN DURA MIRKANEEFFADHU.

6. QORMAATNI HUNDINUU GATII WAL-QIXA QABU.

KAN QOPHEESSE: CAALII PHEEXIROOS

CAAMSAA 22, 2004

Caalii pheexiroos

DEEBII SIRRII TA’E FILADHU

1. Hanqina itti gaafatamummaa miira jabaa kan hin taane isa kami?

A. Miira haaloo bahuu fi itti fayyadamtoota daandii kan biroo irratti dhiibbaa geessisuu fedhuu.

B. Rakkinnni narra ga’e namoota biroorra akka ga’u hawwuu.

C. Fedhii imaltootaa fi fayyummaa isaanii maal-nadhibdeen ilaaluu.

D. Miira rakkisaa haala miidhaa ta’e keesatti obsuu fi dhiibbaa dandamachuu.

E. Deebiin hin kennamne.

2. Adeemsa sirrii hin taanee fi xiyyeeffannaa kan hin qabne isa kami?

A. Ga’umsi dandeettii hir’achuu D. Hunduu deebii dha

B. Ga’umsi miiraa hir’achuu E. Deebii hin qabu

C. Ga’umsi sammuu hir’achuu

3. Ragaadhaan kan hin deggeramnee fi yaada sirrii hin taane kan jennu isa kami?

A. Ga’umsi sammuu hir’achuu D. Deebii hin qabu

B. Ga’umsi dandeettii hir’achuu E. A fi C’ n deebii dha.

C. Ga’umsi miiraa hir’achuu

4. Kanneen armaan gadii keessaa balaaf sababa ni ta’a kan jettu filadhu.

A. Karaa kee irratti konkolaachistoota siqunnaman ykn imaltootni miilaan imalan haala sirra

fooyya’aa ta’een dammaqoo fi seera kan hordofan jedhanii garalaafinaa fi gaarummaan

yaaduu.

B. Naannoo ariitii fi dammaqinaan do’achuu taa’umsa dandeessisu fi meeshaalee to’annaa

agarsiistuu konkolaachisaa sirriitti hin qabamne.

C. Dadhabbii, yaaddoo, dhiphina irra osoo jiranii fi dhugaatii alkoolii dhuganii

konkolaachisuu

D. A fi C’n deebii dha.

E. Hunduu deebii dha.

5. Haala sirrii ykn ga’aa ta’een gommaan konkolaataa qilleensaan yoo guutame ;

A. Gommaa konkolaataa fi daandii gidduutti rigata uumamu walqixa gochuun konkolaataa

irratti mucucaachuu gommaa hir’isuun konkolaachisaan konkolaataa to’achuu akka

dandeessisu isa gargaara.

B. Ga’umsa humna konkolaataa dabaluun boba’aa konkolaataan fixu hir’isuu, qarshii

qusachuu fi faalama qilleensaa dhorkuu.

C. Umurii gommaa konkolaataa ni dheeressa.

D. Deebii hin qabu

E. Hunduu deebii dha.

6. Filannoowwan armaan gadii keessaa balaan akka hin uumamneef kan gargaaru isa kami?

A. Daandii konkolaachisan irratti konkolaachistoota jiran keessaa ariitii suuta ta’een

konkolaachisuu.

B. Fageenya eeganii konkolaachisuu

C. Konkolaachisaan maal gochuu akka barbaade imaltootaaf ibsuu.

D. Hunduu deebii dha. E. B fi C’n deebii dha.

Caalii pheexiroos

7. Yeroo konkolaachistan ariitii kan murteessu kan hin taane keessaa inni tokko;

A. Konkolaachistootni naannoo konkolaachisanitti baay’ina konkolaattota socho’anii fi

saffisa.

B. Saala imaltootaa

C. Haala amala qilleensa naannoo

D. Imaltoota cina daandii socho’an

E. ‘B’ irraa kan hafe hunduu deebii dha.

8. Balaan akka hin qaqqabneef mala ittiin konkolaachisnu keessaa isa tokko kan ta’e fageenya

eeganii konkolaachisuu yoo ta’u konkolaataa fuuldura jiru waliin fageenya isaa akka eegu

sababni barbaachisan kanneen armaan gadii keessaa tokko kan ta’e isa kami?

A. Konkolaataan fuuldura keenya jiru fe’umsi inni fe’e balaa kan geessisu yoo ta’e

B. Konkolaachisaan heyyema gaa’umsa dandeettii konkolaachisummaa yoo hin qabu ta’e

C. Mucucaa fi daandii sirriitti ilaaluuf kan rakkisu yoo ta’e

D. A fi C’n deebii dha

E. Deebii hin qabu

9. Amala konkolaachisuu sadeen kan jennu isaan kami?

A. Miira, hubachuu, dandeettii

B. Maal nadhibdee, lola cina daandiirraa, ariifachuu

C. Obsa dhabuu, xiyyeeffannaa kennuu dhiisuu, ariifachuu

D. Deebii hin qabu

E. Hunduu deebii dha

10. Karaa HIV AIDS’n itti daddarbu

A. Waldhungachuun

B. Wal qunnamtii saalaa daangaa hin qabnee fi yeroo balaa of-eeggannoo osoo hin

godhiin dhiiga tuttuquu

C. Koondomii fayyadamuun

D. Hunduu deebii ni ta’a

E. Deebii hin qabu

11. Konkolaachistootni dhugaatii alkoolii dhuganii konkolaachisan

A. Konkolaataatti siqanii konkolaachisu

B. Saffisa gadi bu’aa ta’een konkolaachisu

C. Hamma ariitii isaanii ni to’atu

D. A fi B’n deebii dha

E. Deebii hin qabu

12. Miira itti gaafatamummaa konkolaachisaan itti dhaga’amu kan inni raawwatu

A. Hojii konkolaachisuuf, yaadaa fi sochii, naamusaa fi seera amantii gargaaramuu

B. Kanneen biroo irratti miidhaa fi balaa akka hin uumne of-eeggachuu

C. Daandii guddaa irratti imaltoota lafoo fayyadaman kaayyoo, wixinee fi galma ga’umsa

sochiif qindaa’anii hojjechuu

D. Hunduu deebii dha

E. B fi C’n qofti deebii dha

Caalii pheexiroos

13. Bu’a qabeessa, dandeettii walii galuu kan jedhaman

A. Wal danda’uu, gargaaramuu, murteessuu

B. Of-eeggachuu, murteessuu, gargaaramuu

C. Wal danda’uu, waan qaban hiruu, gara laafessa ta’uu, walii galuu

D. Fireechaa agarsiisuu

E. Deebii hin qabu

14. Ooficha jal’aa ykn sirrii hin taane kan jedhaman warra kami?

A. Obsa dhabuu, dhiibbaa gochuu, maal nadhibee fa’i

B. Obsa dhabuu, maal nadhibee, oftuulummaa fa’i

C. Ariifachuu, dhiibbaa gochuu, oftuulummaa fa’i

D. Hunduu deebii dha

E. Deebii hin qabu

15. Dhimmoota naamusa konkolaachisuu kan hin taane isa kami?

A. Qophaa’ina

B. Dadammaquu

C. Adeemsa odeeffanoo funaanuu fi hiika itti kennuu

D. Sarara keessaa ba’aa galaa oofuu

E. Hunduu deebii dha

16. Faayidaa konneektingi rooddii (connecting rod) ykn (beellaa) kan ta’e isa kami?

A. Sochii olii fi gadii gara sochii naannawaatti jijjiira

B. Sochii olii fi gadii gara sochii dalgeetti jijjiira

C. Sochii piistanii gara koollootti (crankshaft) dabarsa

D. Faayidaa hin qabu

E. Deebii hin qabu

17. Yeroo hedduu maarshii salphaa irra maarshii guddaa gargaaramuun barbaachisaa ta’uu isaa

kan ibsu isa kami?

A. Saffisa argachuuf

B. Humna argachuuf

C. Boba’aa qusachuuuf

D. Dhiphachuu mootoraa hir’isuuf

E. Hunduu deebii dha

18. Kanneen armaan gadii keessaa kutaa qabbaneessuu kan hin taane isa kami?

A. Paampii bishaanii (water pump)

B. Faanii (fan)

C. Teermoostaata (thermostat)

D. Sotokoppaa(gaanii zayitaa) (oil pan)

E. Eksipaanshiin taankii (expansion tank)

19. Zayitiin mootoraa gara kutaa gubiinsi itti geggeeffamu akka hin seenne amartiin (ring) ykn

(faashaan) godhu (dhorku) isa kami?

A. Amartii hukkaamsaa (compression ring) D.Gommiinii (seal)

Caalii pheexiroos

B. Amartii zayitaa (oil ring) E. Sotokoppaa (oil pan)

C. Bironziinaa

20. Kiraankishaaftii irraa haala adda adddaan jechuunis chiingaa ilkaan qabuun, ilkaan ilkaaniin

walqunnamuun ykn cheeyiniidhaan hidhamuun humna argamuun vaalvotni akka banamu kan

nuuf godhan kutaan mootoraa isa kami?

A. Koolloo (kiraankishaaftii ykn crankshaft)

B. Mollaa (ispiriingii ykn spring)

C. Albirookaamii (kaamshaaftii ykn camshaft)

D. Piistanii (piston)

E. Deebii hin qabu

21. Peedaalii firiisiyoonii yeroo kam fayyadamna?

A. Maarshii yeroo jijjiirru

B. Konkolaataa yeroo dhaabnu

C. Mootora yeroo kaasnu

D. Karaa irraangadeetti ariitii hir’isuuf

E. Tabba /gaara irratti ariitii dabaluuf

22. Kutaa laaffisuu (lubrication system) kan hin taane isa kami?

A. Paampii zayitaa(oil pump)

B. Sarara zayiti keessa deemu (oil gallery)

C. Paampii boba’aa (fuel pump)

D. A fi B’n deebii dha

E. Hunduu deebii dha

23. Ilkaan volaanoo (flywheel) waliin wal qunnamuun mootorri akka ka’uuf kan gargaaru kutaa

elektirikaa keessaa isa kami?

A. Dinaamoo (Alternator)

B. Mootariinoo (Starter motor)

C. Riiguleetarii (Regulator)

D. B fi C’n deebii dha

E. Deebii hin qabu

24. Mootorri humnaa ol akka ho’uuf sababa kan ta’uu danda’u isa kami?

A. Baqaquu raadiyaatarii D. Qadaaddoon raadiyaatarii jiraachuu dhiisuu

B. Solola’uu fi cituu chiingaa E. Hunduu deebii dha

C. Hangi zayitii hir’achuu

25. Waa’ee amartii (ring) sirrii kan hin taane isa kami?

A. Zayitiin siliindarii kutaa gubiinsi itti geggeeffamu akka hin seenne godhu.

B. Qilleensaa fi boba’aa ykn qilleensi kophaa isaa sirriitti akka hukkaamamuuf gargaara.

C. Piistanii fi siliindarii gidduu banaa jiru cufa.

D. Amartiin zayitaa hojii zayitii qulqulleessuu ni hojjeta.

E. Hunduu deebii dha.

26. Konkolaachistootni konkolaataa konkolaachisuuf osoo gabbiinaa hin seeniin dura

A. Beeltii nageenyaa (safety belt) hidhachuu qabu.

Caalii pheexiroos

B. Fireeniin sirriitti dalaguu isaa mirkaneeffachuu qabu.

C. Taa’umsa sirreeffachuu qabu.

D. Gommaa ilaaluu qabu.

E. Hunduu deebii dha.

27. Ariitii guddaan yeroo deemnu akka tasaa dhaabbachuuf yoo murteessine walduraa duubaan

qabuun kan nurra jiru

A. Fireenii fi firiisiyoonii

B. Firiisiyoonii fi fireenii

C. Fireenii kophaa isaa gargaaramuu

D. Fireenii fi fireenii harkaa fayyadamuu

E. Deebii hin qabu

28. Dhumiinsa boba’aa hir’suuf

A. Hanga qilleensa gommaa sirreessuu

B. Daandii tiraafikiin itti baay’atu konkolaachisuu dhiisuu

C. Kutaalee boba’aa dabarsan eeggannoon qabuu

D. Gommaa ilkaan hin qabne gargaaramuu dhiisuu

E. Hunduu deebii dha.

29. Faayidaa volaanoo (flywheel) kan hin taane isa kami?

A. Firiisiyoonii irratti hidhuuf gargaara

B. Kiraankishaaftii irratti hidhamuun karaa ilkaan jiraniin mootora kaasuuf gargaara

C. Madaala ykn sochii naannawaa kiraankishaaftii eega

D. Hunduu deebii dha

E. Deebii hin qabu

30. Kanneen armaan gadii keessaa balaa tiraafikaaf sababa ta’uu kan danda’u

A. Maarshii guddaan tabba ba’uu

B. Karaa mirgaa dursuu

C. Ajaja ibsaa tiraafikaa diimaa konkolaataa daddabarsu kabajuu dhiisuu

D. B fi C’n deebii dha

E. A fi C’n deebii dha

31. Mallattoo dhiibbaa zayitii agarsiistu diimaan akka tasaa daash-boordii irratti osoo mootorri

hojjechaa jiruu yoo ife kan tilmaamuu qabnu isa kamii dha?

A. Qulqullinni zayitii hir’ateera jechuu dha.

B. Dhiibbaan zayitii hir’ateera jechuu dha.

C. Zayitiin mootoraa xuraa’eera jechuu dha.

D. A fi C’n deebii dha.

E. Deebii hin qabu

32. Qajeelchituun gara tokkotti akka gototuuf sababa kan ta’uu danda’u isa kami?

A. Jabaatee hidhamuu gommaa

B. Nyaatamuu ilkaan giirbooksii (kaambiyoo)

C. Sharaan fireenii dhumuu

D. Qilleensa gommaa sirrii hin taane

Caalii pheexiroos

E. Zayitiin fireenii hir’achuu

33. Gaaskeetiin teestaataa fi siliinder-bilookii gidduutti argamu kan gargaaru

A. Zayitii mootoraa fi bishaan akka walitti hin makamneef

B. Zayitiin firiisiyoonii fi fireenii akka walitti hin makanneef

C. Bishaanii fi boba’aan akka walitti hin makamneef

D. Zayitiin mootoraa fi boba’aan akka walitti hin makamneef

E. Deebii hin qabu

34. Maarshii tiraanismiishinii awutoomaatikii irratti maarshii isaa “N” kan goonu/keenyu

A. Gara duubaatti deemuu yeroo barbaadnuu dha.

B. Mootora kaasuu yeroo barbaadnuu dha.

C. Tabba ba’uu yeroo barbaadnuu dha.

D. Irraangadee yeroo buunuu dha.

E. Deebii hin qabu

35. Giirbooksii/kaambiyoo irraa humna fuudhee gara difireenshaaliitti kutaan dabarsu ------

jedhama.

A. Volaanoo (flywheel)

B. Pilaatoo

C. Piroppeelershaaftii (tiraansimiisiyoonii)

D. Hunduu deebii dha.

E. Deebii hin qabu

36. Annisaa keemikaalaa gara annisaa elektirikaalaatti kutaan nuuf jijjiiru -------- jedhama.

A. Jenereetera ykn dinaamoo (alternator)

B. Baatirii (battery)

C. Mootariinoo (starter motor)

D. Mootora (engine)

E. Reeguleetara (regulator)

37. Oodoomeetiriin kan inni safaru/lakkaa’u;

A. Hamma baatirii

B. Konkolaataan hamma inni socho’e

C. Dhiibbaa zayitii

D. Hunduu deebii dha

E. Deebii hin qabu

38. Gommaan maddii hundumaan walqixa akka dhumuuf gargaaramuu kan qabnu;

A. Gommaa dafnee jijjiiruun

B. Bakka /taa’umsa/ gommaa waljijjiiruun

C. Gommaa/golollee haaraa bituudhaan

D. Hunduu deebii dha

E. Deebii hin qabu

39. Konkolaachisaan tokko irraangadee yeroo gadi bu’u fayyadamuun kan irra jiru

A. Maarshii guddaa

B. Maarshii salphaa

Caalii pheexiroos

C. Maarshii dudduubaa

D. Maarshii isaa zeeroo irra gochuudhaan

E. Deebii hin qabu

40. Konkolaataa tokko kaasuuf gochuu kan qabnu;

A. Maarshii isaa zeeroo irra kaa’uu

B. Maarshiin osoo keessa jiruu kaasuu

C. Maarshii isaa tokkoffaa irra gochuu

D. Firiisiyoonii dhiituu

E. Deebii hin qabu

41 A. Konkolaataa si fuuldura jiru dursuun dhorkaa dha

B. Konkolaataa fuulduraa dhufaa jiruuf dursa utuu hin kenniin darbuun

dhorkaa dha.

C. Konkolaataa fuulduraa dhufaa jiruuf dursa kenni

D. Daandii kallattii tokko qofaaf heyyemame

E. “D” irraa kan hafe hunduu deebii dha.

42 A. Daandii kee irratti namootni dhaga’uu hin dandeenye waan

siqunnamaniif of-eeggannaan konkolaachisi

B. Ijoollee fi namootni dulloomoon naannoo itti baay’atan waan ta’eef

of-eeggannaan konkolaachisi

C. Namootni waldorgommii ispoortii adda addaa irratti argaman

naannoo kanatti waan baay’ataniif suuta konkolaachisi

D. Daandii sodaachisaa ykn rakkisaan waan siqunnamuuf ofeeggannaan

konkolaachisi

E. Deebii hin qabu

43 Mallattoon daandii cinaa armaan gadii maal ibsa?

A. Waanti socho’u hundumtuu imaltoota lafoo dabalatee darbuun

dhorkaa dha.

B. Humna mootoraan, bineensotaa fi harkaan kan dhiibaman

dabalatee konkolaataan kamiyyuu darbuun dhorkaa dha.

C. Konkolaataan humna mootoraan socho’an darbuun dhorkaa dha

D. Konkolaataan humna mootoraan socho’an ni darbu

E. Deebii hin qabu

44 A. Dhaabuun bakka dhorkaa ta’e

B. Darbuun dhorkaa dha

C. Dhaabadhuu dursa kenni

D. Bakka mallattoon kun jirutti dursa qabda

E. Deebii hin qabu

Caalii pheexiroos

45 Waa’ee fakkii kanaa sirrii kan hin taane isa kami?

A. Mallattoon harkaa kun konkolaataa fuulduraa dhufan ni dhaabsisa.

B. Mallattoon harkaa kun konkolaataa fuulduraa fi duubaa dhufan ni

dhaabsisa.

C. Mallattoon harkaa kun konkolaataa duubaa dhufan ni dhaabsisa.

D. B fi C’n deebii dha

E. Deebii hin qabu

46

47

A. Konkolaataa dudduubaa dhufan dhaabsisuuf mallattoo harkaa

agarsiifamuu dha.

B. Poolisii tiraafikaa fuuldura konkolaattota socho’an akka darbaniif

heyyema

C. Cina poolisii tiraafikaa karaa mirgaan konkolaattotni socho’anii akka

darban heyyema

D. Cina Poolisii tiraafikaa karaa bitaa konkolaattotni socho’anii akka

darban heyyema

E. Hunduu deebii dha

A. Cina poolisii tiraafikaa karaa mirgaan konkolaattotni socho’anii akka

darban heyyema

B. Cina poolisii tiraafikaa karaa bitaa konkolaattotni ka’anii fi

kallattiidhaan gara fuulduraa fi gara bitaatti maqanii kan deeman

darbuu ni danda’u

C. konkolaattota fuulduraa fi dudduubaa dhufan ni dhaabsisa

D. Hunduu deebii dha.

E. Deebii hin qabu

48. konkolaachisaan tokko sirriitti konkolaachise kan jennu

A. Firiisiyoonii walakkaa irratti qabee maarshii yeroo galchuu dha

B. Fireenii qabee yeroo konkolaachisuu dha

C. Daandii maramaa ykn kurbaa irratti ariitii hir’isee yeroo konkolaachisuu dha

D. Hunduu deebii dha

E. Deebii hin qabu

49. Baatirii konkolaataa keenya irratti fiixeen (terminal) negaativii kan qunnamu

A. Baatirii keenya chaarjii kan nuuf godhuu waliin

B. Kutaalee adda addaa elektirika kan dabarsu waliin

C. Qaama konkolaataa waliin

D. Baatiriin fiixee ykn teerminaala negaativaa hin qabu

E. Hunduu deebii dha

Caalii pheexiroos

50. Konkolaataa keenya yeroo hedduuf yeroo dhaabnu gochuu kan hin qabne

A. Furtuu ykn qulfii ittii buqqisuu

B. Fireenii harkaa qabuu

C. Karaa dhaabuuf heyyemame filuu

D. Seentimeetira 40 ol bal’isnee dhaabuu

E. Deebii hin qabu

51. Hojii konkolaachisaa gaarii kan ta’e isa kami?

A. Mallattoolee daandii cinaa kan addunyaa maraa sirriitti addaan baasanii beekuu

B. Mallattoolee daandii fi ajaja poolisii hojiirra oolchuu

C. Konkolaataa fuuldura jiru fageenya sirriin addaan fagaatanii konkolaachisuu

D. Hunduu deebii dha.

E. Deebii hin qabu

52. _____ bu’aa walii gala yaada namaa, ilaalchaa fi gochaa ti.

A. Ogummaa

B. Amala

C. Naamusa

D. Kennaa

E. Dandeettii

53. Konkolaachistootni yeroo konkolaataa konkolaachisan amala isaan agarsiisan gosi

xiinsammuu qoratu _______ jedhama.

A. Naamusa

B. itiksii

C. xiinsammuu konkolaachisuu

D. A fi C

E. deebii hin qabu

54. _____ bu’aa walii gala bilchinaa, dandeettii, barumsaa fi kaka’umsaa ti.

A. Kaka’umsa

B. Amala

C. Gara laafina

D. Qophaa’ina

E. Deebii hin qabu

55. Amala gara kaayyootti sochoosuuf

A. Qophaa’aa ta’uu

B. Kaka’umsa

C. Odeeffannoo funaanuu

D. Hubachuu

E. Deebii hin qabu

56. Adeemsa odeeffannoo naannoo keenya irraa funaanuu fi gara sammuu keenyaatti erguu

_____ jedhama.

A. Hubachuu

B. Kaka’umsa

Caalii pheexiroos

C. Xiyyeeffannaa

D. Qophaa’ina

E. Deebii hin qabu.

57. Gosoota ooficha jal’aa/dabaa kan jennu

A. Obsa dhabuu fi xiyyeeffannaa kennuu dhiisuu

B. Dhiibbaa wal’aansoo gochuu

C. Maalnadhibdee fi loliisa daandii irraa ykn loliisa daandii maddii

D. Hunduu deebii dha.

E. Deebii hin qabu

58. Konkolaachisaan tokko “konkolaachisaa nagaa” jedhamuu kan danda’u kanneen armaan

gadii keessaa yoo isa kamiin raawwatee dha?

A. Seera eegee yeroo konkolaachisu.

B. Poolisiin tiraafikaa jiraate jiraate jiraachuu baate, seera kan kabaju yeroo ta’uu dha.

C. Daandii namootni ittiin irra ce’an imaltoota lafoof dursa kennuu.

D. Baala sammuu namaa adoochu yoo gargaaramuu baatee dha.

E. Hunduu deebii dha.

59. Dandeettii walii galtee bu’a qabeessa kan hin taane isa kami?

A. Wal danda’uu D. Gara laafessa

B. Walii hiruu E. walii galuu

C. Ogummaa

60. Kanneen armaan gadii keessaa adeemsa odeeffannoo funaanuu fi hiika itti kennuu kan

hin taane isa kami?

A. Hubachuu D. Hunduu deebii dha.

B. Xiyyeeffachuu E. Kaka’umsa

C. Xiinxaluu

61. Maarshii ulfaataa jechuun

A. Yeroo gaara/tabba baanu kan itti fayyadamnuu dha.

B. Yeroo irraangadee buunu kan itti gargaaramnuu dha.

C. Ilkaan xiqqaan yeroo ilkaan guddaa naannessu humna uumamuu dha.

D. Maarshii salphaa irra saffisni isaa xiqqaa

E. Hunduu deebii dha.

62. Konkolaataan mootorri isaa naafxaan dalagu tokko ganama hin ka’u yoo jedhe shakkuun

kan nurra jiru kanneen armaan gadii keessaa isa kamii dha?

A. Rakkoo kaarbureetarii qabaachuu isaa ti.

B. Rakkoo puuntiinaa ta’uu danda’a.

C. Rakkoo kaandilleettii ta’uu danda’a.

D. Beenzina qabaachuu dhiisuu isaa agarsiisa.

E. Hunduu deebii dha.

63. Tabba irra konkolaataa dhaabnee yeroo deemnu maarshii nuti fayyadamnu isa kami?

A. 1 ffaa B. kan dugda duubaa C. 3 ffaa D. 4 ffaa E. 5 ffaa

Caalii pheexiroos

64. Konkolaachisaan konkolaataa maarshii aawutomaatikii qabu konkolaachisu saffisa

konkolaataa kan inni dabalu;

A. Biinkoo ykn kolbaa (button) dhiibuudhaan

B. Peedaalii boba’aa dhiibuudhaan

C. Firiisiyoonii dhiituudhaan

D. Maarshii daddabaluudhaan

E. Hunduu deebii dha

65. Konkolaataa fireenii isaa yeroo qabnu maaliif sigigaata ykn mucucaata?

A. Sababii ilkaan goommaa dhumeef

B. Saffisa cimaadhaan utuu konkolaachifnuu yoo akka tasaa fireenii qabne

C. Saffisa irratti akka tasaa qajeelchituu garmalee yeroo naannessinu

D. Hunduu deebii dha

E. Deebii hin qabu

66. Mootora yeroo kaasnu furtuun yoo aal lama rukutame rakkoo inni geessisuu danda’u isa

kami?

A. Piiniyeeniin ilkaan mootariinoo nyaatamuu

B. Ilkaan volaanoo (flywheel) nyaatamuu

C. Hojii ala ta’uu dinaamoo (alternator)

D. A fi B’ n deebii dha

E. Hunduu deebii dha

67. Ibsaa akeekkachiisaa ykn yeroo balaa (hazard light) yeroo kam itti fayyadamna?

A. Miidhaan qajeelchituu fi fireenii to’annoo ala yeroo ta’u

B. konkolaataan keenya akka tasaa miidhamee yeroo dhaabbatu

C. haala ooficha jal’aa fi tasgabbii hin qabneen kan konkolaachisnu konkolaataa dugda

duuba jiru dabarsuudhaaf.

D. Konkolaachisaa kan biraa nagaa gaafachuuf

E. A fi B’n deebii dha

68. Wantoota hundumaa gara dacheetti humni harkisu ______ jedhama

A. Muumentamii

B. Harkisa dachee

C. Annisaa kuufamaa

D. Rigata

E. Deebii hin qabu

69. Walitti bu’iinsa karaa dugda duubaa uumamuuf sababa kan ta’u filadhu

A. Ibsaan dhaabbii waanta hin dalagneef

B. Itti siqanii konkolaachisuudhaan

C. Ibsaan fireenii dalaguu dhiisuusaatiin

D. Hunduu deebii dha

E. Deebii hin qabu

Caalii pheexiroos

70. Yeroo konkolaachisnu dadhabbii fi miirri hirribaa yoo nutti dhagaa’amu gochuu kan

qabnu

A. Baala nama dadammaqsan fudhacchuu

B. Saffisaan konkolaachisuudhaan bakka yaadne ga’uu

C. Konkolaataa dhaabanii boqonnaa ga’aa fudhachuu

D. Deebii hin qabu

E. Hunduu deebii dha

71. . Gargaarsi wal’aansa jalqabaa yeroo kennamu xiyyeeffatamuun kan irra jiru isa kamiif?

A. Dhiigni ni dhangala’a yoo ta’e dhaabuudhaaf yaalii gochuu

B. Nama balaan irra ga’e harganuu akka danda’u gochuu

C. Yoo hin arganu ta’e naannoo afaanii fi funyaanii waanti dhorku yoo jiraate

dhabamsiisuu

D. Hunduu deebii dha

E. Deebii hin qabu

72. . Yeroo balaan jiraatu balaa jalaa miliquuf

A. Dhaabuu

B. Ariitiidhaan konkolaachisuu

C. Qajeelchituu fayyadamuu

D. A fi C’n deebii dha

E. Hunduu deebii dha

73. Mootora konkolaataa yeroo dheeraadhaaf dhaabbatee ture ho’ina ga’aa utuu hin argatiin

dura sochii jalqabuu isaatiin ta’eewwan raawwatan keessaa isa tokkoo dha.

A. Humni konkolaataa duraan ture hir’achuu

B. Yeroo boba’aa itti kennan mallattoo addaan ciccituu agarsiisuu

C. Fireenii miillaa yeroo qabuuf yaallutti fireenii akka barbaadnetti nuuf qabamuu diduu

D. A fi B’n deebii dha

E. Hunduu deebii dha

74. Taa’umsa konkolaachisaan irra taa’u tokko sirratee taa’uu dhiisuu isaatiin haala adeemsa

konkolaachisuu irratti dhiibbaa inni uumuu danda’u keessaa;

A. Qajeelchituu konkolaachisaa gara kallattii barbaachisutti naannessuuf rakkachuu

B. Peedaaliiwwan fireenii fi firiisiyoonii sirnaan itti fayyadamuuf rakkachuu

C. Ta’eewwan konkolaataa alaa ilaaluu fi to’achuuf rakkachuu

D. Hunduu deebii dha

E. Deebii hin qabu

Gaaffilee 75 hanga 80tti jiraniif deebii sirrii ta’e filachuudhaan deebisi. Mallattoolee fi ergaa

isaan dabarsan sirriitti hubadhu!

75. A. Fuuldura kee addabaabaayiin waan siqunnamuuf of

eeggannoodhaan konkolaachisi.

B. Fuuldura keetiin daandiin gara kallattii adda addaatti geessu waan

siqunnamuuf of eeggannoodhaan konkolaachisi.

Caalii pheexiroos

C. Akka xiyyaan sitti agarsiisutti addabaabaayii naanna’i.

D. Addabaabaayii fuuldura keetti siqunnamuun dursa qabda

E. A fi C’ n deebii dha.

76. A. Konkolaataa fuuldura keetii dhufaa jiruuf dursa kenni

B. Daandii qaxxaamuraa irratti daandii kan ce’aniif dursa kenni.

C. Bakka mallattoon kun jirutti dursa qabda.

D. A fi B’n deebii ni ta’u

E. Deebii hin qabu

77. A. karaa botaa naanna’uun dhorkaa dha.

B. Karaa bitaa naanna’anii deebi’uun dhorkaa dha.

C. Karaa mirgaa naanna’anii deebi’uun dhorkaa dha.

D. Hunduu deebii dha.

E. Deebii hin qabu

78. A. Yeroo dheeraaf dhaabbachuun dhorkaa yemmuu ta’u

konkolaachisaan utuu konkolaataa irraa hin bu’iin nama buusuus

ta’e yaabsisuun ni danda’ama.

B. Yeroo dheeraafis ta’e gabaabaaf dhaabbachuun dhorkaa dha.

C. Konkolaataa gurguddaa qofaaf dhaabbachuun dhorkaa dha.

D. Konkolaachisaan bu’ee namoota yaabsisuus buusuus ni danda’a

E. Deebii hin qabu

79. A. Kallattii lamaan qofa akka konkolaachistuuf daandii heyyemame

waan ta’eef of eeggannoon konkolaachisi

B. Daandii kallattii lamaan heyyemu waan ta’eef of eeggannoon

konkolaachisi

C. Daandiin abbaa kallattii tokkoo ture yeroodhaaf kallattii

lamaanuun akka dabarsuuf waan heyyemameef of eeggannoon

konkolaachisi

D. A fi B’n deebii dha

E. Hunduu deebii dha

80. A. Fuuldura keetiin daandii rakkisaa ta’e akka siqunnamu kan ibsu

B. Saffisa kee akka hir’istuuf kan akeekkachiisu

C. Bakka mallattoon kun jirutti dursa qabda

D. Bakka mallattoon kun jirutti dursa qabda

E. Deebii hin qabu

81. “Dhaabbadhu !” kan jedhu mallattoon daandii cinaa filannoowwan armaan gadii

keessaa isa kam keessatti ramadama?

A. Odeeffannoo kan kennan D. Kan to’atan

B. Dursa kan kennisiisan E. Ramaddii hin qabu

Caalii pheexiroos

C. Kan akeekkachiisan

82.Karaa kallattiin si agarsiisu qofa konkolaachisi kan jedhu mallattoon tiraafikaa isa kam

keessatti ramadama?

A. Kan akeekkachiisan D. Kallattii kan beeksisan

B. Kan dirqisiisan E. B fi D’n deebii dha.

C. Kan dhorkan

83.Galgala ibsaa fuulduraa dheeraa fayyadamu kan dandeenyu

A. Daangaa magaalaan alatti 50 m keessatti konkolaataa kan biraan bakka hin jirretti

B. Tiraafikiin bakka heddummatuttii fi naannoo daangaa magaalaatti.

C. Yeroo fireechaawwan hin ifnee dha.

D. Hunduu deebii dha. E. deebii hin qabu

84.Filannoowwan armaan gadii keessaa uumamuu balaatiif sababa kan ta’e isa kami?

A. Karaa bitaa dursuu D. akka tasaa dhaabbachuu

B. karaa mirgaa dursuu E. A irraa kan hafe hunduu deebii dha

C. iddoo dhaabbatanii ka’uuf yeroo fireechaa mirgaa agarsiisan

85.Dursuun dhorkaa dha! Mallattoon jedhu yeroo baay’ee dhaabamuu kan danda’u

A. Daandii maqu irratti

B. Riqicha dhiphoo irratti

C. Hadiida baaburaa naannoo 30 m keessatti

D. Hunduu deebii dha.

E. deebii hin qabu

86.Waa’ee rigataa dhugaa kan ta’e isa kami?

A. Sababa ulfaatina konkolaataatiin rigatni ni dabala

B. Gommaan konkolaataa yeroo dhumu ykn garmalee yeroo afuufamu rigatni ni hir’ata

C. Qilleensi gommaa konkolaataa hanga barbaadamuu gaditti yoo afuufame rigatni ni

dabala

D. Akkaataa daandiin itti hojjetametti rigatoni dabaluus hir’achuus ni danda’a

E. Hunduu deebii dha

87.Rigatni kanneen armaan gadii keessaa isa kam keessatti uumamuu danda’a?

A. Gommaa fi daandii gidduutti

B. Fireenii keessatti

C. Mootora keessatti

D. Kutaalee humna dabarsan keessatti

E. Hunduu deebii dha.

88.Balaa dhabamsiisuu fi ittisuuf wanti furtuu ta’e isa kami?

A. Yeroo konkolaachifnu maal gochuu akka barbaadne konkolaachistoota biroof ibsuu

B. Yaa’insa tiraafikaa fi naannoo ilaaluudhaan to’achuu fi hordofuu

C. Balaa ga’uu/qunnamuu danda’u dursanii raaguu

D. Balaa jalaa miliquuf ariitii konkolaataa fi iddoo sirreessuudhaaf murteessuu

E. Hunduu deebii dha.

89.Mootorri yeroo ka’u furtuu yoo naqa lama rukutan rakkoo akkamiitu uumamuu danda’a?

Caalii pheexiroos

A. Piiniyeeniin ilkaan mootariinoo nyaatamuu D. A fi B’n deebii dha.

B. Ilkaan volaanoo nyaatamuu E. Hunduu deebii dha

C. Ilkaan dinaamoo miidhamuu

90._________ ‘n kutaa dhiphoo kaarbureetarii yoo ta’u qilleensaa fi boba’aan reeshoodhaan

walitti makamanii siliindara seenanii gubatanii dha.

A. Tirootilii D. hunda

B. Chook-vaalvii E. deebii hin qabu

C. Filoot boowul

91.Kutaa mootora beenzinaa irratti qofa qaamni argamu isa kami?

A. Inyaatoorii D. injeekshiin paampii

B. Kaarbureetarii E. sotokoppaa

C. Kaandilleettii

92.Sochii naannawaa naannessituu gara sochii sirriitti kan jijjiiru kutaa qajeelchituu keessaa

isa kami?

A. Ulee naannessituu D. hunduu deebii dha

B. Teestiinii E. deebii hin qabu

C. Saanduqa ilkaan qajeelchituu

93.Humni mootora irraa argamu akka darbuu fi addaan citu kan godhu kutaa humna dabarsu

keessaa isa kamii dha?

A. Kaambiyoo B. Firiisiyoonii C. Difireenshaalii D. hunda E. deebii hin qabu

94.Kanneen armaan gadii keessaa fireeniin zayitaa sirriitti akka hin hojjenne kan godhu isa

kami?

A. Baay’achuu zayitaa D. A fi C’n deebii dha

B. Hir’achuu zayitaa E. B fi C’n deebii dha

C. Sarara zayitaa keessa qilleensi seenuu

95. Kanneen armaan gadii keessaa waa’ee maarshii guddaa dhugaa kan ta’e isa kami?

A. Maarshii guddaa kan jedhaman maarshii 1 ffaa , 2 ffaa fi 3 ffaa fa’i

B. Maarshii guddaa kan jedhaman maarshii 1 ffaa , 2 ffaa fi N fa’i

C. Maarshii guddaa kan jedhaman maarshii 1 ffaa fi 2 ffaa qofa dha

D. Maarshii guddaa kan jedhaman maarshii 1 ffaa , 2 ffaa fi R fa’i

E. Firiisiyoonii malee maarshii gargaaramuun maarshii guddaa jedhama

96. Meeshaalee kutaalee konkolaataa to’atan kan jennu

A. Daawwitii fuulduraa D.fireechaawwan,ibsaadhaabbii,ibsaa gabatee

B. Kutaalee fireenii E. B fi C

C. Kutaalee qajeelchituu

97. Fireenaattaa jechuun maal jechuu dha?

A. Jal’atee hafuu qajeelchituu

B. Qabee hafuu fireenii

C. Gommaan konkolaataa yeroo karaa tokkoon dhumu

D. Foolii kennuu kophee firiisiyoonii

E. A fi B

Caalii pheexiroos

98. Mucucaachuun gommaa kan uumamu yeroo kami?

A. Firiisiyooniin sirriitti yoo gadhiifamuu baate

B. Gommaan konkolaataa yoo hanga barbaadamuun olitti afuufame

C. Rigatni fireenii rigata gommaa fi lafa gidduu jiru yoo caale

D. Gommaa ilkaan qabu yoo ta’e

E. “D” irraa kan hafe hunduu deebii dha

99. Yeroo konkolaachistan maarshiin hin galu jedhee yoo dide

A. Dhumuu zayitii firiisiyoonii ta’uu danda’a

B. Peedaalii firiisiyoonii sirriitti dhiituu dhiisuu keessaniin ta’uu danda’a

C. Kopheen firiisiyoonii dhumuu danda’a

D. Maarshii galchuu seera isaa eegee ta’uu dhiisuu danda’a

E. Hunduu deebii dha

100. Balaa tiraafikaaf sababa kan ta’uu danda’u isa kami?

A. Amala konkolaachisaa

B. Amala konkolaataa

C. Amala imaltoota konkolaataa keessaa fi haala naannoo

D. Hunduu deebii dha

E. Deebii hin qabu

101. Faayidaan fireechaa bitaa

A. Dhaabbachuuf

B. Dursa kennuuf

C. Gara mirgaatti maquuf

D. Toora bitaa irraa gara mirgaatti jijjiiruuf

E. Dursuuf

102. Konkolaattotni lama kallattii tokkorra deemaa oolanii odola/dirree/daandii qaxxaamura

irra yeroo ga’an dursa kan kennamuuf karaa _________ kan jiruuf

A. Bitaa B. mirgaa C. bitaa fi mirgaa D. hunduu deebii dha E. deebii hin qabu

103. Konkolaataa daldalaa ykn kiraa jechuunis 3500 kg – 7500 kg madaalan daangaa

magaalaan ala daandii sadarkaa 3 ffaa irratti sa’atiidhaan kiiloomeetira meeqa deemuu

qabu?

A. 80 B. 60 C. 40 D. 70 E. deebii hin qabu

104.Kanneen armaan gadii keessaa kaayyoo maanuwaalii ti jedhamanii kan ramadaman isaan

kami?

A. Konkolaachistootni meeshaalee konkolaataa ittiin to’atanii fi gargaaraman sirriitti

akka ka’aniif gargaara.

B. Gorsa nageenyaa fi qajeelcha kabajanii akka konkolaachisan ibsuuf

C. Daandii cinatti kan argaman mallattoolee tiraafikaa daandii cinaa kan dhorkan, kan

heyyemanii fi kan akeekkachiisan konkolaachistootatti ibsuun of eeggannoon akka

konkolaachisaniif

D. Hunduu deebii dha E. A fi B’n deebii dha.

105. Naannoo baabura hadiidaa dhaabbachuun kan danda’amu

Caalii pheexiroos

A. Naannoo 20 m ala D. A fi C’ n deebii dha.

B. Naannoo 20 m keessatti E. deebiin hin kennamne

C. Naannoo 6 m keessatti

106. Toora bitaa irraa gara mirgaatti kan jijjiirru

A. Konkolaataa dursuuf D. B fi C’n deebii dha

B. Ariitii hir’isuuf E. deebii hin qabu

C. Dhaabbachuuf ykn maquuf

107. Konkolaataa tokkoof dursa kennuuf ykn dabarsuuf dursinee gochuu kan qabnu isa

kami?

A. Daawwitii dudduuba ittiin ilaalaniin ilaaluu D. hunduu deebii dha

B. Fireechaa mirgaa agarsiisuu E. deebii hin qabu.

C. Ariitii hir’isuu

108. Sababii biyya keenya keessatti balaan konkolaataa baay’atuuf maalii?

A. Hir’achuu ga’umsa konkolaataatiin D. haala qilleensaa

B. Daandiin mijachuu dhiisuu E. deebii hin qabu

C. Amala konkolaachisaa

109. Rukutamuu konkolaataa karaa dudduubaa uumamuuf sababa kan ta’e isa kami?

A. Ibsaan dhaabbii dalaguu dhiisuu D. hunduu deebii dha

B. Karaa dudduubaa itti siqanii konkolaachisuu E. deebii hin qabu

C. Ibsaan fireenii dalaguu dhiisuu

110. Sababii rigataan kutaaleen fireenii fi firiisiyoonii akka hin nyaatamne gochuuf of

eeggannoon godhamuu qabu

A. Fireenii qabanii konkolaachisuu dhiisuu

B. Firiisiyoonii walakkaadhaan qabanii konkolaachisuu dhiisuu

C. Irraangadee irratti ariitii konkolaataa to’achuuf fireenii irra maarshii guddaa

gargaaramuu

D. Firiisiyooniin hidhamee dhiitamee yeroo gadhiifamu sirriitti akka gadhiifamu

godhamee hidhamuu ykn sirreessuu

E. Hunduu deebii dha.

Caalii pheexiroos

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!