You also want an ePaper? Increase the reach of your titles
YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.
FINFINNETRIBUNE | Vol. 01 | No. 01 | March 2013 | Bitootessa 2013 PRINT-ON-DEMAND NEWSLETTER

Oromiyaa, Oromiyaa!

AARIFALIITIIN

Radio Sagalee Oromiyaa (RSO)

Yaa Badhaatuu biyyaa

Fuulgubbeen kee faayaa

Keeysi kee ziqeeya

Si jaalanna, si faarfanna

Nu ilmaan kee siin boonna.

Biyya too Oromiyaa

Manaacihaa biyyaa

Ati nutti-n-goomtu

Hedduu si jaalanna

Jaalala siin maltu

Sirratti dhalannee

Sirraahi soorannee unannee guddanne

Sirratti ababnee beekkoomsaas qabaanne

Yoomuu Si-n-dagannu

Nu Si-n-irraanfannu

ABDIIBORUUTIIN

aboruu@gmail.com

Tokkummaa tokkummaa yaa

ilmaan Oromoo tokkummaa, ...

jedhanii artistoonni keenya yoo

weellisan; Tokkummaan humna!

jedhamee yoo dhaadatamu;

tokummaan barbaachisaa qofaa

otuu hin taane murteessaa dhas

jedhamee yoo dubbatamu fi

barreeffamu ... yeroo baay’ee ni

dhaga’ama ykn ni argama. Haa

ta’u malee, hiika dhaamsa kanaa

Oromootni hunduu ni hubatu

jechuun nama rakkisa. Kanuma

wajjin walqabatee, mee gaafiilee

tokko tokkon kaasa: Oromoon

tokkummaa dhabe moo maaliif

tokkummaan faarsama? Oromoon

tokkummaa maaliiti dhabe?

Tokkummaa maaliis qaba?

Tokkummaa akkamiitu

barbaachisaa dha? Tokkummaa

akkamiitu humna cimaa uumee,

injifannoo fida? fi kkf kaasuu fi

deebii isaaniis argachuun hiika

“tokkummaa” hubachuuf nama

gargaara.

Uummata bal’aa kana akka

Oromoo dhiisii, uummatni

kamiiyyuu uumaadhaan

garaagarummaa qabaachuun

seeruma uumaa ti.

Garaagarummaan kunis kan

amantii, ilaalchaa fi kan naannoo

itti dhalatnii guddatanii fi kkf

ta’uu danda’a. Haa ta’u malee,

Afaan tokko dubbachuun, aadaa fi

seenaa tokko qabaachuun akka

tokko ta’an nama taasisa. Karaa

uummata ykn saba Oromootiin

yoo ilaalle, eenyummaan keenya

“Oromummaan” tokko nu godha.

Inni kun kan waloo ti; kan hafan

hunduu waan dhuunfaa ti. Waan

walootiif dursa yoo kennine,

tokkummaa qabna jechuu

dandeenya. Yoo kan waloo

“Oromummaa” daganne; yoo isa

kana duubatti hanbisne fi waan

birootiif dursa kennine,

tokkummaa qabna jechuun

rakkisaa ta’a. Tokkummaa

uumuu yoo barbaadnellee kun

Oromummaarratti yoo hin

hundoofne, tokkummaan uumnu

kun tokkummaa dhugaa ta’uu hin

danda’u.

Oromiyaa Oromiyaa

Yaa bareedduu tiyya

Rabbii si badhaasee

si godhe addayyaa

Tuqaa tee –n- dandeenyu ilmaan kee martinuu

Haqa nurraa qabdu yoomuu hindagannu

Oromiyaa Oromiyaa

Yaa badhatuu biyyaa

Hundee jiruu tiyyaa

Siifin jira ani halkaniifi guyyaa

Rabbii siRabbii si bareeche

Garayyuun si tolchee

Keeysaa fi ala kankee hunda si miidheeyse

Garaa kee nyaq godhee albudaan badhaasee

Biqiltuu adda addaa sirratti magarsee

Mukkeen garagaraa si gubbaa uffisee

Bineeyyii fi beeyladaa sirra bobobbaasee

Laggeen babbalaqoo si keeysaa maddisee

Si gubbaa lolaasee dheebuu ittiin baasee

Masnoo gagabbisee jiruu abdachise

Alhamdulillaahi janna

Galata galfanna

Ajaa’iba Rabbii dachii tee gabbina

Bilqltuu adda addaa achirraa arganna

Garii soora; ittiini jiraanna

Garii qorsa; ittiin wal’aanamna

Garii u’urgaawoo; ittiin urgeeyfanna; ittiin shashaqanna

Kudraafi mudraa garii maqaan dhawa

Mimi’awoo qaama kenyaaf dawaa

Tokkummaa Tokkummaa Yoo Jennu, Hiika fi Kaayyoo Isaa Hubannaa?

Gaafiilee armaan olitti ka’anitti

deebi’uudhaaf, akka yaada fi

ilaalcha kiyyaatitti, Oromoon

waan isa tokkoomsu qaba; kunis

eenyummaa isaa ti; Oromummaa

dha. Garuu, waan inni kun

dagatamuuf; waan inni kun dursa

hin arganneef; yoo inni kun

duubatti hafe ammoo tokkummaa

jiruuyyuu waan laaffisuuf jecha

tokkummaan faarsama malee,

Oromoon dhalootaan tokkummaa

dhabeetii miti. Karaa biraatiin

yoo ilaalame garuu,

garaagarummaa ayidoolojiirraa

kan maddu, garaagarummaan

ilaalcha siyaasaa uummata

keenya jidduutti waan mul’atuuf,

kun garaagarummaa kaayyoo fi/

ykn galii akka qabaatan taasisa.

Kun ammoo tokkummaa dhabuuf

sababa ta’a. Garaagarummaa

kaayyoo fi/ykn galii qabaachuun

tokkummaa dhabamsiisa ykn

tokkummaa jiru akka laafu

taasisa jechuu dha.

Asirra dhaabbadhee yoon ilaalu,

Oromootni hunduu tokkummaa

kaayyoo fi galii qabsoo isaanii

waan qaban natti hin fakkaatu.

Otuu tokkummaan kaayyoo fi/ykn

galii jiraatee, har’a mooraa QBO

keessatti ilaalchi siyaasaa karaa

lamaan hin mul’atu ture.

Itoophiyaa diimookraatessuu fi

Oromiyaa walaboomsuu kan

jedhan kun gargara bahanii hin

mul’atan turan jechuu dha.

Asirratti wantin dubbistoota

hubachiisuu barbaadu, eessarratti

tokkummaan akka dhabamu

ibsuuf malee, kaayyoo fi galii

kamtu akka isaaf tolu kan

murteeffatu uummata Oromoo

bal’aa dha. Kaayyoo fi/ykn galii

gara garaa qabaachuun

tokkummaa Oromoo hin

dhabamsiisu jedhanii warri

yaadan hin dhabamne. Haa ta’u

malee, garaagarummaan akkanaa

kun diinaaf qaawwa waan

uumuuf, tokkummaa keenya ni

gaaga’a jedheen amana.

Gaafiilee: Tokkummaa akkamiitu

barbaachisaa dha? fi Tokkummaa

akkamiitu humna cimaa uumee,

injifannoo fida? kan jedhaniif,

tokkummaan nu barbaachisu

tokkummaa dhugaa, kan humna

cimaa fi abdachiisaa uumee; diina

barbadeessee, injifannoo

argamsiisu “tokkummaa

eenyummaarratti hundaaye, kan

kaayyoo tokkoof uumamu

tokkummaa Oromummaa” ti.

Gabaabumatti, tokkummaan

Oromummaa bu’ura hin godhanne

tokkummaa wabii qabu ta’uu hin

danda’u jechuu dha. Kanaaf, yoo

Oromummaadhaaf dursa hin

kennine; yoo kan waloo dhiisnee

waan dhuunfaatiif dursa kan

kenninu ta’e, tokkummaa dhugaa

kan hundee cimaa qabu uumuun

baay’ee rakkisaa ta’a. Akka yaada

fi ilaalcha kiyyaatittti,

tokkummaan faarsamu kan

ulaagaa kana guutu ta’uu qaba.

Karaa tokkoon amantii fi

naannoodhaan walqoqqoodaa;

karaa biraatiin garuu tokkummaa

faarsuun bu’aa hin qabu. Yoo

akkanatti kan yaadnu fi dalagnu

ta’e, diina keenyaaf meeshaa taana

malee, uummata keenyaaf

yookaanis qabsoo bilisummaa

keenyaatiif bu’aa argamsiisuu hin

dandeenyu. Mee asirratti fakeenya

tokkon kaasa. Har’a uummatni

musiliimaa, mirgi amantii isaanii

akka kabajamu kunoo waggaa

tokkoo ol sochii cimaa godhaa jiru.

Gaafiin isaanii kun ammaaf gaafii

mirga amantii haa ta’u malee,

booda gara gaafii eenyummaatti

cewuun isaa hin oolu. Kanaaf,

uummatni Oromoo kan amantii

biroo hordofan tokkummaa

Oromummaa uumuuf; diina waloo

injifachuuf; uummata musiliimaaf

tumsa ta’uun barbaachisaa qofaa

otuu hin taane, dirqamallee ta’uu

qaba jedheen yaada.

Akkuman kanaa olitti tuqee dabre fi

yeroo adda addaas barruulee kiyya

keessatti ibsuu yaale, mooraa QBO

keessatti yaadni karaa lamaa

yookaanis kaayyoon lama ifatti akka

mul’atanii dha. Isaan lamaan kunis

Itoophiyaa diimookraatessinee;

kana keessatti mirgi Oromoo akka

kabajamu taasisna warra jedhani fi

warra bilisummaa Oromoo fi

walabummaa Oromiyaa galii

booddee godhatanii dha. Kaayyoo fi/

ykn galiin kun ifa ta’ee bakkee

lamatti haa bahu malee,

jaarmayootni Oromoo, kan kaayyoo

walfakkaataa qaban, garuu

Boqqolloo, mishingaa,

Qamadii fi garbuu esoo fii dagussa

Baaqilaa, daangullee, shumburaa, fasooliyaa

Baaqil, dubbaafi ujuree

Shunkurtaa, baharoo, qullubbiifi qaccee

Kaaroot, hiddiimiifi fujuul

Lakkawamee –n- dhumu

Wanni magarsitu dachiin Oromiyaa

Mataan hin dhukkubin qotee bulaa Kenya

Yaa abbaa oomishaa masnoo lafa tenyaa

ammallee gara garatti hiramanii

jiru. Gaafiin asirratti ka’u fi kan

namaa hin galle garuu: Warri

kaayyoo walfakkaataa qaban

maaliif “tokkummaa kaayyoo” hin

uumne? kan jedhu ta’a.

Warri bilisummaa Oromoo fi

walabummaa Oromiyaa galii

kaayyoo isaanii godhatan,

xinnaatullee gara walhubannootti

deemaa jiru. Walittibaqanii

jaarmayaa tokko jalatti

ijaaramuun yeroodhaaf yoo hin

danda’aminillee galii barbaadan

sana gawuuf tumsa waliif ta’uuf

waan yaadan fakkaatu. Gama

warra Itoophiyaa

diimookraatessuutiin yoo ilaalame

garuu, waa baay’eetu gaafii keessa

galaa jira. Jaarmayootni Oromoo

kan garee kana keessa jiran,

kaayyoo walfakkaataa

qabaatanillee tokkummaa kaayyoo

uumuun hafee, adeemsuma

isaaniirrattuu waan wal hubatan

natti hin fakkaatu. Yoo tooftaa fi

tarsiimoo adda addaa qabaatanis,

hanga kaayyoo walfakkaataa

qabaatanitti, adeemsa isaaniirratti

tumsa waliif ta’uun akka yaadaatti

silaa ni danda’ama ture. Ammaaf

wanti mul’atu garuu hin jiru.

Dhugaa dubbachuudhaaf, yoo

dhuguma humna uumanii karaa

kanaan uummata Oromoo

gabrummaa jalaa baasuu kan

danda’an ta’e, ani akka nama

tokkootti warra Itoophiyaa

diimookraatessina jedhanirraa

rakkoo hin qabu. Karaa itti

amananii fi danda’aniin

qabsaa’anii; injifannoolee QBOn

hanga har’aatti argamsiise hundaa

tiksanii; uummata keenyaaf

jijjiirama biroo kan fidan yoo ta’e,

akka ilma Oromootti, ani jara

kanaaf kabaja Obbolummaan

qabaaf. Wantin ani shakku garuu,

Habashoota wajjin hojjetanii

injifannoo biroo argamsiisuu dha.

Asirratti dubbii tokkon yaadadha.

Nama tokkotu otuu hin beekin

nama meeshaa isaa hate wajjin

meeshaa jalaa bade barbaadaa

otuu jiruu; namni biraa tokko

akkana jedhaan: “Yaa namtichoo

kan meeshaa kee si jalaa hatee

dhokse si wajjin barbaadaa waan

jiruuf, meeshaa barbaaddu kana

argachuu hin dandeessu” jedhaan.

PAGE 11

Aax, muzaa fi zeytuna

Ambaa, barquuqii fi burtukana

Tuffaaha, afandii ykn Mandarina eeynabaas ni qabnaa

Waa xiqqoon dubadha mee waa’ee bineensaa

Beekamaas ni qabnaa oromiyaa keeysaa

Kanneen akka Yayyii ,Lencafii, Qeyransaa

Biyya cufaa dhufaa marti dawii isaa

Wennii fi Qalamee kan akka Jaldeesaa

Arba, Sattawwaafi Harree diida keeysaa

Waan hedduutu jira biyya tenya keeysaa

Hundumti isaatu nama hinaafsisaa

Tanaaf ciisa dhabee diinni ija baasaa

Ilmaan oromiyaa mee na caqasaa

Tuni kunoo dhaamsaa

Akkaan jajjabesaa

Oromiyaa tiysaa

Sagalee Oromiyaatiif

ILAA FI

ILAAMEE

Uummatni Oromoo Habashootaan

gabroonfatamee bilisummaa fi

abbaabiyyummaa isaa dhabe.

Erga gabrummaa kana jalatti

kufee kaasee waan dhabe sana

deebisee argachuuf qabsaa’aa jira.

Egaa, dhugaan kana ta’ee otuu

jiruu, akkuma namtichi nama

meeshaa isaa hate wajjin

barbaadee argachuu hin

dandeenye sanaa, Oromootni

Habashoota wajjin hojjetanii;

waan barbaadan sana argachuun

ni danda’amaa laata? Kanaaf,

tokkummaan kaayyoos

barbaachisaa yoo ta’ellee, warra

kaayyoo walfakkaataa qaban

(ilmaan abbaa fi haadha tokkoo)

waliin mooraa ofii keessatti

tokkummaa kaayyoo uumuutu

sirrii natti fakkaata. Tumsi alaa

barbaachisaa yoo ta’ellee, dura

tokkummaa mooraa ofii

jabeessuutu wabii ta’uu danda’a.

Humna ofii otuu hin jabeessin,

humna alagaa wajjin hojjechuun

booda liqimsamuu ta’a.

Dhumarratti, jaarmayootni

keenya, kaayyoo kamiiyyuu haa

ta’u, kan kaayyoo fi galii

walfakkaataa qaban, tokkummaa

Oromummaa kan hundaa

hammatu ijaaruun yookaanis

walittibaqanii jaarmayaa tokko

jalatti ijaaramuun yoo hin

danda’amne, tokkummaa kaayyoo

uumanii; kaayyoo qaban sana galii

hawwamutti geessuuf tumsa

waliif ta’uun; walirratti duuluu

dhaabanii diina waloorratti irree

tokkoon duuluun; mooraa keenya

keessatti nagaa fi tasgabbii

buusuun dirqama Oromummaa

akka ta’u hubachuu qabu.

Tokkummaa, tokkummaa

jedhaniituma dubbachuurra hiika

fi kaayyoo isaas beekuun ykn

hubachuun murteessaa dha.

Waanuma barameef, tokkummaan

humna! jedhanii dhaadachuurra,

tokkummaan dhugaa ijaaramee

akka humna jabaa uumu

ciminaan irratti hojjechuun

injifannoof ofqopheessuu dha.