18.06.2013 Views

Finfinne Tribune

Finfinne Tribune

Finfinne Tribune

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

FINFINNETRIBUNE | Vol. 01 | No. 01 | March 2013 | Bitootessa 2013 PRINT-ON-DEMAND NEWSLETTER PAGE 8

Seattle

Waamicha Wal Ga'ii Ibsa Waloo

Kan Araara fi Tokkoomsuu ABO

Ibsa araara walhubannoo waliigalte Qabsaawootaa kan

dheeraf ummata bal’aa Oromoo biratti hawwamaa ture,

amma waliigaltee milkii fi injifannoo tahuu isaa ilaalchise

ibsi kennama. Sagantaa guyyaa kana irratti bakka bu’oonni

ABO Shanee Gumii, QC fi Gurmuu Qabsaawootaa

argamanii ibsa bal’aa keennuuf waan qophaawanii jiraniif

hawaasni Oromoo kan qubsumaan naannoolee Seattle,

Portland, fi Vancouver jiraattan ykn qubattan hunddi itti

baha walii galtee fi araara mooraa QBO keessatti tahe kana

ilaalchisee ibsa kennamu irraa akka qooda fudhattan

kabajaa lamummaa fi Oromummaattin isin afeera.

Guyyaa: Guraandhala (February) 23, 2013

Bakki: The 2100 Building 24th Avenue South Seattle WA - 98144

Yeroon: 3:00WB – 8:00WB

Koree Qopheesituu

Ilaa fi Ilaamee

Maaljechi “Walabummaa” fi

“Bilisummaa” Garaagaraa?

IBSAAGUUTAMATIIN*

Gubirmans.com

Qooqoti lamaan “walabummaa

fi bilisummaan”guutummaa

biyyaa keessatt rimsama tokko

ifsuuf dhimma itt bahama ture.

Kan too’annoo, olhaantummaa

yk dhiibbaa qaama biraa jala

hin jirre akka fedha ofiitt

jiraatu jechuuf tajaajilu. Gandi

tokko isaan keessa tokkoti

caalaa dhimma baha ta’a.

“Sillichaan qalqalloo qalqalloon

silichaa” isa jedhan sana hin

darbu. Oromoon Maccaa tokko

yoo “walabicha Walabuu” ofiin

jedhu yk qabsaawaan tokko

“dirre bilisoomte” jedhu akka

qooqoti kun saala fi akaakuun

utuu adda hin baasin hundaaf

dhimma itt bahamu agarsiisa.

Qooqoti balchummaa,

birmadummaa, luba baasa,

ofiin bulummaa, gaddhiisaa

jedhanis kanuma ifsu. Garuu

Ofiin bulummaan diddaa haala

jiruf sarmu dhiisuu yoo ta’u,

gadhiisaan hidhaa keessaa gad

dhiifamuu agarsiisa. Akka

dambooba dhabuutt kan laalan

jiru. Luba bahunis koolummaa

irraa walaboomu agarsiis.

Qooqoti kun afaan English

keessattis “independence,

freedom, liberation” jedhamani

hala hundaaf maljecha

walfakiif dhimma itt bahama.

Fakkeenyaaf “independence of

Oromiyaa, freedom of

Oromiyaa, liberation of

Oromiyaa” jechuun waanuma

tokko. Akka biraattis yoo

dhihatan, waliindeemaa saanii

keessatt qayyabatamu. Kan

kaaneef “walabummaa fi

bilisummaaf” waan ta’eef isaan

haa caqasnu.

Kurnan lamaan darban keessa

“walabummaan” biyyaa

“bilisummaan” ummataaf kan

jedhu golee ta’e keessaa

darbatamnaan hedduun gaaffii

malee baasaa baranee

(fashionable) ta’innaa jedhanii

dhimma itt bahuutt ka’an.

Obsaan dhaabbannee dura kan

nutti dhufe qorqoruun hafee

tasummaan hurrisa darbu

waliin didichuun barsiifata nuu

ta’ee jira. Qooqoti dhiibbaa hala

hawaasa keessaa, barreessotaa,

malbulcheessota, malraagotaa

kkf. dhawaatan akka danaan

itt bahu fi maljecha jijjirrachuu

fi haaraan umamu dandahu

beekamaa dha. Beekaa gara

dabarsuufis kan jijjiiran jiru.

Haa ta’u malee rimsama

haaraan yoo baheef fulduraaf m

alee kan darbe irratt jijjiirama

fiduu hin danda’ani, raga sobaa

uumuu danda’uu. Kurnan

lamaan dura barruulee fi

(Gara Fuula 9tti)

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!