Baafata
Baafata
Baafata
You also want an ePaper? Increase the reach of your titles
YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.
Baafata

Seensa ......................................................................................................................... i

Akkaataa Kitaaba Qajeelfama Hojii Kanatti Itti Gargaaraman ...................................... iii

Hojjaa 1 - Yaada Waljijjiirsa .......................................................................................1

Hojjaa 2- Sona Keenya ............................................................................................11

Hojjaa 3 - Ofbeekuufi Ofitti Amanu ......................................................................... 19

Hojjaa 4 - Murtee Kennuufi Jireenya Fuulduraa Kaayyeffachu .................................28

Hojjaa 5 - Qulqullina Ofiifi Naannoo .......................................................................37

Hojjaa 6 - Kutaalee Qaama Keenyaafi Yeroo Saalffattee .........................................44

Hojjaa 7 - Gocha Barsiifataa Miidhaa Fidaniifi Korniyaa .......................................... 57

Hojjaa 8 - Barsiifata Hamaa Irraa Of Dhorkuu ......................................................... 68

Hojjaa 9 - Ech Ayi Vii Eedsii (HIV/AIDS) ............................................................... 76

Hojjaa 10 - Loogiifi Qoqqobbii .................................................................................. 85

Qabxilee Yaadannoo ............................................................................................ 94

Fuula
Galata

Kitaaba qajeelfama hojjaa kana qopheessuu irratti namootaafi dhaabbilee hedduutu

gargaarsa hojii nuuf godhanii jiru. Keessumattiyyuummoo ogeeyyiifi durabuutotni Seev ze

Childreen U.S.A (Save the Children USA), A.E.D.A., Woorld Leerning Itoophiyaa (World

Learning Ethiopia) fi USAID gargaarsa guddaa isaan nuugodahniif nigalateeffanna.

Kessumatimmoo, gargaarsa horii USAIDiin nuugodheef galata baay'ee guddaasaa

dhiyeessina.

Heelz Komuunikeeshin Paartinarship

Lakkoofsa bilbilaa 011-4169212

L. S. P. 18898

Faaksii 011-4169217

Finfinnee
S e e n s a

Kitaabni qajeelfama hojii kun Itoophiyaa keessatti umuriin isaanii keessumatti waggaa

kudhanii hanga kudha-lamaa kan ta'e barattoota idilee kutaa shaniifi ja'aatiif kan

qophaa'eedha. Xiyyeffannoon inni guddaan kitaabichaa waa'ee Ech Ayi Vii Eedsii

(HIV/AIDS) fi akkaataa jireenyaa barsiisuudha. Kanas haala gaariidhaan barsiisuufi

hojjaaleen barsiisaa kudhan filatamanii jiru. Isaanis, yaada waljijjiiruu, sona keenya,

ofbeekuufi ofitti amanu, murtee kennuufi jireenya fuulduraa kaayyeffachuu, qulqullina ofiifi

kan naannoo, kutaalee qaama keenyaafi yeroo dargagummaa/dardarummaa, gocha

barsiifataa miidhaa fidaniifi korniyaa, barsiifata gadhee irraa ofeeggachuu, Ech Ayi Vii

EEdsii (HIV/AIDS)fi loogiifi qoqqobbiidha. Tokkoon-tokkoon hojjaa kanaa ofkeessatti

kaayyoo, ijoo ergaa, hojicha gabaabaatti, yeroo kenname, meeshaalee barbaachisanifi

qophee duraandursaan godhaman kan jedhaman kutaalee xixiqqaa qabatee jira.

Hojilee yookiis mata-duree barumsaa armaan olitti caqasamani irratti kan xiyyeffataniifi

waa'ee Ech Ayi Vii EEdsii (HIV/AIDS)fi ogummaa jireenyaa ilaalchisee ergaa faayidaa

guddaa qaban dabarsuu kan nama dandeesisan malootni barsiisaa adda-addaa filatamanii

jiru. Isaanis, durdurii gagabaabdu, tapha adda-addaa, gaaffilee irratti dudubbatan,

shaakala, taphaafi hojilee manaati.

Sagantaa kanaaf kan filataman mannen barumsaa keessati barumsa kana kan kennan,

leenjii barbaachisaa kan fudhatan barsiistota kutaa shaniifi ja'aa yoota'anillee, akkaataan

haala naannoo yoo barbaachisaa ta'ee lenjii kan fudhataniifi hojichaa wajjin walitti

dhufeenya kan qaban ogeeyyiin garabiroon barsiisuu nidanda'u. Barumsi kun kan

kennamu yeroo barumsa idilee alatti.

Kaayyoo guddaan kitaaba qajeelfama hojii kun barattootni jijjiirraa amalaa faayidaa qabu

agarsiisudhaan Ech Ayi Vii EEdsii (HIV/AIDS) irraa akka of eeggatan dandeesisuudhaaf.

Jijjiirraa amalaa agarsiisuun waan yeroo dheeraa fudhatu ta'uunsaa amanamaadha.

Jijjiirraan amalaa akka dhufuuf garuu duraandursanii dhufuu kan qaban jijjiirraan

tokko-tokko nijiru. Waan kana ta'eef kitaabni qajeelfama hojii kun firii jijjiirraa durandursanii

eegamaniifi firii jijjiirama amalaa of keessatti qabatee jira. Isaanis,

i
1. Firii Jijjiirraa Eegamanii

ii

. Beekumsiifi ogummaan barattootaa nidabala.

. Barattootni waan balaatti isaan saaxilu hubatanii ni'ibsu.

. Barattootni amala gaarii fiduuf dhaabbilee gargaarsa godhan addaan baasanii

nihimu.

. Barattootni waa'ee Ech Ayi Vii EEdsii (HIV/AIDS),waa'ee fayyaa sirna-hormaataafi

(reproductive health) waa'ee gocha barsiifataa miidhaa fidanii yaadasaanii ifaan

nidubbatu.

. Barattootni korniyaa irratti ilaalcha qaban nifooyyessu.

2. Firii Jijjiirraa Amalaa

. Barattootni quunnamtii saalaa turanii jalqabu.

. Barattootni qulqullina isaanii nieeggatu.

Barattonni yaada isaaniifaan yoo mari’atan
Akkaataa Kitaaba Qajeelfama Hojii Kanatti Itti Gargaaraman

Kitaabni qajeelfama hojii kun of keessatti kan qabate hojjaalee kudhan irratti sochii

godhaman ilaalchisee ajajaalee tartiiba isaani eeganii taa'an qabatee jira.

Tokkoon-tokkoon hojjaa (mata-duree barsiisaa) kanaa seensa isaa keessatti waan

armaan gadii ibsa.

✦ Kaayyoo hojichaa

✦ IJoo ergaa /qabxii ijoo /ijoo dubbii

✦ Hojicha gabaabaatti

✦ Yeroo kennameefi meeshaalee barbaachisan

✦ Qophii duraandursaa

Yeroo baay'ee hojjallen kan jalqaban waan barattoota kakkaasan yookiis ho'isan

adda-addaatiin. Itti aansee sochiifi durdurii gaggabaabdu ijoo ergaa darbuu

calaqqeesisantu dhiyaata. Sochileen godhamanis barattoota 35 hanga 40 ta'aniif

yaadamanii kan qopha'aniidha. Tokkoo-tokkoo hojjaa kanaa barsiisuuf sa'atii tokko

fudhata jedhamee yoo murtaa'ellee akka amalaafi bal'ina isaaniitti hojjaaleen hanga sa'atii

tokkoofi walakkaatti fudhatan nijiru.

Hojjaaleen tokkoo-tokkoo "barsiisichaaf yaadannoo" kan jedhu yaadachiisa qabu.

Yaadachiisni kunis qabxilee barsiisaan sun yaadaan qabachuun irra jiruu caqasu. Kana

irra darbees barsiisaan sun rakkinni yoo isa quunname hiikuu akka danda'uuf kan

gargaaraniidha.

Barsiisaan tokkoo-tokkoo hojjaa as keessa jiran utuu hinbarsiisin duraan dursee waliigala

ergaa hojichaafi sadarkaa sadarkaadhaan waan hojjetaman irratti hubannoo argachuu

qaba. Barbaachisaa kan ta'an qophilee duraandursaa gochuufi dhuma irrattis hojii manaa

kennuun dirqama barsiisichaati.

iii
Barsiisichi hojjaalee tokko-tokko kan akka eegumsa qulqulinaa, kutaalee qaamaa, yeroo

saalfatinaa, gocha barsiifataa miidhaa fidaniifi Echi Ayi Vii EEdsii (HIV/AIDS) ilaalchisee

gaaffilee ka'aniif deebiisaaniitiif dhimmichi kan isaan ilaalu ogeessota naannootti argaman

irratti hirmaachisuu qaba. Ogeessonni akkasii naannoo hinjiran yoo ta'ani barsiisaan sun

mana barumsichaa ala adeemuudhaan caaffata barbaachisaa ta'an dubisuudhaan ibsaafi

deebii argachuu qaba.

Kitaaba kana keessatti kan argaman durdurii gaggabaabduufi dubbifata garaa-garaa

kessa maqaalee jiran barsiisaan maqaalee naannootti beekamaniin bakka buusee odichi

akka caalaatti namaa galuufi nama hawwatu akka godhu nigorsama. Tarii durdurii kana

barattootaaf dubbisuu irra, qabeentaa isaanii sirriitti hubachuudhaan afaaniin

barattootatti himuun karaa garabiraa ta'uu isaa ni'ibsina.

iv

Barsiisaan barattootaaf ibsa yoo godhan

Barumsa Gaarii!!
1

Yaada Waljijjiirsa

✦ Barattootni barbaachisina dhaggeefachuufi yaada

waljijjiiru akka beekan barsiisu.

✦ Barattootni ifaa kan ta'aniifi firii kan qaban maltoota

yaada waljijjiirsaa addaan baafatanii akka hubatan

gochuu.

✦ Karaan yaada waljijjiirsaa gosa baay'eedha. Isaanis,

amala keessatti qooda fudhachuu kan hinqabne

(passive communication), amala ofitti amanuu kan

qabuufi, amala dhiibbaa uumuu (authortitarian).

✦ Amala ofitti amanuu kan qabu gosi yaada waljijjiirsaa

hundarra kan wayyuufi filatamaa kan ta'eedha.

✦ Dhaggeefachuun barbaachisaa kan ta'e ogummaa

jireenyaati. Namootni nutti dubbatan dammaqinaafi

obsaan yeroo isaan dhaggeefannu itti tola. Kanarraa kan

ka'e yaada isaanii ibsuuf fedhii godhatu.

✦ Yaada ofii karaa gabaabaafi ifaa ta'een dubbachuu

(mallatteessuu) danda'uunis baay'ee barbaachisaa kan

ta'e ogummaa jireenyaa isa garabiroodha.

✦ Jalqabatti barattootni yaada waljijjiirsi akkamitti akka

adeemsifamu kan ibsu "bilbila" kan jedhamu sochii isaan

kakaasutti gargaaramuudhaan barumsa jalqabu. Itti

aansaniimmoo waa'ee dammaqinaan dhaggeefachuu irratti

dudubbatanii shaakala godhu. Kana booda maloota yaada

waljijjiirsaa adda-addaa kan barsiisan taphoota taphatu.

Dhuma irrattis barsiistichi ganda tokko keessatti tiksee kan

ta'an waa'ee obboleewwan tokkoo kan barreeffame durdurii

gabaaba barattootaaf dubbisa.

H

o

j

j

a

a
2

Sochii Dammaqinaa "Bilbila" Jedhamu

✦ Daqiiqaa 60

✦ Kophéé

✦ Waraqaa yaadannoo irratti barreessan

✦ Boronqii

✦ Gabatee gurraacha

✦ Kaayyoofi ijoon ergaa hojichaa maal akka ta'e sirriittii bari.

✦ Tartiiba akkaataa barumsichi itti dhiyaatu hubadhuutii

gosaafi haala ibsameen sochiilee jiran sadarkaasadarkaadhaan

hojii irra oolchuuf qophaa'i.

✦ Meeshalee barsiisuudhaaf barbaachisaa ta'an qopheessi.
Hojilee Sadarkaa-sadarkaadhaan Hojjetaman

Sadarkaa 1 Bilbila

Kanatti aansee barattootni "bilbila" kanjedhamu sochii nama dammaqsu

akka isaan godhan itti himi. Barattootni geengoo guddaasaa hojjetanii

akka dhaabatan erga gootee booda gurra barataa/barattuu gara mirgakee

jirutti/jirtutti ergaa tokko himi. Barataan/barattuun ergaa sana

fuudhes/fuutes haala kana fakkaatuun barataa/barattuu karaa mirga

isaa/ishii jirutti ergaa sana haadabarsu/haadabarsitu. Akka kanatti ergaan

sun hanga barataa/barattuu isa/ishii dhumaatti adeema.

Barataan/barattuun inni/ishiin dhumaas sagalee ol kaasuudhaan ergaa

isa/ishii ga'ee akka hunduu dhaga'uuf dubbata/dubbatti.

Barataan/barattuun tokko ergaa gurratti itti himame sana irra

deebi'ee/deebitee gaafachuun hineyyamamuuf.

Sadarkaa 2

Sadarkaa 3

Hima salphaa ta'e tokko barataa/barattu sicinaa jirutti/jirtutti gurratti

himuudhaan sochii jalqabsiisi. Fakkeenyaaf hima kan akka "Fuulakoo gara

boodaatti deebisee mana barumsaa deemuudhaan yeroon achi ga'u inni

michuukoo wajjinan sirba" jedhutti gargaaramuu dandeessa. Akkaataa

kanaan ergichi hanga barataa/barattuu isa/ishii dhumaatti ha'adeemu.

Barataan/barattuun inni/ishiin dhumaas ergaa dhaga'e /dhageesse

hundumatti sagalee olkaasuudhaan haahimu/haahimtu.

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Barataan/barattuun inni/ishiin dhumaa ergaan inni/ishiin hundatti

hime/himte kan ani barataa/barattuu isa/ishii jalqabaatti himee

wajjin tokkoo?

2. Ergaaleen kun kan garaagara ta'aniif maaliif isinitti fakkaata?

Ergicha ifaa gochuudhaaf maal godhamuutu irra ture?

3. Waliigaluu dadhabuu jechuun maal jechuudha? Waliigaluu

dadhabuun akka uumamuuf sababii kan ta'an keessaa waan

yartuun maalfa'i?

3
Sadarkaa 4

Sadarkaa 5

Sadarkaa 6

Sadarkaa 7

4

Dammaqinaan Dhaggeefachuu

Kanatti ansiitii sochii dhaggeefataa gaarii ta'uun akkamitti akka danda'amu

kan barsiisu akka dhiyaatuufi dhaggeefataa gaarii ta'uunimmoo yaada

waljijjiirsaaf barbaachisaa ta'uu isaa ibsi. Gaaffilee kanatti aananis

gaafadhu. Dhaggeefataa gaarii ta'uudhaaf kan nama gargaaran maalfa'i?

Yaada baay'ee barbaachisaa ta'e tokko nama tokkotti himuu

yoobarbaaddee yaada sana sodaa malee akka ibsituuf namni

sidhaggeefatu sun wantinni gochuu danda'u maalfa'i?

Deebii barattootni kennan gabatee gurraacha irratti barreessi. Deebii

kennaman keessatti barattootni waan akka "ija keessa sirriitti walilaaluu,

dubbii gidduutti kutuu dhiisuu, waan dubbataan sun jedhu irra deebi'anii

dubbachuufi orma kabajuu" yoohinhimne ta'e akka himan godhi.

Barattoota garee lamatti qoodi. Lamaan keessaa barattoota tokko-tokko

kaasiitii inni tokko dubbataa inni kaanimmoo dhaggeeffataa akka ta'u

gaafadhu. Warri dubbatan sanbata xiqqaa yeroo hundaa maal akka hojjetan

daqiiqaa lamaaf barattoota warra dhaggeffatanitti akka himan gaafadhu.

Dubbataafi Dhaggeeffataa

Daqiiqaa lama booda warri dubbatan waa'ee mana barumsaa isaanii maal

akka jaal'atan sababiisaa wajjin akka ibsan gaafadhu. Yeroo kana warri

dhaggeeffatan akka dhaggeefatoota gadhee ta'an gaafadhu, fakkeenyaaf

yeroo dubbataan sun dubbatu bakka biroo ilaaluudhaan, dubbii isaa

gidduutti kutuudhaan, yookiis yaada nama aarsu dhiyeessuudhaan ta'uu

danda'a.
Sadarkaa 8

Sadarkaa 9

Sadarkaa 10

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Ogummaa dhaggeeffachu gaarii kan himamaniin gargaaramtaniittu?

2. Ogummaa dhaggeeffachu kanaan gargaaramanii yeroo

dhaggeeffatan maaltu namatti dhaga'ama?

3. Warri dubbattan yeroo dhaggeeffatootni gaarii hinta'in isin

quunnaman maaltu isinitti dhaga'ame?

4. Dhaggeeffataa gaarii ta'uun barbaachisaa kan ta'u maaliifi?

Yaada Waljijjiiruu

Kanatti aanee kan jiru ibsi. Dhaggeffachuun sochii yaada waljijjiirraa

godhamu keessatti ogummaa isa tokko duwwaadha. Firii kan qabu yaada

waljijjiirraa gochuuf yaadni mataa ofii gatii guddaa akka qabu hubachuufi

beeksisuun barbaachisaadha. Kanati aansiiti barattootni garee sadi'itti

qoodamanii yaada kanatti aanu irratti tapha akka agarsiisan godhi.

Yaadichis, barataa guddaan tokko umuriidhaan isaa gadi kan ta'e barataa

garabiroon akka kophéé kennuufiif gaafata. Barataan inni gaafatames

kennuufii akka hinfeene kara garaa-garaa itti hima. Tokkoon tokkoon garee

sanaa barattoota lama-lama

akka filatan godhi.

Kanatti aane kan jiru barattootaaf ibsi.

Amala keessatti qooda fudhachuu kan hinqabne yaada waljijjiirsi (passive

communication) kara ittiin yaada waljijjiiran keessaa isa tokko. Gosa yaada

waljijjiirsa akkasii keessatti namni tokko yaadaafi sona ofii irra kan ormaa

dursiisa. Namtichis wanti isatti dhaga'amu akka waan gatii hinqabneetti

yaadusaa irrayyuu ofiisaa ormaa gadi godhee yaada. Yeroo yaada

waljijjiirsi adeemsifamu qabxilee barbaachisaa ta'an hinkaasu. Kun

kanta'usimmoo tarii orma miidhinnaa jedhee waan yaaduufi. Yaada

waljijjiirsaa qooda fudhachuu hinqabne namni adeemsisu yeroo ormi

yaada waljijjiiru inni mataa buusee taa'a. Sagalee isaas baay'ee gadi

qabee yookiis xiqqeessee dubbata. Yeroo baay'ees dhiifama gaafata.

5
Sadarkaa 11

Sadarkaa 12

Sadarkaa 13

6

Garee isa jalqabaa keessaa barataa inni abbaa umurii xiqqaa bakka bu'ee

taphatu akka inni yaada waljijjiirsaa qooda fudhachuu hinqabne agarsiisu

itti himi. Barattootni akka isaan qooda isaanii taphataniif daqiiqaa tokko

kenniif.

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Barattootni lamaan kan agarsiisan waljijjiiri yaada waliigaltee rratti

kan hundaa'eedha?

2. Barataa inni xiqqaan yaadasaa quubsaatti ibsee jiraa?

3. Barataa inni xiqqaan isa guddaadhaaf kophéé waan kennuuf isinitti

fakkaataa? Maaliif?

Kanatti aanee kan jiru barattootaaf ibsi.

Amala abbaa irree kan qabu karaan yaada waljijjiirsaa jira. Gosa yaada

waljijjiirsaa akkasii keessatti namni tokko yaadaafi sona isaa kan ormaa

irra caalchisee ilaala. Namtichi dubbatus yaadniifi miirri ormaa hamma

kanatti barbaachisaa akka hintaane godhee ilaala. Ofiisaas orma irra

caalchisee ilaala. Namni yaada waljijjiirsa amala akkasii qabutti fayyadamu

yeroo dubbatu miilla isaatiin lafa dhiitaa sagalee dhageessisa. Quba

namatti qabaa dubbata. Warra isa dhaggeeffatanis ija itti baasee ilaala.

Sagalee guddisee dubbata. Akkasumas nama yaada dhiyeessu komata.

Barataa inni isa umuriidhaan caalu bakka bu'ee taphatuu akka inni yaada

waljijjiirsaa amala abbaa irree qabutti gargaaramee dubbatu godhi.

Barattootni akka isaan tapha itti ramadaman dhiyessaniif daqiiqaa tokko

kenniif.

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Yeroo barattootni lamaan yaada waljijjiiran maal hubattan?

2. Barattootni lamaan yaada isaanii sirriitti ibsanii jiru? Maaliif?

3. Barataa inni xiqqaan isa guddaadhaaf kophéé waan kennuuf isinitti

fakaataa? Maaliif?
Sadarkaa 14

Sadarkaa 15

Sadarkaa 16

Kanatti aane kan jiru barattootaaf ibsi.

Gosi yaada waljijjiirsaa inni dhumaa ofitti amanuudhaan isa godhamuudha.

Ofitti amanuudhaan yaada waljijjiiru keessatti namtichi dubbatu yaada

mataa isaa ol-ol qabuudhaan kan ormaas nikabaja. Ofiisaas orma wajjin

walqixxee akka ta'e godhee ilaala. Nama gatii qabuufi barbaachisaa akka

ta'ettis of lakkaawa. Namni akkasii yeroo dubbatu ofii isaatti amanuudhaan

yaaddoo malee sosocho'udhaan dubbi nama mufachiisutti utuu

hingargaaramin yaada isaa jabeesse ibsa.

Barattoota lamaan bakka bu'uudhaan tapha warri dhiyeessan akka isaan

gosa ofitti amanuudhaan yaada waljijjiirsaatti gargaaramanii dubbatan

godhi. Kanaafis daqiiqaa tokko kenniif.

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Yeroo barattootni lamaan yaada waljijjiiran maal hubattan?

2. Barattootni lamaan yaada isaanii sirriitti ibsanii jiru? Maaliif?

3. Gosa yaada waljijjiirsaa himaman keessaa baay'ee firii kan qabuufi

gaariin isa kami? Maaliif?

Seenessuu

Abdulkariimiifi Ibraahiim

Kanatti aansee barreeffamni waa'ee

obboleewwan Abdulkariimiifi Ibraahiim

jedhamanii akka isaaniif dubbifamu

barattootatti himi. Abdulkariimiifi Ibraahiim

tiksee ganda tokko keessa jiraataniidha.

Barreeffama kanas akka isaan obsaan

dhaggeeffatan itti himi.

Baarsiituun Barattootaaf

Seenicha yoo dabbisan

7
Abdulkariimiifi Ibraahiim

Guyyichi warra kaan irraa adda ta'ee aduu hamtuun kan itti baateefi ho'aa kan ta'ee ji'a

Hagayya keessa. Yeroon isaa yeroo bokkaa waan tureef iji aduu ji'oota baay'eedhaaf of

dhoksitee turte. Amma garuu deebitee mul'achuudhaaf qophee irra jirti. Abdulkariimiifi

Ibraahiimii ganna kana saawwan ganda sana jiran bakka marga lalisaan jirutti geessanii

akka tiksaniif filatamuun isaanii kun isa arfaffadha.

Ganni sun Abdulkariimiif salphaa hinturre. Abdulkariim obboleessasaa isa hangafaa

Ibraahiimiin baay'ee jaalata. Haata'uyyuu malee yeroo horii wajjin tiksan Ibraahiim yeroo

baay'ee Abdulkariimiin horii biratti dhiisee gara magaalaa naannoo isaaniitti argamu tokkoo

adeema. Ibraahiim yeroo gara magaalaa adeemu Abdulkariim irra yookiis saawwolee irra

balaan tokkollee akka qaqqabuu hindandeenye mirkaneesse itti hima ture. Ibraahiim akka

sababaatti kan inni dhiyeessus Abdulkariim kophaasaa horii sana tiksuu kan danda'u

mucaa guddaa ta'uu isaati.

Abdulkariim adeemsa gara magaalaa Ibraahiimitti hingammadu ture. Guyyaa inni gaafa

jalqabaa gara magaalaa adeeme sanallee kophaasaa saawwolee sana tiksu akka

hindandeenye himuudhaan mormee ture. Ta'ullee sodaafi yaaddoo akkasii kana akka

dhiisuun irra jiru Ibraahiim itti hime. Yoo inni yaada kana fudhachuu dides akka isa rukutu

sossodaachisee jira. Kanaafis Abdulkariim yaada kennuu irraa of qusate.

Abdulkariimiifi Ibraahiim yeroo horii wajjin tiksan hundaa Ibraahiim obboleessasaa dhiisee

gara magaalaa deemuun isaa ganna sana itti fufee ba'e. Gara dhumaatti guyyaa tokko

Abdulkariim utuu horii kophaa isaa tiksuu fagootti waraabessa bol'a keessaa ba'e arge.

Guyyaa sanaa jalqabee wanti barbaade yoo isa irra ga'ellee horii tiksuu irratti Ibraahiim

akka gargaaruuf gaafachuudhaaf murteesse. Yoo Ibraahiim dides warra isaanitti

himuudhaaf murteesse.

Abdulkariim onnee godhatee horii tiksuu akka inni isa gargaaru gaafachuun isaa

Ibraahiimiin baay'ee ajaa'ibsiise. Hata'uyyuu malee yaada Abdulkariim fudhachuu

hinfeene. Ibraahiim gara gabaa magaalaa keessatti argamuu adeemuudhaan muuzii,

dhangagooftuu (lemon) fi shonkooraa nyaachuufi konkolaattoota fe'iisaa adda-addaa

ilaaluu malee horii tiksuuf yaada waan hinqabneef gaaffii Abdulkariim fudhachuudhaaf

hinbarbaadu. Sagalee aarii guddaadhaanis "Kanaaf waan kana abbaa keenyatti

himuudhaaf jechuudhaa?" jedhee Abdulkariimiin gaafate. Yeroo kanas Abdulkariim

sodaate. Sababiin isaas kanaan dura mucaan ollaa isaanii tokko akkaataa mataa

murannaa Ibraahiimitti baacee jennaan Ibraahiim akkanni itti rukutee waan yaadatuuf isas

akkanuma waan rukutu itti fakkaateeti.

8
"Ibraahiim! Hangafakoo waan taateef baay'een sikabaja. Yaadni kun barbaachisaa miti

taanaan abbaa keenyatti hinhimu. Garuu aniifi ati saawwolee kana tiksuudhaaf itti

gaafatama nurra jiru nibeekta. Balaan fedhe horii kana yoo qaqqabe qotee bultootni ganda

kanaa abbaa keenya komatu. Akkuma ati beektummoo abbaan keenya gatii horii badee

kafaluudhaaf humna hinqabu." jedhee itti dubbate Abdulkariim.

Abdulkariimiifi Ibraahiim Utuu Horii Tiksanii

Abdulkariim Ibraahiimiin amansiisuudhaaf yallii inni godhu itti fufe. Ibraahiim yaalii

Abdulkariim godhu hubatee dafee itti siqe. Rukutuufis yaade. Sababiinsaa waan fedhellee

yoo inni godhe Abdulkariim dubbicha abbaa isaaniitti hima jedhee shakkeeti. Ibraahiim

yeroodhaaf yaada Abdulkariim fudhatee guyyaa sana isaa wajjin horii tiksaa ooluudhaaf

murteesse. Haata'uyyuu malee yeroo garabiroo akkam godhee gara gabaa adeemuu akka

danda'u yaaduu hindhiifne.

Guyyaa sanas obbolaan lamaan horii tiksaa olanii gara manaatti debi'ani. Guyyichis isa

tokkof gara gaba dhaquu dadhabuu isaatiif kan gaddaa yeroo ta'u isa garabiroodhaafimmoo

obboleessisaa hangafaa isa dhaga'ee yaadasaa akkanni fudhatu gochuu danda'uu isaatiif

guyyaa gammachuu ta'ee oole.

9
Sadarkaa 17

10

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Abdulkariim waa'ee obbolessasa gammadaa kan hintaane maaliif?

2. Abdulkariim obbolessisaa Ibraahiim lammata akka inni gara

magaalaa hindeemnee itti himuudhaaf kan isa kakaase maali?

Abdulkariim yaadasaa Ibraahiimiif ibsuun salphaa ture jettee

yaaddaa? Abdulkariim irra maaltu ga'uu danda'a ture?

3. Abdulkariim jalqabatti yaadasaa Ibraahiimiif ibsuuf kan inni itti

gargaarame gosi yaada waljijjiirsaa maali? Dhumarratti eega

waraabessa argeewoo? Lamaan keessaa isa kamtu caalaa firii

godhate?

4. Rakkini/muuxannoon akka Abdulkariimiin quunname kana

siquunnamee beekaa? Yoo ta'es maal goote?

Qabxilee armaan gaditti caqasaman kana gabaabaatti

ibsuudhaan hojicha xumuri.

✦ Gosi yaada waljijjiirsaa sadiitti qoodam. Isaanis kan

keessatti qooda hinfudhanne, ofitti amanuu irratti kan

hundaa'eefi, abbaa irreeti. Sadan isaanii keessaa ofitti

amanuu irratti kan hundaa'ee isa filatamaadha.

✦ Dhaggeeffachuun yaada waljijjiirsaa firii qabu uumuuf kan

nama gargaaru ogummaa barbaachisaadha.

✦ Hiriyoota keessaniifi maatii keessanii wajjin akkamitti akka

yaada waljijjiirtan yaadaa. Akkamitti akka karaa ittiin yaada

waljijjiirtan fooyyeffattanis mariadhaa.
Sona Keenya

✦ Barattootni sona isaanii addaan baasanii akka hubatan

gargaaruudhaafi.

✦ Sona keenya hubachuufi eessaa akka isaan dhufan

baruun barbaachisaadha.

✦ Sonni yaada, heeraafi amala irratti dhiibbaa godha.

✦ Barattootni "Gaachanakoo" kan jedhamu sochii tokko

gochuudhaan barumsicha jalqabu. Kanatti aansaniis

waa'ee sonaa kan ibsan hima tokko-tokko ilaalanii

dhaabbata isaanii kan ibsu marii adeemsisu. Kana booda

barsiistichi barreefama waa'ee hiriyaa lamaan utuu warra

isaanii sobanii qabaman barattootaaf dubbisa. Dhuma

irratis barsiistichi hojii manaa kenna.

✦ Daqiiqaa 60

2
12

✦ Pilasterii ittiin waraqaa maxxansan

✦ Kophéé

✦ Waraqaa yaadannoo irratti barreessan

✦ Boronqii

✦ Gabatee gurraacha

✦ Gaachana armaan gadii fakkaatu gabatee irratti fakkiisaa

kaasi.

✦ Waraqaa tokko irratti "Ittin waliigala" kan jedhu garabiraa

irrattimmoo "Itti waliihingalu" kan jedhu barreessiitii

keenyan/daaga irratti maxxansi. "Hinmurtteeffanne" kan

jedhummoo barreessiittii gidu lamaan isaaniitti maxxansi.

✦ Waraqaa tokko akka sagale-guddiftuu (microphone)

fakkessii mari. Armaan olitti kan caqasaman meeshaalee

ittiin barsiisan qopheesi.

Hojilee Sadarkaa-sadarkaadhaan Hojjetaman

Sadarkaa 1 Sona jechuun maal jechuudha?

Sona jechuun waan jireenya keenya keessatti gatii guddaa keninuufi.

Fakkenyaaf warra ofii kabajuun, faayidaa barumsaa beekuun, amanamaa

ta'uun, dhara/soba dubbachuun miidhaa akka inni qabu hubachuun sona

ta'uu danda'u.
Sadarkaa 2

Sadarkaa 3

Gaachanakoo

Barattootaaf sona jechuun maal jechuu akka ta'e baruudhaaf sochii isaan

gargaaruun akka jalqabdan ibsiif. Kanatti aansiitii gabatee gurraacha irratti

kaaftee kan turte fakkii gaachanaa ilaalanii barattootni dhuunfaadhaan

waraqaa irratti kophéédhaan yookiis qubeessituudhaan akka kaasan

gaafadhu. Kana booda gaaffilee armaan gadiif deebii isaanii fakkii

gaachana sana gubbaatti bakka sirriitti akka isaan barreessan itti himi.

Fakkenyaaf gaaffii tokkoffaadhaaf deebiin isaa bakka lakkoowsi tokko

barreeffame keessatti barreeffama. Kan lammataas akkasummatti itti fufa.

1. Gara fuulduraatti waanan ta'uu barbaadu

2. Horii/Bineensa utuun ta'ee horii/bineensi ani ta'uu barbaadu

3. Naman baay'ee jaaladhu, fakkenyaaf haadha, abbaa, allisaa,

fakki-kaastu, durabu'aa amantii

4. Michuunkoo/Hiriyaankoo eenyummaakoo jecha tokkoon ibsuudhaaf

jecha ani utuu inni itti gargaaramee filadhu

Hundumtu yeroo deebii kennanii rawwatan warri fedha qaban akka isaan

deebii isaanii warra kaaniif dubbisan gaafadhu. Isa booda yaada armaan

gadii ibsi.

Gaachanni keenya eenyummaa keenyaafi maal-maaliif akka gatii

kenninuu agarsiisa. Fakkenyaaf hiriyaan keenya yoo "amanamaa" jedhee

nu ibsee tarii nu nama amanamaadha jechuudha. Nama amanamaa

ta'uunisimmoo waan gatii qabu ta'uu isaa itti amanna jechuudha. Yookaanis

namni nu jaal'annu yoo durabu'aa amantii ta'e amantiidhaaf gatii kennina

jechuudha.

Sonni yaada, amantii, dhaabbataafi ilaalcha namni tokko, maatiin, yookiis

gareen tokko qabuudha. Barattootni gaachana sana irratti deebii isaan

kennan akkamitti akka sona isaanii ibsan irratti haadudubbatan.

13
Sadarkaa 4

14

Dhaabbatnikoo isa kami?

Yeroo sochii kanaa barattootni sona isaanii walii ibsuudhaaf carraa akka

qaban ibsiif. Keenyan bitaafi mirga daree sanaatti "Ittin waliigala"fi "Itti

waliihingalu" kan jedhu, gidduu isaaniittimmoo "Hinmurtteeffanne" kan

jedhu akka maxxansitu barattootatti himi. Sana booda caaffata yaada

adda-addaa qaban akka dubbiftuuf itti himi. Fakkenyaaf himi ati dubbiftuuf

keessa inni tokko "Mana barumsaa keessatti warii durbaa warra dhiiraa irra

wayyu" kan jedhu ta'uu akka danda'u itti himi. Haala akkasiitiin barattootni

caaffata adda-addaa erga dhaggeeffatanii booda warri yaada sanaan

waliigalan bakka "Ittin waliigala" jedhu, warri yaada sana

hinfudhanemmoo bakka "Itti waliihingalu" jedhu akkasumas warri

hinmirkaneeffaatinimmoo "Hinmurtteeffanne" bakka jedhu dura akka

dhaqanii hiriiran ifaan barattootatti himi. Sochii keessan utuu hinjalqabin

dura seerri hordofuu qabdan akka jiru ibsiif. Kunis:

1. Yaada dubbifamu keessaa kun "sirriidha" kunimmoo "sirrii miti" kan

jennu akka hinjirre itti himi. Sababiinsaas sonni barataa tokkoo kan

isa kaaniirraa waan adda ta'eefi.

2. Barataan kamillee yaada dhiyaate sana hinfudhatu yoo ta'ellee yaada

barataa isa biroo kabajuudhaan maliif akka inni fudhate hubachuu

yaaluu qaba.

Haalli ittiin barattootni dhaabbata isaanii ibsan kana fakkaata.
Sadarkaa 5

Hirmaachisaaf Yaadannoo:-

Himoolee armaan gaditti argaman hundaa dubbisuun dirqama miti. Feedhaafi

yaada barattootaa ilaalte itti fufuu yookiin dhaabuutu sirra jira. Gaaffiin irrati

dudubbattan falmii ho'aa yoo kaasee hima biroo dubbisuu irra isaan itti fufuun

wayyuu nidanda'a.

Yaada nama tokko kabajuudhaafi kabajuu dhiisuu kenya akkamittiin akka

agarsiisnu barattootni akka ibsan gaafadhu.

Hima armaan gadii barattotaaf dubbisi. Tokkoo-tokkoo hima kanaa eega

dubbiftee booda barattootni sadii dhaabbata isaanii ibsaniif waraqaa irraa

kan hojjetame sagale-guddiftuu (microphone) itti kenni. Yaada dhiyaatan

irratti hundaa'uudhaan barattootni dhaabbata isaanii jijijjiiruu nidanda'u.

Barattootni eega murteessanii booda hima sanatti aanee gaaffilee

dhiyaatan dubbisiif.

Dhaabbatnikoo isa kami?

1. Nama beekamaa ta'uun barbaachisaadha.

A. Nama beekamaa ta'uun barbaachisaa kan inni ta'u maaliifi?

B. Yeroo tokko-tokko murtee beekamaa nama godhu gochuun

gaariidha?

2. Namootni biroon kan qaban caalaa horii qabaachuun barbaachisaadha.

A. Namootni biroon kan qaban caalaa horii qabaachuun barbaachisaa

ta'uunsaa maaliifi?

B. Horii baay'een akka jiraatu yoo barbaadame maaltu godhamuu

qaba?

3. Mana barumsaa dhaquun ijoollee durbaa caalaa warraa dhiiraatiif

barbaachisaadha .

A. Ijoolleen durbaa utuu mana barumsaa hindhaqin warri dhiiraa

dhaquun isaanii sirriidhaa?

B. Durbaafi dhiirri walqixxee yoo baratan faayidaa inni qabu maali?

4. Ijoollota hiriyaa keenya ta'aniif caatii qama'uufi tamboo xuuxuun

(smoking) waan gaariidha.

A. Ijoolleen saalfatteen tokko-tokko kan caatii qama'aniifi tamboo

xuuxan maaliifi?

B. Caatii qama'uufi tamboo xuuxuun kaayyoo/abdii isin gara

fuulduraatti qabdan akkamitti miidha?

15
Sadarkaa 6

16

5. Ijoollee guddissuufi kunuunsuun hojii dhiiraa miti.

A. Itti gaafatamni ijoollee guddisuu kan eenyuuti?

B. Ijoollee guddisuufi kunuunsuun itti gaafatama dubartii qofaa ta'uunsa

sirriidhaa?

C. Warri dhiiraa itti gaafatama ijoollee guddisuu akka qooddatan

gochuuf tarkaanfiin akkamii yoo fudhatame gaarii dha?

6. Hiriyaankee/Michuunkee murtee gaarii hintaane kan murteessu yoo ta'e

itti himuu qabda.

A. Hiriyaakeetti/Michuukeetti murtee gaarii hintaane murteessu isaa itti

himuudhaaf yeroo gaariin yoomi?

B. Hiriyaakeetti/Michuukeetti murtee gaarii hintaane murteessu isaa itti

himuukeetiif wanti sirra ga'u maali?

Kanatti aansee barreefama waa'ee hiriyoota sobdu lamaanii akka isaaniif

dubbiftu barattootatti himi. Barreefama kanas callisanii dammaqinaan akka

dhaggeeffatan itti himi.

Tasfaayeefi Yaasin

Tasfaayeefi Yaasin ijoollee sammu qara qabaniidha. Hata'uyyuu malee,

mana barumsaatii eega deebi'anii booda barumsa isaanii qayyabachuu

irra ijoolleedhaa wajjin kubbaa taphatu. Yeroo hamma taphaaf kennan

barumsa isaaniitiif hinkennan. Kanarra kan ka'es dhibaa'oodha.

Dhiyeenya kana barsiistonni qabxilee barattootaa kan semesteera

jalqabaa gabatee beeksisaa irrati maxxansanii turan. Tasfaayeefi Yaasin

gosa barnootaa baay'eetti wanti isaan argatan harka dhibba keessaa

shantamaa gadi ture. Kana irraanimmoo qabxiin Tasfaayeen Herregatti

argate barattoota hundaa gadi ture. Tasfaayeefi Yaasin kutaa isa ol'aanutti

darbuu yoo barbaadan qabxii isaanii fooyyeeffachuu akka qaban

barsiisaan isaanii ifatti itti himee jira. Isaaniin garuu haalli kun badaa isaan

hinyaachifne. Kaayyoo isaan qaban hundaa waa'ee tapha kubbaa ture.

Guyyaa qabxiin semesteera jalqabaa itti ba'e sana Tasfaayeefi Yaasin

mana barumsaatii eega deebi'anii booda warra isaanitti akka waan qabxii

baay'ee ol'aanaa argataniitti fakkessanii himan. Daree isaanii keessaas

gosa barnootaa ja'aan tokkoffaa akka ba'an himan. Maatiin isaaniis

baay'ee gammaduudhaan ijoollonni kun gara fuulduraatti sadarkaa

guddaa irra akka isaan ga'an tilmaaman.

Guyyaa sana akka carra ta'ee gandaa isaanii keessatti sabni naannoo

sanaa walga'ii adeemsisee ture. Abbootiin Tasfaayeefi Yaasinis walga'icha
gubbaatti argamanii turan. Walga'ichi akka dhumeen hirmaattotni tibban sana naannoo

isaanitti waan dubbataman tokko-tokko kaasuu jalqaban. Dhimmichis waa'ee qabxilee

ijoollee mana barumsaa keessatti maxxanfamee tureeti.

Abbaan Tasfaayees kana keessa mucaan isaanii barataa kan jiru gosa barnootaa saddeet

keessaa ja'aan tokkoffaa ba'e jedhanii dubbatan. Ittis dabaluudhaan Tasfaayee aanaa sana

keessatti kan argamu gara mana barumsa sadarkaa lammaffaatti erguudhaaf yaadaa

jirachuu isaanii dubbatan.

Abbaan Yaasin obbo Mahaammadis walga'ii sana gubbaa kan ture barsiisaa Baqqalaa ija

keessa ilaalaa akkas jedhan. "Obbo Baqqala kanan amma dhaga'e Tasfaayeen daree isaa

keessaa tokkoffaa akka ba'eedha. Garu har'a mucaankoo akka anatti himetti kan tokkoffaa

ba'eefi qabxii ol aanaa argate isa ta'uu isaati. Kanaaf eenyu kan dhugaa dubbate?" jedhanii

barsiisicha gaafatan.

Baay'ee kan nama kabaju barsiisaa Baqqalaanis tokkichumaan yaade. Dhugaasaa

dubbachuun akka irra jirus murteesse. Achumaanis "Obbo Mahaammad" jedhee waame.

"Lamaan keessaniyyuu, jechuunkoo isinis taanaan abbaan Tasfaayees waan dogoggortan

natti fakkaata. Dhugumaan yoo ta'e Tasfaayeefi Yaasin daree isaanii keessaa gosa

barnootaa baay'eedhaan qabxiin isaanii hundumaa gadi. Aniifi barsiistotni biroon ijoolleen

kun mana barumsaa booda qayyabachuu caalaa tapha kubbaa irratti yeroo isaanii

bal'eessu yaada jedhu irra geenyee jirra." Jedhee barsiisitichi haala isaa ibse.

Abbooliin Tasfaayeefi Yaasin yeroo kana dhaga'an baay'ee gaddan. Ijoollee isaaniis

hordofuun akka isaan irra jiru amanan. Guyyaadhuma sana Tasfaayeefi Yaasin akka utuu

manaa hinba'in qayyabataniif maatiin isaanii ajaja cimaa isaaniif kennan. Dhuma waggaa

irrattis ijoolleen lamaanuu qabxii baay'ee xiqqaa ta'een kutaa shanii gara ja'aatti darban.

Abbaan Yaasiin barsiisaa wajjiin yeroo mari’atan

17
Sadarkaa 7

18

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Tasfaayeefi Yaasin waa'ee barumsa isaanii kan warra isaanii soban

maaliif? Sobni isaanii gaariidha jettanii yaadduu?

2. Warra isaanii sobuu isaaniitiif Tasfaayeefi Yaasin kan isaan irra ga'e

maali?

3. Sababii sobaatiin kan dhufuu danda'an haala kana caalaa hamaa

ta'an yaadu nidandeessaa?

4. Hiriyootakee keessaa warra isaanii kan soban beektaa? Yoo beekta

ta'e hojiin isaanii kan gaarii hinta'iniif maaliif?

Qabxilee armaan gaditti caqasaman gabaabaatti ibsuudhaan

hojicha xumuri.

✦ Sonni jireenya keenya keessatti gatii guddaa waan

kenninuufiidha.

✦ Sona keenya hubachuun jireenya keenya kan guyyaa-guyyaa irratti

jijjiirama gaarii fida.

✦ Barattootni yeroo manatti galan maalummaa sona

isaaniitiif faayidaa isaa warra isaanii wajjin akka irratti

dudubbatan itti himi.
3

Ofbeekuufi Ofitti Amanu

✦ Barattootni ofitti akka amananiif jajjabeessuu

✦ Ofitti amanuun waan gaariin akka sitti dhaga'amu

godha. Isa irras darbee murtee gaarii kennuu nama

dandeessisa.

✦ Barattootni jechoota gaarii hiriyoota isaanii ibsan tokkotokko

barreessu. Isa booda barsiistichi jechoota sana

barattootaaf ibsa. Kanatti aansee barattootni lama

filatamanii waan gaari dhiyaatan sana akka taphaatti

agarsiisu. Itti fufeemmoo barsiistichi intalli tokko

mucummaa ishiitti rakkina ishii quunnamee ture kan ibsu

barreeffama gabaabaa barattottaaf dubbisa. Garuu

dhumaa isaa utuu hinga'in dhaabee barattootni barreeffamni

sun akkamitti akka dhumu itti yaadanii akka taphaatti akka

dhiyeessan godha. Kanatti aanee barsiistichi dhuma oduu

sanaa barreeffama kenname irraa barattotaaf dubbisa.

Dhuma irrattis hojii manaa kenna.

✦ Daqiiqaa 60

H

o

j

j

a

a
✦ Kophéé

✦ Waraqaa yaadannoo irratti barreessan

✦ Boronqii

✦ Gabatee gurraacha

✦ Kaayyoo hojjichaafi ijoo ergichaa sirritti hubadhu

✦ Tartiiba akkaataa barumsichi ittiin dhiyaatu hubadhuutii

haala ibsameen hojii irra oolchi.

✦ Meeshaalee barsiisaaf sibarbaachisan qhopheefadhu.

Hojilee Sadarkaa-sadarkaadhaan Hojjetaman

Sadarkaa 1 Waan Anaan Adda Nagodhu

20

Barattootni tarreedhaan ta'anii waraqaa tokko eega baasanii booda bakka

afuritti akka dachaasan gaafadhu. Tokkoon-tokkoon isaaniis waa'ee

barataa isaan cinaa taa'uu waan gaarii tokko-tokko akka barressan

gaafadhu. Wanti isaan barreessanis jecha tokko yookiis ciroo ta'uu

nidanda'a. Fakkenyaaf waan akka "kormee" yookiis "amanamaa" kan

fakkaatan ta'uu danda'a. Tokkon-tokkon barataa jechoota afur barressa.

Kunisimmoo, jechi inni jalqabaa waa'ee barataa isaan fula dura taa'uu,

jechi inni itti aanummoo waa'ee barataa isaan booda taa'uu, jechi sadaffaa

waa'ee barataa isa harka bitaa isaanii taa'uu, jechi dhumaammoo waa'ee

barataa isa harka mirgaa isaanii taa'uu akka qabu itti himi. Waan

barreessanis gaafa dubbisanii fixan barataa isaan cinaa taa'uu wajjin

waljijjiiru.
Sadarkaa 2

Sadarkaa 3

Barattootni Yeroo Waa'ee Amala Gaarii Hiriyoota Isaanii Ibsan

Barsiisichaaf Yaadannoo:-

Barattootni hojii kana yaada guutuudhan akka hojjetaniif wanti isaan waa'ee

hiriyoota isaanii barressanis waan isaan jajjabeessufi gaarii ta'uu akka qabu

mirkaneessi.

Amma sochii jalqabsiisi. Daqiiqaa yartuu booda barataan inni tokko waan

inni biroon barreesse akka dubbisu godhi.

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Yeroo hiriyyoonni keessan waa'ee keessan waan gaarii barreessan

maaltu isinitti dhaga'ame?

2. Waa'eekee waan gaarii beekuun jireenya waayyeeffachuudhaaf

akkamitti nama gargaara?

3. Namootni waan waa'ee isaanii itti himame ormatti himu nibarbaaduu?

21
Sadarkaa 4

Sadarkaa 5

Sadarkaa 6

Sadarkaa 7

22

To'ata gabaabdu waa'ee taphichaa

Hojjaa kana keessatti barattootni tapha akka agarsiisan itti himi. Tapha

jechuun maal jechuu akka ta'e barataan beeku yoo jiraate gaafadhu. Kan

hinbeekne yoo jiraate, tapha jechuun baay'ee gabaabaa kan ta'e karaa

namni ittiin yaada waljijjiiiru ta'ee, taphattoonnis namoota biroo bakka

bu'anii akka dubbatan ibsi. Fakkenyaaf namootni tokko-tokko yeroo do'ii

agarsiisan abbaa manaa yookiis haadha manaa ta'anii akka taphatan

himi. Kana keessattis barattootni tapha agarsiisan xiyyeeffannoo

kennaniifii akka gaariitti agarsiisuu akka qaban yaadannoo kenni.

Taphni akkamitti akka hojjetamu ibsuuf barattoota lama fo'iitii yaada

armaan gadii irrati akka tapha agarsiisan godhi. "Gurbayyoon tokkoo

mucayyoo quxisuu isaatiin waan nyaatan akka ishiin hojjettuuf yeroo inni

gaafatu ishiinimmoo diddee barnoota herregaa qayyabachuu barbaaddi.

Kannatti aansee barreeffama waa'ee mucayyoo rakkina baay'ee jala

baate tokkoo akka dubbiftu barattootaaf ibsi. Kutaaleen lamaan dhuma

barreeffama kanaas maal ta'uu akka danda'an yaadanii akka taphaatti

akka dhiyeessan dhuma irrattis akka isaan gaafattu itti himi.

Barreeffama "Caaltuu" jedhamu armaan gadii kana dubbisi.

Caaltuu

Finfinnee irraa gara lixaatti kiiloomeetira 150 fagaattee kan argamtu

ganda xiqqoo tokko keessatti maatii gali giddu-galeessaa qaban irraa

dhalattee kan guddate Caaltuun gara fuulduraatti maal akka taatu

hinbeektu turte. Yeroon sun warra ishiitiif baay'ee rakkisaa ture. Abbaan

Caaltuu ijoolleen isaanii akka barataniif fedha guddaa waan qabaniif

barumsa ijoollee isaaniitiif baay'ee dhama'u turan. Keessumattimmoo

Caaltuun barumsa ishiitti jabaattee akka ishiin itti fuftuuf deggersa cimaa

godhuuf turan. Caaltuun xiqqoo taatee yeroo harmeen ishii

dhukkubsatanii turan dubartoota wal'aantota (nurse) isaaniin gargaaruu

dhufan argitee waan turteef fedhiin ishii fuulduraa wal'aantu ta'uu ture.

Haata'uyyuu malee Caaltuun gara fuulduraatti maal akka taatu

hinbeektu turte.
Barsiistotni Caaltuu barattoota isaaniitiif deggersaa gaarii kan godhan turan. Caaltuun

sadarkaa lammaffaa giddu-galeessaa yeroo geessu qabxilee ishiin barumsatti argachaa

turte ol aanaa ture. Keessumattimmoo qabxiin ishiin herregatti argattu ol aanaa ture.

Barsiistonni ishiis sadarkaa guddaa irra akka ishiin geessu itti himu turan. Barattoota warra

kaaniinis waan isaan rakkise Caaltuu akka gaafatan itti himu turan. Caaltuunis deebii sirrii

kennaafii turtee. Caaltuun barattuu cimtuu akkasii taateellee mana barumsaa dhaquufi

barumsa ishii hordofuu malee, gara fuulduraatti maal akka taatu ifaan wanti ishiin beektu

hinturre.

Caaltuu qormaati jireenyaa baay'een ishii quunnamee ture. Yeroo ishiin kutaa sagal

barattu Magaalaa Amboo keessa kan jiraatu dureessi tokko Caaltuu fuudhuudhaaf abbaa

ishii gaafatee ture. Abbaan ishiis barumsa ijoollee isaaniitiif hawwii guddaa waan qabaniif

gaaffii namtichaa fudhachuudhaaf fedha hinqabaanne. Karaa tokkoon garuu yeroon sun

yeroo jijjiiramaa waan ta'eef haalli badaa adeemuu danda'a kan jedhu sodaan waan itti

galeef gaaffii heeruma Caaltu fudhachuudhaaf dirqaman.

Caaltuun Gara Mana Barumsaa Yeroo Adeemtu

23
Caaltuun murtee abbaa ishiitti baay'ee aarte. Abbaa ishiis ifatti hindinne. Garuu arii ishii

irraa kan ka'e guyyaa lamaaf midhaan nyaachu dhaabde. Gaafa guyyaa sadaffaa sirna

kadhataa hordofuu lafa mana kadhataa dhaqxetetti dadhabii ishii irraan kan ka'ee lafti ittiin

naanna'ee kufte. Warri ishiis gara mana wal'aansaatti geessan. Ta'us dhukkubni tokkollee

irratti hinargamne. Ishiinis kan fedhe yoo ta'ellee barumsa ishii gargar kuttee akka

hin'eerumne abbaa ishiitti ifaan himte. Abbaan ishiis barumsi ishii Caaltuudhaaf hammam

dhimma barbaachisaa akka ta'e hubatan. Guyyaa sanaa jalqabanii fedhii ishiitiin yoo

eerumte malee gonkumaan eerumi akka hinjenneen waadaa seenaniif.

Caaltuun mana kadhataatti kuftee gaafa ji'a tokkoo abbaan ishii du'an. Ishiinis abbaa ishii

baay'ee waan jal'attuuf gaddi cimaan itti dhaga'ame. Abbaan ishiis barumsa ishii akka

ishiin itti fuftu fedha isaanii waan beektuuf utuu hindhiisin itti fufte. Caaltuufi intalli hiriyaan

ishii barumsatti jaboo waan ta'aniif ijoolleen dhiiraa tokko-tokko hinaaffaadhaan kan ka'e

isaan rukutu turan. Kanaanillee utuu hinmo'amin Caaltuun barumsa ishii jabaattee itti fufte.

Caaltuun kutaa kudha lama geessee qormaata biyyoolessaa fudhachuudhaaf qophee irra

utuu jirtuu namtichi dur ishii fudhuudhaaf abbaa ishii gaafatee ture sun deebi'ee ishii

gaafate. Innis Caaltuun barumsa ishiitti cimtuu ta'uu ishii waan beekuuf yoo yunivasitii galte

ishii argachuu hindanda'u shakkii jedhuun Caaltuu dirqamsiisee fuudhuudhaaf murteesse.

Yeroo kun ta'us Caaltuun hiriyaashii kan wajjin daree tokko baranii wajjin magaalaa Amboo

jedhamtu tokkoo keessa jiraatti turte. Sababiinsaas Amboo malee Gudariin manni

barumsaa sadarkaa lammaffaa waan hinjirreedhaafi. Caaltuufi hiriyoonishii qormaata eega

fixanii booda qabxii isaanii baruudhaaaf yeroo baa'yee gara mana barsiisota isaanii

nidhaqu turan. Akkuma kanatti gaafa tokko utuu isaan gara mana barsiisaa baayoloojii

dhaqanii namtichi ishii fuudhuu barbaadu sun Caaltuu karaa irratti argata. Itti dhiyaatees

maqaa isaa itti hime. Caaltuun eenyummaa namtichaa fuula isaa utuu hinhubatin gaafuma

maqaa isaa dhageessu jalaa fiigde. Jarjartii irraa kan ka'e kophee ishii baaftee darbattee

gara mana hiriyaa ishii wajjin jiraataniitti fiigde. Sodaa iraa kan ka'es gara ji'a tokkoof

eessumattiyyuu utuu hinsocho'in turte.

Ji'i sun Caaltuudhaaf salphaa hinturre. Ta'us hinuma dandeesse. Achumaanis rakkina

Caaltuun namticha sanaa wajjin qabdu kan dhaga'e barsiisaan tokko "rakkina sirra jiru akka

mo'achuu dandeessuuf natti eerumi jedhee" ishii gaafate. Caaltuun garuu gaafficha

hinfudhanne. Barataan xiqqoo ishii gadii tokkos "natti eerumi" jedhee gaafate. Caaltuun

gaaffi isa kanas hinfudhanne. Isa booda barataan sunis aaree warra "beekaa" bira dhaqee

qorichaan akka ishii of jaal'achiisus sossodaachise.

24
Sadarkaa 8

Sadarkaa 9

Sadarkaa 10

Tapha

Taphattoota (characters) barrefama kana keessa jiran hunda gabatee

gurraacha irratti akka isaan tarreessan barattoota gaafadhu. Gareen

lama fedha isaaniitiin tapha kana akka agarsiisan gaafadhu. Barattootni

warri hafan dhuma odichaa utuu hindhaga'in filannoo armaan gadii

keessaa tokko filatanii akka isaan barreeffama sana xumuran godhi.

Filannoo 1:- Caaltuun barumsa ishii dhiiftee barataa isa qoricha itti

gochuuf sossodaachisee sanatti eerumti. Caaltuun gara

fuulduraatti maal akka taatu yaadi. Jireenya ishii fuulduraa

akka taphaatti dhiyeessi

Filannoo 2:- Caaltuun gaaffii eerumaa dhiyaateef hundaa diddee

barumsa ishii xumurtee doktoorii fayyaa taati

Garee jiraniif taphicha shaakaluudhaaf daqiiqaa shan duwwaan waan

kennameef bakkee ba'anii akka isaan shaakalan itti himi. Hamma isaan

shaakalanitti barattoota warra hafee gaaffilee irratti dudubbatan armaan

gadii gaafadhu.

1. Caaltuun namticha jalqaba fuudhaaf gaafatee sana kan hinbarbaadin

maaliif?

2. Caaltuun namticha jalqaba fuudhaaf gaafatee sana akka

hinbarbaanne abbaa ishiitti yeroo himtu maaltu ta'e?

3. Barsiistichi Caaltuu fuudhuuf gaafachuun isaa sirriidha? Qoricha

aadaatti gargaaramuudhaaf yaadee kan ture dargaggoon sun

gaaffiin fuudhaa inni dhiyeesse sirrii ture?

Gareewwan shaakala irra turan tapha isaanii akka isaan barattootaaf

dhiyeessan gaafadhu. Gareewwan kunis armaan ol sadarkaa 8 jalatti kan

dhiyaate filannoo tokkoffaatti gargaaramanii akka dhiyeessan gaafadhu.

25
Sadarkaa 11

Sadarkaa 12

26

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Filannoo isa kamiin caalaa jaal'attan? Maaliif?

2. Caaltuun gaaffii fuudhaa dhiyaateef hundaa diduun itti ulfaata

jettanii yaadduu? Gaaffilee sana diduudhaaf maaltu gargaare

jettanii yaaddu?

3. Mucayyoo biroo kan gosi rakkina Caaltuu quunname beektu?

4. Barreefama kana keessa kan jiran ijoolloni durbaa barumsa

isaaniitti jaboo ta'uudhaaf kan godhan maali?

Kanatti aanee kan jiru xumura odichaa isa sirrii barattootaaf duubbissi.

Qoricha aadaatiin gurbaan Caaltuu sossodaachise sun waan yaadee ture

bakkaan hingeenye. Dhumattis yeroon qormaataa dhiyaannaan Gudar

kan turan hiriyootni dhiiraa Caaltuu guyyaa-guyyaadhaan yeroo ishiin

mana barumsaa adeemtu eeguudhaaf waliigalan. Kan kana godhanis

Caaltuun barumsa ishiitti akka ishiin firii agarsiistu barbaadanii turan.

Akka isaan yaadanis Caaltuun barumsa ishiitiin qabxii ol aanaa argatte.

Caaltuun Hojii Wal'aansaa Irra Utuu Jirtuu
Eega barumsa ishii fixxee yeroo xiqqoo booda Caaltuun waraqaa ragaa ishii fudhattee

Koleejii Fayyaa Gondoritti ramadamte. Yeroo sanaa jalqabee dhiira kan jedhame Caaltuu

fuudhaaf kan dirqamsiise hinjiru. Caaltuun Koleejii Fayyaa Gondoritti barumsa ishii

hordoftee wal'aansaan digrii ishii isa jalqabaa argatte. Yeroo ammaa kana Caaltuun

Finfinnee keessatti bulchaa mana wal'aansa tokkoo taatee hojechaa jirti.

Qabxilee armaan gaditti kaa'aman gabaabaatti ibsiiti hojicha

xumuri.

✦ Ofitti amanuun murtee gaarii gochuudhaaf nama gargaara.

✦ Namni ofitti amanu waa'ee mataa isaa miira gaariitu itti

dhaga'ama.

✦ Faayidaa ofitti amanun argamsiisu barattootni hiriyoota

isaanii wajjin akka irratti dudubbatan godhi.

27
4

Murtee Kennuufi Jireenya

fuulduraa Kaayyeffachuu

✦ Barattootni akkaataan murtee gaari itti kennan

barbaachisaa ta'u isaa akka hubatan gochuufi

tarkaanfii kennaa murtee keessatti fudhataman

barsiisuu.

✦ Barattootni fuulduratti maal ta'uu akka barbaadan itti

yaaduu akka danda'an gargaaruu

✦ Murtee gaari kennuun barbaachisaadha. Hata'uyyuu

malee murtee gaarii kennuun yeroo inni itti rakkisaa ta'u

jira.

✦ Takka-takka yeroo murtee kennan itti yaadamuu kan

qaban wanti barbaachisaan ta'an nijiru.

✦ Deggersa namoota itti amannuu fudhachuudhaafi mataa

keenyaaf kaayyoo fuulduratti qabnu sammuutti

qabachuun barbaachisaadha.

✦ Barattootni jireenya isaanii fuulduraa keessatti bakka

ga'uu barbaadan akka yaadan kan isaan gaafatu

shaakala barressaa gochuu jalqabu. Kannatti ansee

barsiisaan waa'ee mucayyoo murtee rakkisaa ta'e gootu

tokkoo waan barreefame barattootaaf dubbissa. Dhuma

irrattis barattootni fuulduratti maal ta'u akka barbaadan

kan agarsiisu walaloo, durdurii gabaabdu, faarsaa

yookiis fakkii qopheessu. Barsiisaanis barattootaaf hojii

manaa kenna.

✦ Daqiiqaa 60

H

o

j

j

a

a
✦ Kophéé

✦ Pilasterii ittiin waraqaa maxxansan

✦ Waraqaa

✦ Boronqii

✦ Gabatee gurraacha

✦ Gabatee armaan gadii keessatti bakka "Sadarkaa" jedhu

jalatti:

sadarkaalee murtee kennuu tartiiba isaanii waliin

makiitii gabatee gurraacha irratti barreessi.

Tokkoon-tokkoon sadarkaalee kanaammoo waraqaa

xixiqqoo iratti barreessiitii mariitii akka carraatti

qabadhu.

✦ Meeshalee barsiisuudhaaf barbaachisaa ta'an qopheessi.

✦ Kaayyoofi ijoo ergaa hojjichaa dubbisii hubadhu.

Duraandursii rakkinicha ibsi.

Orma irraa gorsa gaafadhu.

Sadarkaa

Waaqa kadhadhaa. Yookiis durabuutota amantii irraa gorsa gaafadhaa.

Warrikee maal akka ati gootu akka barbaadan yaadi.

Yaada hundaa fudhadhu.

Tokkoon-tokkoon yaadichaa maal akka inni fidu yaadi.

Murteessiitii kana hojii irra oolchuudhaaf tarkaanfii fudhadhu.

Itti gaafatama isaa fudhadhu.

29
Hojilee Sadarkaa-sadarkaadhaan Hojjetaman

Sadarkaa 1

Sadarkaa 2

Sadarkaa 3

30

Umuriinkoo ................... yeroo inni ta'u

Yaada armaan gadii barattootni akka hubataniif ibsiif.

Murtee gaarii kennuu danda'uun barbaachisaa kan ta'e ogummaa

jireenyaati. Jireenyi keenya kan fiixaan ba'ee akka ta'uuf murtee gaarii

kennuu qabna. Karaa biroommoo murtee hamaa gochuun jireenyi keenya

akka fiixaan hinbaane godha. Kana irras darbee sona keenya akka fiixaan

hinbaafanne gufuu nutti ta'a.

Barattootni umurii isaanii kanatti kan isaan murteessuu danda'an gosa

murtee gaariifi murtee hamaa akka dubbatan gaafadhu.

Yaada "Yeroo umuriinkoo waggaa .............ta'u ............. ta'uun hawa." jedhu

tokkoon-tokkoon barataa si'a afur akka barreessu godhi. Yaada kana yero

isaan barreessanii raawwatan, bakka duwwaa isa jalqabaa irratti umurii

isaanii ammaa irratti shan dabalanii akka isaan barreessan godhi. Bakka

duwwaa isa itti aanee jiru irrattimmoo maal ta'uu yookiis maal qabaachu

akka barbaadan ha'ibsan.

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

Wanti armaan gaditti caqasaman kanaa ol sadarkaa 2 irraatti barattootni

kan ibsan hawwii isaanii hammam akka innii fiixaan baasuufii yookiis

gufuu itti ta'uu danda'u barattootaa wajjin irratti mari'adhaa.

A. Yeroo barumsaa hafuufi hojii manaa hojechuu dhiisu

B. Warraafi hiriyoota irraa kabaja argachuu

C. Caatii qama'uu, tamboo xuuxuu yookiis dhugaatii dhuguu

D. Gara mana kadhataa yookiis masgiidaa dhaquu

E. Warraafi hiriyoota sobuu

F. Barumsatti jabaa ta'uu
Sadarkaa 4

Sadarkaalee murtee kennuu tartiibaan kaa'uu

Kanaan dura gabatee gurraacha irratti barreeffamanii kan turan

sadarkaalee murtee kennuu waraqaa xixiqqoo irratti barreessitee akka

carraatti maruukee itti himi. Barattoota murtaa'an fo'iitii carraa tokko-tokko

akka kaasan godhi. Isaanis dabaree-dabareedhaan sadarkaa murtee

kennuu waraqaa isaanii irratti barreffame dubbisuudhaan barattootatti

haadhageessissan.

Gorsa Gaarii Fudhachuu

Jireenya Fuulduraa Yaadaan Ilaaluu

31
Sadarkaa 5

Sadarkaa 6

Sadarkaa 7

32

Dhuma irrattis barattootni sadarkaalee murtee kennuu dubbifaman

tartiibaan akka isaan kaa'an godhi. Tartiibni isaa sirrii ta'uu isaa irratti

duddubadhaa. Tartiibni sadarkaalee murtee kennuu tokko-tokko kan nama

falmisiisu ta'uu waan danda'uuf karaa tartiiba kan asiif achi hinjenne karaa

tokko duwwaan akka hinjiraanne ibsi.

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Sadarkaan murtee kennuu kan hincaqasamin jiraa? Tartiiba

sadarkaalee murtee kennuu dhiyaatan irratti barataan jijjirsi inni

gochuu barbaadu jira?

2. Sadarkaalee murtee kennuu caqasaman kana keessaa walakkaa

yookiis hunda isaanii itti fayyadamuu dhiisuun rakkinni inni fidu

maali?

3. Sadarkaalee murtee kana hojii irra akka hinoolchine wanti gufuu

nutti ta'an maalfa'i?

Odeesa Waa'ee Saaraa

Kannatti aansee barreeffamawaa'ee mucayyoo rakkinni quunnammee

turee tokko kan dubbiftu ta'uukee barattootaaf ibsi. Barattootnis odicha

callisaafi dammaqinaan akka dhaggeeffatan itti himi. Oduun sun waa'ee

isaanii utuu ta'ee jiraatees maal gochuu akka danda'an akka yaadan itti

himi.

Amma barreeffamawaa'ee Saaraa katabame barattootaaf dubbisi.

Saaraa

Manni barumsaa banamuudhaaf torban tokko duwwaatu hafe. Saaraan

murtee warra ishii dhaga'uudhaaf hawiidhaan eegaa jirti. Waggoota

lamaan darbaniif Saaraan mana barumsaa adeemuuf heyyemni utuu

hinkennaminiif turte. Sababiin abbaan ishii kanaaf kennanis Saaraadhaaf

kan barbaachisan kitaaboleedhaafi kophéé bituudhaaf humna dhabuu

isaaniiti. Kanaafis Saaraan hojii mana keessaa akka gargaartu murtaa'uu

isaa dubbatanii jiru. Haata'uyyuu malee Saaraan ammas barumsa ishii itti

fufuudhaaf abdii godhachaa waggaa kana haala ittiin mana barumsaatti

deebi'uu dandeessu haadha ishiitiif yaada dhiyeessite.
Saaraan yeroo abbaan ishii gara manaatti waaman yaada ishii akka isaan karaa gaarii irra

hinilaalin barte. Abbaan ishiis sagalee gadi qabatanii "Saaraa" jedhan. "Utuu barana mana

barumsaa dhaquu dandeessee baay'ee gammadna turre. Garuu kana gochu

hindandeenyu. Sababiin isaa obboleessakee isa dhihoo dhalateefi nuunis kan nugargaaru

akkasumasimmoo namni horii tiksu waan nubarbaachisuudhaafi" jedhanii yaada isaanii

Saaraadhaaf ibsan.

Saaraan yaada abbaan ishii dhiyeessan irraa kan ka'e gaddi itti dhaga'ame. Waaqa keessa

ilaalaas gara alaatti baate. Saaraan abbaa ishii baay'ee kabajji. Haata'uyyuu malee waa'ee

haalichaa baay'ee gaddite. Aariin tokkos fuula ishii irratti mul'ata. Hiriyoota ishii kan ta'an

ijoolleen durbaa naannoo sanaa mana barumsaa dhaqaa jiru. Rakkinni maatiin ijoollota

sanaa naannoo manaatii qabanis rakkina abbaan ishii caqasan kan caalu malee isaa gadi

akka hintaane Saraan sirriitti beekti. Kanaafis sababiin abbaan ishii caqasan quubsaadha

jettee itti hinamanne. Durba ta'uu ishii duwwaadhaaf manatti hafuun ishiitiifi gara mana

barumsaa akka hindeemne godhamuun ishii murtee sirrii akka hinta'in itti dhaga'ame.

Umuriidhaan baay'ee ijoollee kan taate Saaraan

yaada dhiyaatetti yoo gadditeyyuu yeroo

dheeraadhaaf waa'ee dhimmichaa gadi fageenyaan

itti yaaduufi irratti kadhachuu itti fuftee jirti. Hiriyoota

ishii wajjinis irra deddeebi'anii dhimma kana irratti

dudubbatanii jiru. Furmaata adda-addaas kaasanii

irratti dudubbatanii jiru. Saaraanis furmaata hojii

gubbaa oolchuu kan ishii dandeessisu karoora

baafatte.

Saaraan Rakkina Ishii Quunname

Darbuuf Yeroo Yaaddu

Abbaan ishiis gara hojii qonnaa adeemuu isaanii erga mirkaneessitee booda Saaraan

yaada yeroo dheeraadhaaf sammuutti yaadaa turte haadha ishiitiif dhiyeessite. "Harme,

siifi abbaakoo baay'iseen isin jaal'adha. Kabajin isiniif qabus guddaadha. Hamma har'aatti

waan isin natti himtan hundaa fudhadhee waan na'ajajjanis godheera. Fuuldurattis kana

ittiinfufa. Garu amma barumsa barachuun barbaada. Kana gochuu akkan danda'uuf

abbaakoo akkam goonee amansiifnu? Hiryootnikoo naannoo kana jiran baay'een isaanii

barachaa jiru. Tokko-tokko warra isaanii gargaaruullee jalqabanii jiru. Fakkeenyaaf Ahmad

guyyaa boqonnaa isaa abbaa isaa wajiin suuqii dhaqee waan isaan barbaadan barreessaf.

Afaan Inglizii dubbachuu kan jalqabanis jiru." Jechuudhaan Saaraan yaada ishii haadha

ishiitiif ibsite.

33
"Mana barumsaafi meeshaalee adda-addaaf horii nabarbaachisu argachuudhaaf mana

barumsaatti shaayee danfisee gurguruu, gabaattimmoo shonkooraa, muuziifi burtukaana

gurguruu nandanda'a. Baasii nabarbaachisuuf atiifi abbaankoo yaadda'uu hinqabdan. Hojii

mana keessaa naaf keennitanimmoo nanhojjedha. Yoon hojiikoo hinraawwanne ta'ee

mana barumsaatii nahambisuu nidandeessu." jette Saaraan haadha ishiitiin.

Saaraan dubbichi qalbiidhaan akka inni hidda yaafatu godhuudhaan karaa haadhaa ishii

abbaa ishii amansiisuuf yaalii gochuu itti fufte. Guyyaa lamaan itti aananiif walitti fuftee

yaada ishii haadha ishiitiif ibsuu qabde.

Saaraan Yeroo Warra Ishii Wajjin Mari'attu

Dhuma irrattis gaafa guyyaa sadaffaa harmeen Saaraa yaada mucaa isaanii

fudhachuudhaaf murteessan. Isaanis keessa isaaniitti waa'ee yaada mucaa isaanii

ajaa'ibsiifatan. Haata'uyyuu malee abban manaa isaanii tarii yaada kana fudhachuu dhiisuu

danda'innuu kan jedhu sodaan mataa isaanii keessaa hinbadne. Murtee mataa isaanii

garuu of keessatti qabatanii jiru. Saaraanis yaada ishii akka ishiin abbaa ishiitiif ibsitu itti

himan. Yaada abbaa ishii amansiisuu danda'an tokko-tokkos dabalanii itti himan.

Abbaan ishii gara galgalaa qonnaadhaa yeroo deebi'an Saaraan dhimma ishii itti himu

jalqabde. Haati ishii kan itti himte qabxilee nama amansiisuu danda'an utuu hinirraanfatin

abbaa ishii amansiisuudhaaf dubbii ishii itti fufte. Barumsa dubartiitti hamma kanatti kan

hin'amanne abbaan Saaraa akkaataa mucayyoon isaanii yaadashii itti dhiyeessite, ibsiteefi

ija-jabbeenyi ishii baay'ee isaan ajaa'ibsiise. Onneensaaniis tuqamee yaadashii fudhatan.

Torban itti aanus Saaraan mana barumsaa dhaqxee galmoofte. Saaraan hojii ishiif

kennamu hundaa hojjechaa baasii mana barumsaa ishii danda'aa barumsa ishii itti fufte.

34
Sadarkaa 8

Sadarkaa 9

Sadarkaa 10

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Abbaan Saaraa akka ishiin mana barumsa dhaqxu kan isaan

hinbarbaadin maaliifi?

2. Saaraan fedhii ishii fiixaan baafachuufi warra ishii amansiisuuf

murtee ishiin gooteefi sadarkaalee ishiin itti gargaaramte maalfa'i?

3. Saaraan utuu qalbiidhaan yaada ishii hinibsine taatee warra ishii

amansiisuu nidandeessi turtee?

4. Dubartii garabiraa kan akka haalli Saaraa quunname beektaa?

Murtee akkamii ture kan ishiin goote? Murteen sun jireenya

ishii irratti dhiibbaa akkamii fide?

Barreessuu, Faarsuufi Fakkii Kaasuu

Yeroo tokko-tokko murtee gaarii murteessuun nama rakkisa. Odeesa

armaan olitti dhiyaate keessatti akka argine Saaraadhaaf warra ishii

amansiisuudhaaf murtee irra ga'uun salphaa hinturre. Ijoolleen durbaa

baay'een waan warri isaanii jedhan salphaatti fudhatu ta'a. Murtee gaarii

dabarsuuf waan nama gargaaran keessaa inni tokkoo fuulduratti maal

ta'uu akka barbaadan yaadu danda'uudha. Fuulduratti maal ta'uu akka

barbaannu yoo beekne, achi ga'uudhaaf murtee nudandeessisu

salphaatti murtessuu dandeenya.

Gaafa Umuriin Isaanii Waggaa 25 Ta'u Barattootni Maal

Ta'uu Akka Barbaadan Ibsuu

Walaloo/durdurii gaggabaabduu akka barressan yookiis fakkii akka

kaasaniif daqiiqaa 10 kenniifi. Daqiiqaa 10 booda barattootni lama

yookiis sadii waan hojjetan akka isaan barattoota hundaatti

agarsiisan/dhageessisan gaafadhu. Maaliif akka isaan waan

dhiyyeessan sana ta'uu/hojjechuu barbaadaniif gaafadhu.

Sadarkaa 11 Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Fuulduratti maal akka ta'an duraandursanii baruu danda'uun amma

murtee gaarii murteessuudhaaf kan inni nama gargaaru akkamitti?

2. Fuulduratti maal ta'uu akka barbaaddu yoo hinbeekne, murtee

gaarii murteessuun nama rakkisaa?

35
36

✦ Barattootni fakkii kaasan, barreeffamabarreessaniifi

faarsaa isaanii akka warra isaaniitiif ibsan gaafadhu.

✦ Barattootni fuulduratti wanti isaan ta'uu barbaadan akka hojii irra

ooluuf warri isaanii maal akka isaaniif gochuu qaban akka gaafatan

itti himi.

Qabxilee armaan gaditti kennaman gabaabaatti ibsiiti

hojicha xumuri.

✦ Murtee gaarii ta'an murteessuun jireenyaaf baay'ee waan

nama gargaaruudha.

✦ Murtee gaarii ta'an murteessuu akka dandeenyuuf

qalbiidhaan itti yaaduu, orma irraa gorsa gaafachuu, itti

gaafatama fudhachuufi kan kana fakkaatan

barbaachisaadha.

✦ Murteen har'a murteessinu jireenya keenya borii irratti

dhiibbaa gaarii uuma.

✦ Barattootni murtee gaarii dabarsuudhaaf sadarkaalee

murtee kennuu barbaachisaa ta'an irratti hiriyoota isaanii

wajjin bal'inaan akka irratti dudubbatan itti himi.
5

Qulqullina Ofiifi

Naannoo

✦ Barattootni faayidaa kan qabaniifi barbaachisaa kan

ta'an mala eegumsa qulqullina ofiifi naannoo akka

beekaniifi shaakalan gochuu

✦ Qulqullina ofiifi naannoo eeguun fayyummaadhaan akka

jiraannuufi ofii keenyatti akka amannuuf nugargaara.

✦ Hojiin eegumsa qulqullinaa gaariin hordoffii

guyyaa-guyyaa barbaada.

✦ Barattootni waa'ee eegumsa qulqullinaaf kan qophaa'e

faarsaa tokko faarfatu. Itti anseemmoo jarmiin

dhukkubaa akkamittiin dhukkuba akka dabarsan kan

agarsiisu shaakala gabaabaa godhu. Isa booda hir'ina

qulqullinaa kan agarsiisan fakkii adda-addaa ilaalanii

irratti dudubbatu. Dhuma irrattis barattootni torban isa

itti aanuu qulqullina isaanii eeggachuu akka danda'aniif

hordoffii kan ittiin godhan gabatee tokko barsiisaan

isaaniif kenna.

✦ Daqiiqaa 60

H

o

j

j

a

a
✦ Cilaattii yookiin daaraa

✦ Kophéé

✦ Waraqaa yaadannoo irratti barreessan

✦ Boronqii

✦ Gabatee gurraacha

✦ Walaloo faarsaa waa'ee eeguumsa qulqullina ofiif

naannoo qophaa'e gabatee gurraacha irratti barreessi.

✦ Gabatee ittiin qulqullina ofiif naannoo to'atan gabatee

gurraacha irratti barreessi.

✦ Kaayyoofi ijoo ergaa hojjichaa sirriitti hubadhu.

✦ Meeshalee barsiisuudhaaf barbaachisaa ta'an qopheessi.

Hojilee Sadarkaa-sadarkaadhaan Hojjetaman

Sadarkaa 1

38

Faarsaa Eegumsa Qulqullinaa Faarffachuu

Kanatti aanee kan jiru faarsaa waa'ee eegumsa qulqullinaa barrefame

barattootni akka faarfatan godhi. Qooqi farfannichaas qooqa faarfannaa

"Mucummaakoo, mucummaakoo aannaniifi dammakkoo (lijinnatee,

lijinnatee maarinnaa watatee)" jedhuuti. Qooqa faarsichaa

yaadachuudhaaf barataan fedha qabu tokko ka'ee akka inni tarree

murtaa'e faarfatu godhi.
Faarfanicha:

Fayyummaakoo, Fayyummaakoo aannaniifi dammakkoo

Fayyummaakoo, Fayyummaakoo horii irra caalaakoo

Abba beekkateefii fayyummaan horiidha

Jireenya ilma namaaf oolmaansaa guddaadha

Saamunaafi bishaaniin qaama haadhiqannu

Jireenya bareedaa fayyummaa ha'argannu

Qeensi haaqoramu qulqullaawaa haata'u

Akkanni bareeduufi xuriin irraa haaba'u

Fayyummaakoo, Fayyummaakoo aannaniifi dammakkoo

Fayyummaakoo, Fayyummaakoo horii irra caalaakoo

Rifeensi haasirraa'u utuu hindheeratin

Dhiqannee haafilannu yeroon utuu hindarbin

Kana ta'uu baannaan hinjiraan horataa

Isa duwwaa mitii ciniisoo nigodhataa

Afaanni keenyallee gaarii akka urgaa'uu

Ganamaafi galgala ilkaanni haaqulla'uu

Fayyummaakoo, Fayyummaakoo aannaniifi dammakkoo

Fayyummaakoo, Fayyummaakoo horii irra caalaakoo

Qodaan itti nyaataa hunduu haadhiqaman

Jarmii dhukkubaa irraa amma haa'oofkalan

Qulqullina keenyaaf kutanne haakaanu

Yeroo yeroon eegnee kosii haaharannu

Naannoo ofii eegnee tokkuumaadhaan kaanee

Gammadnee haajiraannu fayyaakeenya taanee

Fayyummaakoo, Fayyummaakoo aannaniifi dammakkoo

Fayyummaakoo, Fayyummaakoo horii irra caalaakoo

Faarsaan faarfadhu kun utuu inni hindhuminii

Dhaamsa guddaan qabaa yoo nadhagessanii

Manaafi naanno keenya haaqulqulleessinuu

Qodaa itti nyaataa ammas haamiiccinuu

Harkaaf fuula keenyaa ganama haadhiqannu

Gammadnee bareednee hojiitti haabaanu

Fayyummaakoo, Fayyummaakoo aannaniifi dammakkoo

Fayyummaakoo, Fayyummaakoo horii irra caalaakoo

Qulqullina rifeensaa eeguun

barbaachisaadha.

Qulqullina ilkaanii eeguun

barbaachisaadha.

Nyaata qophaa'e qadaadanii

kaa'uun barbaachisaadha.

Qulqullina naannoo

eeguun barbaachisaadha

39
Sadarkaa 2

40

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

Mala eegumsa qulqullinaa barataan beeku yoo jiraate gaafadhuutii mala

kana akka inni dubbatu godhi. Yaada kanatti aanu ibsii hubachiisi.

Fuulakeenya, miillakeenyaafi harkakeenya yeroo hundaa dhiqachuun

barbaachisaa kan ta'ee hojii qulqullina eegumsaati. Qulqullina sirriitti

eeguun dhukkuba daddarban kan akka qufaa yookiis utaalloofi

tiraakoomaa (dhukkuba ijaa) ofi irraa dhorkuudhaaf/dhowwuudhaaf nama

gargaara.

Jarmiin dhukkuba fidan baay'ee xiqqoo waan ta'aniif ija duwwaadhaan

isaan arguu hindandeenyu. Kanaafis qulqullina ofiif naannoo yeroo

hundaa eeguun barbaachisaadha.

Qulqullina ofii eeguu duwwaadhaan hojiin eegumsa qulqullinaa hundinuu

hojjetamanii jiru jechuun hindanda'amu. Qulqullina naannoo keessa

jiraannuu, kan bakka hojii keenyaafi mana barumsaa keenyaa eeguun

hojii eegumsa qulqullinaa isa biroodha. Kanatti dabalees nyaata,

bishaaniifi mana fincaanii itti gagaaramnu qulqullinaan eeguutu nurra jira.

Barattooni gaafii deebisuuf yeroo mari’atan
Sadarkaa 3

Sadarkaa 4

Sadarkaa 5

Sadarkaa 6

Tapha - Dhukkuba Dabarsuu

Barataan fedha qabu tokko harkasaa akka inni cilaattiidhaan yookiin

daaraadhaan dibu godhi. Kana booda waan armaan gadii kana haagodhu.

1. Dabtara hojii manaa isaa barsiisaatti haakennu

2. Hiriyaa isaa harka qabee haadubbisu.

3. Hiriyaa isaa irraa kophéé haa'ergifatu

4. Barcuma isaa irra harka haakaa'u.

5. Balbala yookiis foddaa daree sanaa haabanu

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Harka barataa sanaa irra kan ture cilaattiin yookkiin daaraan eessatti

darbe? Cilaattiin yookiin daaraan sun kan harka keessanitti bu'e yoo

jiraattan harka kaasaamee. Kan kana irraa barannu maali?

2. Yeroo hundaa harka keenya dhiqachuun kan nurra jiruu maaliif?

Qulqullina Kan Eegeefi Kan Hineegin Garaa-gara Baasuu

Kanatti aansee qulqullina eeguu dhiisuu irraa kan ka'e waan uumaman kan

agarsiisan fakkilee akka ilaalan itti himi. Barattootnis fakkilee sana eega

ilaalanii booda sababni rakkinichaa maal akka ta'e akka dubbataniifi

barataan abbaa cilaattii sun qulqullina isaa eegachuudhaaf maal gochuun

akka irra jiru akka ibsan ibsiifi.

Gabatee To'annaa Qulqullinaa

Namni tokko qulqullina mataa isaafi naannoo eguudhaaf waan gochuun isa

irra jiru tokko-tokkoon akka himan gaafadhu. Deebii isaan kennanis dura

gabatee gurraacha irrati kaaftee kan turte gabatee sana keessatti

barreessi. Waan qulqullina eeguuf nama gargaaran keessaa kan akka fuula

bishaaniifi saamunaadhaan dhiqachuu, qaama dhiqachuu, wayyaa/kafana

qulqulluu uffachuu, mataa miiccatanii filachuu, ilkaan qulqulleeffachuu,

qeensa qorachuufi qulleessuu, mana fincaaniitti gargaaramuufi bishaaniifi

saamunaa achi bira kaa'uu, min'aaniifi bishaan qadaaduu, qodaa itti

nyaatan qulqulleessuu, mana qulqulleessuufi kosii gubu keessatti argamu.

41
Sadarkaa 7

Barsiisichaaf Yaadannoo:-

Qulqullina eeguudhaaf hojilee barattootni himan naannoo isaaniitti hojii gubbaa

ooluu danda'uu isaanii gaafadhuutii mirkaneessi.

Guyyaa torban dhufan keessatti sochii isaan qulqullina ofiif naannoo eeguuf

godhan akka galmeessaniif akka hojii manaatti akka kennamuuf itti himi. Sochii

galmeessan yeroo godhan gabatee to'annaa keessa kan jiru bakka duwwaa

keessatti guyyaa hojichi hojjetame jala mallattoo (X) kaa'uun akka isaan irra jiru

itti himi.

Qulqullinaa Eeguuf

Sochiin Godhe

Fuulakoon (saamunaadhaan)

dhiqadhe

Mataakoon filadhe

Millakoon dhiqadhe

Gabatee to'anna qulqullinaa armaan gadii barattootni gabatee gurraacha

irraa akka galagalchan itti himi.

Shurraaba

millaakoon/maratakoon miiccadhe

Qaamakoon dhiqadhe

Wayyaakoon miiccadhe

Qeensakoon qoradhe

Rifeensakoon

haadadhe/muradhe/hojjetadhe

Qodaa itti nyaata qopheessan,

itti nyaataniifi itti dhuganin miice

Manakoon qulqulleesse

Mora manakoon

qulqulleesse

Mora mana barumsaakoon

qulqulleesse

Mana fincaaniin

qulqulleesse, nanqadaade

42

Guyyaa

1

Guyyaa

2

Guyyaa

3

Guyyaa

4

Guyyaa

5

Guyyaa

6

Guyyaa

7
Qabxilee armaan gaditti kennaman gabaabaatti ibsiiti hojicha

xumuri.

✦ Qulqullina ofiif naannoo eeguun fayyummaadhaan akka

jiraannuuf nugargaara.

✦ Eegumsi qulqullina ofiif naannoo guyyaa guyyaadhaan hordoffii

barbaada.

✦ Barattootni gabatee to'anna qulqullinaa eeggannaadhaan

guutanii torban dhufu akka fidanii dhufan itti himi.

43
6

Kutaalee Qaama Keenyaafi

Yeroo Saalffattee

✦ Barattootni kutaaleen sirna-hormaataa dhiraafi dhalaa

hojii isaan hojjetan akka beekan.

✦ Umuriin saalfattee maal akka ta'e hubatanii yeroo kana

rakkoolee uumaman saalfiifi sodaa malee dubbachuu

akka danda'an gargaaruu.

✦ Yeroo saalfattee kan dhufu jijjiiramni qaamaa waan

nagaa ta'e seera uumamaati.

✦ Jijjiiramni yeroo umurii saalfattee uumamu qaamolee

isaanii irratti dhiibbaa adda-addaa uumu.

✦ Dargaggooni hundaa umurii saalfattee keessa darbu.

✦ Barattootni yeroo darbe akka hojii manaatti kan

kennameef gabatee to'anna eegumsa qulqullinaa deebii

isaa irratti dudubbatu, walirraa baratu. Isa booda fakkii

kutaalee qaamaa adda-addaa ilaalanii maqaa isaanii

sirriitti itti kennu. Itti fufanii tapha kutaalee sirnahormaataa

dhiiraafi dhalaa hojjaa isaanii wajjiin

sararaadhaan walitti fiduu taphatu. Isa booda beekumsa

isaan waa'ee umurii saalfatinaa irratti qaban

beekuudhaaf kan nama gargaaru dorgommii gaaffii

keessatti hirmaatu. Dhuma irrattis barsiistichi daa'ima

guddisuun hammam ulfaataa akka ta'e kan gaafatu hojii

manaa barattootaaf kenna.

H

o

j

j

a

a
✦ Daqiiqaa 60

✦ Pilasterii ittiin maxxansan

✦ Kophééfi waraqaa ittiin mallattoo godhan

✦ Boorsaa laastikii (feestaalii)fi poostaa guddaa

✦ Boronqii

✦ Gabatee gurraacha

✦ Armaan gaditti sadarkaa 4 jala kan jiran fakkiilee duwwaa

gara tokkoon, gara kaaniinimmoo maqaa isaanii duwwaa

gabatee gurraacha irratti barreessi. Maqaa isaanii

hinbarreessin.

✦ Gabatee kanatti aanee jiru gabatee gurraacha irratti

barreessi. Maqaa isaaniitiifi hojii isaan hojjetan garuu

sararaan walhin'agarsiisin.

✦ Kaayyoofi ijoo ergaa hojichaa sirriitti hubadhu.

✦ Meeshalee ittiin barsiisaaf barbaachisan qopheessi.

45
Qaamolee Sirna

Hormaataa

Hojjaa Inni Hojjetu

Ujummoo

Gadameessaa

Galma cinaan baatuudha.

Ovaariy Qaama hormaata dhiiraa booda kan jiru waan

ija mukaa fakkatuudha. Sanyii-kormaa

Gadameessa

hormoonii maddisa. Hormoononni kun haala

dhiirummaa murtessu. Fakkenyaaf waan akka

rifeensa qaama irratti ba'uufi moorsuu sagalee

murteessu.

Dhiirri quunnamtii saalaa godhuuf kan inni itti

gargaaramu qaama sirna-hormaataati. Qaamni

kun seelii lallaafa ta'an irra kan hojjetameedha.

Uraas niqaba. Dhiirri yeroo inni quunnamtii

saalaaf kaka'uufi takka-takka yeroo inni

Qaama

fincaan fincaa'u nijabaata.

Ujummoo ittiin fincaanni afuuffee kessaa gara

hormaataa

alaatti ba'uudha. Ujummoon fincaanii dhalaa

dubartii

kan inni argamu gara gararraa qaama

(Buqushaa)

hormaata dhalaa irratti. Ujummoon fincaanii

dhiiraa kan inni darbu qaama hormaata dhiiraa

keessa ta'ee innis sanyii-kormaa fincaan alatti

dabarsa.

Ujummoo

Qaama sirna-hormaata dhalaa kan afaan

Fincaanii

gadameessaatii hanga qaama hormaataatti

(buqushaa) jiruudha. Yeoo walquunnamtii

saalaa qaammi hormaata dhiiraa isa keessa

lixa. Mucaanis yeroo dhalatu karaa kana ba'a.

Qaama

hormaataa

dhiiraa

(Qunxurroo)

Garaa dubartii keessa gara gajjallaatti argama.

Hanqaaquu isa sanyii-kormaa wajjin walmakee

baata.

Cinaan Bitaafi mirga qaama sirna-hormaata dhalaa

irratti argama. Hanqaaquu uuma. Ji'atti si'a

tokko hanqaaquun asii ba'a. Hanqaaqichis

iddoo kanaa ujummoo gadameessaa keessa

ba'ee gadameessatti gala.

Golgaa

cinaanii

Ujummoo ittiin hanqaaquun bakka itti

uumamee gara gadameessaatti dhaquudha.

Innis kan argamu gara gararraa gadameessaa

bitaafi mirgatti.

Barattoota tokko yookiin lama fo'iitii dhagaa xixinnoo kiiloogiraama walakkaa ulfaatan akka

walitti qaban godhi. Baay'inni dhagichaas barattota daree keessa jiranii wajjin walqixxee

ta'uu qaba.

46
Hojilee Sadarkaa-sadarkaadhaan Hojjetaman

Sadarkaa 1

Sadarkaa 2

Sadarkaa 3

Gabateen Hordoffii Qulqullinaa Guutamuu Isaa Mirkaneessuu

Baay'inni deebii isaan gabatee hordoffii qulqullinaa irratti guutan meeqa

akka ta'e akka lakkaawaniif barattoota gaafadhu. Isa booda, barattoota

deebii baay'ee kennan keessa hojii qulqullinaa kan isa tokkoo barattottaf

dubbisi. Itti aansiitii deebii yartuu warra kennan keessaammoo kan isa

tokkoo barattotaaf dubbisiitii garaa-garummaa isaanii irratti dudubadhaa.

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Hojjechuudhaaf rakkisaa kan ta'e hojiin eegumsa qulqullinaa

turee jiraa? Deebiinsaa "Eeyyee" yoo ta'e warra caqasaman

keessaa warra kamtu rakkisaa turan? Furmaati isaaniiwoo?

2. Hojjaaleen eegumsa qulqullinaa kun qulqullina ofiis haata'uu kan

naannoo eeguuf nigargaaru jettanii yaadduu? Maaliif?

Qabxilee kanatti aanan ibsi

Barumsa keenya har'aa keessatti waa'ee kutaalee qaama namaa baranna.

Kutaaleen qaama keenyaa baay'ee ajaibsiisaa kan ta'eedha. Onneen nama

tokkoo waggaa tokko keessatti giddu-galeessaan si'a miiliyoona 35 rukuta.

Saffisa kanaan guutuu jireenya keenyaa keessatti onnen keenya dhiiga

barmeela biiliyoona tokko ta'u facaasa. Dhiigni hammi kun kuusaalee

bishaanii (water tank) gar-malee baay'ee gurguddaa jedhaman sadii guutu

kan danda'uudha. Qaamni keenya kana irraanis ji'atti si'a tokko muuxata

yookiis gogaa haaraa biqilcha. Ji'a sadi-sadi'iinis kerkera (skeleton)

haaraa hojjeta. Barumsa har'aa keessatti caalaatti xiyyeefannaa itti

kenninee kan barannu waa'ee qaamolee hormaata namaati.

Waa'ee qaama hormaataafi sirna-hormaataa barataan beeku yoo jiraate

akka ibsu gaafadhu. Deebii isaa eega dhaggeefattee booda hormaata

jechuun hojjaa mucaan akka uumamu gochuu ta'uu isaa ibsi. Hojja kana

keessattis dhiiraaf dhalaan walquunatmtii saalaa akka godhanis ibsi. Yeroo

waa'ee sirna-hormaataa kaafnee dubbannu qaamoleen hormaataa kan

dhiraafi dhalaa kanaa wajjin kan ka'an ta'uu isaaniitiif qaama sirnichaas

ta'uu isaanii barattootaaf akka galuu danda'utti karaa salphaa ta'een ibsiif.

47
Sadarkaa 4 Gabatee gurraacharatti gama tokkoon maqaa qaamolee hormaataa kan

dhiiraafi dhalaa gama biroonimmoo fakkii isaanii akka keessu barattootaaf

ibsi. Kana booda warri fedha qaban dabaree dabareedhaan ka'anii

tokko-tokko maqaa sanaa fakkii isa sirrii ta'ee wajjin akka sararaadhaan

walitti fidan itti himi.

48

Barsiisichaaf Yaadannoo:-

Hirmaannaan ijoollee durbaa akka inni guddatuuf maqaadhaan isaan waamiitii

akka isaan hirmaatan godhi.
Sadarkaa 5 Barattootni maqaa qaama hormaataa dhiraafi dhalaa fakkii sirrii ta'ee

wajjin walitti fiduu isaanii mirkaneessi. Itti aansiitii duraan dursitee

gabatee gurraacha irratti barreessitee kan turte qaamoolee

sirna-hormaataafi hojii isaanii akka barsiistu ibsi. Kanaatti dabalees

barattootni qaamolee sirna-hormaataafi hojii isaanii sararaadhaan akka

walitti fidan itti himi.

Sadarkaa 6

Sadarkaa 7

Sadarkaa 8

Amma barataan fedha qabu tokko gabatee gurraacha irraa jalqaba kan

jiru qaama sirna-hormaataa hojii innii hojjetuu wajjin sararaadhaan akka

inni walitti fidu godhi. Akkuma kanatti barattootni warri hafanis dabaree

dabareedhaan ka'anii akka isaan walitti fidan godhi. Maqaaleefi hojileen

barattootni walitti fidanis sirrii ta'uu isaa barattoota gaafadhu. Yoo wanti

sirreessan jiraates barattootni akka sirreessan gaafadhu.

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Waa'ee qaamolee sirna-hormaataa dhiiraaf dhalaa irratti

dudubbachuuniifi mari'achuun barbaachisaadhaa? Maaliif?

2. Shaakala sila hojjettan keessatti maqaalee sirna-hormaataa tokkotokko

waamuun rakkisaa turee? Yoo deebiinsaa "Eeyyee" turee

rakkisaa kan inni ta'es maaliifi? Warra kaanimmoo waamuun kan

salphaa ta'eef maaliifi?

Waa'ee umurii dergeegumaa kan kanatti aanee jiru ibsi

Waa'ee umurii saalfattee wanti beektan jiraa? Kan inni ittiin beekamus

maali? Umurii dergeegumaa kan jedhamuu hoormoononni

(kemiikaalotnii dhangala'aa ta'an) qaama isaanii keessatti uumaman

jijjiiramni nafaafi xin-sammuu akka jiraatan yeroo godhaniidha.

Dargaggoon tokko yeroo umrii dergeegumaa ga'u qaamni hormaata

isaa/ishii mucaa dhalchuus haata'u dhaluudhaaf dandeettii qaba. Kana

jechuun umurii kanatti qaamni ishii durbaa hanqaaquu (egg) uumuu

yeroo danda'u inni kan dhiiraammo sanyii kormaa (sperm) uumuu

nidanda'a. Tarii isin keessa umurii dergeegummaa irra kan geessan

jiraachuu nidandeessu. Waarri haftanimmoo fuulduratti bira geessu.

Dergeegumaa yeroo baay'ee ijoollee durbaa irratti kan inni mul'atu

waggaa 9 hamma 13 gidduutti yeroo ta'u warra dhiiraa irrattimmoo

waggaa 10 hamma 16 gidduutti.

49
50

Mallattoon umurii saalfatuma warra kanatti ananiidha.

Jijjiirama Ijoollee Durbaa Irratti Argaman

✦ Ovaariin hanqaaquu uumuu jalqaba.

✦ Naannoon mudhii ulfa baachuufi da'uu akka danda'uuf naanna'ee

bal'achaa adeema.

✦ Harmii niguntuta, niguddata.

✦ Hidhiin buqushaa nifurdata.

✦ Quxxen (clitoris) niguddata.

✦ Bobaa jalaafi naannoo qaama saalaatti rifeensi nibiqila.

✦ Gadameessi ulfa baachuuf niguddata. Ovaariyiin niguddata.

Hanqaaquu uumuus nijalqaba.

✦ Daagni gadameessaas ulfa baachuuf niqophaa'u.

✦ Makamni yookiis laguun (menustration) dhangala'uu jalqaba.

✦ Fedhiin adda-addaas nimul'atu. Jechuunis:

● Fedhiin walquunnamtii saalaas nikakka'a.

● Jarjartumman nimul'ata.

● Jijjiiramni miiraas nimul'ata.

● Gammachuufi gaddi waljijjiiranii mul'atu.

Jijjiirama Ijoollee Dhiiraa Irratti Argaman

✦ Sanyii-kormaa abjuu keessa dhangala'a.

✦ Hojjaaniif ulfinni qaamaa dafee dabala.

✦ Cinaanni niguddata.

✦ Cinaanni Sanyii-kormaa hoomishuu jalqaba.

✦ Furdinni qaama hormaataa nidabala.

✦ Rifeensi areeda biqiluu jalqaba.

✦ Sagaleen moorsuufi furdachuu jalqaba.

✦ Bobaa jalaafi naannoo qaama saalaatti rifeensi nibiqila.

✦ Hidda dhiigaa kan warra durbaa caalaa baay'atutu qaama kessatti

guddata.

✦ Fedhiin adda-addaas nimul'atu. Jechuunis:

● Fedhiin walquunnamtii saalaas nikakka'a.

● Jarjartumman nimul'ata.

● Jijjiiramni miiraas nimul'ata.

● Gammachuufi gaddi waljijjiiranii mul'atu.
Sadarkaa 9 Kanatti aansee "Dhugaa" yookiis "Soba" jechuudhaan kan deebifaman

gaaffileen waa'ee umurii dergeegumaa akka dhiyaatan barattootatti himi.

Gaaffii dura garuu jechoota armaan gadii hiikasaanii ibsi.

Sadarkaa 10

Laguu

Makamni yookiis laguun dubartootaa kan inni jalqabu yeroo

miciree hormaata dubartootaa kan ta'e hanqaaquun

uumamuu jalqabuudha. Hanqaaqichi sun yeroo walquunnamtii

saalaa xaraanxaraan yoo hincabnee baqee dhiiga ta'uudhaan

akka dhangala'aatti karaa qaama hormaata dhalaa gara

bakkeetti gadi yaa'a. Kun dubartoota hundumaa irratti waan

argamu waan ta'eef homaayyuu kan nama qaanessu miti.

Dhangala'uu miciree hormaata dhiiraa

Ulfaa'uu

Dhangala'uu miciree hormaata dhiiraa jechuun dhangala'aa kan

ta'e sanyii-kormaa qaama hormaata dhiiraa keessaa yeroo

walquunnamtii saalaa dhangala'uudha. Haalli akkassii dhiira

umuriinsaa kanaaf ga'ee hundumaa irratti waan mul'atuuf

nuyaaddessu hinqabu. Kun jireenya keenya keessatti

waanuma jiruudha.

Miciree hormaata dubartoota kan ta'e hanqaaquun yeroo inni

sanyii-kormaa cabee walmaku dubartiin sun niulfoofte jedhama.

Yeroo walquunnamtii saalaa sanyii-kormaa qaama saalaa

dhiiraa (qunxurroo) keessaa qaama saalaa dubartii (buqushaa)

keessatti naqamuudhaan gara gadameessaatti deema. Achittis

hanqaaquu yoo argate cabsee micireen (ulfi) akka uumamu

godha. Ulfichis guddatee ji'a sagal booda dhalata.

Hiika jechoota kana ibsitee eega raawwattee booda barattota akka

walfakkii saalaatti garee shan yookiis ja'atti qoodi. Tokkoo-tokkoon garee

sanaa maqaa miseensa isaanii tokko akka siif kennan godhiitii maqaa

sana gabatee gurraacha irratti barreessi. Kannati aansii beekumsa isaan

waa'ee umurii saalfattee qaban kan ittiin madaaluu dandeessu yaada

adda-addaa dubbisiifiiti "dhugaa" yookiimmoo "soba" jedhanii akka

deebisan godhi. Gareewwan kunis tokkoo-tokkoo deebii sirrii ta'eef qabxii

tokko-tokko argatu. Dhuma irrattis garee qabxii caalu argatetu mo'ata.

Akkaataa gaaffiin itti deebi'us ta'ee qabxiin itti qabamuu wanti barattootaaf

hingalin yoo jiraate akka galuuf godhiitii ibsi.

51
Sadarkaa 11 Hima armaan gaditti dhiyaatanii jiran barattootaaf dubbisi. Akka isaan

gaaffilee kana deebisaniinis ibsa dhiyaatanii jiran dubbisiif. Qabxii

tokkoon-tokkoon garee jiranii argatanis walitti ida'iitii garee isa mo'e

addaan baasii bari.

52

Gaaffilee Waa'ee Umuri Saalfattee Ilaalchisanii Dhiyaatan

1. Ijoolleen durbaa hundumtuu yeroo umuriin isaanii 11 ga'u jijjiirama

qaamaa agarsiisu.

Soba

Ijoolleen durbaa hundumtuu akka haala mata isaaniitti guddatu.

Tokko-tokko waggaa 8 yookiis 9 yeroo ta'an jijjiirama kan agarsiisan

si'a ta'u kaanimmoo waggaa 14 yookiis 15 yeroo ta'an jijjiirama

agarsiisu.

2. Yeroo baay'ee umuriin saalfattee ijoollee durbaa kan warra dhiiraa dura

jalqaba.

Dhugaa

Yeroo baay'ee jijjiiramni qaama ijoollee dhiiraa kan jalqabu kan warra

durbaa jalqabee waggaa lama booda. Haata'uyyuu malee haalli itti

jijjiiramni qaamaa ijollee durbaa tokkoo-tokkoo turee jalqabuufi kan

ijoollee dhiiraa tokkoo-tokkoommoo dafee jalqabus nijira. Kanaaf

karaadhumti fedheyyuu waan nagummaa agarsiisuudha.

3. Jalqaba umurii saalfattee irratti ijoolleen durbaa makama/laguu argu.

Dhugaa

Ijoolleen durbaa yeroo umurii saalfattee ga'an hanqaaquu ummachuu

jalqabu. Kunis yoo xaraanxaraan cabuudhaa baatee makama/laguu

ta'ee gara bakkeetti dhangala'a.

4. Makamni/laguun kan dhufu mucaan durbaa tokko eega quunnamtii

saalaa gochuu jalqabdee booda.

Dhugaa

Makamni/laguun kan dhufu hanqaaquun kan hincabin guddatee eega

diigamee booda akka dhiigaatti qaama dubartii keessaa gara

bakkeetti yeroo dhangala'udha. Dubartiin tokko walquunnamtii saalaa

gootus gochuu dhiiftus ji'a ji'aan waan dhufuudha.
5. Yeroo salfatummaa sagaleen ijoollee dhiiraa nifurdataa, amala

ukkaamamuus niqabaata.

Dhugaa

6. Gaafa gara umurii saalfatteetti ceenu kutaaleen qaama keenyaa kan

jijjiiraman yeroo ta'an wanti nutti dhaga'amu garuu hinjijjiiramu.

Soba

Yeroo umurii saalfattee geenyu amallii keenya irra deddeebi'ee

jijjiirama. Bifaafi qaama akkamii akka qabnuufi ormis waa'ee keenya

maal akka yaadan baruudhaaf baay'ee dhiphanna. Akki aariis nutti

dhaga'ama. Dardaran yookiin shamarran nijaala'anna, niajaa'ibsiifanna.

7. Qaamni hormaataa keenya fakkeenyaaf qaamni hormaataa dhiiraa

yookiis harmi durbaa namoota garaa-garaa gidduutti yoo guddinissaa

garaa-gara ta'ee dhiphachuu hinqabnu.

Dhugaa

Namni hundumtuu qaama hormaataa guddini isaa wal caccaalu qaba.

Harmi durboota tokko-tokkoo guddaa yeroo ta'u kan tokko-tokkoommoo

xiqqaadha. Wanti barbaachisaan gurguddini isaa garaa-gara ta'uu

isaa miti. Dhiironni qaama hormaataa (qunxurroo) xiqqoo qaban

ulfeessuu nidanda'u. Dubartoonni harma xiqqaa qaban mucaa

hoosisuu nidanda'u.

8. Yeroo tokko-tokko ijoolleen dhiiraa irriba keessa xaraanxara gad-naquu

nidanda'u.

Dhugaa

Haalli akkasii abjuu keessa of jiisuu yookiis abjuu keessa gad naquu

jedhama. Kun nagummaa waan ta'eef nuqaanessuu hinqabu. Umurii

kanatti dhiira fayyaa ta'e hundumaa irratti waan mul'atuudha.

9. Xaraanxarri qaama hormaataa dhiiraa keessaa gara bakkeetti

dhangala'a.

Dhugaa

Xaraanxarri qaama hormaata dhiiraa irraa madda. Yeroo quunnamtii

saalaa yookiis abjuu keessa qunxurroo keessaa gara bakkeetti

dhangala'a.

53
54

10. Dargaggoonni hundinuu laphee isaanii irratti rifeensa biqilchu.

Soba

Dargaggoonni tokko-tokko yeroo laphee isaanii irratti rifeensa

biqilchan tokko-tokkoommoo hinbiqilchani. Haalli qaamii namootaa

itti guddatu walirraa adda. Akkuma namootni tokko-tokko dheeraa

ta'anii kaanimmoo gabaabaa ta'an jechuudha. Kanaaf yoo

dargaggootni tokko-tokko laphee isaanii irraa rifeensa qabaatanii

kaanimmoo dhabani nuajaa'ibsiisuu hinqabu.

11. Shamarran hundinuu yeroo guddatan harma gurguddaa qabaatu.

Soba

Shamarran tokko-tokko harma gurguddaa qabu. Kaanimmoo harma

gurguddaa hinqaban. Guddinni yookiis xiqqinni harmaa mucaa

hoosisuu irratti dhiibbaa fidu hinqabu.

12. Umurii saalfattee irratti qaamni keenya jijjiirama baay'ee waan

godhuuf qulqullina ofii eeggachuun baay'ee barbaachisaadha.

Dhugaa

Umurii saalfattee irratti xannachii keenya caalaatti waan hojjetaniif

gogaan keenya akka nama dhadhaa dibatee cululuqa. Finniisas

nibaafna. Qaamoleen hormaataa keenyas dhangala'aa uumu.

baay'ee nudafqisiisas. Waan kana ta'eef qaama keenya dhiqachuufi

qulqullina keenya eeguu qabna.

13. Umurii saalfattee irratti ijoolleen dhiiraa utuu hinbarbaadiniifi utuu

hinyaadin qaamni hormaata (qunxurroo) isaanii ijaajja. Kun kan ta'us

hormoononni walquunnamtii waan dabaluuf.

Dhugaa

Umurii saalfattee irratti qaamni hormaataa dhiiraa (qunxurroon) kan

inni dhaabbatuu dhigaan waan gutamufidha. Qaamichis nijabaata.

Dhaabachuun qaamni hormaataa dhiiraa fayyummaa kan agarsiisu

hojjaa jireenyaa ta'uu isaa hubachuu qabna. Kanaaf qaaniin yookiis

dhiphuun nutti dhaga'amuu hinqabu.
Sadarkaa 12

Barattootni waan isaaniif hingalin waraqaa irratti akka barreessan godhi.

Gaaffiin isaanii waa'ee umurii saalfattee, waa'ee makamaa/laguu

(menustration), waa'ee dhaabachuu qunxurroofi kan kana fakkaatan

ta'uu nidanda'a. Gaaffileewwan yeroo barreessan maqaa isaanii

barreessuu hinqaban. Gaaffileewwan kun boorsaa yookiis qaracitii tokko

keessatti walitti qabamanii akka innii/ishiin yeroo dhufutti deebii itti

kennuuf /kennituuf ogeessa fayyaa naannoo sanatti argamutti ergu.

Qabxilee armaan gaditti kennaman gabaabaatti ibsiiti

hojicha xumuri.

✦ Jijjiiramni qaamaa yeroo umurii salfattee uumamu

nagummaa kan agarsiisu akkaataa umamaati.

✦ Umuriin salfattee dargaggoota irraatti dhiibbaa adda-addaa

uuma. Fakkenyaaf guddina harmaa, biqilchuu rifeensa fuulaa

(areedaa) baasuu finniisaafi kan kana fakkaataniidha.

✦ Yeroon umurii salfattee kan dhiraafi durbaa walirraa adda

ba'a. Kana irraanis saala walfakkaatan warra qaban

gidduutillee umuriin salfattee garaagara.

✦ Warri durbaa yeroo hanqaaquu uumuu jalqaban warri

dhiiraammoo yeroo xaraanxara uumuu jalqaban umuriin

salfattee jalqaba. Yeroo kana warri durbaa makama/laguu

arguu jalqabu.

55
56

1. Hojii manaa kana keessatti itti gaafatamni mucaa

guddisuu hammam cimaa akka ta'eefi yeroo haadha ta'an

maal akka namatti dhaga'amu akka baratan barattootatti

himi. Warri dhiiraa haadha ta'u yoo

hindandeenyellee shaakalli barnootaa hojii manaa kana

keessatti godhamu muuxannoo murtaa'e akka kennuuf itti

himi. Ba'aa warra haadhaa irra jirus hubachuu akka

danda'an ibsiif.

Daree ala tokkoo-tokkoo baratootaaf kan walga'u dhakaa

xixiqqaa ka'uukeef ulfinni tokkoo-tokkoo dhakaa sanaas

walakkaa kiiloogiraamaa akka ta'e itti himi.

Torban isa itti aanutti tokkoo-tokkoon barataa dhakaalee

dhiyaatan sana keessaa tokko fudhatee akka mucaa

isaatti hammatee, baatee kunuunsuudhaan fakkeenya

mucaa guddisuu akka agarsiisu itti himi. Gara mana

hiriyaa isaanii yeroo adeeman dhakaa sana fudhatanii

dhaqu. Yeroo laaqana nyaatan dhakicha of bira kaa'u.

Yero qaama, fuula yookiis miilla dhiqatan of bira kaa'anii

ijaan eegu. Yeroo daree galan garuu dhakicha fudhatanii

hingalan. Dareedhaa ala kaa'u.

Dhakaa sana akka mucaa dhalaniitti kabajuufi jal'achuu

qabu. Barattootni tokko-tokko dhakaa isaaniitiif maqaa

baasuu barbaadu ta'a. Kan fedhes haata'uu hanga torban

isa itti aanuutti dhakaa isaanii kunuunsuufi kabajuu qabu.

Tokkoo-tokkoo dhakichaa irratti mallatteessi. Sababiinsaa

torban isa itti aanu yeroo isaan dhakaa isaanii fidanii

dhufan addaan baasanii beekuuf nama gargaara.

Barataan fedhe yeroo gara magaalaa, mana ormaa

yookiis ganda biroo adeemuu dhakaa isaa baatee yoo

hindhaqne dorgommii hojii manaa kanaa ala akka ta'u

ifaan himi. Wanti isaanii hingalin yoo jiraate ibsiif.

2. Amma dhakaa duraan walitti qabde keessaa

barattootaaf tokko-tokko kenni. Tokkoo-tokkoo dhagichaa

irrattis mallatteessi.
7

Gocha Barsiifataa Miidhaa

Fidaniifi Korniyaa

✦ Barattootni gocha barsiifataa miidhaa fidanii addaan

baasanii akka beekan gargaaruu.

✦ Barattootni haala jibbisiisaa gocha barsiifataa miidhaa

fidanii hubatanii karaa isaan itti waya'an akka yaadan

gochuu.

✦ Gosa hojjaalee dhiiraafi dhalaadhaan hojjetaman

addaan baasanii akka beekaniifi miidhaa hireen hojii

akkasii kun qabus akka hubatan gochuu.

✦ Gochaaleen barsiifataa miidhaa fidanii yeroo

dheeraadhaaf dhallootaa gara dhalootaatti daddarbaa

kan turaniidha.

Gochaaleen barsiifataa miidhaa fidanii fayyaafi jireenya

gamtaa irrati dhiibbaa hamaa fida.

✦ Yeroo baay'ee gochaalee barsiifataa miidhaa fidaniin

kan hubaman dubartoota.

✦ Itoophiyaatti kan argaman barsiifataa miidhaa fidan

keessatti utuu hinga'in eerumuu, butiidhaafi durba

dhaqna qabuun niargamu.

✦ Saala irratti kan hundaa'e hirmaannaan hojii kan

barsiifataa malee kan uumamaa miti.

✦ Jechi "saalaa" jedhu uumamaan "dhiira" yookiin

"durba" ta'anii uumamuu agarsiisa.

✦ Jechi "korniyaa" jedhu kan uumamaa utuu hinta'in haala

hawaasni uumeedha. Hawaasni tokko hojii yookiis itti

gaafatama tokko dhiirraaf isa kaanimmoo dhalaadhaaf

godhee murteessuu yookiis yaaduu isaa kan

agarsiisuudha. Kanaafis "sirni-saalaa" yaad-rimee

ilaalchaafi amantii hawaasni tokko qabu kan calaqqeesisu

ta'ee wayyaa'uu yookiis jijjiiramuu kan danda'uudha.

H

o

j

j

a

a
58

✦ Barsiistichi hojii manaa yeroo darbe kenname barattootni

hojjetanii fixuu isaanii mirkaneessa. Kana boodaa gaaffilee

torban darbe gaafatamanii turaniif ogeessi fayyaa deebii

kenna. Itti aansee barattootni fakkilee waa'ee barsiifata

miidhaa fidanii ilaaluudhaan irratti dudubbatu. Barsiistichi

barreeffama gabaabaa tokko barattootaaf dubbisee achi

keessa kan jiran hojjaalee barsiifataa miidhaa fidan irratti

yaada tokko-tokko ibsa. Dhuma barreeffamasanaa

barattootaaf utuu hindubbisin barattootni filanno dhuma

ta'uu danda'an akka dhiyeessaniif gaafata. Dhuma irrattis

barattootni waa'ee korniyaa irratti dudubbatu.

✦ Daqiiqaa 60

✦ Kophéé

✦ Waraqaa yaadannoo itti qabatan

✦ Boronqii

✦ Gabatee gurraacha
✦ Gaaffilee barattootaa deebisuu kan danda'u ogeessa

fayyaa tokko naannoo sanaa qopheessi. Yoo danda'ames

ogeessi sun qaamaan dhiyaatee akka inni deebii kennuf

haala mijeessi.

✦ Kaayyoo hojjichaafi ijoo ergichaa sirritti hubadhu.

✦ Meeshaalee barsiisaaf sibarbaachisan qhopheefadhu.

Hojilee Sadarkaa-sadarkaadhaan Hojjetaman

Sadarkaa 1 Barattootni dhakaa torban darbe gara mana isaaniitti fudhatan gara

dareetti akka galchan gaafadhu. Dhakaa isaaniifis eenyufaan akkaa

kunuunsaa gaarii gochaa turan addaan baasii bari.

Sadarkaa 2

Sadarkaa 3

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Dhakicha torban guutuu kunuunsuun rakkisaa ture? Yoo

deebiinsaa "Eeyyee" ta'ee rakkisaa kan ture maali?

2. Ijoollee guddisuun hammam cimaadha? Dhakaalee sana kan

kunuunsitan torban tokko duwwaadhaafi. Ijoollee guddisuun hojii

yeroo hammamiiti?

Torban darbe barattootni gaafatanii kan turan waa'ee umurii saalfattee,

makamaa/laguufi, waa'ee dhaabbachuu qunxurroo deebiin akka kennamu

godhi.

59
Sadarkaa 4

60

Gochaalee Barsiifataa Miidhaa Fidanii

Barattootni waa'ee dhaqna-qabaa, butiifi utuu hinga'in eerumuu waan

dhaga'an/beekan akka himan gaafadhu.

Barataan waa'ee gochaalee barsiifataa miidhaa fidanii beeku yoo

hinargamne gochaaleen barsiifataa miidhaa fidanii fayyummaa sirnahormaataafi

mirga ilma namaa dubartootaa kan miidhan ta'uu isaanii

barattootaaf ibsi. Gochaaleen akkasii dhalootaa gara dhalootaatti dabraa

turuu isaanii ibsi. Itti dabalii kanatti aananii kan jiran ibsi .

Umrii malee heerumuu

Durbi waggaa 18 dura eerumtu ulfa rakkisaa ta'eefi fistuulaatti

(fistula) saaxila baati. Carraa ishiin Ech Ayi Vii Eedsiifi

(HIV/AIDS) dhukkuba saal-quunnamtii biroodhaan

qabamuudhaaf qabdus bal'aadha. Sababiinsaas dhirsi ishii

kanaan dura walquunnamtii saalaa kan godhe ta'uu waan

danda'uudhaaf.

Utuu hinga'in eerumuun kan inni fide itti gaafatamni ba'aa

hojii mana keessaafi ijoollee guddissuu kana fakkaata.
Butii

Butiin dubartii irratti humnaan adeemsifamu ishii butamtu irra hiri'ina

qaamaa geessisuu nidanda'a. Intalli butamtus nama hinfilatinii wajjin

walquunnamtii saalaa akka gootuuf dirqamti. Kanaaf Ech Ayi Vii

Eedsii (HIV/AIDS)fi dhukkuba saalaa birootti saaxilamuu dandeessi.

Humnaan Butuu

Dhaqna-qabaa durbaa (kittaannaa)

Dhaqna-qabaa durbaa jechuun qaama hormaata (quxxee) ishii karaa

bakkee irraa kutanii gatuu jechuudha. Gochaan akkasii aalbee

qulqullinnisaa hineegaminiin raawwatamuu waan danda'uuf Ech Ayi

Vii Eedsiifi (HIV/AIDS) dhukkubaa adda-addaatti isaan saaxila. Yeroo

da'umsaas rakkina uumuu nidanda'a.

Dhaqna-qabaa Durbaa - Barsiifata Miidhaa Fidan

Keessaa Isa Tookko

61
Sadarkaa 5

Sadarkaa 6

62

Barattootni qabxilee armaan olii irratti xiqqoo eega dudubbatanii booda

fakkii sadan armaan olii itti agarsiisi. Gaaffilee kanatti aananii jiranis

gaafadhu.

1. Fakkilee sana irratti maal-maal agartu?

2. Namni fakkii sana irra jiru fuulduratti haala akkamiitu irra ga'a

jettanii yaaddu?

Saala

Dhiira

Dubartii

Barsiisichaaf Yaadannoo:-

Gabatee armaan gadii gabatee gurraacha irratti barreesiiti dubartootni dhiira

caalaa gochaalee barsiifataa miidhaa fidaniin akka hubaman barattootaaf ibsi.

Gosa Hubaatii Gochaalee Barsiifataa Miidhaa Fidaniin

Dhufan (plural)

Dhaqna-qabaa

Durbaa

(kittaannaa)

Butii Utuu Hinga'in

umrri malee

Eerumuu

Dhaala (Dubartii

AbbanManaa Irraa Du'e)

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Durbaafi dhiirri walqixxeetti gochaalee barsiifataa miidhaa

fidaniin hubamuu?

2. Fakkilee armaan olii keessatti wanti hindhiyaatiniifi isin kan

beektan gochaaleen barsiifataa miidhaa fidaniinii biroon jiruu?

Kanatti aansitee waa'ee nama guddaa intala dargaggeettii taate fuudhe

tokkoo barreeffama gabaabaa akka dubbiftuuf barattootatti himi. Sana

booda gareen lama karaa adda-addaa barreeffama sana xumuruuf tapha

akka agarsiisan ibsi.
Sadarkaa 7

Oduu kannatti aanu dubbisi.

Masfiniifi Tizzitaa

Masfin kan ijasaa Tizzitaa irra buufatee dur yeroo umuriin ishii waggaa 10

tureedha. Masfiniifi hiriyootni isaa takka-takka yeroo Tizzitaan bishaan

waraabuu dhaqxu ishii argu turan. Bareedduudha jedhanii waan

yaadaniifis yeroo guddattu dubartii barreeddu akka taatu niamanu turan.

Masfin Naannoo sanaa dukkaanaa (suuqii)fi bakka qonnaa gaarii waan

qabuuf nama beekamaadha. Kanaafi kan yeroo Masfin akka Tizzitaa itti

eerumsiisaniif warra ishii gaafatu mamii tokko malee tole jedhaniin. Yeroo

sana umuriin Tizzitaa waggaa 12 duwwaa yoo ta'ellee warri ishii carraan

kana caaluu hindhufuuf jechuudhaan gaaffii sana fudhatan.

Ji'oota yartuu booddee Masfiniifi Tizzitaan walfuudhan. Guyyaa cidha

isaaniis namoota gurgguddaafi beekamoo baay'eetu argame. Cidhichaafis

sangoota baay'eetu qalame. Dhugaatiin adda-addaas qopha'ee ture.

Cidhichis kanaan dura naannoo sanatti qophaa'anii kan beekaman

cidhoota gurguddaa keessaa isa tokko ture. Masfinis baay'ee guddaa kan

ta'e sirna cidha kanaatti gamachuu guddaatu itti dhaga'ame.

Eega walfuudhanii booda mucaa utuu hingodhatin turuu Masfin

hinbarbaadne ture. Hiriyootni isaa garuu Tizzitaan ammayyuu ijoollee waan

taateef jarjaranii mucaa akka hingodhanne isa gorsan. Masfin garuu gorsa

isaanii dhaggeeffachuu hindandeenye. Ijoollummaa Tizzitaa yoo

hubateyyuu hojjaan ishii dheeraa waan ta'eef mucaa deessee guddisuu

nidandeessi yaada jedhuun mucaa godhachuudhaaf murteesse.

Cidhi isaanii darbee ji'oota yartuu keessaatti Tizzitaan ulfoofte. Garaan

ishiis yeroodhaa gara yerootti guddataa dhufe. Kana kan arge Masfin

baay'ee gammade. Gorsa hiriyootni isaa duraandursanii gorsanii turan

sanas hinaaffaadhaa wajjiin walitti qabsiisee yaaduu jalqabe. Akka yaada

Masfinitti shamarree Tizzitaa ulfeessuu danda'uun waan baay'ee isa

boonsuu ture.

Tizzitaan mucummaa ishii kanatti haalli ulfa ishii nagaadhaan itti fufuun

isaa nama baay'ee ajaa'ibsiisee ture. Yeroon ishiin itti deessu ga'ee

ciniinsuun gaafa qabu garuu guyyaa sadi'iif waraansaafi dhiphina guddaa

keessa turtee gara mana wal'aansaatti geessan. Akka ishiin achi geesseen

doktooronni haala ishii qoratanii eega mari'atanii booda baqaqsanii

deessisan. Haata'uyyuu malee mucaan dhalate du'aa ture. Masfinis warri

manaa isaa Tizzitaan mucaa du'aa da'uu ishii tokkichumaan dhaga'e.

63
Sadarkaa 8

Sadarkaa 9

Sadarkaa 10

64

Tapha - Masfiniifi Tizzitaa

Barattotni taphattoota oduu duraa keessa jiran gabatee gurraacha irratti

haabarreessan. Garee lama qopheessiitii qooda taphattoota sanaa akka

taphatan godhi. (Waan taphattootni sun godhan haagodhan/ haajedhan.)

Gareewwan sanatti utuu barattootni biroon hindhaga'in oduu sana

xumuruuf fiannoo kanatti aanan itti himi.

Akkaataa Xumura Odichaa - Filannoo Tokkoffaa

Masfin Tizzitaa hiikee dubartii biroo naqata. (Gareen sun jireenyi Tizzitaa

isa booda akkam ta'uu akka danda'e akka taphaatti haadhiyeessu.)

Akkaataa Xumura Odichaa - Filannoo Lammaffaa

Masfin gorsa hiriyoota isaa dhaga'uudhaan barumsa irraa argatee

Tizzitaan akka turtee deessuuf godhe.

Gareen lamaan daree ala ba'uudhaan daqiiqaa shan keessatti hojii tapha

isaaniif kenname hojjetanii akka dhufan itti himi. Hamma gareen lamaan

shaakalanitti gaaffilee armaan gadii barattoota warra daree keessa jiran

gaafadhu.

1. Masfin intala dargaggeettii akkasii fuudhuu kan barbaade maaliifi?

2. Tizzitaan waan Masfinitti eerumuu barbaadde isinitti fakkaataa?

3. Warri Tizzitaa mucaa isaanii Masfinitti eerumsiisuuf kan akkana

gamaddan maaliif ture?

Gareen lamaan daree ala ba'anii shaakalaa turan gara dareetti deebi'anii

tapha isaanii akka agarsiisan godhi. Tapha isaanii sadarkaa 8 jalatti kan

kenname "akkaataa xumura odichaa - filannoo tokoffaa"tti gargaaramanii

akka dhiyeessan ibsiif.
Sadarkaa 11

Sadarkaa 12

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Akka akkaataa xumura odichaa filannoo tokoffaatti Tizzitaan

eega mucaa du'aa deessee booda Masfin haadha manaa

biroo fuudhuun isaa sirrii ture jettanii yaadduu? Deebiin

keessan "Eeyyee" yoo ta'e maaliif? Deebiin keessan

"Hi'iyyoo" yoo ta'emmoo maaliif sirrii hinturre?

2. Dubartiin beektan biroon kan akka carraan Tizzitaa ishii

quunname jirtii? Deebiin keessan "Eeyyee" yoo ta'e jireenyi

ishii inni dhumaa maal ta'e? Maqaa ishii himuu

hinbarbaachisu.

Hamma ammaatti kan irratti dudubbatne waa'ee gochaalee barsiifataa

miidhaa fidaniiti. Kannatti aanseemmoo waa'ee hojii hirmaachuu

korniyaa irratti duddubbatna.

Akka Barsiifataatti Hojilee Manaa Alatti Dhiraan Hojjeetaman

Keessaa Tokko-tokko

Akka Barsiifataatti Hojilee Dubartootaan Hojjeetaman

Keessaa Tokko-tokko

65
Sadarkaa 13

66

Gosa hojii dhirriifi dhalaan hojjetan ibsuuf akka dandeessuf gabatee

armaan gadii gabatee gurraacha irratti hojjedhu.

Saala Gosa Hojii Isaan Hojjetanii

Dhiira Qonnaa qotuu, murtee kennuu, qabeenyaa to'achuu, mana ijaaruufi

kan kana fakkaatan

Dhalaa Bishaan waraabuu, nyaata qopheessuu, midhaan daaksisuu yookiis

daakuu, mana qulqulleessuu, mucaa guddisuu, meeshalee manaa

miicuu, wayyaa miicuu, gabaa dhaquufi kan kana fakkaatan

Gaaffilee kanatti aanan gaafadhu.

1. Hojjaaleen tarreeffaman kun miseensota saala tokkoo

duwwaadhaan hojjetamu qabu jettee amantaa? Dhiiraafi dhalaa

irra hojii ulfinaan walgitutu jiraa? Deebiin isaa "Hi'iyyoo" yoo ta'e

haallichi dubartoota kan inni miidhuu danda'u akkamitti?

2. Gosa hojilee dhalaa warra gabatee armaan olii irratti

agarsiifaman keessaa dhiirri kan hojjechuu danda'u jiraa? Kan

warra dhiraa keessaas warri dhalaa kan hojjechuu danda'an

jiraa? Deebiin isaa "Hinjiran" yoo ta'e maaliifi?

3. Warri Tizzitaa mucaa isaanii Masfinitti eerumsiisuuf kan

akkana gamaddan maaliif ture?

Dubartoonni hojii kamiyyuurratti hirmaachuudhaaf

ga’umsa qaba
Qabxilee armaan gaditti kennaman gabaabaatti ibsiiti

hojicha xumuri.

✦ Gochaaleen barsiifataa miidhaa fidanii dhalootaa gara

dhalootaatti daddarbaa waan turaniidha.

✦ Gochaaleen barsiifataa miidhaa fidanii haala fayyaafi jireenya

gamtaa irratti dhiibbaa hamaa qabu.

✦ Harka caalu gochaalee barsiifataa miidhaa fidaniin kan

hubaman dubartoota.

✦ Dhiiraafi dhalaa gidduu kan jiru hirmaannaan hojii waan

namni uume malee kan uumamaa miti.

✦ Barattootni naannoo isaaniitti kan argaman gosaafi baay'ina

gochaalee barsiifataa miidhaa fidanii irratti hiriyootaafi maatii isaanii

wajjin akka dudubbatan godhi.

67
8

Barsiifata Hamaa Irraa

Of Dhorkuu

✦ Barattootni barsiifata hamaa irraa of dhorkuun faayidaa

qabaachuu isaa beekanii irraa of eeguu akka danda'an

gargaaruu

✦ Of dhorkuu jechuun waan tokko gochuu irraa fedha

keenyaan of eeguu jechuudha.

✦ Barsiifata hamaa baay'ee gochuu irraa of dhorkuun

nidanda'ama. Fakkeenyaaf tamboo xuuxuu, caatii

qama'uu, dhugaatii dhuguu, soba dubbachuu, waan

ormaa hatuufi kan kana fakkaatan irraa of dhorkuun

nidanda'ama.

✦ Barsiifata hamaa irraa of dhorkuun jireenya gaarii akka

jiraannu nugargaara.

✦ Duraandursanii barattootni yaada "Hi'iyyoo" jedhu afaan

kamiin

(Afaan Inglizii, Afaan Amaaraa, Afaan Oromoofi kan kana

fakkaatan) akka ibsuu danda'an dubbatu. Isa booda

barsiistichi jecha "of dhorkuu" jedhu haala bal'aadhaan

barattootaaf ibsa. Kannatti aane barsiifata hamaa isa kam

irraa of dhorkuu akka qaban barattootni akka himan isaan

gaafata. Akka taphaatti akka isaan dhiyessanis isaaniif

ibsa. Dhuma irrattis oduu gabaabaa waa'ee barataa

hiriyootnisaa akka inni tamboo xuuxuufi caatii qama'u

gaafannaan didde tokkoo barsiistichi barattootaaf dubbisa.

Barattootni oduu dhaga'an kanaaf yaada xumuraa biroo

akka filannootti akka dhiyeessan godha.

H

o

j

j

a

a
✦ Daqiiqaa 60

✦ Kophéé

✦ Waraqaa yaadannoo itti qabatan

✦ Boronqii

✦ Gabatee gurraacha

✦ Kaayyoo hojjichaafi ijoo ergichaa sirriitti hubadhu.

✦ Tartiiba akkaataa barumsichi itti dhiyaatuu hubadhuutiii

haala ibsameen sochii gochuuf qophaa'i.

✦ Meeshaalee barsiisaaf sibarbaachisan qhopheeffadhu.

✦ Barattootni afaan/qooqa isaan ittiin "hi'iyyoo" jechuu

danda'aniifi beekan gabatee gurraacha irratti barreessi.

✦ Gaaffilee kanatti aanan gabatee gurraacha irratti barreessi.

1. Nama tamboo xuuxu yoo taate maal taata yookiis

maal sigodha?

2. Nama dhugaatii dhugdu yoo taate maal taata yookiis

maal sigodha?

3. Nama caatii qama'u yoo taate maal taata/maal

sigodha?

4. Sobduu yoo taate maal taata yookiis maal sigodha?

69
Hojilee Sadarkaa-sadarkaadhaan Hojjetaman

Sadarkaa 1 "Hi'iyyoo" jechuu afaan adda-addaatiin ibsuu

70

"Hi'iyyoo" ibsuuf jechoota afaan adda-addaatiin gabatee gurraacha irratti

barreeffaman barattootni akka shaakalan gaafadhu. Dubbisuu isaa eega

shaakalanii booda bakka duwwaa armaan gadii keessatti jecha "hi'iyyoo"

isa sirri haabarreessan.

"Hi'iyyoo" ibsuuf:

1. Afaan Ingliziitiin ___________________________ jedhama.

2. Afaan Amaaraatiin _________________________ jedhama.

3. Afaan Oromootiin __________________________ jedhama.

4. Afaan ___________________________________ jedhama.

5. Afaan ___________________________________ jedhama.

6. Afaan ___________________________________ jedhama.

7. Afaan ___________________________________ jedhama.

8. Afaan ___________________________________ jedhama.

"Hi'iyyoo" jechuu afaan adda-addaatiin ibsuu

Lakk. Afaan

Biyya Afaanichi

Itti Dubbatamu

"Hi'iyyoo" jechuuf

jecha Itti

Gargaaraman

1 Afaan Arabaa Baha Gidugaleessaa Leey

2 Afaan Ashaantii Kaabaa Gaanaa Daabii

3 Afaan Inglizii Inglizii/ Amarikaa Noo

4 Afaan Jarmanii Jarmaniyi Naayin

5 Afaan Girikii Girikii Ooch

6 Afaan Jaapaanii Jaapaan Laay

7 Afaan Maandariinii Chaayinaa Bu shii zihee yaang

8 Afaan Maasaayii Keeniyaa Micaa

9 Afaan Ruusiyaa Ruusiyaa Niyeet

10 Afaan Wooloofii Senegaal Dedet
Sadarkaa 2

Marii barsiistichaan geggeeffamu

Barumsa har'aa keessatti barattootni waa'ee of dhorkuu akka

baratan itti himi. Faayidaaleen of dhorkuu maal akka ta'an akka

ibsan gaafadhu. Yeroo isaan yaada isaanii kennanii raawwatan:

Dhaloota Haaraa Barsiifata Miidhaa

Fidan Irraa Qulqullaa'e

Sadarkaa 3

✦ Of dhorkuu jechuun barsiifama hamma ta'e tokko gochuu irraa

fedha keenyaan of eeguu jechuudha.

✦ Of dhorkuu jechuun akka namootni baay'een yaadan

walquunnamtii saalaa irraa of dhorkuu duwwaa utuu hinta'in

barsiifama hamma kan akka dhugaatii, tamboo (sijaaraa)fi caatii

irraa ofqusachuu ta'uu isaa ibsi.

✦ Barattootni gosaalee barsiifama hamaa itti dabalanii akka himan

gaafadhu.

Dargaggoota Barsiifata Miidhaa

Fidaniin Hidhaman

Gosaalee of dhorkuu barattootni himan gabatee gurraacha irratti barreessi.

Kana booda barattoota akka walfakkina saalaatiin garee shan yookiis

ja'atti qoodi. Itti aansiitii gareewwan sun tapha of dhorkuu barsiisuu danda'u

akka hojjetan itti himi. Taphicha keesssatti namnii yaada isaa/ishii "hi'iyyoo"

jechuudhaan ibsu akka jiraatu godhi. Tapha qopheessan sana

garee-gareedhaan ta'anii daqiiqaa kudhaniif haashaakalan.

71
Sadarkaa 4

Sadarkaa 5

Sadarkaa 6

72

Gareewwan sun taphoota isaanii akka dhiyeessan godhi.

Kanatti aansee waa'ee barataa barsiifata hamaa akka godhuuf dhiibbaan

itti baay'ate tokkoo barreeffama gabaabaa "Saaliimiifi kara-deemsa isaa"

jedhu akka dubbiftuuf barattootatti himi. Oduu sana eega dubbiftee booda

barattootni karaa adda-addaatiin xumurasaa akka taphaatti akka

dhiyeessan itti himi.

Amma mata-duree "Saaliimiifi kara-deemsa isaa" jedhuun kan barreefame

oduu gabaabaa barattootaaf dubbisi.

Saaliimiifi Kara-deemsa Isaa

Saaliim amala gaarii kan qabu barataa kutaa shaniiti. Haata'uyyuu malee rakkinni waa

iraanfachuu xiqqoo irraa mul'ata. Hojii manaa barsiisaan isaa kenneef yeroon inni itti

irranfatullee nijira. Takka-takkammoo qubeessituusaas nigata. Saaliim waan kana

wayyeessuudhaaf yaalii gochuu garuu hindhiifne. Karaa biroommoo Saaliim maatii isaa

biratti baay'ee jal'atamaadha.

Guyyaa tokko Saaliim kitaabolee isaa irraanfatee mana barumsaa deemee waan tureef

gara manaatti deebi'uutu irra ture. Deebi'ee deemuun baay'eeyyuu itti hinulfaatne ture.

Garu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa karaa bira jiru sana bira darbuu yeroo

dheeraadhaaf nijibba ture. Sababiin isaa ijoollotni gurguddoon mana barumsaa sanaa

baratan yeroonni achiin darbu irraa deddeebi'anii waan sossodaachisaniifiidha.

Saaliim garuu gaafa sana ijoollonni sun gara mana isaanii niadeemu jedhee waan amaneef

baay'ee utuu hindhiphatin adeemsa isaa itti fufe. Akka kanatti Saaliim gaafa mana

barumsichaa xiqqoo darbu gammachuun itti dhaga'ame. Garuu baay'ee utuu hinturin

sagalee tokko dhaga'e. Sagalichis "Dhaga'i gurbayyo! As kottu!" kan jedhu ture.

Saaliim sagalee dhaga'e sana baay'ee sodaate. Maal gochuun akka isa irra jirus dalga itti

gale. Yeroo kana hiriyootni isaa utuu isa bira jiraatanii gaarii akka tureefi akka isaa

gargaaruu danda'anis yaade. Saaliim gara sagalee dhaga'e sanaattis deeme. Gaafa achi

ga'us ijoollonni dargaggoo dhiiraa sadi'iifi shamarran sadii qonnaa caabbii keessa taa'anii

haala ho'aadhaan yeroo dudubbatan arge.
Akka achi ga'eenis fooliin tamboo (sijaaraa) baay'ee ciinca'u itti dhaga'ame. Akka

dhukkubuus ta'e. Barattootni sunis caatii qonnaa qotee-bultoota naannoo sanaa irraa

cabsanii fidan utuu isaan taa'anii qama'aniifi tamboo xuuxanii ilaale. Saaliim kana yeroo

argu caalaatti dukkubniifi naasuun itti dhaga'ame.

"Nu fakkaadhukaa obboo!" jedhe dargaggoota sana keessaa inni tokko Saaliimiin.

Shamarran keessaa tokkos "As siqiitii nu wajjin qama'i!" jette Saaliimiin. "Waan nama

miidhu miti. Gaafa afaaniin tuqxu nijaala'ata!" jettee shamarree biroon Saaliimin

hawachuuf.

Saaliim gidduutti rakkate. Kanaan dura warri isaa caatii qama'uufi tamboo xuuxuu akka

hinqabne itti himanii turan. Barsiisaan saayinsii tamboo xuuxuun fayyaa irratti balaa

hammamii akka inni fidu kanaan dura kan inni itti hime yaadate. Saaliim kanaan dura

barataa ta'ees gaafa nama guddaa ta'u caatii akka hinqamaaneefi tamboo akka hinxuuxne

murteessee jira. Haata'u malee naannoo isaatii akka inni caatii qama'uufi tamboo xuuxu

kan isa hawwatan dargaggoo baay'eetu jira. Saaliim garuu barataa murtee isaatti cimeefi

barsiifata hamaa irraa of dhorkuuf kutateedha.

Sadarkaa 7

Tapha

Barattootni taphattoota oduu "Saaliimiifi Kara-deemsa Isaa" jedhu keessati

caqasaman akka dubbatan gaafadhuutii deebii isaanii gabatee gurraacha

irratti barreessi. Fedha kan qaban gareewwan lama taphattoota bakka

bu'uudhaan tapha akka dhiyeessan godhi. Isaanis filannoo armaan gadiitti

gargaaramanii akka dhiyeessan itti himi. Garee inni duraa filannoo isa

jalqabaa garee inni lammaffaammoo filannoo isa lammataatti akka

gargaaraman itti himi.

Filannoo Tokkoffaa:

Saaliim gaaffii dargaggoota sanaa fudhatee isaanitti makama.

Tamboos nixuuxa. (Saaliim yeroo mana ga'u maaltu isatti akka

dhaga'amu gareen tapha dhiyeessu sun akka agarsiisu itti himi.

Filannoo Lammaffaa:

Saaliim ofitti amanee dhiibbaa dargaggoota sanaa danda'uudhaan

gaaffii isaaf dhiyaate hinfudhadhu jedhee isaan gatee deema. Mana

yeroo ga'us waan godhetti gammada.

73
Sadarkaa 8

Sadarkaa 9

74

Taphicha gareen dhiyeessan lamaan ala ba'anii daqiiqaa shaniif akka

shaakalan itti himi. Barattoota warra daree keessatti hafanimmoo gaaffii

kanatti aanan gaafadhu.

1. Saaliim yeroo barattootni sadarkaa lammaffaa sun akka inni gara

isaanii dhaquuf waaman maaltu isatti dhaga'ame jettanii yaaddu?

2. Isin utuu Saaliim taatanii nisodaattu turtanii?

3. Dargaggootni sun Saaliim waan isaan godhan akka inni godhu kan

barbaadan maaliifi?

4. Saaliim gaaffii dargaggoota sanaa fudhatee waan isaan godhan

utuu godhee jira ta'ee jireenya akkamii qabaata ture? Dhiibbaa

isaanii danda'uu isaatiif Saaliim fuulduratti jireenyi inni jiraatu kan

akkamii ta'a?

Daqiiqaa shan booda gareewwan sun tapha isaanii akka dhiyeessan godhi.

Sadarkaa 10 Gaaffilee Irratti Dudubbatan

Barattoonni gareedhaan qodamanii gaafii

kennameef irratti yoo mari’atan

1. Sadarkaa 8 jalatti filannoo dhiyaatan keessaa isa kamiin caalaatti

jaal'attan? Maaliif?

2. Akka filannoo tokkoffaatti Saaliim gaaffii dargaggoota sanaa fudhatee

tamboo xuuxee manatti galee jira utuu ta'ee yeroo maatiin isaa

galgala galanii isa argan maaltu itti dhaga'ama ture? Filannoo

lammaffaa irratti kan kaa'ame tarkaanfii murtee utuu fudhatee jira

ta'eehoo?

3. Sagniin dhiibbaa Saaliimiin quunnamee siquunnamee beekaa? Yoo

siquunnamee beeka ta'e akkamittiin dhiibbaa sana mo'atte?
Qabxilee armaan gaditti kennaman gabaabaatti ibsiiti

hojicha xumuri.

✦ Of dhorkuu jechuun waan tokko fedha ofiiin dhiisuu

jechuudha.

✦ Gochaalee barsiifata hamaa adda-addaa irraa of dhorkuu

nidandeenya.

✦ Barsiifata hamaa irraa of dhorkuun jireenya nagaa akka

jiraannuf nugargaara.

✦ Barattootni gochaalee barsiifata hamaa adda-addaa irraa

of dhorkuun faayidaa inni qabu bal'inaan akka irratti

dudubbatan itti himi.

✦ Barattootni gosa gochaalee barsiifata hamaa adda-addaa

naannoo isaanitti argamaniifi miidhaa isaan fidan kaasanii

walii wajjin akka irratti mari'atan itti himi.

75
Ech Ayi Vii Eedsii

(HIV/AIDS)

9

✦ Barattootni waa'ee Ech Ayi Vii Eedsii (HIV/AIDS)

beekumsa bu'uraa akka argatan gochuu.

✦ Barattootni karaa Ech Ayi Vii Eedsiin (HIV/AIDS) ittiin

daddarbuu akka hubatan gochuu.

✦ Ech Ayi Viin (HIV) vaayirasii (virus) dhukkuba Eedsii

(AIDS) fiduudha. Qaamni keenya dhukkuba adda-addaa

of irraa dhorkuu akka danda'uuf sirna (system) mataa

isaa qaba. Ech Ayi Viin (HIV) sirna ittiin dhukkuba of

irraa dhorkinu kana dadhabsiisuudhaan dhukkuba

adda-addaatti akka saaxilamnu nugodha.

✦ Waa'ee karaa Ech Ayi Viin (HIV) ittiin daddarbuufi

waa'ee dhkkubichaa yaada/ilaalcha dogongoran

baay'eetu jiran.

✦ Barsiistichi waa'ee Ech Ayi Vii Eedsii (HIV/AIDS)

gabaabaatti ibsa. Kana booda barattootni tapha haala

sochi qaamaa Ech Ayi Vii (HIV) akka fakeenyaatti

agarsiisu taphatu. Itti aanee beekumsa barattootni

waa'ee daddarba Ech Ayi Vii (HIV) qaban hubachuu

kan dandeessisu tapha biroo taphatu.

✦ Daqiiqaa 60

H

o

j

j

a

a
✦ Waraqaa babal'aa lama

✦ Maarkarii (marker) ittiin barreesan yookiis kophéé

✦ Boronqii

✦ Gabatee gurraacha

✦ Waraqaa babal'aa lama qopheessi. Isa tokko irratti

guddisiitii jecha "Dhugaa" jedhu barreessi. Isa biroo

irrattimmoo guddisiitii jecha "Soba" jedhu barreessi Isa

booda isa tokko keenyan gara mirgaakeetti argamu irratti

isa biroommoo keenyan gara bitaakeetti argamu irratti

maxxansi.

✦ Kaayyoofi ijoo ergaa hojjichaa sirriitti hubadhu.

✦ Meeshaalee barsiisaaf sibarbaachisan qhopheefadhu.

Hojilee Sadarkaa-sadarkaadhaan Hojjetaman

Sadarkaa 1

Barattootni waa'ee Ech Ayi Vii Eedsii (HIV/AIDS) waan beekan akka

dubbatan godhi. Kana booda yaada armaan gadii barattootaaf sirriitti ibsi.

✦ Ech Ayi Viin (HIV) vaayirasii (virus) dhukkuba Eedsii (AIDS) fiduudha.

✦ Ech Ayi Viin karaa gurguddaa kanatti aananiin daddarba.

1. Karaa of eegganaa hinqabneen nama Ech Ayi Viin dhiiga isaa keessa

jiruu wajjin walquunnamtii saalaa gochuudhaan

2. Lilmoo, haadduu (blade) yookiis meeshaalee qara qaban biroo nama

Ech Ayi Viin dhiiga isaa keessa jiruu wajjin itti grgaaramuu

3. Yeroo dhiiga nubarbaachisee fudhannu dhiigichi kan hinqoratamneefi

Ech Ayi Viin kan keessa jiru yoo ta'e

4. Ech Ayi Viin dhiiga ishii keessa kan jiru dubartii ulfi yeroo ulfaa,

da'umsaafi da'umsa booddee wal'aansa ga'aafi of eeggannoo

hingodhanne yoo taate

77
Sadarkaa 2

78

✦ Itoophiyaa keessatti daddarbuu Ech Ayi Viitiif sababii inni guddaan

nama dhiiga isaa keessaa vaayirasicha qabuu wajjin walquunnamtii

saalaa gochuudha.

✦ Ech Ayi Vii Eedsiidhaaf qorichi umurii dheeressu kan argame yoo

ta'ellee kan fayyisu garuu hamma ammaatti hinargamne.

Barattota fedha qaban ja'a filii kaasiitii fuuldura dhufanii geengoo tokko

akka hojjetan godhi. Geengoo isaan hojjetan sana walakkaa isaa

dhaabadhu. Barattootni hafanimmoo ka'anii fuula isaanii gara keessanitti

galagalchuudhaan keenyan bira tarreedhaan akka hiriiran godhi. Eega

isaan akkasitti dhaabatanii booda yaada kanatti aanan haala gaariidhaan

ibsiif.

Tapha Dhukkuba Adda-Addaa Irraa Akka Of Eegnu Agarsiisu

✦ Namni hundinuu kan ittiin ofiisaa dhukkuba irraa eeggatu mala yookiis

sirna uumamaa qaba. Ech Ayi Vii Eedsiin sirna uumamaa kan ta'e kana

kan namootni ittiin dhukkuba irraa of eegan miidhuudhaan akka inni

dadhabu godha.

✦ Namni tokko dhiiga isaa keessa Ech Ayi Viin nijira yoo ta'e, vaayirasichii

sirna uumamaa namtichi ittiin dhukkuba of irraa dhorku dadhabsiisuudhaan

dhukkuba biroo akka inni of irraa hindhorkineef dandeettii isaa

dhabsisiisa.
Sadarkaa 3

Sadarkaa 4

Sadarkaa 5

Sochii barnootaa kanatti fufee dhiyaate barattootni sirriitti hojjechuu akka

danda'aniif qajeelfamaafi ibsa kanatti aanee jiru haala isaanii galuun ibsiif.

✦ Barattootni nama fayya-qabeessa godhanii akka isaan siyaadan itti

himi.

✦ Barattoota simarsanii jiran ja'animmoo akka sirna uumamaa dhukkuba

sirraa dhorkaniitti akka yaadan itti himi.

✦ Warra keenyan bira tarreedhaan hiriiranii jiraniinimmoo akka Ech Ayi

Viitti (vaayirasii Eedsii fidaniitti) akka yaadan itti himi.

✦ Ajaja "jalqabaa!" jedhu akka ati kenniteen barattootni warri hiriira

keessaa sun warra ja'aa sanaan dorgomanii utuu qammi isaanii

hintuqamin akka situquu qaban itti himi.

✦ Simarsanii geengoo kan hojjetan barattootni ja'an sunimmoo warri

hiriira keessaa akka sintuqneef karaa cufuudhaan jabaatanii bakkeetti

akka dhorkan itti himi.

✦ Barattootni warri situquudhaaf dorgoman sun barattoota warra

dhorkaniin yoo qaamni isaanii tuqame garuu tapha keessa ala ta'anii

hamma taphichi dhumutti bakkee akka dhaabatan itti himi.

Armaan ol sadarkaa 2 jalatti tapha ibsame barattootni haala ibsame

sanaan akka taphataniif jalqabsiisi. Marsaa tokko eega taphatanii booda

barattootni warri Ech Ayi Vii (vaayirasii Eedsii fidan) ta'anii taphatan gara

keetti dhufanii situquudhaaaf sochii isaan godhan hammam akka rakkisaa

ture gaafadhu. Barattootni warri ja'aa sunis hojii ittisaa cimaa akka hojjetan

ibsi. Sababii kanaafis barataan tokkollee gara keetii darbee dhufuu akka

hindanda'iniifi vaayirasii dhukkuba fidan sana irraa akka eegamte

barattootaaf haala galuun ibsi.

Amma barattotni marsaa lammaffaa taphachuudhaaf haajalqaban. Si'a

kana barattota warra ja'an ittisaa turan keessaa sadii irraa kaasi. Isa booda

taphicha jalqabsiisi. Taphicha booda marsaa kana hojiin warra

situquudhaaf yaalii godhan sanaa salphaa ta'uuf dhiisuu isaa gaafadhu.

Ammammoo yeroo dhumaatiif barattotni taphicha haajalqabani. Si'a kana

warri ittisaa turan hunduu hojii ittisuu dhiisanii callisanii akka ilaalan godhi.

Yeroo taphichi dhumus barattoota warra akka vaayirasiitti hojjetan sana

geengicha darbanii akka isaan sihintuqneef humni isaan dhorku akka

hinturin haala gaariitti ibsi.

79
Sadarkaa 6

Sadarkaa 7

Sadarkaa 8

80

Tapha barumsa kennu armaan olii keessatti akka arginetti namni dhiiga

isaa keessaa Ech Ayi Vii (vaayirasii Eedsii fidan) qabu humni dhukkuba of

irraa ittisuu isaa waan dadhabuuf dhukkubni ada-addaa salphaatti akka

gara qaama isaatti galan ibsi.

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Ech Ayi Viin (HIV) akkamitti qaama keenya miidha?

2. Garaagarummaan Ech Ayi Viifi (HIV) Eedsii (AIDS) gidduu maali?

Dhugaadhamoo soba?

Hawwaasni karaa Ech Ayi Viin (HIV) ittiin daddarbuudha kan inni jedhu

akka himan barattoota gaafadhu. Barattootni deebii kennan waraqaa

irratti akka barreessan itti himi. Hamma deebii kudhan kennanitti deebii

isaanii fuudhi.

Watdorgommii gaafii fi deebii

Kanatti aansanii tapha karaa Ech Ayi Viin (HIV) ittiin daddarbu agarsiisu

akka taphatan itti himi. Waraqaa irratti barreessiitii Keenyan gama tokkoo

irratti jecha "Dhugaa" jedhu keenyan gama kaanii irrattimmoo jecha "Soba"

jedhu maxxansi. Kana booda yaada adda-addaa yeroo ati dubbiftu warri

deebiin isaa dhugaadha jedhanii yaadan gara keenyan jechi "Dhugaa"

jedhu maxxanfame dura warri deebiin isaa soba jedhanii yaadanimmoo

gara keenyan jechi "Soba" jedhu maxxanfame dura akka hiriiran itti himi.

Tapha kana keessa filannoon "Hinmurteeffanne" jedhu akka hinjirre ibsi.

Kana dura waa'ee karaa Ech Ayi Viin (HIV) ittiin daddarbu deebii isaan

barreessanii turanii wajjin kan walfaallessu yoo dhaga'ani deebii sana akka

sirreessuu qaban itti himi. Deebii gaaffilee sana booda ibsa dhiyaatan

barattootaaf ibsi.
Sadarkaa 9 Amma sagaleekee ol kaasii hima kennaman barattootaaf dubbisi.

Dhugaadhamoo soba?

1. Bookeen busaa Ech Ayi Vii (HIV) nidabarsiti.

Soba

Bookeen busaa Ech Ayi Vii (HIV) hindabarsitu. Bookeen busaa dhiiga

nama Ech Ayi Vii (HIV) qabuu yeroo xuuxxu vaayirasichi gara qaama

bookettiitti galuu nidanda'a. Haata'uyyuu malee vaayirasichi bookee

busaa keessa yeroo dheeraadhaaf turuu hindanda'u.

2. Ech Ayi Viin (HIV) wal dhungachuudhaan darbuu nidanda'a.

Dhugaa

Nama Ech Ayi Vii (HIV) dhiiga keessa qabaatee afaan irraa madaa

qabu dhungachuun dhukkubicha waan dabarsuu danda'uuf of

eegachuun nibarbaachisa.

3. Nama dhiiga isaa keessa Ech Ayi Vii (HIV) qabuu wajjin nyaachuun

Ech Ayi Vii nama qabsiisa.

Soba

Nama dhiiga isaa keessa Ech Ayi Vii (HIV) qabuu wajjin nyaachuu

duwwaadhaan namni Ech Ayi Viidhaan qabame hinjiru. Maaliif?

Sababiinsaas Ech Ayi Vii Eedsiin (HIV/AIDS) kan daddarbu karaa

gurguddaa kanatti aananii kennamaniidhaan.

1. Walquunnamtii saalaa of eeggannaa hinqabneen

2. Meeshaalee qara qaban nama Ech Ayi Vii dhiiga keessaa qabuu

wajjin itti gargaaramuu

3. Yeroo dhiiga nubarbaachisee fudhannu dhiigichi kan

hinqoratamneefi Ech Ayi Viin kan keessa jiru yoo ta'e

4. Haati Ech Ayi Vii dhiiga ishii keessaa qabdu yeroo ulfaa,

da'umsaafi da'umsa booddee wal'aansa ga'aafi of eeggannoo

hingodhatne yoo taate

81
82

4. Mixmixa nyaachuun Ech Ayi Viidhaan (HIV) qabamuu irraa nama

oolcha.

Soba

Mixmixa nyaachuun Ech Ayi Viidhaan (HIV) qabamuu irraa nama

oolchuusaatiif ragaan argame hinjiru.

5. Ech Ayi Viin (HIV) dhiiga, dhangala'aa qaama hormaata dhiiraafi

dhalaa akkasumas aannan harmaa keessatti argamuu nidanda'a.

Dhugaa

Ech Ayi Viin (HIV) dhiiga, dhangala'aa qaama hormaataafi aannan

harmaa nama vaayirasicha qabuu keessatti argama.

6. Walquunnamtii saalaa yeroo jalqabaatiif si'a goonu carraan Ech Ayi

Viidhaan qabamuu nu quunnamuu nidanda'a.

Dhugaa

Of eeggannaa ga'aa utuu hingodhin yoomiyyuu yoo walquunnamtii

saalaa goone carraan Ech Ayi Viidhaan qabamuu nuquunnamuu

nidanda'a. Sababiinsaas jara lamaan keessaa qaama isa tokkoo

keessa vaayirasichi yoo jiraate dhiigaafi dhangala'aa qaama

hormaataa keessaa ba'uun darbuu waan danda'uufiidha.

7. Ech Ayi Vii Eedsiidhaaf (HIV/AIDS) hamma ammaatti qorichi

hinargamne.

Dhugaa

Ech Ayi Vii Eedsiidhaaf (HIV/AIDS) hamma ammaatti qorichi

hinargamne. Garuu qorichi umurii dheeressu argameefii jira. Amma

Itoophiyaa keessatti qorichi umurii dheeressu raabsamu jalqabee jira.

Haata'uyyuu malee gatiin isaa baay'ee jabaadha (mi'aadha). Buufatni

fayyaa tookko-tokko qorichicha tola yeroo hiran warri biroonimmoo

hojii kanaaf deggersa horii godhu.

8. Walquunnamtii saalaa irra of dhorkuun Ech Ayi Vii of irraa ittisuudhaaf

mala isa baay'ee filatamuudha.

Dhugaa

Of dhorkuun mala cimaa Ech Ayi Vii ittiin of irraa ittisuu dandeessisu

ta'uun isaa mirkaneeffamee jira.
9. Ech Ayi Viin haadha irraa gara mucaatti akka hindarbine gochuun

hindanda'amu.

Soba

Dubartiin Ech Ayi Viin dhiiga ishii keessa jiru utuu hinda'in, yeroo

da'umsaafi da'umsa booda wal'aansaafi eeggannoo barbaachisaa

yoo fudhatte dhukkubichi gara mucaatti akka hindarbine gochuun

nidanda'ama.

10. Dandeettii Ech Ayi Viin qaama namaa ala ta'ee jiraachuudhaaf qabu

dadhabaadha.

Dhugaa

Ech Ayi Viin dhukkuba namaa duwwaa waan ta'eef qaama namaa ala

ta'ee yeroo dheeraadhaaf jiraachuu hindanda'u.

11. Nama Ech Ayi Viin qabee wajjin akka obboleessaatti yookiis akka

obboleettiitti michuu (hiriyaa) ta'uun yoomiyyuu taanaan bala'amaadha

(sodaachisaadha).

Soba

Nama vaayirasichaa wajjin jiraatuu wajjin tuttuqa vaayirasicha

dabarsuu danda'uu hamma hingodhinitti michummaan

(hiriyummaan) bala'amaa ta'uu hindanda'u.

Sadarkaa 10 Yeroo darbee barattootni deebii isaan waa'ee karaalee Ech Ayi Viin ittiin

daddarbuu irratti kennan walitti qabiitii barumsa isa dhufu dura ogeessa

dhimmichi ilaaluun ibsi akka kennamu godhi.

Barsiisaan barattootaaf ibsa yoo godhan

83
Sadarkaa 11

84

Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Taphicha dura karalee Ech Ayi Viin ittiin daddarbuu ilaalchisee yaadnii

dogongoraa jira turee? Yaadichis maal kan jedhu ture? Isaanis

dogongora ta'uu kan danda'an maalifi?

2. Hawaasni naannookee waa'ee karalee Ech Ayi Viin ittiin daddarbuu

yaadni isaan kennan kan dogongoreedha?

3. Yaada dogongoraa kana sirreessuuf kan ati gochuu dandeessu maali?

Qabxilee armaan gaditti caqasaman kana gabaabaatti

ibsuudhaan hojicha xumuri.

✦ Ech Ayi Viin (HIV) vaayirasii (virus) dhukkuba Eedsii (AIDS)

fiduudha.

✦ Ech Ayi Viin (HIV) sirna uumamaa (natural system) ittiin

dhukkuba of irraa dhorkinu dadhabsiisuudhaan dhukkuba

adda-addaatti akka saaxilamnu nugodha.

✦ Waa'ee karaa Ech Ayi Viin (HIV) ittiin daddarbuu ilaalchisee

amantii dogongoran baay'eetu hawaasa keessa jira.

Sababiinsaas:

✦ barumsa ga'aa dhabuu irraa kan ka'e amantii

dogongoraan jiraachuu isaatiif

✦ loogiif qoqqobbin uumamuu isaatiif

✦ sodaan jiraachuu isaatiif

✦ sababii dhiibbaa aadaatiif ijoolleen yaada isaanii

warraaf ibsuu waan hindandeenyeefi kan kana

fakkaatan

✦ Baattootni naannoo isaaniitti kan himamaniifi dongongora

kan ta'an karaa Ech Ayi Viin (HIV) ittiin daddarbuu warra

isaanii gafatanii akka dhufan godhi.

✦ Karaa isa sirrii kan ittiin Ech Ayi Viin (HIV) daddarbuu warra

isaaniifi hawaasa naannootii akka ibsan itti himi.
Loogiifi Qoqqobbii

10

✦ Barattootni loogiifi qoqqobbiin maal akka ta'e akka beekan

gargaaruu.

✦ Barattootni loogiifi qoqqobbiin namoota Ech Ayi Vii

Eedsii (HIV/AIDS) wajjin jiraatan irratti yaada hamaa inni

uumu akka beekan gochuu.

✦ To help team members understand about puberty and the new

changes on their body.

✦ PWaa'ee namoota Ech Ayi Vii (HIV) wajjin jiraatanii yaada

dogongoraa baay'eetu jira.

✦ Yeroo tokko-tokko namootni warra Ech Ayi Viidhaan qabaman

utuu irraa baqatanii mul'atu. Gochaan akkasii kun loogiifi

qoqqobii jedhama.

✦ Eenyuuniyyuu looguufi qoqqobuun waan sirri hintaneedha.

✦ Barattootni tapha gabaabaa qoqqobbii agarsiisu taphatu.

Isa booda fakkii namoota Ech Ayi Vii wajjin jiraataniifi

qoqqobaman agarsiisu ilaalanii irratti dudubbatu. Dhuma

irrattis barsiistichi oduu gabaabdu waa'ee mucayyoo

qoqqobamte tokkoo barreeffame barattootaaf dubbisa.

Barattootnis oduu sanaaf xumura adda-addaa

kennuudhaan tapha qopheessu.

✦ Daqiiqaa 60

H

o

j

j

a

a
✦ Kophéé

✦ Waraqaa yaadannoo irratti barreessan

✦ Boronqii

✦ Gabatee gurraacha

✦ Kaayyoo hojjichaafi ijoo ergichaa sirritti hubadhu

✦ Kanaan dura deebiin barattootni karaa Ech Ayi Viin ittiin

darbu ilaalchisee kennan sirrii ta'u isaanii ogeessa fayyaa

wajjin ta'udhaan ittatti dudubbadhu. Yoo danda'ames

bakka barattootni argamanitti deebii sana fulaan irratti

dudubbachuudhaaf waliigaltee godhi.

✦ Dalgeen (bench) irraa taa'an akka jiraatan godhi.

Barattoota lama-lamaaf dalgeefi xarapheezzaan tokkotokko

akka jiraataniif haala mijeessi.

✦ Armaan olitti warra caqasaman meeshaalee barsiisaaf

sibarbaachissan qopheeffadhu.

Hojilee Sadarkaa-sadarkaadhaan Hojjetaman

Sadarkaa 1

Sadarkaa 2

86

✦ Deebii torban darbe barattootni karaa Ech Ayi Viin ittiin darbu

ilaalchisee kennan keessaa wanti isaaniif hingalin yoo jiraate ibsiif.

✦ Hojii manaa torban darbe kennameef deebii karaa dongongoraa Ech

Ayi Viin (HIV) ittiin darba jedhaman dhiyeessaatti irratti dudubbadha.

Yaada loogiifi qoqqobbii jedhu ifaan ibsi.

Barattootni waa'ee loogiifi qoqqobbii waan isaan beekan gaafadhu.

Namoota Ech Ayi Viidhaan qabaman maatiin isaanii, hiriyootni isaaniifi

hawaasni naannoo akkamitti akka ilaaluufi akka keessumsiisu gaafadhuutii

akka isaan yaada irratti kennan godhi.
Itti aansuudhaan waa'ee loogiifi qoqqobbii kan dhiyaate ibsa armaan gadii barattootaaf

dubbisi.

Qoqqobbii - Qoqqobbii jechuun ilaalcha dogongoraa ta'e irraa kan ka'e namoota of irraa

fageessuu jechuudha. Namootni tokko-tokko dhukkubsataa waan ta'aniif,

hiyyeessa waan ta'aniif, amantii mataa isaanii waan qabaniif, yookiimmoo

garaagarummaa umuriifi saalaa irraa kan ka'een yeroo qoqqobaman argina.

Qoqqobbii

Loogii - Loogii jechuun ilaalcha dogongoraa ta'een nama tokko namaa gadi,

fokkisaa, yookiis kan kana fakkaatan godhanii ilaaluudhaan ulfinaafi

faayidaa isaaf ta'u akka inni hinarganne gochuu jechuudha. Loogiin kan

uumamu namootni baay'een sammuu isaanii keessatti waa'ee

dhimma/nama tokkoo ilaalcha dogongoraa yeroo qabaataniidha. Nama Ech

Ayi Viidhaan qabamee wajjin nyaachuufi dhuguun dhukkubichatti nama

saaxila kan jedhu yaadni dogongoraan sammuu nama baay'ee keessa

waan jiruuf nama Ech Ayi Vii wajjin jiraatu utuu jibbanii argamu. Yaadni

dogongoraan isaan waliin qaban kun loogii caqasamef sababii ta'e

jechuudha. Waan Kana ta'eef namootni ilaalcha ragaa hinqabneefi

dogongoraa ta'een kan ka'e shakkii, sodaa, yaaddoo fi jibbi isaan qaban

uumamuu loogiitiif sababii ta'a. Gabaabaatti loogii jechuun waan nama

tokkof goodhan isa biroodhaaf gochuu dhiisuu jechuudha.

Walquunnamtii Loogiifi Qoqqobbii Hinqabne

87
Sadarkaa 3

Sadarkaa 4

88

Haala Xin-sammuu Qoqqobbiin Fidu

Waa'ee loogiifi qoqqobbii ibsi giddu jireessi kennamuu isaatiif kanatti

aansanii loogiifi qoqqobbii caalaatti hubachuu akka danda'aniif tapha

tokko akka taphatan barattootatti himi. Taphi kun loogiifi qoqqobbiin

keessattuu nama Ech Ayi Vii wajjin jiraatu hammam akka yaada isaa hubu

baruudhaaf akka isaan gargaaru ibsi.

Qoqqobbii

Barattootni dalgee jiran marsanii geengoo hojjechuudhaan akka

dhaabatan itti himi. Naana'iitii tokkoon-tokkoon barataa kutaa tapha sanaa

keessatti kan kanatti aanan keessaa akka tokkootti akka taphataniif

ramadi.

✦ Shamarree/dargaggeettii

✦ Mucaa abbaafi haati irraa du'an
Sadarkaa 5

✦ Dargaggeessa

✦ Nama Ech Ayi Vii wajjin jiraatu

✦ Dubartii abbaan manaa irraa du'e

✦ Nama hir'ina qaamaa qabu

Yaadannoo Barsiistichaa:-

Armaan olitti kan ibsaman maqaalee taphattootaa akka tartiiba isaaniitti

barattootaaf ramadi. Jechuunis, "shamarree/dargaggeettii" isa jedhu barattu

ishii jalqabaatiif, "mucaa abbaafi haati irraa du'an" isa jedhummoo barataa isa

lamataatiif ... jedhaa itti fufa. Ramaddiin akkasii kun taphattootaa jiran

walqixxeetti hiruu nama dandeessisa.

Barattootni lama-lama ta'anii akka isaan dalgee tokko irra ta'an itti himi. Isa

booda duraan-dursitee fakkeessanii akka taphataniif kenniteefii kan turte

maqaa taphataa sagaleekee ol kaasii dhageessisi. Barattootni maqaa

isaaniif kennamee ture ta'uu isaa akka dhaga'aniin ka'anii dorgommeedhaan

dalgee biroo irra akka taa'an godhi. Yaada armaan olii barattootaaf akka

galutti eega ibsitee booda taphicha jalqabsiisi.

Yaadannoo Barsiistichaa:-

Barattootni hundumtuu dabareedhaan akka dubartii abbaan manaa irraa

du'efi akka nama Ech Ayi Vii wajjin jiraatuu ta'anii akka hojjetan godhi.

Sadarkaa 6 Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Akka nama Ech Ayi Vii wajjin jiraatuu ta'anii hojjechuun miira akkamii

uuma?

2. Namoota biroo kan akka shamarree/dargaggeettii, mucaa abbaafi

haadha hinqabneefi dubartii abbaan manaa irraa du'e ta'anii

hojjechuunoo miira akkamii uuma?

89
Sadarkaa 7

Sadarkaa 8

Sadarkaa 9

90

Fakkilee armaan olii kan loogiifi qoqqobbi ibsan barattootatti agarsiisi. Itti

aansiitii gaaffilee armaan gadii barattoota gaafadhuutii irratti

dudubbadhaa.

1. Fakkilee irratti wanti argitan maali?

2. Nama Ech Ayi Vii wajjin jiraatutti miira akkamiitu dhaga'ama

jettee yaadda? Namoota akkasii ormii maaliif qoqqoba jettanii

yaaddu?

3. Warra Ech Ayi Vii wajjin jiraataniin akka namootni haala

gaariidhaan qabaniifi kunuunsan gochuuf gorsa akkamii

kennuufii dandeessa?

Seenessa

Faantaayee

Kannatti aansee barreeffama gabaabdu waa'ee mucayyoo Faantaayee

jedhamtuu tokko akka dubbiftuuf barattootatti himi. Faantaayeen abbaafi

haati kan irraa du'anii yeroo taatu murtee rakkisaa ta'an murteessuutu ishii

irra ture. Barreeffamicha eega dhaggeefatanii booda gareen lama yaada

filannoo adda-addaatti gargaaramuudhaan akka xumuran itti himi.

Amma barreeffama gabaabaa waa'ee Faantaaye barreeffame

barattoottaaf dubbisi.

Yeroon isaa yeroo manni barumsaa banamee hiriyootni Faantaayee

hunduu qayyabachuudhaan itti qabamaniidha. Fantaayeen garuu hamma

kanatti fedhiin qayyabachuu itti dhaga'amaa hinjiru. Sirumayyuu waan

baay'ee dadhabde fakkaatti. Baay'ees gadditee jirti. Gara mana barumsaa

deemuufis waan humni ishii danda'e hundaa godhuu hindhiboofne. Sanas

ta'ee garuu haalli qayabachuu ishii baay'ee gadi bu'ee jira.

Warri Faantaayee kan isaan du'an naannoo jalqaba waggaa kanaatti.

Abbaafi haati ishii utuu hindu'in dura ji'oota baay'eedhaaf dhukkubsatanii

ciisanii turan. Dhuma irrattis lubbuun isaanii darbuu dandeesseetti.

Duraan-dursanii ji'a Ebilaa keessa kan du'an harmee ishii turan. Ji'a lama

boodamoo abbaan ishii sokkan.

Firootni Faantaayee awwaalchaafillee hindhufne. Booda garuu maatii

warra du'aatiif waan nyaataa erguu jalqaban. Faantaayeefi obboleessa

ishii isa xiqqaa akka gaariitti kunuunsaa kan turan warri ollaas yeroo booda

ilaalchi isaan Faantaayeefi obboleessa ishiitiif jijjiiramaa dhufe. Ijoollee

isaniillee akka isaan obboleessa Faantaayee wajjin hintaphanne dhorkan.

Isa qoqqobuus jalqabani.
Haala Fokkisaa Qoqqobbii Irraa Dhufe

Faantaayeen akka hundumtuu fuula ishii dhowwate hubachaa dhufte.

Faantaayeen utuu warri ishii hindu'in dura barumsa ishiitiin tokkoffaa baati turte.

Hawwiin ishiis xiyyaara balaliisuu ture. Amma garuu kana yaaduu dhiisiitii

obboleessi ishiifi ishiin guyyaa guyyaadhaan garaa isaani guuttatanii

buluuniyyuu waan guddaa ta'ee jira.

Guyyaa tokko Faantaayeen barumsa ishii dhiisuudhaaf lafa ishiin qophooftee

jirtutti barsiistuun herregaa ishii Addee Tasammeen Faantaayeen maaliif yaadi

gaddaafi dhiphinaa akka itti galee gaafatte. Dur barumsa ishiitiin jabduu kan

turte Faantaayeen amma qabxiin ishiis gadi bu'aa akka jiru Addee Tasammeen

ibsiteef.

Addee Tasammeen waa'ee Faantaayee ilaalcha gaarii kan qabduufi kan ishii

jaal'attu barsiistuu ishiiti. Addee Tasammeen uumamuma ishiitiin barsiistuu

nama kabajjuufi kokkolfituudha. Barattoota ishiitti garuu fuula hinkennitu.

Faantaayeen du'a abbaafi haadha ishii barsiistu ishiitti himuu hinbarbaanne.

Haata'uyyuu malee torban sun ishiifi obboleessa ishiif baay'ee rakkisaa waan

tureef Faantaayeen haala jiru barsiistu ishiitti himuudhaaf dirqamte.

"Warrikoo eega du'anii jalqabee namootni natti hindubbatan. Firoonnikoollee

nahingaafanne. Nyaata dur nuergaa turanillee amma nuuf hinergan. Horii

argachuuf jedhee namoota ganda sana jiraataniif bishaanin waraaba. Garuu

bishaan waraabuun horii ga'aa hinargamsiisu. Kanaaf barumsakoo

dhiisuudhaafin jedha." jettee Faantaayeen barsiistuu ishii Addee Tasammeetti

dubbatte.

Yeroo Faantaayeen waa'ee du'a warra ishii dubbattu barataan tokko dhaga'ee

ture. Innis oduu dhaga'e hiriyoota isaa birootti hime. Akka kanatti barattootni

mana barumsaa sanaa waa'ee du'a warra Faantaayee dhaga'an.

91
Sadarkaa 10

Sadarkaa 11

Sadarkaa 12

92

Tapha

Barattootni armaan olitti kan dubbifame waa'ee Faantaayee keessatti kan

argaman maqaa taphattootaa akka himan gaafadhu. Deebii isaan kennan

gabatee gurraacha irratti barreessi. Garee fedha qabaan lama filadhuutii

taphattoota sana bakka bu'anii akka taphatan godhi. Gareen lamaan oduu

waa'ee Faantaayee akka xumuran itti himi. Isa booda barattootni warri

waa'ee du'a abbaafi haadha Faantaayee dhaga'an Faantaayee akkamittin

akka ilaalaniifi akka ishiitti dhiyaatan kan ibsu tapha haa agarsiisan.

Gareen lamaan daqiiqaa shaniif ala ba'anii akka shaakalan godhi.

Barattoota warra daree keessatti hafemmoo gaaffilee kanatti aanan

gaafadhu.

1. Firoonniifi olloonni ishii kan Faantaayee fuula dhowwatan maaliif jettee

yaadda?

2. Firoonniifi olloonni Faantaayee ishiifi obboleessa ishii sadarkaa sanatti

fuula dhowwachuun isaanii sirrii turee?

Daqiiqaa shan booda gareen lamaan alatti shaakalaa turan tapha isaaniii

akka dhiyeessan godhi.

Sadarkaa 13 Gaaffilee Irratti Dudubbatan

1. Faantaayeen utuu barumsa ishii dhiifteetti ta'ee maal taati turte?

2. Barattootni sun Faantaayee akka kanatti itti dhiyaachuu isaaniitiif

yaadni isin qabdan maali?

3. Barattootni sun Faantaayeetti kan akka sanatti itti dhiyaatan maaliifi?

4. Nama akka Faantaayee kan beektan jiraa? Namoota akkasii

gargaaruudhaaf maal gochuu dandeessu?
Hojii Xumuraa

Qabxilee armaan gaditti caqasaman kana gabaabaatti

ibsuudhaan hojicha xumuri.

✦ Qoqqobbii jechuun sababii ilaalcha dogongoraa ta'een

namoota of irraa fageessuufi hawaasa, maatii

yookiis hiriyaa wajjin akka waliin hinmakamne

dhiibbaa gochuu jechuudha.

✦ Loogii jechuun ilaalcha dogongoraa ta'een nama tokko

dadhabaa, namaa gadi, fokkisaa, yookiis kan

kana fakkaatan godhanii yaaduu jechuudha.

Loogiin namoota walqixxee godhanii ilaaluu

dhiisuudha. Kanaaf loogii jechuun waan nama

tokkof goodhan isa biroodhaaf gochuu dhiisuu

jechuudha.

1. Barattota garee kudhanitti qoodi.

2. Tokkoo-tokkoo garee sanaatiif hojilee hamma ammaatti baratan keessaa

tokko-tokko duwwaa kenniif.

3. Tokkoo-tokkoon garee sanaa ergaa hojii kennameefii gabaabaatti akka

dhiyeessuf daqiiqaa kudhan kennii.

4. Isa booda gareewwan sun akka tartiiba hojichaatti dabareedhaan qophee isaanii

daqiiqaa sadi-sadi'iif barattoota daree sanaaf haadhiyeessan.

5. Ergaa dhiyaatan irratti qabxileen dabalamuu qaban yoo jiraatan akka dabalaniif

barattoota jajjabeessi.

6. Dhuma irrattis hojii waggichaa gabaabsitee ibsuudhaan barumsicha xumuri.

93
94

Qabxilee Yaadannoo

1. Ech Ayi Vii (HIV)

Ech Ayi Viin vaayirasii sirna ittiin qaamni namaa dhukkuba of irraa dhorku

dadhabsiisee dhukkuba adda-addaatti nama saaxiluudhaan suuta jedhee

gadadoofi du'atti kan dabarsee nama kennuudha.

2. HIV = Human Immuno Deficiency virus

3. Eedsii

Ech Ayi Viin sirna ittiin qaamni namaa dhukkuba of irraa dhorku eega dadhab

siisee booda sadarkaa itti dhukkubni adda-addaa mul'atan yeroo ga'u Eedsii

jedhama.

4. AIDS = Acquired Immuno Deficiency Syndrome

5. Qoricha farr'a Eedsii

Namoota dhiiga isaanii keessa Ech Ayi Viin (HIV) jiruufi Dhukkubsattota

Eedsiitiif kan kennamu qoricha baay'inni Ech Ayi Viin (HIV) qaama keessaa

akka inni xiqqaatu godhuudha.

6. Bara 1997(A.L.H.) kan ba'e Eedsiin Itoophiyaa Keessatti (Maxxansaa 5ffaa)

kan jedhu barreeffamni tokkoo biyyattii keessa dhiiga isaanii keessa kan Ech

Ayi Viin jiru namootni miiliyoona 1.5 akka argaman agarsiisa.

7. Biyya keenya Itoophiyaa keessatti bara 2003 (A. L. A.) duwwaa namootni

26,335 ta'an fedha irratti kan hundaa'e qoratama Ech Ayi Vii godhatanii jiru.

8. Biyya keenya Itoophiyaa keessatti namoota dhibba keessaa namni afur

yookiis shan vaayirasicha dhiiga isaanii keessaa kan qaban yeroo ta'u

magaalaatti dhibba keessa namni kudha-sadii baadiyyaattimoo dhibba

keessaa namni sadii vaayirasicha qabu.

9. Biyya keenya keessatti namootni vaayirasichaa wajjin jiraataniif qorichi farr'a

Ech Ayi Vii isaan barbaachisu kuma 250 hanga kuma 300 kan ga'an yeroo ta'u

Ministeerri Eegumsa Fayyaammoo hanga 2008tti (A. L. A.) namoota

vaayirasichaa wajjin jiraatan kuma 320 ta'aniif qorichi farr'a Ech Ayi Vii tola

kennuudhaaf karoorfatee jira.

10. Qoricha farr'a Ech Ayi Vii tola waliin ga'uudhaaf sochii guddaan godhamaa

jira. Sochiin kunis fiixaan ba'ee sagantaan isaa jalqabamee jira.