27.10.2014 Views

Namni Guyyaa Ykn Sa'aa Isaa Beeku Hin Jiruu? - Family Radio ...

Namni Guyyaa Ykn Sa'aa Isaa Beeku Hin Jiruu? - Family Radio ...

Namni Guyyaa Ykn Sa'aa Isaa Beeku Hin Jiruu? - Family Radio ...

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Waaqayyo malee yeroo dhuma biyya lafaa

kan beeku hin jiru. Akkamitti namni

Guyyaan Firdii ykn ol-butamuu

Caamsa 21, 2011 jedhee barsiisuu yaala?

Macaafni Qulqulluun yeroo deebii Kiristoos

guyyaa isaa fi sa’aa isaa homtuu akka hin

beekne ifatti hin barsiifnee? Eyyee,

Macaafni Qulqulluun sana barsiisee jira.

Namni Guyyaa

Ykn Sa’aa Isaa

Beeku Hin

Jiruu?

Macaafni Qulqulluun waan kana barsiiseef

ni hima. Hojii Ergamootaa keessatti, yeroo barri

waldaa kiristaanaa Kakuu Haaraa jalqabuuf jedhutti,

Yesuus duuka-buutota isaa akkanatti barsiise.

“Isaaniin jedhees, isinii hin kennamne bara

sana, yeroo sanas beekuun Abbaan gooftumaa

isaatiin isa godhe.”

Lakkoofsa isa itti aanutti immoo, Yesuus

akkana jedhe.

“Garuu humna in argattu, Hafuurri

Qulqulluun yommuu isin irratti gadi bu’u.

Anaafis dhugaa in baatu, Yerusaalemitti,

Yihudaa hundumaattis, Samaariyaattis,

hamma daarii lafaattis.”

Wanti nuti lakkoofsa kana keessaa barannu,

barra waldaa kiristaanaa keessatti, namni hundinuu

waa’ee yeroo dhuma biyya lafaa beekuuf fedhii

guddaa akka agarsiisanii dha; amantoonni garuu

dhimma kana irratti xiyyeeffachuu hin qaban.

Isaan kan irratti xiyyeeffachuu qaban hojii

wangeelaa biyya lafaatiin ga’uu qofaa dha. Kanaaf,

hamma fedhe beekaa wangeelaa yoo ta’an, ykn

hamma fedhe jabaatanii yoo Macaafa Qulqulluu

qoratan ykn yoo Kiristoosiin tajaajilan, yeroo

dhuma biyya lafaa beekuuf kan danda’amu miti.

Hata’u malee, dubbii jabaan Macaafa Qulqulluu

kessatti dubbatame tokko in jira. Innis Macaafa

Lallabbaa 8:5 keessatti barreeffame. Achitti

Waaqayyoo akkana jedha:

-1-

“Abboommii kan eegu waan hamaa hin

beeku; garaan ogeessaas yeroodhaa fi mala

beeka.”

Macaafa Qulqulluu keessatti, namni ogeessa

ta’e, nama Waaqayyo aangoo-qabeessummaa

Macaafa Qulqulluu akka hubatu godhe, amanaa

isa dhugaa dha. Amantoonnii warri dhugaan, yeroo

duritii eegalanii jiru. Hata’u malee, yeroon seenaa

akka Macaafa Qulqulluu keessaatti mul’atetti,

garaa amantootaa keessatti hin mul’anee.

Fakkeenyaaf, bara waldaa kiristaana gara caalu

keessa kan mul’ate umamni kan ta’e bara 4004

(Dh.K.B) kan jedhuu dha. Hata’u malee, waa’ee

yeroo seenaa ilaalchisee Waaqayyo qalbii

amantoota dhugaa waggaa 35 dura banuu jalqabe.

Akka Macaafni Qulqulluun barsiisutti garuu, yeroo

waan kanaan dura ta’e, kaalandarii ammayyaa

wajjin madaallu, yeroon seenaa kan akka umamaa

(11,013 Dh.K.D), Bishaan Badiisaa bara Noh

(4990 Dh.K.D), Ba’uun Israa’eel biyya Misirii tii

(1447 Dh.K.D) fi duuti Solomoon (931 Dh.K.D)

ta’uu isaanii baranna.

Ta’us, beekumsi yeroo seenaa inni sirriin

guutummaatti hanga dhiyeenya kanaatti karaa

Macaafa Qulqulluu amantoota dhuggaatti

Waaqayyoon hin mul’ifamne ture. Yeroon seenaa

kun hanga dhuma biyya lafaatti wal-duraa duubaan

ol keewwameera. Waggoota hedduu darban

keessa, Waaqayyo dhugaa hedduu nuuf ibsaa

turee. Waggoota hedduu darban keessa,

Waaqayyo dhugaa hedduu nuuf ibsaa turee jira,

isaan kunis, hanga amma bara isa dhumaatti

dhiyaanutti, Macaafa Qulqulluu keessa dhokatanii

turaniiyyu.

Kun akkamitti ta’a?

Akka kun ta’u, Macaafa Qulqulluu keessatti

ifatti raajjeeffamee jira. Macaafi Qulqulluun jiraataa

sagalee Waaqayyoo ti; isa hubachuuf, namni isa

dubbisu ykn dhaga’u, qalbiin hafuura isaa Hafuura

Qulqulluudhaan banamuufii qaba. Kanaaf, hanga

yeroo dhiyoo kanaatti sammuun keenya dhugaa

Macaafa Qulqulluuf akka hin banamne fedha

Waaqayyo waan hin taaneef, yeroo ammaa kana

keessa dhugaan Macaafa Qulqulluu warri

gudguddaan caallaatti hubatamuu qabu. Kun akka

ta’uuf jiru Macaafni Qulqulluun nutti hima.

* Adam when kan jedhu kan bara 1974 tti maxanfame ilaalaa.

Garagaalchii afaan Ingilizii yoo barbaaddan, Family Radio, Oakland,

California, 94621, USA jettanii yoo barreessitan tola in argattu. Yookaan

websaayitii www.familyradio.com ilaalaa.

-2-

MACAAFA ISA CUFAME TURE

Macaafa Daani’eel keessatti, Waaqayyo

waa’ee bara isa dhumaa waan hedduu dubbata.

Waan kana hunda Daani’eel hubatee ture; sababii

odeeffannoo fokkisaa ta’eefis, Daani’eel guddisee

gaddee ture. Fakkeenyaaf Daani.eel 8. 27 keessati

akkana jedhaa:

‘’Ani Daani’eel dadhaabee guyyaa danuus

dhukkubsadhee ergaan ka’eeyis hojii

mootichaa nan hojjedhan turee, waa’ee

mul’atichaafis nan dinqisifadhan ture, kan isa

hubatus homtinuu hin turre.”

Isa booda Daani’eel 12: 4 fi 9 keessatti,

Waaqayyo Daani’eeliin akkana jedhe:

“Ati garuu yaa Daanieel, dubbicha dhoksi,

macaafichatti milikkita godhi, hamma bara

dhumaatti, namoonni baay’een isa in hubatu,

beekumsis in baay’ata. Innis jedhe, dhaqi yaa

Daani’eel, dubbichi hamma bara dhumichaatti

dhokfamaadhaaf, milikkini kan itti

godhameedhawoo.”

Jecha biraatiin, waa’ee bara dhumaa

ilaalchisee, Waaqayyo odeeffannoo gudguddaan

akka jiru nutti hima; odeeffannoon kunis Macaafa

Qulqulluu keessatti kan katabame yoo ta’ee illee,

hanga yeroon dhumaa ga’utti Waaqayyoon

mul’inatti gadi hin baane. Mul’ata Yohannis 22:18-

19 kessatti kan dubbifannukeessatti akkana jedha:

“Dubbii raajii macaafa kanaa kan dhaga’u

hundumaafuu dhugaa nan ba’awoo, homtinuu

kana keessatti isa caafame dha’icha itti in

dabala. Homtinuummoo dubbii raajii macaafa

kanaatti yoo waa hirr’ise Waaqayyo macaafa

jireenyaa keessaa biyya qulqulluu’aa

sanaayis, qooda isaa in hirr’isa, waa’ee isaatiif

macaafa kana keessatti caafamee kan jiru.

Kutaaleen kun kan isaan nutti himan,

Macaafni Qulqulluun bara 95 (Dh.K.B) tti erga

barreeffamee raawwatee booda, jechi biraa kan

Macaafa Qulqulluutti dabalamu hin jiru. Kanaaf,

odeeffannoon waa’ee dhumaa ilaalchisee,

Daani’eeliif kenname, kan garuu hanga bara

dhumaatti hubatamuu hin qabne, Macaafi

Qulqulluun katabamee utuu hin raawwatin, achi

keessatti barreeffamuu qaba.

-3-

Hata’u malee, Waaqayyo sana kan barreesse

akka inni hanga bara dhumaatti hubatamuu hin

dandeenyettii dha. Yaadadhaa, hubannoon, akka

nuti Luqaas 24:45 keessatti arginutti, Yeesus

Kiristoos biraa dhufa. “Yommuus qalbii isaanii

bane, macaafota hahubatanuuf.” Kunis,

Macaafni Qulqulluun qooqa namni hubachuu hin

danda’amneen katabamuun isaa kanaafi. Akka

Maarqoos 4:34 keessatti dubbifnutti, sababii

Kiristoos fakkeenyaan dubbatuufis kanaafi.

“Fakeenya malee garuu, isaanitti hin himne”.

MACAAFICHIS IN BANAME

Mul’ata Yohaannis 5:1-9 keessatti immoo,

akkana dubbifna:

“Anis isa teessoosaarra taa’e gara mirgaatti

macaafa arge, keessaaf duubaan kan itti

cufame, mallattoo torbaanis kan

mallatteeffame. Ergaa jabaasaas argee,

sagalee guddaadhaan utuu iyyuu. Eenyu inni

kan ta’uuf macaaficha banuun, mallatichas

hiikuun. Tokkollee in danddeenye, waaqarra

kan jiru, lafarras kan jiru, lafa jalas kan jiru,

macaaficha banuu, ilaaluus. Anis guddaa nana

boo’an ture, tokkollee kan ta’uuf hin

argamnewoo, macaaficha banee kan deebisu,

kan ilaalus. Maanguddoota keessaayis tokko

naan jedhe, hin boo’ini kunoo Leencichii

sanyii Yihuudaa keessaa, lanai Daawit

mo’eera, macaaficha banuudhaaf, torbanuu

mallattootas hiikuudhaaf. Teessichaaf

arfanuu bineensota gidduuttis, digamiiarfanuu

maanguddoota gidduuttis, hoolaa

tokko arge dhaabbatee akka qalametti. Gaafa

torbas qaba ture, ija torbas. Isaanis torba

hafuurota Waaqayyootii, lafa hundumaa

irratti kan ergaman. Dhufeeyis macaaficha

fudhate, isa teessoorra taa’e, gara mirgaatti.

Macaafichas erga fudhatee, arfanuu

bineensonni, digadamii arfanuus

maanguddoonni, hoolicha duratti lafa dha’a

anii. Hundumti isaaniis, adda-addaan kiraara

qabu turani, girgirataa warqees, ixaanaan

guutuu, isaanis kadhata qulquullootaatti.

Galata haaraas in galateeffatu turani, akkana

jedhaa: “Sii ta’a, macaaficha fudhachuun,

mallattichas hiikuun, qalamteertawoo, dhiiga

keetiinis Waaqayyoof nu bitteertawoo, gosa

hundumaa keessaa, afaan keessaayis, sanyii

keessaayis, saba keessaayis.”

-4-

Kutaaleen kun kan nu barsiisan, macaafni

cufame tokko akka jiruu fi innis Kiristoos mataa

isaatiin kan banamu ta’uu isaati; macaafni tokkichi

kunis isa Macaafni Qulqulluun Daani’eel 12

keessatti dubbatuu dha.

Macaafni kun mallattoo torbaan cufame;

kanaaf, odeeffannoon hundi macaafa kana

keessatti barreeffaman, akka nuti hubannuuf yoo

barbaachise, mallattoon torbanuu banamuu qabu.

Eyyee, Mul’ati Yohaannis 8:1 mallattoon inni

torbaffaan yeroo banamu argisiisa.

“Isa torbaffaas malattoo yommuu bane, waaqa

irratti caluma jechuun ta’e. yeroo wallakka

kan ga’u.”

WAAQAIRRATTI CALLUMA JECHUUN

YOOM TA’E?

Waaqa irratti cal jechuun sa’aa walakkaaf

ta’e inni jedhamu, gara jalqaba Dhiphina

Guddichaa, jechuun guyyoota 2,300 isa jalqabbii

waggaa 23 ykn guyyoota 8,400 keessa isa ta’u

keessa dha. Yeroon kun Caamsa 21, 2011 keessa

akka jalqabe waggaa baay’ee baranneerra.

Guyyoota 2,300 keessa, waldaa keessas ta’e

addunyaatti, namoonni fayyan guddaa xiqqaa dha.

Mul’ati Yohaannis 8:1 waa’ee cal jechuu waaqa

irraa kana in gabaasa. Haalli kun kan ta’e Caamsa

21, 1988 tti; sababiin isaa gammachuun waaqa

irratti kan ta’u, yoo cubbamtooti qalbii

diddiirratanii dha. Luqaas 15:4-32 keessatti,

Macaafni Qulqulluun waa’ee gammachuu kanaa

gabaasa, innis gammachuu isa callisan miti.

Caamsi 21, 1988 bara waldaa kiristaanaaf

guyyaa isa dhumaa akka ta’e barrannee jirra; innis

yeroo waggoota 23 kan Dhiphina Guddichaaf

guyyaa jalqabaa yeroo ta’u, yeroos Seexanni

waldootaaf biyya lafaa keessatti akka mul’inatti

mo’uuf Waaqayyoon kan hayyamame akka ta’e

barannee jirra. Guyyoota 8,400 keessaa guyyoonni

2,300 kan jalqabaa, yeroo itti Hafuurri Qulqulluun

waldootaa fi biyya lafaa keessaa ol harkifamee dha.

Kunis, waaqa irratti akka cal jechuun ta’u godhee

jira. Haalli gaddisiisaan kun hanga xumura

waggoota 23 kan Dhiphina Guddichaa sanatti

waldoota keessatti itti fufa. Hata’u malee, Caamsa

21, 1988 raawwina guyyoota 2,300 booda (dhuma

bara waldaa) akka Zakaariyaas 10:l fi Yaaqoob 5:7

keessatti dubbatametti, Hafuurri Qulqulluun

bokkaa lammaffaa isa Macaafni Qulqulluun jedhu

fiduuf si’a lammata gadi robe. Kunis biyya lafaa

keessatti malee, waldoota keessatti miti. Sana

-5-

ooda, Waaqayyo haamaa guddaa isa dhumaa

fiduudhaan, waaqa irratti gammachuu guddaa

fide. Fayyinni kun waldoota keessatti utuu hin

ta’in, waldootaa alatti hanga Dhiphina Guddichaa

Caamsa 21, 2011 ta’utti in raawwata.

Gara jalqaba yeroo Dhiphina Guddichaa

sanatti, (Caamsa 21, 1988) mallattoo isa dhumaa

fi torbaffaa kan Daani’eel akka cufuuf abboomame

sana Kiristoos in cufe. Sababa kanaafi egaa

waggoota muraasa darban keessa Waaqayyo

dhugaa haaraa Macaafa Qulqulluu keessaa kan

nuuf ibseefi. Kunis yeroo bara dhumaa isa sirrii fi

waa’ee akeeka Firdii Waaqayyoo of keessaa

qabaata. Jechi ‘yeroo jedhu ‘sa’aa’ wajjin

tokkicha. Firdii jechuun ‘Guyyaa Firdii isa nuti

‘Guyyaa’ jennuu dha. Kanaaf, Macaafa Lallabaa

8.5 keessatti kan raajeffame yeroo firdii sana

beekuun, guyyaa fi sa’aa sana beekuu dha. Kunis,

araaraa fi jaalala Waaqayyo biyya lafaaf qabu

sirriitti mul’isa. Yaadadhaa, waa’ee badiisaa

ilaalchisee biyya lafaa akka akeekkachiisuuf,

Waaqayoo Nohiif odeeffannoo sirrii kennee ture.

Akkasumas, Waaqayyo guyyaa itti magaalaa

Nanawee balleessuuf kaayyeffate, Yoonaas

guyyaa isa sirrii akka saba akeekkachiisu isa

abboomee ture. Akkasumatti, amantoonni dhugaan

bara kanaa, guyyaa jalqabaa kan Guyyaa Firdii,

jechuun gaafa ol-butamuu sana, akka beekanii,

biyya lafaa akeekkachiisan, Waaqayyo jaalaa fi

araara isaatiin yeroo isa sirrii kenneeraaf. Maal

waaqni gara laafessi, arjaa fi jaalala-qabeessi

akkanaa! Kan nama dinqu, Waaqayyo harr’ayyuu

namoota hedduu fayyisaa jira (Mul’ata Yohaannis

7:9-14). Kunis, akkuma bara Yoonaas sana

lammiiwwan hedduu fayyisee ti (Maatewos 12:4).

AKEEKKACHIISA DHUGAA WARRA

WALDOOTA KEESSAAF

Waa’ee yeroo sirrii guyyaa ol-butamuu fi

waa’ee Guyyaa Firdii hubachuun beekumsa isa

baay’ee guddaa barbaachisuu dha. Tasaloonqee

duraa 5:2-3 keessatti, Waaqayyo Guyyaa Firdiitti

dhufe namoota xumura biyya lafaa haalan ykn

ganan yeroo balleessu amantoonni warri dhugaan

immoo, yeroo Kiristoos itti dhufu (sa’aa) isaa

beekanii innis Guyyaa Firdii jalqabee isaaniin gara

waaqaatti yeroo geessu (ol butamuu) itti himee

jira. Achitti Waaqayyo akkana jedha:

“Isinuu ofumaan gaarrii gootanii beektuwoo,

guyyaan Gooftaa akka dhufu, akka hattuu

halkan dhuftuutti, nagaatti, jabeenyatti jirra

-6-

yommuu jedhanuu, yommuus dingata badiifni

isaan in qaqabata, ciniinsuun nadheen

ulfooftuu akka qabatu, duraayis hin

ba’anuu.”

Mul’ata Yohaannis 16:15 keessatti immoo,

Kiristoos ofii isaa akka hattuu akka dhufu in

barsiisa (Mul’ata Yohaannis 3:3 ilaalaa). Akkuma

beekamu, Kiristoos, hattuu miti. Garuu, innii fi

Guyyaan Firdii akka hattuu dhufu. Yohaannis 10:10

keessatti, hattuun yeroo dhufu waan hojjetu

Waaqayyo nutti hima. “Hattuun hin dhuftu,

hatuuf malee, gorra’uufis, ajjeesuufis”

Akkasitti, Kiristoos Guyyaa Firdii yeroo dhufu,

namoota akka hatuutti itti dhufu jireenya isaanii

fudhatee in balleessa.

HATTUUN HALKAN DHUFA

Kiristoosiif Guyyaan Firdii halkan dhufu.

Tasaloonqee duraa 5:3 keessatti Kiristoos akkana

nuun jedha: “Nagaatti, jabeenyatti jirra

yommuu jedhanuu, yommuus dingata badiifni

isaan in qabata.”

Sababii badiisi itti dhufuuf, namooti kun

akka hin fayyine nuti sirriitti beekna. Waan hin

fayyineefis, isaan dhukkana hafuuraa keessa jiru.

Isaan halkan keessa jiru. Guyyaan Firdii akka

“hattuu halkanii” itti dhufa. Garuu, isaan kan

Waaqayyoo wajjin nageenya qabaatan itti fakkaata.

EENYU NAMOONM KUN?

Qooqni kutaa kanaa akka ibsutti, isaan

namoota biyya lafaa jiraatan kan guyyaa Caamsaa

21, 2011 tti waldaa keessa jiranii dha. Sababii

waldooti dhugaa Macaafa Qulqullu keessaa ala

ta’an waa hedduu waan barsiisaniif, jechuun kan

akka akeeka fayyinaa dogoggoraa, akkasumas

sababii Hafuurri Waaqayyoo waldoota dhiiseef,

warri guyyaa Caamsaa 21, 2011 waldaa keessa

jiran hin fayyan. Hata’u malee, waldooti

ammayyuu, miseensota isaanii akkana jedhanii

barsiisu.

1. Saababii miseensota waldootaa ta’aniif,

nageenyaaf to’annaa Kiristoos jala jiru

2. Guyyaa fi sa’a Kiristoos itti dhufu namni

beeku hin jiru. Kanaaf, Kiristoos akka hattuu halkan

dhufuu isaa in amanu.

Jarreen jaallatamtoonni kun isaan mataan

isaanii halkan hafuuraa keessa jiraachuu isaanii hin

hubatani. Kunis immoo, yeroo Kiristoos dhufu

-7-

isaan mataan isaanii Guyyaa Firdiitti akka badan

in mirkanneessa. Hammam sodaachisaa dha!

Waa’ee yeroo sanaa (sa’aa isaa) fi waa’ee Guyyaa

Firdii (guyyaa isaa) kan beeku amantoota warra

dhugaa dha. Isaan kun dukkanaa fi halkan hafuuraa

keessa hin jiran.

YAADADHAA, Waaqayyo baayyee, baayyee

jaalalaa fi araara-qabeessa. Nama mataa gadi

qabachuudhaan Waaqayyotti iyyee kadhatu, tarii

isaan in fayyu ta’a.

Waa’ee dhuma biyya lafaa bal’inaan

odeeffannoo yoo barbaaddan, Faamilii

Raadiyootti barreessitanii kitaabota tola

argachuu in dandeessu; ykn web saayitii keenya

irraa odeeffannoo hunda afaan Ingilizii,

Ispaanishii, Faransaayii, Chaayinizii fi afaan kan

biraation argachuu in danddeessu.

I Hope God Will Save Me

We Are Almost There!

To God be the Glory!

Kun egaa dubbisa barreeffama kanaa in

raawwata. Wanta dhageessan irratti

hundaa’uudhaan, Waaqayyo jireenya keessan isa

gabaabaa hafe keessatti waan inni hojjetu kadhata

guddaa wajjin eegadhaa.

Waan dubbiftan kana ilaalchisee gaaffii yoo

qabaattan ykn sagantaa danbalii tamsaasa

addunyaa keenyaa yoo feetan,

FAMILY RADIO

Oakland, California 94621

USA

jedhaati nuuf barreessa.

Toora Inteerneetaa http://www.familyradio.com

E-mailii:international@familyradio.com

Raadiyoo Faamiliin afaan addunyaa 50 oliin

tamsaasaa jira.

Raadiyoo Faamiliin waldaa kaminuu kan hidhata

kan hin qabne Macaafa Qulqulluu irratti kan

hundoofte tajaajila raadiyooti.

-8-

OROMO NMK 08-18-10

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!