29.10.2014 Views

waaqayyo qulqulluun, guyyaa firdii caamsa 21, 2011 tti fida.

waaqayyo qulqulluun, guyyaa firdii caamsa 21, 2011 tti fida.

waaqayyo qulqulluun, guyyaa firdii caamsa 21, 2011 tti fida.

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Raadiyoo Faamiliin waldaa kaminuu kan hidhata kan hin qabne Macaafa Qulqulluu irratti kan hundoofte tajaajila raadiyooti.

DHUMNI BIYYA LAFAA KUNOO GA’EERA! WAAQAYYO QULQULLUUN,

GUYYAA FIRDII CAAMSA 21, 2011 TTI FIDA.

GUYYAAN FIRDII addunyaa

kanaan in sodaatama; innis guyyaa

Waaqayyo sababii cubbuu namaaf

addunyaa kana balleessuu dha. Guyyaan

Firdii akka dhufu addunyaan kun amanuun

isaa sirrii dha. Waa’ee guyyaa kanaa

ilaalchisee, Macaafni Qulqulluun

odeeffannoo isa sirrii nuuf kenna.

Macaafni Qulqulluun uumaa

addunyaa bareedduu kanaa kan ta’e,

Waaqayyo Qulqulluudhaan kan barreefame

kitaaba qulqulluu dha. Shakkii tokko malee,

Macaafni Qulqulluun kitaaba bara durii

yeroo ta’u, innis waggoota 1,900 dura

katabamee raawwatame. Qooqaaleen isaa

kan jalqabaa (Ibraayzxii fi Giriikiin)

gonkumaa hin gedderamne. Tokkoontokkoon

jechoolee qooqaalee durii afaan

Waaqayyoo keessaa ba’e. Macaafni

Qulqulluun kutalee lamatti qoodama

(Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa), Isaan

kun immoo, kitaaboolee hedduutti

qoodamu. Kitaaboleen immoo, tokkoon

tokkoon isaanii boqonnaalee hedduutti

qoodamu; boqonnaaleen imooo lakkoofsatti

qoodamu. Kitaaboolee kana keessaa inni

tokko, Ximootewoos lammaffaa jedhama.

Ximootewos 2ffaa 3:16 keessatti,

Waaqayyo Qulqulluun akkas nuun jedha.

“Macaafni hundinuu Hafuura

Waaqayyootiin kan caafame, barsiisuufis

waa‟ee in baasa, ifataafis, kaasuudhaafis,

adabaafis tolatti.”

Ermiyaas 36:1-4 keessatti immoo, haala

Macaafni Qulqulluun itti raawwate

ilaalchisee Waaqayyo fakeenya nuuf kenna.

“Mo‟uma Yo‟aakim, ilma Yosiyaas,

mootii Yihuudaa waggaa arfaffaatti,

Waaqayyo biraa dubbiin kun Ermiyaasii

dhufe, akkana jedhaa: Waraqata

macaafaa fudhadhu, dubbin ani sittimes

hundumaa ittin caafta, Israa‟eeliif

Yihudaaratti, Oromooto

hundumaarrattis, guyya ani sitti himeetii

jalqabdee bara Yosiyaasii hamma

harr‟aatti. Tarii sanyiin Yihudaa, ani

isaanitti fiduudhaaf kanan yaade

hammenya hundumaa yoo dhaga‟ee, isa

hamaa karaa isaatti deebi‟a yoo ta‟e, anis

cubbuu isaanii yakka isaaniis isaanifan

dhiisa. Ermiyaasis Baarukiin ilma

Neriyaa waamee, dubbii Waaqayyoo

hundumaa waraqata macaafaatti caafe.

Waaqayyo Qulqulluun waan

samuun keenya ibsuu danda’u ykn

hubachuu danda’u caalaatti guddaa dha.

Seera Uumamaa 1:1 keessatti akkana jedha:

“Jalqabatti Waaqayyo waaqaa fi lafa

uume.”

Macaafni Qulqulluun kan nuuf

barreeffame, Waaqayyo Qulqulluun

addunyaa bareedduu kana uumuu isaa akka

nuti beeknuufii dha. Innis biqilaa fi

bineensa, simbiroo fi uumama bishaan

keessaa akkasumas nama isa lafa kana

irratti bitu of keessaa qaba. Biqilaa lafaa fi

bineensa, uumama bishaan keessaa, nama,

aduu urjii fi kkf sagalee isaatiin dubbatee

kan uumuu danda’uu fi Waaqayyo

Qulqulluutti kan akkeeffamu waan biraan

hin jiru. Fakkeenyaaf, macaafa isaa isa

Qulqulluu kan ta’e Seera Uumamaa 1:24-26

keessatti, Waaqayyo Qulqulluun akkas

nuun jedha:

“Waaqayyos jedhee, lafti lubbuu jiraaaa

habaasu, akka qomoo qomoo isaatti,

horii munyuuqaas, bineensa caakkaas

akka qomoo qomoo isaatti, munyuuqaa

lafaas hundumaa akka qomoo isaatti;

Waaqayyos sana arge akka gaarii ta‟e.

Waaqayyos jedhee, kottaa nama in

uumnaa, bifa keenyatti, akka fakkeenya

keenyaatti, qurxummii galaanaas

ha‟aboomanuu, allaattii waaqaas, horiis,

lafas hundumaa, lafa irras kan

munyuuqu munyuuqaa hundumaa.”

Namooti biyya lafaa, kan nuti

ilma namaa jennu, addunyaa kana irratti

akka mo’aniif umaman. Hanga

danda’ametti gammachuu fi

ogummaadhaan akka jiraannuuf Waaqayyo

seera isaa nuuf kenne. Hata’u alee, seerota

sana cabsuun cubbuu dha jedhee nu

akkekkachisa. Cubbuun immoo,

dheekkamsa Waaqayyoo nutti fida. Roomee

6:23 keessatti, Macaafni Qulqulluun akkana

jedha: “Gatiin cubbuu du‟a woo…”

Macaafni Qulqulluun Wqaaqayyo tokkicha

qofaa dha jedhee barsiisa. Kitaaba Keessa

Deebii 4:39 keessatti, Macaafni Qulqulluun

akkana jedha:

“Ammas beeki, garaakee keessas

keeyyadhu, Waaqayyo Gooftaa akka

ta‟e, waaqa irratti gara olaanuun, lafa

irrattis gara gadaanuun, kan biraas hin

jiru,”

Waaqayyo waaqa guddaa fi

kabajamaa waan ta’eef, maqaa addaaddaatiin

of waama. Tokkoon-tokkoon

maqaa isaa waa’ee ulfina isaa fi amala isaa

waa nutti hima. Kanaaf, Macaafa Qulqulluu

keessatti maqaoota akka Waaqayyoo,

Jehoovaa, Kiristoos, Yesuus, Gooftaa,

Hafuura Qulqulluu, Fayyisaa fi kkf argina.

Keessumatti, maqooti akka Jehoovaa,

Yesuus, Gooftaa kan jedhaman gara

Waaqayyooo kan nu agarsiisanii fi karaa

tokkicha araara-qabeessummaa

Waaqayyootiin cubbuu keenyaaf araara

argannee jireenya barabaraa kan ittiin

argannuu dha. Dhiifamni cubbuu kun kan

argame sababii Kiristoos dheekkamsa

Waaqayyoo jalaa nu fayyisuuf jedhee

tokkoon tokkoon namaa ofitti fudhatee fi

dha. Macaafni Qulqulluun hojii dinqisiisaa

kana akka Yesuus argisiisetti hima. Innis

1

waaqummaa isaa utuu gadi hin dhiisin,

fannoo irratti du’uudhann akka itti cubbuu

keenyaaf kaffttii godhe mul’iseera. Sana

boodaa, owwaala keessa ka’ee, gara

waaqaatti deebi’eera.

Macaafni Qulqulluun waa’ee namoota

amantii isaanii guutummaatti Kiristoos irra

kaawwatanii bal’isee kan dubbatu

kanaafi,waan fayyina isaaniif barabaachisu

hunda hojjeteeraaf. Waa’ee kanaa irratti,

odeffannoo dabalataa yoo feetan,

garagaalchii kitaaba “I Hope God Will Save

Me” jedhu gaafadhaa.

Macaafa Qulqulluu irratti

kitaabonni hedduun barreeffamaniiru ykn

kan akka kitaaba Mormoon itti

dabalatamaniiru. Hata’u malee, hamma

fedhe kan durii ykn kabajamoo ykn

fudhatamoo ykn qulqulluu hajedhaman

malee, Macaafa Qulqulluu malee kan biraa

kan Waaqayyo mataa Isaatiin barreeffamee

hin jiru. Macaafni kun kan barreeffame

Waaqayyo isa akkuma Macaafa Qulqulluu,

Innis Qulqulluu ta’eenii dha. Mul’ata

Yohaannis 22:18 keessatti, Waaqayyo

akkanatti akeekkachiisa:

“Dubbii raajii macaafa kanaa kan

dhaga‟u hundumaafuu dhugaa nan ba‟a,

homtinuu kana irratti yoo waa dabale,

Waaqayyo macaafa kana keessatti isa

caafame dha‟icha ittin dabala.”

Jechi “dhaicha’ jedhu kun

waa’ee adaba du’aa fi badiisaa kan sababii

cubbuutiin nutti dhufu dubbata. Waaqayyo

ogummaa isaa isa daangaa hin qabneen,

addunyaa uume kana kan jaallatu yoo ta’e

illee, seeri isaa warri cubbaman hundi

du’aan akka adabaman Macaafni

Qulqulluun in barsiisa. Ezqie’el 18:20

keessatti, Macaafni Qulqulluun akkas

jedha: Lubbuun cubbuu hojjete, inni in

du‟a.” Romee 3:10 keessatti immoo, akkas

jedha “Akkuma caafamee jiru, tolaan hin

jiru, tokkollee.”

Waaqayyo seera isaa kabajuu

qaba. Saboonni biyya lafaa hundi

cubbamoota waan ta’aniif, Inni dhuma

irratti biyya lafaa balleessuu qaba.

Cubbuun biyya lafa guddaa bal’achuun isaa

beekamaa dha. Ermiyaas 23:33 keessatti,

Macaafni Qulqulluun akkana jedhee

akeekkachiisa.

“Waaqayyo kan isaan ajjeeses guyyaa

sanatti, daarii lafaa gar tokkootii hamma

gara kaaniittin ta‟u; isaanii hin

boo‟anuu, walitti hin qabamanuus, hin

owwaalamanuus, lafa irratti kosiidhaaf

ta‟u malee.”

Hata’u malee, Waaqayyo waaqa

araaraa, gara laafinaa fi jaalalaa ta’uu isaa

Macaafni Qulqulluun nutti hima. Sababii

inni waa’ee badiisaa fi Guyyaa Firdii isa

sirrii duraan-dursee nutti hime kanaafi.

Amoots 3:7 keessatti, Macaafni Qulqulluun

akkas nuun jedha:

“Waaqayyo waa hin godhuwoo, dhoksaa

isaa garba isaa raajotatti utuu hin

himin.”

Akkanatti, waa’ee akeeka badiisaa kan

Waaqayyoo isa addunyaa kanatti dhufuuf

jiru bal’inaaf sirriitti Macaafa Qulqulluu

keessaa in beekna.

Egaa utuu yeroon jiruu, mataa gadi

qabannee, araara Waaqayyoof iyyuu qabna.

Tarii, Waaqayyo sababii araara-qabeessa

ta’eef, nama mataa gadi-qabatee isa

kadhatuuf, in araarama ta’a. Fakkeenyaaf,

Sefeniyaa 2:3 keessatti Waaqayyo abdii

kana nuuf kenna”.

“Isin lafa irratti kan gadi of-deebiftan

hundinuu, qajeelummaas kan gootan

Waaqayyoon barbaadaa, tola fedhaa,

garraamummaa barbaadaa, tarii guyyaa

dha‟icha Waaqayootti ooltu yoo taatan.”

Waaqayoo Qulqulluun sababii

cubbuuf addunyaa kana guutummaatti

raawatee balleessuu akka danda’u, nutti

agarsiiseera. Macaafni Qulqulluun Seera

Umamaa 6:12-13 keessatti, waa’ee dhugaa

kanaa in dubbata:

“Waaqayyos lafa ilaalee, kunooyis

xuraa‟ee, foon-qabeessi hundinuu karaa

isaa xureessee turewoo, lafa irratti;

Waaqayyos Nohiin jedhee, badiifni foon

hundumaa na duratti ga‟eera, laftti

cubbuudhaan guuterawoo, isaaniif, anis

kunoo lafaa wajjin isaan nan balleessa.”

Macaafa Qulqulluu qalbiidhaan

yeroo qorannutti, Waaqayyo bara 4990 tti

(Dh.K.D), namoot 8 irraa kan hafe, karaa

Bishaan Badiisaa, biyya lafaa akka

balleesse, in baranna. Isaan kun kan badiisa

hafan, sababii Waaqayyo nageenya bidiruu

keessa isaan galcheef. Noh kan jedhamu,

qajeelchaan isaanii, Waaqyyoof

abboomamuudhaan, bidiruu guddaa

dheerinni isaa meetira 137 ijaaree ture.

Macaafni Qulqulluun Ibroota 11:7 keessatti

akkana jedha:

“Amantiidhaan Noh ammallee waan hin

argamin yommuu beeke sodaate,

bidiruus tolfate warra mana isaa

olfachuudhaaf; isaanis biyya lafaatti

farachiise, tola amantiidhaan argamus

kan dhaalu ta‟e.”

Bishaan Badiisaa inni biyya lafaa

guutummaatti aguuge kun utuu hin dhufin

guyyaa torba dura, Noh namooti guyyaa

torba keessatti akka nageenya bidiruutti ol

galan akka akeekkachiisu Waaqayyo isa

abboomee ture. Guyyaa 17ffaa, ji’a 2ffaa

bara sanaattis, Waaqayyo cufaa bidiruu

sanaa akka cufe Macaafni Qulqulluun nutti

hima. Sana booda, Bishaan Badiisaa dhufee

guutummaa biyya lafaa raawwatee aguuge.

Waggoota 5,000 kan ta’u booda

immoo, Waaqayyo Macaafa isaa isa

Qulqulluu, Peexroos lammaffaa boqonnaa 3

keessatti waa’ee Bishaan Badiisa isa bara

Nohitti biyya lafaa balleesse kana in

dubbata. Boqonnaadhuma kana keessatti,

yeroo itti Waaqayyo Qulqulluun biyya lafaa

abiddaan balleessu akka dhufu in dubbata.

Addunyaan keenya guutummaatti in baddi.

Sababii cubbuutiif badiisa addunyaa

dhufuuf jiru kana ilaalchisee dubbiiwwan

ka’an kana gidduutti immoo, Waaqayyo

dubbii gati-qabeessa kana dubbata.

2

Peexroos lammaffaa 3:8 keessatti,

Waaqayyo akkana jedha:

“Dubbiin tokkichi kun garuu isin duraa

hin dhokatin, yaa michootako, guyyaan

tokko Waaqayyotti akka waggaa

kumaatiiwoo, waggaan kumnis akka

guyyaa tokkoo.”

Serra Uumamaa 7:10-11 keessatti immoo,

Waaqayyo dabalee akkana jedha:

“Guyyaa torbas erga ta‟ee booda, Bisaan

Badiisaa lafa irratti dhufe. Bara Noh

waggaa dhibba ja‟atti, ji‟a lammaffaatti,

ji‟ichattiyis guyyaa kudha torbaffaatti,

guyyaadhuma sanatti, kan tujuma

guddaa birqaan hundinuu tarsa‟e,

huulaan waaqaas banamee.”

Bidiruun inni Noh ijaare, badii

bishaanii irraa kan nama olchu iddoo

nageenyaa isa tokkicha dha. Akasitti,

badiisa Guyyaa Firdii irraa nama oolchuu

kan danda’u bakki nageenyaa tokkichi,

araara Waaqayyoo ti.

Gararraatti kan dubbatame Peexroos

lammaffaa 3:8 keessatti, Waaqayyo

Qulqulluun guyyaan tokko akka waggaa

1000 ta’uu isaa nu yaadachisaa. Kanaaf

guyyoti torba inni Seera Uumamaa keessatti

dubbatamee yoo sirritti wagga 7,000 ta’uun

isaa nuuf galee, Waaqayyoo akkuma nuhin

baddisaa oolchuf guyya torbatu hafe jedhee

akeekachise, akkasuma nutis dheekkamsa

waaqaa isa biyya lafa Guyyaa Firdii

balleessuf dhufu jalaa miliquuf waggaan

7,000 akka nuf hafu nutti hime. Waaqayyo

Qulqulluun waan hudaa kan beeku waan

ta’eef inni jalqabaaf dhuma in beeka; inni

addunyaan hammam cubbamaa akka ta’u in

beeka. Waggoonni kumi torba, bara 4990

(Dh.K.D) booda, (bara Bishaan Badiisaa)

akka kalandarii keenyatti bara 2011dha.

4990+2011-

1=7,000

(Kalandarii Kakuu Moofaa irraa gara

kalandarii Kakuu Haaraatti yeroo ceenu,

sababii kalandarii waggaa 0 hin qabaanneef

waggan tokko irraa hirr’achuu qaba.)

Kanaaf, Waaqayyo Qulqqulluun

jecha isaa Peexroos lammaafaa 3:8 keessatti

erga bara Nohitti biyya lafaa Bishaan

Badiisaatiin balleessee waggaa 7,000 booda

immoo biyya lafa barabaraan akka

balleessu nutti hima. Sababiin barri 2011

erga Bishaan Badiisaa isa waggaa 4990

(Dh.K.D) ta,e booda sirritti waggaa 7000

booda waan ta’eef, Macaafni Qulqulluun

barri 2011 dhuma biyya lafaa isa Guyyaa

Firdii akka ta’e ragaaa sirrii nuuf kenna.

Kunis guyyaa isa dhumaa kan Guyyaa

Firdii ti.

Kan nama dinqu, Caamsa 21,

2011 akka kalaandarii Macaafa Qulqulluu

tti, guyyaa 17ffaa kan ji,a lammafaa ti.

Yaadadhaa, Bishaan Badiisaas kan jalqabe

guyyaa 17ffaa, ji’a lammaffaa kan bara

4990 Dh.K.D) tti.

Caamsaa 21, 2011 Guyyaa

Firdiif yeroo isa sirri ta’uu isaa, Macaafni

Qulqulluun ragaaalee dinqisiisoo biraa nuuf

in kenna. Kana irratii odeefannoo yoo

feetan garagaalchii macaafa “Nuyi

dhugumaan achi geenyeerra” jedhu kan

Faamilii Raadiyoo biraa tola argamuu

gaaffachuu in danddeessu. Waa’ee akeeka

Waaqayyo kan bara dhumaa Macaafa

Qulqulluu keessaa sirriitti akka baranne

Waaqayyo nuuf mirkanneessaa jira.

ARAARAA FI GARA-LAAFINA

WAQAYYOO

Araaraa fi gara laafina isaa

ilaalchisee, Waaqayyo Macaafa Qulqulluu

isaa keessatti fakkeenya bareedduu nuuf

kenna. Macaafa Qulqulluu keessatti

Kitaabni Yonaas in argama. Achitti,

Waaqayyo magaala cubbamtuu kan waggaa

2,800 dura jiraattee fi kan uummata

120,000 of keessaa qabdutti dubbata.

Isheenis, Nanawee kan jedhamtuu fi

magaalaa guddoo biyya Assiiriyaa kan

sabni ishee Macaafa Qulqulluu hin beeknee

tti. Hata’u malee, sababii cubbuu ishee fi

sababii araara Waaqayyoof, Waaqayyo

raajii Yonaas jedhamu magaalaa sanatti

erge. Dhaamsi Yonaas Waaqayoo biraa

geesse magaalattiin guutummaatti guyyoota

40 gidduutti akka badduu dha. Magaalli kun

guutummaatti akeekkachiisa Waaqayyo

Qulqulluu biraa dhufe kana garaa

guutuudhaan amante. Kanaafuu, mootii

biyyattii tii kaasee hamma xiximnayyootti

galbii diddiiratan; cubbuu isaanii fi of

tuulummaa isaanii irraa in deebian.

Daraa fi maaqii keessa akka

taa’an Macaafni Qulqulluun nutti hima.

Kana jechuun, sababii cubbuu isaaniitiin

Waaqayyoon akka qaaneessan ykn

gaddisiisan in hubatan. Daraa fi maaqii

ofitti naquu jechuun mataa cabsanii cubbuu

isaaniitiin Waaqayyo Qulqulluu gaddisiisuu

isaanii Waaqayyoo irraa badiisi akka

isaaniif ta’u beekaniiru. Ta’us, Waaqayyo

Qulqulluun tarii yaada isaa gedderee akka

isaaniif araaramu abdiin tureera. Yonaas

3:6-9 keessatti, Macaafni Qulqulluun

akkana nuun jedha:

“Dubbichis mootii Nanawee bira ga‟ee,

innis teessoo isaarraa ka‟ee, isa ba‟eessa

wayyaa isaas dhaqnasaattii baasee,

maaqiis uffatee, daaraa keessas taa‟ee;

labsiis labsee, Nanaweettis jedhee,

mootichaaf sorreessota isaa biraa

abboommiin akkana jedhu: Namoonniif

bineensi qeeyee, saawwaniif hoolonni

homaa afaaniin hin qabini, hin

bobba‟inis, bisaanis hin dhugine.

Namoonniif horiin maaqii

hagolboobattanuu, gara Waaqayyottis

jabeessanii ha iyyanuu, namni

hundinuus isa hamaa karaa isaatii

hadeebi‟u, harka isaanii keessas isa jiru

yakkatti.”

Gaddi-deebii isaaniifis, yeroo

deebii kennu, Waaqayyo saba cubbamoota

sanaaf akka araaraan ilaale in dubbifna.

Yonaas 3:10 keessatti, Waaqayyo akkana

jedha:

“Waaqayyos isa hamaa karaa isaanii

irraa akka deebi‟an hojii isaanii arge;

Waaqayyos isaanitti fiduudhaaf isa

dubbate gidiraa dhiisee hin finnes.”

3

Sababii magalattii cubbamtuun

Nanawee jedhamtu kun cubbuu ishee irraa

deebiteef, gadi-deebi’uudhaan Waaqayyoon

araara kadhatteef, Waaqayyo Qulqulluun

yaada isaa gedderuudhaan ishee ballessuu

dhiise.

Kan nama gaddisiisu, addunyaa

ammaa keessattis, namooti cubbuu isaanii

irraa deebi’anii, gadi-of deebi’sanii

araarraaf Waaqayyotti iyyan, ammas yertuu

dha. Hata’u malee, namooti hedduun kan

Waaqayyoon araara kadhatan akka hin

badne, Macaafni Qulqulluun nuuf in

mirkanneessa. Waaqayyo Qulqulluun

namoota miliyoona 200 ykn 3%

(Dhibbantaa sadii) akka fayyisuuf akeeka

qabu, Macaafa Qulqulluu irraa in baranna.

Isaanis, Caamsa 21, 2011 tti ta’uuf kan jiru

Guyyaa Firdiitti, guyyaa isa jalqabaatti,

araara Waaqayyootiin waaqatti ol butamu.

Kanaafi egaa, Waaqayyo duraan-dursee

waa’ee Guyaa Firdii nu beeksisuu isaatiif

galateeffachuu kan qabnu.

Sababii Waaqayyo waaqa araaraa

ta’eef, tarii isiniif in dhiisa ta’a. Macaafni

Qulqulluun Faarsa 51:17 keessatti akkana

jedha:

“Aarsaan Waaqayyoo hafuura cabaa

dha; yaa waaq, garaa cabaadhaaf

bulla‟aa hin tuffattu.”

Faarsaa 51:1-3 keessatti immoo,

Waaqayyo Qulqulluun yeroo isa

kadhannu qalbii akkamiitiin akka

ta’e nuuf ibsa.

“Yaa waaq, akka gaarummaa

keetti na maari; yakka kootii

raawwattee na dhiqi,

cubbukootiiyyis na qulleessi.

Anuu loogakoo beekawoo,

cubbuun kooyis gaafundumaa

na dura jira.”

Kan nama gaddisiisu,

gara amantii keessanii, ykn luba

keessanii ykn paastorii keessanii

ykn qajeelchaa hafuuraa

keessanii dhaquu hin

danddeessan. Isaanuu,

mataasaaniif araara kadhachuu

qabu. Kuni, dhimma siif

Waaqayyo Qulqulluu qofaa

gidduu jiruu dha.

Waaqayyo yaada, jechaa fi hojii

keessaan hundumaa in beeka.

Cubbuu keessan irraa

garagaalaatii, Waaqayyoon

dhiifamaaf araara jabeessaa

kadhadhaa. Waaqayyoo, araara

isaatiin, yeroon badiisaa ga’uu

isaa waan isin akeekkachiiseef,

isaa hagalatu! Inni, abdii guddaa

isiniif keenneen, isin warra inni

gara waaqaatti geessee,

barabaraan gammachuu fi ulfina

guddaan kan jiraachusu waan

taataniif, inni glateeffamuu qaba.

Macaafa Qulqulluu

keessatti, Waaqayyoo

Qulqulluun Luqaas 18:10-14

keessatti akkas jedha.

“Jarreen lama gara mana

qulqullummaatti ol ba‟anii

kadhachuudhaaf; inni tokko

warra fariisotaa keessaa ture;

inni kaanis qaraxxuu.

Fariisichi dhaabatee, kana

garaasaatti in kadhata ture;

„yaa Gooftaa sin galateeffadha,

ani akka warra kaanii

mitiiwoo, saamtuu, jalloota,

ejjitoota akka qaraxxuu

kanaas. Torban torbaniin si‟a

lama nan sooma, horii koo

hundumaa keessayis kurnaffaa

nan baasa.‟ Qaraxichi garuu

fagoo dhaabbatee ture, gara

waaqaatti illee ija isaa ol

fudhachuu hin fedhu ture;

qoma isaa in rukutata ture

malee, akkana jedhaa: yaa

waaq, namaari ana nama

cubbamaa. Isiniinan jedha,

inni kun isa sanarra caalaa

qulaa‟ee akka gale; ol kan of

qabu, hundinuu gadi in

deebi‟awoo, gadi kan of qabus,

ol in qabama.”

Akkuma qaraxxuu kanaa,

Waaqayyo isiniifis araara ha

fidu.

Waa’ee bara dhumaa ilaalchisee,

odeeffannoo biraa yoo

barbaaddaniif, Family Radio,

Oakland, California 94621, USA

jettanii akka nuuf barreessitan

isin afeerra; macaafota kana tola

argachuu ykn websaayitii,

www.familyradio.com jedhu

ilaaluu in danddeessu.

Hope God Will Save

We Are Almost There!

To God be the Glory!

Kanaan egaa, dubbifama

barreeffama keenya harr’aa

xumurraa. Wanta dhageessan

irratti hundaa’udhaan Waaqayyo

jireenya keessan isa gabaabaa

hafe kessatti waan inni hojjetu

kadhata guddaa wajjin

eeggadhaa.

Waan dubbiftan kana ilaalchisee gaaffii yoo

qabaattan ykn sagantaa danbalii tamsaasa

addunyaa keenyaa yoo feetan,

FAMILY RADIO

Oakland, California 94621

USA

jedhaati nuuf barreessa.

Toora Inteerneetaa

http://www.familyradio.com

Emailii:

International@familyradio.com

OROMO TO AFRICA

LOCAL TIME KHZ

1900-2000 15160

I

4

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!