28.08.2015 Views

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

87 Maarqoos 6:49

hubatan; magaalota mara keessaa

ba'aniis miilaan fiiganii isaan

dura bakka sana ga'an. 34 Yesuusis

yommuu bidiruu irraa bu'ee tuuta

nama baay'ee argetti garaa isaanii

laafe; kunis isaan akka hoolota p

tissituu hin qabne waan turaniif.

Innis waan baay'ee isaan barsiisuu

jalqabe.

35 Lafti galgalaa'aa deemnaan

barattoonni isaa gara isaa dhufanii

akkana jedhaniin; "Lafti kun

ona; aduunis dhiyuu geetteerti.

36 Akka isaan gara baadiyaatii fi

gandoota naannoo kanaa dhaqanii

waan nyaatan bitataniif namoota

kanneen gadi dhiisi."

37 Inni garuu deebisee, "isinuu

waan isaan nyaatan kennaafii"

jedheen.

Isaanis, "dhaqnee buddeena

diinaarii dhibba lama baasu binnee

akka nyaataniif isaanii kenninuu

ree ?" jedhaniin.

38 Innis, "Buddeena meeqa q qabdu?

mee dhaqaa ilaalaa!" jedheen.

Isaanis eega ilaalanii booddee r ,

"buddeena shanii fi qurxummii

lama" jedhaniin.

39 Yesuusis akka isaan namoota

hundumaa tuuta tuutaan marga

lalisaa s irra teteessisan isaan

ajaje. 40 Namoonni sunis dhibba

dhibbaa fi shantama shantamaan

tuuta tuutaan tataa'an.

41 Innis

buddeena shananii fi qurxummii

lamaan sana fuudhee, gara samii

ol ilaalee, galata galchee, buddeena

sana caccabse; akka isaan

namootaaf dhiyeessaniifis barattoota

isaatti kenne; qurxummii

lamaanis hunduma isaaniitiif

qoode. 42 Isaan martinuus nyaatanii

quufan. 43 Barattoonnis caccabaa

buddeenaatii fi qurxummii gundoo

kudhanii lama guutuu walitti

qaban. 44 Warri buddeena sana

nyaatanis dhiira kuma shani turan.

Yesuus Bishaan Irra Deemuu

Isaa

6:45-51 Kwf ⇒ Mat 14:22-32; Yoh 6:15-21

6:53-56 Kwf ⇒ Mat 14:34-36

45 Yesuusis hanga tuuta sana uf

irraa geegessutti akka barattoonni

isaa hoboloo yaabbatanii

isa dura gara Beetsayidaatti

ce'aniif t yeruma sana isaan

dirqisiise u . 46 Eegii uf irraa isaani

geegessee booddees kadhachuuf

gaaratti ol ba'e.

47 Yommuu lafti galgalaa'ettis

hoboloon sun galaana wadhakkaa

turte; Yesuus immoo kophaa

isaa lafa irra ture. 48 Innis otoo

barattoonni sababii bubbeen

fuula isaanii duraan itti dhufeef

bishaan mooquudhaan v dhiphatanuu

arge; halkan keessaas gara

sa'aatii afraffaatti galaana irra

deemaa isaanitti dhufe; isaan bira

dabruus barbaadee ture. 49 Isaan

p 34 ykn ooliyyee; q 38 ykn hagami; r 38

ykn duubatti; s 39 ykn buuyyoo dotii/

marga jiidhaa; t 45 ykn taakkaniif; u 45

ykn giddisiise / giddeesse, v 48 ykn dhawachuun

/laaquun

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!