28.08.2015 Views

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

73

Wangeela Waaqayyoo lallabaa

Galiilaa seene. 15 Innis,"barri sun

ga'eera; mootummaan Waaqayyoos

dhiyaateera; cubbuu irraa

deebi'aatii wangeela amanaa m !"

jedhe.

16 Yesuus otoo galaana Galiilaa

bira dabraa jiruu Simoonii fi

Indiriyaas obboleessa Simoon

otoo isaan xaxoo isaanii

bishaanitti darbatanuu arge; isaani

qurxummi-qabdoota turaniitii.

17 Innis, "na faana koottaa; ani

nama-qabdoota isin godhaattii"

jedheen.

18 Isaanis yeruma sana

xaxoo isaanii dhiisanii isa hordofan.

19 Yesuusis xiqqoo achi hiiqee

Yaaqoob ilma Zabdeewosiitii fi

Yohaannis obbolleessa Yaaqoob

otoo isaani bidiruu n tokko keessa

taa'anii xaxoo isaanii qopheeffatanuu

arge; 20 Innis yeruma sana

isaani waame; isaanis abbaa isaanii

Zabdeewoosin tajaajiltoota mindeeffaman

o wajjiin bidiruu keessatti

dhiisanii Yesuusin hordofan.

Yesuus Hafuura Xuraawaa

Baasuu Isaa

1:21-28 Kwf ⇒ Luq 4:31-37

21 Isaanis Qifirnaahom dhaqan;

Yesuusis guyyaa Sanbataatiin

mana sagadaa seenee barsiisuu

jalqabe. 22 Innis akka barsiistota

seeraatti otoo hin ta'in akka nama

aangoo p qabuu tokkootti waan

barsiisaa tureef namoonni barsiisa

isaa ni dinqifatan q . 23 Yeroo

sanatti namichi hafuura xuraawaan

Maarqoos 1:30

qabame tokko mana sagadaa

isaanii keessa ture; Innis iyyee,

24 Akkana jedhe; "yaa Yesuus nama

Naazireeti, ati maal nurraa qabda?

Nu balleessuu dhufte moo? yaa

Qulqullicha Waaqayyoo, Ati eenyu

akka taate ani nan beeka."

25 Yesuusis, "caldhisii isa keessaa

ba'i!" jedhee hafuura xuraawaa

sana ajaje. 26 Hafuurri xuraawaan

sunis namicha dhidhiitachiisee,

qoonqa guddaadhaan iyyee keessaa

ba'e.

27 Namoonni martinuu maadeffatanii,

"kun maalii? Barsiisa

haaraya aangoo uf keessaa qabu!

Inni hafuura xuraawaallee ni

ajaja; isaanis ni ajajamuuf" waliin

jedhan. 28 Waayeen isaas biyya

Galiilaa cufa keessatti dhagaa'ame.

Yesuus Nama Hedduu Fayyisuu

Isaa

1:29-31 Kwf ⇒ Mat 8:14, 15; Luq

4:38,39

1:32-34 Kwf ⇒ Mat 8:16, 17; Luq 4:40,41

29 Isaanis akkuma mana sagadaa

keessaa ba'aniin Yaaqoobii

fi Yohaannis waliin mana

Simooniitii fi Indiriyaas dhaqan.

30 Amaatiini r Simooniis dhukkuba

nafa nama gubuun qabamtee

ciifti turte; isaanis waayee isii

m 15 ykn dhugeeffadhaa; n 19 ykn hoboloo;

o 20 ykn hojjattoota horiin hojjachiifaman;

p 22 ykn guddinna; q 22 ykn in

maadeffatan/ ni ajaa'ibsiifatan; r 30 ykn

haatii soddaa/ soddaatiin

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!