28.08.2015 Views

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

79 Maarqoos 4:11

Haadha Yesuusiitii fi Obboleeyyan

Isaa

3:31-35 Kwf ⇒ Mat 12:46-50; Luq 8:19-21

31 Haatii Yesuusiitii fi obbololeeyyan

isaa ni dhufan; ala dhaabataniis

akka inni isa waamuufiif

nama tokko itti ergan. 32 Namoonni

baay'eenis isatti naanna'anii taa'aa

turan; isaanis, "Kunoo, haatii

teetii fi obbololeeyyan kee ala

dhaabatanii si iyyaafachaa jiru"

jedhaniin.

33 Innis, "Haati tiyyaa fi obboleeyyan

kiyya eenyu?" jedhee gaafate.

34 Yesuusis garagalee warra

naannoo isaa tataa'an ilaalee

akkana jedhe; "haati tiyyaa fi

obboleeyyan kiyya kunoo ti!

35 Namni fedhii Waaqayyoo raawwatu

h martinuu obboleessa kiyya;

obboleettii tiyya; haadha tiyyas."

Fakkeenna Nama Sanyii Facaasuu

4:1-12 Kwf ⇒ Mat 13:1-15; Luq 8:4-10

4:13-20 Kwf ⇒ Mat 13:18-23; Luq

8:11-15

Ammas Yesuus qarqara

4 galaanichaatti barsiisuu

jalqabe. Innis namni akka malee

baayatu naannoo isaatti walitti

qabamnaani, bidiruu i yaabbatee

galaana irra taa'e; namoonni

cuftinuus qarqara galaanaa

turan.

2 Fakkeenyaanis waan

baay'ee isaan barsiise; barsiisa

isaa keessattis akkana jedhe;

3 "Mee dhagayaa! kunoo, namichi

sanyii facaasu tokko sanyii facaasuu

dhaqe; 4 Otuma inni facaasaa

jiruus sanyiin tokko tokko

karaa irra bu'e; simbirroonnis j

dhufanii nyaatan. 5 Kaan immoo

lafa qarsaa qabu, bakka k biyyee

baay'ee hin qabne irra bu'e; biyyeen

isaas waan gadi fageenya hin

qabaatiniif sanyiin sun dafee

biqile. 6 Yommuu aduun baatetti

garuu biqiltuun sun ni xoolage l ;

waan hidda hin qabaatiniifis ni

goge. 7 Sanyiin biraas m qoraattii n

keessa bu'e; qoraattiin sunis guddatee

waan isa hudheef o biqiltuun

sun firii p tokkollee hin

naqanne. 8 Kaan q garuu biyyee

gaarii irra bu'e; ni biqile; ni guddate;

firiis ninaqate. Inni tokko

dachaa r soddoma, kaan dachaa

jahaatama kaan immoo dachaa

dhibba naqate."

9 Yesuusis, " namni kamiyyuu

yoo gurra dhagawu qabaate haa

dhagawu" jedhe.

10 Yeroo inni kophaa turettis

warri kudhanii lamaanii fi

namoonni naannoo isaa turan

dhibiini waayee fakkeenna sanaa

isa gaafatan. 11 Innis akkana jedheen;

"Dhossaan s mootummaa

Waaqayyoo isiniif kennameera;

warra ala jiranitti garuu wonni

martinuu fakkeennaan himama;

h 35 ykn guutu; i 1 ykn hoboloo; j 4 ykn

simphirreeni; k 5 ykn fulaa; l 6 ykn ni

qoncoorrate; m 7 ykn dhibiin; n 7 ykn

qoree; o 7 ykn ukkaamseef; p 7 ykn midhaani/ija;

q 8 ykn kuun, r 8 ykn harka;

s 11 ykn icciitiin

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!