28.08.2015 Views

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Yesuus Fannifamuu Isaa

15:22-32 Kwf ⇒ Mat 27:33-44; Luq

23:33-43; Yoh 19:17-24

21 Isaanis namicha Qareenaa kan

Simoon jedhamu tokko otoo inni

baadiyaadhaa dhufuu arganii akka

inni fannoo Yesuusi baatuuf isa

dirqisiisan m . Namichi kunis abbaa

Aleksaandiroosiitii fi Ruufoos

ture. 22 Isaanis lafa Golgootaa

jedhamutti Yesuusin geessan;

Golgootaa jechuun lafa buqqee

mataa jechuu dha. 23 Jarris akka

inni daadhii wayinii kan qumbiin

walitti makame dhuguuf kennaniif;

inni garuu dhuguu dide. 24 Isaanis

isa fannisan; uffata isaas gargari

qoodanii tokkoon tokkoon

isaanii isa kam akka fudhatan

beekuuf hixaa buufatan.

25 Yeroon isaan itti isa fannisanis

ganama sa'aatii sadii ture.

26 Katabbiin waan inni ittiin

himatamees, "MOOTII YI-

HUUDOTAA" jedha ture.

27 Saamtota lamas isaa waliin,

isa tokko karaa mirga isaa,kaan

immoo bitaa isaatti fannisan.

28 Kanaanis dubbiini kitaabni,

"inni seera-cabsitootatti lakkaa'ame

n " jedhu sun ni raawwatame

o . 29 Warri aachiin dabranis

mataa isaanii raasanii p akka

malee isa arrabsaa turan; akkanas

isaan jedhan; "ati namni mana

qulqullummaa diiddee guyyaa

115 Maarqoos 15:36

sadiitti deebiftee ijaartu, 30 Mee

of oolchiitii fannoo irraa gadi

bu'i!"

31 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni

seeraa akkasuma isatti

qoosaa, akkana waliin jedhan;

"Inni warra kaan oolcheera; ofii

isaa garuu oolchuu hin danda'u!

32 Akka nuu arginee amannuuf q

Kiristoos kun, mootiin Israa'eli

kun, mee amma fannoo irraa

gadi haa bu'uu." Warri isa waliin

fannifamanis isa arrabsan.

Du'uu Yesuusi

15:33-41 Kwf ⇒ Mat 27:45-56; Luq

23:44-49

33 Sa'aatii ja'affaa irraa jalqabee

hanga sa'aatii saglaffaatti r dukkanni

lafa cufa haguuge. 34 Sa'aatii

saglaffaattis Yesuus qoonqa s

guddaan, "Eeloohee! Eeloohee!

Lamaa Sabaqtaanii?" jedhee iyye.

Kunis, "Yaa Waaqa kiyya! Yaa

Waaqa kiyya! Ati maaliif na

dhiifte?" jechuu dha.

35 Warra achi dhadhaabatan

keessaas tokko tokko yommuu

waan kana dhaga'anitti, "Ilaa!

Inni Eliyaasin waammataa!" jedhan.

36 Namichi tokkos fiigee daadhii

m 21 ykn giddeessan; n 28 ykn hedame; o 28 ykn

guutame; p 29 ykn hargufanii; q 32 ykn

dhugeeffannuuf; r 33 ykn sagaleessootti;

s 34 ykn qoonqoo/sagalee

15:21 Qareenaa - Magaalaa (dira) Giriikii kan qarqara kaaba Afriikaa naannoo hardha

Liibiyaa jedhamutti argamtu tokkoo dha.

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!