28.08.2015 Views

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

28 Ani garuu erga kaafamee booddee

isin dura Galiilaa nan dhaqa."

29 Pheexiroosis, "Yoo isaan hundinuu

gufatanillee ani hin gufadhu"

jedheen.

30 Yesuus immoo deebisee,"ani

dhuguma sitti nan hima; edana

otoo kormi lukkuu hin iyyin ati

yeroo sadii na ganta l " jedheen.

31 Pheexiroos garuu, "ani yoo si

wajjiin du'ellee matumaa m si hin

ganu" jedhee jabeessee dubbate.

Warri hafan martinuus akkanuma

jedhan.

Geetesemaanii

14:32-42 Kwf ⇒ Mat 26:36-46; Luq 22:40-46

32 Isaanis bakka Geetesemaanii

jedhamu tokko dhaqan; Yesuusis

barattoota isaatiin, "hanga ani

Waaqa kadhadhee dhufutti asi

taa'aa" jedheen. 33 Innis Pheexiroosin,

Yaaqoobii fi Yohaannisin

ufitti fudhatee, akka malee gadduu

fi yaadda'uu jalqabe. 34 Isaaniinis,

"lubbuun tiyya akka malee

gadditee du'uu geetteerti; isin

asuma turaa; dammaqaas" jedhe.

35 Diqqoo isii achi hiiqee, lafa

dha'ee, yoo danda'ame akka

sa'aatittiin sun isa irra dabrituuf

waaqa kadhate. 36 Innis, "Abbaa,

yaa Abbaa; wanni hundinuu siif

ni danda'ama; xuwwaa kana narraa

fuudhi; garuu wanni ati barbaaddu

haa ta'uu malee wanni

ani barbaadu hin ta'in" jedhe.

37 Innis gara barattoota isaatti

deebi'ee, isaanii rafu n arge; Phe-

111 Maarqoos 14:44

exiroosiinis akkana jedhe; "Simoon,

ati ammallee inuma raftaa? Sa'aatii

tokkollee dammaquu hin dandeennee?

38 Isin akka qoramatti o hin

seenneef dammaqaa Waaqa kadhadhaa;

hafuurri qophaa'aa dha;

foon garuu dadhabaa dha.

39 Ammas dhaqee, waanuma

duraan kadhate sana kadhate.

40 Innis yommuu deebi'ee dhufetti

ammas isaanii rafu arge; mugaatiin

isaan qabee tureeti; Isaanis akka

maal jedhanii deebisaniifillee hin

beenne.

41 Yeroo sadaffaas deebi'ee

akkana jedheen; "isin ammayyuu

raftanii boqochuutti jirtuu? ni

ga'a! Sa'aatiini sun ga'eera; kunoo,

Ilmi Namaa dabarfamee harka

cubbamtootaatti ni kennama. 42 Ka'a!

koottaa ni deemnaa! namichi

dabarsee na kennu sun kunoo

dhufeera."

Yesuus Qabamuu Isaa

14 : 43 - 50 Kwf ⇒ Mat 26 : 47 - 56 ;

Luq 22: 47 - 50 ; Yoh 18 : 3 -11

43 Otuma Yesuus dubbachaa jiruu,

warra kudhanii lamaani keessaainni

tokko jechuunis Yihuudaani

dhufe; isa waliinis namoonni

luboota hangafootaa, barstiistota

seeraatii fi maanguddoota biraa

ergaman baay'een goraadee fi

bokkuu qabatanii dhufan.

44 Inni Yesuusin dabarsee kennu

l 30 ykn mormatta; m 31 ykn akkanallee

jedhee; n 37 ykn rafan; o 38 ykn ilaallattoo

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!