28.08.2015 Views

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

albala awwalaa irraa dhagicha

nuu gangalcha?" jedhaniis wal

gaafatan.

4 Yommuu millatanii ilaalanitti

garuu akka dhagaan sun afaan

awaalichaa irraa gangalfame

argan; dhagichis baay'ee guddaa

ture.

5 Isaanis awwaala keessa

seenanii dargaggeessa uffata adii

uffate tokko isaa karaa harka

mirgaatiin taa'ee jiru argan; ni

na'anis.

6 Innis akkana isaaniin jedhe;

"hin na'inaa! Isin Yesuus Nama

Naazireeti isa fannifamee ture

barbaaddu; inni ka'eera; asi hin

jiru; ilaa! bakka d isaan isa

kaa'anii turan. 7 Garuu dhaqaatii,

'inni akkuma isinitti hime sana

isin dursee Galiilaa ni dhaqa;

achittis isa ni argitu' jedhaatii

barattoota isaatii fi Pheexiroositti

himaa."

8 Dubartoonni e sunis hollachaa

fi ajaaibsiifachaa f awwaalicha

keessaa ba'anii baqatan; sababii

sodaataniifis nama tokkottillee

waan tokko hin dubbanne.

9 Yesuusis barii guyyaa jalqaba

torban sanaa yeroo du'aa ka'etti

duraan dursee Maariyaam ishii

Magdalaatti mullate; Maariyaam

tunis tan inni jinnii torba ishii

keessaa baasee turee dha. 10 Ishiinis

dhaxxee otoo warri isa

waliin turan gadduu g fi boo'uutti

jiranuu isaanitti himte. 11 Isaan

garuu yommuu akka Yesuus

117 Maarqoos 16:18

jiraataa h ta'ee fi akka ishiin isa

argite dhagayanitti waan sana

hin amanne i .

12 Eegasiis isaan keessaa namoonni

lama otoo baadiyaa dhaqaa

jiranuu Yesuusi bifa dhibiin j

isaanitti muldhate. 13 Jarris deebi'anii

warra hafanitti himan; isaan

garuu warra kanas hin amanne.

14 Ergasiis Yesuus warra kudhanii

tokkotti otoo isaan maaddiitti

k dhiyaatanii jiranuu isaanitti

muldhate; innis sababii isaan

warra erga inni du'aa ka'e isa

argan sana amanuu didaniif,

amantii dhabiisa isaaniitii fi

mata-jabeenna isaaniitiif isaanitti

dheekkame.

15 Innis akkana isaaniin jedhee;

"gara addunyaa cufaa dhaqaa;

uumama cufattis wangeela lallabaa.

16 Namni amanuu fi cuuphamu

marti ni fayya; nama hin amannetti

garuu ni murama. 17 Milikkinni

l kunis warra amanan irraa

muldhata; isaan maqaa kiyyaan

jinniiwwan baasu; afaan haarayaan

dubbatu; 18 Harka isaaniitiin bofa

ni qabu; yoo waan nama ajjeessu

dhugan isaan hin miidhu; harka

isaanii namoota dhukkubsatan m

irra ni kaa'u; namoonnis ni fayyu."

d 6 ykn fulaa; e 8 ykn nadheeni; f 8 ykn

maadeffachaa/dinqifachaa;

g 10 ykn

laaleffatachuu; h 11 ykn hiikkaani tokko

tokko du'aa ka'e jedha; i 11 ykn hin

dhugeeffanne; j 12 ykn biraatiin; k 14 ykn

gololatti; l 17 ykn malkanni/milikkeetii;

m 18 ykn fayyaa hinta'in

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!