28.08.2015 Views

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

WANGEELA MAARQOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Fakkeenya Qottuuwwanii

12:1-12 Kwf ⇒ Mat 21:33-46; Luq 20:9-19

Innis akkana jedhee fakkeenyaan

isaanitti dub-

12

bachuu jalqabe; "namni tokko

biqiltuu wayinii dhaabe; naannoo

isaatti dallaya ijaare; boolla itti

wayinii cunfan qotee siree irra

taa'anii eegan ijaare; innis oobruu h

wayinii sana qottuuwwanitti

kireessee biyya fagoo deeme.

2 Yommuu yerooni itti wayinii

muran ga'ettis akka inni firii i

wayinii irraa qooda isaa fudhuufiif

garbicha isaa tokko qottuuwwan

sanatti erge. 3 Isaani

garuu garbicha sana qabanii,

tumanii harka duwwaa of irraa

deebisan. 4 Ammas garbicha biraa

j isaanitti erge; Isaanis mataa

isaa dhagaan burussanii qaanessanii

deebisan. 5 Ammas garbicha

dhibii erge; isas ni ajjeesan;

garboota biraa baay'ees erge;

isaanis gara tokko ni tuman;

kaan k immoo ni ajjeesan.

6 "Ammas nama ergu tokko

qaba ture; innis ilma isaa isa

jaalatamaa dha; Namichis, 'ilma

kiyyaaf ulfinna ni kennu' jedhee

dhuma irratti ilma isaa sana erge.

7 "Qottuuwwan sun garuu,

'Dhaaltuun isaa kunoo kana;

koottaa isa ajjeefnaa! dhaalli

isaas keenya ta'aatii!' waliin

jedhan. 8 Isaanis qabanii isa

ajjeessan; oobruu wayinichaa

keessaas gadi baasanii isa gatan.

103 Maarqoos 12:15

9 "Egaa abbaan oobruu sanaa

maal godhinna laata? Inni ni dhufa;

Qottuuwwan sanas ni ajjeessa;

oobruu isaa namoota biraatti

kennata. 10 Isin kitaaba hin dubbifnee?

Innis akkana jedha;

" 'Dhagaan ijaartonni tuffatan,

dhagaa golee l ta'eera;

11 Kana Gooftaatu hojjate;

kunis ija keennaaf dinqii m dha.' "

12 Isaanis akka inni waayee

isaaniitiif jedhee fakkeenya sana

dubbate waan hubataniif isa

qabuu barbaadan; garuu namoota

sodaatan; kanaaf isa dhiisanii

deeman.

Waayee Gibira Baasuu

12:13-17 Kwf ⇒ Mat 22:15-22; Luq 20:20 -26

13 Eegasii waan inni dubbatuun

isa qabuuf jedhanii Fariisotaa fi

garee Heroodis keessaa namoota

tokko tokko isatti ergan. 14 Isaanis

gara isaa dhufanii akkana

jedhaniin; "Yaa Barsiisaa, akka

ati nama dhugaa taate ni beenna;

ati nama hin sodaattu; dhugumaan

karaa Waaqayyoo barsiifta

malee nama wal-hin caalachiftu.

Qeesaariif gibira baasuun seera

moo seeraa miti? 15 Haa baafnuu

moo haa dhiifnuu?"

h 1 ykn maasii /maasaa; i 2 ykn midhaan;

j 4 ykn dhibii; k 5 ykn kaawwan; l 10 ykn

mikikkilaa; m 11 ykn ila teennaaf-maadee/

ajaa'ibsiisaa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!