05.04.2013 Views

Baafata

Baafata

Baafata

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Sadarkaa 6

16

5. Ijoollee guddissuufi kunuunsuun hojii dhiiraa miti.

A. Itti gaafatamni ijoollee guddisuu kan eenyuuti?

B. Ijoollee guddisuufi kunuunsuun itti gaafatama dubartii qofaa ta'uunsa

sirriidhaa?

C. Warri dhiiraa itti gaafatama ijoollee guddisuu akka qooddatan

gochuuf tarkaanfiin akkamii yoo fudhatame gaarii dha?

6. Hiriyaankee/Michuunkee murtee gaarii hintaane kan murteessu yoo ta'e

itti himuu qabda.

A. Hiriyaakeetti/Michuukeetti murtee gaarii hintaane murteessu isaa itti

himuudhaaf yeroo gaariin yoomi?

B. Hiriyaakeetti/Michuukeetti murtee gaarii hintaane murteessu isaa itti

himuukeetiif wanti sirra ga'u maali?

Kanatti aansee barreefama waa'ee hiriyoota sobdu lamaanii akka isaaniif

dubbiftu barattootatti himi. Barreefama kanas callisanii dammaqinaan akka

dhaggeeffatan itti himi.

Tasfaayeefi Yaasin

Tasfaayeefi Yaasin ijoollee sammu qara qabaniidha. Hata'uyyuu malee,

mana barumsaatii eega deebi'anii booda barumsa isaanii qayyabachuu

irra ijoolleedhaa wajjin kubbaa taphatu. Yeroo hamma taphaaf kennan

barumsa isaaniitiif hinkennan. Kanarra kan ka'es dhibaa'oodha.

Dhiyeenya kana barsiistonni qabxilee barattootaa kan semesteera

jalqabaa gabatee beeksisaa irrati maxxansanii turan. Tasfaayeefi Yaasin

gosa barnootaa baay'eetti wanti isaan argatan harka dhibba keessaa

shantamaa gadi ture. Kana irraanimmoo qabxiin Tasfaayeen Herregatti

argate barattoota hundaa gadi ture. Tasfaayeefi Yaasin kutaa isa ol'aanutti

darbuu yoo barbaadan qabxii isaanii fooyyeeffachuu akka qaban

barsiisaan isaanii ifatti itti himee jira. Isaaniin garuu haalli kun badaa isaan

hinyaachifne. Kaayyoo isaan qaban hundaa waa'ee tapha kubbaa ture.

Guyyaa qabxiin semesteera jalqabaa itti ba'e sana Tasfaayeefi Yaasin

mana barumsaatii eega deebi'anii booda warra isaanitti akka waan qabxii

baay'ee ol'aanaa argataniitti fakkessanii himan. Daree isaanii keessaas

gosa barnootaa ja'aan tokkoffaa akka ba'an himan. Maatiin isaaniis

baay'ee gammaduudhaan ijoollonni kun gara fuulduraatti sadarkaa

guddaa irra akka isaan ga'an tilmaaman.

Guyyaa sana akka carra ta'ee gandaa isaanii keessatti sabni naannoo

sanaa walga'ii adeemsisee ture. Abbootiin Tasfaayeefi Yaasinis walga'icha

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!