21.06.2013 Views

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Saamichalafa Oromoo

Saamicha Lafa Oromoo

By Taammanaa Bitimaa

Duraandursa

Barreeffanni harra isiniif

dhiyaate kun, gaafa 12. 12.

07 irraa kaasee kutaa

kutaan qoqqoodamee

mandhee "Akkaadamii Uummata

Oromoo - ONA" irratti

dubbiftootaaf dhiyaatee ture.

Barreeffatichi kutaa 15-initti

qoodamuun hamma gaafa 04. 03.

08-tti dhiyaateyyu. Waan

dubbiftoonni hedduun,

qoppheessitoonni sarara

(mandhee) "Gumii Adda

Bilisummaa Uummata

Oromiyaa" fi kurfeessitoonni

"HANGAASUU" akka

uummataaf ifatti gadi bawu na

gaafataniif, kunoo gulaaltiin

barbaachisaa tahe godhamuun

harra irraa kaasee kutaa kutaan

isinii dhiyeeffama.

Erga waraqaan kun barreeffamee

asii, waayee lafaa irratti wanni

hedduun muldhateeti jira. Amma

kan lafa lafee uummata Oromoo

Saamicha Lafa Oromoo VOLUME 1 SPRING 2010

tahe, qutee-bulaa Oromoo

buqqisee qircatee saammatu,

nafxanyoota moofeyyii fi

nafxanyoota haareyyii qofaa miti.

Amma warri Wayyaanee isaanii

humna qawweetiin

qaqawweessanii uummataa fi

saba keenya jilbeeffachiisanii

bitaa jiran, lafa Oromoo fi kan

uummatoota Anyuwaak, Afaari

kanneen biroo saammattoota

addunyaa kan biyyoota: Arabaa,

Biyya Hindii, Biyya Shaayinaa fi

dureewwan Afrikaa keessaa kan

Jibuutii fi Naajeriyaatti

gurgurachaa jiru. Harra

Wayyaanonni safuu fi

safeeffannaan tokkollee qeyee

isaanitti hin argamne kun, quteebulaa

Oromoo fi kan warra kaanii

buqqisanii, manneeni fi gandeen

Oromoo onsanii, awwaala fi

tolcha Oromoo mancaasanii

araddaa biyyaa fudhatanii, kan

isaanii fi jaleewwan isaanii irra

hafe immoo gurguratanii

gurgursiifachaa jiru.

Harra bara durii oggaa abbootiin

isaanii Minilikii fi Yohaannis faa

Biyya Oromootti duulanii

uummata gorra'anii,

gorraasisanii, namaa-sa'a hamma

fedhan boojiyanii, hamma fedhan

harkaa fi harma irraa mursiisanii,

hamma fedhan beelaa fi dhibeen

ficcisiisanii, hamma fedhan akka

hoolotaatti gabaa biyya keessaa fi

biyyoota alaatti gurgursiisanii

sanii gadii miti. Gadadoo fi

hammeenyi, buqqifamnii fi

dhumaatiin uummata Oromoo fi

uummata Anyuwaaki fi

uummata Somaalee Ogaadeniyaa

faa irratti tahaa jiru kun kan

himuufillee nama suukaneessu.

Gabaabummatti: gaadduwwanii

fi saamtuuwwan,

waanbadeewwani fi shiftoonni

maqaa Wayyaanee jedhamuun

of-waaman Oromiyaa jituu

onsanii, gandeeni fi biyya

hongeessanii, uummata beelaa fi

jeejeen akka baala mukaatti akka

harcawu taasisanii, laggeeni fi

harawwan, haroolee fi

caffeewwan faa summeessanii,

bosanaa fi daggala Oromiyaa

barbadeessanii, manneen hidhaa

Oromotaan akka dhipphatan

godhanii, kana biraa

dabraniiyyuu Oromoota jiraa

isaanii Gaara Suufii faatti majaa

(waraabessa hamaa) sooranii,

soorsisaniiti jiru. "Yaa Waaq kan

tolu fidi jennaan Sidaama (Amaara)

fidde?", jedhuuyyu Oromoonni

bara Minilik gara-jabeessichaa

san turani! "Kan irra tolu, kan irra

wayyu nuu fidi jenneetoo si

kadhannaan loltuuwwan Minilik,

nafxanyoota Minilik isaan harma

muran, isaan harka ciran, isaan

beelaa fi dhibee biyya fidanii loonillee

akka lafarraa dhuman godhan --- yaa

Waaq nutti fiddee ?", jechuu isaanii

ti.

Ee, uummanni Oromoo,

uummatoonni Kuushii fi warri

kaan bara Minilk isa akkanaa

kana keessa kutaniiti, bara

Hangaasuu Bilisummaa 14

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!