21.06.2013 Views

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

kutannoon dura dhaabate san

akka hokaatti haamaa waraana

Oromoo Afran Walisoo isa yeroo

sadii waraana Habashaa moye

sanis cabsee Caboo seenee,

Caboonis abbootii duulaa

beekamoo kan akka Damee

Araddoo fi Bayyuu Abbaa-

Shorroo fa'iin durfamee, waraana

san ennaa tokko moyee

lammaffaa irratti moyame.

Goobana Daaccii "Caboo nama isaa

motii warqee isaatu na mo'ate"

jedhe kan dubbate, dhiira

Oromoo Caboo duwwaa otoo hin

taane, dubartiin isaas miya

warqee kan: jaafgaa, manishii faa

jedhamuun waraana Minilik

tashattashaa waan turteefi.

Oromoon Bachoo kan waraana

Minilikiin akka hokaatti

haamamuu dandaye, kutannoo

cimaan waan diina dura ijaajjefii

lafti Bachoo goodaa (urufa

diriiraa) waan taheef, akka

Oromoota isa daangessanii akka:

Sooddoo, Galaan, Meettaa,

Kuttaayee, Walisoo faa

tulluuwwan, gaarran, goorolee

faa waan hin qabneef ture.

Jagnoonni Bachoo warri oggaa

sanii Shabbu Abbaa Guraa

(Shabbuu Bordee) faa harrallee

akkuma jagnicha Oromoo

Kuttaayee, Waamii Garoo:

Bachotti, Sooddotti, Aabbutti,

Gullalleetti, Meettaatti, Walisotti,

Kuttaaye faatti uummataan

faarfamaa jiru.

Waraana Walisoo kan fardeen

isaanii uummataan "Maaruu

fardeen qilleensaa" jedhamaniitoo

faarfamaniiyyu, waraana

Habashaa ala lama mowanii isa

sadaffaa irratti moyamanii

abbootii duulaa kan dirree

Saamicha Lafa Oromoo VOLUME 1 SPRING 2010

waraanaatti kufan irraa kan hafan

Raas Goobanaan qabamaniitoo

mana hidhaatti du'an keessaa

seenaa goota biyyaa, kan

Ilaansuu Halloo kan

irraanfatamuu miti. Goobana

Daaccii waan aadaa Oromoo

sirriitti beekuuf, dureewwan

Oromoo erga mana hidhaatti

naqsiisee, halkan waarii jala

looltuu isaa keessaa namoota

sadii gara mana isaan ittihidhaman

saniitti erguun: "mee

dhaqaatii waan Oromoon jedhu

dhaggeeffaddhaa!", jedheeni. Mana

hidhaa san keessatti Ilaansoo

Halloo, qeerransi harqaan abbaa

isaa Halloo Bokkuutti baye

jedhumu sun: garaa isaa lafatti

rirriitaa ilkaan ciniinnatee,

seeyyeen inni sirbe ammallee

akka mammaaksaatti Oromoon

Walisoo gaafa booreen qabee

nafxanyaatti lallabu:

"Yaa orooboo battee

Yaa orooboo battee

Yaa Oromoo baddee

Yaa Oromoo baddee

Yaa Oromoo badde!"*

Jedheeti seenaa yeroo sanii

ijoollee ofiitti dabarsa.

Gabaabumatti "yaa Oromoo biyyi

kee qabamewoo, bilisummaan kee

mulqamewoo, maal jirta, maal---!"

jechuu isaa ti.

Innin kanaa olitti akka

fakkeenyaatti dhiiyeesse kun,

diddaa qabannoo fi qubannoo

uummanni Oromoo kutannoon

adeemsise keessaa hamma

xiqqashoo wayii ti. Haatahu

malee, xiqqashoon kunillee

hammam uummanni Oromoo

biyyaa fi mirga ofiitii akka

dhaabate, ibseetoo nutti

muldhisa.

Ammoo, sabni Oromoo

sabeewwan, saboota fi

uummatoota ollaa isaa warra

Kuushii fi warreen biroo wajjin

diddaan qabannoo fi qubannoo,

dabrees erga qabatamee asiiyyis

diddaan gabrummaa walitti

hidhaa cimaa qaba. Ammaaf mee

kan saba obbolaa keenyaa, kan

warra hortee Kuush tahee kan

Walaayitaa** akka fakkeenyaatti

mildahchuun ni gaya.

Uummanni Walaayitaas akkuma

uummata Sidaamaa

("Sidaamoo"), Hadiyyaa,

Kafichoo faa waraana Habashaa

dura kutannoon kan dhaabate.

Oggaa hedduus moyateeti ture.

Booda akkuma Minilk mataan

isaa Calanqoo fi Arsiitti ofii

isaatiin waraana hogganuun

argame san, Walaayitaas akkuma

amalaa fi duudhaa isaa

phaapphasii Ortodoksii of cinaa

taasisee, qeesii taabota

baachisiisee uummataa fi biyya

Walaayitaatti duule. Uummanni

Walaayitaa akka nama tokkootti

tahee, diina biyya isaa qabachuuf

deemu san dura gore. Minilik

waraana Walaayitaa kan mootii

isaanii, Xoonaa-dhaan

hogganame san cabsuuf, torban

sadii guutuu irraa fudhate. Booda

reeffi uummata obbolaa keenyaa

kan Walaayitaa kun waan

tortoreef, fooliin isaa Minilikii fi

duree bataskaanaa faa dabarsuu

hin dandeenye. Waraanni Minilik

inni erga Oromoo Arsii cabsee

baddaa Aannoleetti harma-muraa

fi harka-muraa adeemsise sun,

Uummata Walaayitaa isa

madaayee ciisu, gorra'ee dhiiga

Hangaasuu Bilisummaa 18

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!