21.06.2013 Views

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Biyya Oromoo Laalistuu VOLUME 1 SPRING 2010

Biyya Oromoo laalistu,

Eebbii kee isaan ganamaa – diroo qaqabu laataa?

Gorsii kee isaan galgalaa – galaa nu ta’uu laataa?

Qoosaan kee isaan waarii – gamachuu fiduu laataa?

Muxxaanoo fi bekkumsii – humna nu taa’uu laataa?

Otoo Abbayyii hin ta’iin – ejeersaa tana laata?

Biyya Oromoo laalistu,

Kootaa ni galla nun jedhu

Warri abdaatan rooba qaamee

Warri hawwan teessoo koomee

Warri fedhii aangoon sardamee

Warri hawwiin bilisa dhaame

Warri abjuun qaban doome

Galluu maalti gallaa? – abjuu dhugaan hiikan tola

Aangoof sardamun fafa – teessoon koome takaallaa

Kuufaattiin goota boonsa – mucuca qaamee ilaalaa

Duuti hin oolee bilisaa – goonni gaalu gaadiin galaa

Caaqa fi qoosaa nu dhiisaa– galma kaayyoo faalleessa

Biyya Oromoo laalistu,

Gundoo naannessa hoodhi – ni ciitaa hin yaddaayini

Dhugaaf nannoofnee ni gallaa – ni du‘uu hin yaddaayini

Caaxee aadii cagaadi – caaggaddu hin ta’iin malee

Galaan gootoota abdii – hagamsaa gumaan bule

Rafii ka’ii saagaadi – saaggaddu hin ta’iin malee

Hoo galaan akka qabdii – garaan kee hin walaale

Sabbata fuurdaa fooyii – jaawwii aadaaf maarsattaa

Yoo gaaleef ittin feecaa – gabaa coorii ittin baataa!

Yoo dhuneef ittin boossaa – ittiin garaa hidhaatta

Seenaaf dhaamsa hegeree – diroo ittiin gorsattaa!

Yaa ilmaan abbaa gadaa – dhugaa buleen wal mudaa

Akka ollatti miti – buluun akka mana abbaa ofii

Mudhi qabataan miti – kan kolaasaan diina ofii

Hiiriiranii qomoo fi lammiin – quusaatanii wal tuffii

Dhaaddatan oromummaa – ilaalcha hundee tokkumma

Hangaasuu Bilisummaa 29

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!