Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO
Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO
Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO
Create successful ePaper yourself
Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.
isaan tajaajilaa ture. Egaa,

Oromoonni gabbaarii yookaan

ciisii tahan kun hoomisha

handhuuraa isaanii tahe gabbaraa

jiraachuu qafa otoo hin taane,

karaa hundaa abbaa lafaa isaanii

tajaajjiluyyu. John Markakis

waayee kanaa, barroo (kitaaba)

isaa fuulee 113 irratti kunoo akka

kanaa gadii jedha**:

"The gabbar was also required

to provide landholder with

necessities such as honey,

meat, firewood, dried grass,

and sundry other items. In

addition labour service was

required of him for a variety of

purposes. The gabbar had to

grind the landholder's share of

grain, transport it to his

residence in town, build his

house, maintain his fences,

care for his animals, and act as

porter, messenger, and escort.

Nor was the gabbar in a

position to refuse any request

of the landholder. Moreover,

the gabbar was obliged to

present gifts to the landholder

on religious holidays and

whenever the latter was

promoted, married, had a son,

went to perform military

service, or returned from it."

Uummanni Oromoo inni

gabbaarii jedhame kun, akka

Saamicha Lafa Oromoo VOLUME 1 SPRING 2010

kanaa olitti arginutti gabra

yookaan qixxee gabraa ti jechuu

dha. Habashoonni gabra akka

hoolaatti gabaa baasanii gurguru

yookaan bituuyyu. Gabbaarii

wanni isa gabra irraa adda isa

taasisu, gabaadhaa bitamuu

yookaan gurguramuu dhiisuu

qofa. Kan uummanni Oromoo fi

uummatoonni Kibbaa

nafxanyoota gara-jabeeyyii,

garaan bineensaa kanaaf hojjatan

kana callaas miti. Akka

ashkariittis mana keessa isa

tajaajilu. Kun kan ilaalu abbaa

warraa qofa otoo hin taane,

maatii isaa hunda. Haati warraa

isaa akka hojjattuu manaatti

waan hunda jaraaf hojjatti.

Ijoolleen isaas akkanuma. Sirna

gabrummaa jibbisiisaa kana

keessa, akkamitti uummanni

keenya dabree akka as gayuu

dandaye, kutaalee itti-aanan

irratti wajjumaan ilaalla, mee

"Haabultu dubbiin"!

=== Hubachiisa miiljalee ===

1) * Walaloon kunii fi kan biraas

kanaan dura waan barreeffamee,

gara Afaan Ingiliziitti hiikamee

bayeef, namni feetan isa ilaalu

dandeessu. Tamene Bitima: "On

Some Oromo Storical Poems",

1983, in: PAIDEUM 29, pp. 117-

125. Yookaan : Griefenow-Mewis,

Tamene Bitima: "Oromo Oral

Poems Seen from Within (Eds.)",

Koeln, 2004.

2) **Bara Hayila Sillaasee namti

Ameerikaa tokko, kan afaanota

naannoo Gaafa Afrikaa irratti

qorannoo adeemsisaa ture, horoo

qorannoo dhaabbata addaddaa

irraa argachuuf jedhee, uummata

duraan Kuush Lixaa jedhamee

beekamuuyyu: Waalayitaa,

Gaamoo, Kuulloo-Kontaa,

Shaakichoo, Kafichoo faa hortee

Kuushii irraa addaan qooduun

maqaa lagaa kenneefii: Omoo

("Omotic") jechuun moggaase.

Habashoonni dhalawwan Kuush

addaan qoodanii barabaraan

bituun waan sagantaa isaanii

taheef, ennasuma kana fudhatanii

"Omoo" jechuutti ka'ani.

Harrallee beektota afaanii kan

Oroppaa keessaa, warri kana hin

fudhanne guutaniiru.

Barreessitoonni fi dureewwan

Oromoo dabrees kan Kuushota

biroo kana fudhachuu hin qabani.

Kan Habashoonni addaan nu

qoqqoodanii hanga ammaattuu

nu bitaa jiran ni gaya. Gayeen

gayee dhaa, abadan nuti

dhalawwaan Kuush diinaaf

harka hin kenninu!

3) John Markakis: "ETHIOPIA -

Anatomy of a Traditional Polity",

Oxford, 1974.

Hangaasuu Bilisummaa 21