21.06.2013 Views

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Biyya Oromoo Laalistuu VOLUME 1 SPRING 2010

Abba laafaatu nu sobee

Mooji isa qoteetiikaa – goonni hin qootu boolaalee!

Foonin qaaljeessa male – dhiigaan gabbiissa malee

Boonyii ijoole hin raaffiisu – shiillimii tokko malee

Warra raafuutu nu sobee

Mooji isa rafeetikaa – goonni hin raafu mirga malee

Mirga hidda dhalootaaf – dagaala oolee bulee

Abjuu hiikatu toolcha – waan hawwaan barii abjootu

Baatanii aadaa fokku – wal qixxummaan hin jirtuu

Kaakataanii gumaa boree – abdiin haalagaa hin toltu

Bilisa mirga namummaa – goonnii dhiiga lolasu

Ilma seenaa dhaagate – eenyummaa hubachiisu

Hubadhaa qomoo fi lammiin –

Abbayyiin ganna goge – gorsa gafatee ejeersaa

Kan daagagu bonaa fi ganna – laaliise birraa– arfaasaa

Kaan otoo roobuuf googee – maaltu isa gabbisaa?

Deebbii ejeersaa keessaa – yaa hidda dheerinasaa

Dhugaa dharaaf hin googne – dhiigan soore gabbissa

Dhimma ejeersaa keessaa – yaa qola furdinasaa

Baaqqen hin kaabu danaa – eenyummaa keessan gogsaa

Dhaamsa ejeersaa keessaa – yaa garaa baldhiinasaa

Damee guddaan dagaage – fedhii sabaa gaaddisa

Doofaa fi jarjaara miti – obsaatu diina koolasa

Seenaa ejeersaa keessaa – yaa hundee guddinasaa

Kan qobaa areedu miti – koodeen kufee wal kaasaa!

Tokkummaatu jabiinaa – oromoon walii obsaa

Kan gannii isa coolagse – eenyummatu rakkisaa!

Hubannon fakkii ejeersaa – bokkuu hincabne dameensaa

Ongee fi caamsaan haamatuus – hiddiisaa hin gogu tasa

Diroon abdatan kuusaa – qabsoof dhiiga gaalasa

Arfasaan rooba hin dhabu – diina gumaa baasisaa

Kaayyoon galmaa bilisaaf – eenyummaan walii tumsa

Diroon diinaa diinumaa – haalagaa abdachuu dhiisaa

Qomoo fi lammiin Oromoo

Hadaraa walii obsaa – humna oromoo gurmeessaa!

Hangaasuu Bilisummaa 28

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!