Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO
Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO
Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO
You also want an ePaper? Increase the reach of your titles
YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.
Hayila-Sillaasee isa oggaa

uummanni Walloo fi Tigraay

beelaan akkasitti harcawu,

shampaanyaa fi dhugaatii Biyya

Faranjii irraa fichisiisuun akka

bishaaniitti masaraa isaa kan

Tulluu Daalattii keessatti

dhangalaasaa ture san keessa

gayani. Maarree ennaa san

Hayila-Sillaaseen saree isaa tan

Luluu jedhamtu sahaanii sabbuu

(dahaabaa) irraayyi murachiisaa

dilbiiwwan Oromoo soorsisaa

tureeyyu. Silaa jiruu fi jireenyi

hin dhaabatuu, Oromoon bara

hamaa akkanaa keessa hulluuqee,

bara Darguu keessa gaye. Barri

Darguu kunis bara sonaan hamaa

kan korbeessi re'ee (waxaxeen)

maqaalee namoota

galaafatamanii obobsaa yaa'ii

keessatti himu, kan ilmoon

namaa ajjeefamee karaa irratti

darbatamu, bara kan du'eefillee

boowuun nama adabsiisu, bara

warreenii fi firoottan namoota

ajjeefamanii horoo xiyyiitii fi

xiyyaa kafalaniitoo reeffa

hospitaala keessaa bituun

awwaallatanii faa keessas dabree,

kunoo bara Wayyaanee

dhaqqabe. Seenaan Oromoo,

seenaan uummatoota Kuushii,

seenaan uummatoota Kibbaa kan

waggaalee 130 kan nu barsiisu:

mootummaan Habashaa akkuma

walgeeddaree dhufu irra

hammaachaa, irra gara

bineensummaatti jijjiiramaa

dhufa. Warri Wayyaanees tartiiba

fi walgaafa kana keessa ibidda

tufaa, ibiddaan dachee teenya

gubaa, namaa-sa'a, lafaa-marga

barbadeessaa jiru.

Lafti akka aadaa Oromoottis

tahee, akka dinagdee

ammayyaatti madda qabeenyaa fi

Saamicha Lafa Oromoo VOLUME 1 SPRING 2010

horoo uummataa ti. Namni harra

Gondorii fi Maqalee irraayyis haa

dhufuu, Indiyaa fi Shaayinaa

irraayyis haa dhufuu, gogaaqaamaa

kan Oromoos haa

uffatuu namni lafa Oromoo

saammatu nama lafee Oromoo

caccabsee saammatuun adda

miti. Kana diinni uummataa fi

saba Oromoos, firri isaas akkaan

beekuu dha qabu! Oromoota

jaleewwan diinaa Oromoo

tahuun, yookaan immoo dubbii

dhipphisaniitoo laaluun diina

gamanaa fi isa baar gamaa wajjin

lafa Oromoo saammachaa jiraniif,

mammaaksi Oromoo tokko inni:

"hin bariitu seetee intalti ---"

jedhamu, dhaamsa fi

akeekkachiisa cimaa dabarsaafi.

Oromoonni tokko tokko immoo

jecha warra Amaaraa isa: "oggaa

manni abbaa keetii saamamu atis

wajjumaan saammaddhu"

jedhamun, uummata ofii alagaa fi

diina waliin hiriiranii saamaa jiru.

Jechi kun jecha hamaa fi

hammeenyaa, jecha

gadaantummaa fi gadigalummaa,

jecha dabeessaa fi dursitee harkakennattuu

akka tahe ammamu

beekutu nama baasa.

Dhaamsi fi akeekkachiifni

Wayyaanotaafis tahee,

nafxaynoota birootii dabarfamu:

uummanni Oromoof uummanni

Habashaa (uummanni Amaaraa

fi Tigree) bardhibbee hedduu

lolaanis haa tahuu tolaan akka

uummata biyya ollaatti wajjin

jiraatanii jiru. Nuti Oromoonni

ginni-bittee Habashaa biyya

keenya harkatti galfachuun, waan

ilmoon namaa nama irratti hin

adeemsifne nu irratti

adeemsiseef, harras tahee boru

akka biyya ollaatti waliin

jiraachuu malee, Oromiyaa

teenya akka gumbiitti

(dogoogootti) buqqifnee, gara

biraa geessuu hin dandeenyu.

Akkanuma isaaniis nu waliin

akka ollaatti jiraachuu malee,

Abashiyaa (Abisiiniyaa) isaanii

fuudhanii gara ardii biraa

geessuu hin dandayani.

Wayyaanonni waan garaa isaanii

malee, waan boruu hin yaanne,

kunoo uummatoota ollaa isaanii

mara otoo uummata Amaaratuu

isa obbolaa isaaniis waa hin

qusatin, gaaddatanii,

saammatanii, hidhanii waxalanii

uummatoota Toopphiyaa cufa,

dabraniiyyuu uummata Repulika

Somaaliyaa irratti hojii

faashistummaa adeemsisuun

kun, egeree isaanitii waan toluu

miti! "Boru hin beekneen ---" jedha

mammaaksi Oromoo tokko.

Egaa, duraandursi kanaa olii kun

kan amma barreeffamee, akka

itti-lixiinsa barreeffata kanatii

tahuuf dhiyaate. Armaan gaditti

immoo "duradubbii" fi "seensa"tu

akkuma barreeffata isaa

duraanii keessa jirutti, garuu

gulaaltiin barbaachisu idda

godhamee isiniif dhiyaatee, mee

duukaa bu'aatii ilaalaa!

Duradubbii

Kunoo, erga gara waggaa

lamaatii asii warra biyya keenya

harkatti galfachuun bitaa jiruu fi

warri isa wajjin hiriiruun bittaa

sanillee oromoomsuuf carraaqaa

jiru, "mee koottaa lafa fudhaddhaa"

jechuun gandeen Oromiyaa fi

addunyaa keessa fiigaati

muldhatu. Oromoonni kana

dhugaa godhatanii alaa manaa

gandeen uummata keenyaa

Hangaasuu Bilisummaa 15