21.06.2013 Views

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

Hangaasuu Bilisummaa Journal Volume 1 - ULFO

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Biyya Oromoo Laalistuu VOLUME 1 SPRING 2010

Boreen dhugaa dhaaddeessu – hoga goomoon mandiisuu

Boree mirga dhalootaa – diroon dhiigaan falmata

Namuumaaf nooru jedhu – seera uumaaf dhaabata

Godaanan biyya haalagaa – nagaa siif dhaamu laata?

Akkam bultee sin jechuuf – halkaan baariyaa laata?

Akkam oolte sin jechuuf – maaliin siif dhiiyaa laata?

Mee takkaa dhagefadhu – waan nu gubuun gabasaa

Ittiin si aarsuuf miti – haadha ilmaan gamessaa

Seenaaf yeelaluuf malee – attuu hin dhabne bekkumsa

Bekkumsa sirna fokkuu – xinnaa fi guddaa boosisa!

Biyya Oromoo Laalistuu,

Burqaan gibee hin guunee – haawas yaa’u bubbise

Akka waan bishaan dhabdee – eebuun aafaan nu gogse

Dhaamsaf jecha makmaaksaa – afaan eenyummaa ibsa

Akka waan afaan dhabdee – qooqa halagaan nu gorsaa

Dagaagan lammii fi qomoo – aadaaf aadaa akka huumoo

Labsa seera abba gadaa – safuu siiqqeetu hooda

Akka waan aadaa dhabdee – lubni hidhame gaddaa

Gamtaa naanoo fi aanaa – lammii fi qomoo gurmessaa

Akka waan odaa dhabdee –kiyyoon nu marsee caasaa

Laliistu biyya oromoo – guutee jiru dilbii fi kuusaa

Akka wan midhaan dhabdee – belaa hinjirree nu onsa

Waan hundaa hin himaatanni – fukkuu sirna cunqursaa

Kan hafee waaqaaf dhiise – boree hin haafnee bilisa!

Biyya Oromoo Laalistuu,

Safuu hin eegane laata? – cubbuu maaltu nu qabee?

Maal jetee nu eebbistee? – carraa maaltu nu qaqabee?

Coqqorsa baksaa cuuphxee – dargagoo adda tuqxe

Adda jabbadhaa hin jennee? – irree uumaa wal–qiixxee

Coqqorsa baksaa cuuphxee – dubaroo mormaa tuqxe

Lubbuu dheradhaa hin jennee? – akka eegataan haanxee

Bilaa haanxee hidda dhiigsu – eenyummaa kan maadeessu

Aadaa sirna cunqursaa – maaf safuu waaqaa cabsa

Addageen dhugaa dabsan – maaf humnaf nu dorsiisan!

Hangaasuu Bilisummaa 26

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!