28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 6:27 12

isaan hin facaasan yookaan hin

haaman yookaan gootaraatti d hin

galchan; Ta'us Abbaan keessan

inni samii irraa isaan soora. Isin

immoo isaan caalaatti gatii guddaa

qabduu mitii?

27 Namni

Yaadda'uudhaan bara jireenya

isaa irratti sa'aatii tokkollee

ida'achuu danda'u isin keessaa

eenyu?

28 "Isin maaliif waayee uffataa

yaaddoftu? Daraarawwan bakkee e

akkamitti akka guddatan mee

ilaalaa! isaan waa tokkollee hin

hojjatan; Hin foo'anis. 29 Ani

garuu isinittin hima; Solomooniyyuu

ulfinna isaa hunda keessatti

akka tokkoo isaaniittillee

hin uffanne. 30 Isin yaa warra

amantii f diqqoonana! Waaqayyo

ergaa marga g bakkee kan hardha

jiruu fi kan borimmoo ibiddatti

naqamuttiyyuu akkasitti uwwisee

isinittimmoo guddaa caalchisee

hin uwwisuu ree? 31 Kanaaf, 'maal

nyaanna?' Yookiin 'maal dhunna?'

Yookiin 'maal uffanna?' jettanii

hin yaadda'inaa.

32 Kana cufa

namoonni ormaayyuu ni barbaadu;

Abbaani keessan inni samii

irraa, akka wonni kun martinuu

isin barbaachisu beeka. 33 Garuu

duraan dursaatii mootummaa fi

qajeelummaa Waaqayyoo barbaadaa:

Wonni kun martinuu isinii

kennamaatii.

34 Kanaaf waayee

boriitiif hin yaadda'inaa: Bori

ofii isaatiif ni yaadda'aatii. Rakkinni

guyyaa sanaa mataan isaa

guyyicha ni ga'a.

Namatti Muruu

7 : 3 - 5 kwf ⇒ luq 6 : 41 - 42

"Akka isinitti hin muramneef,

7 namatti hin murinaa. 2 Murtiidhuma

isin namatti murtaniin

isinitti muramaatii; Safartuu h ittiin

safartaniinis isiniif ni safarama.

3 "Maaliif jirma ija i kee keessa

jiru arguu dhiiftee, huuba ija

obboleessa keetii keessa jiru

ilaalta? 4 Otoo jirmi ija kee keessa

jiruu akkamitti obboleessa keetiin,

'huuba ija kee keessaa siif nan

baasa' jechuu dandeetta?

5 Ati

fakkeessituunana! Duraan dursiitii

jirma ija kee keessaa baafadhu;

Eegasiis ija obboleessa keetii

keessaa huuba baasuudhaaf sirriitti

ni argita.

6 "Waan qulqulluu sarootaaf

hin kenninaa; callee j keessanis

booyyee dura hin buusinaa; Yoo

kana gootan isaan miila

isaaniitiin dhidhiitu; garagalanis

isin cicciru.

Kadhadhaa; Barbaadaa; Balbala

Rurrukutaa

7 : 7 - 11 kwf ⇒ Luq 11 : 9 - 13

7 "Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa;

Barbaadaa, ni argattuu.

Rurrukutaa k , balballi isiniif ni

d 26 ykn kodhootti /gombisaatti; e 28 ykn

alaa; f 30 ykn dhugeeffachaa; g 30 ykn

buuyyoo; h 2 ykn kiila; i 3 ykn ila; j 6 ykn

dooqa; k 7 ykn dhadha'aa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!