28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 8:26 16

26 Innis deebisee, "Isin warra

amantii xiqqoonana! maaliif

akkana sodaattu?" jedheen.

Ka'ees bubbee sanaa fi dhawaa

bisaaniitti dheekkame; Gabiin n

guddaanis ni ta'e.

27 Kana irratti namoonni, "namni

bubbee fi galaanni ajajamaniif

kun nama akkamiitii?" jedhanii

maadeffatan.

Yesuus Namoota Jinniidhaan

Qabaman Fayyisuu Isaa

8:28-34 kwf ⇒ Mar 5:1-17; Luq 8:26-37

28 Yommuu Yesuusis gama ce'ee

kutaa biyya Gadareenisi ga'etti,

namoonni jinniidhaan qabaman

lama awwaala keessaa ba'anii itti

dhufan. Isaanis waan akka malee

hamoo turaniif namni tokkoyyuu

karaa sana irraa dabruu hin danda'u

ture. 29 Namonni sunis, "Yaa

Ilma Waaqaa ati maal nurraa

barbaadda? Otoo yeroon sun hin

ga'in nu dhiphisuu dhufte moo?"

jedhanii iyyan.

30 Hoomaan o booyyee guddaan

isaas diqqoo isaan irraa fagaatee

dheedaa ture. 31 Jinniiwwan sunis,

"Yoo nu baafte, gara hoomaa

booyyee sanaatti nu ergi," jedhanii

isa kadhatan.

32 Innis,"dhaqaa!" jedheen.

Isaanis, namicha keessaa ba'anii

hoomaa booyyee sanatti galan.

Jennaan booyyeen sun martinuu

ededa hallayyaa irraa gadi furguggeeffamanii

haroo seenanii

dhuman. 33 Tissitoonni booyyee

sunis baqatanii magaalaa p seenan

Isaanis waan cufa, waan namoota

jinniidhaan qabamanii turan irra

ga'es ni odeessan. 34 Uumanni magaalaa

sanaas Yesuusin arguuf

jedhee guutumaatti ba'e; Yommuu

isa arganittis akka inni biyya

isaanii keessaa bawuuf isa kadhatan.

Yesuus Nama Laamsha'aa

Fayyisuu Isaa

9:2-8 kwf ⇒ Mar 2:3-12; Luq 5:18-26

9 Yesuus hobolooq tokko

yaabbatee galaana ce'ee r

gara magaalaa s isaa dhufe.

2 Kunoo, jarri tokko nama laamsha'aa

t siree irra ciisu tokko gara

isaa fidan. Yesuusis yommuu

amantii u isaanii argetti

namicha laamsha'aa sanaan

"ilma kiyya jabaadhu; Cubbuun

kee sii dhiifameeraatii v " jedhe.

3 Kana irratti barsiistonni

seeraa tokko tokko garaa isaanii

keessatti, "Kunoo, namichi kun

Waaqa arrabsa!" jedhan.

4 Yesuusis yaada isaanii hubatee

akkana jedhe; "Maaliif garaa

keessan keessatti waan hamaa

yaaddu? 5 'cubbuun kee sii dhiifameera'

jechuu moo 'ka'ii deemi'

jechuuttu irra salphaa dha? 6 Kun

garuu akka ilmi namaa lafa irratti

n 26 ykn Qabbanni; o 30 ykn bobbaani/

tikni/karri; p 33 ykn dira; q 1 ykn bidiruu,

r 1 ykn taakkee, s 1 ykn dira, t 2 ykn nafni

irratti du'e; u 2 ykn dhugeeffachaa;

v 2 ykn ya sirraa fuudhame

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!