28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 14:16 32

16 Yesuusis deebisee, "Achi

dhaquun isaan hin barbaachisu;

Ofuma keessanii waan isaan

nyaatan kennaafii" jedheen.

17 Isaanis, "nu buddeena shanii

fi qurxummii lama qofa asii qabna"

jedhaniin.

18 Yesuusis, "Waanuma qabdan

natti fidaa" jedhe. 19 Innis akka

namooni sun marga a irra tataa'an

ajaje. Buddeena shananii fi qurxummii

lamaan sanas fuudhee erga

gara samii ol-ilaalee galateeffatee

booddee b caccabsee barattoota

isaatti kenne. Barattoonni

immoo namoota sanaaf kennan.

20 Hundi isaaniis nyaatanii quufan;

barattoonnis hambaa hurraa'aa

c gundoo kudhanii-lama

guutuu walitti qaban.

21 Warri

nyaatanis dubartootaa d fi ijoollee

malee gara namoota kuma shanii

turan.

Yesuus Bishaan Irra Deeme

14:22-33 Kwf ⇒ Mar 6:45-51; Yoh 6:16-21

14:34-36 Kwf ⇒ Mar 6:53-56

22 Yesuusis hanga namootaa

uf-irraa geegessutti akka barattoonni

bidiruu yaabbatanii isa dura

dabranii yeruma sana gama

ce'aniif e isaan ajaje. 23 Innis eegii

namoota of irraa galchee booddee

Waaqa kadhachuuf jedhee

kophaa isaa gaaratti ol

ba'e.Yommuu lafti galgalaa'es

kophuma isaa achi ture. 24 Yeroo

kanatti garuu bidiruun sun walakkaa

galaanaa turte. Sababii bubbeen

jabduun fuula ishii duraan

itti bubbifteef bidiruun sun dhawaa

bishaaniitiin asiifi achi

dadarbatamaa turte.

25 Yesuusis halkan keessaa

kutaa afuraffaatti galaana irra

deemaa gara isaanii dhufe.

26 Barattoonnis yommuu isaa

galaana irra deemu arganitti

baay'ee na'an; Sodaataniis, "kun

ekeraadha" jedhanii iyyan.

27 Yesuus garuu, "jabaadhaa,

anumaatii! hin sodaatinaa! " jedhee

yommusuma isaanitti dubbate.

28 Pheexiroosis, "Yaa gooftaa!

erga si'i ta'e, akka ani bisaan irra

deemee gara kee dhufu na ajaji"

jedheen.

29 Yesuusis, "Koottu" jedheen.

Pheexiroosis bidiruu sana irraa

bu'ee bisaan irra deemaa gara

Yesuusi dhufe. 30 Yommuu bubbee

jabaa sana argetti garuu ni sodaate;

liqimfamuu jalqamnaanis"

yaa gooftaa na oolchi!" jedhee

iyye.

31 Yesuusis yommusuma hiixatee

f isa qabee "namicha amantii g

diqqoo nana ati maaliif mamte?"

jedheen.

32 Yommuu isaan bidiruu

yaabbatanittis bubbeeni sun calli

jedhe h . 33 Warri bidiruu sana keessa

a 19 ykn buuyyoo; b 19 ykn duubatti; c 20 ykn

caccabaa; d 21 ykn nadheeni; e 22 ykn

taakkaniif ; f 31 ykn hiixeffatee; g 31 ykn

dhugeeffachaa; h 32 ykn incallifte

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!