28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 11:4 22

4 Yesuusis akkana jedhee deebiseef;

"Deebi'aatii waan dhageessanii

fi waan argitan Yohaannisitti

himaa; 5 Jaamonni ni argu;

Naafni ni deema; Warri lamxaa'an l

ni qulqullaawu; Duudaan ni

dhagaya; Warri du'an ni ka'u;

hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama;

6 Namni natti hin gufanne

eebbifamaa dha."

7 Erga barattoonni Yohaannisi

ba'anii sokkanii booddee, Yesuus

waayee Yohaannisi namootatti

himuu jalqabe; Akkanas jedhe;

"Isin maal arguuf gara lafa onaatti m

baatanii? Leemmana qilleensi raasu

moo? 8 Maal arguu baatan ree?

Nama uffata midhaagaa uffate

moo? Kunoo, warri uffata midhaagaa

uffatan mana moototaa

jiru. 9 Yoos maal arguu baatan

ree? Raaga moo? Eeyee; Ani

dhuguman isinitti hima; Inni

raaga caala. 10 Kunis isa waayeen

isaa,

" ' Kunoo, ani ergamaa koo isa

fuula kee duraan karaa

kee qopheessu,

si dura nan erga' jedhamee

barreeffame sanaa dha.

11 Ani dhuguma isinitti nan hima;

Nama dubartii irraa dhalate

keessaa kan Yohaannis cuuphaa

caalu tokkolleen hin argamne;

namni mootummaa samii keessatti

nama hundumaan gadi ta'e

garuu isa ni caala. 12 Mootummaan

Samii bara Yohaannis

cuuphaatii jalqabee hanga ammaatti

humnaan dhiibachaa jira;

Namoonni dhiibatanis humnaan

mootummaa sana argatu. 13 Raagonni

martinuu, seerri Muusees hanga

Yohaannis cuuphaatti raajii n

dubbataniiruutii. 14 Isinis kana

fudhachuuf yoo fedhii qabaattan,

inni Eliyaas isa dhufuuf jiruu

dha. 15 Namni gurra dhagawu

qabu haa dhagawuu.

16 "Ani dhaloota kana maaliin

wal fakkeessuu danda'a? Isaan

akkuma ijoollee lafa gabayaa

taa'anii hiriyyoota isaanii waamanii

akkana jedhanii ti;

17 " 'Nu ulullee isinii afuufne; isin

garuu hin sirbine;

Faaruu booyichaas

isin dhageessifne; isin garuu

hin boonye.'

18 Yohaannis yeroo dhufe womaa

hin nyaatu, womaas hin dhugu

ture; Isaanis, 'Inni jinnii qaba' jedhu;

19 Ilmi namaa immoo nyaachaa,

dhugaas dhufe. Isaanis, kunoo

albaadhessaa o fi machaawaa,

michuu p warra qaraxa walitti

qabaniitii fi michuu 'cubbamtootaa'

jedhu. Ogummaan q garuu hujii

isiitiin mirkanoofti."

l 5 ykn Qomaaxa'an; hiikkaani Girikii,

Lamxii qofa otoo hinta'in dhukkuba

gogaa nafa namaa miidhu agarsiisa;

m 7 ykn alootti; n 13 ykn himana; o 19 ykn

sabdii; p 19 ykn jaala; q 19 ykn qaroomii

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!