28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Maatewoos 15:16 34

16 Yesuusis akkana jedheen;

"Isinuu hanga ammaatti hin hubannee?

17 Wonni afaaniin lixu

kamiyyuu garaa seenee achumaan

dabree nafa keessaa akka

bawu hin beettanii?

18 Wonni

afaanii bawu garuu garaa namaa

keessaa ba'a; namas ni xureessa.

19 sababiin isaas yaanni hamaan,

nama ajjeessuun, ejji m , halalummaan

n , hanni, dharaan dhugaa

bawuun, maqaa nama balleessuun

garaa namaa keessaa ba'a.

20 Isaan kanatu nama xureessa

malee otoo harka hin dhiqatin

waa nyaachuun nama hin xureessu."

Amantii Dubartii Kana'aani

Tokkoo

15:21-28 Kwf ⇒ Mar 7:24-30

21 Yesuus bakka o sanaa ka'ee

gara biyya Xiiroosii fi Siidoonaa

dhaqe. 22 Kunoo, dubartiin p

Kana'aani tokko biyya sanaa gara

isaa dhuftee, "Yaa gooftaa, yaa

Ilma Daawiti, intalli tiyya jinniidhaan

qabamtee akka malee

dhiphachaa jirti; garaa naa laafi!"

jettee iyyite.

23 Yesuus garuu deebii tokkollee

hin kennineef; Barattoonni

isaas gara isaa dhufanii, "Kunoo

ishiin nutti iyyaa nu faana deemtiitii

nurraa deebisi" jedhanii isa

kadhatan.

24 Inni immoo, "ani hoolota q mana

Israa'elii kanneen badan sana

qofaaf ergame" jedhee deebise.

25 Dubartiin sunis dhuftee fuula

isaa duratti jilbiinfattee, "Yaa gooftaa

na gargaari!" jette.

26 Innis, "buddeena ijoollee fuudhanii

saroota dura buusuun sirrii

miti" jedhee deebise.

27 Isiinis deebiftee,"eeyee yaa

gooftaa, saroonnis hurraa'aa maaddii

r gooftota isaanii irraa harca'u

nyaatu" jette.

28 Yesuusis, "dubartiinana amantiin

s kee guddaa dha; Akkuma

fedhii keetii siif haa tawuu"

jedhee deebise. Intalli isiis

sa'aatiidhuma sana fayyite.

Yesuus Nama Kuma Afuriif

Nyaata Kennuu Isaa

15:29-31 Kwf ⇒ Mar 7:31-37

15:32-39 Kwf ⇒ Mar 8:1-10

15:32-39 Wbq ⇒ Mat 14:13-21

29 Yesuusis achii ka'ee gara

galaana Galiilaa dhaqe; Tulluuttis

ol ba'ee taa'e. 30 Namoonni

hedduunis warra okkolan, warra

jaaman, warra naafatan, warra

arrabni isaanii dubbachuu dideefi

kanneen biraa hedduu fidanii

miila Yesuusi jala kaa'an; Innis

isaan fayyise. 31 Namoonni sunis

yommuu akka arrab-didoonni

dubbatan, warri naafatan fayyan,

warri okkolan deeman, warra

jaamaniif immoo akka iji t isaanii

baname arganitti ni dinqifatan u ;

m 19 ykn hawadiini, n 19 ykn algalummaani,

o 21 ykn fulaa; p 22 ykn niitiini;

q 24 ykn ooliyyee;

r 27 ykn hambaa

gololaa; s 28 ykn dhugeeffachaani; t 31

ykn iltii; u 31 ykn maadeffatani/ ajaa'ibsiifatani

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!