28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Maatewoos 5:17 8

Raawwatamuu Seeraa

17 "Isin waan ani seera Muuseetii

fi barsiisa raagotaa cabsuu dhufe

hin se'inaa; ani isaan raawwachuuf

b malee cabsuuf hin dhufne.

18 Ani dhuguman isinitti hima;

hanga samii fi lafti dabranitti

seerri sun guutummaatti raawwatama

malee seericha keessaa

qubeen tokkolleeni yookaan tuqaan

xiqqoon ishiilleen matumaa c hin

baddu. 19 Kanaaf namni ajajawwan

kanneen keessaa diqqaa isaallee

cabsu, kan akka warri kaanis

cabsaniif barsiisu kamiyyuu

mootummaa waaqaa keessatti

xiqqaa jedhama. Namni ajajawwan

kanneen eeguu fi kan warra

kaanis barsiisu kamiyyuu garuu

mootummaa waaqaa keessatti

guddaa jedhama. 20 Ani isinittin

hima; yoo qajeelummaani keessan

qajeelummaa Fariisotaatii fi

qajeellummaa barsiistota seeraa

caaluu baate isin mootummaa

waaqaatti hin galtan.

Nama Ajjeesuu

5: 25 , 26 kwf ⇒ Luq 12:58 ,59

21 "Akka namoota duriitiin, 'hin

ajjeesinaa, nama nama ajjeesetti

ni murama' jedhame dhageessaniirtu.

22 Ani garuu isinittin him;

nama obboleessa isaatti dheekkamu

hundumaa murtiittu eegata;

Namni obboleessa isaatiin 'raatuu'

jedhu cuftis murtii gumiitti dhihaata;

Nama obboleessa isaatiin

'gowwaanana' jedhu immoo ibidda

gahaannamiittu isa eegata.

23 "Kanaaf ati yeroo kennaa kee

iddoo aarsaatti d dhiyeessitutti yoo

akka obboleessi kee komii sirraa

qabu yaadatte e ,

24 Kennaa kee

achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii

dhaqiitii duraan dursii obboleessa

keetti araarami; eegasiis koottuutii

kennaa kee dhiyeessi.

25 "Diina f kee isa mana murtiitti

si geessaa jirutti dafii araarami,

yoo kanaa achii inni dabarsee

abbaa seeraatti si kenna. Abbaan

seeraa immoo waardiyaatti g

si kenna; atis mana hidhaa

keessa buufamta. 26 Ani dhuguman

sitti hima; ati hanga beessee

isii dhumaa baaftutti matumaa

achii hin baatu.

Ejja

27 "Akka, 'hin ejjin h' jedhame

dhageettaniirtu. 28 Ani garuu isinittin

hima; namni dharraadhaan

dubartii i ilaale martinuu yaada

isaatti ishii waliin ejjeera. 29 Yoo

iji kee j kan mirgaa cubbuu si

hojjachiise, uf-keessaa baasii gati;

nafni kee guutummaatti gahaannamitti

gatamuu irra, kutaa nafa

keetii keessaa tokko dhabuu sii

wayyaatii. 30 Yoo harki kee kan

mirgaa cubbuu si hojjachiise, of-irraa

b 17 ykn guutuuf; c 18 ykn akkanallee

jedhee; d 23 ykn fulaa sooriyootti, e 23 ykn

qaabatte; f 25 ykn nyaaphakee, g 25 ykn

eedduutti; h 27 ykn hin hawadatin; i 28

ykn nadheeni; j 29 ykn iltii tee

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!