28.08.2015 Views

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

WANGEELA MAATEWOOSI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Maatewoos 4:11 6

11 Yommus Daabiloos isa dhiisee

sokke; maleekkonni Waaqayyoos

dhufanii isa tajaajilan.

Yesuus Lallaba Jalqabuu isaa

12 Yesuusis yommuu akka Yohaannis

qabame dhagayetti

Galiilaatti deebi'e.

13 Innis

Naazireetii bahee gara Qifirnaahom

isii biyya Zaabilooniitii fi

Niftaalemi keessatti qarqara

galaanaatti argamtu sanaa dhaqe,

achis jirate. 14 Kunis akka dubbiin

karaa Isaayyaas raagichaatiin

n dubbatame sun fiixa bawuuf

ta'e. Dubbichis akkana jedha:

15 "Biyyoonni laga Yordaanosi gama,

daandii gara galaanaatti geessu

irratti argaman,

Biyyi Zaabilooniitii fi biyyi

Niftaalemi,

Galiilaan namoota ormaas,

16 Uumanni dukkana keessa jiraatu,

Ifa guddaa argeera;

Warra biyya gaaddidduu du'aa

keessa jiraataniifis,

Ifni ba'eera."

17 Yesuus yeroo sanaa jalqabee,

"Mootummaan samii dhiyaateeraatii

cubbuu irraa deebi'aa o " jedhee

lallabuutti ka'e.

Barattoota Jalqabaa

4 : 18 -22 kwf ⇒ Mar 1 : 16 - 20; Luq 5 :

2 - 11; Yoh 1 : 35 - 42

18 Yesuus otoo qarqara galaana

Galiilaa irra deemuu, obboleeyyan

lama jechuunis, Simoon isa

Pheexiroos jedhamuu fi obboleessa

isaa Indiriyaasin arge;

Isaanis qurxummii-qabdoota waan

ta'aniif xaxoo galaanatti darbachaa

turan. 19 Yesuusis, " koottaa na

duukaa bu'aa p ; anis qabduu namootaa

isin godhaa" jedheen. 20 Isaanis

achumaan xaxoo isaanii dhiisanii

isa hordofan.

21 Innis otoo achii ka'ee deemuu

obboleeyyan gara biraa q lama

jechuunis Yaaqoob ilma Zabdewoosiitii

fi obboleessa isaa Yohaannisin

arge. Isaanis abbaa

isaanii Zabdewoos waliin xaxoo

isaanii qopheeffachaa bidiruu r

keessa turan; Yesuusis isaan

waame; 22 Isaanis achumaan bidiruu

sanaa fi abbaa isaanii

dhiisanii isa hordofan.

Yesuus Dhukkubsattoota Fayyisuu

Isaa

23 Yesuus manneen sagadaa isaanii

keessatti barsiisaa, wangeela

mootummaa lallabaa, dhibee fi

dhukkuba hundumaa irraas nama

fayyisaa kutaa biyya Galiilaa

hundumaa keessa naanna'e.

24 Waayeen isaas Sooriyaa cufa

keessatti dhaga'ame; namoonnis

dhukkubsattoota s garaa garaa,

warra hafuura jinniitiin qabaman,

warra dhukkuba gaggabdootiin

n 14 ykn raajichaatiin; o 17 ykn qalbii

jijjiiradhaa; p 19 ykn na gula deemaa;

q 21 ykn dhibii/ ibaa; r 21 ykn hoboloo;

s 24 ykn warra fayyaa hinqabne

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!